uk
Feedback
Karaa Dhugaa

Karaa Dhugaa

Відкрити в Telegram

𝐊𝐚𝐫𝐚𝐚𝐧, 𝐝𝐡𝐮𝐠𝐚𝐚𝐧𝐢𝐟𝐢 𝐣𝐢𝐫𝐞𝐞𝐧𝐲𝐢 𝐘𝐞𝐬𝐮𝐮𝐬 𝐪𝐨𝐟𝐚𝐝𝐡𝐚. 𝐘𝐞𝐬𝐮𝐮𝐬 𝐤𝐚𝐫𝐢𝐜𝐡𝐚 𝐣𝐢𝐫𝐚𝐚𝐭𝐚, 𝐝𝐡𝐮𝐠𝐢𝐜𝐡𝐚 𝐣𝐢𝐫𝐚𝐚𝐭𝐚 𝐟𝐢 𝐣𝐢𝐫𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐝𝐡𝐚. @BonaShalom

Показати більше
2 875
Підписники
-124 години
-107 днів
-5530 день
Архів дописів
HARKA ABBAA KEENYA KEESSA JIRRA. ••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• #KUTAA_19FFAA ••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• Abbaa keenya inni ta'e Waaqayyo gaafa hundayyuu utuu nu hin dadhabin harka isaan nu qabe jira. Harka Waaqayyoo Abbaa keenya keessa jiraachuun waan salphaa miti, isaan gaafa hundayyuu qabamnee bara baraan jiraachuun keenya nagaa waaqummaa nuuf kenna, gammachuu isaa akka gammannu nu godha. •Abbaan koo inni anatti isaan kenne, hundumaa irra guddaa dha; homtinuus harka abbaa koo keessaa isaan butachuu hin danda'u. (Yohannis 10:29) NUYII IJOOLLEE WAAQAYYOO DHA. •Abbaan jaalala guddaa attamii akka nu argisiise mee ilaalaa! Jaalala kanaan nuyi ijoollee Waaqayyoo jedhamnee in waamamna; dhugumas nuyi ijoollee isaa ti... 1 Yohannis 3:1 Mucaan xiqqaan harka abbaa isaa isa foonii keessa jiraachuu isaati gammachuu addaatu itti dhaga'ama, boqonnaa gaarii harka abbaa isaa keessa taa'un argata. Nu illee harka Waaqayyoon keessa waan jiruuf gammachuu sirriitti gammadu fi boqonnaa keessa jiraachuun shaakalu danda'u qabna. Nuy ijoollee Waaqayyoo, warra harka Abbaa keenya keessa gaafa hundayyuu jiraannudha. Mucaa xiqqaan tokko abbaa isaa harka irratti baatamee kan jiru, jireenyi isaa abbaa isaa irratti maxxanee akka jiru yaadi. Naannoo isaa keessatti jeequmsi, rakkoo fi sodaachuun jiraachuu danda’a. Addunyaan hundi diigamaa jiraachuu danda’a. Garuu mucaan sun guutummaatti nagaa keessa jira, inni wantoota alaan otoo hin ta'in waanta harka abbaa isaa keessa jiruuf nagaa qaba. Waan naannoo isaa keessatti ta’aa jiru irraa hin yaadda'u, hin sodaatu. Inni humna isaatiin of hin eegu; harka abbaa isaa keessatti nagaan eegama. Inni abbaa isaa amanata, kanaaf boqonnaa fi tasgabbii qaba. Nuyis yeroo baay’ee jireenya keessatti rakkoowwan adda addaa keessa darbina. Yeroo tokko tokko dhukkubni, rakkoon maatii, rakkoon hojii, hanqinni maallaqaa ykn yaaddoon jireenya keenya ulfaachisuu danda’a. Yeroo sanatti waan hundi waan nu irratti ka’e nuutti fakkaachuu danda’a. Garuu akka mucaa harka abbaa isaa keessa jiru sanaatti, nuyis harka Waaqayyoo keessa jirra. Inni nu dhiisee hin deemu; yeroo hundumaa nu waliin jira. Yeroo humni keenya dadhabu, humni Isaa nu baata. Yeroo karaa hin argine, Inni karaa nuuf bana, karaa keenya nuuf ta'a. Kanaafuu nagaan keenya haala jiru irraatti hundaa'a osoo hin taane argama isa ta'e harka Waaqayyoo keessa jiraachuu keenya irraatti hundaa'a. Yesuus Abbaan keenya warra nu marsanii jiran hundumaa caalaa humna guddaa akka qabu nu barsiiseera. Namni tokko illee harka Isaa keessaa nu butuu hin danda’u. Jaalalli Isaa hin jijjiiramu, amanamummaan Isaas hin hir’atu. Yeroo namoonni nu dagatan illee Inni nu hin dagatu. Yeroo namoonni hundi nu irratti abdii kutatan illee Inni abdii keenya ta’ee hafa. Yesuus bartoota Isaatiif akkana jedhe: Yesus itti dabalee, “Isin yaa warra karra xinnayyoo nana! Kana keessaa hin sodaatinaa; abbaan keessan mootummaa isaa isiniif kennuu jaallateera." (Luqaas 12:32) Nuti humna fi cimina addaa Waaqayyoon alaatti hin qabnu. Addunyaa kana keessatti dadhaboo fakkaachuu dandeenya. Garuu mootummaa Waaqayyoo nuuf kennuun fedha fi gammachuu Abbaa keenyaati. Waan Waaqayyo nuuf qopheesse humni tokko illee nu irraa fudhachuu hin danda’u. Waadaan Isaa amanamaa dha. Kanaaf yeroo sodaa fi jeequmsa keessa jirtu, yeroo gaaffiin hedduun sammuu kee keessatti ka’u, yaadadhu: Ati ilma Waaqayyoo ti. Ati harka Abbaa kee keessa jirta. Inni si jaallata, si eega, si qajeelcha. Akkuma mucaan harka abbaa isaa keessatti boqotu, atis harka Waaqayyoo keessatti boqodhu. Nagaan Isaa garaa kee haa guutu; mootummaa Isaa keessatti dhaalli kee mirkanaa’eera. 🙏🏽✝️❤️ Barreessaan obboleessa keessan Boonaa Asfaawu dha. #Karaadhugaa @Karaadhugaa

Namoonni hedduun Waaqayyo akka hojjetu eegaa jiru; garuu waan isaanii cabee jiru Isa duratti diriirsuu didaa jiru. Dhukkuba keenya ni dhoksina, laafina keenya ni haguugna, rakkoo keenya ni ukkaamsina. Garuu Yesuus waan nuti akka hin jirre fakkeessinu hin fayyisu. Waan Isa duratti dhiheessinu fayyisa. Cabinni kee humna Isaa ol miti. Amantii fi ayyaana Waaqayyoon nuuf kennamen waan kamiyyuu isa duratti haa diriirsinu akkasuma haa dhiyeessinu. Diinni kee iddoowwan goganii jiran jireenya argachuu akka hin dandeenye si amansiisuu barbaada. “Ati baay’ee mancaateetta, yeroon kee darbeera, laafteetta, fagaatteetta” jedhee sitti hasaasa. Garuu Yesuus waan namoonni abdii kutatan deebisee dhaabu keessatti ogeessa dha. Fayyisaan harka sana deebisee dhaabe sun amma illee jireenya namaa deebisaa jira. Waan namni “du’eera” jedhu, Waaqayyo “deebifamuu danda’a” jedha. Waaqayyo jireenya keenya keessatti wantoota goganii jiran hundumaa diriirsu ni danda'a, diriirsuuf of kennu keenya eegaa Jira. "Inni garuu balleessaa keenyaaf in waraaname, sababii yakka keenyaafis reebamee in caccabsame; nuyi nagaa akka argannuuf inni in adabame, madaa'uu isaatiinis fayyinni nuuf in argame; "(Isaayaas 53:5). Kiristoos cubbuu keenya qofa osoo hin taane rakkina keenya illee baate. Fannoo irratti Waaqayyo dadhabina namaa keessatti nama hin dhiisne gaafa jennu kun ragaa guddaadha. Yesuusiin fayyinni kan qaamaa qofa miti — fayyina hafuuraa, yaada, miiraa fi fedha keenyatti. Fayyinni Yesuus iddoo hundumaa keenya kan diriirsun Wal ga'uu dandahu dha. Inni nama qaanfateef ulfina deebisa, nama dadhabeef abdii kenna, nama garaan cabeef humna kenna. Harki sun yeroo deebi’ee guutuu ta’u namoota hundumaaf dhugaa baatuu ta’e. Waan yeroo tokko hanqina agarsiisu ture humna Waaqayyoo mul’isu ta’e. Waaqayyo yeroo hedduu dhukkuba kaleessaa gara dhugaa baatuutti jijjiira. Bakka ati yeroo tokko kufte bakka ulfinni Waaqayyoo itti mul’atu ta’uu danda’a. Yeroo tokko tokko Waaqayyo hanga dhuma akka geenyu nu eeyyama; kanaanis guutummaa humna Isaa akka beeknu godha. Humni namaa harka sana deebisuu hin dandeenye; garuu dubbii tokkoon Yesuus waan hundi jijjiirame. Waan Waaqayyo yeroo tokko keessatti gochuu danda’u gadi hin xiqqeessin. Tuqaan Kiristoos waggoota gaddaa, hidhaa, fi abdii kutannaa jijjiiruu danda’a. "Inni garuu, “Ayyaanni koo si ga'a, humni koo dadhabaa keessaan akeeka isaa in raawwata” naan jedhe. Humni Kristos ana bira akka buufatuuf, dadhabaa ta'uu kootiin hundumaa irra caalchisee gammachuudhaan of nan jaja." (-2 Qorontos 12:9). Dadhabinni kee kaayyoo Waaqayyoo irraa si hin hambisu; bakka humni Isaa itti mul’atu ta’a malee. Addunyaan humna namaa kabaji; mootummaa samii keessatti garuu of kennuutu deebii argata. Yeroo dadhabina keenya Waaqayyo duratti dhiheessinu, ayyaanni Isaa waan humni namaa hin dandeenye hojjechuu jalqaba. Waaqayyo gaafa harka kenninu achi keessan ulfina isa muldhisa akkasuma hojii isaa hojjetta. Har’as Yesuus namoota madaawaniif waamicha isuma sana qaba: “Harka kee diriirsi.” Amantii kee diriirsi, yoo dadhabaa fakkaate illee. Abdii kee diriirsi, erga abdii kutannaa keessa darbee booda illee. Garaa kee diriirsi, erga dhukkuba keessa darbitee booda illee. Kiristoos inni harka goge sana deebisee dhaabe sun, bakka jireenya kee keessatti cabee jiru hunda deebisuu danda’a. Yeroo wanti hundi harka Waaqayyoo keessatti kennamu, waanti kun hin danda’amne jechuun hin jiru. Waaqayyo waan hundumaa in dandaha, dandahu isaa immoo nutti ulfina isaan agarsiisu barbaada. Ameen🙏 Obboleessa keessan Boonaa Asfaawutiin #Karaadhugaa @Karaadhugaa

