ru
Feedback

Не попадитесь на канал ботавода! Telemetrio находит и помечает такие каналы 👉 Хотите видеть метку — оформите подписку

Siinqii Aakhiraa.

Siinqii Aakhiraa.

Открыть в Telegram

"Siinqiin Aakhiraa hojii gaarii fi iimaana keenya isa nu waliin hafuudha."

Больше
Страна не указанаКатегория не указана
771
Подписчики
+524 часа
+557 дней
+13230 дней
Архив постов
🎙Prof. Muhammad Kamaal Tilmoo

Kutaa Shanaffaa- Hadith Sim 1ffaa.pdf1.44 MB

📚 Kutaa Shanaffaa 📮 Barnoota Hadiisaa 🎙 Prof. Muhammad Kamal Tilmoo 🔗 https://youtu.be/V8iNZapcbQg?si=ko7sZhpWQONSvmzt

Barattoonni qormaata hadiisaa kutaa 4ffaa irratti hirmaattan hundi galatoomaa. Hirmaannaan keessan fedhii barachuu fi beekumsa Islaamaa babal'ifachuuf qabdan agarsiisa. Warri deebii sirrii deebistan baga gammaddan. Warri dogoggora qabdan immoo abdii hin kutatinaa; dogoggorri carraa ittiin baratan keessaa isa tokko. Barachuu itti fufaa, qormaata itti aanus qophaa'aa. Rabbiin ﷻ beekkumsa bu'a qabeessa nuuf haa kennu, qalbii keenya immoo Qur'aanaa fi Sunnah irratti haa jabeessu. Jazaakumullaahu Khayran. Baarakallaahu fiikum. 🌹 Deebii qormaataa hadiisaa kutaa 4ffaa 👇👇 1.C 2.B 3.C 4.B 5.B 6.B 7.C 8.D 9.D 10.C 11.B 12.C 13.C 14.C 15.C 16.C 17.A 18.C

