Oromia Environmental Protection Authority
Відкрити в Telegram
3 079
Підписники
+224 години
+97 днів
+1030 день
Архів дописів
+6
Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaa kenna tajaajila lammummaaf baajata hoj-adeemsiftu mana hojichaa Bara 2019 irraa %2 qabamee jiru keessaa barattoota harka qalleeyyii Godina Gujii Lixaa Magaalaa Bulee Horaa keessaa jiraatan lakkoofsaan 25 ta'aniif deggersa meeshaalee barnootaa dabtaraafi qalama bituun bakka I/Gaafatamaan Waajjira ATEN B/Magaalaa Bulee Horaa Obbo Lammeess Boruu argamanitti guyyaa har'aa gumaacha taasisee jira.
Hagayya 18/2018
B/Horaa
+8
Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Bul/Magaalaa Baatuu Duula Sosochii Faalama Naannoo Hir'isuu marsaa 3ffaa gaggeessee jira.
Duula Sosochii kanarrattis, I/G Paartii badhaadhiina Magaalaa,It/A Kantiibaa Magaalaafi I/G ATEN Magaalaa Baatuu Aad.Buziyyee Tolaa, Day.THHOSEN ATENO Ob.Tamasgeen Ittaansaa, Af yaa'ii Magaalaa Baatuu, hooggantota Magaalaafi Gandootaa, Manneen Amantaa, Manneen Barnootaa, Afooshaalee, Abbootii Gadaafi Haadholii Siinqee, hooggantoota dhaabbilee garagaraafi dargaggootaa magaalaa; akkasumas, miisensoota woldaalee qulquulliina magaalarratti hojjatanii argamaniiru.
Sosochii kanarrattis barreeffamni mareef ta'u "faalama pilaastikaa, keemiikaala hamoofi Elektiroonii dhabamsiisuu; akkasumas,faalama sagalee xiiqqessuu" kanneen jedhamanirratti karaa ob. Tamasgeen Ittaansaa dhiyaachuun mareen bal'aan irratti taasifameera.
Dhumarratti dhaabbiileefi waldaalee eegumsa naannootiin foyyee qabaniif sirna bekamtii waraqaa ragaa kennameef waltajjichi milkiin goolabameera.
Hagayya, 2018
Baatuu
Hub: Ragaa Gabaasa Ashaaraa Magariisaa akka biyyatti Adoolessa 27/2018 dhabbate Magalootni kutaa Magaalaa isin jila jiruu fi Godinaaleen ammoo Aanaalee isin jala jiran qindeessuu dhaan hatattaman hanga gaafa guyyaa 15/12/2018tti akka ergitan isin beeksifna.
Hub: Ragaa Ashaaraa Magariisaa Magalootni kutaa Magaalaa isin jila jiruu fi Godinaaleen ammoo Aanaalee isin jala jiran qindeessuu dhaan hatattaman hanga gaafa guyyaa 15/12/2018tti akka ergitan isin beeksifna.
Hub: Ragaa Ashaaraa Magariisaa Magalootni kutaa Magaalaa isin jila jiruu fi Godinaaleen ammoo Aanaalee isin jala jiran qindeessuu dhaan hatattaman hanga gaafa guyyaa 15/12/2018tti akka ergitan isin beeksifna.
Karoora Sosochii Faalama Naannoo Marsaa 3ffaa Fooyya'e
Urgent: Godinalee hundaaf akuma beekamuu ji'ota lamaan darban sagantaan OFLP-ERP waliin hojii karoora umataa (community action plan) kafaltii kaarboonii akka hojachaa turtan niyaadatamaa. Hatahuu malee "haard coopii" ragaa karoora kana sadarkaa godinaa fi Naannotti walitti qabuuf rakkisaa waan ta'eef fi dabalataan Bankii aduunyaa (WB)f ragaa kana haala odeefanno gutuu qabuun eerguu dirqama dha. Kanaafuu isiinis kanuma hubatanii gucini ykn foormiin haala gaafatuun fi off-eggannon guttani akka eergitan cimisinne isiin beeksifinaa. Hubachisaa: "haard coopii" ragaa karoora kana sadarkaa gandaa fi Aanaatti faayilii qabaate qindaa'ee akka ta'uu gochuun akka hin dagataminne.
+6
Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Godina Arsii gamaaggama raawwii hojii bara 2018, karoora bara 2019fi duula sosochii faalama naannoo hir'isuu marsaa 3ffaa irratti Caasaa isaa sadarkaa Aanaafi qooda fudhattoota Waliin Magaala Asallatti marii gaggeessee jira.