HARKA KEE DIRIIRSI ••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• #KUTAA17FFAA •••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• "Ergasii namichaan, “Harka kee diriirsi!” jedhe; namichis diriirse, harki isaa deebi'ee akkuma isa kaanii fayyaa ta'e." -Maatewos 12:13 Mana sagadaa keessatti yeroo Yesuus namicha harki isaa goge sana argu, namoonni hedduun isa ilaalaa turan; garaan isaanii garuu jabaatee ture. Geggeessitoonni amantii sun garaa araaraa hin qaban turan; Yesuusin himachuuf carraa barbaadaa turan. Isaan jireenya namicha cabsame tokkoo deebisanii fayyisuu irra duudhaa isaanii eeguu caalaa barbaadan. Garuu gidduu murtii isaanii qabbanaa’aa sana keessatti namichi waggoota hedduuf salphina, hanqina, fi dhukkuba cal’isaa keessa ture tokko dhaabatee ture. Haa ta’u malee, yeroo Yesuus bakka tokko seenu, cabni naannoo inni seenu keessa jiru matumaa hin dagatamu. Dhukkubni sun dhufu Yesuusiin fayyu ni danda'a kanaaf dhufun Yesuus namicha sana faytisuuf ture. Harki gogaan sun dhibee qaamaa qofa hin turre. Inni wantoota jireenya keessatti laafanii, gogan, hojii dhabanii jiran hunda bakka bu’a ture. Namoonni hedduun yeroo har’aa iddoowwan goganii fi madaawan garaa isaanii keessatti baatanii jiru — amantii madaa’e, abjuu caccabe, maatii diigame, hafuura dadhabe, fi kadhannoota deebii hin arganne. Yoo illee namoota duraan dhokatan, Waaqayyo madaa keessa keenya jiru hunda ni arga. Namoonni hundi jireenya isaanii keessatti wanta jireenya isaanii gogsan ni qabu, namoonni rakkina isaanii argu dhiisuu dandahu Waaqayyo garuu rakkina sana ni arga akkasuma guyyaa isaatii waan gochuu barbaade in godha. Yesuus fayyisuu isaa dura waan dinqisiisaa tokko godhe: namicha sana gara fuulduraatti waame. Dhoksaan isa hin fayyisne yookaan uummata gidduutti isa hin dhiisne. Kiristoos namicha rakkachaa ture sana giddu namootaa keessa dhaabe. Yeroo hedduu Waaqayyo fayyina nuuf fiduu dura bakka dhoksaa keessaa nu baasa. Wanti nu dhoksuuf yaallu yeroo tokko tokko bakka ulfinni Isaa keessatti mul’atu ta’a. Waaqayyo haala keenya isa dhoksaa keessa nu baasuun ulfinni isaa akka nu irran muldhatu gochuu ni danda'a. Dhoksaa keenya keessa gara fuula-duratti nu fiduun isaa nu hammeessuuf otoo hin ta'in nu fayyisuun ulfinnichaan nu guutuufidha. Fariisonni seera caalaa deebi'uu fi fayyuu jireenya namaa hin ilaalan ture; Yesuus garuu araarri sirna caalaa guddaa akka ta’e isaaniitti mul’ise. “Guyyaa Sanbataatti gaarii gochuun seera qabeessa moo?” jedhee isaan gaafate. Cal’isni isaanii garaan isaanii jabaachuu saaxile. Amantiin araara hin qabne sagalee duwwaa ta’a. Waaqayyo namoota murtii keessatti hidhuuf amantii hin kennine; jaalala Isaa, humna Isaa, fi furii Isaa mul’isuuf kenne. Waaqayyo amantii isaa kan nuuf kenne nu fayyisuun jireenya isaa nuuf kennuufidha. Sana booda ajajni waan hunda jijjiire dhufe: “Harka kee diriirsi.” Namicha harki isaa hojjechuu hin dandeenye tokkoof ajajni akkasii akkam nama ajaa’iba! Garuu Yesuus yeroo hedduu waan namaaf hin danda’amne kan fakkaatu akka goonu nu gaafata; dinqiin isaa sana booda mul’ata. Amantiin bakka humni namaa dhumu irraa jalqaba. Namichi sun sodaa yookaan qaanii irraa kan ka’e diduu danda’a ture; garuu inni ajajamuu filate. Gaafa nuy humna hinqabnu ati garuu nidandeessa jennee itti if kenninu amantiin hojii isaa ni jalqaba. Gaafa nuy humna hinqabnu, daandeetti hin qabnu jennu amantiin hojii isaa hojjeechu ni danda'a. Karaan amantiin ittin hojjeettu karaa humna fi ayyaana Waaqayyoonidha. Dinqiin sun yeroo Yesuus dubbate qofa hin mul’anne; yeroo namichi ajajame mul’ate. Fayyinni namticha amantii Yesuus namtichaaf akka inni of kennuuf kenne sana gaafa inni ajajamu galma ga'e. Dubbiin Yesuus fi deebisaani of kennuu amantii keessa argamu gaafa walitti dhufu fayyinni ni argama. Yeroo inni harka isaa laafaa sana diriirse, humni gara waan du’e fakkaatu sanaatti seene. Kun humna ajajamuu Kiristoosiif qabu dha. Yeroo Waaqayyo dubbatu, wantoonni namaaf hin danda’amne illee jijjiiramuu jalqabu. Dubbiin Yesuus akkuma waan baayyee uume sana waan baayyee jijjiiru ni danda'a.

Yeroo inni akkas jedhu Yesuus isaan waliin ture. Kanaaf, dubbicha Yesuus irra barachaa turan. Har'a dubbicha argachuuf garri nuy deemu qabnu gara Macaafa Qulqulluu dha. Akkuma baratoonni Gooftaa waliin turan gaafa hundayyuu dubbichaa waliin yeroo keenya dabarsuu qabna. Dubbichaa waliin yeroo keenya dabarsuun Gooftaa waliin yeroo keenya dabarsuu dha. Abbaa dubbicha isa ta'e waliin yeroo keenya dabarsuudha. Sagalee Macaafa Qulqulluu dubbisuun akka nyaataati fudhachuun ittin jiraachuun jireenya keenya guyyaa guyyaaf baayyee murteessaa dha. Ammuma dubbicha waliin yeroo keenya dabarsine Gooftichaa karaa dubbicha beeka adeemna. “Nuyi isa tokkicha qulqulluu Waaqayyoo akka ati taate amanneerra, beekneerras” jedhan. (Yoh.6:69). Baratoonni dubbicha isa ta'e Kiristoosiin irra waan barataniif Kiristoosiin beeku danda'an. Nuy har'a dubbicha isa Hafuura Qulqulluun nuuf barreeffame sana hafuura keenyan gaafa tuqnu fi gara keessatti akka nyaata keenyatti yeroo fudhannu Kiristoosiin baayyee beeka adeemna akkasuma jireenya amantoota guddatan taana. Kanaaf, dubbii Waaqayyo isa barreeffame sana gaafa hundayyuu deemne jaha dubbisnu akkasuma Hafuura fi jireenya dubbicha keessan haa guutamun. "Dubbiin ani isinitti dubbadhe Hafuura; jireenyas." Yoh.6:63. Dubbichi nyaata keenya isa jireenya waaqummaa fi hafuura Waaqayyoon nu guutuu waan ta'eef gaafa hundayyuu nu barbaachisu. Gara dubbichaati haa deebinu, haa dubbisnu, irra soorata hafuura keenya guyyaa guyyaa haa fudhannu. Qajeelfama gaafa hundayyuu gara Macaafa Qulqulluu dhufuun Gooftaa tuquufi jireenya isa gara keessatti fudhachuu haa shaakalu. Barreessan obboleessa keessan Boonaa Asfaawu ti. @Karaadhugaa

