cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Gaaffii Keessaniif Deebii

Gaaffiwwan dargaggootaa amantaan walqabatan kan barsiisota M/K/O/T Itoophiyaan deebiin itti kenname, karaa barreeffamaafi sagaleen dabarsuuf chaanaalii baname dha. 👉 Yaadaafi gaaffii qabdaniif @GuutiiG

Ko'proq ko'rsatish
Reklama postlari
4 661
Obunachilar
+524 soatlar
+357 kunlar
+14130 kunlar
Post vaqtlarining boʻlagichi

Ma'lumot yuklanmoqda...

Find out who reads your channel

This graph will show you who besides your subscribers reads your channel and learn about other sources of traffic.
Views Sources
Nashrni tahlil qilish
PostlarKo'rishlar
Ulashishlar
Ko'rish dinamikasi
01
#Olba'eera! #Eenyu? #INNI: 1. Osoo hin mul'atin gadi bu'ee Mul'atee ol deebi'e: Maqaan Isaa ajaa'iba, Gorsaa, Humna-qabeesaa, Hoogganaa nagaa kan jedhame ulfinni waamamuu Maqaa Isaaf haata'uuti dhokatee gara biyya lafaatti gadi dhufe. Waaqummaa Isaa dhoksee nama fakkaatee, humna Isaa dhoksee dadhabaa fakkaatee, Hoogganaa ta'uu Isaa dhoksee hooggantoota lafa irraatiin bulee, Abbaa seeraa ta'uu Isaa dhoksee seera isaanii kabajee biyya lafaa irra yeroo daangofteef jiraate. Yemmuu ol ba'etti garuu Waaqummaa Isaa, Humnaa fi Aangoo Isaa, Hooggansa Isaa ifatti mul'ise. Kanaaf Waaqni keenya yemmuu nuti afuuraan gadi buunu, yemmuu cubbuutti kufnu nuuf dhoksa. Yemmuu nuti hojii gaarii xiqqoo hojjennu immoo ol nu baasa. Osoo akkas miti ta'e har'a eenyutu maqaa kabajaa har'a qabu kanaan waamamaa? Inni mul'inaan ol-ba'e kun isa mul'inatti ol si baasudha. 2. Gara gadii yemmuu turetti arrabsoo hedduu baate, yemmuu ol bahe garuu galataa fi kabaja baate: Gooftaan keenya umurii nama ta'ee biyya lafaa irra jiraatetti maqaa isaaf hin malle heddutu mogga'eef. Arrabsoo heddu arrabsame; gosti arrabsoowwanii hamma lafa irra dhumanitti hunduu jecha beekuun isa arrabse. Yemmuu ol ba'etti garuu raayyaan Ergamoota samii dhufanii galataa fi kabajaan, faaruudhaan simatan. Duumessi ulfinaa dhufee Mootii ulfinaa simate. Warri yeroo inni biyya lafaa irra ture Isaan of qixxeesaanii Isa ilaalaa turanis qaana'anii, achii ol Isa ilaalan; ofii isaaniitii garuu garuma gadiitti hafan. . Atis har'a gaafa jireenyaa fi milkaa'inaan gadi buutu kan si arrabsu malee kan si faarsu hin jiru. Biyyi lafaa kun warra gadi bu'an gargaartee ol kaasuu caalaa tuullaa arrabsoo irra tuuluu jaallatti. Gaafa ati tirattee ol kaatu garuu gaabbiidhaan achii ol si ilaalti. Ol ka'uun siif dhufaatii abdii hin kutin. Arraba kee hamaa dubbachuu irraa eeggadhu! Gaarummaa jaalladhu! Warra gaddan wajjin onnee keerraa gadii, kan gammadan wajjinis garaa guutuu gammadi. Karaan dhugaa isheen ol nama kaaftu ishee kanadha. 3. Gara gadii yemmuu turetti tuullaa salphinaa baate, yemmuu ol ba'etti garuu ulfina Waaqummaatiin Mirgaa Abbaa taa'e:- Yihuudonni guyyaa jimaataa mee raajii dubbadhu jedhaniin, cubbamtoonnis of fayyisii nuunis fayyisi jedhaniin. Qoosaa itti baay'isan, ni salphisan, kabaji Waaqummaa Isaa haa turuutii hamma Abrahaamillee Isa kabajuu hin dandeenye. Gara gadii kana tuullaa salphinaatu jira. Maarree haadhoo koo, yemmuu biyya lafaa kana irra jirtu akkamitti kabajan dhabe jettee aartee gadditaa? Isheenoo tasuma kabaja hin beektu salphina malee; osoo si kabajjeeyyuu fakkeessuufi malee hin sobdi isheen. Xiqqoo turtee salphina kee lakkoofti. Daqiiqaa tokkoof si jajjee waggaa tokkoof si jaji'atti. Gara gadii kana irraa kabaja hin eegin. Warri gara gadii waanuma gadii malee kabaja siif hin laatani; Kiristoosiin ilaali. 4. Kiyyoon fannoo biyya lafaa irraa isaaf qopha'e Ol ba'uu irraa isa hin daangessine: Akka yaada warra Isaan mormaniitti Kiristoos fannifamee du'a; achii booda ni awwalama; awwaala keessttis hafa ture. Kun hunduu hawwii warra Waaqummaa Isaatiin mormanii ta'ee hafe malee Inni awwaala keessattis hin hafne; simboo sodaachisaadhaan du'aa ka'e. Du'aa erga ka'ee boodas warra gadii kana biraa gara samiitti ol bahe. Garri gadii kun fannoo qabdi, kiyyoon ishees cimaadha. Abjuu du'aa fi salphinaa namaaf abjootti malee afuura nagaa namatti hin baafattu. Karaa tokkoonis ta'e karaa biraa kiyyoo keessatti si kuffisuuf carraaqxi; kun hunduu Gooftaa keenya Iyyasuus irras ga'eera. Mee ol ilaali! Samii bareedduu bal'oo argita; qilleensa nagaa harganta; sagalee simbirrootaa kan si gammachiisu dhageessa; abdiidhaan guutamta. Gara olii hamiin hin jiru galata malee; arrabsoon hin jiru faaruu malee; naasuun hin jiru tasgabbii malee; dhukkubni hin jiru fayyummaa malee; gaddi hin jiru gammachuu malee; jibbi hin jiru jaalala malee; yaaddoon hin jiru boqonnaa malee. Baga Ayyaana Ol-ba'uu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin isin ga'e! Ameen! // Madda:- Fuula FB Dn Misgaanuu. Y irraa https://t.me/Araaraat
6947Loading...
02
Yeroo Kiristaanotaa Miidiya Sootiriyaa waliin Gaa'ela dhaabbattanii moo dhaabbachuuf karoora qabdu? Mee qophii kana hordofaa irraa baradhaa! Qophii keenya har'aatin! Gaa'ela irratti   #Kutaa 1ffaa #Gaa'elli maali? #Yoom hundeeffame #Fakkeenyi gaa'elaa fi mana kiristaanaa fi gooftaa Iyyasuus Kiristoos akkamiin ilaalama? #Eefeson boqonnaa 5 lakkoofsa 22 hanga 32 dhimma #gaa'elaa icciitin ibsame akkamiin hubatama? #Sirnootni gaa'elaa mana kiristaanaa keenyaa akkamiin ilaalamu Miidiyicha jajjabeessun kiristaanota wal haa agarsiifnu #subscribe, #share fi #like akka gootan isin yaadachiifna https://youtu.be/rUcINM55bcM
8733Loading...
03
''Iccitiin kun guddaadha'' Eef 5:32 Dhimma gaa'elaa irratti hubannoo gaarii akka argattaniif barreeffama Miidiyaa keenyan qophaa'e ''Instant view'' kan jedhu tuquun qayyabadhaa https://telegra.ph/Icciitin-kun-guddaadha-Eef-532-06-07 Miidiyaa Sootiriyaa👇 ➭YouTube►https://youtube.com/@Soteriamedia21?si=VMAMZpRtucXIkMwg ➭Telegram Channel►https://t.me/Soteriamedia ➭Facebook Page►https://www.facebook.com/share/Fism921qf9FupwCN/?mibextid=oFDknk
1 8207Loading...
04
