fa
Feedback
Oromia Muslim Youth Council

Oromia Muslim Youth Council

رفتن به کانال در Telegram

Oromia Muslim Youth Council * Telegram: https://t.me/OMYC1 * Facebook page : https://www.facebook.com/OromiaMuslimYouthCouncil

نمایش بیشتر
کشور مشخص نشده استدین و مذهبی41 748
1 588
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
+137 روز
+4730 روز
آرشیو پست ها
Masjid Cup Injifannoo Masjiida Bilaaliin Xumurame. Rabi' al-Thani 3/ 1448 KWMYC Dorgommiin Kubbaa Miillaa Kaawunsilii Dargagg
+8
Masjid Cup Injifannoo Masjiida Bilaaliin Xumurame. Rabi' al-Thani 3/ 1448 KWMYC Dorgommiin Kubbaa Miillaa Kaawunsilii Dargaggoota Musliimaa Dambi Dollootiin geggeeffamaa ture har'a xumura argatee jira. Dorgommichi Gareewwan Masjiida 6 hirmaachisuun Garee lamatti qoodamuun geggeeffamaa ture har'a xumuraaf kan gahan Masjiidni Bilaal fi Masjiidni Taquwaa dorgommii hawwataa taasisaniin Masjiidni Bilaal Galchii 2 fi 1n injifachuun abbaa geebaa ta'ee jira. Sagantaan har'a geggeeffame kan daawwattoota gammachiisee fi fuulduratti hojiiwwan hojjetaman keessatti akkuma kana tokkummaan hojiilee diinii keessatti xiyyeeffannon akka hojjetamuufis dhaamsi darbee jira.

sticker.webp0.15 KB

Kaawunsiliin Dargaggoota Muslimaa Magaalaa Adaamaa sirna cufiinsa Waldorgommii Kubbaa Miilaa Gannaa Gaggeesse. ** Kaawunsiliin Dargaggoota Muslimaa Magaalaa Adaamaa waldorgommii Kubbaa Miilaa Aanota 19 jidduutti gaggeeffamaa ture sirni cufamiinsaa haala hoo'aa ta'een Istaadiyeemii Guddicha Abbabaa Biqilaatti gaggeeffamee jira. Kaawunsiliin Dargaggoota Muslimaa Magaalaa Dodolaa Deeggarsa Meeshaalee Barnootaa Taasise. ** Kaawunsiliin Dargaggoota Muslimaa Muslimaa Magaalaa Dodolaa Barattoota harka qalleeyyii fi Eytaamaa 300 ol ta'aniif meeshaalee barnootaa kennee jira. *** Miidiyaa Kaawunsilii Dargaggoota Muslimaa Oromiyaa karaalee armaan gadiitiin hordofaa. * Telegram: https://t.me/OMYC1 * Facebook page : https://www.facebook.com/OromiaMuslimYouthCouncil

photo content
+9

sticker.webp0.02 KB

Kaawunsiliin Dargaggoota Muslimaa Magaalaa Dodolaa Deeggarsa Meeshaalee Barnootaa Taasise. ** Kaawunsiliin Dargaggoota Muslimaa Muslimaa Magaalaa Dodolaa Barattoota harka qalleeyyii fi Eytaamaa 300 ol ta'aniif meeshaalee barnootaa kennee jira. *** Miidiyaa Kaawunsilii Dargaggoota Muslimaa Oromiyaa karaalee armaan gadiitiin hordofaa. * Telegram: https://t.me/OMYC1 * Facebook page : https://www.facebook.com/OromiaMuslimYouthCouncil