KUTAA 1FFAA GUYYAA HUNDUMAA MACAAFA QULQULLUU DUBBISUU Amantoonni baay’een yeroo hunda dubbii Waaqayyo isa barreeffame Macaafa Qulqulluu hin dubbisan, dubbicha keessan immoo hafuura isaaniin Hafuura Qulqulluu hintuqan akkasuma jireenya dubbicha keessa gara ofiitti hin fudhatan. Jireenya kiristaanummaa keenyaaf qabxiin baayyee barbaachisa ta'e guyyaa guyyaan Macaafa Qulqulluu dubbisuu fi dubbii dubbisne sanaan Gooftaa kadhachuu dha. Guyyaa guyyaadhaan kutaa Macaafa Qulqulluu tokko tokko yeroo hunda dubbisuun hafuura dubbicha tuquun jireenya dubbicha keessa fudhachuu danda'u qabna. Kana gochuun shaakala guyyaa guyyaa nuuf ta'u danda'u qaba. Jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti jireenya Macaafa Qulqulluu dubbisuu shaakalu dirqama nutti ta'u qaba. Amantoonni tokko tokko waan kamiinuu jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti dirqama gochuu hin qabnu jechuu danda’u. Akkasuma heertuu Roomaa 6:14a irra jiru "Isin ayyaana jala jirtu malee waan seera jala hin jirreef, " kan jedhu nuuf caqasuun seera jala hinjiru akkasuma kana gaafa hundayyuu gochuuf dirqama hinqabnu jechuu danda’u. Nuy seera jala otoo hin ayyaana jala jirra nun jechu danda'u. Eeyyee dhuguma nuy seera durii jala hin jirru, garuu seera haaraa jala akka jirru hubachuu qabna. Seera Kiristoos yokiis seera hafuura jireenya jala akka jiru beeku qabna. Yohaannis 13:34 irratti Gooftaan “Akka isiin wal jaallattaniif abboommii haaraa isiniif nan kenna” jedheera. Abboommiin haaraa Gooftaan nun jedhe kun kan durii sana akka hin ta'in beekama dha akkasuma abboommii hafuura akka inni ta'es hubachuu danda'u qabna. Kakuu haaraan abboommii baay’ee of keessa kan qabudha. 1Tasaloonqee 5:17 “Kadhannaa addaan hin kutina yokiis utuu gargar hin kutin kadhadhaa.” jedha. Kun abboommiidha. Filiphisiiyus 4:4 “Yeroo hundumaa Gooftaatti gammadaa” jedha. Kunis abboommii biraati. 1Qorontoos 9:21 irratti Phaawuloos, “Ani utuun seera Waaqaatiin ala hin taʼin, garuu utuman seera Kiristoos jala jiruu, ” jedha. Kana malees, Ibroota 8:10b “‘Seera koo yaada isaanii keessa nan kaa'a, garaa isaanii keessattis isa nan caafa;” jedha. Warri ayyaana qofa jala jirra, seera hin qabnu jedhan ayyaana dogoggoraan fayyadamaa jiraachuu jiru. Amantootni kakuu haaraa keessatti seera hafuura kan Kiristoos jala jiru seerri sun immoo seera Hafuura Qulqulluun geggeeffamun jiraachuu dha. Phaawuloos Galaatiyaa 5 keessatti Hafuuran geggeeffama jedha, boqonnaa 6:2 irratti immoo "Ba'aa walii baadhaa! Akkasittis seera Kristos in raawwattu." jedha. Kun kan agarsiisu Hafuuran geggeeffamun jiraachuun seera Kiristoos isa haaraa sana jala jiraachuudha. Guyyaa guyyaan gara Macaafa Qulqulluu dhufuu jireenya keenya godhachuu qabna. Tokko tokko kakuu haaraa keessatti seera Macaafa Qulqulluu gaafa hundayyuu dubbisuu qabna jedhu eessa jira jedhanii gaafachuu danda’u. Garuu qajeelfama jireenya guyyaa guyyaa Maatewos 4 keessa qabna. Maatewos 4:4 irratti Gooftaan Yesuus akkas jedha “Namni nyaata duwwaadhaan hin jiraatu, dubbii afaan Waaqayyoo keessaa ba'u hundumaan malee”. Qajeelfamni caqasa kana keessa jiru akkuma nuti guyyaa guyyaan nyaata foonii nyaannu, guyyaa hundumaas sagalee Waaqayyoo fudhachuu qabnudha. Jireenya keenya fooniif gaafa hundayyuu nyaachuu qabna akkasuma jireenya keenya hafuurafis nyaatni hafuura kun nu barbaachisa. Nyaata hafuura kana kan nuy argachuu dandeenyu gara dubbii Waaqayyo isa nuuf barreeffame jiru dhufunidha. Nyaata kana barbaadna yoo taane gara dubbicha gaafa hunda dhufu qabna. Nyaachuun jireenya itti fufsiisuufidha. Namni dubbicha gaafa nyaatu jireenya kiristaanummaa isa sirrii fi isa dhugaa jiraachuu danda'a. Dubbiin afaan Waaqayyo keessa ba'u jireenya keenyaaf murteessa akka ta'e argu qabna. Simoon Phexros deebisee, “Si dhiifnee eenyu bira dhaqna ree? Gooftaa, dubbii waa'ee jireenya bara baraa nama barsiisu situ qaba'o. ” Yoh. 6:68. Pheexiroos gaafa gaaffii Yesuus gaafateef deebii kennu dubbii waa'ee jireenya bara baraa nama barsiisu situ qaba, Si dhiifnee eenyu bira dhaqna jedhe. Dubbiin waa'ee jireenya bara baraa nama barsiisu har'a guutummaa guutuutti Macaafa Qulqulluu keessa jira.

Jireenya mudaa malee Waaqayyo jiraachuuf akkasuma akka Abba keenya mudaa malee ta'uuf jaalala Waaqayyoon namoota hundumaa jaallachuu danda'u qabna. Guyyaa gaarii #Karaadhugaa @karaadhugaa