Irraanfadheera! ✍Dubartiin godeettiin tokko gara abbaa afuuraa tokko deemtee, "Waaqayyo yeroo hundumaa natti dubbata" isaaniin jette. Abbaan kunis dubbichi isaaniif galuu didnaan aaruudhaan ishee dhiisanii deeman. Guyyaa biraas dubartiin kun deebitee, "Waaqayyo galgala galgala natti dubbata" isaaniin jette. ✍Abbaan dubbii dubartii kanaa nuffan kunis yammuu isheen akkuma bartetti dhuftee isaanitti dubbattu, "Dhugumatti yoo Waaqayyo guyyaa guyyaan dhufee kan sitti dubbatu yoo ta'e akkan si amanuuf hojii manaa tokko nan siif kenna" jedhan hubachaa ishee ilaalaa! Dubartittiinis kan isheetiin jedhan hunda gochuuf waadaa seente. ✍Abbaan sunis gaaffii dubartii kana narraa kuta jedhanii yaadan ishee gaafatan. Kunis, "Dhugumatti Waaqayyo kan wajjin dubbatu yoo ta'e mee har'a galgala gaaffii tokko naaf gaafadhu" kan jedhu ture. Dubartittiinis suutuma, "Maal siniif gaafadhu?" jette. Isaanis, " Waggoota dheeraaf dhiisuu kan hin dandeenye, ji'a dura garuu gaabbii galuun kanan dhiise cubbuu tokkotu ture. Cubbuun kun maal akka ture gaafadhuu natti himi. Isa yoo sitti hime dhuguma Waaqayyo si waliin akka dubbatu nan amana jedhan. Dubartittiinis gara manasheetti deebite. ✍Abbaan akka dubartiin kun lammaffaa hin deebine tilmaamanii haa turan malee isheen garuu deebitee ammas isaan waamsiste! Abbaanis dubartii kana yammuu argan ajaa'ibsifatani,  "Tole mucaa koo! Cubbuu koo isan ergan gaabbii gale dhiise sana Waaqayyoon gaafattee?" jedhan kolfaa! Isheenis, "Eyyeen Abbaa" jette qaana'aa!. "Tole maal siin jedhe?" jedhan abbaanis. Isheenis, "#Irraanfadheera naan jedhe" isaaniin jette.  Abbaan kunis deebii Waaqayyoo isaan hin eegne kanaan lapheen isaanii tuqamee "hiq-hiq" jedhanii bo'aa dubartii sana haammatan! ❓Maal Hubatte? ✍Dhalli namaa dhiifama guutuu hin qabu. Har'a gatii ilaalee yoo haa hafu siin jedhe, bor yammuu si lolu balleessaa kee isa dura haa hafu siin jedhe tokko tokkoon lakkaa'uun si ceepha'aa oola.  Waaqayyo garuu takkaa haa hafu siin jennaan irra deebi'ee hin yaadatu- Inni gatii ilaalee kan nama jaallatu miti, akkasumaan nama jaalate malee! Meeqan keenyatu kana beeknee gaabbii gallee dhiphinaa fi ba'aa cubbuun  nutti fide irraa hiikamuu barbaadna laata? 🙏Waaqayyo qalbii gaarii gaabbuuf ariifatu nuuf haa kennu! Ameen! https://t.me/Araaraat
1 68614Loading...
05
Silaa isin ture Kan fakkeenya ta'uu Ergama jalqabaa Warri galma ga'uu Silaa isin ture Kan dubbii qajeelchu Wanta jajjalate Dhidhibee bareechu Silaa isin ture Kan fageesse yaadu Miidhama kaanitiif Warri dursee aadu Silaa isin ture Kan furmaata ta'ee Qormata qolatu Hoolota bobbosee Tiskee kan galatuu Silaa isin turee Si digamee ijaaree Sa jiru jabeessuu Daandii abbootarra Dhaloota geggeessuu . . . . Erga sin hintaane Kan fakkeenya ta'u Tolaan nuuf haa dhufuu Wanti hundumtu haa ga'u❗ ✍Guutamaa! https://t.me/Araaraat
1 9494Loading...
06
🤔🤔Dursa haa xiyyeeffannu! 🤔🤔 🐶Guyyaa tokko sareen karaa osoo deema jirtu bishaan dheeboti. Baay'ee dheebochu irraa kan ka'e arraba ishee ala baaste deemti turte. Osoo deemtu hallayyaa tokko bira geessi. Itti siiqxee yoo ilaaltu bishaan achi keessa burqu waan tureef keessatti lafaan of dhooftee. Bishaan ishee sirriitti dhugdee dheebuu erga baatee booda keessa bahuuf karaa yoo ilaalattu, karaan keessa bahamu hin qabu. 🐐Osoo achii keessa teessu re'een akkuma ishee bishaan hedduu dheebotte tokko dhufte. Isheenis hallayyaa sana argite keessa buute dhugu sodaatte. Haa ta'u garuu saree itti cimsitee waan lallabdeef re'eenis keessatti lafaan of dhoofte. Bishaan ishee dhugdee erga quufteen booda karaa bahaa yoo ilaaltu hinqabu dhiphachuutti kaate. Dhiphuu ishee kan ilaalte sareen fala tokkon qaba jette. Fallii kunis lamaan keenya as keessa kan baasuudha ittin jetti. Re'eenis irratti walii galti. Yaadichi akkas ture ati harka kee lamaan ol kaastee tabbatti hojjettee dhaabbatta, ani immoo sirran ol bahee keessa baha achii booda simmoo harkiseen keessa si baasa jechuun waadaa galtiif. Re'eenis akkuma wali galtee isaanitti raawwatte saree boolla keessaa baastee atis na baasi jettin. Sareen garuu akkas jette deebisteef " gaafa seentu dura karaa baatu maaf itti hin yaadne"  jette boolla keessatti dhiistee bira deemte. 🐕Dubbisa kana irraa waan meeqa hubattan  laata? Wanta tokkoof dhiphaachuun, itti yaaduus ta'ee, xinxaluun dhimma keenya osoo hin eegaliin dura ta'u  qaba ture. Hedduun keenya garuu wanta hojjennu tokko, Gaa'ela illee dabalatee fiignee erga itti seenne booda gaafa gidduutti qorumsi xiqqoo nu qunnammu komiif qeeqatti seenna. Wanti jalqaba karaa sirrii nutti fakkaatu xiqqoo deemne yoo ilaallu dogoggora ta'u danda'a, haa ta'u garuu jalqaba sirriitti xinxaallee yoo eegalle bakka yaade ga'uuf baay'ee nutti hin ulfatu. Qorumsi yoo nu mudate illee keessa bahuuf furmata hinqabna. Miira keenyaan taanee wanta nuti ariitiin murteessinu umurii keenya guutuu aarsaa nu baasisu danda'a. Wanta ofii keenyaa murteessu dandeenyu akkasumas wanti sun akka nuuf bu'aa hin qabne osoo beeknu hojii nuti hojjennu hedduudha. Namni baay'ee wal harkaa fuudhe soba yoo nutti lallabee dhugaa nutti fakkaachuu danda'a. Kanaaf amma erga tokkoon siif qaba, wanta siif ta'uuf karaa siif ta'uu gaafa filattu namni akka siif filuuf bakka guddaa hin kenniniif. Dhugaa sammuun kee amanee Lallabni namoota akka si hin jijjireef kaayyoo keef ejjennoo cimaa qabadhu. Wanta hojjechuuf karoorsite namni si gargaarus, garuu akka siif hojjetu irraa hin eegin. Dogongorri keenya yeroo baay'ee, ofti amanamummaa nuti ejjennoo keenya irratti qabnu laafaadha waan taaneef osoo hin beekiin boolla keessaa bahuu hin dandeenye keessatti kufaa oolla. Boolla hin mallee keessatti akka hin kufneef dursa wanta hojjennuu hundaafuu xiyyeeffannoo haa kenninuun ergaa kooti! 🙏  Lafa Nagaa Turaa! Guutamaan Jimmaa; Adoolessa 16/2014 Yaada ykn Gaaffiif 👉👉👉 @GuutiiG Join gochuuf 👇👇👇👇👇👇🙏 https://t.me/Araaraat
