uk
Feedback
FOCUS WALLAGGA UNIVERSITY 👇👉0913483010 📞

FOCUS WALLAGGA UNIVERSITY 👇👉0913483010 📞

Відкрити в Telegram

Welcome! 🤗 This is Focus Wallaggaa University Official Telegram Channel! Channel kana jalatti 🎚️Wangeela 🎤 FAARFANNAA 📚 Kitaabota Hafuuraa 📋Beeksisa Focus Focuseducstionalgroupteam📚

Показати більше
2 914
Підписники
+424 години
+217 днів
+4130 день
Архів дописів
Waan hundumaa gaarummaa warra isa jaallataniif akka hojjetu beektanii rakkina keessatti akka obsitaniif akka isin gargaaru, Gooftaan kadhannaadhaan fuula isaa dura turuu keessatti dhabbataa akka isin taasisu, yeroo hundumaa fuula isaa barbaaduufi humna isaa irratti akka of gattaniif akka isin gargaarun isiniif kadhanna. Our last word Jireenya keenya keessatti, hasaa keenya keessatti, Tajaajila keenya kessattis, warri nuti isin gaddisisne, warri nuti respect isin hin goodhin warri nuti yerookeenyaafi gurrakeenya isinif hin keennin, hiriyoonni keenya nutti dhi’attanis hundunaa dhifama isin gaafanna. Jaalallii kabajiifi, lapheen nuti isiniif qabnu tilmaama hin qabu, bayyee isin jallannaa, Waaqaayyo abbaa biraa gooftaa keenya yesuus kiristoos biraas ayyanni araarriifi nagaan hunduma keessani wajjin haa ta’u. amen.

