623
订阅者
无数据24 小时
-17 天
无数据30 天
帖子存档
623
Iftin eegu dhaamtee
Hawwiin gaaddiddooftee
Qalbiin koo miidhamtee
Onneen na madooftee
Firriifi michuun koo
Qobaatti na gattee
Qooda abdii naaf laattu
Yaaddoo natti laattee
Warri dur qaama koo
Har’a yoo fagaatte
Haala miti yookan bara
Nama miti yookan fira
Kan na furu rakkoofi gidiraa
Kanin an abdadhu
Rabbi qofat jira
Maarree haala ilaalee
Maafan abdii mura?
623
Gaafa ati addaattu
Akka biiftuu iftee
Gaaf abdii naaf laattu
Fageenyarraa dhuftee
Abdiin siin horadha
Jiraachuu keen gammada
Ofirran si jaaladha
Si kunuunsuun yaada
Garuu...
623
Yaada karaa maqe
Deemsa dogoggoraa
Galma bulee fagaatu
Jajallina karaa
Abdii sirra kaa'ee
Siif gowwomuu garaa
Gumaata hammeenyaa
Ulfaatina baraa
Hundumaa nan darba
Yoon lubbuun jiraadhe
Har’a gaabbuu hin dhaqu
Kaleessa yaadadhee
Sirraa deebii dhabus
Bagan si jaaladhe!
623
Lubbuu koo fira dhabde
Isheen marsitee qabde
Sis dhabdee qalbii cabde
Ijji giraaba hin darbu
Qalbiin qaari'us fagoo
Qalbiin koo siif gubatti
Siif ta'uu baattus dungoo
Si arguufis si dhabuufis
Gam lachuun dhabe aangoo!
623
Jaalalan siif kenne
Jibba gootee fiddee
Gurra kee cufattee
Na dhagahuu diddee..
Naaf galuu diduyyuu
Waanti ati yaadde...
Si dhabuu koo caala
Siin cabuu koon gadde
623
Osoo nama hin miidhin
Jiraachuf gaaf yaaltu
Ija gaarummaatiin
Hunda gaaf ilaaltu
Tokko....
Si ceesisuuf ~Riqicha siif ta'a
Rakkoo si moosisuuf~dadhabbii danda'a
Tokko...
Si kuffisuuf~gufachiisa kaa'a
Akka tuffatamtuuf~hir'uu kee lakkaa'a
Garuu.....
Firri kee baay'atus
Ba'aa kee ofiif baatta
Hammam darbatamtus
Darbitee jabaatta
Waan Rabbi siif qoode
Hiree kee jiraatta!
Hin yaadin!
623
Takka takka
Ati fira
Bakkan yaade
Situ jira
Takka takka ni diinomta
Hanqina koo ormatti himta
Dhuftus yaaddoo
Deemtus yaada
Otoon gadduun
Si barbaada
Kuttee hin dhuftu
Cittee hin haftu
Dhuftu sin simadha
Badii keen dagadha!
Deemtu sin gaggeessa
Taa'een of jabeessa!
Ati....
Yeroo tokko keessa
Lama ta'uu yaaltee
Arrabaan na sobaa
Natti dugda galte!
Ani....
Hammeenya kee dhiisee
Gaarummaa kee ilaalee
Hunda otoon arguu
Siin firoomuu yaalee....
Obsi koo baay'een sun
Turee jibba dhale!
Egaa....
Bubbulchu wallaaltee
Jaalalan siif kenne
Kabajan siif laadhe
Sodaadha akka hin jenne!
Sichi...
Jireenya keef jedhee
Ani jirma hin baadhu
Isa naaf yaadde san
Ofuma keef nyaadhu
Waa'ee koos naaf dhiisii
Anaanis dagadhu!
623
Kaleessa...
Lafan mi'aa jaalalakee taa'ee barreessetti
Lafan uffee jedhee galata geessetti,
Har'a...
Hadhaa jaalalakee ol katabuu dhufee
Kootaan komii kootii na jalaatii kufe.
Raajiidha!
Gubaa jaalalakee barreessuuf carroomee
Waanan jedhun dhabe qalamnikoon doome!
Daabee😊
623
Dukkana roobatiin
Farda abdii yaabee
Ormatti himuu dhiisee
Akkan fira dhabe
Dukkana limixii
Heddu keessa darbee
Kufaa,gatantaraan
Deemee as qaqqabe
Har'ammoo😂....