2 25028Loading...
07
#Faarfannaa-Taklahaayimaanot Faaruun Faarfattoota Miidiyaa Sootiriyaan qophaa'e kan abbaa keenya qulqulluu #Taklahaayimaanot akkuma beellama keenyatti #Youtube Miidiyaa #Sootiriyaa irratti gadhiifameera. Liinkii armaan gadiin seenaa ittiin galateeffadhaa! Miidiyicha jajjabeessuuf #subscribe @share fi like godhuu hin dagatinaa Yaada fi gaaffii sagantaalee keenya irratti qabdaniif lakkoofsa bilbilaa 0982085508n nuuf bilbilaa Liinkin kunoo https://youtu.be/VgTi0Kn9wOo
1 4554Loading...
08
#Yaa_namaa! Akka bifaafi fakkeenya Waaqayyotti akka uumamte yaadadhu. Kanaaf yeroo waa'ee kee gaafatamtu hunda amantii guutuudhaan "Ani fakkeenya Waaqayyodha" jechuun dubbadhu. Ati kan lafa irraafi keessa jiran irra beekumsaafi yaaduun kan kennameef uumama Uumaati. Kanatti dabalees Waaqayyon beekuu, waaqeessu fi gammachiisu hunda beekumsa hubachuu uumama qabudha. Mee gaara dheeraa, galaana guddaa, aduu iftu fi ji'a calaqqistu caalaa akka gudda taate yaadi! Ati lafa onaa bal’aa fi dirree babal’ate caalaa, atoomii humna lafa irra jiru hunda balleessu caalaas guddaadha. Akkuma Macaafni Qulqulluun nutti himu kun hundinuu ni darbu. "Samii fi lafti ni darbu" (Maatewos 20:35). Ati garuu fakkii Waaqayyoo hin darbitu. Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos dubbii isaa isa bara baraatiin jireenya bara baraa akka qabaattu waadaa siif galeera. (Yohaannis 4:4) Yaa Nama! Amma, gatii lubbuu keetii fi guddummaa isheen Waaqayyo duratti argiteette ilaali? Waaqayyo hafuurota hamaa hundumaa irratti aangoo siif kennus, seexanni akka fedhetti ulfinaa fi guddummaa keetti akka qoosu ni hayyamtaa (Kitaaba Bilisummaa Lubbuu Abune Shinoodaa irraa) Yaa obbolootakoo! Jireenyi addunyaa kanaa akka abjuudha. Argitee kaate dhabda. Kanaafi Waaqayyos lafaattifi samiin ni dabarti kan jedhe. Qulq. Yohaannis Afaan Warqees akkas jedha "Jireenya addunyaa kana keessatti wanti ta'u hundi abjuudha. Abjuu keetiin dureeyyii ta'uun bu'aa maalii qaba? Namni abjuudhaan laphee hirribaa keessa ta'ee yoo dubbatu dubbii isaatiin itti hin murtoofamu. Garuu hirriba kana keessatti wanti jennu jireenya bara baraa nu dhowwuu danda'a." Kanaaf yaa namaa jireenya addunyaa kanaa abjuu taateef jettee kabajaa fi ulfina siif qophaa'e gaafa dhabdu maaltu sitti dhagaha'ama? Waaqayyo bifa keenya isa ganama isa ittin uumamne qabanne akka jiraannuuf nu haa gargaaruu. Guutamaa(G. G) https://t.me/Araaraat
3 26113Loading...
09
#Namni_Waan_Isinitti_Dhaadateef_miti_kan_Isiniif_dhumatu!           "Barumsa Goondaa Irraa" ☑ Goondaan tokko ulfaatina ishee irra dachaa kudhaan kan caaluu baattee gara fulduraatti deemti turte. Kara adeeman tokko osoo achiin darbaa jiru argee, luka isaas kaase amma xiqqoon tokko hafutti irra hojjete walitti macaleessuuf jedha "Goondaan kun takka osoon cammaa koon irra hojjedhe ni dhumataafim, deemsi ishee, hojiin ishee fi lubbuun ishee harka koo jala jira" jedhee osoo ofitti haasa'uu hiriyaan isaa achiin darbuu dhufe argee "Qofaa kee akka maraatuu kan haasoftu maal taate? Gadi jettes kan ilaaltu hoo maaliidha?" Jedhe. Kara deemichis wanta Goondaa irratti gochuuf jiru itti hima. ☑ Kara deemichis gara hiriyaa isaatti gara galuun ofitti kan odeessaa ture, jireenyi goondaa murtoo isaa jala akka jirtu irra deebi'aaf. Hiriyaan isaas " Sitti fakkaateti malee lubbuun goondaa harkaa uuma isheeti malee harka kee miti" ittin jedha. Dhimma kana irratti xiqqoo erga wal falmanii " kara deemichi egaa sin agarsiisa" jedhe irra hojjechuuf yoo ilaalu, isheen yeroo isaan wal falmaa turan osoo hin dhaabbatiin, bitaafi mirga osoo hin jedhin callistee karaa ishee irratti xiyyeeffatte goondaan deema turte fagoo geesse dhokatteetti. #Ergaan_guddaa_Goondaa_kanaa... ⚠ Namni Waan isinitti dhaadateef miti kan isin dhumatu, isin sababa sanaaf gaafa dhaabbattan qofa kan siif dhumatu. Namni sin balleessa jedheef miti kan ati badduu, namni kun na balleessuuf jettanii gaafa sodaattaniifi gaafa dhiphattan baddu malee. Namni waan si dhumate jedheef miti kan siif dhumatu, gaafa ati naaf raawwatee jettudha kan siif dhumatu. ⚠ Maalis ta'e maal callisi karaa kee itti fufi waan fedhaan yoo jedhaniis ofii kee irratti xiyyeeffadhu! Guutamaa Goobanaa Finfinnee https://t.me/Araaraat
3 05311Loading...
10
Maatii Taatanii Jirtuu❓ ➭Jaalatamaa/tuu obboleessa/eettii koo nageenyi Waaqayyoo siif haa baay'atu; waa si yaadachiisuu?! Tole! Bara keenya kanatti dhiibbaa miidiyaan hawaasaa fi ammayyummaa ana fi si'i dabalatee dhaloota irratti fidaa jiru hammam akka ta'e sitti hin himu, atiyyuu beekta waan ta'eef! Dhiibbaan kun guyyaa irraa gara guyyaatti dachaan dabalaa deemuun isaa immoo waan nama rifachiisuu fi sodaachisudha. Kanaan walqabatee manni kiristaanaa kee , haati kee ishee dhugaan baduu dhalootaa hin barbaadne kun osoo maal fa'a hojjette furmaatadha jetta? Tarii akkuma koo tajaajila afuurawaa qindaa'aa ta'ee fi bilchaataa ta'e  miidiyaalee hawaasaatiin tamsaasuun dhiibbaa jiru kana akka carraa gaariitti fayyadamuu qabdi jetta ta'a. Dhugaadha mana kiristaanaaf miidiyaaleen hawaasaa hedduun ishee barbaachisu; hedduu qofa osoo hin taane miidiyaa guddaatu isheef mala. Miidiyaa guddaan immoo kan jiraatu yoo anaaf si'i, obboloonni keenyi biroonis walirraa gargar faca'uu dhiisnee walitti dhufnee karaa dandeenyuun tumsa taasisnedha. Tumsa taasisuu barbaaddaaree?! Koottu kunoo miidiyaa mana kiristaanaa kan ta'e tokko  "Miidiyaa Sootiriyaa" #Subscribe #Follow #Like #Join gochuun maatii haa taanu; obboloota keenyas affeeruun tumsuma xiqqoo kana  irraa haa eegallu. Obboloota jaalattu qabda mitii?!; mee affeerraa kana ergiif! Toora miidiyaalee hawaasaa Miidiyaa Sootiriyaa👇 ➭YouTube►https://youtube.com/@soteriamedia21 ➭Telegram Channel►https://t.me/Soteriamedia ➭Facebook Page►https://www.facebook.com/soteriamedia21
2 5715Loading...
11