Kabajamtoota barattoota keenya, Alhamdulillaah, amma barnoota Akkaadaamii Afrikaa Afaan Oromoo – Barnoota Hadiisaa Kutaa 4ffaa irra jirra. Barnoota har'a barattan irraa gaaffilee shaakalaa isiniif qopheessineerra. Hubannoo keessan cimsuuf shaakala kana irratti hirmaadhaa, deebii keessanis sirritti yaalaa. Akkasumas, chaanaala kana hiriyoota keessaniif qoodaa; isaanis akka isin waliin baratanii fi shaakala kana irratti hirmaatan affeerraa. Rabbiin barnoota keessan isiniif haa laaffisu, Milkaa'ina isiniif haa kennu. Gaaffilee Shaakalaa 👇 1. Ergamaan Rabbii (SAW) akka jedhanitti, uumamni namaa garaa haadha keessatti yeroo jalqabaa maal ta’ee walitti qabama? A. Foon B. Dhiiga C. Nuxfaa (bishaan sanyii) D. Hafuura 2.Guyyaa afurtama booda nuxfaan gara maalitti jijjiirama? A. Lafee B. Alaqaa (dhiiga ititaa) C. Foon guutuu D. Hafuura 3. Yoo waan hin barbaadne si mudate maal jechuu qabda? A. Osoo akkas godhee... B. Maaliif na mudate? C. Qaddarallaahu wa maa shaa’a fa’ala (Rabbiitu murteesse, waan fedhe hojjate) D. Namatu na miidhe 4. Shirkiin maaliif balaa guddaa ta’ee ilaalama? A. Sababni isaa namni shirkii hojjate qabeenya isaa dhaba B. Sababni isaa namni Rabbitti waa qindeessu Jannata irraa dhoorkama, qubsumni isaa ibidda ta’a C. Sababni isaa namni shirkii hojjate addunyaa keessa hin jiraatu D. Sababni isaa namni shirkii hojjate hojii hundumaa dhiisa 5. Dhiigni ititaan maal fakkaata jedhamee ibsame? A. Dhagaa fakkaata B. Bishaan dhulaandhulaa fakkaata C. Aannan fakkaata D. Daakuu fakkaata 6.Alanchaa foonii jechuun maal jechuudha? A. Foon nyaachuu dhiisuu B. Afaanitti alanfatuu jechuudha C. Foon bilcheessuu D. Bishaan dhuguu 7.Ergamaan Rabbii (SAW) akka jedhanitti, eenyutu Rabbi biratti caalaa jaalatama? A. Mu’umina laafaa B. Kaafira C. Mu’umina jabaa D. Munaafiqa 8. Waan afran Malakaan barreessu keessa kan hin jirre kam? A. Hiree (Rizqii) B. Jireenya isaa C. Dalagaa isaa D. Maqaa isaa 9.Uumamni namaa hanga mudghaa (alanchaa foonii) ta’utti yeroo waliigalaa guyyaa meeqa fudhata? A. 40 B. 80 C. 100 D. 120 10.Erga Malakaan ergamee hafuura itti afuufee booda waan meeqatu akka barreeffamu ajajama? A. Lama B. Sadii C. Afur D. Shan 11. Mu’umina jabaan maaliin Mu’umina laafaa caala? A. Qabeenya fi beekumsaan qofa B. Iimaanaa fi qaamaan C. Uffataa fi bareedinaan D. Umrii fi dhalootaan 12. Sadarkaan jalqabaa uumama namaa hadiisa keessatti ibsame maal jedhama? A. Alaqaa (dhiiga ititaa) B. Mudghaa (kutaa foonii) C. Nuxfaa (bishaan sanyii) D. Lafee 13.Kiristaanonni Iisaa (AS) irratti daangaa akkamii darban? A. Nabiyyii qofa jedhan B. Ergamaa qofa jedhan C. Allaah ykn Ilma Rabbii jedhan D. Mootii jedhan 14.Dhiigni ititaan booda gara maalitti jijjiirama? A. Bishaan B. Lafee C. Mudghaa (kutaa foonii) D. Gogaa 15.Nabiyyiin (SAW) "Hunduu keeyrii qaba" jechuun maal agarsiisu? A. Mu’umina jabaa qofaaf keeyriin jira B. Mu’umina laafaan homaa hin fayyadu C. Mu’umina jabaa fi laafaan lamaanuu iimaana waan qabaniif keeyrii qabu D. Keeyriin nama qabeenya qabu qofaaf jira 16.“Mudghaa” jechuun maal jechuudha? A. Bishaan sanyii B. Dhiiga ititaa C. Kutaa foonii xiqqaa D. Lafee namaa 17.Guyyaa meeqa keessatti dhiigni ititaan suuta suutaan jijjiiramee mudghaa ga’a? A. Guyyaa afurtama B. Guyyaa shantama C. Guyyaa torbaatama D. Guyyaa saddeettama 18.Hafuurri (lubbuun) rimaya keessatti yoom afuufama? A. Baatii tokko booda B. Baatii lama booda C. Baatii afur guutee booda D. Baatii sagal booda 👇Deebii Comment jala kaayaa

🎙Prof. Muhammad Kamaal Tilmoo

Kutaa Afuraffaa- Hadith Sim 1ffaa.pdf1.96 MB

📚 Kutaa Afuraffaa 📮 Barnoota Hadiisaa 🎙 Prof. Muhammad Kamal Tilmoo 🔗 https://youtu.be/yPLFXFNhx9A?si=L1V__XveVwWwJNfq

Barattoota keenya kabajamoo, worroonni gaaffilee shaakala hadiisaa kutaa 3ffaa irratti hirmaattan hundi galatoomaa. kaayyoon qormaata kanaa mo'achuu qofa osoo hin taane, beekumsa keessan madaaluu, dogoggora sirreessuu fi barnoota cimsachuudha. Deebii gaaffilee shaakala barnoota hadiisaa kutaa 3ffaa 👇 1C 2B 3C 4C 5C 6C 7C 8B 9B 10C 11A 12B 13C 14B 15C

