Waajjira Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Sabbataa
Kanalga Telegramβda oβtish
385
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
-47 kunlar
-1030 kunlar
Postlar arxiv
+2
πͺα¨ααα΅ αα α α°α«α«α α α€α΅ αα α
αα αα₯α΅ α¨ααα α°α α½α«α α α¨ααα α²αα α΅ααααα α£ααα₯α΅ αα₯α±α αα αα
α¨αα½αα α°αα’αα α₯ααα α α΅αα α¨αααα αα₯ α£ααα α»α©α α΅αααα α£ π―α¨α/α₯/α
/α. 997ο¬α£ 2882ο¬α£ 2884ο¬α£ 1α6α(1)ο¬α£1266α£ αα α¨α΅ α αα΅α¨αα£
π¨ββοΈα¨αα°α«α α α
αα α/α€α΅ α°α α α°α α½αα΅ α α
α
10 α α°α α αααα₯ αα₯α 47378 αα α α°αα£α£α αα³α α α΅αα³α
αα΅ α«ααα αα£α α°α₯α·αα’π¨βπ»
A_Brief_statement_on_the_revised_sentencing_guideline_no_3_2017.PDF9.33 KB
+6
#Guyyaa 25-10-2017
@Guyyaa har'aa hojjattoota Waajjira keenyaa hunda waliin Raawwii waggaa karoora bara 2017 irratti gamaaggamni gaggeeffameera.
#Haaluma kanaan gabaasni waggaa bara 2017 erga dhiyaate booda mariin bal'aan kan irratti gaggeeffame yoo ta'u mana keessaa gaaffiin fi yaadni adda addaa ka'uun deebii fi iftoominni itti kennameera.
Dhuma irrattis ciminalee turan itti fufsisuu fi hanqinalee jiran maqsuuf waliif galuun kallattiin gara fuulduraa kaa'amuun xumurameera.
#Guyyaa 21-10-2017
@Sabbataa
Guyyaa har'aa Dhaabbilee indastirii Kutaa Magaalaa keenya hundi ,Waldaan hojjattootaa,Federeshinii fi Konfederishiniin waldaa hojjattootaa , Waajjirri Dhimma Hojjataa fi Hawaasummaa Magaalaa Shaggar fi Kutaa Magaalaa sabbataa bakka argamanitti kabaja guyyaa Fayyummaa,Nagummaa Ogummaa (FNO) irratti argamuun Labsii lakk.1156/2011 irratti hubannoon kennameera.Haaluma kanaa. Dhimma mirga fi dirqama hojjataa fi hojjachisaa jalatti keessattuu :-
βDhimma walitti dhufeenyi hojjataa fi hojjachiisaa mul'aata waloo qajeeltoo seeraa irratti hundaa'e qabaachuu akka qabu
βWaliigaltee hojjataa fi hojjachisaan walqabatee warshalee baay'een qacarrii dhaabbii fi waliigaltee malee hojjataa hojjachisuun seeraan ala hojii irraa gaggeessuu
βDhimma nageenyummaa iddoo hojii fi miidhaa hojii irratti gahuuf beenyaa kaffalamuu qabu
βDhimmi dhangalaa'aa warshaa keessa bahuu fi faalama naannoo
β Walitti dhufeenya Dhaabbilee indastirii fi seektaroota mootummaa jidduu jiru...naamusaan walqabatee rakkoo jiru fi k.k.f irratti hubannoon kennameera
Dhuma irrattis qabiinsa dhangalaa'aa fi Kunuunsa Naannoon walqabatee hojiin Dhaabbata Agroo Indastirii Sabbataa ykn MAMA Milkii keessatti hojjatame daawwatameera.
+7
#Guyyaa 20-10-2017
@Sabbataa
Guyyaa har'aa Dhaabbilee Hawaasaa Siivilii Kutaa Magaalaa Sabbataa tiif mata duree "Tajaajila Qindaa'aa Iddoo Tokkoo Keessatti Qooda Dhaabbilee Siivilii " jedhu irratti leenjiin kennameera.
Haaluma kanaan kaayyoo TQIT galmaan gahuuf akkaatuma Maanuwalii Hojmaata Tajaajila Qindaa'aa Iddoo Tokkoo Miidhaa Saal-qunnamtii ( Sex Based Violance) Ittisuu fi Deebii kennuu keessatti qoodni Dhaabbilee Hawaasaa Siivilii Ol'aanaadha.
βQoodni Dhaabbileen Hawaasaa Siivilii TQIT keessatti qaban kunis:-
β Hubannoo Uumuu
β Iddoo Turmaata miidhamtoota
β Tajaajila hawaasummaa
β Tajaajila xin-sammuu
β Tajaajila nyaataa
β Tajaajila deebii kennuu ( deebiisanii dhaabuu) fi k.k.faadha.