#Walaloo Walaloo afuurawaa mata duree "Eenyutu Hubatee?" jedhu B/saa Misgaanuu Yaadasaa (Dn) tiin Miidiyaa Sootiriyaa irratti! Tajaajilichi kan hunda keenyaa waan ta'eef YouTube Miidiyichaa #subscribe gochuun, hiriyyoota keessan affeeruun tajaajilicha haa deeggaru! Miidiyaa Sootiriyaa👇 https://youtu.be/bGQdJZwX-aU
2 5156Loading...
12
#Dilbanni_kees_dhufaa_jira. 1. Pheexiroos duuka bu'aan gooftaaf dhiyoo ta'e walitti aansuun yeroo sadiif ganee jira. Amma halli yaraan hin jirreetti hiriyoonni kee fira gaariidha. Yeroo rakkootti garuu warra dhugaa ta'an adda baaste akka beektu godha. Yeroo rakkootti si bira yoo hin jiranne hiriyoota kee miti jechuudhaa. 2. Yerooo tokkotti namoonni raajjii Kiristoositti fayyadamanii turan Kiristoosiin irra, yakkamaa Barbaaniin filatan. Jireenya isaanitiin namoonni dandeetti yeroo gabaabaaf yaadachu qofa qabu. Namoonni baayeen wanta gaarii ati gooteef hin yaadatan. Ta'us garuu gaarummaa sana dhabuu hinqaba ture. 3. Loltoonni sun kan arrabsan, kan itti tufaan, kan itti qoosan eenyuu akka ta'e hin beekan turan. Namoota hundumaa kabajii, keessattu eenyu akka ta'an warra hin beekne. Namoonni tokkko tokko gara jireenya keenyatti kan dhufaan furtuu eebbifamaan, balbala jireenya keenya eebbifama banuuf ture. 4. Jimaataa awwaalanii turan, dilbata immoo du'aa ka'umsa isaatii. Guyyoonni gaariin keenya guyyoota yaraa keenya irraa baay'ee akka hin fagaanne osoo beekne xiqqoo jabaannee eegna turre. Obsi! Dilbanni keesse dhufaa jiraa! 5. Kiristoos kan fannifamee hattoota lamaa wajjiin ture; yoo ilaaltu hattoota sadii fakkaatu ture. Hin Murteessin! warra shakkaman gidduu warri dhugaa miidhaman jiru waan ta'eef. Dubbartoonni osoo hin heerumiin ulfa'aan hunduu sagaagaltoota miti. Kan fannifame hunduumtis yakkamoota miti. https://t.me/Araaraat
2 2969Loading...
#Olba'eera! #Eenyu? #INNI: 1. Osoo hin mul'atin gadi bu'ee Mul'atee ol deebi'e: Maqaan Isaa ajaa'iba, Gorsaa, Humna-qabeesaa, Hoogganaa nagaa kan jedhame ulfinni waamamuu Maqaa Isaaf haata'uuti dhokatee gara biyya lafaatti gadi dhufe. Waaqummaa Isaa dhoksee nama fakkaatee, humna Isaa dhoksee dadhabaa fakkaatee, Hoogganaa ta'uu Isaa dhoksee hooggantoota lafa irraatiin bulee, Abbaa seeraa ta'uu Isaa dhoksee seera isaanii kabajee biyya lafaa irra yeroo daangofteef jiraate. Yemmuu ol ba'etti garuu Waaqummaa Isaa, Humnaa fi Aangoo Isaa, Hooggansa Isaa ifatti mul'ise. Kanaaf Waaqni keenya yemmuu nuti afuuraan gadi buunu, yemmuu cubbuutti kufnu nuuf dhoksa. Yemmuu nuti hojii gaarii xiqqoo hojjennu immoo ol nu baasa. Osoo akkas miti ta'e har'a eenyutu maqaa kabajaa har'a qabu kanaan waamamaa? Inni mul'inaan ol-ba'e kun isa mul'inatti ol si baasudha. 2. Gara gadii yemmuu turetti arrabsoo hedduu baate, yemmuu ol bahe garuu galataa fi kabaja baate: Gooftaan keenya umurii nama ta'ee biyya lafaa irra jiraatetti maqaa isaaf hin malle heddutu mogga'eef. Arrabsoo heddu arrabsame; gosti arrabsoowwanii hamma lafa irra dhumanitti hunduu jecha beekuun isa arrabse. Yemmuu ol ba'etti garuu raayyaan Ergamoota samii dhufanii galataa fi kabajaan, faaruudhaan simatan. Duumessi ulfinaa dhufee Mootii ulfinaa simate. Warri yeroo inni biyya lafaa irra ture Isaan of qixxeesaanii Isa ilaalaa turanis qaana'anii, achii ol Isa ilaalan; ofii isaaniitii garuu garuma gadiitti hafan. . Atis har'a gaafa jireenyaa fi milkaa'inaan gadi buutu kan si arrabsu malee kan si faarsu hin jiru. Biyyi lafaa kun warra gadi bu'an gargaartee ol kaasuu caalaa tuullaa arrabsoo irra tuuluu jaallatti. Gaafa ati tirattee ol kaatu garuu gaabbiidhaan achii ol si ilaalti. Ol ka'uun siif dhufaatii abdii hin kutin. Arraba kee hamaa dubbachuu irraa eeggadhu! Gaarummaa jaalladhu! Warra gaddan wajjin onnee keerraa gadii, kan gammadan wajjinis garaa guutuu gammadi. Karaan dhugaa isheen ol nama kaaftu ishee kanadha. 3. Gara gadii yemmuu turetti tuullaa salphinaa baate, yemmuu ol ba'etti garuu ulfina Waaqummaatiin Mirgaa Abbaa taa'e:- Yihuudonni guyyaa jimaataa mee raajii dubbadhu jedhaniin, cubbamtoonnis of fayyisii nuunis fayyisi jedhaniin. Qoosaa itti baay'isan, ni salphisan, kabaji Waaqummaa Isaa haa turuutii hamma Abrahaamillee Isa kabajuu hin dandeenye. Gara gadii kana tuullaa salphinaatu jira. Maarree haadhoo koo, yemmuu biyya lafaa kana irra jirtu akkamitti kabajan dhabe jettee aartee gadditaa? Isheenoo tasuma kabaja hin beektu salphina malee; osoo si kabajjeeyyuu fakkeessuufi malee hin sobdi isheen. Xiqqoo turtee salphina kee lakkoofti. Daqiiqaa tokkoof si jajjee waggaa tokkoof si jaji'atti. Gara gadii kana irraa kabaja hin eegin. Warri gara gadii waanuma gadii malee kabaja siif hin laatani; Kiristoosiin ilaali. 4. Kiyyoon fannoo biyya lafaa irraa isaaf qopha'e Ol ba'uu irraa isa hin daangessine: Akka yaada warra Isaan mormaniitti Kiristoos fannifamee du'a; achii booda ni awwalama; awwaala keessttis hafa ture. Kun hunduu hawwii warra Waaqummaa Isaatiin mormanii ta'ee hafe malee Inni awwaala keessattis hin hafne; simboo sodaachisaadhaan du'aa ka'e. Du'aa erga ka'ee boodas warra gadii kana biraa gara samiitti ol bahe. Garri gadii kun fannoo qabdi, kiyyoon ishees cimaadha. Abjuu du'aa fi salphinaa namaaf abjootti malee afuura nagaa namatti hin baafattu. Karaa tokkoonis ta'e karaa biraa kiyyoo keessatti si kuffisuuf carraaqxi; kun hunduu Gooftaa keenya Iyyasuus irras ga'eera. Mee ol ilaali! Samii bareedduu bal'oo argita; qilleensa nagaa harganta; sagalee simbirrootaa kan si gammachiisu dhageessa; abdiidhaan guutamta. Gara olii hamiin hin jiru galata malee; arrabsoon hin jiru faaruu malee; naasuun hin jiru tasgabbii malee; dhukkubni hin jiru fayyummaa malee; gaddi hin jiru gammachuu malee; jibbi hin jiru jaalala malee; yaaddoon hin jiru boqonnaa malee. Baga Ayyaana Ol-ba'uu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin isin ga'e! Ameen! // Madda:- Fuula FB Dn Misgaanuu. Y irraa https://t.me/Araaraat
Hammasini ko'rsatish...
Gaaffii Keessaniif Deebii

