fa
Feedback
Mana barumsa sadarkaa 2ffaa shaalaqaa jaatanii Alii magaalaa yaaballoo

Mana barumsa sadarkaa 2ffaa shaalaqaa jaatanii Alii magaalaa yaaballoo

رفتن به کانال در Telegram

mana barumsa sad.2ffaa shaalaqaa Jaatanii Ali

نمایش بیشتر
3 724
مشترکین
-324 ساعت
+67 روز
+5230 روز
آرشیو پست ها
Beeksisa Barattoota Kutaa 12ffaa Bara 2018 Hundaaf ------------- BBO - Waxabajjii 12/2018 Qormaatni Biyyoolessaa Xumura Barnoota Sad. 2ffaa Kutaa 12ffaa Bara 2018 Waxabajjii 23/2018 kan eegalamu ta'uu, Daayirektarri Tajaajilli Madaallii Barnootaafi Qormaatilee biyyoolessaa Dr. Isheetuu Kabbadaa beeksisaniiru. Kanaafuu, barattootni qormaaticha #CBT (online)n fudhatan hunduu qormaata yaalii isaaniif ergamaa jiru cimanii akka shaakalaniifi kanneen waraqaan qoramanis qophii barbaachisaa akka taasisan beeksisaniiru.

Barattoota kutaa 12ffaa Hundaaf, Qophii keessaniitti jabaadhaa itti fufaa jechaa, Qorumsii Naannoo kutaa 6ffaa kennamaa ture, xummuramee bori jechuun Roobii Wax.10/2018 guyyaa barattootni kutaa 8ffaa daree itti ilaallatu waan ta'eef, qaawa kanaatti fayyadamuun osoo gara daree barnootaa oliifi gadi hin deemin kutaa Shaakallii Komputeraa seentanii akka Shaakaltan isan beeksifna. 👉Dabalataan barattootni private system keessan waan banameef Link shaakallii seentanii akka Shaakaltan isan beeksifna.

Barattoota kutaa 12ffaa Hundaaf Link shaakallii adda citee ture waan gadi dhiifameef, link armaan gadiitiin seentanii akka Shaakaltan isan beeksifna. http://mock1.ethernet.edu.et

Barsiisotaa m/b keennaa hundaaf Manii Barumsaa Qortoota Qorumsa Naannoo(Ministry) dorgomsiisuu waan barbaaduuf gaafa guyyaa Caamsaa 28/2018 Ganama hanga sa'aatii 6:00 tti iyyata; Tajaajila, madaallii fi muuxannoo hojii keessan ibsu kutaalee bulchiinsaa 3ffaa fi 4ffaa tti akka dhiyeeffattan isin beeksifna.

Barattoota kutaa 12ffaa Hundaaf 1. Gaafa guyyaa 29/09/2018 irraa eegalee Tutorial class waan itti fufuuf harcaatii tokko malee akka argamtanii barattan m/b cimsinee isan beeksisa. 2. Qorumsii Herregaa (Maths Model) gaafa guyyaa 3/10/2018 waan kennamuuf akka itti qophooftan isin beeksifna.

Qajeelfamoota Dorgommii Qortoota Qorumsa Biyyoolessaa kutaa 12ffaa kan ilaalladhaa.

Beeksisa Ariifachiisaa; Caamsaa, 25/2018 Barataa Tushaa Garbicha Haphichaafi Barattuu Dabboo Boruu Jaldeessaa dogongora jijjiirraa maqaa gaafattanii turtaniif ragaa mana murtii irraa akka dhiyeeffattan isin gaafannee turre hanga har'aatti fidachuu waan hin danda'aniif, dogongorii maqaa keessan sirraa'uu waan hin danda'iniif, rakkoo booda dhuftu kamiifuu m/b kan Itti hin gaafatamne ta'uu isaa irra deebinee isin beeksifna. Hub: Barattoota kanneen namii beettan ergaa kana biraan nuu gaha.

1. barataa Tushaa Garbicha Haphichaa

Barattootni dogongora qubee fi jijjiirraa maqaa qabdan kanneen maqaan keessan armaan oliitti tarreeffame keessaa barattootni maqaan keessan armaan gadiitti barreeffame hanga bori ganamaatti jechuun Caamsaa 21/2018 tti ragaa jijjiirraa maqaa keessanii ibsuu Mana Murtii irraa akka fidattan cimsinee isin beeksifna.

Shalaka JA SSS Sample_Correction_Format.xlsx0.16 KB

Barsiisotaa m/b keennaa hundaaf, Sagantaa Qortoota Qorumsa Xummuraa gaafa guyyaa 21/09/2018 tiif bahee kana ilaallattanii, barsiisaan rammaddiin kennameef kamuu dhuftanii akka qortan kabajaan isin beeksifna.

Biology, Economics and Aptitude answer's

+5
English .pdf1.01 KB