uz
Feedback
Hospitaala Kompireensiivii Ispeeshaalaayizdii Yuunivarsiitii Wallaggaa

Hospitaala Kompireensiivii Ispeeshaalaayizdii Yuunivarsiitii Wallaggaa

Kanalga Telegram’da o‘tish

HRYW4 WU Referral Hospital

Ko'proq ko'rsatish
1 346
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
+77 kunlar
+830 kunlar
Postlar arxiv
#Guyyaan_Galmeefi_Eebbaa_Murtaa'e Seeneetiin Yuunivarsiitii Wallaggaa walgahii isaa Idilee guyyaa har'aa (Muddee 28/2017) taa'een murtoo garaagaraa dabarseera. Isaanis: 1. Barattoota Sagantaa Fooyyeffannaan (Remedial Program) bara 2017tif Yuunivarsiitii Wallaggaatti ramadaman haaraan Guyyaan Galmee isaanii Amajjii 19-20/2017 Kaampaasota Yuunivarsiitii Wallaggaa sadan (Naqamte, Shaambuufi Gimbii)tti akka gaggeeffamu murtaa'eera. Ramaddiin Kaampaasota itti galmooftanii beeksisa kan biraan kan isinii ifoomu ta'a. 2. Guyyaan Eebbaa Waggaa Walakkeessaa (2017) kan barattoota Inistitiyuutii Saayinsii Fayyaa, barattoota Saayinsii Yaalii Beeyiladaafi barattoota teel-eebbaa (Post Graduate) Gurraandhala 8/2017 akka gaggeeffamu murtaa'eera. ============= #የምዝገባና_የምርቃት_ቀን_ተወሰነ። የወለጋ ዩኒቨርሲቲ ሴኔት በዛሬዉ ዕለት (28/04/2017) ባካሄደዉ መደበኛ ስብሰባዉ የተለያዩ ዉሳኔዎችን አስተላልፏል። 1. በ2017 የትምህርት ዘመን በዩኒቨርሲቲያችን በመደበኛ ፕሮግራም በሬሜዲያል መርሃ-ግብር የተመደቡ ተማሪዎች በሦስቱም የዩኒቨርሲቲዉ ካምፓሶች (ነቀምቴ፣ ሻምቡና ጊምቢ) በተመሳሳይ ጥር 19-20/2017 ዓ/ም እንድካሄድ ወስኗል። የተማሪዎቹ የካምፓስ ምደባ በቀጣይ ማስታወቂያ የሚገለጽ ይሆናል። 2. የ2017 የትምህርት ዘመን የዓመት አጋማሽ የጤና ሳይንስ እንስቲትዩት ተማሪዎች፣ የእንስሳት ህክምና ሳይንስ ተማሪዎች እንዲሁም የድህረ ምረቃ ተማሪዎች የምረቃ መርሃ-ግብር የካቲት 8/2017 ዓ/ም እንድካሄድ ወስኗል። ወለጋ ዩኒቨርሲቲ

Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa Maraan Baga Guyyaa Dhaloota Goofta keenya Iyyesuus Kirstoosiin Nagaan isiin Gahe.🌲🌲🌲 Ayyaa
Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa Maraan Baga Guyyaa Dhaloota Goofta keenya Iyyesuus Kirstoosiin Nagaan isiin Gahe.🌲🌲🌲 Ayyaana Gaarii Yeroo Ayyaana kana kabajnu Nyaata Coomaafi Dhadhaa itti baayyatuu sorachuu irraa of qusachuun Fayyaa keenyaaf Dursa Haa Laannu!!!

