cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

GODOLIYAAS

"Addunyaan hunduu ni darba; fedhiin fooniis ni bada; seera Waaqayyoo kan raawwatu garuu bara baraaf ni jiraata!" Yaadaa fi gaaffiif @lamtesh irratti nuuf ergaa! *Godoliyaas-Waaqayyo Guddaadha* FB► *Godoliyaas*

Ko'proq ko'rsatish
Reklama postlari
5 148
Obunachilar
+724 soatlar
+287 kunlar
+55130 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

⚜️ Icciitii Guddaa Gaa'ela Keessaa⚜️ ➭Qulqulluun Phaawuloos Gaa'ela ilaalchisee hunda dura dhimmoonni hubatamuu qaban maal fa'a akka ta'an kiristaanota Efesooniif akkasitti barreessee ergeefii ture; ➭Haati manaa abbaa manaaf abboomamuu akka qabdu (Efes. 5:22-24)👇 "Yaa warra haadha manaa! Akkuma Gooftaa Iyyesuusiif abboomamtanitti abbaa manaa keessaniifis abboomamaa! Kiristoos mataa Mana Kristaanaa akkuma ta'e, abbaan manaas mataa haadha manaati; Kiristoos fayyisaa Mana Kiristaanaati; Manni Kiristaanaa immoo dhaqna (qaama) Isaati. Manni Kiristaanaa harka Kiristoos jala akkuma of galchitu, haati manaas waan hundumaatti harka abbaa manaa isheetii jala of haa galchitu" ➭Abbaan manaa haadha manaa jaalachuu akka qabu (Efes. 5:25-30)👇 "Yaa warra abba manaa! Kiristoos akkuma Mana Kiristaanaa jaallate, Isheefis dabarsee of kenne, akkasuma idinis haadha manaa keessan jaaladhaa! Manni Kiristaanaa Waaqayyo biratti fudhatamtuu akka taatutti, Kiristoos karaa dubbii isaatii bishaaniin dhiquudhaan ishee in qulleessa. Mana Kiristaanaa xurii fi dirmammuun, wanti kana fakkaatus utuu irratti hin argamin fudhatamtuu mudaa hin qabne godhee, ulfinaan of dura ishee dhaabuuf jira. Akkasuma immoo abbaan manaa akkuma dhagna ofii isaa jaallatutti, haadha manaa isaa jaallachuun in ta'aaf; namni haadha manaa isaa jaallatu ofii isaa in jaallata. Namni foon isaa in soora, in dhimmaaf malee, takkaa foon isaa jibbee hin beeku; Kiristoosis mana kiristaanaaf akkasuma godhe. ➭ Icciitii guddaan Gaa'ela keessa jiraachuu isaa (Efes. 5:31-Xum)👇 "Caaffanni qulqullaa'aan, “Sababii kanaaf dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa, haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in ta'u” in jedha. Icciitiin kun guddaadha; inni waa'ee Kiristoosii fi waa'ee mana kiristaanaa ni dubbata jechuu kooti. Haa ta'uutii isin keessaas immoo tokkon tokkon abbaa manaa akkuma kanatti haadha manaa isaa akka ofii isaatiitti haa jaallatu; haati manaas abbaa manaa isheetiif ulfina haa kennitu" Yaada ykn gaaffiif ➛ @lamtesh Facebook  ➛https://www.facebook.com/profile.php?id=100087224145170 WhatsApp: https://whatsapp.com/channel/0029VaBrgmYISTkNBLeiTH37 Telegram: https://t.me/Kalabhiyahu
Hammasini ko'rsatish...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

