Karaa Dhugaa
Kanalga Telegramâda oâtish
đđđŤđđđ§, đđĄđŽđ đđđ§đ˘đđ˘ đŁđ˘đŤđđđ§đ˛đ˘ đđđŹđŽđŽđŹ đŞđ¨đđđđĄđ. đđđŹđŽđŽđŹ đ¤đđŤđ˘đđĄđ đŁđ˘đŤđđđđ, đđĄđŽđ đ˘đđĄđ đŁđ˘đŤđđđđ đđ˘ đŁđ˘đŤđđđ§đ˛đ đ¤đđđ§đ˛đđđĄđ. @BonaShalom
Ko'proq ko'rsatish2 853
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
-67 kunlar
-2330 kunlar
Postlar arxiv
2 853
AMANTAAN DHUGAAN HINJIRU KIRISTOOS ISA DHUGAA MALEE.
â˘Amantaan yeroo baayâee sirna namoonni diriirsan, seera ittiin jiraatan, hojii amantaa , fi aadaa waaqeffannaa irratti ijaaramti; kunniin mataan isaanii buâaa qabanis, jireenya namaa keessatti jijjiirama gadi fagoo fiduu dhiisuu dandaâu.
â˘Amantaan yeroo tokko tokko buâuura ofii irratti ijaaramti: hojii gaarii, seera eegu, fi ilaalcha namaa irratti. Kun garuu yeroo baayâee nama ofitti amanamummaa sobaa keessa galcha. Namni âani sirrii dhaâ jedhee yaadu dandaâa, garuu Kiristoos irraa fagaachuu dandaâa. Kunimmoo rakkoo guddaa hafuuraa fida; sababiin isaa Waaqayyo hojii keenya qofa hin ilaalu, garuu walitti dhufeenya keenya Isa wajjin ilaala.
â˘Jireenyi kiristaanummaa dhugaan hojii amantaa irratti hin hundaaâu, garuu Kiristoos irratti hundaaâa. Amantaan karaa qofa taâuu dandaâa; Kiristoos garuu kaayyoo fi jireenya mataa Isaa ti. Namni Kiristoos keessa jiraatu jireenya haarawa qaba; garuu namni sirna qofa hordofu jireenya alaa qofa qabaachuu dandaâa. Kanaaf, garaagarummaan isaanii inni guddaan kana irratti hundaaâaâAmantaan nama hojii irratti hirkachiisa, Kiristoos garuu nama jireenya keessaa irratti ijaara.
â˘Kaayyoon Waaqayyoo namoota Amantaa sirna qofa hordofan uumuu miti. Kaayyoon isaa nama Kiristoos wajjin walitti dhufeenya jiraataa qabuu fi Inni keessa isaa jiraatu uumuu dha. Namni Kiristoos qabaate waan hunda qaba; sababni isaas jireenyi, ifni, nagaan, fi fayyinni hundi Isa keessa jira. Garuu namni Amantaa qofa irratti hirkatu yeroo tokko tokko wanta isa barbaachisu isa guddaaâKiristoos mataa Isaaâdhabuu dandaâa.
â˘Amantaan seera irratti hirkata; garuu Kiristoos jireenya guutuu, gammachuu fi nagaa keessa nama seensisuu dha.
â˘Kiristoos nama âwaan gochuu qabduâ jedhu irraa gara âwaan taâuu qabduâtti geessa. Kana jechuun hojii alaa caalaa jijjiirama keessaa irratti xiyyeeffata.
â˘â˘â˘Kun obboloota amantaan keenya sirrii fi dhugaadha jedhaniif gorsa xiqqoo qofadha. Amantaan dhugaan hinjiru Kiristoos isa dhugaa malee. Jireenyi waldaa fi kiristaanummaa dhugaa Kiristoos keessatti dha. Barumsa amantaa fi waldaa naannoo keessa jiraachuu irratti hin hundaa'u, kana laman qabaachuun jireenya waldaa akka jiraatu sin godhu. Dhugaan kan jiraatamu isa dhugaa ta'e keessatti dha inni immoo Kiristoosidha. Kiristoos faallaa amantaa, faallaa yaada namoota dhuunfaa fi faallaa barumsa dhugaa waaqummaa hin taanedha.
Sirna mataa kee ijaaruun Dhagna Kiristoos ijaaruu hin danda'u. Sirni sirnuma sana ijaara, Dhagni Kiristoos sirna amantaa garee kaminiyyuu hin ijaaramu. Ijaarsi dhugaan Dhagna Kiristoos naannawa hafuura kan naannnoo waaqummaa keessatti amantoota hundumaan kan ta'u dha.
Barreessan Obboleessa keessan bara baraa Boonaa Asfaawu dha.
#Karaadhugaa
@Karaadhugaa
2 853
HARKA ABBAA KEENYA KEESSA JIRRA.
â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘
#KUTAA_19FFAA
â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘
Abbaa keenya inni ta'e Waaqayyo gaafa hundayyuu utuu nu hin dadhabin harka isaan nu qabe jira. Harka Waaqayyoo Abbaa keenya keessa jiraachuun waan salphaa miti, isaan gaafa hundayyuu qabamnee bara baraan jiraachuun keenya nagaa waaqummaa nuuf kenna, gammachuu isaa akka gammannu nu godha.
â˘Abbaan koo inni anatti isaan kenne, hundumaa irra guddaa dha; homtinuus harka abbaa koo keessaa isaan butachuu hin danda'u. (Yohannis 10:29)
NUYII IJOOLLEE WAAQAYYOO DHA.
â˘Abbaan jaalala guddaa attamii akka nu argisiise mee ilaalaa! Jaalala kanaan nuyi ijoollee Waaqayyoo jedhamnee in waamamna; dhugumas nuyi ijoollee isaa ti...
1 Yohannis 3:1
Mucaan xiqqaan harka abbaa isaa isa foonii keessa jiraachuu isaati gammachuu addaatu itti dhaga'ama, boqonnaa gaarii harka abbaa isaa keessa taa'un argata. Nu illee harka Waaqayyoon keessa waan jiruuf gammachuu sirriitti gammadu fi boqonnaa keessa jiraachuun shaakalu danda'u qabna. Nuy ijoollee Waaqayyoo, warra harka Abbaa keenya keessa gaafa hundayyuu jiraannudha.
Mucaa xiqqaan tokko abbaa isaa harka irratti baatamee kan jiru, jireenyi isaa abbaa isaa irratti maxxanee akka jiru yaadi. Naannoo isaa keessatti jeequmsi, rakkoo fi sodaachuun jiraachuu dandaâa. Addunyaan hundi diigamaa jiraachuu dandaâa. Garuu mucaan sun guutummaatti nagaa keessa jira, inni wantoota alaan otoo hin ta'in waanta harka abbaa isaa keessa jiruuf nagaa qaba. Waan naannoo isaa keessatti taâaa jiru irraa hin yaadda'u, hin sodaatu. Inni humna isaatiin of hin eegu; harka abbaa isaa keessatti nagaan eegama. Inni abbaa isaa amanata, kanaaf boqonnaa fi tasgabbii qaba.
Nuyis yeroo baayâee jireenya keessatti rakkoowwan adda addaa keessa darbina. Yeroo tokko tokko dhukkubni, rakkoon maatii, rakkoon hojii, hanqinni maallaqaa ykn yaaddoon jireenya keenya ulfaachisuu dandaâa. Yeroo sanatti waan hundi waan nu irratti kaâe nuutti fakkaachuu dandaâa. Garuu akka mucaa harka abbaa isaa keessa jiru sanaatti, nuyis harka Waaqayyoo keessa jirra. Inni nu dhiisee hin deemu; yeroo hundumaa nu waliin jira. Yeroo humni keenya dadhabu, humni Isaa nu baata. Yeroo karaa hin argine, Inni karaa nuuf bana, karaa keenya nuuf ta'a. Kanaafuu nagaan keenya haala jiru irraatti hundaa'a osoo hin taane argama isa ta'e harka Waaqayyoo keessa jiraachuu keenya irraatti hundaa'a.
Yesuus Abbaan keenya warra nu marsanii jiran hundumaa caalaa humna guddaa akka qabu nu barsiiseera. Namni tokko illee harka Isaa keessaa nu butuu hin dandaâu. Jaalalli Isaa hin jijjiiramu, amanamummaan Isaas hin hirâatu. Yeroo namoonni nu dagatan illee Inni nu hin dagatu. Yeroo namoonni hundi nu irratti abdii kutatan illee Inni abdii keenya taâee hafa.
Yesuus bartoota Isaatiif akkana jedhe: Yesus itti dabalee, âIsin yaa warra karra xinnayyoo nana! Kana keessaa hin sodaatinaa; abbaan keessan mootummaa isaa isiniif kennuu jaallateera." (Luqaas 12:32)
Nuti humna fi cimina addaa Waaqayyoon alaatti hin qabnu. Addunyaa kana keessatti dadhaboo fakkaachuu dandeenya. Garuu mootummaa Waaqayyoo nuuf kennuun fedha fi gammachuu Abbaa keenyaati. Waan Waaqayyo nuuf qopheesse humni tokko illee nu irraa fudhachuu hin dandaâu. Waadaan Isaa amanamaa dha.
