uk
Feedback
Waajjira Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Sabbataa

Waajjira Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Sabbataa

Відкрити в Telegram

Government Organization

Показати більше
385
Підписники
Немає даних24 години
-47 днів
-1030 день
Архів дописів
🪇ከውርስ ጋር በተያያዘ በቤት ላይ ህጋዊ መብት የሌለው ሰው ሽያጭ አከናውኖ ሲገኝ ትክክለኛው ባለሃብት መብቱን ሊጠይቅ የሚችለው ተገቢውን ጥንቃቄ አድርጐ የገዛውን ገዥ ሣይሆን ሻጩን ስለመሆኑ ፣ �
+2
🪇ከውርስ ጋር በተያያዘ በቤት ላይ ህጋዊ መብት የሌለው ሰው ሽያጭ አከናውኖ ሲገኝ ትክክለኛው ባለሃብት መብቱን ሊጠይቅ የሚችለው ተገቢውን ጥንቃቄ አድርጐ የገዛውን ገዥ ሣይሆን ሻጩን ስለመሆኑ ፣ 🎯የፍ/ብ/ህ/ቁ. 997፣ 2882፣ 2884፣ 1ዐ6ዐ(1)፣1266፣ መሠረት በማድረግ፣ 👨‍⚖️የፌደራል ጠቅላይ ፍ/ቤት ሰበር ሰሚ ችሎት በቅፅ 10 በሰበር መዝገብ ቁጥር 47378 ላይ በተመሣሣይ ጉዳይ አስገዳጅነት ያለውን ውሣኔ ሰጥቷል።👨‍💻

A_Brief_statement_on_the_revised_sentencing_guideline_no_3_2017.PDF9.33 KB

#Guyyaa 25-10-2017 @Guyyaa har'aa hojjattoota Waajjira keenyaa hunda waliin Raawwii waggaa karoora bara 2017 irratti gamaagga
+6
#Guyyaa 25-10-2017 @Guyyaa har'aa hojjattoota Waajjira keenyaa hunda waliin Raawwii waggaa karoora bara 2017 irratti gamaaggamni gaggeeffameera. #Haaluma kanaan gabaasni waggaa bara 2017 erga dhiyaate booda mariin bal'aan kan irratti gaggeeffame yoo ta'u mana keessaa gaaffiin fi yaadni adda addaa ka'uun deebii fi iftoominni itti kennameera. Dhuma irrattis ciminalee turan itti fufsisuu fi hanqinalee jiran maqsuuf waliif galuun kallattiin gara fuulduraa kaa'amuun xumurameera.

#Guyyaa 21-10-2017 @Sabbataa Guyyaa har'aa Dhaabbilee indastirii Kutaa Magaalaa keenya hundi ,Waldaan hojjattootaa,Federeshinii fi Konfederishiniin waldaa hojjattootaa , Waajjirri Dhimma Hojjataa fi Hawaasummaa Magaalaa Shaggar fi Kutaa Magaalaa sabbataa bakka argamanitti kabaja guyyaa Fayyummaa,Nagummaa Ogummaa (FNO) irratti argamuun Labsii lakk.1156/2011 irratti hubannoon kennameera.Haaluma kanaa. Dhimma mirga fi dirqama hojjataa fi hojjachisaa jalatti keessattuu :- ●Dhimma walitti dhufeenyi hojjataa fi hojjachiisaa mul'aata waloo qajeeltoo seeraa irratti hundaa'e qabaachuu akka qabu ●Waliigaltee hojjataa fi hojjachisaan walqabatee warshalee baay'een qacarrii dhaabbii fi waliigaltee malee hojjataa hojjachisuun seeraan ala hojii irraa gaggeessuu ●Dhimma nageenyummaa iddoo hojii fi miidhaa hojii irratti gahuuf beenyaa kaffalamuu qabu ●Dhimmi dhangalaa'aa warshaa keessa bahuu fi faalama naannoo ● Walitti dhufeenya Dhaabbilee indastirii fi seektaroota mootummaa jidduu jiru...naamusaan walqabatee rakkoo jiru fi k.k.f irratti hubannoon kennameera Dhuma irrattis qabiinsa dhangalaa'aa fi Kunuunsa Naannoon walqabatee hojiin Dhaabbata Agroo Indastirii Sabbataa ykn MAMA Milkii keessatti hojjatame daawwatameera.