19👍 4🥰 1👏 1
Maatii Taatanii Jirtuu❓ ➭Jaalatamaa/tuu obboleessa/eettii koo nageenyi Waaqayyoo siif haa baay'atu; waa si yaadachiisuu?! Tole! Bara keenya kanatti dhiibbaa miidiyaan hawaasaa fi ammayyummaa ana fi si'i dabalatee dhaloota irratti fidaa jiru hammam akka ta'e sitti hin himu, atiyyuu beekta waan ta'eef! Dhiibbaan kun guyyaa irraa gara guyyaatti dachaan dabalaa deemuun isaa immoo waan nama rifachiisuu fi sodaachisudha. Kanaan walqabatee manni kiristaanaa kee , haati kee ishee dhugaan baduu dhalootaa hin barbaadne kun osoo maal fa'a hojjette furmaatadha jetta? Tarii akkuma koo tajaajila afuurawaa qindaa'aa ta'ee fi bilchaataa ta'e  miidiyaalee hawaasaatiin tamsaasuun dhiibbaa jiru kana akka carraa gaariitti fayyadamuu qabdi jetta ta'a. Dhugaadha mana kiristaanaaf miidiyaaleen hawaasaa hedduun ishee barbaachisu; hedduu qofa osoo hin taane miidiyaa guddaatu isheef mala. Miidiyaa guddaan immoo kan jiraatu yoo anaaf si'i, obboloonni keenyi biroonis walirraa gargar faca'uu dhiisnee walitti dhufnee karaa dandeenyuun tumsa taasisnedha. Tumsa taasisuu barbaaddaaree?! Koottu kunoo miidiyaa mana kiristaanaa kan ta'e tokko  "Miidiyaa Sootiriyaa" #Subscribe #Follow #Like #Join gochuun maatii haa taanu; obboloota keenyas affeeruun tumsuma xiqqoo kana  irraa haa eegallu. Obboloota jaalattu qabda mitii?!; mee affeerraa kana ergiif! Toora miidiyaalee hawaasaa Miidiyaa Sootiriyaa👇 ➭YouTube►https://youtube.com/@soteriamedia21 ➭Telegram Channel►https://t.me/Soteriamedia ➭Facebook Page►https://www.facebook.com/soteriamedia21
Hammasini ko'rsatish...
MIIDIYAA SOOTIRIYAA ሶትርያ ሚዲያ

Miidiyaa #Seeraa fi #Sirna Mana Kiristaanaa Ortodooksi #Tawaahidoo Itoophiyaa Eegee Barumsa Mana Kiristaanaa (#Doogmaa, #Qannoonaa fi #Darbii_Darboo Qulqullaa'oo) Barsiisu. Yaadaa fi Gaaffii qabdan maraaf karaa @Sotm001 fi @Sotm002 keessaan nu quunnamaa.

🥰 17👍 3
#Gadhiifameera Seenaa daawwadhaa! Baradhaa! Dhaggeeffadhaa!Hubadhaa! Tajaajilichi kan hunda keenyaa waan ta'eef YouTube Miidiyichaa #subscribe gochuun, hiriyyoota keessan affeeruun tajaajilicha haa deeggaru! https://youtu.be/bGQdJZwX-aU
Hammasini ko'rsatish...
Eenyutu hubate? || Walaloo B/saa Misgaanuu Yaadasaatiin (Dn)

✝️Eenyutu hubate?✝️ Walaloo afuurawaa mata duree B/saa Misgaanuu Yaadasaa (Dn) tiin Miidiyaa Sootiriyaa irratti! 🔔 karaa liinkiiwwan armaan gadii kanaan seenuun Miidiyaa hundeeffamarra jiru kana Subscribe, Join, follow godhaa!👇 ▶️ Youtube

https://youtube.com/@Soteriamedia21?si=VMAMZpRtucXIkMwg

▶️ Telegram:

https://t.me/Soteriamedia

▶️ Facebook:

https://www.facebook.com/share/Fism921qf9FupwCN/?mibextid=oFDknk

#EOTC #church #Lallaba #Ortodoksii #Orthodox #faaruuortodoksii #faaruu #mezmur #sibket #ethiopianorthodoxtewahedochurch #spritual #coomingsoon #Tajaajila #salvation #tewahedo #walaloo #amen