Maddi jaalala qaraxxoota jaalala Waaqayyoo miti! •Isin warra isin jaallatan qofa yoo jaallattan gatii maalii argattu? Kana immoo qaraxxoonni iyyuu ni godhu mitii? -Mat. 5:46HAHB Jaalalli Waaqayyo namoota nu jaallatan qofaa akka jaallannu nu hingodhu kana ol namoota hundumaa akka jaallannu akkasuma immoo isaaniif akka kadhannu nu godha. Qaraxxoonni namoota isaan jaallatan in jaallatu, har'a nuyis jireenya kiristaanummaa keenya keessatti namoota nu jaallatan qofaa jaallanna yoo taane jaalalli keenya maddisaa Waaqayyoon kan ta'e miti. Maddi jaalala akkaana kan uumama dha. Kan namummaa keenya irra dhufudha. Jaalala qaraxxoota shaakalu irra gara jaalala Waaqayyo shaakalu dhufu qabna. Namoota yaa'ii amantoota keenya qofa deeman kan jaallannu yoo taane, namoota beeknu fi yaada barumsa amantaa keenya fudhatan qofa kan jaallannu yoo taane jaalalli keenya kan qaraxxoota sana waliin tokkodha. Jaalala qaraxxoota shaakalu irra gara jaalala Waaqayyo shaakalu dhufun jiraachuu danda'u qabna. WARRA KAAN CAALAA MAALFAA GOOTU? •Obboloota keessan duwwaa ho'iftanii nagaa yoo gaafattan, warra kaan caalaa maalfaa gootu? Warri saba Waaqayyoo hin ta'in iyyuu akkanuma in godhu mitii ree? Maatewos 5:47 Warra kaan waliin jireenyi fi jaalalli keenya tokkodha yoo ta'e warra kaan caalaa wanti nuy goonu tokkoyyuu akka hinjirre argu qabna. Jireenyi Waaqayyo inni nu keessa warra kaan caaluun akka argamnu nu godha. Warra kaan kan caalu dandeenyu jaalala maddi isaa Waaqayyo ta'e sanaan namoota hundumaa jaallachuu dha. Warra kaan caaluun jaalala fi jireenya waaqummaa nuuf kennamenidha. Jaalala nu keessa jiru kana namoota hin fayyadamne yoo taane akkuma qaraxxoota sana taanee jiraanna jechuudha. Waaqayyo garuu kan inni nu irra barbaada jiru jaalalaa isaan jaallachuun akka isaati akka jaallannudha. Obboloota keenya qofa nagaa kan gaafannu yoo taane namoonni biyya lafaa hundinuu kana ni godhu. Kiristaana taane namoota obboloota keenya ta'an kan nagaa hin gaafanne yoo taane, kan hinjaallatne yoo taanee argamne jaalalli keenya kan biyya lafaa keessa iyyuu isa kufa ta'e argama. Jaalala qaraxxoota irra gaditti kan jaallannu yoo taanee- jaalalli keenya kan akkamitti? Jireenyi keenya kan akkamitti? Gooftaan haala keessa jirru fi iddoo jirru kana nu haa agarsiisu. Nuy warra kaan jaalalaan jireenya jiraannun caalee akka Waaqayyo mudaa malee akka taanu nu irra barbaada Kiristoos. Fedha Waaqayyo bira ga'uu kan dandeenyu dubbii Yesuus dubbate kana karaa sirriin shaakalun jiraachuunidha. Obboloota keenya qofa jaallachuun akka Waaqayyooti jaallachuu shaakalu hindandeenyu, kan nuy akka Waaqayyooti jaallachuu shaakalu dandeenyu namoota hundumaa garaa tokkichan kan jaalalli waaqummaa guuteen jaallachuunidha. Jaalala kanaan ammuma namoota hundumaa jaallachaa adeemnu akka Waaqayyoon muda-maleessa ta'a adeemna. Jaalala Waaqayyoon jaallachuun muda-maleessa nu gocha adeema. ==>>>Yesus, “‘Fira kee jaalladhu, diina kees jibbi!’ jedhamee akka himame dhageessaniittu. Ani garuu isinittan hima, diinota keessan jaalladhaa, warra isin ari'ataniifis kadhadhaa! Kana yoo gootan ijoollee abbaa keessanii isa waaqa irraa in taatu; innoo aduu isaa warra hamootaa fi warra gaggaariidhaaf in baasa, bokkaa isaas warra qajeelotaa fi warra jal'ootaaf in roobsa. ” Maatewos 5:43-45 •“Egaa abbaan keessan inni waaqa irraa mudaa malee akkuma ta'e, isinis warra mudaa hin qabne ta'aa!” jedhe. Maatewos 5:48 Akka Waaqayyo mudaa malee ta'uuf jaalala namoota qabnu kamiyyuu jaalala nu keessan sirreessu danda'u qabna. Mudaa kan hinqabne ta'e jaalalli keenya muldhachuu kan danda'u yoo jaalala Waaqayyoon namoota hundumaa jaallanne fi namoota nu jibban akkasuma namoota nu ar'ataniif yoo kadhannedha. Jaalala akkaana kan shaakala akkasuma jiraachuu jirru taanaan jaalalli nuy ittin jiraachuun jaallacha jiru kan Waaqayyoodha jechu nidandeenya. Waaqayyo inni jaalala anaaf ta'e nu keessan jaallachaa jira akkasuma na keessa mudaa-malee kan gocha jira jechuu ni dandeenya.

ILMI NUUF KENNAMEERA. ••Mucaan nuuf dhalateera, ilmis nuuf kennameera; humni mootummaa isaa gatiittii isaa irra jira; maqaan isaa, “Gorsaa, dinqii, Waaqayyo-jabaa, abbaa bara baraa, angafa nagaa” in jedhama. Isaayaas 9:6 ••Manatti lixaniis mucicha haadha isaa Maariyaamii wajjin argatanii, lafatti gad gombifamanii isaaf sagadan; qorxii isaaniis bananii, warqee, ixaanaa fi qumbii harka fuudhaa kennaniif. Maatewos 2:11 •Waaqayyoo nama ta'e, dubbichi foon ta'e, Waaqayyoo foon uffate. Waaqayyo waaqummaa duran ture irratti namummaa dabalate. Bara baraa darbe keessa Waaqayyo qofa inni ture yeroo nama ta'e jalqabe namummaa qaba. Kiristoos eenyummaa tokkicha garuu amala waaqummaafi namummaa kan qabudha. Inni Waaq-Namadha. Inni Waaqaa guutuu fi nama sirriidha. 1•Mucaan dhalate sun Waaqayyo jabaadha. 2•Waaqayyo mucaa ta'ee nuuf kennameera. 3•Mucaan dhalate sun humni mootummaa isaa gatiitti isa irra jira. 4•Mucaan dhalate sun Waaqayyo dha. 5•Ilmi nuuf kenname Waaqayyo dha akkasuma inni nama dha. 6•Ilmi nuuf kenname sun Abba bara baraadha. 7•Ilmi nuuf kenname sun angafa nagaadha. 8•Ilmi nuuf kenneme sun gorsaa dha. 9•Ilmi nuuf kenname sun dinqiidha. 10•Ilmi nuuf kenname sun fayyisaa biyya lafaa dha. 11• Ilmi nuuf kenname sun mootii bara baraadha. 12• Mucaan dhalate sun gammachuu keenyadha. Sababa gammachuu keenya bara baraa nuuf ta'e. 13• Mucaan xiqqaan dhalate sun kan sagadamun ta'uufidha. 14• Mucaan dhalate sun Waaqayyo keenya isa guddicha dha. Mucichi waan hundumaa nuuf ta'uuf isa bara baraan nuuf kennamedha. Waahee mucichaaf Waaqayyoon haa galatu. Waahee Waaq-nama isa jalqaba kanaaf Waaqayyoof galaanni bara baraan haa ta'uuf. #Boonaa Asfaawu #Karaadhugaa @karaadhugaa

Ijoollee ifa ta'u keenyan ifa erga taanee naannoo biyya kan hafuura in taane keessa jiraachuun Waaqayyoof gammachuu hin kennu." Yesuus ammas, “Ani ifa addunyaa ti. Namni na duukaa buʼu kam iyyuu ifa jireenyaa qabaata malee dukkana keessa hin deddeebiʼu” jedhee isaanitti dubbate." (Yoh.8:12 HABH). Addunyaa amantaa keessatti wanta barreeffamne didne wanta hin barreeffamne keessa deddeebi'un dukkana keessa jiraachuun faallaa Waaqayyoon jiraachuudha. Wanta hin barreeffamne shaakalun faallaa Waaqayyoon wanta ta'e shaakaludha. Addunyaan amantaa ayyaana biyya lafaan guutuu dha garuu Kiristoos isa nuuf barreeffame fi jiraata ta'e jireenya isa keessa hinqabu. Ayyaanni keenya Kiristoos miti yoo ta'e karaa barreeffame irra namoota hinjire taane argamna. Ayyaanni Kiristaana dhugaa Kiristoosiin mataasaa dha. Ayyaanni keenya Kiristoos isa nuuf barreeffame dha. Kiristoos inni eenyummaa jiraata ta'e ammoo akka Hafuura jireenya kennutti keessa keenya gaafa hundayyuu jiraachaa jira. Kan barreesse obboleessa keessan Boonaa Asfaawuti. #Karaadhugaa @karaadhugaa