Deva_Focus: Yeroo waa'ee keessan yaadannu Yeroo hundumaa akkas jennee isinif kadhanna
Yeroo hundumaa ayyaana isiniif hin malle kanaan waaqayyotti akka dhihaattaniif isiniif kadhanna; abboommii inni isiniif kenneef ajajamuufi jaalalaan deebii akka isaaf kennitaniif isiniif kadhanna. Gooftaan ilaalcha araara isaatiin dhaqna keessan aarsaa jiraataa, qulqulla’aadhaafi isa biratti fudhatama qabu gootanii akka dhiyeessitaniif akka isin gargaaru isiiniif kadhanna. Jireenyi  keessan, yaanni keessan, gochi keessanifi jechi keessan hundinuu waaqeffannaa ta'ee isaaf akka dhiyaatuuf, kunis karaa aarsaa Ilma isaafi humna Hafuura Qulqulluu isa isin keessa jiruun qofa akka ta'e beektanii, waan hundumaa keessatti isaaf jiraachuu akka hawwitaniif laphee keessan akka qajeelchuufi akka isin bocuf isiniif kadhanna. Waaqayyo abbaan keenya, biyya lafaa kana akka isin hin fakkanneef akka isin eegu, duudhaafi dhiibbaa bara ammaa kanaan qabamuun hammam salphaa akka ta'e beektanii, humna Hafuura isaatiifi dubbii isa aango-qabeessaan kana keessaa akka isin jijjiiruf  isiniif kadhanna. Fedha isaa qoruufi adda baasuu akka dandeessaniif, guyyuma guyyaan karaa dubbii isaa sammuu keessan akka haaromsu, waan gaarii, fudhatama qabuufi mudaa hin qabneen isa duratti akka dhihaattaniif, jireenya isin Kiristoosin akka fakkattaniif itti isin waame sanaa gadi akka hin jiraanneef humna ayyaana isaatiin akka isin gargaarun isiniif kadhanna. Hamma dhiigni keessan dhangala'utti cubbuu wajjin wal'ansoo akka qabdanif, cubbuuttis harka akka hin kennineef isiniif kadhanna.  Yoo dadhabdanii cubbutti kuftan gama cubbuu kessanii gortanii famluurra gooftaan keenya  garraamii fi kan gadi-of deebise ta’uu isaa bektanii  laphee cabaafi raafamuun fuula goftaatti  akka fiigdaniif isiniif kadhanna.  Addunyaan kun rakkinaa fi qoramsa cubbuu baay'eedhaan yoo isin mudatteyyuu, humna Hafuura Qulqulluutiin jabaattanii, jireenya qulqullummaaf akka loltan, mo'ichas akka argattaniif isiniif kadhanna. Gooftaan ayyaana isaatiin jireenya gadi-of deebisuu akka isiniif kennu, ofii keessan caalaattis akka hin yaanne akka isin barsiisu, akka safartuu amantii inni isiniif kenneetti sirritti akka of ilaaltaniif akka isin gargaaruf isiniif  kadhanna. Jaalala inni Kiristoos keessatti isiniif argisiise kan calaqqisiisu, jaalalli isin namoota biroof qabdan dhugaa akka ta'uuf, inni qofti madda gaarummaa hundumaa akka ta'e beektanii, waan hamaa jibbuufi waan gaarii jabessitanii akka qabattan akka isin barsiisuun isiniif kadhanna. Namoota naannoo keessan jiran jaalala obbolummaatiin akka jaallattanifi kiristoos akka inni itti isin kunuunsetti akka isaa kunuunsitanif akka isin gargaaru; ayyaana, obsa fi gara-laafinaan akka inni isin guutuf isiniif kadhanna. Kabaja namatti argisiisuu keessatti warra kaan caaluuf osoo hin taane, ofii keessan irra obboloota keessan akka  calchistaniif humna akka isiniif kennun isiniif kadhanna . Jireenya keessan keessatti ba'aa walii keessanii akka baattan, ba'aa obboleessa keessanii fi obboleettii keessanii jaalalaan akka baattaniif isiniif kadhanna. Ofittummaa dhiistanii, dhiphinaa fi aarsaa walii keessanii, gaddaafi rakkina keessanis waliin qooddatanii, jaalala Kiristoos isa dhugaa akka calaqqisiiftanif isiniif kadhanna. Namni tokko dadhabina isaatiin yoo cubbuutti kufe, of tuulummaafi akka safara biyya lafaatti osoo hin taane, hafuura garramummaafi naasutiin gara iddoo isa isa duraatti  akka isa deebiftanif  ykn ishee deebiftanif, isiniifis ta'e isaaf fayyisaan, kan dhiifama godhu, kan deebisee nama  ijaaru Yesuus qofa akka ta'e beektanii, ba'aa walii baattanii seera Kiristoos akka raawwattaniif isiniif kadhanna Hinaaffaa isaaf qabdan keessatti yeroo daddhabdan Abbaan akka isin eeguuf isinifan  kadhadha. Hafuura cimaafi garaa ibiddaan isa tajaajiluun akka isin guutu, qormaatafi rakkina keessatti illee abdiidhaan akka dhihaattaniif akka isin jabeessuf isiniifkadhanna.

Waan hundumaa gaarummaa warra isa jaallataniif akka hojjetu beektanii rakkina keessatti akka obsitaniif akka isin gargaaru, Gooftaan kadhannaadhaan fuula isaa dura turuu keessatti dhabbataa akka isin taasisu, yeroo hundumaa fuula isaa barbaaduufi humna isaa irratti akka of gattaniif akka isin gargaarun isiniif kadhanna. Our last word Jireenya keenya keessatti, hasaa keenya keessatti, Tajaajila keenya kessattis, warri nuti isin gaddisisne, warri nuti respect isin hin goodhin warri nuti yerookeenyaafi gurrakeenya isinif hin keennin, hiriyoonni keenya nutti dhi’attanis hundunaa dhifama isin gaafanna. Jaalallii kabajiifi, lapheen nuti isiniif qabnu tilmaama hin qabu, bayyee isin jallannaa, Waaqaayyo abbaa biraa gooftaa keenya yesuus kiristoos biraas ayyanni araarriifi nagaan hunduma keessani wajjin haa ta’u. amen.