Hoomaan jaldeessafaa
Gootummaan makmaakee
Gaara of fakkeessuuf
Ol ka'ee bokokee...!
Akka waan gororaan
Lafa goge jiiftuu
Dhoksuudhaf dhaadatti
Guyyaan ifa biiftuu
Dhaadannoo dabeessaaf
Akkan an rifadhu
Shira gadi galtuun
Akkan kottoonfadhu
Waanin na'u seetee
Waan dandeessu gooti
Ittiin of gaaguruuf
Funyoo dabaa footi!
Egaa...
Sodaan koo dur dhumee
Ani... hin libsadhu
Atimmoo...yaalimee
Ammas jajjabaadhu
623
Tulluurra of keessee
Yaadaan of dhiibun kee
Fayyuu koo dhageessee
Qalbii naaf cabuun kee....!
Gammachuu koo argitee
Gaddaan gurraachoftee
Caba koo hawwitee
Bishaan naaf akooftee
Dhaha badii kootiif
Urjiin naaf lakkoofte
Hawwiin kee hundinuu
Hawwii taatee hafte!
SICHI.....
Si gammachiisudhaaf
Caba koo hin himu iyyee
Gaddi koos darbeera
Dhukkuba koos fayyee!
Gammachuu koof gaddi
Gammadeera eeyyee!
623
Sagaltama gufadhee
Miidhame osoo hin jenne
Faajjii jaalalaa baadhee
Jiraachisuuf of kennee
Jaalala tursiisuf
Fedhii koo wareegee
Waadan ofiif gale
Jajjabaadheen eege!
Ta'us....
Gatiin ani baase
Didee badii ta'ee
Hongeen itti cimee
Abdiin koo boba'ee
Du'a hawwii kootii
Ormarraan dhaga'e!
Edaa.....
Jaalalli kaanif wabii
Kaan wabii dhabsiisa
Abdii namaa gubuuf
Ibidda qabsiisa!
623
Imimmaan koo har'a jigee
Jaalala keef lola'e
Nagaan koo toora dhabee
Sababa keen boora'e
Jiruun koo bara hedduuf
Jaalala keef diigame
Sababan si jaaladheef
Nama hundaan dhiibame
Tarii boru siif gala
Gaafa jaalattee dhabde
Lafatti hin dhiisu Rabbi
Qalbii kiyya siif cabde
Tarii siif galuu mala
Inni har'a qoosaa ta'e
Boru boosseen arga
Gaafa dhugaan koo bahe
Na jaaladhus siin jedhee
Boo'ee sin dararu
Nagaatti, karaa gaarii
Tasayyuu sin abaaru!
#Sagni-Biru
623
Onnee jaalalaatu
Abdii koo moosisee
Si dhuunfachuu hawwee
Badii hunda dhiisee
Otoon siin miidhamuu
Anaan na boochisee-si'iin si boonsise!
Garuu....si'iin
Yeroon si hin barsiifne
Jaalalli si hin moone
Badiin kee sii hin ifne
Akkan dhiisu hin goone
Sammuun kee si ganee
Balleessutti boone!
Animmoo....
Naaf jiraachuu baattus
Jiraachuu kee hin jibbu
Siin miidhamee ka'ees
Kan darbetti hin gaabbu!
623
Yoo ta'eef maaltu ta'a?
Yoo hintaanef maaltu hafa?
Dhaabbadheef eenyu ka'a?
An ciiseef eenyu kufa?
Silaa lixee bari'a
Kaan deemnan kaantu dhufa!
Akkasitti naanna'aa
Jireenyi oo itti fufaa!
Akka maaltu hintaaneef
Ofta'uu koo jibbitee?
Ofii kee dagattee
Waa'ee koof sirbitee?
Ani ana - Atis si'i
Yaada koo nan beekaa-Isa yaadde ta'i
623
Na waliin jiraachuuf
Anaaf seera baafta!
Ormaaf ba'aa baachuuf
Hammeenyaan na kaafta!
Akka harree halaaktee
Otoo ati dhudhuuftuu
Waan sagal mammaaktee
Ormaaf yoo gugguuftu
Maaf sitti hin mul'atuu
Inni ati afuuftu?
Sirraa adda bahuu koof
Maaf baay'ista komii?
Beenyan oolmaa keetii
Gatiinsaa hammami?
Waa'ee koo namatti himtu
Mee anumatti himi!