NUY NAANNAWA WAAQUMMAA KEESSATTI ISA AKKA AYYAANNEFFANNUF WAAQAYYO NAMA TA'E. •Dubbiin foon taʼee nu gidduu jiraate. Nus ulfina isaa, ulfina Ilma Tokkicha ayyaanaa fi dhugaadhaan guutamee Abbaa biraa dhufe sanaa argineerra.•Guutama isaa irraas hundi keenya ayyaana irratti ayyaana arganneerra. •Yesuusis deebisee, “Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo lammata dhalate malee mootummaa Waaqaa arguu hin dandaʼu” jedheen. Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo bishaanii fi Hafuura irraa dhalate malee mootummaa Waaqaatti galuu hin dandaʼu.” (Yoh.1:14,16; 3:3, 5)HABH Kaayyoon Waaqayyo nama ta'u isaa nun ijoollee Waaqayyoo nu gochuuf malee furii keenya qofaa nuuf ta'uuf hin ture. Namoonni baayyeen inni furii keenya qofadha jedhaani yaadu ta'a garuu Waaqayyo gaafa nama ta'e naannoo waaqummaa keessa akka nuyi jiraachuun isa gammadnuuf ture. Jireenya keenya guyyaa guyyaan naannoo kana keessa akka nuy jiraannu waan barbaaduuf gara mootimmaa isa keessa nu galche. Naannoo waaqummaa inni keessa nu galche naannoo Kiristoosiin qofa gaafa hundayyuu akka ayyaana keenyatti isa ayyaanneffannu dha akkasuma Isa gammadnu dha. Naannawa waaqummaa yokiis naanoo ifa waaqummaa keessatti bakka kan qabu eenyummaa moofaa keenya fi addunyaa amantaa keenya miti Kiristoos qofadha. Giddu galeessa naannawa kana illee Kiristoosidha. Kan ayyaanneffannu Kiristoos, kan gammadnu Kiristoos, kan nyaannu Kiristoos, kan uffaannu Kiristoos, kan dhugnu Kiristoosidha. Karaan Kenya Kiristoos..... Wanti hundumti naannawa kana keessatti Kiristoosidha. Kiristoos naannoo kana keessatti inni waan hundumaa dha. Yeroo karaa nuf hin barreeffamne irra deemu jalqabnu karaa waaqummaa keenya isa tahe Kiristoosiin dhiisne deema jirra. Kiristoos nuuf dhalateera kun dhugaadha. Dhugaa kana ammoo namootaa gaafa hundayyuu gammadan ta'u qabna. Wanta ergamoonni hin shaakale kamiyyuu gaafa shaakalu jalqabnu kun karaa amantaa akka ta'e beeku qabna. Kiristoos mataansaa guyyaa dhalate kabaje hinbeeku, akkasuma namoonni guyyaa dhaloota isaa kabajan hinbarreeffamne. Wantootni hin barreeffamne akkaana gara Kiristoos tasayyuu nu hin geessan. Inni naannawa nuy uumne keessa hinjiru. Naannawa inni itti nuwaame keessa jiraachuuf gara isaati haa deebinu. Kiristaannni Kiristoosiin barbaadu fi jaallatu nama waahee guyyaa yaadu otoo hin ta'in, nama Kiristoos isa foon uffaate, isa jireenya nama jiraate, isa fannifame, isa du'e, isa awwaalame, isa du'a ka'e, isa ol ba'e fi isa akka hafuura jireenya kennutti nu keessa jiraachaa jiru nama gammadun gaafa hundayyuu isa ayyaannessudha. Naannoo waaqummaa kana keessa kan jiraannu yoo taane waahee guyyaa yaadna otoo hin ta'in waahee Kiristoos isa akkaana namoota yaadnu taana. Kiristaana akkaana ta'un gammachu dhugaafi ayyaana dhugaa akka ayyaanneffannu nu godha. Ayyaanni keenya guyyaa adda addaa miti eenyummaa jiraata isa ta'e Kiristoosiin mataasaa dha. Guyyaa adda addaa ayyaana kabajun addunyaa amantaa keessa malee naannoo waaqummaa keessa akkasuma shaakala kiristaanummaa dhugaa keessa tasayyuu hinjiru. Yesuus guyyaa dhaloota naaf kabaja iddoo inni itti nun jedhe tokkoyyuu hinqabu, akkasuma ergamoonni guyyaa kana yeroo isaan kabajan macaafa qulqulluu keessa hin arginu. Guyyaa kana kabajun kiristaanummaa miti addunyaa amantaa keessa jiraachuun biyya lafaaf fira ta'u yoo ta'e malee. Amantaa kiristaanummaa yeroo amma fi biyyi lafaa akkam walitti dhihoo akka ta'an wanti nu agarsiisu keessa kun ragaa guddaadha. Waaqayyo isa nama ta'e akka gaafa hunda gammadnuuf waamamne malee guyyaa dhaloota isaa kabajuf hin waamamne akkasuma kiristaana hintaane. Namni Kiristaana gaafa ta'u naannoo ifa waaqummaa keessa dhufa. Naannoo ifa waaqummaa kana keessa ammoo addunyaan amantaa fi ilaalchi biyya lafaa tasayyuu hinjiru. Kan naannoo kana keessa keessa jiru Waaqayyoon Kiristoos keessan akka Hafuuratti gammadun shaakalu qofaadha. Naannoo ifa keessa jirra ofiin jecha jireenya biyyaa lafa tasayyuu gammadu hinqabnu. Kana irra deebine gara naannoo waaqummaa keessatti Kiristoosiin gammadun shaakalu dhufu qabna.

Nuyi Ammantootni Kiristoos Keessatti Guutuu Taaneera. Nuyi Kiristoos wajjin tokko waan taaneef, nuyi qooddattoota wanta Inni fiixaan baase, argate, akkasumas harka keessa galfate hundumaati . Nuyi amantoonni bu’aalee (miseensota) Kiristoos isa hunda-of keessatti haammataati. Nuyi Isa keessa ka'aamneerra, Isaa wajjin tokkoomneerra, akkasumas akka abbaa manaa keenyaatti Isatti maxxanneerra (Qol. 1:28, Room.7:2-4)… Nuyi Kiristoos akkasii keessa jirra, akkasumas Innis nu keessa jira. Nuyi Isa keessa ka'aamneerra, nuyi Isaa wajjin tokko, akkasumas nuyi wanta Inni ta’ee fi wanta Inni qabu hundumaa ni fudhanna. Hubannaan sammuu Kiristoositti maxxanuu keenyaa duwwaan ga’aa miti. Wanta Kiristoos keessaan kan keenya ta’e hundumaa qooddachuuf, amantii sochoosuu nu barbaachisa . Kadhannaa isaanii keessatti kiristaanonni baay’een akkam akka isaan hiyyeessa ta'an, akkam akka jibbisiisoo ta'an, fi gadi bu'oo ta'an labsuu jaallatu. Kadhaannaan akkasii amanti- maleessa ykn wabi-maleessa. Wabii guutuun akka nuyi badhaadhummichaa wajjin, Kiristoos Isa hunda-ofkeessatti haammataa wajjin akka tokko taane amanuu nu barbaachisa. Utuu wabii guutuudhaan kana mirkaneeffannee, nuyi gonkumaa ofii keenya akka hiyyeessaatti hin ilaallu. Nuyi gara Kiristoos ilaaluu (Ibro. 12:2) malee miirota waa'ee ofii keenyaa amanuu hinqabnu. Erga Kiristoos samii sadaffaa keessa jira ta’ee akkasumas nuyi Isaa wajjin tokko taanee, akkasuma nuyis samii sadaffaa keessa jirra. Nuyi Kiristoos isa badhaadhummaan isaa bira hinga’amne keessa ka'amneerra. Isa keessatti guutummaadha, muda-maleessummaadha, fiixaan ba'ummaadha. Dhugaadhumatti, Inni mataansaa guutummaadha, muda- maleessummaadha, akkasumas fiixaan ba'ummaadha. Sababa nuyi Isa keessa jirruuf, nuyis fiixaan ba'oo fi muda- maleeyyiidha. Nuyi warra badhaadhummaawwan Kiristoos dhaalaniidha. "Ani warra Waaqayyoof qulqullaa'an hundumaa irra nan xinnaadha; haa ta'u iyyuu malee, badhaadhummaa Kristos isa bira ga'uun hin danda'amne, saba Waaqayyoo warra hin ta'initti misraachoo akkan lallabuuf ayyaanni kun anaaf kennameera."(Efe.3:8) Heertuu kana keessatti Phaawuloos badhaadhummaawwan Kiristoos isa bira hinga’amne dubbata. Nuyi salphaadhumatti badhaadhummaawwan bal'aa Kiristoos keessaan dhaalle maal akka ta’ee hin beeknu. Yeroo baay’ee “Gooftaa, ani hiyyeessaa, waa tokko hinqabnu" jennee kadhanneerra. Garuu karaa kanaan kadhachuutu nu barbaachisa, “Gooftaa, Ati waanan badhaadhaa, fiixaan ba'aa, fi guutuu taateef sin galateeffadha. Gooftaa Yesuus, sababa ani si keessa jiruuf, ani homaa hir'ina hinqabu.” Sababa nuyi Kiristoos Isa badhaadhummaawwan isaa bira hinga’amne keessa jirruuf, nuyi Gooftaatti, ergamootatti, akkasumas dabyaabiloositti illee nuyi biliyeeneroota biyya lafaa kam irrayyuu badhaadhoo akka taane himuu qabna. Yemmuu nuyi akka biyyeetti Kiristoos keessa dhaabamne, wanti jalqaba ta’e nuyi Isa keessatti guutuu ta’uu keenyadha; nuyi mul’ina Isaa ta’uudhaafbadhaadhummaa wwan waaqummaa hundumaan guutamneerra (lakk. 8,17,19). Kiristoos keessatti akka biyyeetti nuyi guutamneerra, fiixaan baaneerra, muda-maleeyyii taaneerra, kan garaa ga’ee taaneerra akkasumas guutummaatti sooramneerra; nuyi homaa hindhabnu (Fil. 1:19). Kiristoos akka biyyeetti dhoksaa Waaqayyoo badhaadhummaawwan eenyummaa Isaa hundumaa wajjiniti. Erga Kiristoos lafa gaarii isa nuyi keessa dhaabamne ta’ee, nuyi guutummaa kana keessa dhaabamneerra; isa keessatti nuyi guutuu, fiixaan ba'oo,fi muda-maleessa taaneerra. Wanta kamiinuu yoo ta'e nu hinbarbaachisu. Gara guutummaa kanaa keessa dhaabamuudhaan, nuyi salphaa dhumatti soorata irraa fudhanna (arganna). Akkuma akkas goonuun, akka nuti hanqina hinqabaane argina . #Karaadhugaa @Karaadhugaa

