1 381
订阅者
无数据24 小时
+37 天
+1830 天
帖子存档
1 381
‘Mootummaan daballii mindaa hojjettoota mootummaaf taasisuuf karoorse tursiisuu hin qabu’ - Waldaalee Hojjettoota Itoophiyaa
Mootummaan #Itoophiyaa fooyya'iinsa imaammata diinagdee hojiirra oolchuu hordofee daballii miindaa hojjettoota mootummaaf taasisuuf karoorse akka hin tursiifne Konfedereeshiniin Waldaalee Hojjetoota Itoophiyaa hubachiise.
Fooyya’iinsa imaammata diinagdee hordofee gabaa irratti daballiin gatii olaanaa mul’achaa jiraachuu kan eere konfedereeshinichi, “haalli kun [daballii gatii meeshaalee] akkanaan itti fufa yoo ta’e daballiin miindaa hojjettoota mootummaaf taasifama jedhame bu’aa hin qabu” jedhe.
Pireezidaantii Itti-aanaa Konfedereeshinichaa Obbo Ayyaalew Ahimad turtii Raadiyoo Shaggar waliin taasisaniin, “Mootummaan miindaa kan dabala jedhuus, gabaan akka amma jirutti yoo itti fufe humna hojjetaa mootummaa ol ta’uu mala jedhan.
1 381
HORTEE LATIINSA OROMOO
______________________________
Booranii kaa Oromoti
Oromoon kaa xaboti
Xaboo kaa waaqoti
Waaqoo kaa dadhiti
Dadhiin kaa uteeti
Uteen kaa biteeti
Bitee kaa waalabuti
Waalabuu kaa jilichati
Jilichi kaa daawaroti
Dawaroo kaa hoofati
Hoofaan kaa sharati
Sharaan kaa haadiyati
Haadiyaan kaa Rabati
Rabaan kaa dooriti
Dooriin kaa mormor
Mormor kaa mamati
Mamaan kaa warari
Warar kaa waayuti
Wayuun kaa goodedi
Gooded kaa maridhati
Marin kaa galani
Galan kaa waaditi
Waadin kaa shunkur
Shunkur kaa lmaar
Imaar kaa batayi
Batay kaa lubaay
Lubaay kaa Malik
Malik kaa kuush
Kuush kaa haamii
Haamii kaa nuuhii
Nuuhii kaa Malik
Malik kaa matoshati
Matoshan kaa yahiti
Yahati kaa muhalalii
Muhalal kaa Akuni
Akun kaa Anushi
Anush kaa shishiti
Horten dhalaa namaa akkati seennaa tatee dhalotaf dabartii?????
==<<<~~~~```=<<<<<<<=======
Oromoon ilmaan lama(2)dhale.
1- Booranaafi
2-Bareentuu
Booranni Ilmaan 12 dhale
Isaanis
1-Wallagga
2-Callabba
3-Goree
4-Goofaa
5-Sidaamoo
6-Arii
7-Dacee
8-Garrii
9-Guraa
10-Giriirraa
11-Naayroobii fi
12-Gujii
Bareentuun Ilmaan 5
dhale
1. xummuungaa
2-murawwaa
3-karrayyuu
4-Hunbanna
5-Qal’oo
Xummuungaan Ilmaan 3 dhale
1-Arsii
2-Asoosaa
3-Hawaasaa
Murawwaan 1 dhale
Innis:- Ituudha jedhama
Ituun 10 dhale isaanis:-
1-waatee
2-Gaamo
3-Baayee
4-Galaan
5-Addaayyo
6-Baabbo
7-Waaree
8-Algaa
9-Gaaddullaa
10-Elellee
Karrayyuun Barentuu
Ilmaan 12 dhale
1-Dullachaa
2-Abbichuu
3-Gonbichuu
4-sayyuu
5-Oboo
6-Oborii
7-Jiillee
8-Bullaalla
9-Mucee
10-Ga
1 381
Namichi sooressi Chaayinaa akkas jedhe, “Muuzaa fi qarshii Jaldeessa fuuldura yoo kaa’an Jaldeessi muuzii filate. Sababni isaas Jaldeessi qarshiin banaanaa baay’ee bitachuu akka danda’u waan hin beekneef.