Gaaffiwwan dargaggootaa amantaan walqabatan kan barsiisota M/K/O/T Itoophiyaan deebiin itti kenname, karaa barreeffamaafi sagaleen dabarsuuf chaanaalii baname dha. 👉 Yaadaafi gaaffii qabdaniif @GuutiiG

14👍 4
Yeroo Kiristaanotaa Miidiya Sootiriyaa waliin Gaa'ela dhaabbattanii moo dhaabbachuuf karoora qabdu? Mee qophii kana hordofaa irraa baradhaa! Qophii keenya har'aatin! Gaa'ela irratti   #Kutaa 1ffaa #Gaa'elli maali? #Yoom hundeeffame #Fakkeenyi gaa'elaa fi mana kiristaanaa fi gooftaa Iyyasuus Kiristoos akkamiin ilaalama? #Eefeson boqonnaa 5 lakkoofsa 22 hanga 32 dhimma #gaa'elaa icciitin ibsame akkamiin hubatama? #Sirnootni gaa'elaa mana kiristaanaa keenyaa akkamiin ilaalamu Miidiyicha jajjabeessun kiristaanota wal haa agarsiifnu #subscribe, #share fi #like akka gootan isin yaadachiifna https://youtu.be/rUcINM55bcM
Hammasini ko'rsatish...
Af-gaaffii dhimma gaa'ela qulqulluu(kiristaanotaa) irratti M/TS/M/A Luba Dibakulluu wajjin taasifame

Yeroo Kiristaanotaa Sootiriyaan sagantaa haaraa fi bal'aa ta'e ummata kiristaanaaf qabattee dhuftee jirti. Sagantaa #Yeroo #Kiristaanotaa jedhama Yeroo dhimmi kiristaanotaa itti baratamu Yeroo kiristaanotni walirraa baratan Yeroo kiristaanotni wal mari'atan Yeroo sirna kiristaanotaa addunyaaf ibsinee barsiifnu Yeroo kiristaanotni itti wal gorsan Yeroo tajaajiltootni, maatiin, lubootni fi monoksoonni gamtaan waliin dabarsan Sootiriyaan qabattee dhuftee jirti Yeroo dhimmi diinagdee kiristaanotaa itti xinxaalamu Yeroo gaa'elli kiristaanotaa itti kunuunfamu Yeroo jiruu luboota baadiyyaa itti hubannu Yeroo jaarsummaa fi safuun hawaasa keenyaa ija amantaan itti hubatamuudha Tajaajila Miidiyichaa jajjabeessuf #subscribe ,#share fi like gochuun hawaasa kiristaanaa bal'aa biraan gahaa Yaadaa fi gaaffii sagnataalee keenya irratti qabdaniif lakkoofsota bilbilaa +251982084408 / +251982085508 irratti nuuf bilbiluu dandeessu. Tajaajilicha bal'inaan argachuuf ykn immoo Kiristaanota biraan gahuuf karaa linkiiwwan armaan gadiitin #Subscribe, Join, follow godhaa!👇 ➭YouTube ►

https://youtube.com/@Soteriamedia21?si=VMAMZpRtucXIkMwg

➭Telegram Channel ►

https://t.me/Soteriamedia

➭Facebook Page ►

https://www.facebook.com/soteriamedia21

#EOTC #church #Lallaba #Ortodoksii #Orthodox #faaruuortodoksii #faaruu #mezmur #sibket #ethiopianorthodoxtewahedochurch #spritual #coomingsoon #Tajaajila #salvation #tewahedo #amen

