cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

Dr mohammed Ibrahim

Fayyaan ummata keenyaaf!

Больше
Рекламные посты
5 993
Подписчики
Нет данных24 часа
Нет данных7 дней
+2630 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

𝗗𝘂𝗯𝗮𝗿𝘁𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗛𝗶𝗻 𝗛𝗲𝗲𝗿𝘂𝗺𝗶𝗻𝗶𝗶𝗳… 𝗕𝗼𝗸𝗼𝗸𝘀𝗮𝗮 𝗗𝗵𝗶𝗶𝗿𝗮𝗮 𝗞𝗮𝗻𝗮𝗮𝗳 𝗔𝗺𝗯𝗼 𝗪𝘂𝗵𝗮𝗮 𝗗𝗵𝘂𝗴𝗶. 1. 𝘽𝙖𝙧𝙚𝙚𝙙𝙙𝙪𝙮𝙮𝙚𝙚! Bareeda Akka Keetii Rabbiin Hin Uumne. Yoo Rabbiin isii hin uimne, Garaajii kamitti hojjatamte ree? 2. 𝘼𝙩𝙞 𝙗𝙖𝙧 𝙉𝙪𝙪𝙧𝙖𝙡 𝙀𝙚𝙮𝙣𝙞𝙞𝙙𝙝𝙖. Ishii buufaa Nuural Eeyniin Tee laguu ji’aa irraa qulqulluudhaa? lol 3. 𝙃𝙖𝙮𝙖𝙖𝙩𝙞𝙞❗ 𝙆𝙖’𝙞𝙞 𝙨𝙖𝙡𝙖𝙖𝙩𝙞𝙞. Waqtii salaataa ofirra hin dabarsin ishii. Namicha wudu’a qabdaa? Yoo Jedhaniin manatti irraanfadhee Bahe jedhuu bar. 4. 𝙅𝙖𝙖𝙡𝙖𝙡𝙡𝙞 𝙠𝙚𝙚 𝙣𝙖 𝙢𝙖𝙧𝙖𝙖𝙘𝙝𝙚𝙚𝙧𝙖. Obboleettii tiyya Adaraa kee maraattutti hin heerumin. 5. 𝙎𝙖𝙜𝙖𝙡𝙚𝙚 𝙠𝙚𝙚 𝙙𝙝𝙖𝙜𝙖𝙝𝙪 𝙢𝙖𝙡𝙚𝙚 𝙧𝙖𝙛𝙪𝙪 𝙝𝙞𝙣 𝙙𝙖𝙣𝙙𝙖’𝙪. Kana maatitti himna sagalee qur’aanaa haa itti bananii. 6. 𝙏𝙖 𝙛𝙪𝙣𝙮𝙖𝙖𝙣 𝙠𝙤𝙣𝙠𝙤𝙣𝙖𝙖, 𝙞𝙟𝙟𝙞 𝙠𝙪𝙪𝙡𝙖𝙖, 𝙢𝙪𝙙𝙝𝙞𝙞𝙣 𝙢𝙖𝙖𝙡𝙞𝙮𝙮𝙤𝙤. Faaruun kun hundi sima nyaachuuf. Namichuma kanatu bada fungaa, sattawwaa, kabeelaa jechuuf deemaa beeki. Uqqubii tee hin nyaachisin. 7. 𝗕𝗮𝗸𝗸𝗮 𝗮𝘁𝗶 𝗵𝗶𝗻 𝗷𝗶𝗿𝗿𝗲 𝗷𝗶𝗿𝗮𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗻 𝗻𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗵𝗶𝗻 𝘁𝗼𝗹𝘂. Tikkeettii Qabrii VIP siif muruu wajjiin deemnaa jedhiin. Gaafa sitti heerume immoo “ Yaa rabbi jaarsi kiyya na wajjiin qofa ta’uu waan hin dandeenyeef si wajjiin haa ta’uu narraa fudhu.” Jechuun kee hin hafu. 8. Waan ati gootu hundaaf Maashaa Allaah Kan jedhu yoo ta’e, heerumeera jedhiin. Maashaa Allaah Isaa hin dhiisu. 9. 𝙅𝙖𝙖𝙡𝙖𝙡𝙖 𝙠𝙚𝙚𝙩𝙞𝙞𝙣 𝙙𝙪’𝙖𝙖 𝙟𝙞𝙧𝙖. Inni kun janaaza miilaan deemu. Nama lubbuun jiru rabbi siif haa hiru. 10. 𝙌𝙖𝙨𝙝𝙩𝙞𝙞 𝙩𝙞𝙮𝙮𝙖 𝙂𝙞𝙞𝙛𝙩𝙞 𝙙𝙪𝙧𝙚𝙚 𝙜𝙤𝙙𝙝𝙚𝙚𝙣 𝙢𝙞𝙞𝙡𝙖 𝙨𝙞 𝙙𝙝𝙞𝙦𝙖𝙖 𝙨𝙞 𝙟𝙞𝙧𝙖𝙖𝙘𝙝𝙞𝙨𝙖. Miila ofiituu salaata shananiif osoo dhiqatee bareeda ture. Maybe miilli isaa cinaan kophee keessatti du’eera. Yoo si dhiqe gaafa aare akka lukkuu ayyaanaa si quuncisuu mala eeggadhu. 11. 𝘼𝙩𝙪𝙢𝙢𝙖𝙖𝙣 𝙩𝙤𝙡𝙚 𝙣𝙖𝙖𝙛 𝙟𝙚𝙙𝙝𝙞 𝙢𝙖𝙡𝙚𝙚 𝘼𝙠𝙠𝙖 𝙠𝙞𝙡𝙡𝙚𝙚𝙩𝙩𝙞 𝙨𝙞 𝙠𝙪𝙣𝙪𝙪𝙣𝙨𝙖. Abbaa bokossaa jedhiin. Wanti si gaddisiisu killeen Waadamtee ykn affeelamtee nyaattamti. Seeraan ammatamtu immoo cuucii yaafti. Filadhu. 12. 𝗦𝗲𝗸𝗼𝗻𝗱𝗶𝗶 𝗶𝗷𝗮𝗮𝗻 𝘀𝗶 𝗮𝗿𝗴𝗲 𝗶𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗸𝗮𝗮𝘀𝗲𝗲 𝗯𝗶𝘀𝗵𝗮𝗮𝗻𝗶𝗶 𝗳𝗶 𝗺𝗶𝗱𝗵𝗮𝗮𝗻 𝗮𝗳𝗮𝗮𝗻𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗻𝗮 𝗯𝘂’𝗲𝗲 𝗵𝗶𝗻 𝗯𝗲𝗲𝗸𝘂. Baxraaqqaa Hospitaala kamitti Glucose sitti sakka’anii ciisaarta? 13. 𝗔𝗮𝗵❗ 𝗮𝗸𝗸𝗮 𝗸𝗮𝗯𝗮𝗷𝗮 𝗸𝗲𝗲𝘁𝗶𝗶𝗳 𝗯𝗮𝗿 𝗮𝘁𝗶 𝘀𝗶𝗹𝗮𝗮 𝗱𝗮𝗰𝗵𝗶𝗶 𝗶𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗱𝗲𝗲𝗺𝘂𝘂 𝗵𝗶𝗻 𝗾𝗮𝗯𝗱𝘂𝘂. Bara duumessinuu rooba ta’ee gara dachii deebi’utti maal irra deemti ree? 14. 𝘽𝙤𝙧𝙪 𝙬𝙖𝙟𝙟𝙞𝙞𝙣 𝙦𝙤’𝙖𝙣𝙣𝙖𝙖 𝙖𝙢𝙢𝙖 𝙝𝙞𝙧𝙧𝙞𝙗𝙖 𝙢𝙞’𝙖𝙖𝙬𝙖𝙖 𝙣𝙖𝙖𝙛 𝙧𝙖𝙛𝙞 𝙞𝙨𝙝𝙞𝙞. Kun si qo’ata malee sin qo’achiisu, rafuu yoo feete ofumaaf daffa’amii rafi. 15. 𝘼𝙣𝙖𝙖𝙛 𝙎𝙞 𝙐𝙪𝙢𝙚 𝙍𝙖𝙗𝙗𝙞𝙞𝙣. Waan si uumee fi eenyuuf akka si uume Rabbiin qofatu beeka. Bakka kanatti ambo wuhaa qaruuraa 2 dhugi. Gaazixeeysaa: Abdulbasix
Показать все...
Показать все...

