cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

پست‌های تبلیغاتی
9 571
مشترکین
+1024 ساعت
+87 روز
-1630 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

𝙗𝙖𝙙𝙝𝙖𝙖𝙛𝙖𝙢𝙩𝙚𝙚𝙩𝙩𝙖 𝑑𝑎𝑐ℎ𝑒𝑒 𝑡𝑎𝑛𝑎𝑟𝑟𝑎 𝑏𝑎𝑑ℎ𝑎𝑎𝑠𝑛𝑖 𝑔𝑢𝑑𝑑𝑎𝑎𝑛 𝙮𝙚𝙧𝙤𝙤 𝙖𝙢𝙢𝙖𝙖 𝑡𝑎𝑛𝑎. 𝑦𝑒𝑟𝑜𝑜𝑛 𝑎𝑚𝑚𝑎𝑎 𝑡𝑢𝑛 𝑦𝑜𝑜 𝑑𝑎𝑏𝑎𝑟𝑡𝑒, 𝑑𝑎𝑏𝑎𝑟𝑡𝑒𝑒𝑑ℎ𝑎. ℎ𝑜𝑜𝑚𝑡𝑢𝑢 𝑖𝑠ℎ𝑖𝑖 ℎ𝑖𝑛  𝑑𝑒𝑒𝑏𝑖𝑠𝑢. 𝑜𝑑𝑢𝑢 𝑠𝑖𝑛 𝑓𝑎𝑦𝑦𝑎𝑑𝑛𝑒 𝑑ℎ𝑎𝑔𝑔𝑒𝑒𝑓𝑓𝑎𝑐ℎ𝑢𝑢𝑑ℎ𝑎𝑛,  𝙫𝙞𝙙𝙚𝙤 𝑠𝑖𝑛 𝑓𝑎𝑦𝑦𝑎𝑑𝑛𝑒 𝑖𝑙𝑎𝑎𝑙𝑢𝑑ℎ𝑎𝑎𝑛 𝑢𝑚𝑢𝑟𝑖𝑖 𝑘𝑒𝑒𝑡𝑖𝑟𝑟𝑎𝑎 𝑑𝑎𝑞𝑖𝑖𝑞𝑎𝑎  𝙨𝙝𝙖𝙣𝙞𝙡𝙡𝙚𝙚 𝑡𝑎𝑎𝑡𝑢 ℎ𝑖𝑛 𝑔𝑢𝑏𝑖𝑛. 𝙖𝙠𝙠𝙖𝙢𝙞𝙩𝙩𝙞 𝙮𝙚𝙧𝙤𝙤  𝙠𝙚𝙚 𝙩𝙤𝙡𝙖 𝙠𝙚𝙣𝙣𝙞𝙩𝙖?  𝑛𝑎𝑚𝑜𝑜𝑛𝑛𝑖 𝑖𝑑𝑑𝑜𝑜 𝑔𝑢𝑑𝑑𝑎𝑎 𝑔𝑎ℎ𝑎𝑛 𝑦𝑒𝑟𝑜𝑜 𝑖𝑠𝑎𝑎𝑛𝑖𝑖 𝑤𝑎𝑛𝑡𝑎 𝑖𝑠𝑎𝑎𝑛 𝑗𝑖𝑗𝑗𝑖𝑖𝑟𝑢 𝑞𝑜𝑓𝑎𝑎𝑓 𝑘𝑒𝑛𝑛𝑎𝑛𝑖𝑖𝑡𝑖. 𝑎𝑡𝑖𝑠 𝑦𝑒𝑟𝑜𝑜 𝑘𝑒𝑒 𝑘𝑖𝑡𝑎𝑎𝑏𝑎 𝑑𝑢𝑏𝑏𝑖𝑠𝑢𝑢𝑑ℎ𝑎𝑛, ℎ𝑜𝑗𝑖𝑖 ℎ𝑜𝑗𝑗𝑎𝑐ℎ𝑢𝑢𝑑ℎ𝑎𝑛 𝑦𝑜𝑜 𝑑𝑎𝑏𝑎𝑟𝑠𝑖𝑡𝑒 𝑚𝑎𝑎𝑙 𝑞𝑎𝑏𝑎? 𝙮𝙚𝙧𝙤𝙤 𝙠𝙖𝙢𝙞𝙞𝙮𝙮𝙪𝙪 𝙮𝙚𝙧𝙤𝙤 𝙮𝙚𝙧𝙤𝙤𝙙𝙝𝙖𝙣 𝙟𝙞𝙟𝙟𝙞𝙞𝙧𝙧𝙖𝙢𝙞 𝙢𝙖𝙡𝙚𝙚, 𝙮𝙚𝙧𝙤𝙤𝙣 𝙖𝙠𝙠𝙖 𝙨𝙞𝙩𝙩𝙞 𝙝𝙞𝙣 𝙟𝙞𝙟𝙟𝙞𝙞𝙧𝙖𝙢𝙣𝙚. ℎ𝑎𝑙𝑘𝑎𝑛 𝑔𝑎𝑎𝑟𝑖𝑖🙏🏽🙏🏽🙏🏽 𝙢𝙖𝙖𝙩𝙞𝙞 𝙠𝙚𝙚𝙣𝙮𝙖 𝙩𝙖'𝙪𝙪𝙛   👇🏼👇🏼👇🏼 @oro_motivate 𝑑𝑎𝑎𝑤𝑤𝑖𝑡𝑖𝑖 𝑚𝑖𝑙𝑘𝑎𝑎'𝑖𝑛𝑎𝑎
نمایش همه...
👍 40
Yaa ta'u kaa🙎 silas maal jennaree yaa ta'u jennee dhiisna Osuma nutti qorruus callisnee tuma ciisna. maal  jennas sila waa biraa Maal jetturee isin yaa firaa. osoo qabanuu dhabuu Guyyaan onnee cabuu Ittuma dhiisuu malee Caba onneef maali malli sanaan alas maaltu jiraree kan biraa falli. ayiiiii Yaa onnee koo Gorsa  koo diddee Kana siif wayya kaa dhibee natti fiddee Jaaladhu malee jettee kaayyoo koo diigda jaalatame jettee nama hundaaf na dhiigda callistee kaatta dubbii koo tuffattee Har'a kunoo uffata gaddaa uffattee