ch
Feedback
Oromia Environmental Protection Authority

Oromia Environmental Protection Authority

前往频道在 Telegram
3 086
订阅者
-224 小时
-77
-4630
帖子存档
Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaatti Daayirektoreetiin Eegumsaafi Manaajimantiin Bosonaa hojii piroojektii Lafa Bosonaa Tulluu Cuqqaalaa Deebisanii Dandachiisuu (PLBTCDD) waggoottan sadan darbaniifi Sirnakkoo Lafa Bosonaa Bosonaa Tulluu Kooraa Deebisanii Dandachiisuufi jiruufi jireenya hawaasaa fooyyessuu (SLBTKDD JJHF) irratti guyyaa har'aa Magaalaa Bishooftuutti gaggeessee jira. Gamaaggamni kunis haasaa baga nagaan dhuftanii I/A/Bulchaafi I/G Waajjira Qonnaa Aanaa Liban Cuqqaalaa Ob. Guddatoo Qaabatoofi ATEN Oromiyaatti Daayirekteera HLQ Ob. Birhaanuu Iddattiin kaayyoofi barbaachisummaa gamaaggamichaa ibsamee jalqabsiifameera. Kanatti aansuunis gabaasni raawwii hojii iddoowwan lamaanii karaa "focal person" piroojektichaa dhiyaateera. Kana malees, cuunfaan gabaasa raawwii hojii PLBTCDD waggoottan sadan darbaniifi karoorri hojii bara 2018 karaa ATEN Oromiyaatti B/B Daayirektoreetii Eegumsaafi Manaajimantiin Bosonaa Ob. Silashii Jabeessaatiin dhiyaatee mareen bal'aan irratti taasifameera. Dhumarrattis, ciminaaleefi hanqinaalee hojicha keessatti mul'atan adda ba'anii dhiyaatanirratti maree bal'aa taasisaniiru. Walumaagalatti, hojiin Lafa Bosonaafi Sirnakkoo Lafa Bosonaa Deebisanii dandamachiisuu Tulluuwwan lamaanirratti hojjetamaa ture hojii fooyyee qabuufi gara fuul-duraatti kana caalaa kutannoodhaan hojjechuu akka qaban irratti waliigaluun waltajjichi milkiin xumurameera.       Caamsaa 30/2018        Bishooftuu

Guyyaan Eegumsa Naannoo Addunyaa (World Environment Day) bara kanaa Marsaa 32ffaa akka biyya keenyaatti mata duraan "Climate
+9
Guyyaan Eegumsa Naannoo Addunyaa (World Environment Day) bara kanaa Marsaa 32ffaa akka biyya keenyaatti mata duraan "Climate Action: Clean Ethiopia"  jedhuun qindeessuummaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Federaalaa, Naannoo Oromiyaafi Magaalaa Finfinneen iddoo misoomni qarqara lageenii itti gaggeeffamaa jiru Paartii Inxooxxoo jedhamutti bakka haanga'oonni Ol'aanaa Federaalaa, Magaalaa Finfinneefi Naannoo Oromiyaa argamanitti guyyaa har'aa kabajameera. Kabaja guyyaa kanaanis iddoon gataafi xuraawwaa Magaalaa Finfinnee keessaa duraan xuree yeroo ammaan kana yaadama Muummicha Ministiraa Kabajamoo Dr. Abiy Ahmediin misooma qarqara lageenii Magaalaa Finfinnee paarkii Inxooxxoo keessatti kuduraaleefi muduraalee oomishamaa jiru daawwatameera. Abbaan Taayitaa Keenyaas guyyaa har'aan kana guyyaa Eegumsa Naannoo kana kan kabaje yoo ta'u, caasaan Abbaa Taayitaa Keenyaa Godinaalee, Magaalotaafi Aanaalee jirtan karaa wal-fakkaataa ta'een akka kabajjan isiniin jenna.            Caamsaa 29/2018             Finfinnee

+1
Gabaasa waggaa Gafaachuu ta'a.

Ariifachisaa :- Godinaalee fi Magaaloonni Gabaasa waggaa bara 2018ti qopheessuudhaan hanga Waxabajjii 5 bara 2018 akka ergitan isin beeksisaa , Godinaaleen fi Magaalonni guyyaa jedhame kanaatti kan hin ergine yoo tahee kan itti gaafatamtan ta`u keessan isin beeksfinaa.

