Barruulee
رفتن به کانال در Telegram
𝐀𝐬𝐨𝐨𝐬𝐚𝐦𝐚 𝐠𝐚𝐠𝐠𝐚𝐛𝐚𝐚𝐛𝐨𝐨, 𝐰𝐚𝐥𝐚𝐥𝐨𝐨, 𝐣𝐞𝐜𝐡𝐚𝐦𝐨𝐨𝐭𝐚, 𝐛𝐚𝐫𝐫𝐮𝐮𝐥𝐞𝐞 𝐛𝐚𝐫𝐬𝐢𝐢𝐬𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐟𝐢 𝐛𝐚𝐬𝐡𝐚𝐧𝐧𝐚𝐧𝐬𝐢𝐢𝐬𝐚𝐧 𝐭𝐨𝐨𝐫𝐚 𝐤𝐚𝐧𝐚𝐫𝐫𝐚𝐚𝐧 𝐧𝐢𝐢 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐮! Inbox @burruusa
نمایش بیشتر832
مشترکین
-224 ساعت
+27 روز
+2030 روز
آرشیو پست ها
832
Maal naan jedhuun tokko tokko
gaafa daangaa isaa ce’u,
Yoo nu miidhe maleessaa
waan nu gargaaru hin se’u!
Sababni isaa;
Hanga hamminaaf hin taane
wanti nuni namaaf goonu,
Nu hubachuu dhabuu namaa
utuma maal goone hin moonu!
@barruulee
832
Baayyina namoota gaariitti nama tokko dabaluu dandeessa!
(Innis ofuma keeti)
Marcus Aerulius832
Tokkicha si argutti Torbee tokko gammada Utuma kan koo taatee Mee maaltu natti badaa?!🤍
832
Ganama kana ofii kee kana ilaali!
Ati abaaboo waaqni dachee irra dhaabbatedha! Waaqni lafarratti si ilaaluu waan jaallatuuf si uume. Har'a sababoota funaanuu shaakalte sana hunda dhiisii sababa tokko qofa yaadadhu:
Waaqayyo lafarratti si ilaaluu waan jaallatuuf si uume!
Har'as jaalalli isaa akkuma gaafa si uume sanaa ho'aadha!
832
Namni golgaa isa hundumaa gararraa jiru keessa jiraatu, gaaddisa isa hundumaa danda'uu jala in buufata; Waaqayyoon, "Ani sitti kooluu galeera, ati masaraa koo ti; ati Waaqayyo koo isa ani amanadhuu dha" in jedha.
832
"Nuyi hiikkannee ciisnaa kan hidhatee bulu nurraa qabi" jedhanii kadhatu abboonni keenya dur bara waraanni naannoo isaaniirra jiru!
🙏
832
"...Qalbifattee beektaa laata? Namoota guyyaa har'aa karaarratti agarte kana keessaa baayyee isaanii deebitee lafa irratti akka hin agarre? Muraasni isaanii dhiyootti dachee irraa akka godaanan?
Carraa argatteen namoota deebitee hin agarre kana keessaa, garuu namoota muraasa boriif ol kaawwachuu dandeessa.
Yoo fedhii fi qalbii tolte akkasumas hireen faara siif tolte, isheen ati taaksii waliin seentu sun nama ati waliin mana tokko keessa jiraattu ta'uu dandeessi..."
🥂
832
Ilaalcha itti walii hin galle mara hin baqatin. Ilaalcha kee dursa qorii ilaali sana boodammoo maalif akka namni sun ilaalcha faallaa keetii qabaateef hubadhu.
Namni kan inni hubannaa fi ogummaatti guddachuu danda'u yoo ilaalcha kan isaa qofa mirkaneessan kuufataa deeme miti; yoo ilaalcha duraan mormu keessaas madaalee dabalachaa adeemuu danda'edha.
Yeroo yerootti ilaalchota si faallessan dhaga'uudhaaf of saaxili!
832
"Jaalalli iddoo ga'e sodaa of keessaa baasee gata'' jechuun namni jaallatame tokko nama jaallate sanaan 'miidhamuun danda'a' shakkii jedhu mara of keessaa balleessee amantii guutuudhaan jaallachuu eegala jechuudha.
Dubbiin kun nu biratti gowwummaa waan fakkaatuuf jaalala iddoo ga'e sana qabaachuu dadhabne!
✍
832
Ilaa! Namichi sun ogeessa ta'uu hin dhabu
Gaaffii gaafatameef deebii laate hin qabu!
@barruulee
832
Guyyaa haaraan carraa lammafaadha! Jireenya kee tokko jettee akka nama har'a dhalateetti eegaluu dandeessa! 🤍
832
Sin gorfadhaa
Hin qalbifattaa?
Galaa egereef
Hin hambifattaa?
Bitaaf mirga sodaattee
Madaalan eegaatti of qorta
Atihoo sochii of dhorkitee
Akkamitti gara tokkotti gorta?!
Madaala eeguun si hidhee
Lukni kee qooda sochii wallaaluu
Madaala malee adeemuun
Dhaabbattee hafuurra hin caaluu?
اکنون در دسترس! پژوهش تلگرام ۲۰۲۵ — مهمترین بینشهای سال 