Kanaaf yeroo sodaa fi jeequmsa keessa jirtu, yeroo gaaffiin hedduun sammuu kee keessatti kaâu, yaadadhu: Ati ilma Waaqayyoo ti. Ati harka Abbaa kee keessa jirta. Inni si jaallata, si eega, si qajeelcha. Akkuma mucaan harka abbaa isaa keessatti boqotu, atis harka Waaqayyoo keessatti boqodhu. Nagaan Isaa garaa kee haa guutu; mootummaa Isaa keessatti dhaalli kee mirkanaaâeera. đđ˝âď¸â¤ď¸
Barreessaan obboleessa keessan Boonaa Asfaawu dha.
#Karaadhugaa
@Karaadhugaa
2 853
Namoonni hedduun Waaqayyo akka hojjetu eegaa jiru; garuu waan isaanii cabee jiru Isa duratti diriirsuu didaa jiru. Dhukkuba keenya ni dhoksina, laafina keenya ni haguugna, rakkoo keenya ni ukkaamsina. Garuu Yesuus waan nuti akka hin jirre fakkeessinu hin fayyisu. Waan Isa duratti dhiheessinu fayyisa. Cabinni kee humna Isaa ol miti. Amantii fi ayyaana Waaqayyoon nuuf kennamen waan kamiyyuu isa duratti haa diriirsinu akkasuma haa dhiyeessinu.
Diinni kee iddoowwan goganii jiran jireenya argachuu akka hin dandeenye si amansiisuu barbaada. âAti baayâee mancaateetta, yeroon kee darbeera, laafteetta, fagaatteettaâ jedhee sitti hasaasa. Garuu Yesuus waan namoonni abdii kutatan deebisee dhaabu keessatti ogeessa dha. Fayyisaan harka sana deebisee dhaabe sun amma illee jireenya namaa deebisaa jira. Waan namni âduâeeraâ jedhu, Waaqayyo âdeebifamuu dandaâaâ jedha. Waaqayyo jireenya keenya keessatti wantoota goganii jiran hundumaa diriirsu ni danda'a, diriirsuuf of kennu keenya eegaa Jira.
"Inni garuu balleessaa keenyaaf in waraaname, sababii yakka keenyaafis reebamee in caccabsame; nuyi nagaa akka argannuuf inni in adabame, madaa'uu isaatiinis fayyinni nuuf in argame; "(Isaayaas 53:5). Kiristoos cubbuu keenya qofa osoo hin taane rakkina keenya illee baate. Fannoo irratti Waaqayyo dadhabina namaa keessatti nama hin dhiisne gaafa jennu kun ragaa guddaadha. Yesuusiin fayyinni kan qaamaa qofa miti â fayyina hafuuraa, yaada, miiraa fi fedha keenyatti. Fayyinni Yesuus iddoo hundumaa keenya kan diriirsun Wal ga'uu dandahu dha. Inni nama qaanfateef ulfina deebisa, nama dadhabeef abdii kenna, nama garaan cabeef humna kenna.
Harki sun yeroo deebiâee guutuu taâu namoota hundumaaf dhugaa baatuu taâe. Waan yeroo tokko hanqina agarsiisu ture humna Waaqayyoo mulâisu taâe. Waaqayyo yeroo hedduu dhukkuba kaleessaa gara dhugaa baatuutti jijjiira. Bakka ati yeroo tokko kufte bakka ulfinni Waaqayyoo itti mulâatu taâuu dandaâa.
Yeroo tokko tokko Waaqayyo hanga dhuma akka geenyu nu eeyyama; kanaanis guutummaa humna Isaa akka beeknu godha. Humni namaa harka sana deebisuu hin dandeenye; garuu dubbii tokkoon Yesuus waan hundi jijjiirame. Waan Waaqayyo yeroo tokko keessatti gochuu dandaâu gadi hin xiqqeessin. Tuqaan Kiristoos waggoota gaddaa, hidhaa, fi abdii kutannaa jijjiiruu dandaâa.
"Inni garuu, âAyyaanni koo si ga'a, humni koo dadhabaa keessaan akeeka isaa in raawwataâ naan jedhe. Humni Kristos ana bira akka buufatuuf, dadhabaa ta'uu kootiin hundumaa irra caalchisee gammachuudhaan of nan jaja." (-2 Qorontos 12:9). Dadhabinni kee kaayyoo Waaqayyoo irraa si hin hambisu; bakka humni Isaa itti mulâatu taâa malee. Addunyaan humna namaa kabaji; mootummaa samii keessatti garuu of kennuutu deebii argata. Yeroo dadhabina keenya Waaqayyo duratti dhiheessinu, ayyaanni Isaa waan humni namaa hin dandeenye hojjechuu jalqaba. Waaqayyo gaafa harka kenninu achi keessan ulfina isa muldhisa akkasuma hojii isaa hojjetta.
Harâas Yesuus namoota madaawaniif waamicha isuma sana qaba: âHarka kee diriirsi.â Amantii kee diriirsi, yoo dadhabaa fakkaate illee. Abdii kee diriirsi, erga abdii kutannaa keessa darbee booda illee. Garaa kee diriirsi, erga dhukkuba keessa darbitee booda illee. Kiristoos inni harka goge sana deebisee dhaabe sun, bakka jireenya kee keessatti cabee jiru hunda deebisuu dandaâa. Yeroo wanti hundi harka Waaqayyoo keessatti kennamu, waanti kun hin dandaâamne jechuun hin jiru. Waaqayyo waan hundumaa in dandaha, dandahu isaa immoo nutti ulfina isaan agarsiisu barbaada.
Ameenđ
Obboleessa keessan Boonaa Asfaawutiin
#Karaadhugaa
@Karaadhugaa
2 853
HARKA KEE DIRIIRSI
â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘
#KUTAA17FFAA
â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘â˘
"Ergasii namichaan, âHarka kee diriirsi!â jedhe; namichis diriirse, harki isaa deebi'ee akkuma isa kaanii fayyaa ta'e." -Maatewos 12:13
Mana sagadaa keessatti yeroo Yesuus namicha harki isaa goge sana argu, namoonni hedduun isa ilaalaa turan; garaan isaanii garuu jabaatee ture. Geggeessitoonni amantii sun garaa araaraa hin qaban turan; Yesuusin himachuuf carraa barbaadaa turan. Isaan jireenya namicha cabsame tokkoo deebisanii fayyisuu irra duudhaa isaanii eeguu caalaa barbaadan. Garuu gidduu murtii isaanii qabbanaaâaa sana keessatti namichi waggoota hedduuf salphina, hanqina, fi dhukkuba calâisaa keessa ture tokko dhaabatee ture. Haa taâu malee, yeroo Yesuus bakka tokko seenu, cabni naannoo inni seenu keessa jiru matumaa hin dagatamu. Dhukkubni sun dhufu Yesuusiin fayyu ni danda'a kanaaf dhufun Yesuus namicha sana faytisuuf ture.
Harki gogaan sun dhibee qaamaa qofa hin turre. Inni wantoota jireenya keessatti laafanii, gogan, hojii dhabanii jiran hunda bakka buâa ture. Namoonni hedduun yeroo harâaa iddoowwan goganii fi madaawan garaa isaanii keessatti baatanii jiru â amantii madaaâe, abjuu caccabe, maatii diigame, hafuura dadhabe, fi kadhannoota deebii hin arganne. Yoo illee namoota duraan dhokatan, Waaqayyo madaa keessa keenya jiru hunda ni arga. Namoonni hundi jireenya isaanii keessatti wanta jireenya isaanii gogsan ni qabu, namoonni rakkina isaanii argu dhiisuu dandahu Waaqayyo garuu rakkina sana ni arga akkasuma guyyaa isaatii waan gochuu barbaade in godha.
Yesuus fayyisuu isaa dura waan dinqisiisaa tokko godhe: namicha sana gara fuulduraatti waame. Dhoksaan isa hin fayyisne yookaan uummata gidduutti isa hin dhiisne. Kiristoos namicha rakkachaa ture sana giddu namootaa keessa dhaabe. Yeroo hedduu Waaqayyo fayyina nuuf fiduu dura bakka dhoksaa keessaa nu baasa. Wanti nu dhoksuuf yaallu yeroo tokko tokko bakka ulfinni Isaa keessatti mulâatu taâa. Waaqayyo haala keenya isa dhoksaa keessa nu baasuun ulfinni isaa akka nu irran muldhatu gochuu ni danda'a. Dhoksaa keenya keessa gara fuula-duratti nu fiduun isaa nu hammeessuuf otoo hin ta'in nu fayyisuun ulfinnichaan nu guutuufidha.