DAA’IMMAN WAA QOONQOOTTI RAKKATE YKN HUDHAMAN AKKAMIIN GARGAARUU QABNA? ********************* ● Wantootni akka tasaa qonqootti rakkatan kan akka saantimaa, nyaataa, firii mukaa adda addaa fi k.k.f daa’imman umuriin isaanii waggaa afurii gadii keessatti ni heddummatu. ● Wantootni kunis battalumatti ujummoo qilleensaa cufuudhaan daa’imman kana ukkaamsanii du’aaf saaxiluu danda’u. ● Daa’imman kana umurii isaanii irratti hundaa’uudhaan akka armaan gadiitii gargaaruu dandeenya. ********************* 1. DAA’IMMAN UMURII WAGGAA TOKKOO GADIIF: ● Daa’ima kana gadi gargalchii harkakee bitaarra garaadhaan ciibsi. ● Kana booda barruu harkakee mirgaatiin dugda daa’ima kanaarra yeroo 5 dhahi (back slaps): fakkii armaan gadii ilaali. ● Waan daa’ima kana hudhe yoo gara afaaniitti dhufeera ta’eef afaan keessa ilaaluun keessaa fuudhi. ● Yoo ammallee waan daa’ima kana hudhe hin baane ta’e, daa’ima kana ol gargalchii harkakee bitaarra dugdaan ciibsi. ● Kana booda quba harka mirgaakee lamaaniin handhuura daa’imaa olitti yeroo 5 dhiibi (chest thrust): fakkii armaan gadii ilaali. ● Hamma waan daa’ima kana hudhe bahutti adeemsa kana irra deddeebi’uun barbaachisaadha. ********************* 2. DAA’IMMAN UMURII WAGGAA TOKKOO OLIIF: ● Ofiikee teessuma irra taa’uudhaan daa’ima sana gadi gargalchii garaadhaan jilbakeerra ciibsi (fakkii armaan gadii ilaali). ● Kana booda yeroo 5 barruu harka mirgaatiin dugda daa’imaa yeroo 5 dhahi. ● Ammalle waan daa’ima kana hudhe yoo hin baane, duduuba daa’imaa dhaabattee dugda isaa ofitti gargalchuun harkakeen garaa daa’imaa hammadhu, sana booda buunyaa harkakeetiin garaa daa’imaa ol dhiibi: fakkii armaan gadii ilaalin barbaachisaadha Dr Abera Olani (Ispeeshhalistii wal'aansa dhibee ijoollee fi daa'immannii fi barreessaa kitaaba ' BU'UURA FAYYAA DAA'IMMANII).

#Waraqaa_Beekamtii_Galateeffannaa_ Ministeeraa_Nageenyaa_Federaalaa Ministeerri Nageenyaa Federaalaa bara bajataa 2016 keessa
#Waraqaa_Beekamtii_Galateeffannaa_ Ministeeraa_Nageenyaa_Federaalaa Ministeerri Nageenyaa Federaalaa bara bajataa 2016 keessa tajaajila tola ooltummaa hojjechaa turee keessatti Yuunivarsiitiin Wallaggaa gumaacha olaanaa godheef xalayaa galateeffannaa fi waraqaa ragaa kenneera.

#Breaking Drug Alert, #Ethiopia Ethiopia Food And Drug Authority (EFDA) has issued drug safety alert to 10 (ten) drug products before two days, EARAPA 19 Dec 2024 Ethiopia Food and Drug Authority (EFDA) has announced that ten (10) antimalarial drug products circulating in the Ethiopia market were found to fail quality control tests as per the minimum quality specifications set by the guidelines. The authority called up on the community and stakeholders to stop using it in anyway.The agency didn't disclose the regulatory measure taken against the products or the suppliers of the products. Please find the list and alert letter issued by the agency. EARAPA recommends other national regulatory agencies to use the information as a signal to check the product/batches to take proactive measurea in thier respective market accordingly

#Qophii_Fayyaa_Keessanii_Guyyaa_Roobii Sirnaan Itti Fayyadaminsa Qorichaa (Rational Drug Use) Akkamitti Qoricha Sirnaan Fayya
#Qophii_Fayyaa_Keessanii_Guyyaa_Roobii Sirnaan Itti Fayyadaminsa Qorichaa (Rational Drug Use) Akkamitti Qoricha Sirnaan Fayyadamuu Dandeenya? Marii kallattiin Barsiisaa Gammachiis Balaay Waliin FM Faanaa Naqamtee 96.1 irratti gaafa Roobii nu eegaa. Guyyaa Roobii (Mudde 9,2017) Waaree booda sa'aa 9:00 irraa eegalee hanga 10:00ti FM Faanaa Naqamtee 96.1 #Live Dhaggeeffadhaa! Bar.Gammachiis Balaay(B.Pharm, MSc ), Yuunivarsiitii Wallaggaa, Institiyuutii Saayiinsii Fayyaatti Muummee Faarmaasii,Barsiisaa fi Qorataa