6🥰 2
''Iccitiin kun guddaadha'' Eef 5:32 Dhimma gaa'elaa irratti hubannoo gaarii akka argattaniif barreeffama Miidiyaa keenyan qophaa'e ''Instant view'' kan jedhu tuquun qayyabadhaa https://telegra.ph/Icciitin-kun-guddaadha-Eef-532-06-07 Miidiyaa Sootiriyaa👇 ➭YouTube►https://youtube.com/@Soteriamedia21?si=VMAMZpRtucXIkMwg ➭Telegram Channel►https://t.me/Soteriamedia ➭Facebook Page►https://www.facebook.com/share/Fism921qf9FupwCN/?mibextid=oFDknk
Hammasini ko'rsatish...
''Icciitin kun guddaadha'' Eef 5:32

''Icciitin kun guddaadha'' Eef 5:32 Gaa'ela qulqullii irratti hubannoo gahaa qabnaa? Dhimma icciitii guddaa kanaa isaan ajaa'ibsiisoo ta'an keessaa mee wantoota muraasa haa kaafnu Qulqulluu Phaawuloos ergaa Eefesooniif erge boqonnaa shan lakkoofsa digdamii lama irraa kaasee hanga lakkoofsa soddomii lamaatti waa'ee icciitii guddaa (icciitii taklilii ) barreessee jira. Icciitiin kun icciitiwwan mana kiristaanaa torban keessaa isa tokko yoo ta'u hiikni isaas kabaja(ulfina) jechuudha. Kiristaanota qabsuura…

👍 11 4
Irraanfadheera! ✍Dubartiin godeettiin tokko gara abbaa afuuraa tokko deemtee, "Waaqayyo yeroo hundumaa natti dubbata" isaaniin jette. Abbaan kunis dubbichi isaaniif galuu didnaan aaruudhaan ishee dhiisanii deeman. Guyyaa biraas dubartiin kun deebitee, "Waaqayyo galgala galgala natti dubbata" isaaniin jette. ✍Abbaan dubbii dubartii kanaa nuffan kunis yammuu isheen akkuma bartetti dhuftee isaanitti dubbattu, "Dhugumatti yoo Waaqayyo guyyaa guyyaan dhufee kan sitti dubbatu yoo ta'e akkan si amanuuf hojii manaa tokko nan siif kenna" jedhan hubachaa ishee ilaalaa! Dubartittiinis kan isheetiin jedhan hunda gochuuf waadaa seente. ✍Abbaan sunis gaaffii dubartii kana narraa kuta jedhanii yaadan ishee gaafatan. Kunis, "Dhugumatti Waaqayyo kan wajjin dubbatu yoo ta'e mee har'a galgala gaaffii tokko naaf gaafadhu" kan jedhu ture. Dubartittiinis suutuma, "Maal siniif gaafadhu?" jette. Isaanis, " Waggoota dheeraaf dhiisuu kan hin dandeenye, ji'a dura garuu gaabbii galuun kanan dhiise cubbuu tokkotu ture. Cubbuun kun maal akka ture gaafadhuu natti himi. Isa yoo sitti hime dhuguma Waaqayyo si waliin akka dubbatu nan amana jedhan. Dubartittiinis gara manasheetti deebite. ✍Abbaan akka dubartiin kun lammaffaa hin deebine tilmaamanii haa turan malee isheen garuu deebitee ammas isaan waamsiste! Abbaanis dubartii kana yammuu argan ajaa'ibsifatani,  "Tole mucaa koo! Cubbuu koo isan ergan gaabbii gale dhiise sana Waaqayyoon gaafattee?" jedhan kolfaa! Isheenis, "Eyyeen Abbaa" jette qaana'aa!. "Tole maal siin jedhe?" jedhan abbaanis. Isheenis, "#Irraanfadheera naan jedhe" isaaniin jette.  Abbaan kunis deebii Waaqayyoo isaan hin eegne kanaan lapheen isaanii tuqamee "hiq-hiq" jedhanii bo'aa dubartii sana haammatan! ❓Maal Hubatte? ✍Dhalli namaa dhiifama guutuu hin qabu. Har'a gatii ilaalee yoo haa hafu siin jedhe, bor yammuu si lolu balleessaa kee isa dura haa hafu siin jedhe tokko tokkoon lakkaa'uun si ceepha'aa oola.  Waaqayyo garuu takkaa haa hafu siin jennaan irra deebi'ee hin yaadatu- Inni gatii ilaalee kan nama jaallatu miti, akkasumaan nama jaalate malee! Meeqan keenyatu kana beeknee gaabbii gallee dhiphinaa fi ba'aa cubbuun  nutti fide irraa hiikamuu barbaadna laata? 🙏Waaqayyo qalbii gaarii gaabbuuf ariifatu nuuf haa kennu! Ameen! https://t.me/Araaraat
Hammasini ko'rsatish...
Gaaffii Keessaniif Deebii

Gaaffiwwan dargaggootaa amantaan walqabatan kan barsiisota M/K/O/T Itoophiyaan deebiin itti kenname, karaa barreeffamaafi sagaleen dabarsuuf chaanaalii baname dha. 👉 Yaadaafi gaaffii qabdaniif @GuutiiG

