fa
Feedback
Gugee

Gugee

رفتن به کانال در Telegram
623
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
-17 روز
اطلاعاتی وجود ندارد30 روز
آرشیو پست ها
Iftin eegu dhaamtee Hawwiin gaaddiddooftee Qalbiin koo miidhamtee Onneen na madooftee Firriifi michuun koo Qobaatti na gattee Qooda abdii naaf laattu Yaaddoo natti laattee Warri dur qaama koo Har’a yoo fagaatte Haala miti yookan bara Nama miti yookan fira Kan na furu rakkoofi gidiraa Kanin an abdadhu Rabbi qofat jira Maarree haala ilaalee Maafan abdii mura?

Gaafa ati addaattu Akka biiftuu iftee Gaaf abdii naaf laattu Fageenyarraa dhuftee Abdiin siin horadha Jiraachuu keen gammada Ofirran si jaaladha Si kunuunsuun yaada Garuu...

Yaada karaa maqe Deemsa dogoggoraa Galma bulee fagaatu Jajallina karaa Abdii sirra kaa'ee Siif gowwomuu garaa Gumaata hammeenyaa Ulfaatina baraa Hundumaa nan darba Yoon lubbuun jiraadhe Har’a gaabbuu hin dhaqu Kaleessa yaadadhee Sirraa deebii dhabus Bagan si jaaladhe!

Lubbuu koo fira dhabde Isheen marsitee qabde Sis dhabdee qalbii cabde Ijji giraaba hin darbu Qalbiin qaari'us fagoo Qalbiin koo siif gubatti Siif ta'uu baattus dungoo Si arguufis si dhabuufis Gam lachuun dhabe aangoo!

photo content

Jaalalan siif kenne Jibba gootee fiddee Gurra kee cufattee Na dhagahuu diddee.. Naaf galuu diduyyuu Waanti ati yaadde... Si dhabuu koo caala Siin cabuu koon gadde

Osoo nama hin miidhin Jiraachuf gaaf yaaltu Ija gaarummaatiin Hunda gaaf ilaaltu Tokko.... Si ceesisuuf ~Riqicha siif ta'a Rakkoo si moosisuuf~dadhabbii danda'a Tokko... Si kuffisuuf~gufachiisa kaa'a Akka tuffatamtuuf~hir'uu kee lakkaa'a Garuu..... Firri kee baay'atus Ba'aa kee ofiif baatta Hammam darbatamtus Darbitee jabaatta Waan Rabbi siif qoode Hiree kee jiraatta! Hin yaadin!

photo content

Takka takka Ati fira Bakkan yaade Situ jira Takka takka ni diinomta Hanqina koo ormatti himta Dhuftus yaaddoo Deemtus yaada Otoon gadduun Si barbaada Kuttee hin dhuftu Cittee hin haftu Dhuftu sin simadha Badii keen dagadha! Deemtu sin gaggeessa Taa'een of jabeessa! Ati.... Yeroo tokko keessa Lama ta'uu yaaltee Arrabaan na sobaa Natti dugda galte! Ani.... Hammeenya kee dhiisee Gaarummaa kee ilaalee Hunda otoon arguu Siin firoomuu yaalee.... Obsi koo baay'een sun Turee jibba dhale! Egaa.... Bubbulchu wallaaltee Jaalalan siif kenne Kabajan siif laadhe Sodaadha akka hin jenne! Sichi... Jireenya keef jedhee Ani jirma hin baadhu Isa naaf yaadde san Ofuma keef nyaadhu Waa'ee koos naaf dhiisii Anaanis dagadhu!