Dhugaa dubbachuuf yoo namootaaf Hojii Qacaramuu fi Business dhiheessite, namoonni baay'een BUSINESS hojjatanii qarshii argachuu akka danda'an waan hin beekneef Qacaramanii Hojjechuu filatu.
Sababni harka qalleeyyiin hiyyeessa ta’aniif keessaa tokko hiyyeessi carraa hojii abbootii qabeenyaa beekamtii kennuuf leenji’uu dhabuu isaati. Yeroo baay'ee mana barumsaa keessa kan dabarsan yoo ta'u, mana barumsaa keessatti wanti baratan ofiif hojjechuu dhiisanii mindaa argachuuf hojjechuudha. Bu'aan mindaa caalaa gaariidha sababiin isaas mindaan si deeggaru danda'a, bu'aan garuu qabeenya si gochuu danda'a. YAADNI KEE MAALI?
1 381
SEENAA:
Seenaa Afrikaa keessatti impaayerawwan gurguddoon shanan baay’ina lafaatiin (ka’umsa dhalootaa) turan:
1. Impaayera Songhai: Impaayera Songhai seenaa Afrikaa keessatti impaayera gurguddoo keessaa tokko ture. Jaarraa 15ffaa hanga 16ffaatti kan ture siʼa taʼu, naannoo amma Maalii, Niijer fi Naayijeeriyaa jedhamtu keessatti argama ture.
Yeroo olka’iinsa isaatti tilmaama bal’ina gara iskuweer kiiloo meetira miiliyoona 1.4 uwwiseera.
2. Impaayera Maalii: Impaayera Maalii, Manden Kurufaba jedhamuunis beekamu, Impaayera Afrikaa Dhihaa jaarraa 13ffaa hanga 17ffaa keessa ture. Biyya amma Maalii, Giinii, Senegaal fi Mooriitaaniyaa jedhamtu keessatti argama ture. Bal'inni naannoo Impaayera Maalii yeroon garaagarummaa qaba, garuu yeroo olka'iinsa isaatti tilmaama bal'ina gara iskuweer kiiloo meetira miliyoona 1.3 uwwiseera. . Bakka amma Itoophiyaa fi Eertiraa jedhamtu keessatti kan argamtu yoo ta’u, dhiibbaa isaa Galaana Diimaa ce’ee gara Yaman fi Sa’udii har’aatti babal’ise. Impaayerri kun yeroo olka'iinsa isaatti tilmaama bal'ina gara iskuweer kiiloo meetira miiliyoona 1.25 qaba ture.
4. Impaayera Kanem-Bornu: Impaayera Kanem-Bornu impaayera bara gidduu galeessaa jaarraa 9ffaa hanga 19ffaatti ture. Biyya amma Chaad, Naayijeeriyaa, Niijer, Kaameeruun fi Sudaan jedhamtu keessatti argama ture. Impaayerri kun yeroo olka'iinsa isaatti bal'ina bal'aa tilmaamaan iskuweer kiiloo meetira miliyoona 1 qaba ture. 5. Impaayera Itophiyaa: Impaayera Itoophiyaa, Absiniyaa jedhamuunis kan beekamtu, biyyoota durii walitti fufiinsaan jiran keessaa tokko. Jaarraa 16ffaa keessa bulchiinsa Emperor Lebna Dengel jalatti olka’iinsa aangoo irra kan gahe yoo ta’u, Itiyoophiyaa har’aa, Ertiraa fi kutaalee Sudaan dabalatee bal’ina lafaa gara iskuweer kiiloo meetira miliyoona 1tti tilmaamamu kan uwwise ture. Sadarkaa fi bal’inni lafaa sirrii impaayera kunniin uwwifaman madda seenaa fi hiika adda addaa irratti hundaa’uun garaagarummaa qabaachuu akka danda’u hubadhaa. .
