4 057
Подписчики
Нет данных24 часа
+47 дней
+11830 дней
Архив постов
Dambii Lakk.262-2019 Godinaalee Naannoo Oromiyaa Irra deebiin hundeessuuf bahe https://t.me/linkibsa
Qajeelfama Ramaddii Hojjettoota Mootummaa Manneen Hojii Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lakk.34/2019.
Dambii 260/2018 Dambii Ittin bulmaata Poolisii Oromiyaa https://t.me/linkibsa kana irraa argattu. Dhimmoota haaraa hedduu waan of keessa qabuu dubbisa
Maqeeffama Dhaddachaalee Dhaabbii Manneen Murtii Ol'aanaa Godinaalee Naannoo Oromiyaa
---------------------------------------
Akkuma beekamu Manneen Murtii Ol'aanaa Godinaalee Naannoo Oromiyaa 21 turan gara 6tti dacha'uun isaanii ni beekama.Manneen Murtii Ol'aanaa Godinaalee 6n haala haaraan gurmaa'aniin alatti kan jiranii fi kanaan dura Manneen Murtii Ol'aanaa kan turan sadarkaa Dhaddacha Dhaabbii tti gurmaa'anii jiru.Dhaddachaaleen dhaabbii kunneenis;
1.Mana Murtii Ol'aanaa Godina Giddugaleessa Oromiyaatti, Dhaddacha Dhaabbii Magaalaa Amboo fi Naannawaa Ishee
2.Mana Murtii Ol'aanaa Godina Giddugaleessa Oromiyaatti, Dhaddacha Dhaabbii Magaalaa Walisoo fi Naannawaa Ishee
3.Mana Murtii Ol'aanaa Godina Giddugaleessa Oromiyaatti, Dhaddacha Dhaabbii Naannawaa Magaalaa Adaamaa
4.Mana Murtii Ol'aanaa Godina Lixa Oromiyaatti, Dhaddacha Dhaabbii Magaalaa Dambidoolloo fi Naannawaa Ishee
5.Mana Murtii Ol'aanaa Godina Lixa Oromiyaatti, Dhaddacha Dhaabbii Magaalaa Gimbii fi Naannawaa Ishee
6.Mana Murtii Ol'aanaa Godina Lixa Oromiyaatti, Dhaddacha Dhaabbii Magaalaa Naqamtee fi Naannawaa Ishee
7.Mana Murtii Ol'aanaa Godina Kibba Lixaa Oromiyaatti, Dhaddacha Dhaabbii Magaalaa Mattuu fi Naannawaa Ishee
8.Mana Murtii Ol'aanaa Godina Kibba Lixaa Oromiyaatti, Dhaddacha Dhaabbii Magaalaa Beddellee fi Naannawaa Ishee
9.Mana Murtii Ol'aanaa Godina Kibba Oromiyaatti, Dhaddacha Dhaabbii Magaalaa Yaaballoo fi Naannawaa Ishee
10.Mana Murtii Ol'aanaa Godina Kibba Oromiyaatti, Dhaddacha Dhaabbii Magaalaa Bulee Horaa fi Naannawaa Ishee
11.Mana Murtii Ol'aanaa Godina Kibba Oromiyaatti, Dhaddacha Dhaabbii Magaalaa Adoolaa Woyyuu fi Naannawaa Ishee
12.Mana Murtii Ol'aanaa Godina Baha Oromiyaatti, Dhaddacha Dhaabbii Naannawaa Magaalaa Harar
13. Mana Murtii Ol'aanaa Godina Kibba Baha Oromiyaatti, Dhaddacha Dhaabbii Magaalaa Gindhiirii fi Naannawaa Ishee.
14.Mana Murtii Ol'aanaa Godina Kibba Baha Oromiyaatti, Dhaddacha Dhaabbii Naannawaa Magaalaa Roobee
15.Mana Mirtii Ol'aanaa Godina Kibba Bahaa Oromiyaatti, Dhaddacha Dhaabbii Naannawaa Magaalaa Shaashamannee
----------------------------------------
Hubachiisa:
1-Gurmaa'insi Manneen Murtii Olaanaa Godinaalee bu'uuraa Heera MNO kwt 64(1) tiin, Gurmaa'insa Godinaa Caffeen Fooyya'e bu'uura godhachuun kan taasifame, Aangoo Abbaa Seerummaatti Labsiin Manneen Murtii Naannoo Oromiyaa Sadarkaan jiraniif kennamee( MMA, MMO fi MMWO) kenname irratti jijjiiramni taasifame kan hin jirre ta'uu;
2 Manneen Murtii Olaanaa Magaalotaa fi Manneen Murtii Aanaa Kutaa Magalootaa keessatti argaman Ilaalchisee jijjiiramni taasifame kan hin jirre ta'uun ni hubachiifna.
# Fuula Feesbuukii MMWO irraa kan fudhatame!
Repost from Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
Yaadachiisa Maamiltoota MMWO hundaaf
----------------------------
(Fulbaana 24,2019 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)-Komiin oliyyannoo kanaan dura Dhaddachoota Dhaabbii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaaf ergamaa ture hafee jira.Komiin oliyyannoo gaafa 21/1/2019 dura baname hanga xumura argatutti achumatti kan hordofamu ta'ee, komiin ol iyyannoo sana booda dhiyaatu Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaaf ta'ee kan irraa hordofamus Finfinnee Caffee Araara irraayi.
Walumaagalatti, komiin oliyyannoo kanaan dura Mana Murtii Ol'aanaa irraa gara Dhaddachoota Dhaabbiitti ergamaa ture hafee Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Dhaaddacha Giddugaleessatti ergama jechuu dha.Komiin yemmuu barreeffamus 'Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaatti Dhaddacha Hariiroo Hawaasaa ykn Yakkaa' jedhamee kan barreeffamuu fi teessoon Finfinnee Caffee Araaraa ta'a jechuu dha.
Himannaan kallattii yeroof haaluma duraan waan itti fufuuf jijjiiramni hin jiru.
Oliyyannoonis haaluma kanaan duraan karaa E_Faayilaa kan ergamu dha.Odeeffannoo dabalataa Manneen Murtii keenya sadarkaan jiran kamuu irraa qaamaan argachuun ni danda'ama.
-------------------------------
Daayireektoreetii Keenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaa
Repost from Desalegn B.
Obbo Tafarii Baqqalaa qorataa seeraa ILQSO yemmuu ta'u, ogeessa seeraa muuxannoo qorannoo gaggeessuu Ol'aanaa qabudha. Obbo Tafariin qorannoowwan manneen murtii Naannoo keenyaa galtee taasifatan hedduu kan gaggeessedha. Keessattuu, hangan yaadadhutti qorannoowwan madaallii raawwii hojii abbaa seeraa, Qulqullinaafi si'aayina hojii KTAS irratti inni hojjetee ture kan dagatamu miti. Kana malees, walitti qabaa koree gulaallii Joornaalii Seeraa Oromiyaa ta'uudhaan maxxansi qulqullina qabu, hojii qabatamaadhaan walqabatu akka maxxanfamu taasisuun ogeessa sadarkaan joornalichaa akka ol ka'ee beekamu taasisedha. Amma immoo PHD isaa xumuree 'defend' gochuuf akka jiru gaafan dhagahu baay'een gammade. Baga gammadde! Congratulations!🎉 🎉 (Suuraan fuula fb Dr. Abdii Gurmeessaa irraa fudhatame) Desalegn B.
