cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

Gugee

@

نمایش بیشتر
پست‌های تبلیغاتی
661
مشترکین
-124 ساعت
-27 روز
-730 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

Sitti himus yeroo hunda Akkan si jaaladhu Natti uumtee madaa Akkan kulkulfadhu Akkan si jaaladhu yaadaa Akkan si'iin baadhu Yoo hawwite ta'e Abdii kee muradhu! Anii... Kan akka garaa kootii Barbaaduf gaara hin bahu Si muudee akka mootii Si'iinis garaa hin gahuu! Lafa ati hinjirre Si barbaadaa hin jiraadhu Kan garaa kootii dhabeef Gaararraa faana hin kaadhu! Arrabni kee lallabeef Oduu keef gurra hin laadhu 👇👇👇 https://t.me/kedi338
نمایش همه...
Gugee

@

🔥 2
Photo unavailableShow in Telegram
4
Erga dhuftee deemtee, carraan mana si fidee Ati baatee galtee, waatu ba'uu dide. Mana keetti galte - fooniin Mana kootti hafte - fooliin! Foolichi, Ijaan hin argamu Harkaan hin qabamu Haqa dharra'amu! Gati-jabeettiikoo, caaltuu warqeef meetii Manakoo ka dhiphise, urgaa foolii keeti! * * Kanaa'ol Badhaadhaa
نمایش همه...
3
Yaadannoo abdii kaleessaa Qabeenya koo godhadhee Bakka na dhiiftee deemte Har’a qobaa dhaabadhee Fira hundumaa jibbeen Dukkana firoomfadhe! Addeessa fagoo jiru Ilaalee fugug gama Ifa urjootaa keessaan Fuulli kee natt argama Qilleensi natti huursu Jaalala kee natti hima Har'as fagoo otoo jirtuun Jaalala kee dhandhama!
نمایش همه...
👍 2 1🕊 1
Ani.... Akkati na jaalattu Utuun sirriitti beekuu Akkati na laalattuuf Sitti bubbutee ceekuu, Akkati na jibbitee Garaa narraa murattuu Badii baayyeen dalage Ija kan kee durattuu. Ati garuu... Onneekee qulqulluu Erga naaf kudhaamtee Akkuma waan duuddee Agartuun kees jaamtee, Dabakoo ni beekta Ijaan ni agarta, Dhiibdee dhidhiibbattee Na bira dabarta, Jaalala naaf qabduuf Hundumaa sabarta. Isan sitti dabu Jedhee “yoos na dhiiftii” Kan kee onneen diddee Jaalaluma biiftii.. Miidhaan sitti ooleef Deebiin kee jaalalaa, Dhugaan na jaallatta Miirrikees naa-galaa... Garuu..... Miidhama kee aartee Maaf booree'n baafanne, Waanan sin simanneef Maaliif nan gaafannee? Madaa garaa keetii Afaanii baafattee, Sababan si dheessuuf Osoo na gaafattee...? Waan akkana sirraa Garaakoo na mure Iccitii duubasaa Sittan himan ture. Sittan hima ture... Addunyaa jaalalaa Kanaan dura lixee Humnaafi yerookoo Keessatti akkan fixe, Dhugaadhaan jaaladhee Amanee ganamee Hangam akka ceephoon Mataan na baname, Keessatti caccabee Mataa hanga miilaa Addunyaa kanarraa Akkan qabu jiila... Xiyyisaa woraanee Onneekoo na huree Madaa akkan qabu Sittan himan ture. Egaa..... Of-miidhuuf, wal miidhuuf Maaliif bututama Maafan gufuu tokkoon Lama rukutamaa? Kanaaf..... Si gowwoomsuun fedhu Siif rukutee dibbee, An si jibbees miti Jaalaluman jibbee, Murtiin kun si miitus Borimmoo si kiiftii Anis sin hubadhaa Naaf hubadhu giiftii... Jaalala hin qabne Madaa, gaabbiif aarii Naaf ta’ii jiraadhu Obboleettii gaarii! ©️ Riyaad Raayyaa
نمایش همه...
👍 3
Deemeen ture, faana kee biraa yaada kee jalaa Si dagachuuf, si baqachuuf Gola sagaleen kee ana hin jeeqneetti Iddoo afuurri kee ana hin geenyetti Galma ayyaanni kee ana hin beeknetti Eyyeen deemeera, miira kees beekeera An dhiyaadhu, fagaachuu kee Jaalala koo, baqachuu kee Si dagadhee of yaadachuuf Si baqadhee, of argachuuf Dhuguma deemeera, deemuu koottis milkaa'eera            Garuu,...... Si dagadhee, of yaadannaan Si baqadhee, of argannaa Argannookoo yoon qoradhu, waa'ee keeti kan mul'atu Yaadannoo koo yoon qo'adhu, maqaa keeti kan dubbatu          Edaa,..... Anummaa koo situ caale Eenyummaa koos, situ dhaale! ✍️Milkii Magarsaatin!
نمایش همه...
2
Waliin guddaa yaadnee Dadhabnus milkeessuu Waliin xiqqoo deemnee Yaadnis wal faallessu.... Jabina kee himtee Ibsuuf laafina koo Arrabatti cimtee Laaqaa hin oolin bukoo! Waliin ta'uu baannus Walirraa fagaanna Waliin jiraachuun hafus Wal malee jiraannaa! Yakka koo lakkaa'uuf Ofirra ilaaluu dhiiftee Karaa kee akkan tolchuuf Ofiif na yaadaa turtee Karaa keerra deemuuf Erga garaa murtee...! Hanqinaaf cimina koo Hundumaa naaf dhiisi Arraba kee takaalii Yoo feete barrisi! Isa na barsiisuu yaadde Ofii kee barsiisi! 👇👇👇👇👇 https://t.me/kedi338
نمایش همه...
Gugee