Yeroo waa'ee keessan yaadannu Yeroo hundumaa akkas jennee isinif kadhanna
Yeroo hundumaa ayyaana isiniif hin malle kanaan waaqayyotti akka dhihaattaniif isiniif nan kadhanna; abboommii inni isiniif kenneef ajajamuufi jaalalaan deebii akka isaaf kennitaniif isiniif nan kadhanna. Gooftaan ilaalcha araara isaatiin dhaqna keessan aarsaa jiraataa, qulqulla’aadhaafi isa biratti fudhatama qabu gootanii akka dhiyeessitaniif akka isin gargaaru iiniif kadhanna. Jireenyi  keessan, yaanni keessan, gochi keessanifi jechi keessan hundinuu waaqeffannaa ta'ee isaaf akka dhiyaatuuf, kunis karaa aarsaa Ilma isaafi humna Hafuura Qulqulluu isa isin keessa jiruun qofa akka ta'e beektanii, waan hundumaa keessatti isaaf jiraachuu akka hawwitaniif laphee keessan akka qajeelchuufi akka isin bocuf isiniifan kadhanna. Waaqayyo abbaan keenya, biyya lafaa kana akka isin hin fakkanneef akka isin eegu, duudhaafi dhiibbaa bara ammaa kanaan qabamuun hammam salphaa akka ta'e beektanii, humna Hafuura isaatiifi dubbii isa aango-qabeessaan kana keessaa akka isin jijjiiruf  isiniifan kadhadha. Fedha isaa qoruufi adda baasuu akka dandeessaniif, guyyuma guyyaan karaa dubbii isaa sammuu keessan akka haaromsu, waan gaarii, fudhatama qabuufi mudaa hin qabneen isa duratti akka dhihaattaniif, jireenya isin Kiristoosin akka fakkattaniif itti isin waame sanaa gadi akka hin jiraanneef humna ayyaana isaatiin akka isin gargaarun isiniif kadhanna. Hamma dhiigni keessan dhangala'utti cubbuu wajjin wal'ansoo akka qabdanif, cubbuuttis harka akka hin kennineef isiniif nan kadhanna.  Yoo dadhabdanii cubbutti kuftan gama cubbuu kessanii gortanii famluurra gooftaan keenya  garraamii fi kan gadi-of deebise ta’uu isaa bektanii  laphee cabaafi raafamuun fuula goftaatti  akka fiigdaniif isiniifan kadhanna.  Addunyaan kun rakkinaa fi qoramsa cubbuu baay'eedhaan yoo isin mudatteyyuu, humna Hafuura Qulqulluutiin jabaattanii, jireenya qulqullummaaf akka loltan, mo'ichas akka argattaniif isiniif nan kadhanna. Gooftaan ayyaana isaatiin jireenya gadi-of deebisuu akka isiniif kennu, ofii keessan caalaattis akka hin yaanne akka isin barsiisu, akka safartuu amantii inni isiniif kenneetti sirritti akka of ilaaltaniif akka isin gargaaruf isiniif nan kadhadha. Jaalala inni Kiristoos keessatti isiniif argisiise kan calaqqisiisu, jaalalli isin namoota biroof qabdan dhugaa akka ta'uuf, inni qofti madda gaarummaa hundumaa akka ta'e beektanii, waan hamaa jibbuufi waan gaarii jabessitanii akka qabattan akka isin barsiisuun isiniif kadhanna. Namoota naannoo keessan jiran jaalala obbolummaatiin akka jaallattanifi kiristoos akka inni itti isin kunuunsetti akka isaa kunuunsitanif akka isin gargaaru; ayyaana, obsa fi gara-laafinaan akka inni isin guutuf isiniifan kadhanna. Kabaja namatti argisiisuu keessatti warra kaan caaluuf osoo hin taane, ofii keessan irra obboloota keessan akka  calchistaniif humna akka isiniif kennun isiniif kadhanna . Jireenya keessan keessatti ba'aa walii keessanii akka baattan, ba'aa obboleessa keessanii fi obboleettii keessanii jaalalaan akka baattaniif isiniif nan kadhanna. Ofittummaa dhiistanii, dhiphinaa fi aarsaa walii keessanii, gaddaafi rakkina keessanis waliin qooddatanii, jaalala Kiristoos isa dhugaa akka calaqqisiiftanif isiniifan kadhanna. Namni tokko dadhabina isaatiin yoo cubbuutti kufe, of tuulummaafi akka safara biyya lafaatti osoo hin taane, hafuura garramummaafi naasutiin gara iddoo isa isa duraatti  akka isa deebiftanif  ykn ishee deebiftanif, isiniifis ta'e isaaf fayyisaan, kan dhiifama godhu, kan deebisee nama  ijaaru Yesuus qofa akka ta'e beektanii, ba'aa walii baattanii seera Kiristoos akka raawwattaniif isiniif nan kadhanna Hinaaffaa isaaf qabdan keessatti yeroo daddhabdan Abbaan akka isin eeguuf isinifan  kadhadha. Hafuura cimaafi garaa ibiddaan isa tajaajiluun akka isin guutu, qormaatafi rakkina keessatti illee abdiidhaan akka dhihaattaniif akka isin jabeessuf isiniifan kadhanna.