Fariisonni seera caalaa deebi'uu fi fayyuu jireenya namaa hin ilaalan ture; Yesuus garuu araarri sirna caalaa guddaa akka taâe isaaniitti mulâise. âGuyyaa Sanbataatti gaarii gochuun seera qabeessa moo?â jedhee isaan gaafate. Calâisni isaanii garaan isaanii jabaachuu saaxile. Amantiin araara hin qabne sagalee duwwaa taâa. Waaqayyo namoota murtii keessatti hidhuuf amantii hin kennine; jaalala Isaa, humna Isaa, fi furii Isaa mulâisuuf kenne. Waaqayyo amantii isaa kan nuuf kenne nu fayyisuun jireenya isaa nuuf kennuufidha.
Sana booda ajajni waan hunda jijjiire dhufe: âHarka kee diriirsi.â Namicha harki isaa hojjechuu hin dandeenye tokkoof ajajni akkasii akkam nama ajaaâiba! Garuu Yesuus yeroo hedduu waan namaaf hin dandaâamne kan fakkaatu akka goonu nu gaafata; dinqiin isaa sana booda mulâata. Amantiin bakka humni namaa dhumu irraa jalqaba. Namichi sun sodaa yookaan qaanii irraa kan kaâe diduu dandaâa ture; garuu inni ajajamuu filate. Gaafa nuy humna hinqabnu ati garuu nidandeessa jennee itti if kenninu amantiin hojii isaa ni jalqaba. Gaafa nuy humna hinqabnu, daandeetti hin qabnu jennu amantiin hojii isaa hojjeechu ni danda'a. Karaan amantiin ittin hojjeettu karaa humna fi ayyaana Waaqayyoonidha.
Dinqiin sun yeroo Yesuus dubbate qofa hin mulâanne; yeroo namichi ajajame mulâate. Fayyinni namticha amantii Yesuus namtichaaf akka inni of kennuuf kenne sana gaafa inni ajajamu galma ga'e. Dubbiin Yesuus fi deebisaani of kennuu amantii keessa argamu gaafa walitti dhufu fayyinni ni argama. Yeroo inni harka isaa laafaa sana diriirse, humni gara waan duâe fakkaatu sanaatti seene. Kun humna ajajamuu Kiristoosiif qabu dha. Yeroo Waaqayyo dubbatu, wantoonni namaaf hin dandaâamne illee jijjiiramuu jalqabu. Dubbiin Yesuus akkuma waan baayyee uume sana waan baayyee jijjiiru ni danda'a.
2 853
Yeroo inni akkas jedhu Yesuus isaan waliin ture. Kanaaf, dubbicha Yesuus irra barachaa turan. Har'a dubbicha argachuuf garri nuy deemu qabnu gara Macaafa Qulqulluu dha. Akkuma baratoonni Gooftaa waliin turan gaafa hundayyuu dubbichaa waliin yeroo keenya dabarsuu qabna. Dubbichaa waliin yeroo keenya dabarsuun Gooftaa waliin yeroo keenya dabarsuu dha. Abbaa dubbicha isa ta'e waliin yeroo keenya dabarsuudha. Sagalee Macaafa Qulqulluu dubbisuun akka nyaataati fudhachuun ittin jiraachuun jireenya keenya guyyaa guyyaaf baayyee murteessaa dha. Ammuma dubbicha waliin yeroo keenya dabarsine Gooftichaa karaa dubbicha beeka adeemna. âNuyi isa tokkicha qulqulluu Waaqayyoo akka ati taate amanneerra, beekneerrasâ jedhan. (Yoh.6:69). Baratoonni dubbicha isa ta'e Kiristoosiin irra waan barataniif Kiristoosiin beeku danda'an. Nuy har'a dubbicha isa Hafuura Qulqulluun nuuf barreeffame sana hafuura keenyan gaafa tuqnu fi gara keessatti akka nyaata keenyatti yeroo fudhannu Kiristoosiin baayyee beeka adeemna akkasuma jireenya amantoota guddatan taana. Kanaaf, dubbii Waaqayyo isa barreeffame sana gaafa hundayyuu deemne jaha dubbisnu akkasuma Hafuura fi jireenya dubbicha keessan haa guutamun. "Dubbiin ani isinitti dubbadhe Hafuura; jireenyas." Yoh.6:63.
Dubbichi nyaata keenya isa jireenya waaqummaa fi hafuura Waaqayyoon nu guutuu waan ta'eef gaafa hundayyuu nu barbaachisu. Gara dubbichaati haa deebinu, haa dubbisnu, irra soorata hafuura keenya guyyaa guyyaa haa fudhannu. Qajeelfama gaafa hundayyuu gara Macaafa Qulqulluu dhufuun Gooftaa tuquufi jireenya isa gara keessatti fudhachuu haa shaakalu.
Barreessan obboleessa keessan Boonaa Asfaawu ti.
@Karaadhugaa
2 853
KUTAA 1FFAA
GUYYAA HUNDUMAA MACAAFA QULQULLUU DUBBISUU
Amantoonni baayâeen yeroo hunda dubbii Waaqayyo isa barreeffame Macaafa Qulqulluu hin dubbisan, dubbicha keessan immoo hafuura isaaniin Hafuura Qulqulluu hintuqan akkasuma jireenya dubbicha keessa gara ofiitti hin fudhatan. Jireenya kiristaanummaa keenyaaf qabxiin baayyee barbaachisa ta'e guyyaa guyyaan Macaafa Qulqulluu dubbisuu fi dubbii dubbisne sanaan Gooftaa kadhachuu dha. Guyyaa guyyaadhaan kutaa Macaafa Qulqulluu tokko tokko yeroo hunda dubbisuun hafuura dubbicha tuquun jireenya dubbicha keessa fudhachuu danda'u qabna. Kana gochuun shaakala guyyaa guyyaa nuuf ta'u danda'u qaba. Jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti jireenya Macaafa Qulqulluu dubbisuu shaakalu dirqama nutti ta'u qaba.
Amantoonni tokko tokko waan kamiinuu jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti dirqama gochuu hin qabnu jechuu dandaâu. Akkasuma heertuu Roomaa 6:14a irra jiru "Isin ayyaana jala jirtu malee waan seera jala hin jirreef, " kan jedhu nuuf caqasuun seera jala hinjiru akkasuma kana gaafa hundayyuu gochuuf dirqama hinqabnu jechuu dandaâu. Nuy seera jala otoo hin ayyaana jala jirra nun jechu danda'u. Eeyyee dhuguma nuy seera durii jala hin jirru, garuu seera haaraa jala akka jirru hubachuu qabna. Seera Kiristoos yokiis seera hafuura jireenya jala akka jiru beeku qabna. Yohaannis 13:34 irratti Gooftaan âAkka isiin wal jaallattaniif abboommii haaraa isiniif nan kennaâ jedheera. Abboommiin haaraa Gooftaan nun jedhe kun kan durii sana akka hin ta'in beekama dha akkasuma abboommii hafuura akka inni ta'es hubachuu danda'u qabna. Kakuu haaraan abboommii baayâee of keessa kan qabudha. 1Tasaloonqee 5:17 âKadhannaa addaan hin kutina yokiis utuu gargar hin kutin kadhadhaa.â jedha. Kun abboommiidha. Filiphisiiyus 4:4 âYeroo hundumaa Gooftaatti gammadaaâ jedha. Kunis abboommii biraati. 1Qorontoos 9:21 irratti Phaawuloos, âAni utuun seera Waaqaatiin ala hin taĘźin, garuu utuman seera Kiristoos jala jiruu, â jedha. Kana malees, Ibroota 8:10b ââSeera koo yaada isaanii keessa nan kaa'a, garaa isaanii keessattis isa nan caafa;â jedha. Warri ayyaana qofa jala jirra, seera hin qabnu jedhan ayyaana dogoggoraan fayyadamaa jiraachuu jiru. Amantootni kakuu haaraa keessatti seera hafuura kan Kiristoos jala jiru seerri sun immoo seera Hafuura Qulqulluun geggeeffamun jiraachuu dha. Phaawuloos Galaatiyaa 5 keessatti Hafuuran geggeeffama jedha, boqonnaa 6:2 irratti immoo "Ba'aa walii baadhaa! Akkasittis seera Kristos in raawwattu." jedha. Kun kan agarsiisu Hafuuran geggeeffamun jiraachuun seera Kiristoos isa haaraa sana jala jiraachuudha.