Waltajjii gamaaggamaafi marii gaggeeffame kanaan, Labsii 1383/2025 faalama pilaastikaa hambisuuf bahe lafa qabsiisuu koreewwan sadarkaa barbaadamutti hundaa'ee hubannoofi tarkaanfiiwwan bulchiinsaa barbaachisaa fudhachuuf irratti waliigalameera. Kanatti aansuun sosochiin faalama faalama naannoo (faalama pilaastikaa, sagaleefi keemikaalota hamoo yeroon irra darbee) hir'isuuf marsaa 3ffaa sadarkaa naannootti labsame bu'uureffachuun akkuma Godinichi raawwate Aanaaleen yeroo gara Aanaasaanitti deebiyan bifuma wal-fakkaatuun hawaasatti gadi buusuu akka qaban kallattiin ka'amee jira.
Dhumarratti, hirmaattonni waltajjichaa barattoota harka qalleeyyiif dabtara darzana 106 kan ta'u gumaachaniiru.
Adoolessa 29/2018
Asallaa
Gabaasa Raawwii Hojii Bara 2018fi Karoora Ofdanda'aa Bara 2019
+9
Hojjettoonniifi hooggantoonni ATENO hawaasa Aanaa Liiban Cuqqaalaa Magaalaa Adulaalaafi Ganda Addallee Mi'eechaa jiraatan waliin ta'uudhasn Tulluu Cuqqaalaa Ganda Addallee Mi'eechaarratti Dhaabbii Ashaaraa Magariisaa Guyyaa tokkoo akka biyyaatti mata duree "Waliin Abdii Haa Dhaabnu!" jedhuu sababeeffachuun guyyaa har'aa biqiltuu dhaabanii jiru.
Dhaabbii biqiltuu kanarrattis I/A/D/Ol'aanaafi I/Gaafatamaan Damee Bosonaa ATENO Obbo Boonaa Yaaddessaa, Bulchaa Aanaa Liiban Cuqqaalaa Obbo Fireezariifi I/A/Bul.fi I/Gaafatamaan Waajjira Qonnaafi Lafaa Aanaa Liiban Cuqqaalaa Obbo Guddatoo Qaabatoo argamuun haasaa taasisaniin biqiltuu dhaabanii galuu qofa osoo hin taane kunuunsaafi eegumsaasaarrattis xiyyeeffachuun hojjeetamuu akka qabu ergaa hawaasaaf dabarsaniru.
Adoolessa, 27/2018
Adulaalaa
+9
Biqiltuu dhaabbuufi kunuunsuudhaan, tarsiimoo dinagdee magariisaa jijjiirama qilleensaa dandamatu haa mirkaneessinu! ATENO
==========
Hojjeettoonni ATEN Oromiyaa, Sagantaa "OFLP-ERP, RIP+ Investments Oromia" FOLUR"fi hojjettoota Waajjira ATEN Magaalaa Shaggar, K/Magaalaa Galaafi Aanaa Galaan waliin ta'uudhaa Magaalaa Shaggar K/Magaalaa Galaa Aanaa Galaan keessatti kan argamu Gaara Gindebel irratti Lafa hektaata naannoo 12 ta'urratti biqiltuu naannoo 2500 ta'u guyyaa har'aa dhaabanii jiru.
Adoolessa, 23/2018
Faaruu Sosochii Faalama Naannoo Hir'isuu Marsaa Sadaffaa
+3
Duulli Sosochii Faalama Naannoo Hir'isuu marsaa 3ffaaf (Faalama Pilaastikaa, Sagaleefi Keemikaalota Hamoo Yeroon Irra Darbee) irratti ATEN Oromiyaa Magaalaa Adaamaatti gaggeessee milkiin xumurameera.
Xumura waltajjichaarrattis, dhaabbilee/warshaalee seerota Eegumsaa Naannoo hojiirra oolchuun hojiisaanii raawwatan faalama naannoo hir'isuu keessatti kanneen fooyyee qaban afuriif (Mana Qalmaa Foonii Al-ergee Lunaa kan Magaalaa Moojootti argamu, Warshaa Waraqaa Kuruftuu kan Magaalaa Adaamaatti argamu, Dhaabbata Sibiilaa RMI It/G/Murtaa'ee kan Magaalaa Bishooftuutti argamuufi Paarkii Industirii AMG kan Magaalaa Shaggaritti argamuuf Waraqaan ragaa kennameefii jira.
Adoolessa, 19/2018
Adaamaa
Oromiyaa Qulqullittii, Dhaloota Haa Dhaalchifnu!