Isaan keessaa suura fudhatame.
1 381
👉 "Hanga bu'aa jireenyaa kee hubattutti bu'aa yeroo hin hubattu,hanga bu'aa yeroo hubattutti waan tokkollee hojjechuu hin dandeessu" jedha.
❍ Yeroon jireenya, jireenyi yeroo dhaan murtaa'a. Yeroon akkaataa jireenyi keenya bu'a qabeessa ta'u murteessa.
Yeroo qusachuun nama hundatti ulfaachuu ni danda'a.Garuu,ammoo hamma danda'ameen yeroo qusachuun gaariidha.Yeroon qabeenya qabeenya caaluudha.Yeroo qusachuu jechuun ofiif yaaduu jechuudha.Ammas yeroo qusachuun jireenya keenya gaggeessuuf murtoo jalqabaati.
#Gaggeessaan cimaa yeroo gabaabaa keessatti gaggeessaa isa caalu naamusaawaa oomisha!
1 381
#Amala_Gaggeessummaa_Dhugaa:
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
• Hojjetee itti agarsiisee,hojjechiisa.Jechaan osoo hin taane,gochaan agarsiisa.
• Karaa kana deemaa jedhee taa'a osoo hin taane,imalee kallattii itti agarsiisa.
• Gaggeessaan dhugaa,yaada qajeelaa isaaniif qaba:kunis jijjiirama karaa hunda galeessaan kan dhufuu dha.
• Gaggeessaan dhugaa fi milkaa'oon,warra isaan caalaa sabaaf ta'uu danda'an oomisha.
• Karaatti abjuu isaanii dhugoomsuu danda’an irratti isaan utubee,gara milkaa'inaatti isaan geessa.
• Na caaluu laata? jedhee yaadda'aa osoo hin taane,akka isa caalaniif waan danda'u hundaan isaan gaggeessa,isaan gorsa.
• Mul'ata namaa "Copy" godhee itti kenna osoo hin taane, mul'ata akka qabaataniif, karaa mul’ata isaanii itti argachuu danda’an itti agarsiisa
• Waanan jedhu fudhadhaa jechuu qofa osoo hin taane, irra caalaa waan bu'aa fiduu danda’u irratti fuulleffata.
• Waan xiqqoo isaan hojjetaniif,beekamtii onnachiisoo kennaafi.
• Tokko olkaasee,tokko gad buusuun amala gaggeessaa hubatoo fi bilchaatoo miti.
• Gaggeessaa dhugaa fi milkaa'aan,of jaja of faarsa osoo hin taane,hojjettoota gaggeessuun of jaja.
• Gaggeessummaa dhugaan bu'aa dhuunfaa isaa caalaa,bu'aa hojjettoota gaggeessuu irratti xiyyeeffata.
• Gaggeessaan ga'umsa gaggeessummaa qabu,waan hojjetaan isaa barbaadu hubata.
• Ogummaa fi hubannaadhaan ijaaramee,qarruu beekumaan masakama.
• Gaggeessaa dhugaan,hariiroo fayyaaleessa hojjettoota gaggeessuu wajjin uumuun,amala madaqfamaa isaan barbaadanii fi galmichi barbaadu walitti kan hidhuudha.
• Gaggeessummaa dhugaan,hiikaa fi ergaalee dhokatoo hedduu qaba.
• Gaggeessummaan amalaa fi adeemsa guutuu, karaa of danda’een kan ijaaramuu dha.
#Gaggeessaa cimaa ta'uuf Wantoota armaan gadii kana qabaachuun dirqama. Kanneen kana yoo qabaatte ati dhuguma gaggeessaa cimaadha:
➊. Nama onnachiisuu yoo dandeessa ta'e.