Kabajamtoota barattoota keenya barnoota akkaadaamii Afrikaa afaan oromoo barnoota hadiisaa kutaa 3ffaa irra jirra , barnoota har'a barattan keessaa gaaffilee shaakalaa isiniif qopheessee jira, irratti hirmaadhaa shaakalaa , chaanaala kanas hiriyoota keessaniifis ergaa akka chaanaalii kanatti dabalamanii isin woliin shaakalan.👇👇 Gaaffilee Shaakalaa👇👇 1. Ergamaan Rabbii (SAW) Mu'aaz (RA) gara eenyuutti isa ergan? A. Warra Madiinaa B. Warra Makkaa C. Warra Kitaaba kennaman D. Warra Baadiyyaa 2. Zakaan eenyu irraa fudhatamtee eenyuuf kennamti? A. Hiyyeeyyii irraa fudhatamtee dureeyyiif kennamti B. Sooreeyyii irraa fudhatamtee hiyyeeyyiif kennamti C. Nama hunda irraa walqixa fudhatamti D. Mootummaa qofaaf kennamti 3. Abdallaah ibn Abbaas (RA) eessatti du'e? A. Makkaa B. Madiinaa C. Xaa'if D. Yaman 4. Qur'aanni waa'ee mala Sheeyxaanaa maal jedha? A. Baay'ee cimaadha B. Hin mo'atamu C. Laafaadha D. Hin jiru 5.Namni zakaa sassaabu maal gochuun isaaf hin hayyamamu? A. Waan jiddu-galeessa ta'e fudhachuu. B. Waan dirqama ta'e qofa fudhachuu. C. Waan dirqamaa ol fuudhuu fi qabeenya keessaa isa caalu filachuu. D. Zakaa galmeessuu. 6. Maaliif zakaan "Sadaqaa" jedhamee waamama? A. Sababni isaa dirqama waan hin taaneefi. B. Sababni isaa nama hundaaf wal qixa waan kennamuufi. C. Sababni isaa qabeenya kennuun dhugaa amantii fi jaalala Rabbii namaa mul'isuufi. D. Sababni isaa yeroo Ramadaanaa qofa kennamuufi. 7. Wanti jalqaba Mu'aaz (RA) itti isaan waamu qabu maal ture? A. Soomana B. Zakaa C. Towhiidaa fi Ergamummaa Nabi Muhammad (SAW) D. Hajjii 8. Erga Towhiidaa fudhatanii booda dirqamni itti aansee itti himamu maal ture? A. Hajjii B. Salaata Shanan C. Soomana Ramadaanaa D. Jihaada 9.Abdallaah ibn Abbaas (RA) maaliin beekama? A. Daldalaa B. Beekaa ummataa fi hiikaa Qur'aanaa C. Ajajaa waraanaa qofa D. Barreessaa mootummaa 10. Abdallaah ibn Abbaas (RA) Hijraa irraa bara meeqa keessatti du'e? A. Bara 40ffaa B. Bara 50ffaa C. Bara 68ffaa D. Bara 75ffaa 11. Ergamaan Rabbii (SAW) Mu'aaz (RA) maal irraa akka of eeggatu isa akeekkachiisan? A. Kadhaa nama miidhamaa B. Qabeenya hunda fudhachuu C. Imala dheeraa deemuu D. Daldala hojjechuu 12. Nabiyyiin (SAW), Sheeyxaanni "Rabbii kee hoo eenyutu uume?" jedhee waswaasa yoo fide, maal akka godhan ajajan? A. Yaada sana irratti falmuu. B. Rabbitti maganfatanii yaada sana irraa dhaabbachuu. C. Namoota biraa gaafachuu. D. Deebii bal'aa barbaaduu. 13.Aliyyiin (RA) waggaa Hijraa meeqa keessatti ajjeefame? A. 30ffaa B. 35ffaa C. 40ffaa D. 50ffaa 14.Aliyyiin (RA) eenyu ture? A. Sahaabaa qofa B. Khaliifaa afraffaa fi abbaan manaa Faaximaa (RA) C. A fi D D. Taabi'ii 15.Aliyyiin (RA) eenyuun fuudhe? A. Aa'ishaa (RA) B. Hafsaa (RA) C. Faaximaa intala Ergamaa Rabbii (SAW) D. Zaynab (RA) Deebii comment jala kaayaa 👇