👍 11🥰 1
Photo unavailableShow in Telegram
Silaa isin ture Kan fakkeenya ta'uu Ergama jalqabaa Warri galma ga'uu Silaa isin ture Kan dubbii qajeelchu Wanta jajjalate Dhidhibee bareechu Silaa isin ture Kan fageesse yaadu Miidhama kaanitiif Warri dursee aadu Silaa isin ture Kan furmaata ta'ee Qormata qolatu Hoolota bobbosee Tiskee kan galatuu Silaa isin turee Si digamee ijaaree Sa jiru jabeessuu Daandii abbootarra Dhaloota geggeessuu . . . . Erga sin hintaane Kan fakkeenya ta'u Tolaan nuuf haa dhufuu Wanti hundumtu haa ga'u❗ ✍Guutamaa! https://t.me/Araaraat
Hammasini ko'rsatish...
22👍 7🥰 4
🤔🤔Dursa haa xiyyeeffannu! 🤔🤔 🐶Guyyaa tokko sareen karaa osoo deema jirtu bishaan dheeboti. Baay'ee dheebochu irraa kan ka'e arraba ishee ala baaste deemti turte. Osoo deemtu hallayyaa tokko bira geessi. Itti siiqxee yoo ilaaltu bishaan achi keessa burqu waan tureef keessatti lafaan of dhooftee. Bishaan ishee sirriitti dhugdee dheebuu erga baatee booda keessa bahuuf karaa yoo ilaalattu, karaan keessa bahamu hin qabu. 🐐Osoo achii keessa teessu re'een akkuma ishee bishaan hedduu dheebotte tokko dhufte. Isheenis hallayyaa sana argite keessa buute dhugu sodaatte. Haa ta'u garuu saree itti cimsitee waan lallabdeef re'eenis keessatti lafaan of dhoofte. Bishaan ishee dhugdee erga quufteen booda karaa bahaa yoo ilaaltu hinqabu dhiphachuutti kaate. Dhiphuu ishee kan ilaalte sareen fala tokkon qaba jette. Fallii kunis lamaan keenya as keessa kan baasuudha ittin jetti. Re'eenis irratti walii galti. Yaadichi akkas ture ati harka kee lamaan ol kaastee tabbatti hojjettee dhaabbatta, ani immoo sirran ol bahee keessa baha achii booda simmoo harkiseen keessa si baasa jechuun waadaa galtiif. Re'eenis akkuma wali galtee isaanitti raawwatte saree boolla keessaa baastee atis na baasi jettin. Sareen garuu akkas jette deebisteef " gaafa seentu dura karaa baatu maaf itti hin yaadne"  jette boolla keessatti dhiistee bira deemte. 🐕Dubbisa kana irraa waan meeqa hubattan  laata? Wanta tokkoof dhiphaachuun, itti yaaduus ta'ee, xinxaluun dhimma keenya osoo hin eegaliin dura ta'u  qaba ture. Hedduun keenya garuu wanta hojjennu tokko, Gaa'ela illee dabalatee fiignee erga itti seenne booda gaafa gidduutti qorumsi xiqqoo nu qunnammu komiif qeeqatti seenna. Wanti jalqaba karaa sirrii nutti fakkaatu xiqqoo deemne yoo ilaallu dogoggora ta'u danda'a, haa ta'u garuu jalqaba sirriitti xinxaallee yoo eegalle bakka yaade ga'uuf baay'ee nutti hin ulfatu. Qorumsi yoo nu mudate illee keessa bahuuf furmata hinqabna. Miira keenyaan taanee wanta nuti ariitiin murteessinu umurii keenya guutuu aarsaa nu baasisu danda'a. Wanta ofii keenyaa murteessu dandeenyu akkasumas wanti sun akka nuuf bu'aa hin qabne osoo beeknu hojii nuti hojjennu hedduudha. Namni baay'ee wal harkaa fuudhe soba yoo nutti lallabee dhugaa nutti fakkaachuu danda'a. Kanaaf amma erga tokkoon siif qaba, wanta siif ta'uuf karaa siif ta'uu gaafa filattu namni akka siif filuuf bakka guddaa hin kenniniif. Dhugaa sammuun kee amanee Lallabni namoota akka si hin jijjireef kaayyoo keef ejjennoo cimaa qabadhu. Wanta hojjechuuf karoorsite namni si gargaarus, garuu akka siif hojjetu irraa hin eegin. Dogongorri keenya yeroo baay'ee, ofti amanamummaa nuti ejjennoo keenya irratti qabnu laafaadha waan taaneef osoo hin beekiin boolla keessaa bahuu hin dandeenye keessatti kufaa oolla. Boolla hin mallee keessatti akka hin kufneef dursa wanta hojjennuu hundaafuu xiyyeeffannoo haa kenninuun ergaa kooti! 🙏  Lafa Nagaa Turaa! Guutamaan Jimmaa; Adoolessa 16/2014 Yaada ykn Gaaffiif 👉👉👉 @GuutiiG Join gochuuf 👇👇👇👇👇👇🙏 https://t.me/Araaraat
Hammasini ko'rsatish...
Gaaffii Keessaniif Deebii

Gaaffiwwan dargaggootaa amantaan walqabatan kan barsiisota M/K/O/T Itoophiyaan deebiin itti kenname, karaa barreeffamaafi sagaleen dabarsuuf chaanaalii baname dha. 👉 Yaadaafi gaaffii qabdaniif @GuutiiG

👍 11 7🥰 4
Repost from N/a
#Faarfannaa-Taklahaayimaanot Faaruun Faarfattoota Miidiyaa Sootiriyaan qophaa'e kan abbaa keenya qulqulluu #Taklahaayimaanot akkuma beellama keenyatti #Youtube Miidiyaa #Sootiriyaa irratti gadhiifameera. Liinkii armaan gadiin seenaa ittiin galateeffadhaa! Miidiyicha jajjabeessuuf #subscribe @share fi like godhuu hin dagatinaa Yaada fi gaaffii sagantaalee keenya irratti qabdaniif lakkoofsa bilbilaa 0982085508n nuuf bilbilaa Liinkin kunoo https://youtu.be/VgTi0Kn9wOo
Hammasini ko'rsatish...
Ulfinni kee// Faarfannaa faarfattoota Miidiyaa Sootiriyaatin

Faaruu Afaan Oromoo Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa faarfattoota Miidiyaa Sootiriyaatin qophaa'e. Ulfinni kee kennaan kee jabaa... Tajaajilicha bal'inaan argachuuf yookin immoo Kiristaanota biraan gahuuf karaa linkiiwwan armaan gadiin seenuu dandeessu Subscribe, Join, follow godhaa!👇 ➭YouTube ►

https://youtube.com/@Soteriamedia21?si=VMAMZpRtucXIkMwg

➭Telegram Channel ►

https://t.me/Soteriamedia

➭Facebook Page ►

https://www.facebook.com/soteriamedia21

#EOTC #church #Lallaba #Ortodoksii #Orthodox #faaruuortodoksii #faaruu #mezmur #sibket #ethiopianorthodoxtewahedochurch #spritual #coomingsoon #Tajaajila #salvation #tewahedo #amen

🥰 13👍 4
#Yaa_namaa! Akka bifaafi fakkeenya Waaqayyotti akka uumamte yaadadhu. Kanaaf yeroo waa'ee kee gaafatamtu hunda amantii guutuudhaan "Ani fakkeenya Waaqayyodha" jechuun dubbadhu. Ati kan lafa irraafi keessa jiran irra beekumsaafi yaaduun kan kennameef uumama Uumaati. Kanatti dabalees Waaqayyon beekuu, waaqeessu fi gammachiisu hunda beekumsa hubachuu uumama qabudha. Mee gaara dheeraa, galaana guddaa, aduu iftu fi ji'a calaqqistu caalaa akka gudda taate yaadi! Ati lafa onaa bal’aa fi dirree babal’ate caalaa, atoomii humna lafa irra jiru hunda balleessu caalaas guddaadha. Akkuma Macaafni Qulqulluun nutti himu kun hundinuu ni darbu. "Samii fi lafti ni darbu" (Maatewos 20:35). Ati garuu fakkii Waaqayyoo hin darbitu. Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos dubbii isaa isa bara baraatiin jireenya bara baraa akka qabaattu waadaa siif galeera. (Yohaannis 4:4) Yaa Nama! Amma, gatii lubbuu keetii fi guddummaa isheen Waaqayyo duratti argiteette ilaali? Waaqayyo hafuurota hamaa hundumaa irratti aangoo siif kennus, seexanni akka fedhetti ulfinaa fi guddummaa keetti akka qoosu ni hayyamtaa (Kitaaba Bilisummaa Lubbuu Abune Shinoodaa irraa) Yaa obbolootakoo! Jireenyi addunyaa kanaa akka abjuudha. Argitee kaate dhabda. Kanaafi Waaqayyos lafaattifi samiin ni dabarti kan jedhe. Qulq. Yohaannis Afaan Warqees akkas jedha "Jireenya addunyaa kana keessatti wanti ta'u hundi abjuudha. Abjuu keetiin dureeyyii ta'uun bu'aa maalii qaba? Namni abjuudhaan laphee hirribaa keessa ta'ee yoo dubbatu dubbii isaatiin itti hin murtoofamu. Garuu hirriba kana keessatti wanti jennu jireenya bara baraa nu dhowwuu danda'a." Kanaaf yaa namaa jireenya addunyaa kanaa abjuu taateef jettee kabajaa fi ulfina siif qophaa'e gaafa dhabdu maaltu sitti dhagaha'ama? Waaqayyo bifa keenya isa ganama isa ittin uumamne qabanne akka jiraannuuf nu haa gargaaruu. Guutamaa(G. G) https://t.me/Araaraat
Hammasini ko'rsatish...
Gaaffii Keessaniif Deebii