➋. Hojiiwwan namoota hojjetanitti qoqqooduu yoo dandeessa ta'e.
➌. Haasaa waliigaltee uumuu danda'u yoo dandeessa ta'e.
➍. Si'a tokko tokko qoosaa nama kofalchiisan yoo dandeessa ta'e.
➎. Ofitti amanamummaa yoo qabaatte.
➏. Kutannoo yoo qabaatte.
➐. Yaada qajeelaa( Positive Attitude) yoo qabaatte.
➑. Mul'ata, Kaayyoo fi Galma ifaa yoo qabaatte.
➒. Rakkoo furuuf waa kalaquu yoo dandeesse.
➓. Amanamummaa yoo qabaachuu dandeesse. Dhuguma ati gaggeessaa cimaa [Gaggeessaa jijjiiramaa ta'uu dandeessa].
#Gaggeessaan cimaa qajeelfamoota YEROO beeka:
▬▬▬▬▬▬▬▬
Yeroon qabeenya qabeenyaan oliiti! Namni yeroo isaaf kennametti fayyadamu nama hubataadha.
❍ Yerootti fayyadamuun dandeettii xiyyeeffannoo namaa guddisa.
❍ Xiyyeeffannoon fiixaan bahumsa karoora keenyaaf humna jalqabaati.
Namoonni GATII YEROO(times value) beekan yommuu dubbatan:
❍ "Yakki guddaan akka yeroo balleessuu, addunyaa kana irra hin jiru." jedhu. "Yeroon kan akeekaati,akeeknis kan yerooti."
❍ Ogeeyyiin fayyaa maaliif "time is life" yookiin yeroon jireenya jedhu beektaa?? Sababni isaa lubbuu namaa darbuuf daqiiqaa muraasni hafe du’a oolchu waan ta’eef.
❍ Atileetiin yookiin warri fiigan "Time is gold" yookiin yeroon warqiidha maaliif jedhu itti yaaddee jirtaa? Sababni isaa yeroo isaaniif kenname sana keessatti fiiganii maayikiroo sekondiidhaan dursanii mo'achuun warqii argatu waan ta’eef.
QAJEELFAMOOTA YEROO (PRINCIPLE OF TIME)
➊. Yeroon ni darba:
❍ Yeroo har’aaf siif kenname deebitee boru argachuu hin dandeessu.Boru waan haaraa baatee dhufa.
➋. Yeroon akeekaaf namaaf kennama:
❍ Karooraan yoo itti fayyadamne waan haaraa hojjachuu dandeessisa.
➌. Yeroon siif gaddee dhaabatee si hin eegu:
❍ Wanti har’a utuu hin xumuramin hafe, yeroo itti aanutti darba. Wanta har’a hojjachuu dandeessu har’uma xumuri malee boriif hin olkaa’in!
❏ Moo'attoonni hojii boru hojjetan har'a hojjetu!
❏ Giddu-galeessonni hojii har'a hojjetan har'uma hojjetu!
❏ Namoonni kufan hojii kaleessaa har'a hojjetu!
➲ Kanaafuu,yeroo hundumaa MOO'ATAA ta'i!!!
➍. Yerootti fayyadamuuf ogummaa cimaa gaafata.
❍ Uumamni xixiqqoon kan akka mixii yoo ilaalle halkanii fi guyyaa; wanta guddaa hojjatu.
1 381
=====GORSA CIMAA❤️🙏=====
Mucaatu osoo akaaakayyuu isaa wajjiin deemu akaakayyuu isaatiin ani gara fuula duraatti aaktara fiilmii t'uun , makiinaa babbareedduu qabaachuu fi addunyaarratti nama milkaa'e( dabarteef) ta'uu waan barbaaduuf kaayoo kiyya hundaa akkamitti akka galmaan ga'uu danda'u gorsa naaf laadhu jedhee gaafate.