#Guyyaa 20-10-2017 @Sabbataa Guyyaa har'aa Dhaabbilee Hawaasaa Siivilii Kutaa Magaalaa Sabbataa tiif mata duree "Tajaajila Qi
+7
#Guyyaa 20-10-2017 @Sabbataa Guyyaa har'aa Dhaabbilee Hawaasaa Siivilii Kutaa Magaalaa Sabbataa tiif mata duree "Tajaajila Qindaa'aa Iddoo Tokkoo Keessatti Qooda Dhaabbilee Siivilii " jedhu irratti leenjiin kennameera. Haaluma kanaan kaayyoo TQIT galmaan gahuuf akkaatuma Maanuwalii Hojmaata Tajaajila Qindaa'aa Iddoo Tokkoo Miidhaa Saal-qunnamtii ( Sex Based Violance) Ittisuu fi Deebii kennuu keessatti qoodni Dhaabbilee Hawaasaa Siivilii Ol'aanaadha. ●Qoodni Dhaabbileen Hawaasaa Siivilii TQIT keessatti qaban kunis:- ■Hubannoo Uumuu ■Iddoo Turmaata miidhamtoota ■Tajaajila hawaasummaa ■Tajaajila xin-sammuu ■Tajaajila nyaataa ■Tajaajila deebii kennuu ( deebiisanii dhaabuu) fi k.k.faadha. Hirmaattoonnis Giddu Galli kun ijaaramuun miidhaa Dubartoota fi Daa'imman irra gahu ittisuu fi Deebii kennuu keessatti gahee guddaa akka ibsuun isaaniis Giddu Gala kanaaf gara hundaan iyyuu tumsa akka taasisaan ibsuun waadaa galaniiru. Dhuma irrattis Giddu Gala TQIT Hospitaalaa Diimaa daawwataniiru.

Falmii Sobaa Mirga Nama Biraa Miidhuu Danda’u Manneen Murtii Qulqulleessuun Murtii Haqa Qabeessa Kennuu Qabu. ============================ ========================= Seera Deemsa Falmii Siviilii kwt 231(1(a)), 238, 241, 246, 249, 253-255, 264-266 fi Murtii Dh Ijbt MMWF glm Lkk 168094 Jld 24ffaa ======================= Namoonni falmii mana murtiitti dhiyeessan hundi yeroo hunda dhimma dhagaa ta’e qabatanii dhiyaatu jechuun miti. Namoonni mirga seeraa ykn haqaa otuu hinqabaanne abbaa mirga irra caalu qabu dhoksuun murtii mana murtiitti fayyadamanii mirga hinqabne seera qabeessa taasifachuuf yeroo yaalan, kana milkeessuufis himannaa sobaa Mana Murtiitti yeroo dhiyeessan qabatamaan nimul’ata. Fkn, qabiyyee dhaalaa abbaan irraa du’e dhaaltuun inni sirriin mirga qabu bakka quba hinqabnetti namoonni hariiroo tokkooyyuu du’aa waliin hinqabne garuu sababa seeraa hintaane adda addaan qabeenyi harka isaanii gale sobaan waliigalanii inni tokko himataa, inni kaan himatamaa ta’uun himannaa mana murtiitti dhiyeessanii waliiamanuun murtii qabeenya nama biroo irratti murtii yeroo kennisiisan arguun baratamaa dhufeera. Akkasumas qabiyyee lafaa kan ummataa ta’e seeraan ala qabachuun otuu qaamni mootummaa quba hinqabne inni tokko isa kaan himatee, inni himatames amanee deebii kennuun falmii sobaa akkasiitiin murteessisuun bu’ura murtichaan qaamni lafa bulchu seera qabeessa godhee ragaa akka itti kennuuf taasisuun baratamee jira. Kana irraa ka’uudhaan Dh Ijbt MMWF Manneen Murtii falmii dhugummaa ykn haqummaa dhimmichaa irraa shakkan ykn ifatti dhugaa ta’uu hubachuu rakkatan, mirga nama biroo haqa qabu miidhuuf yaada fayya qabeessa hintaaneen (bad faith) gareewwan falmii dhiyeessan qulqulleessan barbaachisu taasisuun murtii sirrii kennuu akka qaban murtii glme Lkk 168094 ta’ee fi Jld 24ffaa keessatti maxxanfamee jiruun hiikkoo dirqisiisaa kennee jira.

