fa
Feedback

فریب کلاهبرداران را نخورید! تل‌متریو این کانال‌ها را شناسایی و برچسب‌گذاری می‌کند 👉 برای مشاهده برچسب، اشتراک تهیه کنید

FOCUS WALLAGGA UNIVERSITY 👇👉0913483010 📞

FOCUS WALLAGGA UNIVERSITY 👇👉0913483010 📞

رفتن به کانال در Telegram

Welcome! 🤗 This is Focus Wallaggaa University Official Telegram Channel! Channel kana jalatti 🎚️Wangeela 🎤 FAARFANNAA 📚 Kitaabota Hafuuraa 📋Beeksisa Focus Focuseducstionalgroupteam📚

نمایش بیشتر
3 171
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
+277 روز
+15030 روز
آرشیو پست ها
3Yoh. 1 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ¹ Ana isa maanguddicha biraa, haa ga'u gara Gaayos jaallatamaa isa ani dhugaadhaan jaalladhuu! ² Yaa michuu ko! Akkuma karaa lubbuu sitti tole, karaa hundumaan akka sitti tolu, akka ati fayyaa taatus nan kadhadha. ³ Obboloonni tokko dhufanii, dhugaatti qabamtee akka jiraattu, dhugaadhaaf amanamuu kee mul'isanii yommuu dubbatan, guddaan gammade⁴ Ijoolleen koo dhugaatti qabamanii jiraachuu isaanii dhaga'uun gammachuu koo ti; gammachuu kana irra caalus hin qabu. Galanni guddaan Waaqayyo keenyaaf haa ta'u, akkuma beekamu torbee kana Faarfannaa dinqii YESUUS EENYUMMAAN KEE jedhu dhaggeeffachaa, itti eebbifamaa turre. Waa'ee faarfannaa kanaaf, waa'ee dubbicha isa dinqii kanaaf amma illee Waaqayyoon haa galateeffannu. Dabalatan ji'a (baatiin) amma keessa jirru ji'a Reformation jedhamee beekama. Kana irra dhaabbanne illee Waldaan Kristaana bara hundeeffamtee eegaltee baroota keessatti barumsoota sobaa gurguddoo of irraa lolaa kan turte, Waaqayyos karaa dubbii isaa ulfina isaaf jedhee Waldaa isaa yeroodhaa gara yerootti haaressaa, dubbii isaatiin miicaa, qulqulleessaa, abbootaatti, namootatti fayyadamaa turuu isaa ni hubanna. Waaqayyoon keenya Waaqa hojii, Waaqa dhugaa, Waaqa seenaatis. Kanaafuu Waldaa Kristaanaa ishee har'aafis haaromsi dhugaan ni barbaachisa waan ta'eef gara maddichaatti haa deebinu; seenaa Waldaa ishee durii haa yaadannu, haa dubbisnu!. Haaromsi si'uma Waldaan dhugaa irraa sigiggaattu kamitti iyyuu ni ishee barbaachisa! Akkasumas torban kana kutaawwan armaan gadii haa dubbifannu. #Amaloota_Waaqayyoo Er. 23 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ²³ Dhugumaan ani Waaqayyo isa dhi'oo duwwaa dhaa ree? Isa fagoo tis mitii ree? ²⁴ Bantii waaqaa keessatti, lafa irratti, iddoo hundumaattis waanan argamuuf namni suqaa keessa yoo dhokate ani isa hin arguu ree? “Waaqayyo guddaa dha, guddisee kan jajamuu dha; guddinni isaas qoramee bira hin ga'amu.” — Far. 145:3 “"Yaa Waaqayyo gooftaa! Ati humna kee isa guddaadhaa fi irree keetiin waaqaa fi lafa uumteetta; wanti siif hin danda'amnes tokko illee hin jiru.” — Er. 32:17 “Itti fufees, "Ani Waaqayyo waanan ta'eef, hin geddaramu; kanaaf yaa ilmaan Yaaqoob isin raawwattanii hin badne.” — Mil. 3:6 “Tulloonni utuu iddoo isaaniitti hin dhalatin lafti, guutummaan biyya lafaas utuu hin argamin, bara baraa jalqabee hamma bara baraatti ati Waaqayyoo dha.” — Far. 90:2 “walitti lallabaniis, "Qulqulluu! Qulqulluu! Qulqulluu dha Waaqayyo gooftaan maccaa; guutummaan lafaas ulfina isaatiin guutuu dha" in jedhu turan.” — Isa. 6:3 “Waaqayyo qajeelaa dha, inni hojii qajeelaa in jaallata; warri waan qajeelaa hojjetan fuula isaa arguuf jiru.” — Far. 11:7 “Waaqayyo nama hundumaafuu adda addaan akkuma hojii isaatti gatii in kennaaf.” — Rom. 2:6 Bau. 34 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ⁶ Gooftichi achumaan Musee dura darbee sagalee isaa dhageessisee, "Ani Waaqayyo gooftichi, Waaqayyo isa oo'a-qabeessaa fi araara-qabeessa; aariitti suuta-jedhaa dha; gaarummaan koo fi amanamummaan koo guddaa dha. ⁷ Ani gaarummaa koo dhaloota kumaatamaaf jabeessee kanan eeguu dha; yakka, irra-daddarbaa, cubbuus namaaf nan dhiisa; haa ta'u iyyuu malee, isa yakkaa utuun hin adabin hin dhiisu; yakka abbootaa immoo hamma dhaloota sadiitti, hamma afuriittis harka ijoollee fi ijoollee ijoollee isaanii keessaa barbaadee nan adaba" jedhe.

