Olii Xaafaa, Oli the Great
رفتن به کانال در Telegram
Loltoota warra homaafuu hin jilbeeffanneen guddisa! https://www.facebook.com/share/p/1HbLYaHBsq/
نمایش بیشتر577
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
-57 روز
-1030 روز
در حال بارگذاری دادهها
کانالهای مشابه
ابر برچسبها
هیچ دادهای
مشکلی وجود دارد؟ لطفاً صفحه را تازه کنید یا با مدیر پشتیبانی ما تماس بگیرید.
اشارات ورودی و خروجی
---
---
---
---
---
---
جذب مشترکین
اکتبر '26اکتبر '26
اکتبر '26
+1
در 0 کانالها
سپتامبر '26
+3
در 0 کانالها
Get PRO
اوت '26
+2
در 0 کانالها
Get PRO
ژوئیه '260
در 0 کانالها
Get PRO
ژوئن '26
+2
در 0 کانالها
Get PRO
مه '260
در 0 کانالها
Get PRO
آوریل '26
+1
در 0 کانالها
Get PRO
مارس '260
در 0 کانالها
Get PRO
فوریه '26
+1
در 0 کانالها
Get PRO
ژانویه '26
+1
در 0 کانالها
Get PRO
دسامبر '25
+2
در 0 کانالها
Get PRO
نوامبر '25
+8
در 0 کانالها
Get PRO
اکتبر '25
+16
در 0 کانالها
Get PRO
سپتامبر '25
+4
در 0 کانالها
Get PRO
اوت '250
در 0 کانالها
Get PRO
ژوئیه '250
در 0 کانالها
Get PRO
ژوئن '250
در 0 کانالها
Get PRO
مه '250
در 1 کانالها
Get PRO
آوریل '250
در 1 کانالها
Get PRO
مارس '250
در 0 کانالها
Get PRO
فوریه '250
در 0 کانالها
Get PRO
ژانویه '250
در 2 کانالها
Get PRO
دسامبر '240
در 0 کانالها
Get PRO
نوامبر '240
در 0 کانالها
Get PRO
اکتبر '240
در 0 کانالها
Get PRO
سپتامبر '24
+3
در 0 کانالها
Get PRO
اوت '24
+5
در 0 کانالها
Get PRO
ژوئیه '24
+4
در 1 کانالها
Get PRO
ژوئن '24
+4
در 1 کانالها
Get PRO
مه '24
+13
در 1 کانالها
Get PRO
آوریل '24
+3
در 1 کانالها
Get PRO
مارس '24
+5
در 0 کانالها
Get PRO
فوریه '24
+5
در 0 کانالها
Get PRO
ژانویه '24
+4
در 1 کانالها
Get PRO
دسامبر '23
+5
در 1 کانالها
Get PRO
نوامبر '23
+4
در 1 کانالها
Get PRO
اکتبر '23
+8
در 1 کانالها
Get PRO
سپتامبر '23
+5
در 0 کانالها
Get PRO
اوت '23
+3
در 0 کانالها
Get PRO
ژوئیه '23
+3
در 0 کانالها
Get PRO
ژوئن '23
+39
در 0 کانالها
Get PRO
مه '23
+6
در 0 کانالها
Get PRO
آوریل '23
+10
در 0 کانالها
Get PRO
مارس '23
+3
در 0 کانالها
Get PRO
فوریه '23
+4
در 0 کانالها
Get PRO
ژانویه '23
+5
در 0 کانالها
Get PRO
دسامبر '22
+21
در 0 کانالها
Get PRO
نوامبر '22
+16
در 0 کانالها
Get PRO
اکتبر '22
+101
در 0 کانالها
Get PRO
سپتامبر '22
+357
در 0 کانالها
Get PRO
اوت '22
+15
در 0 کانالها
Get PRO
ژوئیه '22
+86
در 0 کانالها
Get PRO
ژوئن '22
+82
در 0 کانالها
Get PRO
مه '22
+160
در 0 کانالها
Get PRO
آوریل '22
+228
در 0 کانالها
Get PRO
مارس '22
+166
در 0 کانالها
Get PRO
فوریه '22
+200
در 0 کانالها
Get PRO
ژانویه '22
+350
در 0 کانالها
Get PRO
دسامبر '21
+111
در 0 کانالها
Get PRO
نوامبر '21
+153
در 0 کانالها
Get PRO
اکتبر '21
+114
در 0 کانالها
Get PRO
سپتامبر '21
+61
در 0 کانالها
Get PRO
اوت '21
+38
در 0 کانالها
Get PRO
ژوئیه '21
+253
در 0 کانالها
| تاریخ | رشد مشترکین | اشارات | کانالها | |
| 26 اکتبر | 0 | |||
| 25 اکتبر | 0 | |||