Tasgabaa'i osoon jedhuu obsa dhabde anumatti miidhaa fidde najalaa cabde Callistee fiigda osoo hin beekin Maalummaa akka si caccabsaniif of kennita dhaalummaa. Maalif ati dursa ittin yaaddu? haga dhibamtee dhibeen aaddu Caallistee hin fiigin fuula bareedda laaltee natu beeka jetta akka waan sammuu caaltee jaalatamtoota maatii @oro_motivate yeroo garii qabaadha🙏
نمایش همه...
👍 31 5🙏 5💔 4
Miira kee moo'adhu Guyyaa guyyaan wanta wal fakkaataa dalagdee akkamittiin jijjiirrama garaa garaa eegda? Hirriiba moo'achuun siree keetirraa buutee, bilbila kee lafa/kiisii keessee yoo hin dubbisin, yoo hin hojjatin mee akkamiin milkoofta ? Tarii Akka ati kitaaba hin dubbisne, akka ati hojii hin hojjanne wantonni baay'en sababa sitti tolaniif si nuffisiisuu danda'a har'aaf. Akka obbolummaatti wantin ani si gorsu yoo jiraate kan har'a of jijjiiruf aarsaa kaffaluu dadhabde, jaalattus jibbitus guyyaan wayii, guyyaan ati aarsaa kaffaltullee kan of jijjiiruu hin dandeenya fuldura keetti si eegaa jira👉dulluma. Gama tokkoonis dargaggummaa keessa waan jirtuuf wantoonni jireenya kee balleessan tokko tokko sitti bareeduu danda'a, beekan garuu yeroo dargaggummaa isaat jireenya isaa bareecha. Kanaafuu aarsaa kaayyoo keef madaalu yoo kaffalte wanta si madaalu nii argatta. Kabajamtoota maatii @oro_motivate halkan eebbaa isiniif hawweera
نمایش همه...
