Beekumsa Waligalaa
Kanalga Telegramâda oâtish
Kayyoon keenyaa dhaloota yaada Mo'aataa Maddiissisuu dandaa'an ijaaruudha.
Ko'proq ko'rsatish1 381
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
+37 kunlar
+1830 kunlar
Postlar arxiv
1 381
âMootummaan daballii mindaa hojjettoota mootummaaf taasisuuf karoorse tursiisuu hin qabuâ - Waldaalee Hojjettoota Itoophiyaa
Mootummaan #Itoophiyaa fooyya'iinsa imaammata diinagdee hojiirra oolchuu hordofee daballii miindaa hojjettoota mootummaaf taasisuuf karoorse akka hin tursiifne Konfedereeshiniin Waldaalee Hojjetoota Itoophiyaa hubachiise.
Fooyyaâiinsa imaammata diinagdee hordofee gabaa irratti daballiin gatii olaanaa mulâachaa jiraachuu kan eere konfedereeshinichi, âhaalli kun [daballii gatii meeshaalee] akkanaan itti fufa yoo taâe daballiin miindaa hojjettoota mootummaaf taasifama jedhame buâaa hin qabuâ jedhe.
Pireezidaantii Itti-aanaa Konfedereeshinichaa Obbo Ayyaalew Ahimad turtii Raadiyoo Shaggar waliin taasisaniin, âMootummaan miindaa kan dabala jedhuus, gabaan akka amma jirutti yoo itti fufe humna hojjetaa mootummaa ol taâuu mala jedhan.
1 381
HORTEE LATIINSA OROMOO
______________________________
Booranii kaa Oromoti
Oromoon kaa xaboti
Xaboo kaa waaqoti
Waaqoo kaa dadhiti
Dadhiin kaa uteeti
Uteen kaa biteeti
Bitee kaa waalabuti
Waalabuu kaa jilichati
Jilichi kaa daawaroti
Dawaroo kaa hoofati
Hoofaan kaa sharati
Sharaan kaa haadiyati
Haadiyaan kaa Rabati
Rabaan kaa dooriti
Dooriin kaa mormor
Mormor kaa mamati
Mamaan kaa warari
Warar kaa waayuti
Wayuun kaa goodedi
Gooded kaa maridhati
Marin kaa galani
Galan kaa waaditi
Waadin kaa shunkur
Shunkur kaa lmaar
Imaar kaa batayi
Batay kaa lubaay
Lubaay kaa Malik
Malik kaa kuush
Kuush kaa haamii
Haamii kaa nuuhii
Nuuhii kaa Malik
Malik kaa matoshati
Matoshan kaa yahiti
Yahati kaa muhalalii
Muhalal kaa Akuni
Akun kaa Anushi
Anush kaa shishiti
Horten dhalaa namaa akkati seennaa tatee dhalotaf dabartii?????
==<<<~~~~```=<<<<<<<=======
Oromoon ilmaan lama(2)dhale.
1- Booranaafi
2-Bareentuu
Booranni Ilmaan 12 dhale
Isaanis
1-Wallagga
2-Callabba
3-Goree
4-Goofaa
5-Sidaamoo
6-Arii
7-Dacee
8-Garrii
9-Guraa
10-Giriirraa
11-Naayroobii fi
12-Gujii
Bareentuun Ilmaan 5
dhale
1. xummuungaa
2-murawwaa
3-karrayyuu
4-Hunbanna
5-Qalâoo
Xummuungaan Ilmaan 3 dhale
1-Arsii
2-Asoosaa
3-Hawaasaa
Murawwaan 1 dhale
Innis:- Ituudha jedhama
Ituun 10 dhale isaanis:-
1-waatee
2-Gaamo
3-Baayee
4-Galaan
5-Addaayyo
6-Baabbo
7-Waaree
8-Algaa
9-Gaaddullaa
10-Elellee
Karrayyuun Barentuu
Ilmaan 12 dhale
1-Dullachaa
2-Abbichuu
3-Gonbichuu
4-sayyuu
5-Oboo
6-Oborii
7-Jiillee
8-Bullaalla
9-Mucee
10-Ga
1 381
Namichi sooressi Chaayinaa akkas jedhe, âMuuzaa fi qarshii Jaldeessa fuuldura yoo kaaâan Jaldeessi muuzii filate. Sababni isaas Jaldeessi qarshiin banaanaa baayâee bitachuu akka dandaâu waan hin beekneef.
