uz
Feedback
Diinaa'ol Kumaa

Diinaa'ol Kumaa

Kanalga Telegram’da o‘tish

Rakkina kee rakkisaa keetti hin himiin.

Ko'proq ko'rsatish
Mamlakat belgilanmaganToif belgilanmagan
1 384
Obunachilar
+124 soatlar
+17 kun
-1730 kun
Postlar arxiv
all file 06 05 26 (1).pdf6.35 MB

⚖️𝐃𝒉𝐚𝐝𝐝𝐚𝒄𝒉𝒊 𝒊𝒋𝒊𝒃𝒃𝒂𝒂𝒕𝒂𝒂 𝐌𝒂𝐧𝒂 𝐌𝐮𝐫𝒕𝒊𝒊 𝑾𝒂𝒍𝒊𝒊𝒈𝒂𝒍𝒂 𝐅𝐞𝐝𝒆𝒓𝒂𝒂𝒍𝒂𝒂 𝙟𝙞𝙡𝙙𝙞𝙞 2ffaa Dhimmoota Daa'imanii 𝙂𝙖𝙡𝙢𝙚𝙚 𝙡𝙖𝙠𝙠. 225872 Irratti ''Daa'imni guddifachaan kenname maatii dhiigaa kan isa dhalchee fi maatii guddifachaan isa fudhatees dhaaluu ni danda'a.'' jechuun Murtii Dirqisiisaa kennee jira.

Himannaa Qaxxaamuraa (Counter Claim) ✍️✍️✍️✍️✍️ ✍️ Himannaa qaxxaamuraa jechuun, namni himatame tokko galmee irratti himatame keessatti yeroo ofiisaatiin immoo himataa irratti himata dhiyeessu jechuudha. ✍️ Fakkeenyaaf, himanni qabeenya deebisiisuuf dhiyaate tokko yoo jiraate, qabeenyi sun deebifamuu kan qabu ta’e, himatamaan qabeenya sana irratti baasii baase ykn qabeenya irratti dhangalaase deebifachiisuu yoo barbaade, kana gaafachuu kan danda’u: 1✍️Galmee isa irratti himatame keessatti kaffaltii abbaa seerummaa barbaachisu kaffalee, 2✍️"Himannaa qaxxaamuraa (counter claim) dhiyeessuudhaan yookaan 3✍️Himata haaraa biraa baneetiin ta’uu qaba malee, deebii ittisaa isaa keessatti falmii qofa kaasuudhaan abbaa seerummaa gaafachuu hin danda’u jechuu dha. ✍️Kunis murtii MMWFDh/Ij, Lakk. Galmee 86454, Jildii 15ffaa fi SDFHH kwt 234(1)(d) fi 215(2) irratti hundaa’a. ✍️Akka tumaa Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa kwt 5(3) tti, dhimma irratti ifatti abbaa seerummaa gaafatame irratti murtiin osoo hin kennamin yoo hafee, akka gaaffiin sun dhorkameetti lakkaa’ama. ✍️✍️✍️✍️ Haa ta’u malee, tumaaleen kun hojii irra kan oolan: gaaffilee keessaa muraasa irratti murtiin kennamee, muraasa irratti ammoo murtiin osoo hin kennamin hafee, kan hafan akka dhorkamaniitti yeroo ilaalamu qofa dha. ✍️✍️✍️ Garuu, himanni qaxxaamuraa guutummaatti irratti ilaalamee hin taane yoo ta’e, “akka dhorkameetti lakkaa’ama” jechuun hin danda’amu. Kunis murtii dirqisiisaa MMWFDh/Ij, Lakk. Galmee 24574, Jildii 5ffaa irratti kenname irraa hubatama.