Jaalalli Waaqummaa Amantaan Miti Kan Wal Jaallatnu! Amantaa •Jaalalli amantaan miti, Kiristoos amantaa keenyan miti kan nu jaallate! •Namni Jireenya Kiristoos jiraate jiraachuu barbaadu namoota amantaan otoo hin ta'in akkasuman jaallata. •Jaalalli amantaa kan uumamadha, jaalalli kiristaanummaa garuu kan waaqummaa dha. Jaalala uumama keenya irra gara jaalala waaqummaa haa deebinu isaan haa jiraannu, isaan haa jaallannu. •Ati nama amantaa kee qofaa addan gaafa jaallatu nama amantaa taataa! •Nama amantaa ta'un jireenya kiristaanummaa jiraachuu miti faallaa isaa jiraachuu dha malee'o. •Nama amantaa ta'u osoo hin ta'in Kiristaana dhugaa fi sirrii ta'u nu barbaachisa. Kiristaana dhugaa jireenyan gaafa taanu amantaa keenyaaf otoo hin ta'in amantootaf iddoo dhugaa ta'e kenninaaf! Nama amantaa ta'u keenyaan Waaqayyoo nutti gammadu tasa hin danda'u akkasuma garaan isaa nutti boqochuu hin danda'u garuu nama jireenya kiristaanummaa dhugaan amantoota hunda waliin jiraatu gaafa taanu Waaqayyoof kun gammachuu adda kennaaf. Garaan isaas kana nu keessatti argu isaatii baayyee boqota. Jireenya amantaa otoo hin ta'in jireenya kiristaanummaa isa jaalalaan guute jiraachuun akkuma Kiristoos haa taanu, isa fakkaacha haa deemnu, gara isaati gaafa hundayyuu haa guddannu. Macaafa Qulqulluu Kakuu haaraa keessatti amantoota jireenya kiristaanummaa dhugaa jiraachuun Gooftaan itti gammadun fakkeenya nuuf ta'an malee amantoota jireenya amantaa jiraachuun fakkeenya nuuf ta'an hinqabnu. Shaakala kakuu haaraa qabachuun jireenya kiristaanummaa dhugaa kan hafuuran geggeeffamun ta'e jiraachuu dha. Fakkeenyummaan nuy barannuus Kiristoosiin amantoota hundumaa amantaan utuu adda hinqoodin jaallachudha. ==>>Michoota ko! Jaalalli kan Waaqayyoo waan ta'eef, kottaa wal in jaallannaa! Namni jaallatu hundinuu mucaa Waaqayyoo ti, Waaqayyoonis in beeka. Waaqayyo jaalala waan ta'eef, namni hin jaallatin, Waaqayyoon hin beekne. Waaqayyo akka nuyi isaan jireenya argannuuf, tokkicha ilma isaa gara biyya lafaatti erge; kanaan jaalalli Waaqayyoo nu gidduutti in mul'ate. Nuyi Waaqayyoon hin jaallanne; inni garuu nu jaallate, ilma isaas cubbuu keenyaaf furee haa ta'uuf nuuf erge. Jaalala jechuun isa kana. Michoota ko! Waaqayyo akkana erga nu jaallatee, nuufis immoo wal jaallachuun in ta'a. Namni tokko illee Waaqayyoon takkaa hin argine; yoo wal jaallanne, Waaqayyo nu keessa in jiraata, jaalalli inni ittiin nu jaallatus nu keessatti fiixaan ba'uu isaa ti. 1 Yohannis 4:7-12 Kan barreesse Boonaa Asfaawu #Karaadhugaa @Karaadhugaa

KIRISTOOS OGUMMAA KEENYA KAN WAAQAYYOON NUUF KENNAME DHA. •Kiristoos amantootaaf akka isaan jireenya kiristaanummaa isa dhugaa jiraataniif kan kenname dha. Waaqayyo amantoota hundumaaf akka isaan jireenya waaqummaa jiraataniif ogummaa waaqummaa isaaniif kenne. Waaqayyo akka nuyi ogummaa mataa keenyan jireenya kiristaanummaa jiraannu barbaada otoo hin ta'in akka nuy ogummaa waaqummaa kanan geggeeffamne jireenya waaqummaa lafa kana irratti jiraachuun wangeela keenya isa jiraatamu goone lallabnu barbaada. Waaqayyo namni kamiyyuu ogummaa kana gaafa hunda barbaadun akka ittin guutamnu nu irra barbada. Ogummaa biyya lafaa argachuuf yeroo keenya baayyee akkuma irratti fixnu, ogummaa waaqummaa kana gammadun shaakalun ittin guutamuf ofii keenya kennuufi qabna. Ofii keenya ogummaa kanan guutamuf gaafa kenninu yeroon keenya akkasuma wanti nuti qabnu hundiyyuu isaaf ta'a adeema. Yeroo nuy ogummaa kanan guutamuf ofii keenya isaa kenninu inni ammoo kutaa keenya hundumaa ogummaa isaan guutuun akka nuy ogummaa kana gara alaatti jiraatnu nu godha. Ogummaan waaqummaa nuuf kenname kun eenyummaa jiraata gara alaatti jiraatamudha. Gaafa gara alaatti ogummaa kana jiraatnu ogummaa kun wangeela keenya isa namoota hundumaa fayyisu akkasuma oduu gaarii namootaaf ta'a. Ogummaa akkaana of keessaa barabaraaf qabna. Ogummaan kun waan ta'e tokko miti eenyummaa jiraata isa ta'e Kiristoos isa fannifame dha. Ogummaan kun Kiristoos isa fannifame fi humna waaqummaa ittin jireenya waaqummaa jiraatnu isa nuuf ta'e dha. •Ogummaa waaqummaa isa nuuf kenname kanaan gaafa hundayyuu guutamun akka wangeelaati gara alaatti haa jiraannu. Wangeelli ogummaa waaqummaa keenya isa keessoon nu guutuun gara alaatti jiraatamu danda'u dha. Wangeelli akkaana eenyummaa Kiristoos isa fannifame jiraachuun gara alaatti humna waaqummaan kan lallabamudha. Kana akka shaakaluuf Gooftaan ayyaana isaa nuuf haa baayyisu. Wangeela akkaana Waaqayyoo jireenya keenya keessatti argufi nu irra aloon dhaga'u baayyee barbaada. Dubbii kana akka hubannuuf Gooftaan nu haa gargaru. Ameen. •Warra waamamaniif garuu Yihuudootaa fis taʼu Giriikotaaf Kiristoos humna Waaqaatii fi ogummaa Waaqaa ti. Isin sababii isaatiin kan Kiristoos Yesuus taatan; inni ogummaa keenya kan Waaqa biraa dhufe jechuunis qajeelummaa keenya, qulqullummaa fi furii keenyaa dha. Kunis akkuma, “Namni boonu Gooftaadhaan haa boonu” jedhamee barreeffamee dha. 1 Qorontos 1:24, 30-31 Kan barreesse obboleessa keessan Boonaa Asfaawu! #Karaadhugaa @Karaadhugaa

⌛️ Old Telegram Group namoonni qabdan na dubbisaa! ⌛️  Group waggaa 2 yookiin 3n dura baname yoo qabaattan gatii gaariidhaan bitaa jirra! 🙏 #Notice: ⬇️ ✅ Baay'inni miseensaa gatii groupichaa hin hir'isu! Bara baname qofatu ilaalama. ✅ Private irra yoo jiraate rakkoo hin qabu garuu visible ta'uu qaba. #Warning: ⬇️ ❌ Clear history hin taasisinaa! Yookiin post groupicha keessa jirullee hin balleessinaa! Baay'inni text group keessan keessa jiru gatii groupichaa ol kaasa! ❌ Clear history goonan bara create ta'e isin duraa balleessuun groupicha gatii dhabsiisa! ❌ Group location qabu gurgurtaaf hin ta'u! Akkasumas groupin biyya Russiatiin jiru gurgurtaaf hin ta'u! 🙏 Amanamummaan Keenya Hunda biratti kan mirkanaa'edha 💟 Ammuma kottaa, kallattiidhaan nu qunnamaa! Haqummaadhaan daldala amansiisaa raawwanna! 🟢 Contact me: Inbox: ✉️ •➤  @Bonashalom 💟 🟢 Telephone

Lak. 16: Eebbi warra amantii haaraa kana hordofanii fi "Israa’el Waaqayyoo" (waldaa Kiristaanaa) irra haa jiraatu. Lak. 17-18: Mallattoo Amanamummaa fi Nagaa Dhaamsa Dhumaa Ibsa: Phaawulos xumura irratti, "Ani godaannisa madaa isa Yesuus qaba ture namummaa koo irraa waanan qabuuf, si’achi namni tokko iyyuu ana hin rakkisin" jedha. Godaannisa reebichaa fi dararaa Wangeelaaf jedhee irra ga’e, mallattoo amanamummaa isaatiif ragaa godhee dhiheessa. Lak. 18: Xalayaa isaa eebba isaatiin xumura: "Ayyaanni gooftaa keenyaa Yesus Kristos hafuura keessanii wajjin haa ta’u. Ameen." Kanaan, ibsa kitaaba Galaatiyaa guutummaa isaa xumurreerra. #Karaadhugaa @Karaadhugaa