Dhugaa dubbachuuf yoo namootaaf Hojii Qacaramuu fi Business dhiheessite, namoonni baay'een BUSINESS hojjatanii qarshii argachuu akka danda'an waan hin beekneef Qacaramanii Hojjechuu filatu.
Sababni harka qalleeyyiin hiyyeessa taâaniif keessaa tokko hiyyeessi carraa hojii abbootii qabeenyaa beekamtii kennuuf leenjiâuu dhabuu isaati. Yeroo baay'ee mana barumsaa keessa kan dabarsan yoo ta'u, mana barumsaa keessatti wanti baratan ofiif hojjechuu dhiisanii mindaa argachuuf hojjechuudha. Bu'aan mindaa caalaa gaariidha sababiin isaas mindaan si deeggaru danda'a, bu'aan garuu qabeenya si gochuu danda'a. YAADNI KEE MAALI?
1 381
SEENAA:
Seenaa Afrikaa keessatti impaayerawwan gurguddoon shanan baayâina lafaatiin (kaâumsa dhalootaa) turan:
1. Impaayera Songhai: Impaayera Songhai seenaa Afrikaa keessatti impaayera gurguddoo keessaa tokko ture. Jaarraa 15ffaa hanga 16ffaatti kan ture siĘźa taĘźu, naannoo amma Maalii, Niijer fi Naayijeeriyaa jedhamtu keessatti argama ture.
Yeroo olkaâiinsa isaatti tilmaama balâina gara iskuweer kiiloo meetira miiliyoona 1.4 uwwiseera.
2. Impaayera Maalii: Impaayera Maalii, Manden Kurufaba jedhamuunis beekamu, Impaayera Afrikaa Dhihaa jaarraa 13ffaa hanga 17ffaa keessa ture. Biyya amma Maalii, Giinii, Senegaal fi Mooriitaaniyaa jedhamtu keessatti argama ture. Bal'inni naannoo Impaayera Maalii yeroon garaagarummaa qaba, garuu yeroo olka'iinsa isaatti tilmaama bal'ina gara iskuweer kiiloo meetira miliyoona 1.3 uwwiseera. . Bakka amma Itoophiyaa fi Eertiraa jedhamtu keessatti kan argamtu yoo taâu, dhiibbaa isaa Galaana Diimaa ceâee gara Yaman fi Saâudii harâaatti babalâise. Impaayerri kun yeroo olka'iinsa isaatti tilmaama bal'ina gara iskuweer kiiloo meetira miiliyoona 1.25 qaba ture.
4. Impaayera Kanem-Bornu: Impaayera Kanem-Bornu impaayera bara gidduu galeessaa jaarraa 9ffaa hanga 19ffaatti ture. Biyya amma Chaad, Naayijeeriyaa, Niijer, Kaameeruun fi Sudaan jedhamtu keessatti argama ture. Impaayerri kun yeroo olka'iinsa isaatti bal'ina bal'aa tilmaamaan iskuweer kiiloo meetira miliyoona 1 qaba ture. 5. Impaayera Itophiyaa: Impaayera Itoophiyaa, Absiniyaa jedhamuunis kan beekamtu, biyyoota durii walitti fufiinsaan jiran keessaa tokko. Jaarraa 16ffaa keessa bulchiinsa Emperor Lebna Dengel jalatti olkaâiinsa aangoo irra kan gahe yoo taâu, Itiyoophiyaa harâaa, Ertiraa fi kutaalee Sudaan dabalatee balâina lafaa gara iskuweer kiiloo meetira miliyoona 1tti tilmaamamu kan uwwise ture. Sadarkaa fi balâinni lafaa sirrii impaayera kunniin uwwifaman madda seenaa fi hiika adda addaa irratti hundaaâuun garaagarummaa qabaachuu akka dandaâu hubadhaa. .