| 24 اکتبر | 0 | |||
| 23 اکتبر | 0 | |||
| 22 اکتبر | 0 | |||
| 21 اکتبر | 0 | |||
| 20 اکتبر | 0 | |||
| 19 اکتبر | 0 | |||
| 18 اکتبر | 0 | |||
| 17 اکتبر | 0 | |||
| 16 اکتبر | 0 | |||
| 15 اکتبر | 0 | |||
| 14 اکتبر | 0 | |||
| 13 اکتبر | 0 | |||
| 12 اکتبر | 0 | |||
| 11 اکتبر | 0 | |||
| 10 اکتبر | +1 | |||
| 09 اکتبر | 0 | |||
| 08 اکتبر | 0 | |||
| 07 اکتبر | 0 | |||
| 06 اکتبر | 0 | |||
| 05 اکتبر | 0 | |||
| 04 اکتبر | 0 | |||
| 03 اکتبر | 0 | |||
| 02 اکتبر | 0 | |||
| 01 اکتبر | 0 |
پستهای کانال
"Dhaloota beekumsa tuffatu, oomishuun haa dhaabbatu!"
Sirni barnootaa keenya foyya'uu, cimuu fi yeroo kan giddu galeeffatee ta'uu qaba. Kun akka ta'uuf dhiibbaa gochuun gaariidha. Kanarra, ijoolleen afaan dhaloota ishee sirnaan qubeessuu hin dandeenye barnoonni gatii akka hin qabnetti yaaduun dogoggora. Dargaggoonni keenya hedduun bizinesii hojjetanii miliyeenaroota ta'uu barbaadu akkasittis amanu. Kun ta'uuf, garuu ulaagaawwan lama yoo xiqqaatan guutamuu qabu:
1. Sirni dinagdee fi dhaabbileen miliyeenaroota sana baachuu danda'an ijaaramuu fi jiraachuu qabu. Namoonni beekumsa barbaachisu qabaatanii, cimaniidhumayyuu hojjetanii sirnii fi dhaabbilee kanaaf haala mijeessan hin jiran taanaan ni daanga'u.
Hub: Sirnii fi dhaabbilee kun immoo namoota baratan, warra beekumsa qaban, warra naamusa qabaniin ijaarama. Jarri ofii sooressoota ta'uu dhiisuu danda'u. Garuu, sirna kana beekumsaa fi qabeenya biyya isaanii qindeessuun ijaaru. Kanaaf, fakkeenyi Addunyaa Dhihaati. Addunyaa Dhihaa hedduu keessatti sirnii fi dhaabbilee akkasii waggootaaf aarsaan itti kanfalamee ijaaramaniiru. Sirni lammileen isaanii cimanii, beekumsaan hojjennaan keessatti badhaadhan namoota baratan kanaan ijaarameera. Kanaaf, achitti dargaggoonni barumsaa idilee irraa qollifatanii hojjechuu filachuun sababa qabeessa. Amma fakkeenyaaf, magaala ani jiraadhu keessatti namoonni 50' waggoota shanan dhufan kana keessa qabeenya hedduu, miliyeenotaan lakkaa'amu horachuu danda'uu?" osoon jedhee hin danda'an. Sababni, sirnii fi dhaabbileen kana baachuu danda'an hin jiran. Galii namoonni magaalitti argatan dabalatee, haalonni dinagdee biroo kana eeyyamu hin jiru.
Hub: Sirni kun ammas dhaloota beekumsa gonfateen hin ijaaramu taanaan, hundi kee mana buskuttii fi mana suuqii bantee keessa dhaabbachaa oolta malee akka ati yaaddu sana waanuma bizinesii hojjetteef qabeenyi kuufamu hin jiru.
Haala akkasii kana hunda cabsanii qabeenya kan horatan namoota muraasa qofa ta'u. Isaanuu waggoota hedduuf itti fufinsaa fi tarsiimoo qara ta'een kan hojjetan, beekumsaa fi naamusa haalota kanarra isaan aansu warra qaban. Jarri kun magaala tokko keessa nama tokko ykn lamatu jira. Yookiin immoo hin jiranis ta'a.