11👏 8👍 4
⚜️ Ijoollee Sahaaraa Ta'aa⚜️ ➭Qulqulluun Pheexiroos ergaa isaa kanarratti haati manaa hammam abbaa manaaf fakkeenya guddaa ta'uu akka dandeessu, akkasuma kabaja haadhummaa yeroo ibsu akkas jedha (1Phex 3:1-6); ➭"Akkasumas isin dubartoota nana, warra dhiiraa keessaa kan dubbii Waaqayyoo hin amanne yoo ta'an iyyuu, isin waan tokko utuu hin dubbatiin, amala isin warri haadholii manaa isaanii taatan argisiiftaniin akka mo'amanitti, abboota manaa keessaniif abboomamaa! Isaan amala keessan isa qullaa'aa fi isa sodaa Waaqayyoo argisiisu in argu. Of kuuluun keessan, wanta alaan mul'atu, mataa tolfachuudhaan, warqee naqachuudhaan, uffata babba'eessa uffachuudhaanis hin ta'iin! Garuu of kuuluun keessan inni hin badne keessa namummaa keessanii isa dhokataadhaan haa ta'u! Kunis afuura garraamummaa fi gabii isa Waaqayyo duratti guddaa gati-jabeessa ta'e sanaan haa mul'atu! Bara duriitti dubartoonni Waaqayyoof qulqullaa'anii isa abdatan, akkasitti abboota manaa isaaniitiif abboomamuudhaan of kuulaa turan. Sahaaraan akkas Abrahaamiif abboomamaa, gooftaa koo jettees isa waamaa turte; ammas isin doorsisa tokko illee osoo hin sodaatiin gaarii yoo gootan, ijoollee ishee ta'uu keessan!" ➭Haadholiin akka waliigalaattis akka mana kiristaanaattis itti gaafatamummaa dachaatu isaanirra jira. Dhaloota gaarii duuba, tajaajila mana kiristaanaa gaarii duuba haadhummaa gaariitu jira. Makmaaksi hawaasaa, "Duuba abbaa manaa cimaa haadha manaa cimtuutu jira" jedhus gatii haadhummaa kana ibsa mitiiree! Haadhummaa hamma kana guddaa ta'eef gatii/xiyyeeffannoo gadi aanaa kennuun gaarii miti. Warri haadha ta'uuf jiran karaa hundaan of-qopheessanii itti seenuun barbaachisa; warreen ta'anii jiran immoo haadhummaa isaaniif gatii kennuu qabu! Yaada ykn gaaffiif ➛ @lamtesh Facebook  ➛https://www.facebook.com/profile.php?id=100087224145170 WhatsApp: https://whatsapp.com/channel/0029VaBrgmYISTkNBLeiTH37 Telegram: https://t.me/Kalabhiyahu
Hammasini ko'rsatish...
Godoliyaas

Godoliyaas. 1,677 likes · 1,234 talking about this. "Waaqayyoo Guddaadha" "Waaqayyoo Jaalaladha" "Eenyu akka Waaqayyoo" "Maariyaam Haadha Waaqaati"