Dhaamsa obboloota keessanifi michoota keessan Eebbifaman  bara kanaa irraa ( GC- Brothers )
HIN IRRANFATINAA
Hojiin furee Kiristos kan raawwatame fannoo irrattidha. Gooftaan keenya Yesus Kiristos waanjoo bara dheeraa ilmaan namootaa kan inni cabse fannoo irrattidha, gatii kan nurraa baase, daabilos isa nama kasasu kan inni qaanesse, namootaaf bilisummaa kan inni labse fannoo irrattidha malee mana qulqullummaa Yesusaalem keessatti miti...fannoo hin irranfatinaa….. Iddoon sun Manneen sagadaa keessa isa tokko hin turre. Warri harka isaa irraa nyaatan raawwannee isa hin beeknu  isaa wajjinis hin turre jedhanii irraa fagaatan sun , warri duraan itti siqan irraa kan baqatan sun, duuka buutota isaa kan turan yeroo isaan isa ganan bakki kun fannoo gubbaattidha. Jajannaan, harka walitti buusuun fi galateeffachuun kan hin jirree,  bakki qofummaa sun golgootaa gubbaadha. Iddoo inni itti warra jaaman ija isaanii banee, warra beela'an nyaachisaa, warra lamxii qulleessaa, gooboo qajeelchaa turetti isinitti hin fakkaatin.  Bakka iinni itti namootaf gaaffii hatattamaa deebiseef, warri isa duukaa bu'an bakka itti miirri isaanii tuqame, bakka itti warri isaan tajaajilamaa turan gammachuudhaan burraaqanittis miti. Xibiriyaados fi Galiilaa ykn Qofirnaahomitti yeroo gooftaan keenya deddeebi'aa turettis miti. Bakka inni qullaa isaa samii fi lafa gidduutti rarraafametti, gonfoo qoraatti bakka inni keewwatetti, xoofoo hadhaa'a bakka inni dhugetti,  namoota uume harkatti mismaaraan bakka itti waraaname goolgota bakka jedhamu tabba sana qaraani'oo gubbaattidha…. Fannoo hin irranfatinaa… Iddoon sun Qaanaa galiilaa mana cidhaa, yeroo inni qani nama oolche miti, bakki itti Kiristos misiraachoo '' xumurameera ''  jedhu labse. Bakka itti lubbuu kumaatama quubsee nyaachisettis miti. Gaara Debirezayit bakka itti bifi isaa jijjiiramee ulfinni isaa muldhatee fi Pheexiros immoo ''asitti argamuun keenya attam gaarii dha'' jedhettis miti. Kaayyoon gara biyya lafaa dhufuu isaa fiixaan kan inni ba'e bakka armaan olii keessaa isa tokkotti illee utuu hin taane, ''xumurameera'' bakka inni jedhe fannoo gubbaatti dha….Fannoo hin irranfatinaa… Kiristiyaanummaa fannoon alaa isa Qaanaa Galiilaa, Kiristiyaanummaa fannoon alaa isa kan qurxummii fi buddeenaa, Kiristiyaanummaa fannoon alaa isa kan haala mijataa fi utaalchaa sana seexanni hin ari'atu; yoom iyyuu ittiin hin mormu; hin jibbus. Kana duukaa bu'an danuudha; kan harka walitti dha'anis baay'eedha. Isin garuuu Waan hundumaa caalaa Kiristoosiin oolmaa inni fannoo irratti isiniif ooleen kan beektan gammadaa. Hundeen amantii keenyaa fi lallaba keenyaa kanadha. …. Fannoo hin irranfatinaa….. Qolosaayisin dubbisee fixee, waa'ee gamoo, konkolaataa fi buukii baankii lallabaan lallabu, farfataan farfatuufi jiraatan jiraatu kiristiyaanummaan isaa kan Kiristos miti. Fannoo hin irranfatinaa. Ergaan barsiisa keessanii  kan isin fuula namootaa  ilaaltanii hin jijjiirree fi miira namootaf jettanii hin tottolchine Kirostos isa fannifame isiniif haa ta’u. Tajaajiltoonni isaa warri nu dursan fi ergamoonni isaa warri ''bifa isaa'' nuun jedhan Kiristosin ala kan biraa beekuu dhiisuuf kan kutatan obboloonni keenya lallabi isaanii, barsiisi isaanii fi daadhannoon isaanii Kiristos isa fannifame qofaa ture….. Fannoo hin iiranfatinaa “Ani garuu fannoo gooftaa keenya Yesus Kristos isa ittiin biyyi lafaa ana irraa fannifame, anis biyya lafaa jalaa fannifame sanaan malee, waan biraatiin of jajuun matumaa anaaf hin ta'u.” Gal. 6:14