👍 34💔 6 5
Gammaddii jiraadhu Gammachuu kee haala jireenya kee waliin wal hin qabsiisin. Gammaduuf rakkoon dhabamuun dirqama miti; Yeroo rakkoo keetii kolfaan dabarsuu fi gaddaan dabarsuun filannoo keeti. Namoonni baay'en yeroo haala gaarii keessa jiran qofa gammadan. Ati garuu, yeroo hundumaa uumaa keeti fi namummaa kee qofatti gammadi. Addunyaan ati keessa jiraattu dachee tana osoo hin taane, sammuu kee keessa waan ta'eef, Yeroo keessi kee gammadu, Addunyaan tun waan ati gammaddeef si waliin kolfiti. sammuu kee keessa jiraachuu yeroo eegalte, Wanti ati rakkisaadha jettee yaadde salphaa taʼuu isaa nii hubatta. Gaaffin jireenya keetii deebii dhabee tures deebii siif argachuu eegala. Sana booda Namoonni baay'en madda gammachuu keetii baruuf si kabaju, si dhaggeeffatus. Namoota baay'ee biratti iddoo gudda argatta. Hojii keetin nii ajaa'ibsiifatamta. ilaa fira koo   rakkina dachee tanaa dhiistee sammuu kee keessa jiraachun eenyummaa kee yeroo barte uummamuun kee qofti si gammachiisa. Gammachuu hunda isiniif hawweera @oro_motivate Daawwitii milkaa'inaa
نمایش همه...
👍 38 8🙏 3🥰 1
Jalqaba jaalala Guyyaa sana erga gaafa dura si argee Ergasumaa jaalalli kee  keessa koo margee. iftee iftee baata Bareeddee akka biiftuu Silaa tiyya onneen yaada keen dhiiftuu Anoo argee hin beeku kan akka kee eenyutu jiraa Bareedina kee qofaa miti Amalli kees kunoo haadha firaa Galata uumaa kan ati badhaasa too taate jaalalli kan kee Baay'ee gammachuu naaf laate. keessaa bahuun hin ulfaatu siif jedhee yoon bool'a bu'es waa tokkollee hin gaabbu Sif jiraadhee yoon du'es sijaalannaan akkas naan jedhu namoonni abbaa biyyaa Suma waliin godaanuu fedha waa qaama kiyyaa Onneen koo suma jaalate Shamarran biroo mootee Akka waliin jiraannun fedha jireenya koo fataa gootee Yoo jaalala koon argin kanarge sittaa ha himu Ani si dhiisuun barbaadu Jaalalli kee nattaa cimu Si qofa waliin jiraachun fedha hangan lubbun jiru Jaalalan ani si'iif qabu Nama biraatif tasan hiru. 👫❤️‍🩹❤️‍🩹💔💗💗💌 @oro_motivate Yeroo garii🙏🙏🏻🙏🏼
نمایش همه...
💔 16👍 13👌 3👏 2
Karoora hojiitti hiiki Kana booda of jijjiirun qaba, kitaaba Kanas dubbisee xummuruun qaba,  sport eegaluun qaba, ganamaan ka'ee uumaa koo galateeffachuun qaba jettee erga yaaduu qabdee turteetta. Garuu yoom gara hojiitti seenuu feete? Yeroo hundumaa mee torbeen kun yaa dhumu, ji'i kun yaa dhumu, barri haaran yaa dhufu yoon hin eegalin jechaa turte. Ergasii garuu torbee Baay'een, ji'oota Baay'ee fi waggootni Baay'een darbanii jiru. Har'as akkasuma jechuun of sobaa jirtaa? ilaa boss nyaata kan nyaate malee, nyaachuf kan karoora  qabu hin quufu.  Karoorsun wanta bareedadha, gara hojiitti yoo hin hiikin garuu gatii hin qabu. Kanaafuu karoora kee keessa isa tokkicha amma eegal! Isin jalatamtoota @oro_motivate Olmaa bareeddu qabaadhaa
نمایش همه...
