4 582
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
-77 روز
-3130 روز
آرشیو پست ها
4 582
Yeroon haa deemu, ati hin deemiin
(Walaloo Gannaa)
.
.
Karavaataan Hawwaa, shinshiniin urjiiwwanii
Baarneexaan Waaqayyoo,
Kunoo Yeroon dhufe, jaalala keenyatti
Wayyoo, wayyoo, wayyoo.
Giiftiikoo na dhaga’i
Seenaa kee naa xumuri
Yeroon haa deemu, ati hin deemiin,
Xiqqoo turi.
Kunoo ammoo dhufe,
Yeroon suuta qaxxisee, Yeroon cita gulufee;
Butatee, Narraa si fudhatee adeemuuf
Biyya alaabaa hin qabne furrisee siin seenuuf
Kunoo ammoo as ga’e
Yeroon kee, qaqqabe
Jagni jaarraa meeqaaf jaalala injifate, jaalala gad qabe.
Narraa si fuudhee deemuuf kunoo Yeroon, qaqqabe.
Beeki, tokkittiikoo;
Yeroon abjuu hin dhumnedha,
Himachuudhaaf, hin tolu
Yeroon Shittoo shaarmuxaati
Namaa wajjin lama hin bulu,
Yeroon deemuu malee , deebi’uu hin beeku
Bulee Raajii fidu, gara itti kutu hin akeeku.
Giiftiikoo na dhaga’i
Seenaa kee naa xumuri
Yeroon haa deemu, ati hin deemiin
Xiqqoo turi.
Yeroon yoo barbaade haa deemu,
Sitti haa mufatu
“Naaf ajajamuu didde”
, jedhee Waaqatti si haa himatu.
Yeroon haa deemu, ati hin deemiin
Biyya inni bulchu hin seeniin.
Eyyee, eyyee dhugaadha, soqee soqee karaa dheeraa
…siin naa fidee dhufeera
Garuu abadan, lakki, si fudhatee hin darbu garba keenya daakee
Ofiisaan haa darbu,
As isa hin deebisiin ayyaanni abbaakoo ayyaanni abbaakee.
Barreessaan tokko, Muuziqaan Yeroo hidhaa seenedha jedhee ture,
Dhugaadha, tarii dhugaasaati
Muuziqaadhaan yoo gudunfamte, yeroon karchallee seenti,
…hidhamtuu barabaraa taati.
Maarree!
Koottu,
sirban sii barreessa,
moo banannu?, Muuziqa? Ayyaantuu; Haacaaluu Hundeessaa?
Teeppiin kiiloleesaa, Kaaseta Yeroo nuuf haa ciniinu,
Yeroo nu qooduuf dhufe, Wadaroo sagaleesaan haa hiinu,
Waarii wajjin waarree, Halkanii wajjiniin haa bariinu.
Seenaa qabna hin jennu, kan bor gaabbiitti nu galchu
Seenaan diqaalaadha, kan Yeroon sheenaarraa dhalchu.
Giiftiikoo na dhaga’i
Seenaa kee naa xumuri
Yeroon haa deemu, ati hin deemiin
Xiqqoo turi.
Yeroon jagna Uumaati, kan kadhaan hin laaffisne,
Kan xiyyi Kuupiid darbatu waraanee hin dhaabbisne.
Dhimma hin qabaatiin giiftiikoo
Seenaa kee naa xumuri
Yeroon haa deemu, ati hin deemiin
Xiqqoo turi.
Yeroon ga’eera hin jedhiin
Amma Teessee na cinaa
Inumaa, nu saalfatee haa darbu
Kottu, wajjin ciisnee dabarsinaa.
(Kitaaba Ee-Goo-Ee, dhiyootti as baatu keessaa)
✍️ Aboma Margaa
4 582
Repost from Dr. Abdisa Ejeta
#Oduu_Aagaa!
Dhaabbanni guddichi OromoBook Kitaabota Afaan Oromoo dijiitaalessee karaa 'web application' hojjetaa ture ammammoo of haaromsee gara 'application'mataa isaatti ol guddiseera.
Kan duraaniirraas garaagarummaan isaa Kitaabota Afaan Oromoo keessa kanneen filatamoo tahan walitti qabuun karaa lamaan isiniif dhiyeessaa Jira.
1.Kitaabota gara sagaleetti(audio book)jijjiiruuf namni karaa application kanaa kitaaba barbaade filatee dhaggeeffachuu akka dandahuudha.