Hirmaattoonnis Giddu Galli kun ijaaramuun miidhaa Dubartoota fi Daa'imman irra gahu ittisuu fi Deebii kennuu keessatti gahee guddaa akka ibsuun isaaniis Giddu Gala kanaaf gara hundaan iyyuu tumsa akka taasisaan ibsuun waadaa galaniiru.
Dhuma irrattis Giddu Gala TQIT Hospitaalaa Diimaa daawwataniiru.
Falmii Sobaa Mirga Nama Biraa Miidhuu Dandaβu Manneen Murtii Qulqulleessuun Murtii Haqa Qabeessa Kennuu Qabu.
============================
=========================
Seera Deemsa Falmii Siviilii kwt 231(1(a)), 238, 241, 246, 249, 253-255, 264-266 fi Murtii Dh Ijbt MMWF glm Lkk 168094 Jld 24ffaa
=======================
Namoonni falmii mana murtiitti dhiyeessan hundi yeroo hunda dhimma dhagaa taβe qabatanii dhiyaatu jechuun miti. Namoonni mirga seeraa ykn haqaa otuu hinqabaanne abbaa mirga irra caalu qabu dhoksuun murtii mana murtiitti fayyadamanii mirga hinqabne seera qabeessa taasifachuuf yeroo yaalan, kana milkeessuufis himannaa sobaa Mana Murtiitti yeroo dhiyeessan qabatamaan nimulβata.
Fkn, qabiyyee dhaalaa abbaan irraa duβe dhaaltuun inni sirriin mirga qabu bakka quba hinqabnetti namoonni hariiroo tokkooyyuu duβaa waliin hinqabne garuu sababa seeraa hintaane adda addaan qabeenyi harka isaanii gale sobaan waliigalanii inni tokko himataa, inni kaan himatamaa taβuun himannaa mana murtiitti dhiyeessanii waliiamanuun murtii qabeenya nama biroo irratti murtii yeroo kennisiisan arguun baratamaa dhufeera.
Akkasumas qabiyyee lafaa kan ummataa taβe seeraan ala qabachuun otuu qaamni mootummaa quba hinqabne inni tokko isa kaan himatee, inni himatames amanee deebii kennuun falmii sobaa akkasiitiin murteessisuun buβura murtichaan qaamni lafa bulchu seera qabeessa godhee ragaa akka itti kennuuf taasisuun baratamee jira.
Kana irraa kaβuudhaan Dh Ijbt MMWF Manneen Murtii falmii dhugummaa ykn haqummaa dhimmichaa irraa shakkan ykn ifatti dhugaa taβuu hubachuu rakkatan, mirga nama biroo haqa qabu miidhuuf yaada fayya qabeessa hintaaneen (bad faith) gareewwan falmii dhiyeessan qulqulleessan barbaachisu taasisuun murtii sirrii kennuu akka qaban murtii glme Lkk 168094 taβee fi Jld 24ffaa keessatti maxxanfamee jiruun hiikkoo dirqisiisaa kennee jira.
+6
#Guyyaa 17-10-2017
@Sabbataa
#Aanaa Meettaa
======================================
Guyyaa har'aa akka Kutaa Magaalaa Sabbataatti Aanaalee 3'n irratti iyyuu Tumaa Abbootii Gadaa fi Haadholii Siinqee Oromoo Gochoota Miidhaa Dubartootaa fi Daa'imman irra gahu Maqsuuf Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoon Tumame irratti Labsiin bakka Kutaan Hawaasaa adda addaa argamanitti qindeessummaa Dhaabbata Misooma Dubartootaa Siiqqee tiin qindoomina Koree Tajaajila Qindaa'aa Iddoo Tokkoo Hospitaalaa Diimaan gaggeeffameera.
+7
#Guyyaa 17-10-2017
@Sabbataa
#Aanaa Meettaa
======================================
Guyyaa har'aa akka Kutaa Magaalaa Sabbataatti Aanaalee 3'n irratti iyyuu Tumaa Abbootii Gadaa fi Haadholii Siinqee Oromoo Gochoota Miidhaa Dubartootaa fi Daa'imman irra gahu Maqsuuf Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoon Tumame irratti Labsiin bakka Kutaan Hawaasaa adda addaa argamanitti gaggeeffameera.
#Guyyaa 13-10-2017
@Sabbataa
Guyyaa har'aa bakka I/Gaafatamtoonni fi Fookal parsanoonni Seektaroota Qindoominaa Tajaajila Qindaa'aa Iddoo Tokkoo Hospitaalaa Diimaa argamanitti gabaasni raawwii hojii hanga ammaa ture dhiyaachuun mariin irratti gaggeeffameera.Bu'uuruma kanaan ciminaalee fi hanqinoota turan akkasumaas rakkoolee hojii keessatti mudatan adda baasuun mariin irratti gaggeeffameera.
