uk
Feedback
Barruulee

Barruulee

Відкрити в Telegram

𝐀𝐬𝐨𝐨𝐬𝐚𝐦𝐚 𝐠𝐚𝐠𝐠𝐚𝐛𝐚𝐚𝐛𝐨𝐨, 𝐰𝐚𝐥𝐚𝐥𝐨𝐨, 𝐣𝐞𝐜𝐡𝐚𝐦𝐨𝐨𝐭𝐚, 𝐛𝐚𝐫𝐫𝐮𝐮𝐥𝐞𝐞 𝐛𝐚𝐫𝐬𝐢𝐢𝐬𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐟𝐢 𝐛𝐚𝐬𝐡𝐚𝐧𝐧𝐚𝐧𝐬𝐢𝐢𝐬𝐚𝐧 𝐭𝐨𝐨𝐫𝐚 𝐤𝐚𝐧𝐚𝐫𝐫𝐚𝐚𝐧 𝐧𝐢𝐢 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐮! Inbox @burruusa

Показати більше
832
Підписники
Немає даних24 години
-37 днів
-330 день
Архів дописів
Guyyoonni ani qalbii koo keessatti argaa ture sun dhufaa jiru! 🌤

Yeroon abidda na keessa jiru yaadu ofan sodaadha. Namni ani ta'uu danda'u nama ani tilmaamuu danda'u gararraadha!

"...Isheen nama gaariidha jedhee baayyee jajuuf miti, garuu yoo xiqqaate waan dubbattu beekti. Of-dhaggeeffachaa dubbachuu sirriitti dandeessi!" Xalayaan obboleessa kootiif barreesse keessaa 📨

Maalif jaalalli barbaachisummaa namoota nuti jaallannu sammuu keenya keessatti arbeessaa?
🤔

Yaaddoo koo Waaqatti dhiiseen buna koo lammeeffadhe!
 ☕

Yaa qaroo qalbii kootii Milkii ilaaluu jaallattuu Shokossaa miilla waaqaa Qeensitee dhaggeffattu! "Iyya kanniisaa jira" Damma na nyaachisaa? Moo, Waan hamaatu dhufa Kun akeekkachiisaa? Ho'uuf qabbanaa'uun Isheef gorsa uumaati Awwaara ija na bu'eef Sodaattee bishaan taati Ifa duuba dhoksaa arguuf Ifni ishee duukkanaa'aa Iccitii ishee kana himachuuf Nan rom'a; nan qaana'a!

Waa'ee ofii keetii maal sodaatta? *Nama na miidhe maraaf salphaattan dhiifama godha. Kunimmoo diinota koo akkan dagadhuu fi wallaalu na taasisa. Namoonni ani dhiiseefii darbe salphaatti na miidhuu danda'u jedheen sodaadha!*

⚠️
Waaqayyo jiraataadha! Inni hin geeddaramu!

Waaqayyo jiraataadha! Inni hin geeddaramu!

Ganni cimee dhufee Qorris hin hammaatee Ati, garuu hin jirtu Garaan kee hin jabaate!

Eda abjuunan si argee Sin yaademmoo fakkaata Gurbaa fokkisaa sanaa wajjin Gargar baatanii laataa? Moo, Abjuu faallaa hiikamaa Tarii heerumuuf deemtaa Adaraa yoom bilbiltee Dhugaa jiru natti himtaa?!

Miidhaa sooressatti heerumuu keessaa muraasa: Dhiirri sooressi qarshii isaatiin kan si bitate itti fakkaata. "Hanqina ko mara qarshiin naaf cufa" jedhees amana. Jaalala isaa mul'isuuf wanti inni godhu marti qarshii faana kan wal qabatudha. Kennaa siif bita, bashannana si geessa, mana nyaataa fi uffannaa gati jabeessaan qalbii kee gammachiisa. Jaalala isaa qarshiidhaan qofa ibsata; isuma qofa beekas. Yeroo siif laatee si faana lafa afeerraa hin qabne ooluu, amalaa fi seenaa kee qo'achuu, fedhii fi abjuu kee beekuuf hin tattaafatu. Balleessaa fi dogoggora isaa taa'ee si faana dubbatee miira isaa saaxiluurra kennaa siif bitee galee dhiifama kee bitachuuf carraaqa! Ati mufattee yoo si arge, wanti sammuu isaa keessa dhufu kana caalaa duroomuu akka qabudha yookaan qabeenyi isaa gammachuu ga'aa fiduu akka hin dandeenye yaadee goolamuudha malee jaalalli afaan ittii dubbatamu kan biraa qaba jedhee hin yaadu! Tarii qarshii isaatiin bashannanuuf jettee sooressa filachuu dandeessa ta'a; haata'u malee, wajjin bashannanuuf nama siif ta'u hin argattu. ⚠️ Dhiironni barruu kana dubbistanii hiyyummaa keessan jaallattan yoo jiraattan dogoggortaniittu! Kaayyoon koo hiyyummaa jajjabeessuurraa fagoodha!

" Na haa yaadu" jettee yoo na gatte, Animmoo sin irraanfadha! 🤷‍♂️

"Isheen badhaasa" kooti jedhee yaadeen ofitti qaanfadhe. " Ani maal goonaan waaqni ishee na badhaase?" jedheen of gaafadhe. Ani nama badhaasa uumaaf malu miti. Egaa, isheen kennaa kooti! Kennaa waaqni akkasumatti jaallatee naaf kennedha! ✍

"Xiqqoo dubbatta" jette Callisni koo si raajefachiisee Isayyuu utuu naaf hubattee Wallaalumatu na dubbachiise

Yeroon siif ariifattee Qoricha siif haa taatu Nagaa qufaan kee hatte Waaqayyo siif haa laatu! 🙏

⚠️
Naaf hin galle Boris bortu dhufa Tarii bor hin jiru Har'atu itti fufaa?

1.11) Gaadii yaada takaalu, ‎Rabbi nurraa haa awwaalu! ‎ @Barruulee

Billaacha qabachuu feetee yoo faana fiigde qabachuu hin dandeessu. Mooraa kee keessa yoo abaaboo dhaabbatte, garuu isheenuu ofiif dhufti. Yooma ishee dhufuu dhiistellee, ati mooraa kee keessa miidhagfatteetta! An amma waa'ee billaachaa dubbachaa hin jiru! 🚶‍♂️

⚠️
Dhiyootti warri, "sin jaalladha" siin jedhan kun maalif akka si jaallatan beekuuf jirta!