photo content
+3

photo content
+8

sticker.webp0.15 KB

photo content
+2

sticker.webp0.02 KB

ر📢🌙 ODUU GAMMACHIISAA 🌙📢 🌙 KAAWUNSILII DARGAGGOOTA MUSLIMAA MAGAALAA ASALLAA DAMEE DUBARTOOTAA 🌙 **** 📖 SAGANTAA XUMURA WAL-DORGOMMII QUR’AANAA FI HADIISAA 📖 📅 Guyyaa: 30/12/2018 Alhamdulillaah! 🤲 Har’a Sagantaan Xumura Wal-Dorgommii Qur’aanaa fi Hadiisaa, kan Kaawunsilii Dargaggoota Muslimaa Magaalaa Asallaa, Damee Dubartootaa qopheesse, haala hoo’aa, bareedaa fi milkaa’ina qabuun xumuramee jira. Sagantaan kun bakka keessummoonni kabajamoo, hoggantoonni Kaawunsilii EMYC fi hoggantoonni Kaawunsilii OMYC, akkasumas keessummoonni adda addaa argamanitti, bifa bareedaa fi gammachiisaa ta’een gaggeeffamee milkiin goolabameera. 🌹 🏆 BU’AA WAL-DORGOMMICHAA 🥇 1ffaa — Masjiida Aa’ishaa 🏆 Geebaa fi badhaasa 1ffaa fudhateera. 🥈 2ffaa — Masjiida Salaam 🥈 Meedaaliyaa fi badhaasa 2ffaa argateera. 🥉 3ffaa — Masjiida Hamzaa fi Masjiida Bilaal 11 🥉 Meedaaliyaa fi badhaasa 3ffaa argataniiru. 👏 Baga gammaddan! Baga milkooftan! 🎯 KAAYYOO WAL-DORGOMMICHAA Kaayyoon wal-dorgommii kanaa: 📖 Qur’aana fi Hadiisa barachuu fi hubachuu cimsuu; 🌙 Dubartoota Muslimaa keessatti beekumsa Islaamaa guddisuu; 🤝 Obbolummaa, tokkummaa fi walitti dhufeenya cimsuu; 🌱 Dhaloota Qur’aanaa fi Hadiisaa jaallatu horachuu; 💪 Dargaggoota fi dubartoota Muslimaa barnoota Diinii irratti kakaasuu fi jajjabeessuu. 📜 MATA-DUREE SAGANTICHAA ﴿ وَاعْتَصِمُوا بِحَبْلِ اللَّهِ جَمِيعًا وَلَا تَفَرَّقُوا ۚ ﴾ “Hunda keessan haada Rabbii jabeessitanii qabaa; adda hin ba’inaa.” (Aali-Imraan: 103) 🌹 Galatoomaa hirmaattota, qopheessitoota, maatii fi keessummoota saganticha milkeessitan hunda! 🌙 KAAYYOO KEENYA — QUR’AANAAN DHALOOTA IJAARUU! 🌙

photo content
+1

sticker.webp0.15 KB

photo content
+4

Kaawunsiliin Dargaggoota Muslimaa Magaalaa Asallaa Sagantaa Arjooma Dhiigaa gaggeesse. *** “Dhiiga Kee Arjoomi, Lubbuu Baraari!” Mata duree jedhuun Kaawunsiliin Dargaggoota Muslimaa Magaalaa Asallaa Hospitaala Asallaa waliin ta’uun, sagantaa Arjooma Dhiigaa qopheessee milkiin goolabeera. *** Miidiyaa Kaawunsilii Dargaggoota Muslimaa Oromiyaa karaalee armaan gadiitiin hordofaa. * Telegram: https://t.me/OMYC1 * Facebook page : https://www.facebook.com/OromiaMuslimYouthCouncil

sticker.webp0.07 KB

Sochii Hojiilee Gannaa | Tapha Kubbaa Miilaa Kaawunsilii Dargaggoota Muslimaa Godina Harargee Bahaa fi Magaalaa Baabbilee. Ganda Sheek Abdii Vs Ganda Odaa gidduutti wancaan(Geebni) kubbaa miilaa haala ajaa’ibaa fi milkaa’aa ta’een gaggeeffameera. Ganda Odaa — INJIFAANNOON! 🏆 Gareen Ganda Odaa injifannoo galmeessuun badhaasa isaanii fudhatanii, gammachuu fi injifannoo isaanii agarsiisaniiru. Akka waliigalaatti kaka'umsi hoo'aa ta'e dargaggoota Oromiyaa kutaalee gara garaa keessa jiran jidduutti uumamee jira. *** Miidiyaa Kaawunsilii Dargaggoota Muslimaa Oromiyaa karaalee armaan gadiitiin hordofaa. * Telegram: https://t.me/OMYC1 * Facebook page : https://www.facebook.com/OromiaMuslimYouthCouncil

photo content
+6