#Gama biroon leenjiin hirmaattoota waltajjichaa I/Gaafatamtoota fi Focal person Koorniyaa idileessuu seektaralee qindoominaa miseensa Tajaajila Qindaa'aa Iddoo Tokkoo tiif Mata duree Maanuwalii Hojmaata Giddu Gala TQIT Miidhaa Saal-qunnamtii Daa'immanii fi Dubartoota irra Gahu Ittisuu fi Deebii kennuu irratti kennameera.
Marii taasifamee fi Leenjii kennamee irratti hirmaattoonni yaada waliigalaa kaasaniin qindoominnj yeroo ammaa jiru kun daraan cimee Giddu Gala kana meeshalee barbaachisaan deeggarsaan itti guuttachuun qixaan hojiitti galchuu akka qabnu akkasumaas hojii ittisaa irratti sirriitti hojjachuun hubannoo hawaasaa cimsuun yakka kana akka hir'isuu qabnu irratti waliif galameera.
#Dhuma irrattis Giddu -Galli hirmaattootan daawwatameera.
"Mirgi Dubartootaa Mirga Namoomaati"
+9
#Guyyaa 05-10-2017
Baga Gammaddan Baga Gammanne !
@Tajaajilli Qindaa'aa Iddoo Tokkoo Dubartootaa fi Daa'immanii Hospitaalaa Diimaa guyyaa har'aa ifatti banamee hojii eegaleera.
# Giddu Galli kun akkaataa istandaardii TQIT tiin kan ijaarame yoo ta'u kunis kutaalee 10 kan of-keessaa qabuudha.Sagantaa kana irrattis keessummoonni Kabajaa Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa irraa Aad Masaraat fi Aad.Hawwii akkasumaas IG Waajjira Abbaa Alangaa Magaalaa Shaggar Obb.Yohaannis Abdataa argamaniiru.
Sagantaa kana irrattis BAAWO tajaajila Giddu Gala kanaaf kan oolu Kompitara Desk top 1 bifa kennaan waan nuuf gumaachaniif galatoomaa ulfaadha jennaan.
Walumaagalatti Giddu Galli kun xumuramee sadarkaa kana irra gahee akka hojii eegaluuf BAAWO , Waajjirri Abbaa Alangaa Magaalaa Shaggar , Bulchiinsi Kutaa Magaalaa Sabbataa fi seektaroonni Koree Qindoominaa tumsa nuuf taasisaa turtaniif galatoomaa ulfaadhaa!
+1
Firii dubbii himannaa keessatti hinibsamne falmiis taβee komii keessatti kaasuus taβee ragaa irratti dhiyeessuun dogongora buβuraa ijoo seeraa fi qajeeltoo madaallii ragaati jedha Dh Ijbt MMWF glme Lkk 251700 taβerratti murtii gaafa 26/05/2017 kenname.
+3
α¨α’αα²αͺ α α
αα α/α€α΅ α°α α α°α α½αα΅ αα³α α₯α αα α α£ααα«αα½ αα«α¨α α²α«αααα₯ α¨αα α¨αα α αα
αα₯α 1178/2012 α ααα
8_10 ααα΅ α΅ααααα½ α¨αα¨α¨α» α₯αα£ α°α₯αΆα£αΈααα’
α α°αα½ αααα΅α α α
ααα₯ αααα΅ α΅αα α αα»αα αααα αα₯αα΅ α α°ααα‘ α°αα½ αα α°α°α«α«α’ αα΅ αα
α¨α₯ α«αα α΅ α΅αααα α°α α α αααα₯ αα₯α 243402 α αα 29/02/2017 α.α α¨α°α°α α¨α
α α΅ααα α°α°α₯α·αα’
Hordoftooni amantaa Islamaa hundi baga Ayyaana Iid Al-adahaa bara 1446ffaa nagaan geessan. Ayyaanni Kun kan Nagaa, kan Jaalalaa fi kan Gammachuu isiniif yaa ta'u !
Iid-Mubaarak!
+6
Guyyaa 28-09-2017
#Shaggar , Sabbataa
Guyyaa har'aa koreen Waajjira Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Sabbataatti Adeemsa Galmeessa fi Mirkaneessa Ragaalee irraa dhaabbate cheekliistii hordoffi fi deeggarsaatiin Abukaatoota fi Barreessitoota dhimma seeraa kutaa Magaalaa Sabbataa bara 2017 marsaa 2ffaa gaggeessera.
+4
Guyyaa 27-09-2017
#Sabbataa
Guyyaa har'aa Labsii Mana Murtii Hawaasummaa Lakk.128/99 irratti keessattu dhimma ragaa gaa'ila irraa bilisaa kennuu irratti xiyyeeffachuun Abbootii Seeraa Mana Murtii Hawaasumaa Aanaa Sadanii Kutaa Magaalaa Sabbataa hundaaf leenjiin gara Waajjira Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Sabbataan kennameera.