Namoota Shan kan badhaafaman 1. Boona ture qashxii 2.muraseyyoo bekrii 3. Naima Mohammed 4. Kadir m aliyyi 5. Ani ilma xiqiiti
Показать все...
#Odduu_Amee "Taatee uumamaa Dinqisiisoo!!! WKGWB Ebla 25/2016 Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Sibuu Siree Hospitaala jalqabaa sireetti daa'imni mataa lama qabu dhalate. Taateen kun Ebla 24/2016 waaree booda sa'atii 10 yeroo ta'utti haati mucaa kanaa riiferiidhaan hospitaalichatti ergamtee simatamtee baqaqsanii yaaluudhaan gargaaramuun daa'ima saalaan dhiira ta'e ulfaatinni Kg.4.2 ta'e mataa mormaa olitti kan wal caalu lama ta'e kan qabu dhalachuusaa hospitaalichatti ogeessi daa'immanii Dr.Tokkummaa Baay'isaa ibsaniiru. Carraa daa'ima kanaa murteessuufis gara hospitaala olaanaatti erguuf akka murtaa'e kan ibsan Dr.Tokkummaan haati daa'ima kanaa haala gaarii irra akka jirtuufi daa'ima jalqabaaf deesse ta'uushee ibsanii taateen akkasii carraas haa ta'u rakkoo dubartoonni ulfaa hordoffii da'umsa duraa taasisuun barbaachisaa ta'uusaa gorsaniiru. ✓Gabaasa qindaa'eef Waajjira Kominikeeshinii Aanaa Sibuu Siree. Follow me on Diddimtu Star Teakwondo 🙏❤️
Показать все...
Фото недоступноПоказать в Telegram
Dr. Mohammednur Abdulahi performed the first of its kind brain tumour surgery in east Ethiopia, which took eight hours on 19 April 2024. I'm giving full testimony to Dr. Mohammednur, neurosurgeon, at Haramaya University Hiwot Fana comprehensive specialized Hospital for his intelligence, professionalism, conscientiousness, creativity, courage, and perseverance on behalf of patients. By Dr Ibsa Hakim on telegram: t.me/HakimEthio
Показать все...
Hakim