5👍 2
Waan Waaqayyoo Jibbu (Fak. 6:16-19) Waaqayyo wanta ja'a in jibba, isa torbaffaa immoo lubbuun Isaa baay'istee ni balaaleffatti. Isaanis; 1. Nama waan guddaatti of ilaalu (Oftuulummaa) 2. Arraba sobu 3. Harka dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasu 4. Garaa akeeka hamaa yaadee qopheessu 5. Miilla waan hamaa gochuuf ariifatee fiigu 6. Nama sobaan nama irratti dhugaa ba'u 7. Nama gargar ba'uu (lola) obboloota gidduutti facaasu Osoo Waaqayyoo Ta'uudhaabaate" “Inni gara keenya gore Waaqayyo utuu ta'uudhaabaatee” haa jedhu sabni Israa'el! Yeroo namoonni nu irratti ka'an, “Inni gara keenya gore Waaqayyo utuu ta'uu dhaabaatee” silaa yeroo aariin isaanii nu irratti boba'e sana, isaan fayyaatti nu in liqimsu turan. Silaa lolaan nu fudhatee in sokka, bishaan bubbisus mataa keenya irra in yaa'a ture. Silaa huursaan bishaanii, mataa keenya irra in yaa'a ture. *1-3 83:4-5 *4-5 42:7 Waaqayyo inni afaan isaanii keessa nu hin buusin, ulfinaan haa jajamu! Akka simbirroonni kiyyoo adamsituu jalaa baatu, nuyis isaan jalaa in baane kiyyichi in ciccite, nuyis jalaa in baane. Maqaa Waaqayyoo isa waaqaa fi lafa uumeen, nuyi gargaarsa arganne. Faarfannaa 124:1-8 ⚜️ Ijoollee Sahaaraa Ta'aa⚜️ ➭Qulqulluun Pheexiroos ergaa isaa kanarratti haati manaa hammam abbaa manaaf fakkeenya guddaa ta'uu akka dandeessu, akkasuma kabaja haadhummaa yeroo ibsu akkas jedha (1Phex 3:1-6); ➭"Akkasumas isin dubartoota nana, warra dhiiraa keessaa kan dubbii Waaqayyoo hin amanne yoo ta'an iyyuu, isin waan tokko utuu hin dubbatiin, amala isin warri haadholii manaa isaanii taatan argisiiftaniin akka mo'amanitti, abboota manaa keessaniif abboomamaa! Isaan amala keessan isa qullaa'aa fi isa sodaa Waaqayyoo argisiisu in argu. Of kuuluun keessan, wanta alaan mul'atu, mataa tolfachuudhaan, warqee naqachuudhaan, uffata babba'eessa uffachuudhaanis hin ta'iin! Garuu of kuuluun keessan inni hin badne keessa namummaa keessanii isa dhokataadhaan haa ta'u! Kunis afuura garraamummaa fi gabii isa Waaqayyo duratti guddaa gati-jabeessa ta'e sanaan haa mul'atu! Bara duriitti dubartoonni Waaqayyoof qulqullaa'anii isa abdatan, akkasitti abboota manaa isaaniitiif abboomamuudhaan of kuulaa turan. Sahaaraan akkas Abrahaamiif abboomamaa, gooftaa koo jettees isa waamaa turte; ammas isin doorsisa tokko illee osoo hin sodaatiin gaarii yoo gootan, ijoollee ishee ta'uu keessan!" ➭Haadholiin akka waliigalaattis akka mana kiristaanaattis itti gaafatamummaa dachaatu isaanirra jira. Dhaloota gaarii duuba, tajaajila mana kiristaanaa gaarii duuba haadhummaa gaariitu jira. Makmaaksi hawaasaa, "Duuba abbaa manaa cimaa haadha manaa cimtuutu jira" jedhus gatii haadhummaa kana ibsa mitiiree! Haadhummaa hamma kana guddaa ta'eef gatii/xiyyeeffannoo gadi aanaa kennuun gaarii miti. Warri haadha ta'uuf jiran karaa hundaan of-qopheessanii itti seenuun barbaachisa; warreen ta'anii jiran immoo haadhummaa isaaniif gatii kennuu qabu! Yaada ykn gaaffiif ➛ @lamtesh Facebook  ➛https://www.facebook.com/profile.php?id=100087224145170 WhatsApp: https://whatsapp.com/channel/0029VaBrgmYISTkNBLeiTH37 Telegram: https://t.me/Kalabhiyahu
Hammasini ko'rsatish...
Godoliyaas

Godoliyaas. 1,677 likes · 1,234 talking about this. "Waaqayyoo Guddaadha" "Waaqayyoo Jaalaladha" "Eenyu akka Waaqayyoo" "Maariyaam Haadha Waaqaati"