🎙Prof. Muhammad Kamaal Tilmoo

Kutaa Sadaffaa- Hadith Sim 1ffaa.pdf1.69 MB

📚 Kutaa Sadaffaa 📮Barnoota Hadiisaa 🎙 Prof. Muhammad Kamaal Tilmoo 🔗 https://youtu.be/AfXWMcjoMQw?si=5e2d-NA9EEIX6YNY

👇 Barattoonni qormaata hadiisaa kutaa 2ffaa irratti hirmaattan hundi galatoomaa. Hirmaannaan keessan fedhii barachuu fi beekumsa Islaamaa babal'ifachuuf qabdan agarsiisa. Warri deebii sirrii deebistan baga gammaddan. Warri dogoggora qabdan immoo abdii hin kutatinaa; dogoggorri carraa ittiin baratan keessaa isa tokko. Barachuu itti fufaa, qormaata itti aanus qophaa'aa. Rabbiin ﷻ beekkumsa bu'a qabeessa nuuf haa kennu, qalbii keenya immoo Qur'aanaa fi Sunnah irratti haa jabeessu. Jazaakumullaahu Khayran. Baarakallaahu fiikum. 🌹 Deebii qormaataa hadiisaa kutaa 2ffaa 👇👇 1.B 2. B 3 .C 4. B 5. A 6. C 7C 8. B 9. B 10C 11A 12B 13B 14C 15B 16C 17B 18B 19B 20B 21B 22A

𝐇𝐔𝐁𝐀𝐃𝐇𝐔! """"""""""""""""""" 𝖦𝗎𝗒𝗒𝖺𝖺𝗇 𝗄𝖾𝖾 𝗄𝖾𝖾𝗌𝗌𝗎𝗆𝗆𝖺𝖺 𝗄𝖾𝖾𝗍𝗂. قال الحسن البصري رحمه الله يابنَ آدم ! نهارُكَ ضَيفُك ، فأحسِنْ إليه ؛ فإنّكَ إنْ أحسنْتَ إليه ، ارْتَحلَ بحمدِك ، وإن أسَأتَ إليه ، ارتَحلَ بذمِّك ، وكذلكَ لَيلتُك . Hasanul Basriin rabbiin rahmata isaanif haa godhuu , Akkan jedhan:- " Yaa ilmaan Aadam! Guyyaan kan kee keessummaa keeti; Yoo toltuu itti oolte si faarsaa sibiraa fe'ata, Yoo hamtuu itti oolte Si arrabsaa si biraa fe'ata.! Halkan keetis akkuma kana." Yaa Rabbi nama Haqa guyyaan isaaf Halkan isaa isa irraa barbaaddu guutee Milkaahu nutaasisi! Aamiin..Aamiin..!! https://t.me/BarnootaAkkaadaamiiAfrikaa ↪️ SHARE GODHAA AJRII ARGATTUU. 👉“Namni waan gaarii irratti nama qajeelche,isaafis mindaa akka isa dalagee argata.” ~[Nabi Muhammad ﷺ]