Guyyaa guyyaan gara Macaafa Qulqulluu dhufuu jireenya keenya godhachuu qabna. Tokko tokko kakuu haaraa keessatti seera Macaafa Qulqulluu gaafa hundayyuu dubbisuu qabna jedhu eessa jira jedhanii gaafachuu dandaâu. Garuu qajeelfama jireenya guyyaa guyyaa Maatewos 4 keessa qabna. Maatewos 4:4 irratti Gooftaan Yesuus akkas jedha âNamni nyaata duwwaadhaan hin jiraatu, dubbii afaan Waaqayyoo keessaa ba'u hundumaan maleeâ. Qajeelfamni caqasa kana keessa jiru akkuma nuti guyyaa guyyaan nyaata foonii nyaannu, guyyaa hundumaas sagalee Waaqayyoo fudhachuu qabnudha. Jireenya keenya fooniif gaafa hundayyuu nyaachuu qabna akkasuma jireenya keenya hafuurafis nyaatni hafuura kun nu barbaachisa. Nyaata hafuura kana kan nuy argachuu dandeenyu gara dubbii Waaqayyo isa nuuf barreeffame jiru dhufunidha. Nyaata kana barbaadna yoo taane gara dubbicha gaafa hunda dhufu qabna. Nyaachuun jireenya itti fufsiisuufidha. Namni dubbicha gaafa nyaatu jireenya kiristaanummaa isa sirrii fi isa dhugaa jiraachuu danda'a. Dubbiin afaan Waaqayyo keessa ba'u jireenya keenyaaf murteessa akka ta'e argu qabna.
Simoon Phexros deebisee, âSi dhiifnee eenyu bira dhaqna ree? Gooftaa, dubbii waa'ee jireenya bara baraa nama barsiisu situ qaba'o. â Yoh. 6:68. Pheexiroos gaafa gaaffii Yesuus gaafateef deebii kennu dubbii waa'ee jireenya bara baraa nama barsiisu situ qaba, Si dhiifnee eenyu bira dhaqna jedhe. Dubbiin waa'ee jireenya bara baraa nama barsiisu har'a guutummaa guutuutti Macaafa Qulqulluu keessa jira.
2 853
Jireenya mudaa malee Waaqayyo jiraachuuf akkasuma akka Abba keenya mudaa malee ta'uuf jaalala Waaqayyoon namoota hundumaa jaallachuu danda'u qabna.
Guyyaa gaarii
#Karaadhugaa
@karaadhugaa
2 853
Maddi jaalala qaraxxoota jaalala Waaqayyoo miti!
â˘Isin warra isin jaallatan qofa yoo jaallattan gatii maalii argattu? Kana immoo qaraxxoonni iyyuu ni godhu mitii? -Mat. 5:46HAHB
Jaalalli Waaqayyo namoota nu jaallatan qofaa akka jaallannu nu hingodhu kana ol namoota hundumaa akka jaallannu akkasuma immoo isaaniif akka kadhannu nu godha. Qaraxxoonni namoota isaan jaallatan in jaallatu, har'a nuyis jireenya kiristaanummaa keenya keessatti namoota nu jaallatan qofaa jaallanna yoo taane jaalalli keenya maddisaa Waaqayyoon kan ta'e miti. Maddi jaalala akkaana kan uumama dha. Kan namummaa keenya irra dhufudha. Jaalala qaraxxoota shaakalu irra gara jaalala Waaqayyo shaakalu dhufu qabna. Namoota yaa'ii amantoota keenya qofa deeman kan jaallannu yoo taane, namoota beeknu fi yaada barumsa amantaa keenya fudhatan qofa kan jaallannu yoo taane jaalalli keenya kan qaraxxoota sana waliin tokkodha. Jaalala qaraxxoota shaakalu irra gara jaalala Waaqayyo shaakalu dhufun jiraachuu danda'u qabna.
WARRA KAAN CAALAA MAALFAA GOOTU?
â˘Obboloota keessan duwwaa ho'iftanii nagaa yoo gaafattan, warra kaan caalaa maalfaa gootu? Warri saba Waaqayyoo hin ta'in iyyuu akkanuma in godhu mitii ree?
Maatewos 5:47
Warra kaan waliin jireenyi fi jaalalli keenya tokkodha yoo ta'e warra kaan caalaa wanti nuy goonu tokkoyyuu akka hinjirre argu qabna. Jireenyi Waaqayyo inni nu keessa warra kaan caaluun akka argamnu nu godha. Warra kaan kan caalu dandeenyu jaalala maddi isaa Waaqayyo ta'e sanaan namoota hundumaa jaallachuu dha. Warra kaan caaluun jaalala fi jireenya waaqummaa nuuf kennamenidha. Jaalala nu keessa jiru kana namoota hin fayyadamne yoo taane akkuma qaraxxoota sana taanee jiraanna jechuudha. Waaqayyo garuu kan inni nu irra barbaada jiru jaalalaa isaan jaallachuun akka isaati akka jaallannudha. Obboloota keenya qofa nagaa kan gaafannu yoo taane namoonni biyya lafaa hundinuu kana ni godhu.
Kiristaana taane namoota obboloota keenya ta'an kan nagaa hin gaafanne yoo taane, kan hinjaallatne yoo taanee argamne jaalalli keenya kan biyya lafaa keessa iyyuu isa kufa ta'e argama. Jaalala qaraxxoota irra gaditti kan jaallannu yoo taanee- jaalalli keenya kan akkamitti? Jireenyi keenya kan akkamitti? Gooftaan haala keessa jirru fi iddoo jirru kana nu haa agarsiisu. Nuy warra kaan jaalalaan jireenya jiraannun caalee akka Waaqayyo mudaa malee akka taanu nu irra barbaada Kiristoos. Fedha Waaqayyo bira ga'uu kan dandeenyu dubbii Yesuus dubbate kana karaa sirriin shaakalun jiraachuunidha.
Obboloota keenya qofa jaallachuun akka Waaqayyooti jaallachuu shaakalu hindandeenyu, kan nuy akka Waaqayyooti jaallachuu shaakalu dandeenyu namoota hundumaa garaa tokkichan kan jaalalli waaqummaa guuteen jaallachuunidha. Jaalala kanaan ammuma namoota hundumaa jaallachaa adeemnu akka Waaqayyoon muda-maleessa ta'a adeemna. Jaalala Waaqayyoon jaallachuun muda-maleessa nu gocha adeema.
==>>>Yesus, ââFira kee jaalladhu, diina kees jibbi!â jedhamee akka himame dhageessaniittu. Ani garuu isinittan hima, diinota keessan jaalladhaa, warra isin ari'ataniifis kadhadhaa! Kana yoo gootan ijoollee abbaa keessanii isa waaqa irraa in taatu; innoo aduu isaa warra hamootaa fi warra gaggaariidhaaf in baasa, bokkaa isaas warra qajeelotaa fi warra jal'ootaaf in roobsa. â
Maatewos 5:43-45
â˘âEgaa abbaan keessan inni waaqa irraa mudaa malee akkuma ta'e, isinis warra mudaa hin qabne ta'aa!â jedhe.
Maatewos 5:48
Akka Waaqayyo mudaa malee ta'uuf jaalala namoota qabnu kamiyyuu jaalala nu keessan sirreessu danda'u qabna. Mudaa kan hinqabne ta'e jaalalli keenya muldhachuu kan danda'u yoo jaalala Waaqayyoon namoota hundumaa jaallanne fi namoota nu jibban akkasuma namoota nu ar'ataniif yoo kadhannedha. Jaalala akkaana kan shaakala akkasuma jiraachuu jirru taanaan jaalalli nuy ittin jiraachuun jaallacha jiru kan Waaqayyoodha jechu nidandeenya. Waaqayyo inni jaalala anaaf ta'e nu keessan jaallachaa jira akkasuma na keessa mudaa-malee kan gocha jira jechuu ni dandeenya.
2 853
ILMI NUUF KENNAMEERA.
â˘â˘Mucaan nuuf dhalateera, ilmis nuuf kennameera; humni mootummaa isaa gatiittii isaa irra jira; maqaan isaa, âGorsaa,
dinqii, Waaqayyo-jabaa, abbaa bara baraa, angafa nagaaâ in jedhama.
Isaayaas 9:6
â˘â˘Manatti lixaniis mucicha haadha isaa Maariyaamii wajjin argatanii, lafatti gad gombifamanii isaaf sagadan; qorxii isaaniis bananii, warqee, ixaanaa fi qumbii harka fuudhaa kennaniif.
Maatewos 2:11
â˘Waaqayyoo nama ta'e, dubbichi foon ta'e, Waaqayyoo foon uffate. Waaqayyo waaqummaa duran ture irratti namummaa dabalate. Bara baraa darbe keessa Waaqayyo qofa inni ture yeroo nama ta'e jalqabe namummaa qaba. Kiristoos eenyummaa tokkicha garuu amala waaqummaafi namummaa kan qabudha. Inni Waaq-Namadha. Inni Waaqaa guutuu fi nama sirriidha.
1â˘Mucaan dhalate sun Waaqayyo jabaadha.
2â˘Waaqayyo mucaa ta'ee nuuf kennameera.
3â˘Mucaan dhalate sun humni mootummaa isaa gatiitti isa irra jira.
4â˘Mucaan dhalate sun Waaqayyo dha.
5â˘Ilmi nuuf kenname Waaqayyo dha akkasuma inni nama dha.
6â˘Ilmi nuuf kenname sun Abba bara baraadha.
7â˘Ilmi nuuf kenname sun angafa nagaadha.
8â˘Ilmi nuuf kenneme sun gorsaa dha.