Hir’ina vaayitaamin A: mallattoo fi furmaata! ********* MALLATTOO ■ Iji ofii halkan arguu dhabuu. ■ Iji ofii imimmaan dhabee goguu. ■ Qaamni ofii dhukkuba ittisuu dadhabuun infekshinoota adda addaan amma ammaa qabamuu. ■ Gogaa irratti mallattoon adda addaa ba'uu ■ Lafeen seeraan guddachuu dadhabuu. ************ KA'UMSA ■ Sooratawwan vaayitaminii kanaan badhaadhoo ta’an nyaachuu dhabuu. ■ Dhukkuboota addaa addaa, kanneen xuuxama soorataa hir'isan ■ Hir'ina nyaataa kanneen biraa akka hir'ina pirootiinii fi ayirenii illee hir'ina viitamin A ni fidu. ************ FURMAATA ■ Nyaatonni vaayitaamin A dhaan badhaadhoo ta’an soorachuu (Kaarota, dinnicha mi'ooftuu, hanqaaquu, fuduraalee fi muduraalee halluu keelloo fi burtukaanaa qaban, fudduraalee baalatti baat'atan akka salaaxaa fi raafuu) ■ Mana yaalaa deemuun vaayitaminii kana bifa qorichaan fudhachuu. Keessumaa daa'imman vaayitamina kana argachuu qabu. ****** Fayyaan Faaya

Congratulations to Dr. Nagasa Wirtu(assistant professor) for the succesful completion of specialty training in plastic and re
+1
Congratulations to Dr. Nagasa Wirtu(assistant professor) for the succesful completion of specialty training in plastic and reconstructive surgery. I am sure people in western Ethiopia will benefit from your profesional services. We welcome you at Wallaga University Comprehensive Specialized Hospital! From Dr.Temesgen Tilahun CED of WUIHS

2016 EC SBFR best performers at Wallaga University Comprehensive Specialized Hospital
2016 EC SBFR best performers at Wallaga University Comprehensive Specialized Hospital

HOSIPITAALA KOMPIREENSIIVII ISPHEESHAALAAYIZDII YUUNIVARSIITII WALLAGGAA Wabiin fayyaa keessanii Hospitaalli KOMPIREENSIIVII ISPHEESHAALAAYIZDII YUUNIVARSIITII WALLAGGAA: Meeshaalee ammayyaa'aa , ogeeyyii ispeeshaalistoota dandeettii fi muuxannoo olaanaa qabaniin tajaajila fayyaa guutuu kennuurratti argama. Yeroo ammaa kanatti immoo Meeshaa CT-scan (64 slice) fayyadamuun qorannoo qaamaa guutuu, QORANNOO MORMAA OLII, SONBA, ONNEE, DHIBEE GARAA KEESSAA ,LAFEFI QAAMA HORMAATAA gatii madalawwaa hawaasa keenya bu’uureeffateen kennuurratti argama. WALDHAANSAAFI Q0RANNOO Ujummoo fincaanii, Yaala Daa'immaniifii yaala caba lafee -ispeshalistootaan nubiratti argattu Yaala dhibee garaa keessaa, mormaa olii, Yaala narviifi baqaqsanii yaaluun hospitaala KOMPIREENSIIVII ISPHEESHAALAAYIZDII YUUNIVARSIITII WALLAGGAAtti bal’innaan kennamaa jira. Tajajila raajiifi altraasaawundii,Qoranno kaansarii,Yaala ijaa, garaachaafi mar’umaaniii, yaala tiruu ispeeshaalistootaan waldhaanamtu. Qorannoo onnee, Yaala gadaamessaatiifi hordoffii ulfaa, tajaajila ambulaansii sa'aatii 24 ni kennina Yaalaafi tajaajiloonni hospitaala KOMPIREENSIIVII ISPHEESHAALAAYIZDII YUUNIVARSIITII WALLAGGAA Doktoroota ispeeshaalistoota dandeettii fi muuxannoo olaanaa qabaniin tajaajila sa'aatii 24/7 isin eega!