Ethiopian blend of Medicine, History and Humor.

Innaa Lillahi Wa Innaa Ileyhi Raaji'uun!😭 Dubbisaa #Share Godhaa. Keessattuu Dubartootni Sirritti Dubbisaa. Galtee Baay'ee Namatti Dhagahamuudha. Baay'ee Nama Rifachiisa. Maqaan Isii Hana Muhammad Jedhama. Umrii 21 Yoo Taatu Jiraattuu Biyya Libaanos. Hanan Heerumtee Kan Jirtu Yoo Ta'u Osoma Akkanatti Jiran Daa'ima Ji'a 5 Gahe Tokko Ulfoofte. Abbaan Manaas "Ani Horachuu Hin Danda'u Kanaaf Ulfa Kana Baasi" Jedheen. Isiinis Hin Danda'u Waliin Jechuu Keessa Guddaa Wal Falman. Abbaan Manaa Isiis Gara Jabeenya Jabaadhaan , Qalbii Jibbaa fi Fokkinaan Guutameen Siliindera Gaazii Kan Ibiddaan Guutameen Akka Qaamni Isii Gubatee Dhumatu Taasise. Ufff Yaa Allah😭 Guyyoota Muraasa Boodas Lubbuun Isii Takkattiin Keessatti Haftes Akka Baate Himamaa Jira. Rabbiin Jannata Isiif Haa Hiru. Gammachuu Duniyaa Dhabdus Kan Boruu Isiif Haa Kennu. Yaa Dubartoota Koo! Nama Itti Heerumtan Sirritti Ilaalaa Filadhaa. Nama Amala Gaarii Qabu Qofa Yaadaa. Wanti Biroo Salphaadha. Rabbiin Anafii 🧏Isiniifis Waan Gaarii Haa Hiru. Aamiiiin!
Показать все...
Фото недоступноПоказать в Telegram
Mala uumamaa (marsaa laguu) fayyadamuudhaan ulfa hambisuu dandeenyaa? Guyyaa marsaan laguu itti dhufe (GUYYAA ISA JALQABAA IRRAA KAASNEE ) guyyoota 14 lakkoofna, guyyaan kun guyyaa itti hanqaaquun oovaarii irraa gadi dhiifamtu (ovulation) dha. Guyyaa kana fuuldura guyyaa sadiif, guyyaa kana booda guyyaa lamaaf walumaa galatti guyyaa shaniif qunnamtii irraa of qusachuu qabna. Haa ta'u malee carraan baay'ee xiqqoo guyyootuma kanaa alas ulfa ta'uu danda'a. Kanaafuu guyyaa sana fuuldura guyyaa shan sana boodas guyyaa shan of qusachuun caalaatti fiixaan ba'umsa kenna. Fakkeenya 1. Marsaan laguu gaafa Fulbaana 1 yoo dhufe, hamma ta'e of eeggachuudhaaf yoo ta'e fulbaana 11 haga 16; sirriitti of eeggachuudhaaf yoo ta'e fulbaana 9 haga 19 walqunnaamtii saalaa irraa of qusachuu qabna. Fakkeenya 2. marsaan laguu gaafa Caamsaa 22 yoo dhufe, hamma ta'e of eeggachuudhaaf yoo ta'e Waxabajji 3 haga 8; sirriitti of eeggachuudhaaf yoo ta'e Waxabajji 1 haga 11 of qusachuu qabna. HUB: 1. Mala kana fayyadamuuf marsaan laguu yeroo inni ji'a ji'aan dhufu walfakkaataa ta'uu qaba. 2. Malli ittisa dahumsaa kun walumaa galatti dandeettiin ittisuu isaa haga warra kanneenii ( qorichoota) hin gahu. Galatoomaa. Dr. Gurmeessaa (Ispeeshaalistii Dhibee Keessoo) Fayyaan Faaya.