Siinqii Aakhiraa.
Открыть в Telegram
"Siinqiin Aakhiraa hojii gaarii fi iimaana keenya isa nu waliin hafuudha."
БольшеСтрана не указанаКатегория не указана
769
Подписчики
+824 часа
+567 дней
+12730 дней
Архив постов
Yaa Rabbi! Imimmaan har’a gaabbii fi araarama Kee barbaacha dhangalaasnu kana, Guyyaa Qiyaamaa ragaa nuuf godhi; sababaa ittiin rahmata Kee argannu nuuf godhi; Ibidda Jahannam irraa ittiin nu baraartu nuuf godhi.
Yaa Rabbi! Akkuma har’a addunyaa irratti jaalala Kee fi hojii gaarii irratti nu walitti qabde, boru Jannata Kee keessatti illee nu walitti qabi.
Jannatul Firdaus isa ol’aanaa keessatti, Ergamaa Kee jaallatamaa Muhammad ﷺ waliin nu qubsiisi. Nuuf, maatii keenya, warra jaallannu fi miseensota Siinqii Aakhiraa hunda Jannata Kee keessatti wal argisiisi.
Yaa Rabbi! Kadhaa keenya kana—kan onnee keenya keessaa maddee, imimmaan keenya waliin yaa’e—nurraa qeebali. Cubbuu keenya hunda nuuf araarami. Hanqina keenya nuuf sirreessi. Du’aa'ii keenya nurraa qeeybali; yeroo lubbuu teenya fudhattu imaanarratti nu dhaabi.
Yaa Rabbi!
Nu hin deebisin harka duwwaa.
Nu hin dhiisin rahmata Kee malee.
Nu hin qorin waan dandeettii keenyaa ol ta’een.
Nu hundumaaf addunyaa fi Aakhiraa keessatti kheyruma qofa barreessi.
Yaa Rabbi! Siinqii Aakhiraa nuuf siinqii Jannataa nuuf godhi.
Nu wal jaallachuun keenya sababa ittiin Jannata Kee keessatti wal argannu nuuf godhi. 🤲
اللهم آمين يا رب العالمين 🤲
Aamiiyn, Yaa Rabbal-‘Aalamiin!
"Siinqiin Aakhiraa hojii gaarii fi iimaana keenya isa nu waliin hafuudha."
https://t.me/SiinqiiAakhiraa
Yaa Rabbi! Guyyaa qabeenyi, maatiin, ijoolleenis nama hin fayyanne sana, onnee qulqulluu fi hojii gaggaariin fuula Kee dura akka dhaabbannu nuuf barreessi.
Guyyaa namni hundi, “Nafsee koo! Nafsee koo!” jedhee of baraaruuf fiigu sana, rahmata Kee jalatti nu walitti qabi. Gaaddisa Kee jalatti nu qubsiisi; sodaa Guyyaa Qiyaamaa irraa nu eegi.
Yaa Araaramaa! Yaa Arjoomaa!
Nu keessa warra lubbuun jiranis, warra gara Kee deebi’anii boqotanis araarami. Warra keenya du’aniif qabrii isaanii ifaa, bal’aa fi Jannata keessaa iddoo tokko godhi. Dukkana qabrii isaanii ifa godhi; dhiphina, ceephoo fi adabbii qabrii irraa isaan baraari.
🤲 DU’AA’II MISEENSOTA SIINQII AAKHIRAATIIF.
Yaa Allaah! Yaa Mootii moototaa! Yaa Uumaa samiifi dachii! Yaa Gooftaa keenya, Yaa Ar-Rahmaan, Yaa Ar-Rahiim!
Yaa Rabbi! Har’a onnee cabee, qalbii gaabbii fi imimmaan yaadaan fuula Kee dura dhaabbannee jirra. Harka qullaa, cubbuu fi hanqina keenya baadhannee gara Kee dhufne. Araarama Kee isa bal’aa malee waan nu fayyadu homaa hin qabnu.