Kanaaf, gabaabaatti ijoolleen kee umurii ijoollummaa isheetti akka barattu, akka xiinxaltu godhi malee bizinesii hojjetta jettee gurra hin cobsiin. Booda isaanuu beekumsaa fi fedha isaaniin waan hojjetan filachuu danda'u. Yoo ofiikee barsiisuu dandeesse manattu barsiifadhu. Kanarra, inumaayyuu daree barnootaa ishee keessaa 1ffaa bahuu akka qabdutti gorsi. Garuu, nama cimaa ta'uurratti malee barataa cimaa ta'uu qofarratti akka daanga'an hin godhiin.
2. Addunyaa ammyyaa fi miidiyaa hawaasaa kana keessatti sirnaa fi dhaabbilee magaala keen yookiin immoo biyya keessa jiraattuun osoo hin daanga'iin qabeenya horachuu yoo barbaadde immoo, sadarkaa addunyaatti nama waa gurguruu danda'u ta'uu qabda. Kun beekumsa qofa osoo hin taane, kuufama dandeettii hedduu kan barbaadudha. Inni kun immoo caalaatti naamusa fi tarsiimoo ol'aanaa kan barbaadudha. Kunis, namoota hedduuf abjuu bira hin gahamnedha.
Kanaaf, ergaa koo yoon xumuru. Sirni barumsaa keenya dadhaabaadha. Jijjiiramuu qaba. Sirni barnootaa dadhabaa ta'uun dhaloota balaaf saaxileera jechuun garuu barnoonni, beekumsi hin barbaachisu jechuu miti. Rakkoon Afrikaa inni bu'uuraa, Afrikaan gootota, gootummaa isaanii immoo beekumsaa fi tarsiimoon deeggaran dhabuu isheeti.
Akka amma beekumsa tuffannu kanatti beekumsa tuffachuu itti fufnaan, dhiironni keenya mana qumaaraa fi puuliitti galuu ta'a. Dubartoonni keenya immoo hamma biyyoonni Arabaa rohobootii hojii isaanii hedduu isaaniif hojjetan tolfatanitti achitti godaanu jechuudha.
Kun immoo boodatti rakkoo isa ammaa caalaa walxaa fi paartiin siyaasaa ati jaallattu sun furuu hin dandeenye dhala.
"Dhaloota beekumsa tuffatu, oomishuun haa dhaabbatu!"
Hub: Barreeffamni armaan olii gaaffii walfakkaataa namoota 15'f dhihaate irraa cuunfamee kan barreeffamedha. Namoonni kun namoota akkuma tasaa bakkee addaa addaatti gaafatamanidha.
| 2 | Sabni dhiironni isaa naamusa jireenyaan, dandeettiin, cimina hafuuraan, beekumsaan hin hidhanne yoomuu ni caba. Dhaadannoon wanti dhufu hin jiru. Osuma dhaadattu diinni lafee kee caccabsa malee homaa hin jijjiirtu. Dhiirota jajjaboo, warra lolanii mo'an uumuun akka sabaattis cimnee itti fufuuf gargaara. | 37 |
| 3 | https://t.me/EnMHouse
"English Mastery House" join gochuun itti dabalamaa! Dandeettii Afaan Ingiliffaa keessan cimsaa! | 46 |
| 4 | Yeroo namoonni sababii wallaalummaa keen si tuffatan kan hin aarre, yeroo namoonni sababii hiyyuma keen si tuffatan, kan hin mufanneef, nama obsaa qabu waan taateef miti, hafuurri dhiirummaa kee waan du'eef. Hiyyumni kee si hin aarsu taanaan, wallaalummaan kee si hin aarsu taanaan, namota biratti gatii dhabuun kee si mufachiisu taanaan, intalli ati ija jaalalaan ilaaltu sun kan dhiira biraa ta'uun si hin aarsu yoo ta'e, maaltu si aarsee anniisaa ittiin jireenya kee jijjiirtu siif kenna!? Dhiirri bu'uurarraa yoo hin aarre, aarii isammoo kallattii madda anniisaa isaaf ta'utti qajeelchuu yoo hin dandeenye matumaa jijjiiramuu hin danda'u. Aaruu danda'i! Aariin kee garuu akka aarii gowwootaa namootarratti kan xiyyeeffatu osoo hin taane, jireenya kee jireenya namoonni fageenyarraa kabajan taasisuu irratti kan xiyyeeffatu haa ta'u. Yeroo namoonni si tuffatan, tuffii isaanii dagachuurra, tuffii isaanii anniisaa fi sababatti jijjiiruun ittiin jireenyakee tarkaanfachiisuu irratti xiyyeeffadhu! | 54 |
| 5 | "Yaad-rimeen dhiirota ciccimoo malee, maatii cimaa uumuu, maatiiwwan ciccimoo malee, garee hawaasaa ciccimoo uumuu, garee hawaasaa ciccimoo malee, biyya cimtuu ijaaruu" jedhu yaad-rimee hiika dhabeessaa fi dhugaa hin taanedha. Biyyi cimtuun garee dhiirotaa ciccimoo fi gootota ta'aniin ijaaramti. Biyyi dadhabduu fi humna dhabeettiin, bu'aa dhiirota dadhaboo fi dhibaa'oti. | 62 |
| 6 | Miira dhiphina dandamatu, sammuu dhiibbaa jalatti hojjetu gabbifachuu hin dandeenye taanaan jireenya keessatti mo'uuf ni rakkatta. | 76 |
| 7 | Bizinesa jalqabuuf jedhee, Waajjirri Daldalaa Oromiyaa ''Handaara Galaanaa si barbaachisa." waan naan jedhaniifuu, Asab yeroo dhihootti nuuf deebi'uu qaba 😃 | 98 |
| 8 | Dhabuutti beekuun gaariidha. Dhabuutti of madaksuun garuu gaarii miti.
