fa
Feedback
Dinnee_Didaa

Dinnee_Didaa

رفتن به کانال در Telegram

Cunqursaa dadhabnee Baraafi gadaan Onnee haa horannu Marree gooloo sodaa Seenaan nu gaafataa Dhiiroo dinnee didaa! hordoftoota keenyaaf 1 walaloo 2 asoosama Join &share gochuu hin dagatinaa. Galatoomaa! Contact: @dinnedid_bot

نمایش بیشتر
1 178
مشترکین
+124 ساعت
+17 روز
-1430 روز
آرشیو پست ها
sticker.webp0.26 KB

sticker.webp0.26 KB

Egaa siif haramtiim dhiigni ilmaan oromoo gumaa abbaa otuun argatin maaf dabalattee ilmoo? Gubaa garaa kootiif deebii kennuu
Egaa siif haramtiim dhiigni ilmaan oromoo gumaa abbaa otuun argatin maaf dabalattee ilmoo? Gubaa garaa kootiif deebii kennuu dandeessaa hamma yoomii dhiigni keenya lafa kee corroqsaa? Dubbadhu kaa yaa calanqoo nutti himi kaa yaa lafa haadha ilmaan oromoo caba keef qalbiin naafaa cobni imimmaaniif dhiigaa lammii koorraa yoom hafaa? ✍ @dera_zreal @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

MEE ATI NAAF TA'I DHAABAA FI DAGALEE ANIS SIIFAAN TA'AA HUMNAA FI SAGALEE! @dinnee_didaa @dinnee_didaa bot:@dinnedid_bot

Hanga dandeenyu dhiibnee Hanga dandeenyu yaallaa Isa nutti ulfaatu immoo Waaqatti dhiisnee ilaalla!!! ✍@dera_zreal @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

KEELLOO! Abbaa shanii daalacha koo yaa hangafa warra birrii hundumtiyyuu yoo si jibbe an daraan siif jira firri Dhibbaaf bifa jijjiiranii shantamattis uwwisanii shanee koo maal balleesite maaf qullaa si hambisanii? kudhan magariisessanii kukkuulanii dhibba lama ati maaf hin jijjiiramne tarii qabadaa yakka hamaa Naaf deebisi abbaa shanii na dhageessaa eessa jirta? ati akkuma kee durii maasii keessaa buna cirtaa? maal badiin kee abbaa shani leenca faana hariiroo qabda mee dubbadhu daalacha koo maaliif dubbachuu dadhabdaa? Isuma durii bifni kee bakkuma durii bakki kee ati maaf hin jijjiiramtu mee natti himii maal yakki kee? Moo tarii atis hidhamtee sitti uwwisaniiru KEELLOO? moo akka durba manatti haftee maatii keetti taate yeelloo Ani beeka bar badii kee nootta keetu jaraaf diinaa ilkaan qaba qarriffaansaa abbaa jibbu ni ciniinaa!!! ✍@dera_zreal @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

#FreeJawarMohammed #EthiopianElection2021 #FreeAllPoliticalPrisonerInEthiopia #YellowMovement
#FreeJawarMohammed #EthiopianElection2021 #FreeAllPoliticalPrisonerInEthiopia #YellowMovement

#FreeJawarMohammed #EthiopianElection2021 #FreeAllPoliticalPrisonerInEthiopia #YellowMovement
#FreeJawarMohammed #EthiopianElection2021 #FreeAllPoliticalPrisonerInEthiopia #YellowMovement

Adii koo❤❤! utuu beektuu keessa kiyya maaliif yaada na dhokfatta sin barbaada guutuu biyyaa eessa seentee na dhokattaa? nan dheessinii natti deemi an sin ganne adii shurrubbee koo abjuun dhiisii guyyaa koottu manan jiraa! ✍karaa bot kan nuuf ergame isinis @dinnedid_bot nuuf ergaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