Photo unavailableShow in Telegram
#7n Waan Waaqayyoo Jibbu (Fak. 6:16-19) Waaqayyo wanta ja'a in jibba, isa torbaffaa immoo Afuurri Isaa baay'istee ni balaaleffatti. Isaanis; 1. Nama waan guddaatti of ilaalu (Oftuulummaa) 2. Arraba sobu 3. Harka dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasu 4. Garaa akeeka hamaa yaadee qopheessu 5. Miilla waan hamaa gochuuf ariifatee fiigu 6. Nama sobaan nama irratti dhugaa ba'u 7. Nama gargar ba'uu (lola) obboloota gidduutti facaasu #Suura: Eebbifamoo fi Qulqulluu Abune Maatiyaas! 🙏Halkan Yaa'iqoob🙏
Hammasini ko'rsatish...
👍 21 9👏 5
⚜ "#Jireenya_Isa_Dhufus" ⚜ (The Coming Life) ➭ Kadhannaa hundee amantaa keenyarratti, "....warreen du'an akka ka'an ni abdanna; jireenya isa dhufus" jennee guyyaa guyyaatti amantii keenya dhugaa baana! Kana amanuu dhiisuun garuu, "Kiristoos hin kaane; nuunis hin fayyisne; ammayyuu cubbuu keenyaan jirra" jechuu akka ta'e Qulqulluu Phaawuloos dubbata. 1Qor. 15:13. Amanuun garuu gonka ta'uu kan danda'u amanamuudhaanidha. Amanamuu jechuun immoo barachuu, beekuu fi barsiisuu qofa osoo hin taane waan amanne sanaaf jiraachuudha. Isa amanneef hamma hin amanamnetti warra tasumaa hin amanne irra hin caallu. . ➭Michuu koo har'a waan tokko sin gaafadha. Du'aa ka'umsatti amantaa? Kiristoos warreen du'aa ka'uuf jiraniif hangafa ta'ee ka'uu isaa ni amantaa? 1Qor. 15:20. Ati hoo erga duutee booda jireenya akka qabdu ni amantaa? Tarii gaaffii kana afaan keen, 'eeyyeen' jettee amantii kee natti himuu dandeessa. Kuni hundaaf salphaadha, seexanillee ni amana. Deebii ani sirraa barbaadu garuu isa amante kanaaf amanamteettaa? kan jedhudha. Kana jecha keen naaf deebisuu hin dandeessu; jireenya keen malee, amanamuun isa amanan jiraachuu waan ta'eef! Kanaaf mee atis anis gara jireenya keenyaatti seennee of haa madaallu! ➭Suura (2ffaa) gadii kana argitaa! Suurri kun suura lafee qaamaa (skeletons) loltoota waggoota dheeraa dura dirree waraanaa irratti ajjeeffamaniiti. Loltoonni kun osoo akkasitti biyyee irraa uumamanitti hin deebi'iin dura cimoota turan har'a garuu rirma jalaa miliquu hin dandeenye; boca qaamaa miidhagaa fi guutuu qabu turan, har'a garuu akkuma argaa jirru ilaaluuf nama rifachiisu; foon isaanii amma hin jirre kanaaf baay'ee fiiganiiru; waa'ee lubbuu isaanii amma jirtuu garuu hammam akka fiigan Waaqayyotu beeka. Anaaf siinis kanumatu nu eeggata! Kanaaf ati hoo fedhii foon kee isa badu kana waliin moo fedhii lubbuu kee ishee baraan jiraatttuu taate waliin fiigaa jirtaree? Ganama ganama kaatee kan ati gosa gosaan dibata dibdu foon kee moo lubbuu keeti? Ijjji namootaa akka sirra boqotuuf guyyaa guyyaan uffata jijjiirtee kan uffattu foon keef moo lubbuu keef? Of kabachiisuu sitti fakkaatee jechoota hin barbaachisne namarratti dubbachuun kee foon keef lubbuu moo keef? Kanaaf fira koo! akkasitti waa'ee lubbuu dagannee fedhii foon keenyaa qofaaf buunee kan baanu yoo ta'e jireenya isa dhufuuf amanamuun keenya eessa jiraree? Kiristaana ofiin jechuun keenyi hoo bu'aa qabaa? ➭Tarii immoo lafa kanarratti siif guutuu fi guutuu dhabuusaatiin kiristaanummaa kee madaalta ta'a. Waa'ee jireenya gabaabduu kana qofaaf Kiristoosiin abdii godhachuu immoo Phaawuloos, "Jireenya amma biyya lafaa kana irra jiraannu duwwaadhaaf Kiristosiin abdanna erga ta'ee, namoota hundumaa caalaatti nuuf boo'uutu ta'a. " jedha. (1Qor. 15: 19). Akkas taanaan, Kiristaanummaa keessa jiraatanii hir'uu jireenya foonii ofii lakkaawanii yoo naaf guutuu dide amantaa koon gana jechuun eessaa dhuferee? Hojii yoon argachuu baadhe; dhiira/dubara natti toltu yoon argachuu baadhe; qarshii gaarii yoo hin lakkoofne, konkolaataa gaarii yoo hin oofne, biyya alaa yoo hin ceene .....amantaa koon gana jechuun kun eessa dhuferee? Kiristoosiin jireenya lafa kanaaf qofa abdachuu irraa mitiiree? Kanaaf nuuf boo'ichatu mala. Kiristoos waaqa lafa kanarratti qofa isa abdatan osoo hin taane; waaqa lafa kanarratti akka eeyyama isaatti jiraatanii jireenya isa dhufuuf isa abdatanidha! ✍️Lammeessaa (Dn) T. Hagayya 2, 2014 Bulee Horaa Tajaajilicha Hordofuuf; Facebook ➛https://www.facebook.com/profile.php?id=100087224145170 WhatsApp: https://whatsapp.com/channel/0029VaBrgmYISTkNBLeiTH37 Telegram: https://t.me/Kalabhiyahu
Hammasini ko'rsatish...
Godoliyaas