============
Duulli Sosochii Faalama Naannoo Hir'isuu (Faalama Pilaastikaa, Keemikaalota Hamoo Yeroon Irra Darbeefi Sagalee) marsaa 3ffaa guyyaa har'aa Magaalaa Adaamaatti bakka haanga'oonni Ol'aanaa Federaalaafi Naannoo Keenyaa; akkasumas, Godinaaleefi B/Magaalotaa argamanitti gaggeeffameera.
Duula Sosochii kanarrattis Ob. Boonaa Yaaddessaa haasaa baniinsaafi baga nagaan dhuftanii erga jedhaniin booda It/A/D/Ol'aanaa ATEN Federaalaa Aadde Firrinesh Makuriyaa kaayyoofi barbaachisummaa sosochichaa dhiyeessuun jalqabsiisaniiru.
Kanatti aansuun, barreeffamni ka'umsaafi karoora sosochii Faalama Naannoo Hir'isuu marsaa 3ffaa karaa Obbo Boonaa Yaaddessaa dhiyaatee mareen bal'aan irratti taasifameera. Kana malees, haala tajaajila "E-service" gargaaramuun hojicha milkeessuun danda'amurratti Karaa Ogeessa ATST Oromiyaa ob. Taajuddin Tamaam dhiyaateera.
Waltajjichi I/GWMK Baadiyaa Ob. Destaa Nageessoofi It/A/D/Ol'aanaa ATEN Federaalaa Aadde Firrinesh Makuriyaafi Naannoo Oromiyaa Ob. Boonaa Yaaddessaan hogganamaa tureera.
Dhumarrattis Duula Sosochii Faalama Naannoo Har'isuurratti hojjetamaa tureen milkaa'insa gaarii kan argamsiisee ta'uufi kan marsaa 3ffaa kanas ammarraa kaasuun itti deemuu akka qaban Godinaaleefi B/Magaalotaa hundi irratti waliigaluun dhaadannoo "Naannoo Kunuunsuu Aadaa Haa godhannuu" jedhuun waltajjichi goolabameera.
Adoolessa, 19/2018
Adaamaa
+9
Gamaaggamni raawwii hojii bara 2018fi karoora of danda'uu bara 2019 Abbaàn Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaa Caasaa isaa Sadarkaa Godinaaleefi B/Magaalotaa waliin gaggeessaa oole milkiin xumurameera.
Gamaaggama kanarrattis Ciminaaleefi hanqinaalee raawwii hojii bara 2018 keessatti mul'achaa turan adda ba'uun dhiyaataniiru.
Dhumarratti qabxiilee dhiyaatanirratti yaadaafi mareen bal'aan erga irratti taasifameen booda, It/A/D/Ol'aanaafi I/G Damee Bosonaa Obbo Boonaa Yaaddessaa
1/ Jaarmiyaalee Naannoo keenya keessaa jiran kamiyyuu iddoo itti argamaniifi odeeffannoo guutuu isaanii teknoloojii ammaayyaatiin (Geo refernced) ta'ee qabachuufi odiittii Naannoo gaggeessuun qulqullinarratti fuulleffachuun hojjechuu,
2/ Bosonni Oromiyaa keessaa jiru (11.4 hek) ta'eefi Lafa caffa'aa jiru hundinuu daangeffamee (X-Y cordinate) qabaachuun egamuu akka qaba kallattii kaa'uun waltajjicha goolabaniiru.
Adoolessa, 18/2018
Adaama
+9
Abbaàn Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaa I/Gaafatamtootaafi Ogeessa Karooraa Waajjira Abbaa Taayitichaa Godinaalee 21fi B/Magaalotaa 23 waliin gamaaggama raawwii hojii bara 2018fi wixinee karooraa bara 2019rratti guyyaa har'aa Magaalaa Adaamaatti gaggeessee jira.
Gamaaggamichis It/A/D/Ol'aanaafi I/G Damee Bosonaa Abbaa Taayitichaa Obbo Boonaa Yaaddessaatiin kaayyoofi barbaachisummaansaa erga ibsameen booda, gabaasni raawwii hojii bara 2018 Godinaa H/Bahaafi Sh/Lixaa; akkasumas, B/Magaalaa Bishooftuufi Shaggar dhiyaateera. Kanatti aansuun, gabaasni raawwii hojii bara 2018fi sirna karoora of danda'uu bara 2019 ATENO dhiyaachuun mariin irratti taasifamaa jira.
Adoolessa, 18/2018
Adaama