MAHDI HAMID 😭😭😭😭😭 RIP @dinnee_didaa @dinnee_didaa
MAHDI HAMID 😭😭😭😭😭 RIP @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Waadaa kan kee nyaadhee Gabbadhee buluurra Eebba dharri ulfeesse Miixadhee dhaluurra Dhara furdaa nyaadhee Hiixachuu koo mannaa Dhugaa gogaa nyaadhee Miixaachuu naa woyya!!! ✍@dera_zreal @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

OROMIYAA❤️❤️! Qe'ee gidiraan xuuxee Hammeenyi irra fiige Qe'ee qawwee diinaatiin Gootni meeqa itti dhiige Qe'ee aadaafi safuu Kan sirna gadaafi heeraa Qe'ee dhugaaf harcaase Imimmaan woggaa dheeraa Qe'ee moggaatti ba'e Kan qaburraa dhiibamee Qe'ee utubaansaa cabe Araddaansa diigame OROMIYAA ijaaruuf Dammaqaa tokko ta'aa Wal qooduufi wal harcaasuun Inni darbe nu ga'aa Kan koo haacaaluu dhiisaatii Ija seenaan of laalaa Inni ummatni jedhu Isa isin jettan caala!!!! ✍@dera_zreal Yaadaaf:@dinnedid_bot @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

sticker.webp0.26 KB

Fuggisoo Baraa! Nyaata raqaa hundaa Bololaa bineensaa Jennee kan arrabsinu Ta'uus waraabessa Gaafa argate yuusee Iyyee itti wal waamee Kolfee waliin taphatee Nyaatee wal gaggeesaa Kan hardhaa...... Argatus wal dhoksa Dhabu adamsoo dhiisee Waliif ilkaan qaratee Nyaatetu wal ajjeesa Waraabo waraabo adamsee Ajjeesee gaafa nyaatu Ofii wal diinomsee Gaafa harree firoomfatu! Wanta duraan hin beekne Dhiiroo eessaa barate Moo dhala namaa waliin Hariiroo uummate?? Fuggisoo bara akkamiiti Bara firri diinaa Jennee itti dhiphannee Sammuu keenya gaafanna Moo bineensi bineensuma Nu hin ilaallatu jennaa? ✍@dera_zreal Yaadaaf:@dinnedid_bot @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

AYYAANA WAGGAA! hundumat bareedaa hundumarraa fiiga Garanaas garasiis hidhiin ta'ee dhiiga! Kan rifeensi eegees Dabbasaan qiciicaa dhaqxee tokkofattee Luuccaa ta'ee ciisa! Isheen dur Horortuus isheen jechuu waakkii har'a qiraaqimboon daandii gubbaa caaqxi! Isheen dur qaanoftuus kan lafa ilaalaa deemtuu har'a Shambaajetti namaaf sa'aa hinbeektu! Si ceepha'uuf miti dhugaa qabda tiruu Ayyaanaan gammaduun Waanuma duruu jiru! Kunoo akkasitti Daran bareeddanii guyyaa ayyaana waggaa Baganaaf geessani! ---- Dhugaa nyaadhaa gammadaa Quufaa sirbaa ragadaa! Wal fudhadhaa deemaa shirshiraa fakkaraas feetan qirqiraa! Hinciniiniinaa malee dhungadhaa daba hin yaadiinaa malee bulfadhaa Ofirraa bu'aa bitintinii daakaa guyyaa kana gaarii gaarii yaadaa! Ayyaan Gaarii✝✝✝✝ ✍@dera_zreal @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Guyyɑɑ Nɑgɑɑf gɑmmchuu Kɑn jɑɑlɑlɑf nɑgeenyɑɑ Bilisɑɑn hɑɑ jirɑɑtu Inni dhihoof fɑgeenyɑɑ Kun hɑwwii kooti Ilmɑ nɑmɑɑ hundɑɑf Osoo ɑddɑ hin bɑɑsin Isɑ xiqqɑɑ guddɑɑ 🌹G͜͡U͜͡Y͜͡Y͜͡A͜͡A͜͡ G͜͡A͜͡A͜͡R͜͡I͜͡I͜͡🌹 ┄┄┄┄┄❅☕️❅┄┄┄┄┄ sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​ @KUUSHJIRRAA @KUUSHJIRRAA 🔺ᴊᴏɪɴ🔺