9â˘Ilmi nuuf kenname sun dinqiidha.
10â˘Ilmi nuuf kenname sun fayyisaa biyya lafaa dha.
11⢠Ilmi nuuf kenname sun mootii bara baraadha.
12⢠Mucaan dhalate sun gammachuu keenyadha. Sababa gammachuu keenya bara baraa nuuf ta'e.
13⢠Mucaan xiqqaan dhalate sun kan sagadamun ta'uufidha.
14⢠Mucaan dhalate sun Waaqayyo keenya isa guddicha dha. Mucichi waan hundumaa nuuf ta'uuf isa bara baraan nuuf kennamedha.
Waahee mucichaaf Waaqayyoon haa galatu. Waahee Waaq-nama isa jalqaba kanaaf Waaqayyoof galaanni bara baraan haa ta'uuf.
#Boonaa Asfaawu
#Karaadhugaa
@karaadhugaa
2 853
Ijoollee ifa ta'u keenyan ifa erga taanee naannoo biyya kan hafuura in taane keessa jiraachuun Waaqayyoof gammachuu hin kennu." Yesuus ammas, âAni ifa addunyaa ti. Namni na duukaa buĘźu kam iyyuu ifa jireenyaa qabaata malee dukkana keessa hin deddeebiĘźuâ jedhee isaanitti dubbate."
(Yoh.8:12 HABH). Addunyaa amantaa keessatti wanta barreeffamne didne wanta hin barreeffamne keessa deddeebi'un dukkana keessa jiraachuun faallaa Waaqayyoon jiraachuudha. Wanta hin barreeffamne shaakalun faallaa Waaqayyoon wanta ta'e shaakaludha.
Addunyaan amantaa ayyaana biyya lafaan guutuu dha garuu Kiristoos isa nuuf barreeffame fi jiraata ta'e jireenya isa keessa hinqabu. Ayyaanni keenya Kiristoos miti yoo ta'e karaa barreeffame irra namoota hinjire taane argamna. Ayyaanni Kiristaana dhugaa Kiristoosiin mataasaa dha. Ayyaanni keenya Kiristoos isa nuuf barreeffame dha. Kiristoos inni eenyummaa jiraata ta'e ammoo akka Hafuura jireenya kennutti keessa keenya gaafa hundayyuu jiraachaa jira.
Kan barreesse obboleessa keessan Boonaa Asfaawuti.
#Karaadhugaa
@karaadhugaa
2 853
NUY NAANNAWA WAAQUMMAA KEESSATTI ISA AKKA AYYAANNEFFANNUF WAAQAYYO NAMA TA'E.
â˘Dubbiin foon taĘźee nu gidduu jiraate. Nus ulfina isaa, ulfina Ilma Tokkicha ayyaanaa fi dhugaadhaan guutamee Abbaa biraa dhufe sanaa argineerra.â˘Guutama isaa irraas hundi keenya ayyaana irratti ayyaana arganneerra. â˘Yesuusis deebisee, âAni dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo lammata dhalate malee mootummaa Waaqaa arguu hin dandaĘźuâ jedheen.
Yesuusis akkana jedhee deebise; âAni dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo bishaanii fi Hafuura irraa dhalate malee mootummaa Waaqaatti galuu hin dandaĘźu.â
(Yoh.1:14,16; 3:3, 5)HABH
Kaayyoon Waaqayyo nama ta'u isaa nun ijoollee Waaqayyoo nu gochuuf malee furii keenya qofaa nuuf ta'uuf hin ture. Namoonni baayyeen inni furii keenya qofadha jedhaani yaadu ta'a garuu Waaqayyo gaafa nama ta'e naannoo waaqummaa keessa akka nuyi jiraachuun isa gammadnuuf ture. Jireenya keenya guyyaa guyyaan naannoo kana keessa akka nuy jiraannu waan barbaaduuf gara mootimmaa isa keessa nu galche. Naannoo waaqummaa inni keessa nu galche naannoo Kiristoosiin qofa gaafa hundayyuu akka ayyaana keenyatti isa ayyaanneffannu dha akkasuma Isa gammadnu dha.
Naannawa waaqummaa yokiis naanoo ifa waaqummaa keessatti bakka kan qabu eenyummaa moofaa keenya fi addunyaa amantaa keenya miti Kiristoos qofadha. Giddu galeessa naannawa kana illee Kiristoosidha. Kan ayyaanneffannu Kiristoos, kan gammadnu Kiristoos, kan nyaannu Kiristoos, kan uffaannu Kiristoos, kan dhugnu Kiristoosidha. Karaan Kenya Kiristoos..... Wanti hundumti naannawa kana keessatti Kiristoosidha. Kiristoos naannoo kana keessatti inni waan hundumaa dha. Yeroo karaa nuf hin barreeffamne irra deemu jalqabnu karaa waaqummaa keenya isa tahe Kiristoosiin dhiisne deema jirra. Kiristoos nuuf dhalateera kun dhugaadha. Dhugaa kana ammoo namootaa gaafa hundayyuu gammadan ta'u qabna. Wanta ergamoonni hin shaakale kamiyyuu gaafa shaakalu jalqabnu kun karaa amantaa akka ta'e beeku qabna. Kiristoos mataansaa guyyaa dhalate kabaje hinbeeku, akkasuma namoonni guyyaa dhaloota isaa kabajan hinbarreeffamne. Wantootni hin barreeffamne akkaana gara Kiristoos tasayyuu nu hin geessan. Inni naannawa nuy uumne keessa hinjiru. Naannawa inni itti nuwaame keessa jiraachuuf gara isaati haa deebinu.
Kiristaannni Kiristoosiin barbaadu fi jaallatu nama waahee guyyaa yaadu otoo hin ta'in, nama Kiristoos isa foon uffaate, isa jireenya nama jiraate, isa fannifame, isa du'e, isa awwaalame, isa du'a ka'e, isa ol ba'e fi isa akka hafuura jireenya kennutti nu keessa jiraachaa jiru nama gammadun gaafa hundayyuu isa ayyaannessudha. Naannoo waaqummaa kana keessa kan jiraannu yoo taane waahee guyyaa yaadna otoo hin ta'in waahee Kiristoos isa akkaana namoota yaadnu taana. Kiristaana akkaana ta'un gammachu dhugaafi ayyaana dhugaa akka ayyaanneffannu nu godha. Ayyaanni keenya guyyaa adda addaa miti eenyummaa jiraata isa ta'e Kiristoosiin mataasaa dha. Guyyaa adda addaa ayyaana kabajun addunyaa amantaa keessa malee naannoo waaqummaa keessa akkasuma shaakala kiristaanummaa dhugaa keessa tasayyuu hinjiru.
Yesuus guyyaa dhaloota naaf kabaja iddoo inni itti nun jedhe tokkoyyuu hinqabu, akkasuma ergamoonni guyyaa kana yeroo isaan kabajan macaafa qulqulluu keessa hin arginu. Guyyaa kana kabajun kiristaanummaa miti addunyaa amantaa keessa jiraachuun biyya lafaaf fira ta'u yoo ta'e malee. Amantaa kiristaanummaa yeroo amma fi biyyi lafaa akkam walitti dhihoo akka ta'an wanti nu agarsiisu keessa kun ragaa guddaadha. Waaqayyo isa nama ta'e akka gaafa hunda gammadnuuf waamamne malee guyyaa dhaloota isaa kabajuf hin waamamne akkasuma kiristaana hintaane.
Namni Kiristaana gaafa ta'u naannoo ifa waaqummaa keessa dhufa. Naannoo ifa waaqummaa kana keessa ammoo addunyaan amantaa fi ilaalchi biyya lafaa tasayyuu hinjiru. Kan naannoo kana keessa keessa jiru Waaqayyoon Kiristoos keessan akka Hafuuratti gammadun shaakalu qofaadha. Naannoo ifa keessa jirra ofiin jecha jireenya biyyaa lafa tasayyuu gammadu hinqabnu. Kana irra deebine gara naannoo waaqummaa keessatti Kiristoosiin gammadun shaakalu dhufu qabna.
2 853
Nuyi Ammantootni Kiristoos Keessatti Guutuu Taaneera.
Nuyi Kiristoos wajjin tokko waan taaneef, nuyi qooddattoota wanta Inni fiixaan baase, argate, akkasumas harka keessa galfate hundumaati . Nuyi amantoonni buâaalee (miseensota) Kiristoos isa hunda-of keessatti haammataati. Nuyi Isa keessa ka'aamneerra, Isaa wajjin tokkoomneerra, akkasumas akka abbaa manaa
keenyaatti Isatti maxxanneerra (Qol. 1:28, Room.7:2-4)⌠Nuyi Kiristoos akkasii keessa jirra, akkasumas Innis nu keessa jira.
Nuyi Isa keessa ka'aamneerra, nuyi Isaa wajjin tokko, akkasumas nuyi wanta Inni taâee fi wanta Inni qabu hundumaa ni fudhanna. Hubannaan sammuu Kiristoositti maxxanuu keenyaa duwwaan gaâaa miti. Wanta Kiristoos keessaan kan keenya taâe hundumaa qooddachuuf, amantii sochoosuu nu barbaachisa .