2.Application' kana fayyadamuun
Kitaabota Barbaaddan 'PDF'dhaan bitattanii dubbisuu akka dandeessaniif kan hojjetameedha.
Akkamiin argachuu dandeenya gaaffii jedhuuf:
1.Playsore'irraa OromoBook jettanii application kana buufachuu dandeessu.
2.'App store'OromoBook'jechuun buufattanii 'application 'kana bilbila keessanirra godhattanii Kitaabota Barbaaddan haala keessan irratti hundooftanii kitaabota sagaleetti(audio book) jijjiiraman dhaggeeffachuu Yoo feetan ammoo pdf 'tti, kitaaba jijjiirame dubbisuun haala mijataan tajaajilamuu
dandeessu.
👇👇👇
Android-app: https://play.google.com/store/apps/details?id=com.ibex.oromobook
iOS-app: https://apps.apple.com/tr/app/oromo-book/id6739836222
Galatoomaa!🙏
4 582
Oduu aagaa kanneen kitaaba Asoosamaa #Gubaalessa jedhu na gaafataa turtan, garee #OromoBook irraa gama website argachuu dandeessu.
Oduu Aagaa!
Android-app: https://play.google.com/store/apps/details?id=com.ibex.oromobook
iOS-app: https://apps.apple.com/tr/app/oromo-book/id6739836222
Dhaabbanni guddichi OromoBook Kitaabota Afaan Oromoo dijiitaalessee karaa 'web application' hojjetaa ture ammammoo of haaromsee gara 'application'mataa isaatti ol guddiseera.
Kan duraaniirraas garaagarummaan isaa Kitaabota Afaan Oromoo keessa kanneen filatamoo tahan walitti qabuun karaa lamaan isiniif dhiyeessaa Jira.
1.Kitaabota gara sagaleetti(audio book)jijjiiruuf namni karaa application kanaa kitaaba barbaade filatee dhaggeeffachuu akka dandahuudha.
2.Application' kana fayyadamuun
Kitaabota Barbaaddan 'PDF'dhaan bitattanii dubbisuu akka dandeessaniif kan hojjetameedha.
Akkamiin argachuu dandeenya gaaffii jedhuuf:
1.Playsore'irraa OromoBook jettanii application kana buufachuu dandeessu.
2.'App store'OromoBook'jechuun buufattanii 'application 'kana bilbila keessanirra godhattanii Kitaabota Barbaaddan haala keessan irratti hundooftanii kitaabota sagaleetti(audio book) jijjiiraman dhaggeeffachuu Yoo feetan ammoo pdf 'tti, kitaaba jijjiirame dubbisuun haala mijataan tajaajilamuu dandeessu.
Galatoomaa!
4 582
Repost from Walaloon Jaalala
Kabajamtoota Jaallattoo Aartii Maraaf!
Yeroo hundumaa wantoota haaraa fi Aartii Oromoo guddisuu danda’an qabatee kan siniin ga’u Akkaadaamiin Taatummaa Abbaa Lataa ammas waan haaraa tokko siniif qabatee dhufeera. “SEEDAA MUTAA” Tiyaatira nama tokkoo (One Man Show) seenaa aartii Oromoo keessatti yeroo jalqabaaf hojjatame siniif dhiyeessuu isaa yemmuu sin beeksisnu Gammachuu guddaatu nutti dhaga’ama.
Tiyaatirri “SEEDAA MUTAA” jedhu kuni Yidnaqaachoo Warquutiin kan Barreeffamee fi Qajeele yemmuu ta’u, Bakkalchaa Fiixumaa ammoo Waltajjii irratti qooda fudhachuun hojjateera. Seedaan Mutaa Tiyaatira guutuu Sa’aatii 1:30 fudhatu yemmuu ta’u, Argama tokkoo fi Mil’uuwwan sadiin kan dhiyaatedha. Tiyaatira ji’’oota afuurii oliif itti dadhabame kana Akkaadaamiin Taatummaa Abbaa Lataa Tiyaatira kana Prooduus gochuu isaan gammachuu guddaatu nutti dhaga’ama. Maarree isinis sanbata xiqqaa dura keenyaa Adoolessa 12/2017 guyyaa keessaa Sa’aatii 7:30 irraa kaasee, Galma Tiyaatira Biyyoolessaatti waan eebbifamuf, sagantaa eebbaa kana irratti akka argamtaniif kabajaan sin affeerra.