Amma faarfannan keenya qilleensarratti gad lakkifamuuf daqiiqaa 00:15 qofaatu nu hafe. Qophooftanii?

Tole obboloota keenyaa Amma sa'atii 12:00 irra eegaltanii media hawasa qabdan hunda irratti short video keenya "guutuusaa kamisa borii sa'atii 12:00 irratti gad dhiifama" jechuudhaan link nuti isiniif keenyu waliin maxxansaa, Telegram fb, TikTok, Instagram, story, post godhaa please namoonni subscribe hin godhiin jirtan ammuma subscribe godhaa hadaraa keessan. https://youtube.com/@focuswu1?si=AxTjkcq9fRANEjNq

+1
Yesus Eenyummaankee 1.mp410.58 MB

Tole obboloota keenyaa Amma sa'atii 12:00 irra eegaltanii media hawasa qabdan hunda irratti short video keenya "guutuusaa kamisa borii sa'atii 12:00 irratti gad dhiifama" jechuudhaan link nuti isiniif keenyu waliin maxxansaa, Telegram fb, TikTok, Instagram, story, post godhaa please hadaraa keessan

🙌Nagaaf ayyaanni Waaqayyo hunduma keessaniif haa baayyatu. Obbooloota keenya focus Wallaggaa. #Facaasaa/ Kibxata Borii sa'a
🙌Nagaaf ayyaanni Waaqayyo hunduma keessaniif haa baayyatu. Obbooloota keenya focus Wallaggaa. #Facaasaa/ Kibxata Borii sa'a 11:30 irraa eegalee sagantaa keenya itti fufa #Mata duree Amaloota Waaqayyoo jedhus waliin kan barannu ta'a. ✍️Macaafa Qulqulluu fi Yaadannoon akka hin dagatamne. Obboloota Shaambuuf Gimbii irraa dhufan akkasuma freshman waliin akka dhuftan isiniin jenna.

“Yaa michuu ko! Akkuma karaa lubbuu sitti tole, karaa hundumaan akka sitti tolu, akka ati fayyaa taatus nan kadhadha.” — 3Yoh. 1:2 Boru ganama barii sa'a 11:30 yeroo jedhu kadhannaan keenya itti fufee waan jiruuf irratti argamnee waliin haa kadhannu! Share godhaa! Bakki: lafa mana Focus!

“Yaa michuu ko! Akkuma karaa lubbuu sitti tole, karaa hundumaan akka sitti tolu, akka ati fayyaa taatus nan kadhadha.” — 3Yoh. 1:2 Boru ganama barii sa'a 11:30 yeroo jedhu kadhannaan keenya itti fufee waan jiruuf irratti argamnee waliin haa kadhannu! Share godhaa! Bakki: lafa mana Focus!