Kadhannaa isaanii keessatti kiristaanonni baayâeen akkam akka isaan hiyyeessa ta'an, akkam akka jibbisiisoo ta'an, fi gadi bu'oo ta'an labsuu jaallatu. Kadhaannaan akkasii amanti- maleessa ykn wabi-maleessa. Wabii guutuun akka nuyi badhaadhummichaa wajjin, Kiristoos
Isa hunda-ofkeessatti haammataa wajjin akka tokko taane amanuu nu barbaachisa. Utuu wabii guutuudhaan kana mirkaneeffannee, nuyi gonkumaa ofii keenya akka hiyyeessaatti hin ilaallu. Nuyi gara Kiristoos ilaaluu (Ibro. 12:2) malee miirota waa'ee ofii keenyaa amanuu
hinqabnu. Erga Kiristoos samii sadaffaa keessa jira taâee akkasumas nuyi Isaa wajjin tokko taanee, akkasuma nuyis samii sadaffaa keessa jirra. Nuyi Kiristoos isa badhaadhummaan isaa bira hingaâamne keessa ka'amneerra. Isa keessatti guutummaadha, muda-maleessummaadha, fiixaan ba'ummaadha. Dhugaadhumatti, Inni mataansaa guutummaadha, muda- maleessummaadha, akkasumas
fiixaan ba'ummaadha. Sababa nuyi Isa keessa jirruuf, nuyis fiixaan ba'oo fi muda- maleeyyiidha. Nuyi warra badhaadhummaawwan Kiristoos dhaalaniidha.
"Ani warra Waaqayyoof qulqullaa'an hundumaa irra nan xinnaadha; haa ta'u iyyuu malee, badhaadhummaa Kristos isa bira ga'uun hin danda'amne, saba Waaqayyoo warra hin ta'initti misraachoo akkan lallabuuf ayyaanni kun anaaf kennameera."(Efe.3:8) Heertuu kana keessatti Phaawuloos badhaadhummaawwan Kiristoos isa bira hingaâamne dubbata. Nuyi salphaadhumatti badhaadhummaawwan bal'aa Kiristoos
keessaan dhaalle maal akka taâee hin beeknu. Yeroo baayâee âGooftaa, ani hiyyeessaa, waa tokko hinqabnu" jennee kadhanneerra. Garuu karaa kanaan kadhachuutu nu barbaachisa, âGooftaa, Ati waanan badhaadhaa, fiixaan ba'aa, fi guutuu taateef sin galateeffadha. Gooftaa Yesuus, sababa ani si keessa jiruuf, ani homaa hir'ina hinqabu.â Sababa nuyi Kiristoos Isa badhaadhummaawwan isaa bira hingaâamne keessa jirruuf, nuyi Gooftaatti, ergamootatti, akkasumas dabyaabiloositti illee nuyi biliyeeneroota biyya lafaa kam irrayyuu badhaadhoo akka taane himuu qabna. Yemmuu nuyi akka biyyeetti Kiristoos keessa dhaabamne, wanti jalqaba taâe nuyi Isa keessatti guutuu taâuu keenyadha; nuyi mulâina Isaa taâuudhaafbadhaadhummaa wwan waaqummaa hundumaan guutamneerra (lakk. 8,17,19). Kiristoos keessatti akka biyyeetti nuyi guutamneerra, fiixaan baaneerra, muda-maleeyyii taaneerra, kan garaa gaâee taaneerra akkasumas guutummaatti sooramneerra; nuyi homaa hindhabnu (Fil. 1:19). Kiristoos akka biyyeetti dhoksaa Waaqayyoo badhaadhummaawwan eenyummaa Isaa hundumaa wajjiniti.
Erga Kiristoos lafa gaarii isa nuyi keessa dhaabamne taâee, nuyi guutummaa kana keessa dhaabamneerra; isa keessatti nuyi guutuu, fiixaan ba'oo,fi muda-maleessa taaneerra. Wanta kamiinuu yoo ta'e nu hinbarbaachisu. Gara guutummaa kanaa keessa dhaabamuudhaan, nuyi salphaa dhumatti soorata irraa fudhanna (arganna). Akkuma akkas goonuun, akka nuti hanqina hinqabaane argina .
#Karaadhugaa
@Karaadhugaa
2 853
Jaalalli Waaqummaa Amantaan Miti Kan Wal Jaallatnu!
Amantaa â˘Jaalalli amantaan miti, Kiristoos amantaa keenyan miti kan nu jaallate!
â˘Namni Jireenya Kiristoos jiraate jiraachuu barbaadu namoota amantaan otoo hin ta'in akkasuman jaallata.
â˘Jaalalli amantaa kan uumamadha, jaalalli kiristaanummaa garuu kan waaqummaa dha. Jaalala uumama keenya irra gara jaalala waaqummaa haa deebinu isaan haa jiraannu, isaan haa jaallannu.
â˘Ati nama amantaa kee qofaa addan gaafa jaallatu nama amantaa taataa!
â˘Nama amantaa ta'un jireenya kiristaanummaa jiraachuu miti faallaa isaa jiraachuu dha malee'o.
â˘Nama amantaa ta'u osoo hin ta'in Kiristaana dhugaa fi sirrii ta'u nu barbaachisa. Kiristaana dhugaa jireenyan gaafa taanu amantaa keenyaaf otoo hin ta'in amantootaf iddoo dhugaa ta'e kenninaaf! Nama amantaa ta'u keenyaan Waaqayyoo nutti gammadu tasa hin danda'u akkasuma garaan isaa nutti boqochuu hin danda'u garuu nama jireenya kiristaanummaa dhugaan amantoota hunda waliin jiraatu gaafa taanu Waaqayyoof kun gammachuu adda kennaaf. Garaan isaas kana nu keessatti argu isaatii baayyee boqota. Jireenya amantaa otoo hin ta'in jireenya kiristaanummaa isa jaalalaan guute jiraachuun akkuma Kiristoos haa taanu, isa fakkaacha haa deemnu, gara isaati gaafa hundayyuu haa guddannu. Macaafa Qulqulluu Kakuu haaraa keessatti amantoota jireenya kiristaanummaa dhugaa jiraachuun Gooftaan itti gammadun fakkeenya nuuf ta'an malee amantoota jireenya amantaa jiraachuun fakkeenya nuuf ta'an hinqabnu. Shaakala kakuu haaraa qabachuun jireenya kiristaanummaa dhugaa kan hafuuran geggeeffamun ta'e jiraachuu dha. Fakkeenyummaan nuy barannuus Kiristoosiin amantoota hundumaa amantaan utuu adda hinqoodin jaallachudha.
==>>Michoota ko! Jaalalli kan Waaqayyoo waan ta'eef, kottaa wal in jaallannaa! Namni jaallatu hundinuu mucaa Waaqayyoo ti, Waaqayyoonis in beeka. Waaqayyo jaalala waan ta'eef, namni hin jaallatin, Waaqayyoon hin beekne. Waaqayyo akka nuyi isaan jireenya argannuuf, tokkicha ilma isaa gara biyya lafaatti erge; kanaan jaalalli Waaqayyoo nu gidduutti in mul'ate. Nuyi Waaqayyoon hin jaallanne; inni garuu nu jaallate, ilma isaas cubbuu keenyaaf furee haa ta'uuf nuuf erge. Jaalala jechuun isa kana. Michoota ko! Waaqayyo akkana erga nu jaallatee, nuufis immoo wal jaallachuun in ta'a. Namni tokko illee Waaqayyoon takkaa hin argine; yoo wal jaallanne, Waaqayyo nu keessa in jiraata, jaalalli inni ittiin nu jaallatus nu keessatti fiixaan ba'uu isaa ti.
1 Yohannis 4:7-12
Kan barreesse Boonaa Asfaawu
#Karaadhugaa
@Karaadhugaa
2 853
KIRISTOOS OGUMMAA KEENYA KAN WAAQAYYOON NUUF KENNAME DHA.
â˘Kiristoos amantootaaf akka isaan jireenya kiristaanummaa isa dhugaa jiraataniif kan kenname dha.
Waaqayyo amantoota hundumaaf akka isaan jireenya waaqummaa jiraataniif ogummaa waaqummaa isaaniif kenne. Waaqayyo akka nuyi ogummaa mataa keenyan jireenya kiristaanummaa jiraannu barbaada otoo hin ta'in akka nuy ogummaa waaqummaa kanan geggeeffamne jireenya waaqummaa lafa kana irratti jiraachuun wangeela keenya isa jiraatamu goone lallabnu barbaada.