Guyyaa:- Adoolessa 12/2017
🕢:- Sa’aatii 7:30
Iddoo:- Galma Tiyaatira Biyyoolessaa
#SeedaaMutaa
#AbbaaLataaActingAcademy
#NationalTheatre
@fiilmiin
4 582
"Beeki...
Beekin jedhe....
Kolfa keenya keessan, imimmaantu jira
Harcummee gaabbii fi karaabii kaleessaa!
Malee, kolfaan quufaa miti -
Ilkaanuma keenyaaf, amala maleessaa!
Kaachafiitee guddaan abjuu keenya hiiku
Dhuka dubbii keenyaa,yaadaan qofti beeku
Sansaka nu saamee,onneerraa nu foolee
Sammuutti ol belbelee, garaacharra oolee!
Kan Dhangaa busheessu...
Kan Bobbaa urgeessu...
Kan miira nu xuqu...
Cabbii jirbii keessa,yoo nutti bulluqu...
Hantuuta ajjeesneefaa,faacha akka dhaabbannu
Dullattii maseena,korree akka yaabbannu!
Farda kooraa qabuun,camadnee akka qonnu!
Baala doobbii jala,mugnee akka boqonnu!
Jinniin nutti dhaamu
Kan Yaada nu saamu
Kolfa keenya afoo,imimmaan kan bulchu
Goondaa Waaqni hin beekne,Kan Moonjii gangalchu!
Canoon darbaa dutu!
Adalli muggutu!
Booyyeen dil'uu baatu
Mooyyeen gangalatu...
Akka dhaqna qabaa,qeexxa'aa fiixa'sii!
Muraan miira uumamaa,wasiilli 'Maqasii!'
Yaadni wayiitimmaa,nun siqne garaatti!
Kanaaf seeqni keenya,ildima fakkaatti!"
Jedhee bukachuusaa...
Dardarri boojjitoon marqaa tumachuusaa!
Bara jaare keessa,jaarsa arguun in cima
Herregni ittiin qotee,hunduu harrii dhuma!
Jireenya ida'aa...Du'a lamaaf hiree...
Utuu fiigaa kaatuu!
Dardarruu jaarsome,jaarsi addaa hin jiraatu!
"Maal taatan Immamma!" jennaan Sanyoon seeqaa!
"Gooda na dhibe!" jette,gateettiishee hooqaa!
Waammaa nu dhibeera...
✍Abdii Habtee Qajeelaa
(Jaarraa)
4 582
Repost from N/a
📖Mat-duree: Gadoo Moctezuma
📖Barreessaa: Lil.Matiy (Seexaa)
📖Qabiyyee: Seenaa
📖Fuula : 21
📖Format: pdf
4 582
Seera eegaa, yaaduman 'Imagination'dhaan haala yeroo sanaa keessa bade malee homtuu hin taane!
@Guduunfaakoo
4 582
Seera eegaa, yaaduman 'Imagination'dhaan haala yeroo sanaa keessa bade malee homtuu hin taane!
@Guduunfaakoo
4 582
Waggaa booda nan heeruma. Seera maatiitiin. Seera heerumni barbaaduunan heeruma. Durbi heerumuun , dhiirris fuudhuun seera. Seera guutuufan heeruma. Eenyutti akkan heerumu hin beeku.
Gaafan kaadhimamu manaa deemeen, gaafa saddeeti deemamus manaa deemeeni. Kaadhimichi na ilaala jedhan.
Yoon bishaan lagaa waraabu, yoon qoraan guuru, yoon gabaa deemee galu na duubaa hin dhabamu jedhan. Anatu isa wallaale malee! Yoon isa beekee, karaa cabsachuun qaba. Irraa goree jalaa dhokachuun qaba. Akkasitti Burtee argaan guddadhe. Burteen gaafa kaadhimni ishee tasa karaatti itti dhufe fiigdee jalaa dhokatti. Anis akkas gochuun yaada. Burteen erga heerumtee "abbaan manaa durbummaa fudhachuu dadhebe" jedhan. Baay'ee odeeffame.
Ogganan sodaachuu jalqabe. Abbaan manaa ishee tuffatamee itti qoosan."Kun dhiira miti" jedhaniin. Ishee akka xuriitti, akka badduutti ilaalcha addaa irratti uuman. Nama gidduu deemuu saalfatte! Anis isheen heerumaaf jiru sammuutti kana tuulladhe. Halkanii guyyaa, bakkan deemuuf taa'utti kanuman yaada!