FOCUS WALLAGA UNIVERSITY ━━━━━━━━▣✦▣━━━━━━━━ SUNDAY PROGRAM ▒▓ 📸 DMC 🌐 Join our telegram @focusour 🌐join our Facebook @htt
+7
FOCUS WALLAGA UNIVERSITY ━━━━━━━━▣✦▣━━━━━━━━ SUNDAY PROGRAM ▒▓  📸 DMC 🌐 Join  our telegram @focusour 🌐join our Facebook  @https://www.facebook.com 📍 Waldaa Hallelujah ( Dirree Tokkummaa ) ✍️ Focus Wallaggaa Yuunivarsiitii irra.                      ♡          ❍ㅤ        ⎙           ⌲                     ˡᶦᵏᵉ  ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ  ˢᵃᵛᵉ   ˢʰᵃʳᵉ

FOCUS WALLAGA UNIVERSITY ━━━━━━━━▣✦▣━━━━━━━━ SUNDAY PROGRAM ▒▓ 📸 DMC 🌐 Join our telegram @focusour 🌐join our Facebook @htt
+8
FOCUS WALLAGA UNIVERSITY ━━━━━━━━▣✦▣━━━━━━━━ SUNDAY PROGRAM ▒▓  📸 DMC 🌐 Join  our telegram @focusour 🌐join our Facebook  @https://www.facebook.com 📍 Waldaa Hallelujah ( Dirree Tokkummaa ) ✍️ Focus Wallaggaa Yuunivarsiitii irra.                      ♡          ❍ㅤ        ⎙           ⌲                     ˡᶦᵏᵉ  ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ  ˢᵃᵛᵉ   ˢʰᵃʳᵉ

#Bor Ganama irraa hin hafamu
#Bor Ganama irraa hin hafamu

Missit not
Missit not

Kadhataa fi himata keessan hundumaa keessatti yeroo hundumaa hafuuraan geggeeffamaatii kadhadhaa! Egaa kadhachuutti dammaqaa, obsaanis itti jabaadhaa, warra Waaqayyoof qulqullaa'an hundumaafis kadhadhaa! Efesoon 6:18 Ayyaannii fi nagaan gooftaa keenya yesuus Kiristoos hunduma keessaniif haa baayyatu,ganama sa'atii 11:30 kadhannaan keenya itti fufee jira.