C) Seera mootummaa qofa D) Aadaa uummata Arabootaa qofa Gaaffii 20ffaa:- baasiin namni tokko galata (sawaaba) itti argatu hanga isa kamiitti seena? A) Hanga qabeenya dhandhamaa qabu hunda baasutti B) Hanga waan afaan haadha warraa isaatti keessuuttis C) Hanga kennaa hiyyeeyyiif kennutti qofa D) Hanga baasii Hajjii godhutti Gaaffii 21ffaa:- Hadiisa Bukaarii fi Muslim gabaasan keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) Sahaabaa kamiin "baasii tokkos fuula Rabbii ittiin barbaaduudhaaf yoo baaste ittiin galata argattu..." jedhanii gorsa kennaniif? A) Yaa Abuu Hureeyraa B) Yaa Sa'ad C) Yaa Umar D) Yaa Uneeysi Gaaffii 22ffaa:- Hadiisa Bukaarii fi Muslim gabaasan keessatti, Ergamaan Rabbii (SAW) Sahaabaa Uneeysiin jaartii namicha sanaa bira deemee maal akka godhu ajajan? A) Yoo isiin amante dhagaan tumee akka ajjeesu B) Akka isiin biyyaa baatu C) Akka isiin halangaadhaan tumamtu D) Akka isiin dhiifama gaafattu 👇Deebii comment jala kaayaa. Carraa gaarii!