Yaa Allaah! Miseensota Siinqii Aakhiraa, kanneen jaalala Kee fi waan gaarii irratti walitti nu fidde:-
🤲 Qoree addunyaa isaan waraanu hundumaa isaan irraa kaasi.
🤲 Yaaddoo isaanii tasgabbii, dhiphina isaanii gammachuu, rakkoo isaanii furmaata, boo’icha isaaniis gammachuudhaan nuuf bakka buusi.
🤲 Qalbiilee isaanii iimaanaan jabeessi; karaa haqaa irratti nu hunda gadi nu dhaabi; hojii keenya hundumaa kan Ati jaallattu nuuf godhi.
Sunnaalee fi Hojiiwwan Jaalatamoo Guyyaa Jimaataa
🛁 Qaama Dhiqachuu
👕 Uffata qulqulluu uffachuu fi urgooftuu dibachuu.
🕌 Yeroodhaan gara masjiidaatti deemuu.
🚶 Yoo danda'ame miilaan deemuu.
📖 Suura Al-Kahf dubbisuu.
🤲 Nabiyyii Muhammad ﷺ irratti salawaata baay'isuu.
📿 Du'aa fi zikrii baay'isuu.
👂 Khuxbaa callisanii xiyyeeffannoon hanga xumuraatti dhaggeeffachuu.
🕌 Tahiyyatul Masjid salaatuu (khuxbaan dura yoo seename).
⏰ Yeroo du'aa'iin itti qeebalamu barbaaduu fi san keessatti Rabbi kadhachuu.
📖 Qur'aana baay'inaan qara'uu.
💰 Sadaqaa kennuu fi hojii gaarii
Assalaamu aleykum waraahmatullaahi wabarakaatuhu
Yaadachiisa gabaabaa
1. Hedduun keessan nuuf hojjachaa hin jiru jechaa jirtu. Linkiin ni hojjata. Sababa yeroo tokkotti namni hedduun yaalaa jiruuf isin dide. Guyyaan qormaataa hanga dilbataa waan ta'eef suuta jedhaa yaalaa.
2. Warrii ammaan dura qormaata torbee hin qoramiin qormaata xumuraa qoramu ni dandeessu.
3. Qormaata torbee keessatti rakkoo afaanii (Loqodaa) akka isin mudate barattoonni tokko tokko nuuf kaastanii turtan. Amma isaas hanga danda'ameetti furuuf yaalle jirra.
4. Garee kana keessatti deebisaa qormaataa maxxansuun hin hayyamamu. Barattoonni maxxansani garee keessaa ni baafamu.
5. Carraan yaalii yeroo tokko qofa waan ta'eef suuta yaalaa. Ammaaf qormaata sa'aatti waan hin daangeesineef carraa tokkotti fayyadamtanii yeroo dheeraa fudhattani qoramu dandeessu
6. Barattoonni tokko tokko dhimma barnootaa waliin walitti dhufeenya hin qabne garee kana keessatti maxxansaa jirtu, garee biraatis asirratti maxxansaa jirtu. Waan kana yeroo hedduuf kaayyoo garee kanaa akka hin taane isin beksifnee jirra, kanaaf kana booda barataa akkasi garee keessaa baasuuf ni dirqamna.
7. Yoo amma dura website irratti galmooftanii jirtan amma qoramuuf akkaawunti itti galmooftan (Telegiraami ykn google) sana fayyadamtani Telegiraama ykn google waliin itti fufi kan jedhu cuqaaftani itti fufu dandeessu. Akka haarawaatti galmaa'uun isinirraa hin eegamu.
Hubachiisa: Deebii qormaataa waliif qooduun hin hayyamamu!!
Kuni amaanaadha!!
Garee teeknikaa irraa!!
Qormaata Gaarii!!
Linkii Qormaataa!!
https://orm.africaacademy.com/mod/quiz/view.php?id=66
📋 Qajeelfamoota armaan gadii sirriitti dubbisaa!!