Ragaan dhaaltummaa sobaan kenname akka haqamu himannaan dhiyaatu darbiinsa yeroo waggaa 10n daangeeffama. SHH KWT 1677, 1845 fi Dh Ijbt MMWF glm Lkk 161650(Jld 24)

Konkolaataa bakka bu'insan (power of attorney) gurguruu fi bitan bu'aa maalii hordofsiisuu danda'aa? ✍️✍️✍️✍️ Murtiin Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddacha ijibaataa, Galmee Lakk. 283524 irratti dhaddacha gaafa guyyaa 27/05/2018 A.L.I kenname akka agarsiisutti: ✍️Namni tokko konkolaataa nama biraa irraa bite jechuun waliigaltee barreessanii, qarshii kaffalee konkolaataa fudhatee waggaa tokko irraa ol itti fayyadamaa ture. ✍️Garuu yeroo booda namni abbaan konkolaataa ture sun furtuu biraatiin konkolaataa fudhatee: ✍️“Ani hin gurgurre; akka naa bulchaniif bakka bu'insa qofa kenneefii ture” jechuun morme. ✍️✍️✍️✍️✍️ Dhimmichi MMWF Dh/ijibaataa ga’e irratti murtiin kenname kan jedhu: ✍️Konkolaataan akka qabeenya socho’u idilee miti; 1✍️Inni “qabeenya socho’u addaa” jedhamee ilaalama; 2✍️Kanaafuu gurgurtaa isaa seeraan raggaasisuuf qaama mootummaa dhimmi ilaallatu bira galmaa’uu fi mirkanaa’uu qaba. ✍️✍️✍️✍️✍️ Akkasumas: 3✍️Gurgurtaan konkolaataa jiraachuu isaa mirkaneessuuf, sanadiin gurgurtaa qaama mootummaa dhimmi ilaallatuun mirkanaa’e dhiyaachuu qaba; ✍️✍️✍️✍️ ❌Ragaan namaa (dhugaa-baatota qofaan) gurgurtaa sana mirkaneessuun hin danda’amu jedhamee murtaa’eera. ✍️✍️✍️✍️✍️ Kana jechuun: ✅ Konkolaataa yeroo bitan ykn gurgurtan: a✍️Waliigaltee seeraan mirkanaa’e qopheessaa; b✍️Maqaa geeddaruu qaama mootummaa dhimmi ilaalu keessatti raawwadhaa; 3✍️Bakka bu'ummaa qofaan hojii gurgurtaa raawwachuun yeroo hedduu balaa qaba. ✍️✍️✍️✍️ ❌ “Waliigaltee gandaa” ykn “amanamummaa qofaan” hojjechuun boodarra qaama mootummaa dhimmi ilaallatu fi mana murtii biratti rakkoo cimaa fiduu danda’a.

Kennaa(ስጦታ (Gift/Donation ✍️✍️✍️✍️✍️ Namni tokko qabeenya kan isaa hin taane ykn irratti mirga hinqabne irratti kennaa taasisuu danda'aa? ✍️✍️✍️✍️✍️ ስጦታ (Gift/Donation) — •Kennaa( “ስጦታ”) jechuun waliigaltee namni tokko (kennaa kennu jechuun giver/donor) nama biraaf (recipient/donee) tola ooltummaan qabeenya isaa keessaa tokko kennu ykn dirqama tokko fudhachuudhaan raawwatu jechuudha. ✍️✍️✍️✍️✍️ • Namni tokko qabeenya kan isaa hin taane ykn irratti mirga hinqabne irratti kennaa yoo taasise, haalli seeraan kennaan sun maal akka ta’u gaaffiin jedhu Seera hariiroo hawaasaa keessatti keewwata 2427 fi itti aanan keessatti ifatti deebii argateera. ✍️✍️✍️✍️✍️ • Jechi “qabeenya isaa keessaa” jedhu, namni kennaa kennu qabeenya irratti mirga abbummaa qabaachuu akka qabu agarsiisa. ✍️ Akkasumas, Seera Sivilii keewwata 2451 irratti akka tumametti, kennaan sirrii jechuun qabeenya yeroo kennaan taasifamu sanatti qabeenya nama kennu sana ta’e irratti qofa raawwatamuudha. ✍️• Kana irraa hubachuun kan danda’amu, akka seeraatti namni tokko qabeenya irratti mirga homaa hinqabne irratti waliigaltee kennaa yoo godhe, kennaan sun bu’aa seeraa hin qabu jechuudha. ✍️• Kanaafuu, kennaan seera duratti akka ragga’uuf, namni kennaa kennu qabeenya kennaa irratti mirga qabaachuu qaba. 📚 Madda: Lakk. Galmee 90959 jildii 16፣ SHH kwt. 2427 fi 2451