ERGA GALAATIYAA BOQONNAA 6FFAA IBSA GABAABAA WALIIN KUTAA 6FFAA Mee amma boqonnaa isa xumuraa, Boqonnaa 6, haa xiinxallu. Boqonnaan kun erga Phaawulos waa’ee bilisummaa fi jireenya hafuuraa barsiisee booda, qajeelfama qabatamaa waldaan Kiristaanaa ittiin jiraachuu qabdu kenna. Akkasumas, xalayaa isaa guduunfee xumura. Ergaa Galaatiyaa Boqonnaa 6 Yaada Ijoo Boqonnichaa: Phaawulos bilisummaa Kiristaanaa isa jaalalaan hojjetamu jireenya waldaa keessatti akkamitti akka agarsiifamu ibsa. Inni waa’ee ba’aa walii baachuu, ittigaafatamummaa dhuunfaa, seera facaasuu fi galfachuu, akkasumas guduunfaa isa xumuraa barreeffama isaa keessatti lafa kaa’a. Ittigaafatamummaa Hawaasummaa fi Dhuunfaa (Lak. 1-10) Lak. 1: Obboleessa Kufe Deebisuu Ibsa: Qajeelfamni jalqabaa: Yoo namni tokko cubbuutti kufe (osoo itti hin yaadin), isin warri hafuuraan geggeeffamtan hafuura garraamummaatiin isa deebisuu qabdu. Phaawulos akeekkachiisa dabala: "Isinumti iyyuu akka hin qoramnetti of eeggadhaa." Kun of tuuluu dhiisanii, gad of deebisuun wal gargaaruu akka qaban ibsa. Lak. 2: Ba’aa Walii Baachuu Ibsa: Yaada isa duraa itti fufa: "Ba’aa walii baadhaa! Akkasittis seera Kristos in raawwattu." "Ba’aa" asirratti rakkina, dadhabbii fi qorumsa jireenyaa agarsiisa. "Seerri Kiristoos" immoo seera jaalalaa isa "nama akka ofii keetiitti jaalladhu" jedhudha. Bilisummaan keenya jaalalaan wal gargaaruu keessatti mul’ata. Lak. 3-5: Ittigaafatamummaa Dhuunfaa Ibsa: Phaawulos yaada isaa madaala. Ba’aa walii baachuun gaarii ta’us, namni hundinuu ittigaafatamummaa mataa isaa qaba. Lak. 3: Namni homaa utuu hin taane, of tuulee waan tokko yoo of se’e, of gowwoomsa. Lak. 4: Namni kamiyyuu of jajuu kan qabu hojii ofii isaa qoree, Waaqayyo duratti fudhatamaa ta’uu isaa yoo argeedha malee, nama biraatiin of madaalee miti. Lak. 5: Dhuma irratti, "Namni adduma addaan waan ofii isaatii baatu qaba." "Ba’aa" asirratti kan lakkoofsa 2 irraa adda. Inni ittigaafatamummaa dhuunfaa nama hundumaatu Waaqayyo duratti qabu agarsiisa (fakkeenyaaf, guyyaa firdiitti). Lak. 6-10: Seera Facaasuu fi Galfachuu (Seera Guddifachaa) Ibsa: Kun seera hafuuraa isa bu’uuraati. Lak. 6: Nama dubbii Waaqayyoo barsiisu wanta gaarii qaban hunda irraa hirmaachisuun (gargaaruun) gaariidha. Lak. 7-8: "Hin gowwoominaa, Waaqayyo kan itti ga’isan miti. Namni waanuma facaase in galfata." Namni foon isaatiif facaasu (jireenya ofittummaa fi cubbuu jiraatu), badiisa galfata. Namni hafuuraaf facaasu (jireenya Waaqayyoof abboomamu jiraatu), jireenya bara baraa galfata. Lak. 9-10: Waan gaarii hojjechuutti hin laafinaa (hin nuffinaa), sababni isaas yeroo isaatti galfachuuf jirra. Kanaaf, hamma carraa qabnutti, nama hundumaaf, keessumaa warra amantiin maatii keenya ta’aniif, gaarii haa hojjennu. Guduunfaa Xumuraa fi Nagaa Dhaamsa (Lak. 11-18) Phaawulos xalayaa isaa guduunfa. Yaada isaa isa ijoo irra deebi’ee mirkaneessa, kunis harka isaatiin ta’uu isaa ibsa. Lak. 11: Mallattoo Dhuunfaa Isaa Ibsa: "Kunoo, amma fidala gurguddaadhaan harka kootiin isiniif caafuu kootii ilaalaa!" Yeroo baayyee Phaawulos nama biraatiin barreessisa ture. Kutaa isa xumuraa garuu harka isaatiin barreessuun, dhimmi sun hammam barbaachisaa fi dhuunfaa akka ta’e agarsiisa. Lak. 12-13: Kaka’umsa Barsiisota Sobaa Saaxiluu Ibsa: Irra deebi’ee sababa barsiisonni sobaa dhaqna qabaa lallaban saaxila: Fooniin of jajuuf: "Wanta namummaa keessan irratti mul’atu kanaan of jajuu duwwaadhaaf" kana godhu. Ari’atamu jalaa ba’uuf: Fannoo Kiristoos lallabuun Yihuudota biratti ari’atamuu fida. Isaan garuu kana sodaatanii, dhaqna qabaa lallabu. Isaan ofii isaaniitiiyyuu seera hin eegan. Lak. 14-16: Of Jajuu Phaawulos Isa Tokkicha Ibsa: Phaawulos of jajuun isaa tokkicha: "Ani garuu fannoo gooftaa keenya Yesus Kristosiin malee, waan biraatiin of jajuun matumaa anaaf hin ta’u." Fannoon sun iddoo biyyi lafaa isaaf duute, innis biyya lafaatiif du’eedha. Lak. 15: Wanti gatii qabu dhaqna qabachuu yookiin dhiisuu miti; uumama haaraa ta’uu qofa.

Ibsa: Xumura irratti, yoo jireenyi keenya hafuuraan ta’e, adeemsi keenya guyyaa guyyaas hafuurumaan ta’uu qaba. Of tuuluu, walitti naquu (wal aarsuu) fi walitti hinaafuu dhiisuu qabna. #Karaadhuga @Karaadhugaa

Erga Galaatiyaa Boqonnaa 5ffaa ibsa gabaaba waliin Kutaa 5ffaa Erga Phaawulos falmii ti’oolooojii isaa boqonnaa 3 fi 4 keessatti xumuree booda, boqonnaan kun gara jireenya qabatamaatti deebi’a. Gaaffiin isaas: "Egaa bilisummaa Kiristoos nuuf kenne kanaan akkamitti jiraanna?" jedhudha. Ergaa Galaatiyaa Boqonnaa 5 Yaada Ijoo Boqonnichaa: Phaawulos bilisummaa Kiristaanaa jechuun seera jal’isuu yookiin cubbuu hojjechuuf heyyama argachuu osoo hin taane, jaalalaan wal tajaajiluu fi Hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamuudhaan ija hafuuraa godhachuu akka ta’e barsiisa. Waamicha Gara Bilisummaatti (Lak. 1-15) Lak. 1: Yaada Ijoo - Jabaadhaa Dhaabadhaa! Ibsa: Phaawulos yaada isaa isa guddaa lafa kaa’a: "Birmadummaatti akka nuyi jiraannuuf Kiristoos birmaduu nu baase; kanaaf itti jabaadhaa dhaabadhaa! Deebitaniis waanjoo garbummaa jalatti hin qabaminaa!" Kun guduunfaa boqonnaawwan duraanii fi seensa boqonnaa kanaati. "Waanjoo garbummaa" kan jedhame seera Musee, keessumaa dhaqna qabaadha. Lak. 2-6: Akeekkachiisa Cimaa Waa’ee Dhaqna Qabaa Ibsa: Phaawulos ifatti akeekkachiisa: Lak. 2: Yoo fayyinaaf jettanii dhaqna qabattan, Kiristoos homaa waa’ee isiniif hin baasu. Sababni isaas, hojii Kiristoos isa guutuu tuffattanii hojii fooniitti of irkiftaniirtu. Lak. 3: Namni dhaqna qabate, seera guutummaatti eeguuf dirqama of irratti fudhata. Seera cabsuun immoo abaarsa jala nama galcha. Lak. 4: Warri seera eeguudhaan qajeelaa of godhan, Kiristoos irraa addaan of kutaniiru; ayyaana Waaqayyoo irraas kufaniiru. Kun gocha baay’ee sodaachisaadha. Lak. 5-6: Karaa keenya isa sirrii ibsa: Nuyi qajeelummaa kan eeggannu Hafuuraan, karaa amantii qofa. Kiristoos keessatti kan gatii qabu dhaqna qabachuu yookiin dhiisuu osoo hin taane, amantii isa jaalalaan hojjetudha. Lak. 7-12: Eenyutu Isin Gufachiise? Ibsa: "Fiigicha gaarii fiigaa turtan; eenyutu isin dhowwe?" jedhee gaafata. Barsiisni sobaa kun Waaqayyo irraa akka hin taane ifa taasisa. Jecha isaa isa beekamaa "Raacitiin xinnoon bukoo guutuu bukeessa" jedhu fayyadamee, barsiifni sobaa xiqqoon illee waldaa guutuu balleessuu akka danda’u akeekkachiisa. Phaawulos ammas yoo inni dhaqna qabaa lallaba ta’ee, maaliif akka ari’atamu gaafata. Yoo dhaqna qabaan lallabama ta’ee, fannoon Kiristoos gufuu ta’uun isaa in hafa ture. Xumura irratti aarii isaatiin, "Namoonni isin raasan kun utuu of muranii (xu’aashii of godhanii) ni wayya ture!" jedha. Lak. 13-15: Bilisummaan Akkamitti Fayyadamama? Ibsa: Phaawulos gaaffii, "Egaa bilisummaan cubbuu hojjechuuf heyyamamoo?" jedhuuf deebii kenna. Gonkumaa! Bilisummaan keessan "yaada fooniitiif karaa hin kennin." Kanaa mannaa, "jaalalaan waliif ergamaa." Guutummaan seeraa jecha tokkoon xumurama: "Nama akka ofii keetiitti jaalladhu." Yoo kana gochuu dhiistanii wal ciniintanii wal nyaattan, dhuma irratti wal fixxu. Jireenyi Hafuuraan Moo Fooniin? (Lak. 16-26) Kun kutaa isa beekamaa waa’ee waldhabdee foonii fi hafuuraa ibsudha. Lak. 16-18: Waldhabdee Isa Garaa Keessaa Ibsa: Qajeelfamni Phaawulos ifaadha: "Hafuuraan geggeeffamaa jiraadhaa malee, fedha foonii hin raawwatinaa." Sababni isaas, foonii fi hafuurri wal mormu. Isaan diinota. Waan jaallannu akka hin gooneef wal ittisu. Garuu yoo Hafuuraan geggeeffamtan, seera jala hin jirtan. Lak. 19-21: Hojii Foonii Ibsa: Hojiin foonii (amala cubbamaa isa moofaa) ifatti mul’ata. Inni tarreeffama dheeraa cubbuuwwanii kaa’a: halalummaa, xuraa’ummaa, waaqolii tolfamoo waaqessuu, diinummaa, hinaaffaa, dheekkamsa, ofittummaa, machii fi kkf. Akeekkachiisa cimaa kenna: "Warri wanta akkasii hojjetan mootummaa Waaqayyootti galuu hin danda’an." Lak. 22-24: Ija Hafuuraa Ibsa: Gara fuggisootti, yeroo Hafuurri Qulqulluun jireenya keenya to’atu, amala Kiristoos fakkaatu "Ija Hafuuraa" jedhamu argamsiisa. Isaanis: jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa, garraamummaa fi of dhowwuu. "Seerri isaan kanaan mormu hin jiru," sababni isaas amalli kun fedhii seeraa guutummaatti raawwata. Warri kan Kiristoos ta'an, foon fedha isaa wajjin fannisaniiru. Lak. 25-26: Hafuuraan Jiraachuu fi Hafuuraan Adeemuu