🗓 Yeroo Qormaataa
Qormanni Xumuraa barnoota Hadiisaa banameera.
Qormaanni kun Dilbata, 02/08/2026 ykn 26/11/2018 halkan sa'aatii 1:00 irratti ni cufama.
1️⃣ Qormaata kanaaf carraan kennamu yeroo tokko qofa.
🔖 Qormaata Xumuraa kana keessaatti gaafiilee 40tu jira.
Gaafiin tokko qabxii 2 qaba.
Walumaagalatti qormaanni kun qabxii 80 irraa madaalama.
🚫 Seera Qormaataa
❌ Yeroo qormaanni adeemsifamaa jiru keessatti warroota birootif deebii qooduun, irratti mari'achuun, kitaabaa, sagalee fi viidiyoo barnootaa fayyadamuun dhorkaadha.
❌ Namnii deebii garee irratti deebisuu qabxiin isaa ni haqama.
⏲ Hubachiisa
Deebiin sirrii fi qabxiin qormaataa erga qormaanni cufame booda ifooma. Sana booda ilaalu dandeessu.
🔗 Yeroo qormaataa rakkoon yoo isin mudate, garee deeggarsa teeknikaa karaa Telegiraamiin qunnamaa.
👉@AfricaacademyOromo
#Akaadaamii_Afriikaa
#Marsaa_Jalqabaa.
#Qormaata_Xumuraa
🌷 Kabajamtoota barattoota keenya! ❤️
📚 Qormaanni eegalee jira!
Liinkii qormaataa kan asii gadii kana 👇
https://orm.africaacademy.com/mod/quiz/view.php?id=66
🤲 Rabbiin hunduma keessan haa milkeessu, qormaata keessan akka salphaatti xumurtan isin haa gargaaru.
Kabajamtoota barattoota keenya, qophii qormaataa gochaa jirtuu?📝
@SiinqiiAakhiraa
📣 YAADACHIISA CIMAA!!!
🔖 Qormaanni xumuraa barnoota Hadiisaa Har'a guyyaa kamiisaa 13/08/2026 Ykn 07/12/2018 halkan sa'aatii 1:00 irratti ni banama.
🏆 Koorsii jalqabaa kana keessatti barattoonni Qabxii Ol-aanaa fidaniif badhaasni qophaa'e jira.
Badhaasni qophaa'e:
🥇 1ffaa - 5,000 Birr
🥈 2ffaa - 3,000 Birr
🥉 3ffaa - 2,000 Birr
📍Hubachiisa: Qormaata qoramuuf website irratti galmaa'uun dirqama. Kanaafu, barattoonni haga ammaatti website irratti hin galmaa'in akka galmooftan isin yaadachiifna.
📖 Kitaaba keessan sirriitti dubbisuun qormaata xumuraatif sirriitti qophaa'aa.
⭐️ Qormaata gaarii akka isiniif ta'u hawwina!!
#Akaadaamii_Afriikaa
#Marsaa_Jalqabaa.
#Qormaata_xumuraa
@SiinqiiAakhiraa
Kabajamtoota keenya, akkuma beektan, garee keenya Siinqii Aakhiraa keessatti gaafilee shaakalaa qopheessuu, wantoota isin rakkisan irratti deebii kennuu, akkasumas qormaata akkamitti hojjechuu fi qabxii keessan akkamitti ilaalu irratti isin gargaaruun keenya ni yaadatama 📚🌷
Ammas Waan isin hin galle gaafadhaa; waan beektan immoo waliif qoodaa. Kaayyoon keenya qormaata darbuu qofa osoo hin taane, barnoota sirriitti hubachuu fi ittiin milkaa’uu dha. 🌱
🤲 Rabbiin barnoota keessan isiniif haa laaffisu; qormaata keessan keessatti milkaa’ina isiniif haa kennu.❤️
@SiinqiiAakhiraa 🌷
📣 YAADACHIISA CIMAA!!!