Hiyyumatti beekuun gaariidha. Hiyyumatti of madaksuun garuu gaarii miti.
Tuffatamanii arguun gaariidha. Tuffatamuutti of madaksuun, akka homaayyuu hin taanetti amananii fudhachuun garuu gaarii miti.
Hafuurri kee isaan kana akka cabsu malee akka homaayyuu hin taanetti amanee akka fudhatu hin eeyyamiin. | 109 |
| 9 | Hamma kufaatii sodaattu, hamma tuffatamuu sodaattu, hamma yeroo ta'e tokkoof beela'uu, dheebochuu, namootaan hubatamuu dhabuu sodaattu osoo "gaabbii fuuldura kee jiru" sodaatta ta'e, sila jireenyi kee ni jijjiirama ture.
Dhiirri dhugaan kufaatii, tuffatamuu sodaata osoo hin taane, gaabbii sodaata.
Bor gaabbuurra isaan jireenya keessatti argachuu barbaaduuf lolee bor du'uun filadha!
Goota isa barbaaduuf lolu ta'i malee dabeettii guyyoota gara booddeetti gaabbitu hin ta'iin! | 101 |
| 10 | Baga Ayyaana Irrreechaa bara 2019 nagaan geessan.
Irreechi kun Oromiyaa fi Itiyoophiyaaf injifannoo fidee haa dhufu.
Itti fufnee akkasuma akka kabanyuuf, Irreecha injifannoo haa ta'u. | 97 |
| 11 | English Mastery House" sagantaa isaa boonaaf galmee eegaleera.
Ambootti argamna!
Online barachuu warri barbaaddanis galmaa'uu dandeessu.
Odeeffannoo dabalataa fi galmeef: 0931693189 | 95 |
| 12 | Namoonni baay'een, "Bara baraan jiraattaa? Kan akkas dhamaatu'. 'Isa waggaa meeqa jiraattuuf akkas aarsaa kanfalta?" jechuu barbaadu. Ati garuu bara baraan waanan hin jiraanneefan aarsaa kanfaluu filadhe. Waggoota dhuma hin qabneef waan hin jiraanneefanis dhamaa'uu jaaladhe jedhiin!
Namoonni dhibaa'oon waan duutuuf hojjechuu yoo dhiisteeyyuu rakkoo hin qabu jedhanii yaadu. Manni isaan keessa hin jiraanne akka ijaaramu, maaddii isaan irraa hin hirmaanne akka dhihaatu hin fedhan! Dhibaa'oon ofittoodha! Dhibaa'oon diina nama hundumaati! | 106 |
| 13 | Gabaabaas taatu dheeraa
Furdaas taatu qal'aa
Bareedaas taatu fokkisaa
Beekamaas taatu kan hin beekamne
Sooressa taatu hiyyeessa, filannoo ati qabdu tokkoo fi tokko cimtee hojjettee of jijjiiruudha. Cimanii hojjechuun, iddoo kamittuu, haala kam keessattuu, safartuu kamiinuu filannoo sirriidha! | 102 |
| 14 | Gootummaan sodaachuu dhiisuu miti, gootummaan osuma sodaan sitti dhaga'amuu loluu danda'uudha! | 105 |
| 15 | Namoonni diinota kee ta'uu danda'u. Ati garuu diina ofiikee hin ta'iin.