Saaraa Yerusaalem ishee waaqa keessaa (ishee bilisa taate) bakka buuti. Isheen haadha keenya. Nuyi, akkuma Yisihaq, ijoollee abdii ti. Ari'amuu fi Dhaala (Lak. 29-31): Akkuma Ishmaa’el (ilmi foonii) Yisihaqiin (ilma hafuuraa) ari’achaa ture, har’as warri seera jala jiran warra amantii jala jiran ni ari’atu. Garuu Kitaabni Qulqulluun maal jedha? "Ilmi garbittittii ilma ishee birmaduu wajjin dhaala hin hirmatu; garbittittii fi ilma ishee baasi!" Kanaaf, Phaawulos xumura irratti akkana jedha: "Nuyi ijoollee ishee birmaduu ti malee, kan ishee garbittii miti." Join and share #karaadhugaa @karaadhugaa

Erga Galaatiyaa Boqonnaa 4ffaa ibsa gabaaba waliin Kutaa 4ffaa Mee itti fufnee Boqonnaa 4 haa xiinxallu. Boqonnaan kun falmii ti’ooloojii Boqonnaa 3 irraa itti fufa. Phaawulos asirratti garaagarummaa seera jala jiraachuu (akka garbaa) fi ayyaana jala jiraachuu (akka ilmaatti) caalaatti ibsuuf fakkeenya lama fayyadama: (1) fakkeenya ilma dhaalaa fi (2) fakkeenya haadholii lamaanii (Aggaar fi Saaraa). Ergaa Galaatiyaa Boqonnaa 4 Yaada Ijoo Boqonnichaa: Phaawulos amantoonni Kiristoos keessatti sadarkaa garbummaa seeraa irraa gara sadarkaa ilmaan Waaqayyoo ta’uutti ol guddataniiru jedhee falma. Kanaaf, deebi’anii gara hojiiwwan seeraa warra dadhaboo ta’anitti deebi’uun gowwummaa fi sadarkaa ofii gad xiqqeessuu akka ta’e isaan akeekkachiisa. Fakkeenya Ilma Dhaalaa: Garba Irraa Gara Ilmaatti (Lak. 1-11) Lak. 1-3: Sadarkaa Garbummaa yeroo Ijoollummaa Ibsa: Phaawulos fakkeenya aadaa yeroo sanaa fayyadama. Ilmi dhaala abbaa isaa hundumaa argachuuf jiru tokko, hamma umuriin isaa ga’utti, aangoon isaa hojjetaa (garba) irra hin caalu. Eegdotaa fi bulchitoota jala jiraata. Akkuma kana, nuyis (Yihuudonnii fi sabni biraa) hamma Kiristoos dhufutti, "gurguddoota hafuurota biyya lafaa" jala akka garbaatti jiraachaa turre. Kun seera Musee (Yihudootaaf) fi sirna amantii adda addaa (saba biraatiif) kan agarsiisudha. Lak. 4-7: Kiristoos Bilisummaa Ilmummaa Fida Ibsa: Haa ta’u malee, "barri murameef sun yeroo guutetti," Waaqayyoo Ilma isaa erge. Yesuus: Dubartii irraa dhalate: Nama guutuu ta’uu isaa agarsiisa. Seera jala galfame: Seera guutummaatti eeguu fi abaarsa isaa of irratti fudhachuun, warra seera jala jiran furee bilisa baasuuf dhufe. Kaayyoon isaa inni dhumaa: Akka nuyi garba ta’uu irraa gara "ilmaan Waaqayyoo" taanutti guddifamnuuf ture. Ragaan ilmaan ta’uu keenyaa inni guddaan immoo, Waaqayyo Hafuura Ilma isaa garaa keenya keessatti erguu isaati. Hafuurri kun "Abbaa, Abbaa" (Abba, Father) jedhee gara Waaqayyootti akka ijoollee akka dhihaannu nu taasisa. Kanaaf, si’achi garba miti, ilma; erga ilma taatee immoo dhaaltuu abdii Waaqayyooti. Lak. 8-11: Gara Gabrummaatti Deebi’uun Gowwummaadha Ibsa: Phaawulos amantoota Galaatiyaatiin akkana jedha: Duraan Waaqayyoon utuu hin beekin, waaqolii tolfamoo (hafuurota dadhaboo) garboomtanii jiraachaa turtan. Amma Waaqayyoon erga beektanii, caalaattiyyuu Waaqayyoon erga beekamtanii, akkamitti gara gabrummaa duriitti deebitu? Inni asirratti guyyoota, ji’ootaa fi waggoota adda baasanii eeguu isaanii (aadaa amantii Yihuudummaa) akka gocha gabrummaatti lakkaa’a. "Dadhabbiin koo isin gidduutti akkasumaan ta'ee?" jedhee yaaddoo isaa ibsa. Waamicha Jaalalaa fi Fakkeenya Haadholii Lamaanii (Lak. 12-31) Lak. 12-20: Waamicha Dhuunfaa Phaawulos Ibsa: Phaawulos falmii isaa isa cimaa gidduutti, jaalalaan isaan kadhata. Akkamitti yeroo jalqabaa dhukkubsatee isaan bira turetti akka isaan isa simatan isaan yaadachiisa: akka ergamaa Waaqayyootti, akka Kiristoos Yesuusitti isa simatan. "Utuu danda'amee ija keessan baaftanii anaaf in kennitu turtan," jedha. Jaalalli durii sun eessa dhaqe? "Dhugaa isinitti dubbachuu kootiinan diina keessan ta'ee?" jedhee isaan gaafata. Barsiisonni sobaa sun jaalala sobaatiin isaanitti dhiyaatu, kaayyoon isaanii garuu isaan ofitti fudhatanii, isaan garboomsuufidha. Phaawulos garuu akka haadha ciniinsifattuutti, hamma Kiristoos isaan keessatti mul’atutti deebi'ee isaaniif ciniinsifachaa akka jiru dubbata. Lak. 21-31: Fakkeenya Ti’ooloojii - Aggaar fi Saaraa Ibsa: Kun fakkeenya (allegory) ti’ooloojii isa cimaadha. Phaawulos dubartoota lamaan (Aggaar fi Saaraa) fi ilmaan isaanii (Ishmaa'el fi Yisihaq) fayyadamee kakuu lamaan walbira qabee ibsa: Aggaarii fi Ishmaa’el (Garbittittii fi Ilma Foonii): Isaan Kakuu Seeraa isa Tulluu Siinaa irratti kenname bakka bu'u. Kakuun kun garbummaa fida. Aggaar Yerusaalem ishee yeroo sanaa (isa seera jala jirtu) bakka buuti. Warri seeraan qajeelaa of godhan ijoollee garbummaati (ijoollee Aggaar). Saaraa fi Yisihaq (Birmaduu fi Ilma Abdii): Isaan Kakuu Ayyaanaa isa abdiin kenname bakka bu'u. Kakuun kun birmadummaa fida.