FOCUS WALLAGA UNIVERSITY ━━━━━━━━▣✦▣━━━━━━━━ SPECIAL PROGRAM 🌐 Join our telegram @focusour 🌐join our Facebook @https://www.
FOCUS WALLAGA UNIVERSITY ━━━━━━━━▣✦▣━━━━━━━━ SPECIAL PROGRAM 🌐 Join  our telegram @focusour 🌐join our Facebook  @https://www.facebook.com 📍 Waldaa Hallelujah ( Dirree Tokkummaa ) ✍️ Focus Wallaggaa Yuunivarsiitii irra.                      ♡          ❍ㅤ        ⎙           ⌲                     ˡᶦᵏᵉ  ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ  ˢᵃᵛᵉ   ˢʰᵃʳᵉ

“Kanaafis amantiidhaan qajeelota erga taanee, gooftaa keenya Yesus Kristosiin Waaqayyo biratti nagaa qabna.” — Rom. 5:1 Sagantaan keenya guyyaa har'aa sa'a 11:30_2:00 akkuma beekamu itti fufee jira. Kanaaf yeroo keenya kabajuu fi obboloota keenya affeeruun haa argamnu. Yeroo waaqeffannaa Yeroo Worship Yeroo Barsiisa sagalee Waaqayyoo Yeroo kadhataa Bakki Dirree Tokkummaa Hallelujah Church Macaafa Qulqulluu keenyaa fi Note Book keenya qabannee haa dhufnu!

Nagaa fi araarri Waaqayyoo hunduma keenyaaf ha baayyatu! Akkam jirtu maatii FOCUS Wallagaa hundi keessan? Yoo jaalala Waaqayyoo ta'e gaafa may 1 2026 ykn ebila 23 2018 sagantaa guddaa #post_graduate focus walitti qabuu akka biyyaalessaatti geggeeffamuuf waan jedhuuf, maatii focus wallaggaa kan turtan akkasumas jallattoonni focus martinuu guyyaa kanatti argamuun sagantaa kana akka qooddattan afeeramtaniittu! Bakki:waldaa amantoota Oromoo Finfinnee ayyaanni Waaqayyoo hundumaa wajjin haa ta'u!

Kadhata keenya akka inni nuuf dhaga'u yoo beekne, waan kadhanne akka isa biraa argannus in beekna. 1 Yohannis 5:15 Ayyaannii fi nagaan gooftaa keenya yesuus Kiristoos hunduma keessaniif haa baayyatu,ganama sa'atii 11:30 kadhannaan keenya itti fufee jira. Hiriyyoota keessaniif qooduu hin dagatinaa.

FOCUS WALLAGA UNIVERSITY ━━━━━━━━▣✦▣━━━━━━━━ SUNDAY PROGRAM ▒▓ 📸 DMC 🌐 Join our telegram @focusour 🌐join our Facebook @htt
+9
FOCUS WALLAGA UNIVERSITY ━━━━━━━━▣✦▣━━━━━━━━ SUNDAY PROGRAM ▒▓  📸 DMC 🌐 Join  our telegram @focusour 🌐join our Facebook  @https://www.facebook.com 📍 Waldaa Hallelujah ( Dirree Tokkummaa ) ✍️ Focus Wallaggaa Yuunivarsiitii irra.                      ♡          ❍ㅤ        ⎙           ⌲                     ˡᶦᵏᵉ  ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ  ˢᵃᵛᵉ   ˢʰᵃʳᵉ

FOCUS WALLAGA UNIVERSITY ━━━━━━━━▣✦▣━━━━━━━━ THURSDAY AND SUNDAY PROGRAM ▒▓ 📸 DMC 🌐 Join our telegram @focusour 🌐join our
+9
FOCUS WALLAGA UNIVERSITY ━━━━━━━━▣✦▣━━━━━━━━ THURSDAY AND SUNDAY PROGRAM ▒▓  📸 DMC 🌐 Join  our telegram @focusour 🌐join our Facebook  @https://www.facebook.com 📍 Waldaa Hallelujah ( Dirree Tokkummaa ) ✍️ Focus Wallaggaa Yuunivarsiitii irra.                      ♡          ❍ㅤ        ⎙           ⌲                     ˡᶦᵏᵉ  ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ  ˢᵃᵛᵉ   ˢʰᵃʳᵉ