Gaaffiwwan dargaggootaa amantaan walqabatan kan barsiisota M/K/O/T Itoophiyaan deebiin itti kenname, karaa barreeffamaafi sagaleen dabarsuuf chaanaalii baname dha. 👉 Yaadaafi gaaffii qabdaniif @GuutiiG

🙏 15 11👍 9
#Namni_Waan_Isinitti_Dhaadateef_miti_kan_Isiniif_dhumatu!           "Barumsa Goondaa Irraa" ☑ Goondaan tokko ulfaatina ishee irra dachaa kudhaan kan caaluu baattee gara fulduraatti deemti turte. Kara adeeman tokko osoo achiin darbaa jiru argee, luka isaas kaase amma xiqqoon tokko hafutti irra hojjete walitti macaleessuuf jedha "Goondaan kun takka osoon cammaa koon irra hojjedhe ni dhumataafim, deemsi ishee, hojiin ishee fi lubbuun ishee harka koo jala jira" jedhee osoo ofitti haasa'uu hiriyaan isaa achiin darbuu dhufe argee "Qofaa kee akka maraatuu kan haasoftu maal taate? Gadi jettes kan ilaaltu hoo maaliidha?" Jedhe. Kara deemichis wanta Goondaa irratti gochuuf jiru itti hima. ☑ Kara deemichis gara hiriyaa isaatti gara galuun ofitti kan odeessaa ture, jireenyi goondaa murtoo isaa jala akka jirtu irra deebi'aaf. Hiriyaan isaas " Sitti fakkaateti malee lubbuun goondaa harkaa uuma isheeti malee harka kee miti" ittin jedha. Dhimma kana irratti xiqqoo erga wal falmanii " kara deemichi egaa sin agarsiisa" jedhe irra hojjechuuf yoo ilaalu, isheen yeroo isaan wal falmaa turan osoo hin dhaabbatiin, bitaafi mirga osoo hin jedhin callistee karaa ishee irratti xiyyeeffatte goondaan deema turte fagoo geesse dhokatteetti. #Ergaan_guddaa_Goondaa_kanaa... ⚠ Namni Waan isinitti dhaadateef miti kan isin dhumatu, isin sababa sanaaf gaafa dhaabbattan qofa kan siif dhumatu. Namni sin balleessa jedheef miti kan ati badduu, namni kun na balleessuuf jettanii gaafa sodaattaniifi gaafa dhiphattan baddu malee. Namni waan si dhumate jedheef miti kan siif dhumatu, gaafa ati naaf raawwatee jettudha kan siif dhumatu. ⚠ Maalis ta'e maal callisi karaa kee itti fufi waan fedhaan yoo jedhaniis ofii kee irratti xiyyeeffadhu! Guutamaa Goobanaa Finfinnee https://t.me/Araaraat
Hammasini ko'rsatish...
Gaaffii Keessaniif Deebii

Gaaffiwwan dargaggootaa amantaan walqabatan kan barsiisota M/K/O/T Itoophiyaan deebiin itti kenname, karaa barreeffamaafi sagaleen dabarsuuf chaanaalii baname dha. 👉 Yaadaafi gaaffii qabdaniif @GuutiiG

👍 15🥰 6🙏 2👏 1
Maatii Taatanii Jirtuu❓ ➭Jaalatamaa/tuu obboleessa/eettii koo nageenyi Waaqayyoo siif haa baay'atu; waa si yaadachiisuu?! Tole! Bara keenya kanatti dhiibbaa miidiyaan hawaasaa fi ammayyummaa ana fi si'i dabalatee dhaloota irratti fidaa jiru hammam akka ta'e sitti hin himu, atiyyuu beekta waan ta'eef! Dhiibbaan kun guyyaa irraa gara guyyaatti dachaan dabalaa deemuun isaa immoo waan nama rifachiisuu fi sodaachisudha. Kanaan walqabatee manni kiristaanaa kee , haati kee ishee dhugaan baduu dhalootaa hin barbaadne kun osoo maal fa'a hojjette furmaatadha jetta? Tarii akkuma koo tajaajila afuurawaa qindaa'aa ta'ee fi bilchaataa ta'e  miidiyaalee hawaasaatiin tamsaasuun dhiibbaa jiru kana akka carraa gaariitti fayyadamuu qabdi jetta ta'a. Dhugaadha mana kiristaanaaf miidiyaaleen hawaasaa hedduun ishee barbaachisu; hedduu qofa osoo hin taane miidiyaa guddaatu isheef mala. Miidiyaa guddaan immoo kan jiraatu yoo anaaf si'i, obboloonni keenyi biroonis walirraa gargar faca'uu dhiisnee walitti dhufnee karaa dandeenyuun tumsa taasisnedha. Tumsa taasisuu barbaaddaaree?! Koottu kunoo miidiyaa mana kiristaanaa kan ta'e tokko  "Miidiyaa Sootiriyaa" #Subscribe #Follow #Like #Join gochuun maatii haa taanu; obboloota keenyas affeeruun tumsuma xiqqoo kana  irraa haa eegallu. Obboloota jaalattu qabda mitii?!; mee affeerraa kana ergiif! Toora miidiyaalee hawaasaa Miidiyaa Sootiriyaa👇 ➭YouTube►https://youtube.com/@soteriamedia21 ➭Telegram Channel►https://t.me/Soteriamedia ➭Facebook Page►https://www.facebook.com/soteriamedia21
Hammasini ko'rsatish...
MIIDIYAA SOOTIRIYAA ሶትርያ ሚዲያ

Miidiyaa #Seeraa fi #Sirna Mana Kiristaanaa Ortodooksi #Tawaahidoo Itoophiyaa Eegee Barumsa Mana Kiristaanaa (#Doogmaa, #Qannoonaa fi #Darbii_Darboo Qulqullaa'oo) Barsiisu. Yaadaa fi Gaaffii qabdan maraaf karaa @Sotm001 fi @Sotm002 keessaan nu quunnamaa.

12👍 5