Qajeelfama Lakk.31/2016 Qajeelfama To'annoofi Bulchiinsa Kiraa Mana Jireenyaa Magaalota Naannoo Oromiyaa

#Manni murtii tokko dhimma dhiyaateef irratti waliigalteen akka diigamu kan murteessu yoo ta'e, gareewwan waliigaltee bakka duraan turanitti akka deebi'an murteessuun itti gaafatamummaa mana murtiiti malee akkaataa sdfs kwt 182(2)tiin dhimma gareewwaniin dhiyaachuu qaba jedhamu akka hin taane Dhaddachà #Ijibbaataa MMWF, hiikkoo seeraa dirqisiisaa dhaddacha gaafa 05/02/2017 ooleen Lakk.Ga.248670 ta'e irratti (kan hin maxxanfamne) irraa ya hubanne . Waà hunda #Garee falmii irraà hin eegin jechumaafi. Guyyaà gaarii qabadhaà !

+4
ITTISAA_FI_TOO’ANNOO_YAKKOOTA_DUBARTOOTAA_FI_DAA’IMMAN_IRRATTI_1.docx5.47 KB

Final_1_28_full_published_cassation_Daniel_Fikadu_Law_Office_Reduced.pdf107.12 MB

Repost from Olika M law Office
+6
#Akkaataa_Qabiyyee Lafaa fi Mana Magaalaa Irratti Waraqaan Ragaa Abbaa Qabiyyummaa (Kaartaan) Abbootii Qabiyyeetiif Itti Kennamuu Fi Kana Irratti Ragaalee Dhiyaachuu Qaban Ilaalchisee Seerri Fi Dhaddachi IJibaataa Maal Jedhan? Barreessaan: Muussaa Haashim Muussaa (@musalawyer)

Dambii Oromiyaa Soveriin Fandii Hundeessuuf Bahe.