🔖 Qormaanni xumuraa barnoota Hadiisaa boru guyyaa kamiisaa 13/08/2026 Ykn 07/12/2018 halkan sa'aatii 1:00 irratti ni banama.
🏆 Koorsii jalqaba kana irratti barattoota Qabxii Ol-aanaa fidaniif badhaasni qophaa'e jira
Badhaasni qophaa'e:
🥇 1ffaa - 5,000 Birr
🥈 2ffaa - 3,000 Birr
🥉 3ffaa - 2,000 Birr
📍Hubachiisa: Qormaata qoramuuf website irratti galmaa'uun dirqama. Kanaafu, barattoonni haga ammaatti website irratti hin galmaa'in akka galmooftan isin yaadachiifna.
📖 Kitaaba keessan sirriitti dubbisuun qormaata xumuraatif sirriitti qophaa'aa.
⭐️ Qormaata gaarii akka isiniif ta'u hawwina!!
#Akaadaamii_Afriikaa
#Marsaa_Jalqabaa.
#Qormaata_xumuraa
@SiinqiiAakhiraa
“Maaliif qabriiwwan irratti masjiida ijaaruu ykn qabrii masjiida keessatti gochuun Shari’aa Islaamaa keessatti dhoorkamaa ta’e? Ragaalee Qur’aanaa fi Hadiisaa irraa, akkasumas ibsa ulamaa’ii, kan dhoorkamuu isaa mirkaneessan tarreessi.”
Deebii Comment jalatti barreessaa
👇
@SiinqiiAakhiraa
Kitaaba barnoota Hadiisaa guutuu isaa!!
Qormaataa xumuraatiif kitaaba Barnoota Hadiisaa sirritti dubbisaa!!
#Akaadaamii_Afriikaa
#Marsaa_Jalqabaa.
#Qormaata_xumuraa
📢 Yaadachiisa Cimaa!!
🎓 Barattoota Keenyaa Hundaaaf!
🏆 Barattoonni barnoota Hadiisaa keessatti hirmaattanii fi hordofaa turtan, qormaata Hadiisaa xumuraa irratti dorgomuun badhaasa guddaa mo’adhaa!!
Badhaasni:
🥇 1ffaa — 5,000 Birr
🥈 2ffaa — 3,000 Birr
🥉 3ffaa — 2,000 Birr
📅 Guyyaan Qormaataa xumuraa: 13/08/2026
⏰ Yeroo: Halkan sa'aatii 1:00 irraa eegalee!
🔖 Qormaanni barnoota kutaa 1ffaa-14ffaa keessatti barattan hammata. Qormaanni Kitaaba irraa waan qopheefamuuf kitaaba sirriitti dubbisaa!!
🚫 Hubachiisa: Qormaata qoramuuf website irratti galmaa'uun dirqama. Kanaaf Barattoonni amma dura website irratti hin galmaa'in carraa kana hin dabarsinaa; har'uma galmaa'aa!
🔗 [Liinki Galmee]
https://orm.africaacademy.com/my/courses.php
📲 Viidiyoo akkaataa galmee ilaaluuf as tuqaa 👇🏽
https://t.me/AkaadaamiiAfrikaa/96
👉 Har’a irraa qormaata xumuraatiif qophii keessan cimsaa!
📚 Baradhaa • Qophaa’aa • Dorgomaa • Mo’adhaa! 🏆
#Akaadaamii_Afriikaa
#Marsaa_Jalqabaa.
#Qormaata_xumuraa
Yeroo aduun baatu irraa eegalee, Salaata Duhaa salaatuuf hanga daqiiqaa meeqa eeggachuu qabna? Yeroon Salaata Duhaa hanga yoomitti itti fufa?
@SiinqiiAakhiraa
Deebii gaafii 4ffaa akkanatti sirreeffadhaa👇
Zuhdiin waan Aakiraaf hin fayyanne dhiisuu yoo ta'u, Wara'a jechuun ammoo waan Aakiraatti miidhaa qabu dhiisuudha.