Akaakayyuun isaatis erga xiqqo itti yaadee billaacha(biraabirroo) tokko argee mucichaan deemii billaacha san qabii fidi jedhee ajaje mucaanis billaacha ari'uu jalqabe garuu qabuu dadhabee deebi'ee qabamuufii akka dide itti hime akaakayyuunis deebisee ilma kiyya kaayoon keetis akka billaacha sanaati billaacha qabuuf haga dhamaatu osoo abaaboo bareedaa tokkorratti xiyyeeffattee kunuunsitee billaachi ofii isaatii gara keetitti dhufa ture kaayyoon keetis akkuma billaachaa sana hojii tokkorratti gaafa xiyyeeffatte wantoonni amma qabaachuuf hawwitu kun hundi iddoma ati jirtutti sitti dhufu jedhee gorsa bareedaa kenneef jedhama.
Kanaafuu Atillee Kaayyoo qabdu bira gahuuf waan hunda ari'uu Osoo Hin Taane dursa tooftaa ittiin bira geessu yaadi.
=> Kan Dubbisnerraa🙏
1 381
Hojii barbaada warra jiraniif
Beeksisa Qaxarrii Hojii
Shaggar Kom. Caamsaa 22, 2016 Biiroon Lafa Oromiyaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti Waajjira Lafaa Aanaalee Magaalichaatiif Gitoota Hojii Duwwaa Ta'an Irratti Hoji- barbaaddoa Qaxaruun Hojjechiisuu Baraada.
Ulaagicha Kan Guuttan.Dorgomaa!
1 381
Saayikooloojiin Amala Nama Bakka Gurguddaa Sadiitti Qoodee Kaa'a.
1.Passive_person( Suutee)
✓Namni kun yeroo hundaa moo’amaadha, waan namni jedhe hunda tole jedhee fudhata, waan isaaf ta’u adda baasee hin beeku, waanuma hiriyaan isaa/ishee gootu ilaalee godha.
✓Ofitti amanamummaa hin qabu, waanuma sirrii dhiisi kun sirrii miti yoo jette ni dhiisa.
✓Namni akkasii kun jireenyi isaa kufaadha.
2.Aggressive_person (Ofittoo)
✓Namni akkasii immoo Kan Koo malee jechuu baay’isa, yaada nama biraa qooddatu,ni dheekkama, lafuma fayyaa si dhaanuu, ooduu, barbaada ija diimeffata.
✓Namni kun ija jabinaan dorgooma hin qabu.
✓Ana malee, of tuula, ana malee namni hin jiru jedha, sin kabaju, qoma dhiibee deema dhimma kee hin qabu.
✓Hiriyaa akkasii sirraa haa qabu malee guyyaa adii qullaa si hambisa.
✓Hanga ati sagalee qabdu qofa si kabajaa Irraa isin haa baraaruu!!!!!!
3.Nama sammuu banaa qabu (open minded person),
✓Yaada nama biraa giddu galeessa godhee fudhata, waan isaaf ta’u adda baasee keessaa gadi fageessee fudhata, yaada isa ijaaruuf isa diigu beeka.
✓Namni akkasii kun yaada namoota biroo fudhachuuf sammuunsaa qophaa’aadha.
✓Ilaalcha madaalawaa qaba, siin hin mormu, erga yaada kee hubatee si amansiisuuf ragaadhaan deeggaree yaadasaa dhiyeeffata.
✓Yeroo hunda ilaalcha qajeelaa qaba, nama hundaaf gaarii yaada, ilaalcha naannummaa, gandummaa, sanyummaa fi lagummaa of keessaa hin qabu, haasa’aan isaa ogummaan kan guutameedha.
✓Fageessee yaada, fageessee tarkaanfata, hamma dubbatuun ol hojjeta, odeessuurra hojiidhaan agarsiisuu filata.
✓Namni sirriin isa kana.
Madda kana dubbiseetan argadhe.
#Nuti kam keessa jirra?
#Waan_dubbiftaniif_GALATOOMAA!!!