Gabaasa Hojii Kenna Tajaajila.pdf2.74 KB

Manaajimantiin Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaa hojii ijaarsa haaromsa Giddu-gala Laboraatoorii Eegumsa Naannoo Magaal
+6
Manaajimantiin Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaa hojii ijaarsa haaromsa Giddu-gala Laboraatoorii Eegumsa Naannoo Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnootti argamuu guyyaa har'aa daawwateera. Daawwanichis I/A/Daayirekteera Ol'aanaafi I/Gaafatamaa Damee Bosonaa Obbo Boonaa Yaaddessaatiin durfamaa ooleera. Hojiin ijaarsa haaromsa Giddu-gala Laboraatoorichaaf gara parsantaa 80tti tilmaamamu xumuramuusaa daawwannaa taasifamerraa hubachuun danda'ameera.         Caamsaa 27/2018            M/Noonnoo

Sirreefama Garagarumaa sadarkaa fi Mogafama Gitoota hojii.pdf10.01 KB

Baay'ee Ariifachiisaa: Godinaalee 21 fi Magaala Shaggariif :- Leenjiin Ogummaa GIS irratti xiyyeeffatee Ogeessota Godinaaleef qophaayee ture (gaafa 26/09/2018 galanii bulanii gaafa 27/09/2018 irraa eegalee kennama jedhamee ture) sababa adda addaatin gaafa 02/10/2018 galamee bulamee gaafa 03/10/2018 irraa eegalee akka kennamu darbuu isaa isin hubachiisaa odeeffannoo dabalataatiif bilbila 0941163208 Tasfaayee ykn 0913162166 Afawarq irratti bilbiluu kan dandeessan ta'uu isin beeksifna.

+1
xalayaa waamicha Leenjii Ogeessotaa GIS isinif erguu ta'a.

+1
Qamni isin ilaalatuu haala caasaa fooya'ee kanan akka itti fayyadamtan isin beeksifna.

Peeroolii ji'a Caamsaa bara 2018fi karoora imaala badhaadhinaa waggaa tokko,waggaa sadiifi waggaa shanii hatattaman akka ergitan isin beeksiifna.

Ogeessonni Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaatti Giddu-galli Laboraatoorii Eegumsa Naannoo, Magaalaafi Godina Sh/Bahaa C
+2
Ogeessonni Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaatti Giddu-galli Laboraatoorii Eegumsa Naannoo, Magaalaafi Godina Sh/Bahaa Caamsaa 14 hanga 18/2018tiitti Magaalaa Adaamaatti mata dure "ISO14001:2015" jedhurratti leenjii fudhachaa turan  milkiin xumuraniiru. Leenjitoonni hunduu waan irratti leenji'aa turan kanarratti qormaata gahumsa fudhachuun hundi isaanii milkaa'anii waraqaa ragaa argatanii jiru.           Caamsaa 18/2018           Adaamaa

Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaatti Giddu-galli Laboraatoorii Eegumsa Naannoo dhimmoota "ISO 14001:2015 Environmental
+8
Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaatti Giddu-galli Laboraatoorii Eegumsa Naannoo dhimmoota "ISO 14001:2015 Environmental Management System" irratti ogeessota Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Magaalaa Shaggar, Kutaalee Magaalaa Shaggar keessaa K/M/Malkaa Noonnoo, Buraayyuu, Sabbataa, Galaan Guddaa, Galaan, L/Xaafoofi Furii; akkasumas, Magaalaa Bishooftuu, Hoolotaa, Moojoo, Adaamaa, Godina Shawa Bahaafi Ogeessota Damee Eegumsa Naannoo sadarkaa Naannootti argamaniif leenjii dandeettii raawwachiisummaa isaanii cimsu danda'urratti guyyaa har'aa Magaalaa Adaamaatti kennaa jira. Leenjiin kunis guyyoottan shaniif walittifufee kan kennamu ta'a. Caamsaa 14/2018 Adaamaa

Caasaa ATEN Magaalaa Shaggar system ICSMIS irra galee jiru kana ilaaluun akka itti fayyadamtan.

+2
Caasaa ATEN Godinaalee system ICSMIS irra galee jiru kana ilaaluun akka itti fayyadamtan.

Xalayaa Guyyaan Waltajjii Darbuu isin Beeksisuu ta'a.

Xalayaa Waltajjii.pdf5.23 KB