#Guyyaa 17-10-2017 @Sabbataa #Aanaa Meettaa ====================================== Guyyaa har'aa akka Kutaa Magaalaa Sabbataa
+6
#Guyyaa 17-10-2017 @Sabbataa #Aanaa Meettaa ====================================== Guyyaa har'aa akka Kutaa Magaalaa Sabbataatti Aanaalee 3'n irratti iyyuu Tumaa Abbootii Gadaa fi Haadholii Siinqee Oromoo Gochoota Miidhaa Dubartootaa fi Daa'imman irra gahu Maqsuuf Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoon Tumame irratti Labsiin bakka Kutaan Hawaasaa adda addaa argamanitti qindeessummaa Dhaabbata Misooma Dubartootaa Siiqqee tiin qindoomina Koree Tajaajila Qindaa'aa Iddoo Tokkoo Hospitaalaa Diimaan gaggeeffameera.

#Guyyaa 17-10-2017 @Sabbataa #Aanaa Meettaa ====================================== Guyyaa har'aa akka Kutaa Magaalaa Sabbataa
+7
#Guyyaa 17-10-2017 @Sabbataa #Aanaa Meettaa ====================================== Guyyaa har'aa akka Kutaa Magaalaa Sabbataatti Aanaalee 3'n irratti iyyuu Tumaa Abbootii Gadaa fi Haadholii Siinqee Oromoo Gochoota Miidhaa Dubartootaa fi Daa'imman irra gahu Maqsuuf Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoon Tumame irratti Labsiin bakka Kutaan Hawaasaa adda addaa argamanitti gaggeeffameera.

photo content
+2

photo content
+8

#Guyyaa 13-10-2017 @Sabbataa Guyyaa har'aa bakka I/Gaafatamtoonni fi Fookal parsanoonni Seektaroota Qindoominaa Tajaajila Qindaa'aa Iddoo Tokkoo Hospitaalaa Diimaa argamanitti gabaasni raawwii hojii hanga ammaa ture dhiyaachuun mariin irratti gaggeeffameera.Bu'uuruma kanaan ciminaalee fi hanqinoota turan akkasumaas rakkoolee hojii keessatti mudatan adda baasuun mariin irratti gaggeeffameera. #Gama biroon leenjiin hirmaattoota waltajjichaa I/Gaafatamtoota fi Focal person Koorniyaa idileessuu seektaralee qindoominaa miseensa Tajaajila Qindaa'aa Iddoo Tokkoo tiif Mata duree Maanuwalii Hojmaata Giddu Gala TQIT Miidhaa Saal-qunnamtii Daa'immanii fi Dubartoota irra Gahu Ittisuu fi Deebii kennuu irratti kennameera. Marii taasifamee fi Leenjii kennamee irratti hirmaattoonni yaada waliigalaa kaasaniin qindoominnj yeroo ammaa jiru kun daraan cimee Giddu Gala kana meeshalee barbaachisaan deeggarsaan itti guuttachuun qixaan hojiitti galchuu akka qabnu akkasumaas hojii ittisaa irratti sirriitti hojjachuun hubannoo hawaasaa cimsuun yakka kana akka hir'isuu qabnu irratti waliif galameera. #Dhuma irrattis Giddu -Galli hirmaattootan daawwatameera. "Mirgi Dubartootaa Mirga Namoomaati"