Isaan keessaa suura fudhatame.
1 381
đ "Hanga bu'aa jireenyaa kee hubattutti bu'aa yeroo hin hubattu,hanga bu'aa yeroo hubattutti waan tokkollee hojjechuu hin dandeessu" jedha.
â Yeroon jireenya, jireenyi yeroo dhaan murtaa'a. Yeroon akkaataa jireenyi keenya bu'a qabeessa ta'u murteessa.
Yeroo qusachuun nama hundatti ulfaachuu ni danda'a.Garuu,ammoo hamma danda'ameen yeroo qusachuun gaariidha.Yeroon qabeenya qabeenya caaluudha.Yeroo qusachuu jechuun ofiif yaaduu jechuudha.Ammas yeroo qusachuun jireenya keenya gaggeessuuf murtoo jalqabaati.
#Gaggeessaan cimaa yeroo gabaabaa keessatti gaggeessaa isa caalu naamusaawaa oomisha!
1 381
#Amala_Gaggeessummaa_Dhugaa:
âŹâŹâŹâŹâŹâŹâŹâŹâŹâŹ
⢠Hojjetee itti agarsiisee,hojjechiisa.Jechaan osoo hin taane,gochaan agarsiisa.
⢠Karaa kana deemaa jedhee taa'a osoo hin taane,imalee kallattii itti agarsiisa.
⢠Gaggeessaan dhugaa,yaada qajeelaa isaaniif qaba:kunis jijjiirama karaa hunda galeessaan kan dhufuu dha.
⢠Gaggeessaan dhugaa fi milkaa'oon,warra isaan caalaa sabaaf ta'uu danda'an oomisha.
⢠Karaatti abjuu isaanii dhugoomsuu dandaâan irratti isaan utubee,gara milkaa'inaatti isaan geessa.
⢠Na caaluu laata? jedhee yaadda'aa osoo hin taane,akka isa caalaniif waan danda'u hundaan isaan gaggeessa,isaan gorsa.
⢠Mul'ata namaa "Copy" godhee itti kenna osoo hin taane, mul'ata akka qabaataniif, karaa mulâata isaanii itti argachuu dandaâan itti agarsiisa
⢠Waanan jedhu fudhadhaa jechuu qofa osoo hin taane, irra caalaa waan bu'aa fiduu dandaâu irratti fuulleffata.
⢠Waan xiqqoo isaan hojjetaniif,beekamtii onnachiisoo kennaafi.
⢠Tokko olkaasee,tokko gad buusuun amala gaggeessaa hubatoo fi bilchaatoo miti.
⢠Gaggeessaa dhugaa fi milkaa'aan,of jaja of faarsa osoo hin taane,hojjettoota gaggeessuun of jaja.
⢠Gaggeessummaa dhugaan bu'aa dhuunfaa isaa caalaa,bu'aa hojjettoota gaggeessuu irratti xiyyeeffata.
⢠Gaggeessaan ga'umsa gaggeessummaa qabu,waan hojjetaan isaa barbaadu hubata.
⢠Ogummaa fi hubannaadhaan ijaaramee,qarruu beekumaan masakama.
⢠Gaggeessaa dhugaan,hariiroo fayyaaleessa hojjettoota gaggeessuu wajjin uumuun,amala madaqfamaa isaan barbaadanii fi galmichi barbaadu walitti kan hidhuudha.
⢠Gaggeessummaa dhugaan,hiikaa fi ergaalee dhokatoo hedduu qaba.
⢠Gaggeessummaan amalaa fi adeemsa guutuu, karaa of dandaâeen kan ijaaramuu dha.