Kabajamtoota barattoota keenya barnoota akkaadaamii Afrikaa afaan oromoo barnoota hadiisaa kutaa 2ffaa irra jirra , barnoota har'a barattan keessaa gaaffilee shaakalaa isiniif qopheessee jira, irratti hirmaadhaa shaakalaa , chaanaala kanas hiriyoota keessaniifis ergaa akka chaanaalii kanatti dabalamanii isin woliin shaakalan.👇👇 Qormaata Shaakalaa -----------------------------------👇 Gaaffii 1ffaa:- "Innamal a'amaalu binniyyaat" jechuun maal jechuudha? A. Salaanni niyyaa qofaan sirra ta'a. B. Dalagaan hundi niyyaadhaan madaalama. C. Hijraan dirqama miti. D. Zakaan niyyaa hin barbaachisu. gaaffii 2ffaa:- "Niyyaa" jechuun maal jechuudha? A. Hojii afaaniin dubbachuu. B. Qalbiidhaan hojii tokko hojjechuuf murteessuu. C. Hojii xumuruun booda galata argachuu. D. Gara biyya biraa deemuu. Gaaffii 3ffaa:- Dameen Iimaanaa inni ol'aanaan maal? A. Salaata B. Zakaa C. "Laa ilaaha illallaah" jechuu D. Soomana Gaaffii 4ffaa:- Maqaan guutuun Abuu Hureeyraa isa kami? A) Abdurrahmaan Ilma Umar B) Abdurrahmaan Ilma Sakrii C) Sakrii Ilma Abdurrahmaan D) Mu'aawiyaa Ilma Sakrii Gaaffii 5ffaa:-Abuu Hureeyraan seenaa Islaamummaa keessatti maaliin beekama? A) Hadiisota kuma shanii ol odeessuun B) Madiinaa waggaa 57 bulchuun C) Biyya Bahreeyn uumuun D) Barruulee seenaa barreessuun Gaaffii 6ffaa:- Dameen Iimaanaa inni gadi aanaan maal? A. Soomana Ramadaanaa B. Qaanfii qabaachuu C. Waan nama miidhu karaa irraa kaasuu D. Qur'aana qara'uu Gaaffii 7ffaa:- Abuu Hureeyraan Nabiyyii (SAW) irraa Hadiisota meeqa odeesse? A) 500 B) 1,000 C) Kuma 5 ol D) 57 Gaaffii 8ffaa:- Abdallaah Ilma Mas’uud (RA) gara Dachii Habashaatti si'a meeqa godaane? A) Tokko malee hin godaanne B) Si'a lama C) Si'a sadi D) Hin godaandhe Gaaffii 9ffaa:-Akka hadiisa Abdallaa Ilma Mas'uuditti, dhiiga Muslimaa jigsuun sababa sadi'iin hayyamama. Isaan keessaa inni tokko kami? A.Nama kolfu B.Jaarsa sagaagalu C.Nama hatuu D.Nama kijibu Gaaffii 10ffaa:- "Nama amantii isaa dhiisee gamtaa keessaa bahe" jechuun maali? A) Nama zakaa kaffaluu dide B) Nama salaata irra fagaate C) Nama Islaamummaa irraa of duuba deebi'e (Murtad) D) Nama Madiinaa irraa gara biraatti godaane Gaaffii 11ffaa:- ​ Abdallaa Ilma Mas’uud (RA) bara Hijraa meeqaffatti du'aan boqote? A) Bara 32 B) Bara 57 C) Bara 40 D) Bara 20 Gaaffii 12:- Jaarsi (dhiirris haa ta'u dubartiin) sagaagale adabbiin isaanii maal ta'a? A) Halangaadhaan si'a 100 tumamuu B) Dhagaa fi halangaadhaan hanga du'utti tumamuu C) Biyyaa ari'amuu fi qabeenya dhabuu D) Kafaltii qarshii kaffaluu Gaaffii 13:-Hadiisa Bukaarii fi Muslim gabaasan keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) Sahaabaa kamiin "Ganamaan jaartii namicha kanaa bira deemi..." jedhanii ajajan? A) Yaa Abuu Hureeyraa B) Yaa Uneeysi C) Yaa Abdallaa Ilma Mas'uud D) Yaa Umar Gaaffii 14ffaa:- Abuu Hureeyraan bara hooggansa Mu'aawiyaa keessa magaalaa kam bulchaa ture? A) Bahreeyn B) Makkah C) Madiinaa D) Kufaah Gaaffii 15ffaa:- daangaan amanuu (Iimaana) fi kafaruu addaan baasu maali? A) Zakaa kaffaluu B) Jecha tokkichummaa Rabbii (Laa ilaaha illallaah) labsachuu C) Hajjiitti deemuu D) Sooma soomuu Gaaffii 16ffaa:- Iimaanni warra Sunnaa fi Jamaa'aa biratti maal fa'i hammata? A) Jecha Arrabaa qofa B) Dalagaa onnee qofa C) Jecha Arrabaa, gocha qaamaa, yaadaa fi dalagaa onnee D) Yaada onnee fi kuffaarummaa hidhuu Gaaffii 17ffaa:- Hiikni dhugaa kan "Laa ilaaha illallaahu" jedhu isa kami? A) Uumaan Allaah malee hin jiru B) Gabbaramaan dhugaa Rabbii guddaa malee hin jiru C) Mootiin Allaah malee hin jiru D) hunda Gaaffii 18ffaa:- Akka Keeyyata Qur'aanaa (Suuraa An-Nisaa'i: 93) barruu keessatti dhiyaateetti, namni beekaa nama Mu'uminaa ajjeese galanni isaa maali? A) Adabbii malee dhiifamuu B) Jahannam achi keessa baraabaran taa'uu, dallansu fi abaarsa Rabbii, akkasumas adabbii guddaa C) Qarshii kaffalee bilisa bahuu D) Biyyaa ari'amuu qofa Gaaffii 19ffaa:- Kabajamuu fi dhiigni Muslimaa dhowwaa (tikfamaa) ta'uu irratti ragaan jiru maali? A) Yaada namoota dhuunfaa qofa B) Ragaa Qur'aana, Hadiisa fi Walii-galtee Ulamaa'ii (Ijmaa'a)

🎙Prof. Muhammad Kamaal Tilmoo

Kutaa Lammaffaa- Hadith Sim 1ffaa.pdf2.08 MB

📚 Kutaa Lammaffaa 📮 Barnoota Hadiisaa 🎙 Prof. Muhammad Kamaal Tilmoo 🔗 https://youtu.be/TQSc_wOqtWQ?si=dOIz1UcaiDklDwvK