👍 31🙏 13 3👏 2💔 2
Wanta badaa irraa ija kee kaasi Kallattiin ilaalcha ija keetii gara ifti jiruun yoo ta'e wantoonni ifa sirraa dhorkuuf dhufan osoo sibira hin gahin duuba keetti hafu. ilaalchi sammuu keetii wanta gaarii irratti qofa yoo xiyyeeffate, wantoonni badaan osoo si hin tuqin cinaa keetti kufu. dukkana teessee ilaalun ifa siif hin fidu/kennu. Jireenya kee keessatti yeroo mijataa argachuuf teessee hin eegin. Ishuma tana haalan mijeeffadhu. Nii yaadattaa🧏‍♂ yeroowwan ulfaaton ati dabarsite tokko tokko namoota tokko tokkoof guyyaa dhumaati. Hubadhu wantoonni ati haala salphaan bira dabartu, namoota biroo salphisuu danda'a. Situ rakkoo caalee uummame malee, rakkoon si caalee uummame akka hin jirre beekun dhiphina malee jiraadhu. Nagaa naaf ta'i by 👋 Ani michuu keessan @oro_oromotivate Halkan mi'ooftu qabaadhaa
نمایش همه...
👍 42 10👏 9
Akkam jirtu jaalatamtootaf kabajamtoota maatii @oro_motivate. Ani obboleessi keessan nagaa kooti, isinis akka nagaa naaf taatan abdiin qaba. gidduu kana isin jalaa bussy ta'uun koo nii yaadatama. Kanaaf immoo dhiifama isiniin jechaa kana booda burumsa keenya seeran akka itti fufnu isinitti himuun barbaada. Ani michuu keessan @oro_motivate dha Yeroo gaarii qabaadhaa
نمایش همه...
👍 19 5🥰 1👏 1
Beekkamtiif nama hin gargaarin Nama gargaaruf caameraa of fuldura keessee Foon biteef jedha mana ishiroo Geessee Guufe jechuun ideessita osoo hin guuttatin garaa Isaaf dhimma hin qabdu kaayyon beekamti baraa Inni karraarra taa'u garuu Harka isaa jala qabee Sababa rakkata ta'eef kabajaaf jaalala dhabee Maaf hin taanu nuti nama waliif yaadu? akka biyyoota biroo Warra waliif aadu? @oro_motivate galgala gaarii🙏
نمایش همه...
👍 38 7👏 5
Dhugaa kee nama hin hubanne hubachiisuf  hin dhama'in. Namoonni baay'en kan dhagahan, dhugaawwan ati dubbattu osoo hin taane, wanta dhagahuu barbaadan qofa dhagahan. Ati calliste jechuun ati soba, isaan dhugaa dubbatan jechuu miti. Akkas osoo hin taane dhugaa kee uuman keetif yeroon akka siif dubbatan taasisaa jirta jechuudha. Kan dubbatu hundi dhugaa hin dubbatu. Yeroo tokko tokko dhugaawwan uuman keetif yeroon siif dubbatan baay'etu jira. Kanaaf dhugaa koo namoonni naaf hubachuu didan jettee hin dhiphatin! Halkan addaa isiniif hawweera🙏🏽 @oro_motivate Join & share
نمایش همه...
👍 40 4👌 4
یک طرح متفاوت انتخاب کنید

طرح فعلی شما تنها برای 5 کانال تجزیه و تحلیل را مجاز می کند. برای بیشتر، لطفا یک طرح دیگر انتخاب کنید.