Aja'iboota Onnee: ********* 1. Onnee nama tokkoo guddinni ishii haga aboottee harkaa (fist) nama sanii geessi. 2. Onneen duba
Aja'iboota Onnee: ********* 1. Onnee nama tokkoo guddinni ishii haga aboottee harkaa (fist) nama sanii geessi. 2. Onneen dubaraa kan dhiiraa caalaa daddaftee dha'atti, onneen dhiirotaa ammoo guddinaan xiqqoo kan dubartootaa ni caala. 3. Rukuttaan onnee kan eegalu micireen garaa haadhaa keessatti uumamtee torbee afuraffaatti (4ffaa) tti. 4. Onneen keenya giddu galeessaan daqiiqaatti al 72 dha'atti (nama waggaa 70 jiraate tokkoof osoo adda hin kutiin si'a biliyoona 2.6 ol dha'atti jechuudha). 5. Onneen giddu galeessaan guyyaatti dhiiga liitra 7,600 gara qaamaatti rabsiti. 6. Madda ka'umsa sochii kan mataashee waan qabduuf onneen qaama irraa addaan baatee rukuttaa ishii itti fufuu dandeessi; hanga oksiijiinii ga’aa dhabdee duututti jechuudha. 7. Onneen qaama hundumaatti naannoo seelii tiriiliyoona 75 ta’anitti dhiiga kan rabsu yeroo ta’u “koorni’aa ijaa” qofatu dhiiga hin argatu. ************ Fayyaan Faaya

Qoricha “RELIEF” jedhamu hawaasni akka hinfayyadamne akeekkachiifame Finfinnee, Sadaasa 13, 2017 (FBC)- Qoricha seeraan alaa “RELIEF” jedhamu fayyadamuurraa hawaasni akka of qusatu Abbaan Taayitaa Nyaataa fi Qorichaalee Itiyoophiyaa akeekkachiise. Abbaan taayitichaa akeekkachiisaa baaseen qorichi seeraan alaa kun elementoota fayyaarraan miidhaa geessisuu danda’an akka qabu eeruun, faayidaaf akka hinoolle hubachiiseera. Qorichichi gabaarratti bal’inaan dhiyaataa jiraachuu fi Abbaa Taayitichaan kan hingalmoofne ta’uun, qulqullinni, nageenyummaa fi bu’aa qabeessummaan isaa hinbeekamu jedheera. Fedhii nyaataa dhabuu, teessisaa, dhukkubbii garaa, ol tuttuqaa, guraaruu, hirriba dhabuu, dadhabbii, sirriitti arguu dhabuu, raatessuu, dhukkubbii mataa, rakkoo gogaa, inzayimoonni tiruu dabaluu fi yeroo dheeraaf yoo fayyadaman miidhamuu kalee kan hordofsiisu ta’uun miidhaalee cinaa qorichichaa ta’uu ibseera. Akkasumas carraa rakkoo tiruu, kalee, onnee , dhibbaa dhiiga sadarkaa olaanaa hamaan qabamuuf kan saaxilu danda’u ta’uu qorannoon mirkanaa’uu ragaan Abbaa Taayitichaarraa argame ni mul’isa. Hawaasnis kana hubachuun qoricha kana fayyadamuurraa akka of qusatuu fi qorichichi faayidaaf wayita oolu yoo arge karaa toora bilbila bilisaa 8482’n bilbiluun abbaa taayitichaas ta’ee qaamolee to’annoof eeruu akka kennan waamicha dhiyeesseera. #Oromia #Ethiopia