Amma guyyaan heeruma kiyyaa gahutti warri fagootti na galchan. Akka yoon waan badii hojjedhu kaadhimni nan argineef! Akka yoon sagalee ol fuudhee kolfu kaadhimni nan dhageenyeef! Akka yoon dhiira waliin deemu warri kaadhimaa na arganii ulee hirkifatan hin fudhanneef!
Waggaa tokkoof bakkan itti gale taa'e.
"Luuccee" jedhee Bareedaan tokko na waama. (Bareedaadha) beekaa! Nannoo warra kiyyaa jiraata. Ji'a shan booda deemee yoon warrakoo dubbisu Bareedaa sana arge. Na biraa deemuu dide.
Amman bakkan dhufetti deebi'utti sodaadhe.
Bareedaan na hordofe bakkan an deemutti.
Akkanni manan ani itti galu hin argine karaatti dhoowween guyyaan ani jedhetti akka deebi'ee dhufu waadaa galeef! Deebi'ee deeme.
Galeen dubartii ollaa takka bira dhaqe.
' Taaddalu, dura dubrummaakoo kennee heerumuun barbaada'n jedheen. Addaggee naan jettu mitii? Nan sodaadhe. Akkan dubara ta'e ilaaluufanis? Waan akkamiiti laata?
Taaddaluun na jajjabeessite. Nama akkamii akka ta'e na gaafatte. Isheen nama kana argitee akka waa'ee koo haasofsiiftu natti himte. Homaa akkan hin sodaanne hamilee naaf kennite. Amma Bareedaan gaafa dhufutti qophii ta'een eege. Taaddaluun isa argite. Waliin haasofte. Durba kaadhimamte, dhiira biraatiif kennuufi. Anuu of kenne mitii? Ormi maal rakkate?
Bareedaan dubara ta'uu kiyya na gaafate. 'Eeyyeen' jedheen ofitti amanamummaa guddaan deebiseef!
"Yoo dubara hin taane nagumaan hin dhama'u, lafa KM 400 olii"jedhe.
"Eenyutu narraa fudhate garuu? ' akkan of shakku na godhe.
Taaddaluu biran dhaqe.
'Yoon durba ta'uu baadhehoo?'n jedheen.
"Malan sitti hima" naan jette!
Mala akkamii?jennaan!
" Herkakee murtee dhiigsitee itti agarsiifta!"
'Akkamittin of mura? Akkamittin osoon ilaaluu qaama kiyya mura? 'surur na jedhe.
Yookan akkana goona"
'Akkam'?Ammas nan gaafadhe.
"Achuma of murta" jette.
Ammas natti hin tolle. Adoodee of wallaaleen moo osoon ilaaluun qaama kiyya ofumaan of mura?
Guyyaan gahee Bareedaan dhufe! Bakka inni jirutti deeme. Inni akkuma bakka bullu ol seeneen muddameetuma natti utaale. Nan dafqe. Nan urgufame. Nan sodaadhe. Waanan jechuu qabu hin beeku.
Erga raawwatee booda utaalee ka'ee achi narraa fagaatee taa'e. Ani durba miti jechuudha. Waan na ajjeesu natti fakkaate. Garuu harka na qabee of duuba na harkisee kaanee baane. Irbaata nyaachuuf. Biiraa afur wal duukaa dhankal godhe. Pheenxee mitii? Maaf dhuga? Taa'een ilaala.
Akka dhugu na affeere. Nan dide. Shanaffaa dabalate. Afaan isaa wal hidhee dubbachuu wallaale..
Akkuma kutaa hirriibaatti deebineen sireerratti kufee rafe. Inni durbummaa kiyya malee nan jaalanne.
Inni durbummaa malee amantaa isaas hin jaalanne.
Ganamaan ka'een gale. Akka Taaddaluun jettes hin goone. Innis durbummaa kiyya hin arganne .
Taaddaluu bira dhaqeen itti hime. Amma afuurri citutti kolfite.
'Maaf biiraa dhuge?'Jedheen gaafadhe!
"Humna godhachuuf jette?
' Humna maalii?'
"Humna ittiin durbummaa fudhatu."Jette.
Anis dabaleen kolfe.