#Gaggeessaa cimaa ta'uuf Wantoota armaan gadii kana qabaachuun dirqama. Kanneen kana yoo qabaatte ati dhuguma gaggeessaa cimaadha:
â. Nama onnachiisuu yoo dandeessa ta'e.
â. Hojiiwwan namoota hojjetanitti qoqqooduu yoo dandeessa ta'e.
â. Haasaa waliigaltee uumuu danda'u yoo dandeessa ta'e.
â. Si'a tokko tokko qoosaa nama kofalchiisan yoo dandeessa ta'e.
â. Ofitti amanamummaa yoo qabaatte.
â. Kutannoo yoo qabaatte.
â. Yaada qajeelaa( Positive Attitude) yoo qabaatte.
â. Mul'ata, Kaayyoo fi Galma ifaa yoo qabaatte.
â. Rakkoo furuuf waa kalaquu yoo dandeesse.
â. Amanamummaa yoo qabaachuu dandeesse. Dhuguma ati gaggeessaa cimaa [Gaggeessaa jijjiiramaa ta'uu dandeessa].
#Gaggeessaan cimaa qajeelfamoota YEROO beeka:
âŹâŹâŹâŹâŹâŹâŹâŹ
Yeroon qabeenya qabeenyaan oliiti! Namni yeroo isaaf kennametti fayyadamu nama hubataadha.
â Yerootti fayyadamuun dandeettii xiyyeeffannoo namaa guddisa.
â Xiyyeeffannoon fiixaan bahumsa karoora keenyaaf humna jalqabaati.
Namoonni GATII YEROO(times value) beekan yommuu dubbatan:
â "Yakki guddaan akka yeroo balleessuu, addunyaa kana irra hin jiru." jedhu. "Yeroon kan akeekaati,akeeknis kan yerooti."
â Ogeeyyiin fayyaa maaliif "time is life" yookiin yeroon jireenya jedhu beektaa?? Sababni isaa lubbuu namaa darbuuf daqiiqaa muraasni hafe duâa oolchu waan taâeef.
â Atileetiin yookiin warri fiigan "Time is gold" yookiin yeroon warqiidha maaliif jedhu itti yaaddee jirtaa? Sababni isaa yeroo isaaniif kenname sana keessatti fiiganii maayikiroo sekondiidhaan dursanii mo'achuun warqii argatu waan taâeef.
QAJEELFAMOOTA YEROO (PRINCIPLE OF TIME)
â. Yeroon ni darba:
â Yeroo harâaaf siif kenname deebitee boru argachuu hin dandeessu.Boru waan haaraa baatee dhufa.
â. Yeroon akeekaaf namaaf kennama:
â Karooraan yoo itti fayyadamne waan haaraa hojjachuu dandeessisa.
â. Yeroon siif gaddee dhaabatee si hin eegu:
â Wanti harâa utuu hin xumuramin hafe, yeroo itti aanutti darba. Wanta harâa hojjachuu dandeessu harâuma xumuri malee boriif hin olkaaâin!
â Moo'attoonni hojii boru hojjetan har'a hojjetu!
â Giddu-galeessonni hojii har'a hojjetan har'uma hojjetu!
â Namoonni kufan hojii kaleessaa har'a hojjetu!
ⲠKanaafuu,yeroo hundumaa MOO'ATAA ta'i!!!
â. Yerootti fayyadamuuf ogummaa cimaa gaafata.
â Uumamni xixiqqoon kan akka mixii yoo ilaalle halkanii fi guyyaa; wanta guddaa hojjatu.
1 381
=====GORSA CIMAAâ¤ď¸đ=====
Mucaatu osoo akaaakayyuu isaa wajjiin deemu akaakayyuu isaatiin ani gara fuula duraatti aaktara fiilmii t'uun , makiinaa babbareedduu qabaachuu fi addunyaarratti nama milkaa'e( dabarteef) ta'uu waan barbaaduuf kaayoo kiyya hundaa akkamitti akka galmaan ga'uu danda'u gorsa naaf laadhu jedhee gaafate.