𝗚𝗮𝗮𝗳𝗳𝗶𝗶 𝗟𝗮𝗳𝗮 𝗯𝗮𝗸𝗸𝗮 𝗯𝘂'𝗶𝗻𝘀𝗮𝗮 𝗳𝗶 𝗕𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮𝗮 𝗩𝗦 𝗔𝗮𝗻𝗴𝗼𝗼 𝗤𝗮𝗮𝗺𝗮 𝗠𝗮𝗴𝗮𝗮𝗹𝗮𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗛𝘂𝗻𝗱𝗮𝗮'𝗲𝗲 ◈◈◈◈◈◈◈◈◈◈◈◈◈◈◈◈◈◈◈◈◈◈◈ 𝗕𝘂𝗹𝗰𝗵𝗶𝗶𝗻𝘀𝗮 𝗠𝗮𝗴𝗮𝗮𝗹𝗮𝗮 𝗢𝗿𝗼𝗺𝗶𝘆𝗮𝗮 𝗸𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗹𝗮𝗳𝗮 𝗺𝗮𝗴𝗮𝗮𝗹𝗮𝗮 𝗴𝗮𝗱𝗶𝗹𝗮𝗸𝗸𝗶𝘀𝗶𝗶𝘀𝘂𝗻 𝗹𝗮𝗳𝗮 𝗯𝗮𝗸𝗸𝗮 𝗯𝘂'𝗶𝗻𝘀𝗮𝗮 𝗳𝗶 𝗕𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮𝗮 𝗸𝗮𝗳𝗳𝗮𝗹𝘂𝘂 𝗶𝗹𝗮𝗮𝗹𝗰𝗵𝗶𝘀𝗲𝗲 𝗶𝗹𝗮𝗮𝗹𝗰𝗵𝗶𝘀𝗲𝗲 𝗴𝗮𝗮𝗮𝗳𝗳𝗶𝗶 𝗺𝗶𝗿𝗴𝗮𝗮 𝗸𝗮'𝗮𝗻 𝘀𝗮𝗱𝗮𝗿𝗸𝗮𝗮 𝗷𝗮𝗹𝗾𝗮𝗯𝗮𝗮𝗻 𝗶𝗹𝗮𝗮𝗹𝘂𝘂 𝗸𝗮𝗻 𝗾𝗮𝗯𝘂 𝗕𝘂𝗹𝗰𝗵𝗶𝗶𝗻𝘀𝗮 𝗺𝗮𝗴𝗮𝗮𝗹𝗶𝗰𝗵𝗮𝗮 𝗸𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗾𝗮𝗮𝗺𝗮 𝗵𝘂𝗻𝗱𝗮𝗮'𝗲 𝘁𝗮'𝘂𝘂 𝗶𝘀𝗮𝗮 ; ‎☛ 𝐃𝐇𝐈𝐌𝐌𝐖𝐅 𝐉𝐢𝐥𝐝𝐢𝐢 20𝑓𝑓𝑎𝑎 𝐋𝐚𝐤𝐤 𝐆𝐚𝐥𝐦𝐞𝐞114622 𝘁𝗮'𝗲 𝗶𝗿𝗿𝗮𝘁𝘁𝗶 ‎☞𝐋𝐚𝐛𝐬𝐢𝐢 𝐋𝐚𝐤𝐤 721/2004 𝐤𝐞𝐞𝐰 26,27,28,29,30 𝐟𝐢 ‎☞𝐃𝐚𝐦𝐛𝐢𝐢 𝐋𝐚𝐤𝐤 155/2005 𝐊𝐞𝐞𝐰 26,55 𝐟𝐢 56 𝐰𝐚𝐥𝐪𝐚𝐛𝐬𝐢𝐢𝐬𝐮𝐮𝐧 𝐠𝐚𝐚𝐟𝐚 𝐆𝐮𝐲𝐲𝐚𝐚 9/9/2008 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐃𝐢𝐫𝐪𝐢𝐬𝐢𝐢𝐬𝐚 𝐤𝐞𝐧𝐧𝐞𝐞 𝐭𝐮𝐫𝐞. ‎ ‎

Abbaan Alangaa namoota yakkaan himatu keessaa isa tokko isaan biroo irratti ragaa godhachuu kan danda’u yoomidha? ==================================== Dh Ijb MMWF Jld 28 glm Lkk 197540, labsi Lkk 882/2007 kwt 8(1), 41(5), SDFY kwt 141 fi 142 ================== Yakka malaammaltummaan walqabatee namoota waliin himatamanii turan keessaa muraasa isaanii adda baasuun isaan hafan irratti ragaa yoo bahaniif himannaa kan isaan irraa kaasu ta’uu AA waadaa galuufiin bu’ura kanaan namoota waliin himatamanii turan irratti jechi ragummaa waadaa galameef bu’ura gochuun Kennan eega falmiin dhagahamee fi ragaa dhagahuun eegale booda yoo ta’e fudhatamummaa hinqabu.   Jemal K Kumbi

+5
Barreeffamoota Joornaallii Qorannoo Oromoo jalqabaa hamma bara 2024tt ....Journal of Oromo Studies from 1993 through 20204

+9
JOS-Volume-17-Number-2-2010.pdf3.78 MB

+9
JOS-Volume-10-Number-12-2003-1.pdf5.19 MB

+9
JOS-Volume-1-Number-1-1993.pdf2.35 MB

Wanti kun yoo bita sitti galeef, qofaa kee hin jirtu. Ani wanti naaf gale siifis akka galu gochuuf hin barreessine; wanti na jeeqe siinis akka jeequ gochuuf malee!

Better three hours too soon than a minute too late.” “Daqiiqaa tokkoo illee barfachuurra, sa’aatii sadii dursanii ga’uu wayya.”                           (William Shakespeare)