Waaqayyo namni kamiyyuu ogummaa kana gaafa hunda barbaadun akka ittin guutamnu nu irra barbada. Ogummaa biyya lafaa argachuuf yeroo keenya baayyee akkuma irratti fixnu, ogummaa waaqummaa kana gammadun shaakalun ittin guutamuf ofii keenya kennuufi qabna. Ofii keenya ogummaa kanan guutamuf gaafa kenninu yeroon keenya akkasuma wanti nuti qabnu hundiyyuu isaaf ta'a adeema. Yeroo nuy ogummaa kanan guutamuf ofii keenya isaa kenninu inni ammoo kutaa keenya hundumaa ogummaa isaan guutuun akka nuy ogummaa kana gara alaatti jiraatnu nu godha.
Ogummaan waaqummaa nuuf kenname kun eenyummaa jiraata gara alaatti jiraatamudha. Gaafa gara alaatti ogummaa kana jiraatnu ogummaa kun wangeela keenya isa namoota hundumaa fayyisu akkasuma oduu gaarii namootaaf ta'a. Ogummaa akkaana of keessaa barabaraaf qabna. Ogummaan kun waan ta'e tokko miti eenyummaa jiraata isa ta'e Kiristoos isa fannifame dha. Ogummaan kun Kiristoos isa fannifame fi humna waaqummaa ittin jireenya waaqummaa jiraatnu isa nuuf ta'e dha.
â˘Ogummaa waaqummaa isa nuuf kenname kanaan gaafa hundayyuu guutamun akka wangeelaati gara alaatti haa jiraannu. Wangeelli ogummaa waaqummaa keenya isa keessoon nu guutuun gara alaatti jiraatamu danda'u dha. Wangeelli akkaana eenyummaa Kiristoos isa fannifame jiraachuun gara alaatti humna waaqummaan kan lallabamudha. Kana akka shaakaluuf Gooftaan ayyaana isaa nuuf haa baayyisu. Wangeela akkaana Waaqayyoo jireenya keenya keessatti argufi nu irra aloon dhaga'u baayyee barbaada. Dubbii kana akka hubannuuf Gooftaan nu haa gargaru. Ameen.
â˘Warra waamamaniif garuu Yihuudootaa fis taĘźu Giriikotaaf Kiristoos humna Waaqaatii fi ogummaa Waaqaa ti. Isin sababii isaatiin kan Kiristoos Yesuus taatan; inni ogummaa keenya kan Waaqa biraa dhufe jechuunis qajeelummaa keenya, qulqullummaa fi furii keenyaa dha. Kunis akkuma, âNamni boonu Gooftaadhaan haa boonuâ jedhamee barreeffamee dha.
1 Qorontos 1:24, 30-31
Kan barreesse obboleessa keessan Boonaa Asfaawu!
#Karaadhugaa
@Karaadhugaa
2 853
âď¸ Old Telegram Group namoonni qabdan na dubbisaa!
âď¸ Group waggaa 2 yookiin 3n dura baname yoo qabaattan gatii gaariidhaan bitaa jirra! đ
#Notice: âŹď¸
â
Baay'inni miseensaa gatii groupichaa hin hir'isu! Bara baname qofatu ilaalama.
â
Private irra yoo jiraate rakkoo hin qabu garuu visible ta'uu qaba.
#Warning: âŹď¸
â Clear history hin taasisinaa! Yookiin post groupicha keessa jirullee hin balleessinaa! Baay'inni text group keessan keessa jiru gatii groupichaa ol kaasa!
â Clear history goonan bara create ta'e isin duraa balleessuun groupicha gatii dhabsiisa!
â Group location qabu gurgurtaaf hin ta'u! Akkasumas groupin biyya Russiatiin jiru gurgurtaaf hin ta'u!
đ Amanamummaan Keenya Hunda biratti kan mirkanaa'edha đ
Ammuma kottaa, kallattiidhaan nu qunnamaa! Haqummaadhaan daldala amansiisaa raawwanna!
đ˘ Contact me:
Inbox: âď¸ â˘â¤ @Bonashalom đ
đ˘ Telephone
2 853
Lak. 16: Eebbi warra amantii haaraa kana hordofanii fi "Israaâel Waaqayyoo" (waldaa Kiristaanaa) irra haa jiraatu.
Lak. 17-18: Mallattoo Amanamummaa fi Nagaa Dhaamsa Dhumaa
Ibsa: Phaawulos xumura irratti, "Ani godaannisa madaa isa Yesuus qaba ture namummaa koo irraa waanan qabuuf, siâachi namni tokko iyyuu ana hin rakkisin" jedha. Godaannisa reebichaa fi dararaa Wangeelaaf jedhee irra gaâe, mallattoo amanamummaa isaatiif ragaa godhee dhiheessa.
Lak. 18: Xalayaa isaa eebba isaatiin xumura: "Ayyaanni gooftaa keenyaa Yesus Kristos hafuura keessanii wajjin haa taâu. Ameen."
Kanaan, ibsa kitaaba Galaatiyaa guutummaa isaa xumurreerra.
#Karaadhugaa
@Karaadhugaa
2 853
ERGA GALAATIYAA BOQONNAA 6FFAA IBSA GABAABAA WALIIN
KUTAA 6FFAA
Mee amma boqonnaa isa xumuraa, Boqonnaa 6, haa xiinxallu. Boqonnaan kun erga Phaawulos waaâee bilisummaa fi jireenya hafuuraa barsiisee booda, qajeelfama qabatamaa waldaan Kiristaanaa ittiin jiraachuu qabdu kenna. Akkasumas, xalayaa isaa guduunfee xumura.
Ergaa Galaatiyaa Boqonnaa 6
Yaada Ijoo Boqonnichaa: Phaawulos bilisummaa Kiristaanaa isa jaalalaan hojjetamu jireenya waldaa keessatti akkamitti akka agarsiifamu ibsa. Inni waaâee baâaa walii baachuu, ittigaafatamummaa dhuunfaa, seera facaasuu fi galfachuu, akkasumas guduunfaa isa xumuraa barreeffama isaa keessatti lafa kaaâa.
Ittigaafatamummaa Hawaasummaa fi Dhuunfaa (Lak. 1-10)
Lak. 1: Obboleessa Kufe Deebisuu
Ibsa: Qajeelfamni jalqabaa: Yoo namni tokko cubbuutti kufe (osoo itti hin yaadin), isin warri hafuuraan geggeeffamtan hafuura garraamummaatiin isa deebisuu qabdu. Phaawulos akeekkachiisa dabala: "Isinumti iyyuu akka hin qoramnetti of eeggadhaa." Kun of tuuluu dhiisanii, gad of deebisuun wal gargaaruu akka qaban ibsa.
Lak. 2: Baâaa Walii Baachuu
Ibsa: Yaada isa duraa itti fufa: "Baâaa walii baadhaa! Akkasittis seera Kristos in raawwattu." "Baâaa" asirratti rakkina, dadhabbii fi qorumsa jireenyaa agarsiisa. "Seerri Kiristoos" immoo seera jaalalaa isa "nama akka ofii keetiitti jaalladhu" jedhudha. Bilisummaan keenya jaalalaan wal gargaaruu keessatti mulâata.
Lak. 3-5: Ittigaafatamummaa Dhuunfaa
Ibsa: Phaawulos yaada isaa madaala. Baâaa walii baachuun gaarii taâus, namni hundinuu ittigaafatamummaa mataa isaa qaba.
Lak. 3: Namni homaa utuu hin taane, of tuulee waan tokko yoo of seâe, of gowwoomsa.
Lak. 4: Namni kamiyyuu of jajuu kan qabu hojii ofii isaa qoree, Waaqayyo duratti fudhatamaa taâuu isaa yoo argeedha malee, nama biraatiin of madaalee miti.
Lak. 5: Dhuma irratti, "Namni adduma addaan waan ofii isaatii baatu qaba." "Baâaa" asirratti kan lakkoofsa 2 irraa adda. Inni ittigaafatamummaa dhuunfaa nama hundumaatu Waaqayyo duratti qabu agarsiisa (fakkeenyaaf, guyyaa firdiitti).
Lak. 6-10: Seera Facaasuu fi Galfachuu (Seera Guddifachaa)
Ibsa: Kun seera hafuuraa isa buâuuraati.
Lak. 6: Nama dubbii Waaqayyoo barsiisu wanta gaarii qaban hunda irraa hirmaachisuun (gargaaruun) gaariidha.
Lak. 7-8: "Hin gowwoominaa, Waaqayyo kan itti gaâisan miti. Namni waanuma facaase in galfata."
Namni foon isaatiif facaasu (jireenya ofittummaa fi cubbuu jiraatu), badiisa galfata.
Namni hafuuraaf facaasu (jireenya Waaqayyoof abboomamu jiraatu), jireenya bara baraa galfata.
Lak. 9-10: Waan gaarii hojjechuutti hin laafinaa (hin nuffinaa), sababni isaas yeroo isaatti galfachuuf jirra. Kanaaf, hamma carraa qabnutti, nama hundumaaf, keessumaa warra amantiin maatii keenya taâaniif, gaarii haa hojjennu.