Godoliyaas. 1,677 likes · 1,234 talking about this. "Waaqayyoo Guddaadha" "Waaqayyoo Jaalaladha" "Eenyu akka Waaqayyoo" "Maariyaam Haadha Waaqaati"

👍 16 7👏 4💯 4
Photo unavailableShow in Telegram
#Photo:-The skeletons of the soldiers killed during the battle of Imera between the Greece and Carthage in 480 BC.
Hammasini ko'rsatish...
👍 2
GODOLIYAAS: 👏Faarfannaa👏 Du'aa Ka'uu kee kan amannu nuuf *2 Ifa kee nuuf ergi nuyiifii *4 Faarfattoota Miidiyaa Sootiriyaatiin! Tajaajila Miidiyichaa hordofuuf fi jajjabeessuuf YouTube Miidiyichaa #subscribe, hiriyyoota keessan affeeruu hin dagatiinaa! https://youtube.com/watch?v=J4Lc_jQHXus&si=at0obsI7G0Gc15cV
Hammasini ko'rsatish...
ትንሳኤከ//ትንሳኤህን //Du'aa ka'uu kee-Faarfattoota Miidiyaa Sootiriyaatin

Faaruu du'aa ka'umsaa Afaan Oromoo fi Geez MKOTI, faarfattoota Miidiyaa Sootiriyaatiin, baga du'aa ka'umsa lammaffaa Gooftaa fi fayyisaa keenya Iyyasuus Kiri...

20👍 3👏 3👎 1
👏Faarfannaa👏 Du'aa Ka'uu kee kan amannu nuuf *2 Ifa kee nuuf ergi nuyiifii *4 Faarfattoota Miidiyaa Sootiriyaatiin! Tajaajila Miidiyichaa hordofuuf fi jajjabeessuuf YouTube Miidiyichaa #subscribe, hiriyyoota keessan affeeruu hin dagatiinaa! https://youtu.be/J4Lc_jQHXus?si=xdKQPLUQ7GguFvCZ
Hammasini ko'rsatish...
Tinsayeke//Du'aa ka'uu kee-Faarfattoota Miidiyaa Sootiriyaatin

Faaruu du'aa ka'umsaa Afaan Oromoo fi Geez MKOTI, faarfattoota Miidiyaa Sootiriyaatiin, baga du'aa ka'umsa lammaffaa Gooftaa fi fayyisaa keenya Iyyasuus Kiri...