Namoonni si haa jibban, ati garuu of hin jibbiin.
Namoonni si haa tuffatan, ati garuu of hin tuffatiin.
Namoonni si haa shakkan, ati garuu of hin shakkiin.
Namootaan ganamuurra sammuu keen ganamuu sodaadhu.
Sammuun kee diinota kee loluurra si akka lolu eeyyamnaan, sammuun kee si faana akka hiriiru gochuurra diinota kee faana akka hiriiru goonaan, kisaaraa jireenyaa isa hamaadha. | 106 |
| 16 | https://www.facebook.com/share/p/1Dm282HHFW/ | 1 |
| 17 | Addunyaa, abbaan ilma cimaa ittiin boonu qabaachuu barbaadu keessatti, haati ilma cimaa guyyaa gadheetti abdattu qabaachuu barbaaddu keessatti, obboloonni obboleessa goota qabaachuu barbaadan keessatti, ijoolleen abbaa goota gara isaa ilaaltu qabaachuu barbaaddu keessatti, haati manaa abbaa manaa cimaa itti hirkatta qabaachuu barbaaddu keessatti, ati sababii dhibooftuuf, sababii aarsaa kanfaluu sodaattuufis hin qabdu! | 110 |
| 18 | Osoo namoonni ilaalanii mo'uuf yaaluun, osuma isaan ilaalanii kufuun, osuma isaan ilaalanii deebitee ka'uuf yaaluun, hammam dhiphisaa akka ta'e ni hubattaa laata!?
Waa'ee kanahoo yaaddee beektaa? Maaliif namoonni yaaluu sodaatu? Maaliif namoonni kufaatii sodaatu?
Maaliif namoonni jireenyaaf aarsaa kanfalaa akka jiranitti yaadamuu hin barbaadan? Fedha jireenyaaf aarsaa kanfaluu isaan keessa jiruuf maaliif humna hin kennan?
Namoonni yaalanii milkaa'uu dhabuu, kufaatii ni sodaatu. Kan isaan sodaatan garuu dhugaatti milkaa'uu dhabuu yookiin immoo kufuu miti. Yeroo isaan yaalanii milkaa'uu dhaban, yeroo isaan kufan isa namoonni jedhaniin sodaatu.
Isa namoonni keessoo isaaniitti yookiin walii walii isaaniitti, "Ilaa namicha carraa dhabeessa sana! Ilaa namicha waa milkoofneef sana! Ilaa namicha yeroo hunda hojjetu garuu immoo jireenyi isaa akkuma kan keenya ta'e sana!" isa namoonni jedhaniin sodaatu.
Dhugaan jiru garuu akkas miti. Isaanirra kufaa kan jirtu, waan isaan si caalaatti fuula Waaqayyootti faara tolaan ilaalamaniif miti. Isaanirra yaalaa waan jirtuuf, baay'ee yaaluu keessa immoo tarii baay'ee kufuun waan jiruuf, isaaniitti nama baay'eedhuma jireenya keessatti kufaa jiru itti fakkaatta. Waggoota booda garuu milkaa'uu kee qofaan osoo hin taane, nama baay'ee kufee ka'uu danda'u ta'uu keenuu isaan caalaatti nama gatii qabeessa in taata. | 131 |
| 19 | Naamusi jireenyaa gochuu qofa osoo hin taane, gochuu dhiisuus of keessaa qaba. Milkaa'inni itti fufinsaan gochuu qofa osoo hin taane, itti fufinsaan gochuu dhiisuus of keessaa qaba. | 92 |
| 20 | Dhugaa jireenya kee jalaa hin baqatiin.
Hiyyeessa yoo taate, hiyyeessa akka taate amani. Namootatti osoo hin taane, ofii keetti himi.
Wallaalaa yoo taate, wallaalaa akka taate amani. Namootatti osoo hin taane, ofii keetti himi.
Naamusa jireenyaa hin qabdu yoo ta'e, naamusa jireenyaa akka hin qabne amani.
Erga kana hunda amantee, maal gochuu akka qabdu yaadi. Yaada kee qindeessi. Isa booda tarkaanfii fudhadhadhu malee ati akka warra kaanii miidiyaa hawaasaa keessa, qoosaa fi tapha jireenya keetti homaa hin daballe keessa of dhoksuuf hin yaaliin. Jalaa baqachuun osoo hin taane, itti baatee loluun qofa of oolchita. | 114 |