Guduunfaa Xumuraa fi Nagaa Dhaamsa (Lak. 11-18)
Phaawulos xalayaa isaa guduunfa. Yaada isaa isa ijoo irra deebiâee mirkaneessa, kunis harka isaatiin taâuu isaa ibsa.
Lak. 11: Mallattoo Dhuunfaa Isaa
Ibsa: "Kunoo, amma fidala gurguddaadhaan harka kootiin isiniif caafuu kootii ilaalaa!" Yeroo baayyee Phaawulos nama biraatiin barreessisa ture. Kutaa isa xumuraa garuu harka isaatiin barreessuun, dhimmi sun hammam barbaachisaa fi dhuunfaa akka taâe agarsiisa.
Lak. 12-13: Kakaâumsa Barsiisota Sobaa Saaxiluu
Ibsa: Irra deebiâee sababa barsiisonni sobaa dhaqna qabaa lallaban saaxila:
Fooniin of jajuuf: "Wanta namummaa keessan irratti mulâatu kanaan of jajuu duwwaadhaaf" kana godhu.
Ariâatamu jalaa baâuuf: Fannoo Kiristoos lallabuun Yihuudota biratti ariâatamuu fida. Isaan garuu kana sodaatanii, dhaqna qabaa lallabu. Isaan ofii isaaniitiiyyuu seera hin eegan.
Lak. 14-16: Of Jajuu Phaawulos Isa Tokkicha
Ibsa: Phaawulos of jajuun isaa tokkicha: "Ani garuu fannoo gooftaa keenya Yesus Kristosiin malee, waan biraatiin of jajuun matumaa anaaf hin taâu." Fannoon sun iddoo biyyi lafaa isaaf duute, innis biyya lafaatiif duâeedha.
Lak. 15: Wanti gatii qabu dhaqna qabachuu yookiin dhiisuu miti; uumama haaraa taâuu qofa.2 853
Ibsa: Xumura irratti, yoo jireenyi keenya hafuuraan taâe, adeemsi keenya guyyaa guyyaas hafuurumaan taâuu qaba. Of tuuluu, walitti naquu (wal aarsuu) fi walitti hinaafuu dhiisuu qabna.
#Karaadhuga
@Karaadhugaa
2 853
Erga Galaatiyaa Boqonnaa 5ffaa ibsa gabaaba waliin
Kutaa 5ffaa
Erga Phaawulos falmii tiâoolooojii isaa boqonnaa 3 fi 4 keessatti xumuree booda, boqonnaan kun gara jireenya qabatamaatti deebiâa. Gaaffiin isaas: "Egaa bilisummaa Kiristoos nuuf kenne kanaan akkamitti jiraanna?" jedhudha.
Ergaa Galaatiyaa Boqonnaa 5
Yaada Ijoo Boqonnichaa: Phaawulos bilisummaa Kiristaanaa jechuun seera jalâisuu yookiin cubbuu hojjechuuf heyyama argachuu osoo hin taane, jaalalaan wal tajaajiluu fi Hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamuudhaan ija hafuuraa godhachuu akka taâe barsiisa.
Waamicha Gara Bilisummaatti (Lak. 1-15)
Lak. 1: Yaada Ijoo - Jabaadhaa Dhaabadhaa!
Ibsa: Phaawulos yaada isaa isa guddaa lafa kaaâa: "Birmadummaatti akka nuyi jiraannuuf Kiristoos birmaduu nu baase; kanaaf itti jabaadhaa dhaabadhaa! Deebitaniis waanjoo garbummaa jalatti hin qabaminaa!" Kun guduunfaa boqonnaawwan duraanii fi seensa boqonnaa kanaati. "Waanjoo garbummaa" kan jedhame seera Musee, keessumaa dhaqna qabaadha.
Lak. 2-6: Akeekkachiisa Cimaa Waaâee Dhaqna Qabaa
Ibsa: Phaawulos ifatti akeekkachiisa:
Lak. 2: Yoo fayyinaaf jettanii dhaqna qabattan, Kiristoos homaa waaâee isiniif hin baasu. Sababni isaas, hojii Kiristoos isa guutuu tuffattanii hojii fooniitti of irkiftaniirtu.
Lak. 3: Namni dhaqna qabate, seera guutummaatti eeguuf dirqama of irratti fudhata. Seera cabsuun immoo abaarsa jala nama galcha.
Lak. 4: Warri seera eeguudhaan qajeelaa of godhan, Kiristoos irraa addaan of kutaniiru; ayyaana Waaqayyoo irraas kufaniiru. Kun gocha baayâee sodaachisaadha.
Lak. 5-6: Karaa keenya isa sirrii ibsa: Nuyi qajeelummaa kan eeggannu Hafuuraan, karaa amantii qofa. Kiristoos keessatti kan gatii qabu dhaqna qabachuu yookiin dhiisuu osoo hin taane, amantii isa jaalalaan hojjetudha.
Lak. 7-12: Eenyutu Isin Gufachiise?
Ibsa: "Fiigicha gaarii fiigaa turtan; eenyutu isin dhowwe?" jedhee gaafata. Barsiisni sobaa kun Waaqayyo irraa akka hin taane ifa taasisa. Jecha isaa isa beekamaa "Raacitiin xinnoon bukoo guutuu bukeessa" jedhu fayyadamee, barsiifni sobaa xiqqoon illee waldaa guutuu balleessuu akka dandaâu akeekkachiisa. Phaawulos ammas yoo inni dhaqna qabaa lallaba taâee, maaliif akka ariâatamu gaafata. Yoo dhaqna qabaan lallabama taâee, fannoon Kiristoos gufuu taâuun isaa in hafa ture. Xumura irratti aarii isaatiin, "Namoonni isin raasan kun utuu of muranii (xuâaashii of godhanii) ni wayya ture!" jedha.
Lak. 13-15: Bilisummaan Akkamitti Fayyadamama?
Ibsa: Phaawulos gaaffii, "Egaa bilisummaan cubbuu hojjechuuf heyyamamoo?" jedhuuf deebii kenna. Gonkumaa! Bilisummaan keessan "yaada fooniitiif karaa hin kennin." Kanaa mannaa, "jaalalaan waliif ergamaa." Guutummaan seeraa jecha tokkoon xumurama: "Nama akka ofii keetiitti jaalladhu." Yoo kana gochuu dhiistanii wal ciniintanii wal nyaattan, dhuma irratti wal fixxu.
Jireenyi Hafuuraan Moo Fooniin? (Lak. 16-26)
Kun kutaa isa beekamaa waaâee waldhabdee foonii fi hafuuraa ibsudha.
Lak. 16-18: Waldhabdee Isa Garaa Keessaa
Ibsa: Qajeelfamni Phaawulos ifaadha: "Hafuuraan geggeeffamaa jiraadhaa malee, fedha foonii hin raawwatinaa." Sababni isaas, foonii fi hafuurri wal mormu. Isaan diinota. Waan jaallannu akka hin gooneef wal ittisu. Garuu yoo Hafuuraan geggeeffamtan, seera jala hin jirtan.
Lak. 19-21: Hojii Foonii
Ibsa: Hojiin foonii (amala cubbamaa isa moofaa) ifatti mulâata. Inni tarreeffama dheeraa cubbuuwwanii kaaâa: halalummaa, xuraaâummaa, waaqolii tolfamoo waaqessuu, diinummaa, hinaaffaa, dheekkamsa, ofittummaa, machii fi kkf. Akeekkachiisa cimaa kenna: "Warri wanta akkasii hojjetan mootummaa Waaqayyootti galuu hin dandaâan."
Lak. 22-24: Ija Hafuuraa
Ibsa: Gara fuggisootti, yeroo Hafuurri Qulqulluun jireenya keenya toâatu, amala Kiristoos fakkaatu "Ija Hafuuraa" jedhamu argamsiisa. Isaanis: jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa, garraamummaa fi of dhowwuu. "Seerri isaan kanaan mormu hin jiru," sababni isaas amalli kun fedhii seeraa guutummaatti raawwata. Warri kan Kiristoos ta'an, foon fedha isaa wajjin fannisaniiru.
Lak. 25-26: Hafuuraan Jiraachuu fi Hafuuraan Adeemuu2 853
Saaraa Yerusaalem ishee waaqa keessaa (ishee bilisa taate) bakka buuti. Isheen haadha keenya.
Nuyi, akkuma Yisihaq, ijoollee abdii ti.
Ari'amuu fi Dhaala (Lak. 29-31): Akkuma Ishmaaâel (ilmi foonii) Yisihaqiin (ilma hafuuraa) ariâachaa ture, harâas warri seera jala jiran warra amantii jala jiran ni ariâatu. Garuu Kitaabni Qulqulluun maal jedha? "Ilmi garbittittii ilma ishee birmaduu wajjin dhaala hin hirmatu; garbittittii fi ilma ishee baasi!" Kanaaf, Phaawulos xumura irratti akkana jedha: "Nuyi ijoollee ishee birmaduu ti malee, kan ishee garbittii miti."
Join and share
#karaadhugaa
@karaadhugaa