@

3
Yeedaloo jaalala keen Walaloo bareeffadhee Ritimii onnee dhugaan Jireenya haareffadhee Maaddii jaalalaarra Abdii jiruu sooradhee Mucuca baraa keessa Siinan ka'ee dhaabadhe! 👇👇👇 https://t.me/kedi338
نمایش همه...
Gugee

@

(?!) Kan kee kun silaa farga! Mukukkulaan Qaalluu dhaqu Waan boba'u silaa dhaamsuuf Bishaan yaa'u itti naqu Erga kan boba'u..... isa yaa'uun humna dhabee, akka hin kaanetti harka laatee, of dadhabe Kan kee aariin hin boba'a Koo callisuun qabbana’a Kan kee maaf hin dhaamu; maaf hin caamu Maaf baay'atee, qaanqeen isaa faffaca’a?
نمایش همه...
👍 1
ANA:-👇 "Kan dhabasheen wawwaattuufi, eenyu abbaashee waan caaltuufi? Baastee gatuun bar laayyoodha, kan si gante way aayyoodhaa?' ANUMTIMMOO:-👇 "Abdiin kankoo akka guutu, aantii aayyoo bakka buutu, Taasifachuuf, utuu lubbuun, na eeggatuu, gar-jabeenya, eessaa fidee, haree gatu?" ANA:-👇 "Tokko deemnaan, tokkot dhufa, siin maaf yaadni qoonqoo cufaa? Uumamuushee sammuu dagii, sooma dhiisii, nyaadhuu, dhugi!" ANUMTIMMOO:-👇 "Dur nyaatnikoo hidhiisheeti, dhugaatiinkoo nadhiisheeti! San yaaduutu, maddii qorqee, foon na fixa, dhangaa kamtu, hulaa kokkee, gad na lixa?" Jedheen, yaadaan, ofee faana, gargar cita! Beeki kana...!👇 'Badi!' jechuun, hin yaadamu, eessaa badda? si dagachuun, si yaadachuu, keessaa madda! Yaadumakeef, yoon saaqqadhu, karra manaa, si yaadachuun, of dagachuuf, carraa bana! Gaaf akkanaan, anaaf ani, wayyaa gannu, gaafa Sana, siyyuu, dhiisii, na'n yaadannu! 🚶🚶🚶 Aga Guda
نمایش همه...
2