Dilbata gaarii! Yaa sanbata guddaa nanaa Akkam nagaa bariitee? Guyyaa gaarii naaf ta'i Yaa DV bara kanaa Atimmoo naaf bahi Ameerikaa dhaqeetan Fataa zanaa shirshiraa Lakkoofsa keessan ergaa Gaafas siniin bilbilaa Dilbata gaarii qabaadhaa Sagalee yaalii booda Share hin goone taanaan Rabbi siniin ooda!!!! ✍@dera_zreal Yaadaaf: @dinnedid_bot @dinnee_didaa @dinnee_didaa

#Haacaaluu_Hundeessaa Luba Dr. Gammachiis Dastaa haadha manaa isaani addee Naasisee Baaroo Tumsaa waliin ijoollee Haacaaluu Hundeessaa sadan karaa barnootaatiin itti gaafatamaa isaa fudhatanii barsiisuuf waadaa galaniiru. "Waa'ee barnootaa fi guddina ijoollee Haacaaluu irratti maatiin yookan haati warraa Haacaaluu dhiphachuu hin qabdu. Nuti waan kana dhibbumaa dhibbatti ittigaafatama isaa fudhanneerra" jedhan. Barnoota oolmaa daa'immaniitii hanga kutaa 12ffaatti baasii hunda danda'uun akkasumas konkolaataa mana barumsaatii gara manaa ittiin deddeebi'an akka ramadaniifis ibsan. Manni Barumsaa ijoollee Haacaaluu itti barsiisuuf murteessan kuni (Cambridge International Acadamy) mana barumsaa qulqullina olaanaa qabu akka ta'es dubbatu. Ijoolleen Haacaaluu sadan yeroo barnoota koolleejjiin duraa xumuranis biyyoota Ingiziil fi Ameerikaa keessaa kan isaan filatanitti akka deemanii barataniif haala mijeessuufis waadaa galuu isaaniis himan. Maddi: BBC @dinnee_didaa @dinnee_didaa

MO'AMEERA! Mo'ameera of laadhee jaalalakeef bitamee Qalbiinkiyyas sikeessa yaadni kiyyas hidhamee! Agartuun koossumarraa onneen kiyyas simalee Suurakee hin argiin oollaan lafalaaluu didamee! Siif laadheera bakkicha isagatiinsaa mi'aa Urjootaa fosuu hin taane isa eeggatu ji'a! Yaalakeen wal'aanamte onneen koo sakaalamte Biqiltuun jaalala koo harkakeetiin dhaabamte! ✍@dera_zreal Yaadaaf @dinnedid_bot JOIN @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Galma ga'uu yoo feete Sodaa kee ofirraa diigi Karuma amma qabatteen Akka baaburaa fiigi Baaburri karaa gadhiisee Akkuma kufee
Galma ga'uu yoo feete Sodaa kee ofirraa diigi Karuma amma qabatteen Akka baaburaa fiigi Baaburri karaa gadhiisee Akkuma kufee cabu Bultee harka laatta taanaan Deemsi kee gatii hin qabu Callaa borii haammachuuf Akka margu qarmiin kee Ofittummaa dhiisiitii Qabadhu harka lammii kee Baaburri wal qabatee Inni boodaafi duraa Ba'aa waggaa digdamaa Gaaftokkotti xumura. Wal harkisee deemeetuu Rakkoo geejibaa hiika Sibiilli lubbuu hin qabneyyu Bu'aa tokkummaa beeka! 👇👇 @KUUSHJIRRAA @KUUSHJIRRAA