photo content
+8

#Guyyaa 05-10-2017 Baga Gammaddan Baga Gammanne ! @Tajaajilli Qindaa'aa Iddoo Tokkoo Dubartootaa fi Daa'immanii Hospitaalaa D
+9
#Guyyaa 05-10-2017 Baga Gammaddan Baga Gammanne ! @Tajaajilli Qindaa'aa Iddoo Tokkoo Dubartootaa fi Daa'immanii Hospitaalaa Diimaa guyyaa har'aa ifatti banamee hojii eegaleera. # Giddu Galli kun akkaataa istandaardii TQIT tiin kan ijaarame yoo ta'u kunis kutaalee 10 kan of-keessaa qabuudha.Sagantaa kana irrattis keessummoonni Kabajaa Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa irraa Aad Masaraat fi Aad.Hawwii akkasumaas IG Waajjira Abbaa Alangaa Magaalaa Shaggar Obb.Yohaannis Abdataa argamaniiru. Sagantaa kana irrattis BAAWO tajaajila Giddu Gala kanaaf kan oolu Kompitara Desk top 1 bifa kennaan waan nuuf gumaachaniif galatoomaa ulfaadha jennaan. Walumaagalatti Giddu Galli kun xumuramee sadarkaa kana irra gahee akka hojii eegaluuf BAAWO , Waajjirri Abbaa Alangaa Magaalaa Shaggar , Bulchiinsi Kutaa Magaalaa Sabbataa fi seektaroonni Koree Qindoominaa tumsa nuuf taasisaa turtaniif galatoomaa ulfaadhaa!

Firii dubbii himannaa keessatti hinibsamne falmiis ta’ee komii keessatti kaasuus ta’ee ragaa irratti dhiyeessuun dogongora bu
+1
Firii dubbii himannaa keessatti hinibsamne falmiis ta’ee komii keessatti kaasuus ta’ee ragaa irratti dhiyeessuun dogongora bu’uraa ijoo seeraa fi qajeeltoo madaallii ragaati jedha Dh Ijbt MMWF glme Lkk 251700 ta’erratti murtii gaafa 26/05/2017 kenname.

የኢፌዲሪ ጠቅላይ ፍ/ቤት ሰበር ሰሚ ችሎት ውሳኔ ብዙ ጌዜ በባለሙያዎች መካከል ሲያወዛግብ የነበረውን አዋጅ ቁጥር 1178/2012 አንቀፅ 8_10 ላሉት ድንጋጌዎች የመጨረሻ እልባ ሰጥቶባቸዋል። በሰወ
+3
የኢፌዲሪ ጠቅላይ ፍ/ቤት ሰበር ሰሚ ችሎት ውሳኔ ብዙ ጌዜ በባለሙያዎች መካከል ሲያወዛግብ የነበረውን አዋጅ ቁጥር 1178/2012 አንቀፅ 8_10 ላሉት ድንጋጌዎች የመጨረሻ እልባ ሰጥቶባቸዋል። በሰወች መነገድና በህገወጥ መንገድ ድንበር ማሻገር ወንጀል ለጥቃት በተጋለጡ ሰዎች ልክ ተደራራቢ ክስ መቅረብ ያለበት ስለመሆኑ ሰበር በመዝገብ ቁጥር 243402 በቀን 29/02/2017 ዓ.ም የተሰጠ የህግ ትርጉም ተሰጥቷል።

Hordoftooni amantaa Islamaa hundi baga Ayyaana Iid Al-adahaa bara 1446ffaa nagaan geessan. Ayyaanni Kun kan Nagaa, kan Jaalalaa fi kan Gammachuu isiniif yaa ta'u ! Iid-Mubaarak!

Guyyaa 28-09-2017 #Shaggar , Sabbataa Guyyaa har'aa koreen Waajjira Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Sabbataatti Adeemsa Galmeess
+6
Guyyaa 28-09-2017 #Shaggar , Sabbataa Guyyaa har'aa koreen Waajjira Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Sabbataatti Adeemsa Galmeessa fi Mirkaneessa Ragaalee irraa dhaabbate cheekliistii hordoffi fi deeggarsaatiin Abukaatoota fi Barreessitoota dhimma seeraa kutaa Magaalaa Sabbataa bara 2017 marsaa 2ffaa gaggeessera.

Guyyaa 27-09-2017 #Sabbataa Guyyaa har'aa Labsii Mana Murtii Hawaasummaa Lakk.128/99 irratti keessattu dhimma ragaa gaa'ila i
+4
Guyyaa 27-09-2017 #Sabbataa Guyyaa har'aa Labsii Mana Murtii Hawaasummaa Lakk.128/99 irratti keessattu dhimma ragaa gaa'ila irraa bilisaa kennuu irratti xiyyeeffachuun Abbootii Seeraa Mana Murtii Hawaasumaa Aanaa Sadanii Kutaa Magaalaa Sabbataa hundaaf leenjiin gara Waajjira Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Sabbataan kennameera.