Akaakayyuun isaatis erga xiqqo itti yaadee billaacha(biraabirroo) tokko argee mucichaan deemii billaacha san qabii fidi jedhee ajaje mucaanis billaacha ari'uu jalqabe garuu qabuu dadhabee deebi'ee qabamuufii akka dide itti hime akaakayyuunis deebisee ilma kiyya kaayoon keetis akka billaacha sanaati billaacha qabuuf haga dhamaatu osoo abaaboo bareedaa tokkorratti xiyyeeffattee kunuunsitee billaachi ofii isaatii gara keetitti dhufa ture kaayyoon keetis akkuma billaachaa sana hojii tokkorratti gaafa xiyyeeffatte wantoonni amma qabaachuuf hawwitu kun hundi iddoma ati jirtutti sitti dhufu jedhee gorsa bareedaa kenneef jedhama.
Kanaafuu Atillee Kaayyoo qabdu bira gahuuf waan hunda ari'uu Osoo Hin Taane dursa tooftaa ittiin bira geessu yaadi.
=> Kan Dubbisnerraađ
1 381
Hojii barbaada warra jiraniif
Beeksisa Qaxarrii Hojii
Shaggar Kom. Caamsaa 22, 2016 Biiroon Lafa Oromiyaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti Waajjira Lafaa Aanaalee Magaalichaatiif Gitoota Hojii Duwwaa Ta'an Irratti Hoji- barbaaddoa Qaxaruun Hojjechiisuu Baraada.
Ulaagicha Kan Guuttan.Dorgomaa!
1 381
Saayikooloojiin Amala Nama Bakka Gurguddaa Sadiitti Qoodee Kaa'a.
1.Passive_person( Suutee)
âNamni kun yeroo hundaa mooâamaadha, waan namni jedhe hunda tole jedhee fudhata, waan isaaf taâu adda baasee hin beeku, waanuma hiriyaan isaa/ishee gootu ilaalee godha.
âOfitti amanamummaa hin qabu, waanuma sirrii dhiisi kun sirrii miti yoo jette ni dhiisa.
âNamni akkasii kun jireenyi isaa kufaadha.
2.Aggressive_person (Ofittoo)
âNamni akkasii immoo Kan Koo malee jechuu baayâisa, yaada nama biraa qooddatu,ni dheekkama, lafuma fayyaa si dhaanuu, ooduu, barbaada ija diimeffata.
âNamni kun ija jabinaan dorgooma hin qabu.
âAna malee, of tuula, ana malee namni hin jiru jedha, sin kabaju, qoma dhiibee deema dhimma kee hin qabu.
âHiriyaa akkasii sirraa haa qabu malee guyyaa adii qullaa si hambisa.
âHanga ati sagalee qabdu qofa si kabajaa Irraa isin haa baraaruu!!!!!!
3.Nama sammuu banaa qabu (open minded person),
âYaada nama biraa giddu galeessa godhee fudhata, waan isaaf taâu adda baasee keessaa gadi fageessee fudhata, yaada isa ijaaruuf isa diigu beeka.
âNamni akkasii kun yaada namoota biroo fudhachuuf sammuunsaa qophaaâaadha.
âIlaalcha madaalawaa qaba, siin hin mormu, erga yaada kee hubatee si amansiisuuf ragaadhaan deeggaree yaadasaa dhiyeeffata.
âYeroo hunda ilaalcha qajeelaa qaba, nama hundaaf gaarii yaada, ilaalcha naannummaa, gandummaa, sanyummaa fi lagummaa of keessaa hin qabu, haasaâaan isaa ogummaan kan guutameedha.
âFageessee yaada, fageessee tarkaanfata, hamma dubbatuun ol hojjeta, odeessuurra hojiidhaan agarsiisuu filata.
âNamni sirriin isa kana.
Madda kana dubbiseetan argadhe.
#Nuti kam keessa jirra?
#Waan_dubbiftaniif_GALATOOMAA!!!