Kaleessa... Lafan mi'aa jaalalakee taa'ee barreessetti Lafan uffee jedhee galata geessetti, Har'a... Hadhaa jaalalakee ol katabuu dhufee Kootaan komii kootii na jalaatii kufe. Raajiidha! Gubaa jaalalakee barreessuuf carroomee Waanan jedhun dhabe qalamnikoon doome! Daabee😊

photo content

Dukkana roobatiin Farda abdii yaabee Ormatti himuu dhiisee Akkan fira dhabe Dukkana limixii Heddu keessa darbee Kufaa,gatantaraan Deemee as qaqqabe Har'ammoo😂.... Hoomaan jaldeessafaa Gootummaan makmaakee Gaara of fakkeessuuf Ol ka'ee bokokee...! Akka waan gororaan Lafa goge jiiftuu Dhoksuudhaf dhaadatti Guyyaan ifa biiftuu Dhaadannoo dabeessaaf Akkan an rifadhu Shira gadi galtuun Akkan kottoonfadhu Waanin na'u seetee Waan dandeessu gooti Ittiin of gaaguruuf Funyoo dabaa footi! Egaa... Sodaan koo dur dhumee Ani... hin libsadhu Atimmoo...yaalimee Ammas jajjabaadhu

Tulluurra of keessee Yaadaan of dhiibun kee Fayyuu koo dhageessee Qalbii naaf cabuun kee....! Gammachuu koo argitee Gaddaan gurraachoftee Caba koo hawwitee Bishaan naaf akooftee Dhaha badii kootiif Urjiin naaf lakkoofte Hawwiin kee hundinuu Hawwii taatee hafte! SICHI..... Si gammachiisudhaaf Caba koo hin himu iyyee Gaddi koos darbeera Dhukkuba koos fayyee! Gammachuu koof gaddi Gammadeera eeyyee!

Sagaltama gufadhee Miidhame osoo hin jenne Faajjii jaalalaa baadhee Jiraachisuuf of kennee Jaalala tursiisuf Fedhii koo wareegee Waadan ofiif gale Jajjabaadheen eege! Ta'us.... Gatiin ani baase Didee badii ta'ee Hongeen itti cimee Abdiin koo boba'ee Du'a hawwii kootii Ormarraan dhaga'e! Edaa..... Jaalalli kaanif wabii Kaan wabii dhabsiisa Abdii namaa gubuuf Ibidda qabsiisa!

Imimmaan koo har'a jigee Jaalala keef lola'e Nagaan koo toora dhabee Sababa keen boora'e Jiruun koo bara hedduuf Jaalala keef diigame Sababan si jaaladheef Nama hundaan dhiibame Tarii boru siif gala Gaafa jaalattee dhabde Lafatti hin dhiisu Rabbi Qalbii kiyya siif cabde Tarii siif galuu mala Inni har'a qoosaa ta'e Boru boosseen arga Gaafa dhugaan koo bahe Na jaaladhus siin jedhee Boo'ee sin dararu Nagaatti, karaa gaarii Tasayyuu sin abaaru! #Sagni-Biru

Onnee jaalalaatu Abdii koo moosisee Si dhuunfachuu hawwee Badii hunda dhiisee Otoon siin miidhamuu Anaan na boochisee-si'iin si boonsise! Garuu....si'iin Yeroon si hin barsiifne Jaalalli si hin moone Badiin kee sii hin ifne Akkan dhiisu hin goone Sammuun kee si ganee Balleessutti boone! Animmoo.... Naaf jiraachuu baattus Jiraachuu kee hin jibbu Siin miidhamee ka'ees Kan darbetti hin gaabbu!

Yoo ta'eef maaltu ta'a? Yoo hintaanef maaltu hafa? Dhaabbadheef eenyu ka'a? An ciiseef eenyu kufa? Silaa lixee bari'a Kaan deemnan kaantu dhufa! Akkasitti naanna'aa Jireenyi oo itti fufaa! Akka maaltu hintaaneef Ofta'uu koo jibbitee? Ofii kee dagattee Waa'ee koof sirbitee? Ani ana  - Atis si'i Yaada koo nan beekaa-Isa yaadde ta'i

Na waliin jiraachuuf Anaaf seera baafta! Ormaaf ba'aa baachuuf Hammeenyaan na kaafta! Akka harree halaaktee Otoo ati dhudhuuftuu Waan sagal mammaaktee Ormaaf yoo gugguuftu Maaf sitti hin mul'atuu Inni ati afuuftu? Sirraa adda bahuu koof Maaf baay'ista komii? Beenyan oolmaa keetii Gatiinsaa hammami? Waa'ee koo namatti himtu Mee anumatti himi!