Dinnee_Didaa
الذهاب إلى القناة على Telegram
Cunqursaa dadhabnee Baraafi gadaan Onnee haa horannu Marree gooloo sodaa Seenaan nu gaafataa Dhiiroo dinnee didaa! hordoftoota keenyaaf 1 walaloo 2 asoosama Join &share gochuu hin dagatinaa. Galatoomaa! Contact: @dinnedid_bot
إظهار المزيد1 178
المشتركون
+124 ساعات
+17 أيام
-1430 أيام
أرشيف المشاركات
1 178
Egaa siif haramtiim
dhiigni ilmaan oromoo
gumaa abbaa otuun argatin
maaf dabalattee ilmoo?
Gubaa garaa kootiif
deebii kennuu dandeessaa
hamma yoomii dhiigni keenya
lafa kee corroqsaa?
Dubbadhu kaa yaa calanqoo
nutti himi kaa yaa lafa
haadha ilmaan oromoo
caba keef qalbiin naafaa
cobni imimmaaniif dhiigaa
lammii koorraa yoom hafaa?
✍ @dera_zreal
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
1 178
MEE ATI NAAF TA'I
DHAABAA FI DAGALEE
ANIS SIIFAAN TA'AA
HUMNAA FI SAGALEE!
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
bot:@dinnedid_bot
1 178
Hanga dandeenyu dhiibnee
Hanga dandeenyu yaallaa
Isa nutti ulfaatu immoo
Waaqatti dhiisnee ilaalla!!!
✍@dera_zreal
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
1 178
KEELLOO!
Abbaa shanii daalacha koo
yaa hangafa warra birrii
hundumtiyyuu yoo si jibbe
an daraan siif jira firri
Dhibbaaf bifa jijjiiranii
shantamattis uwwisanii
shanee koo maal balleesite
maaf qullaa si hambisanii?
kudhan magariisessanii
kukkuulanii dhibba lama
ati maaf hin jijjiiramne
tarii qabadaa yakka hamaa
Naaf deebisi abbaa shanii
na dhageessaa eessa jirta?
ati akkuma kee durii
maasii keessaa buna cirtaa?
maal badiin kee abbaa shani
leenca faana hariiroo qabda
mee dubbadhu daalacha koo
maaliif dubbachuu dadhabdaa?
Isuma durii bifni kee
bakkuma durii bakki kee
ati maaf hin jijjiiramtu
mee natti himii
maal yakki kee?
Moo tarii atis hidhamtee
sitti uwwisaniiru KEELLOO?
moo akka durba manatti haftee
maatii keetti taate yeelloo
Ani beeka bar badii kee
nootta keetu jaraaf diinaa
ilkaan qaba qarriffaansaa
abbaa jibbu ni ciniinaa!!!
✍@dera_zreal
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
1 178
#FreeJawarMohammed
#EthiopianElection2021
#FreeAllPoliticalPrisonerInEthiopia
#YellowMovement
1 178
#FreeJawarMohammed
#EthiopianElection2021
#FreeAllPoliticalPrisonerInEthiopia
#YellowMovement
1 178
Adii koo❤❤!
utuu beektuu keessa kiyya
maaliif yaada na dhokfatta
sin barbaada guutuu biyyaa
eessa seentee na dhokattaa?
nan dheessinii
natti deemi
an sin ganne adii
shurrubbee koo
abjuun dhiisii guyyaa
koottu manan jiraa!
✍karaa bot kan nuuf ergame
isinis @dinnedid_bot nuuf ergaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
1 178
Waadaa kan kee nyaadhee
Gabbadhee buluurra
Eebba dharri ulfeesse
Miixadhee dhaluurra
Dhara furdaa nyaadhee
Hiixachuu koo mannaa
Dhugaa gogaa nyaadhee
Miixaachuu naa woyya!!!
✍@dera_zreal
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
1 178
OROMIYAA❤️❤️!
Qe'ee gidiraan xuuxee
Hammeenyi irra fiige
Qe'ee qawwee diinaatiin
Gootni meeqa itti dhiige
Qe'ee aadaafi safuu
Kan sirna gadaafi heeraa
Qe'ee dhugaaf harcaase
Imimmaan woggaa dheeraa
Qe'ee moggaatti ba'e
Kan qaburraa dhiibamee
Qe'ee utubaansaa cabe
Araddaansa diigame
OROMIYAA ijaaruuf
Dammaqaa tokko ta'aa
Wal qooduufi wal harcaasuun
Inni darbe nu ga'aa
Kan koo haacaaluu dhiisaatii
Ija seenaan of laalaa
Inni ummatni jedhu
Isa isin jettan caala!!!!
✍@dera_zreal
Yaadaaf:@dinnedid_bot
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
1 178
Fuggisoo Baraa!
Nyaata raqaa hundaa
Bololaa bineensaa
Jennee kan arrabsinu
Ta'uus waraabessa
Gaafa argate yuusee
Iyyee itti wal waamee
Kolfee waliin taphatee
Nyaatee wal gaggeesaa
Kan hardhaa......
Argatus wal dhoksa
Dhabu adamsoo dhiisee
Waliif ilkaan qaratee
Nyaatetu wal ajjeesa
Waraabo waraabo adamsee
Ajjeesee gaafa nyaatu
Ofii wal diinomsee
Gaafa harree firoomfatu!
Wanta duraan hin beekne
Dhiiroo eessaa barate
Moo dhala namaa waliin
Hariiroo uummate??
Fuggisoo bara akkamiiti
Bara firri diinaa
Jennee itti dhiphannee
Sammuu keenya gaafanna
Moo bineensi bineensuma
Nu hin ilaallatu jennaa?
✍@dera_zreal
Yaadaaf:@dinnedid_bot
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
1 178
AYYAANA WAGGAA!
hundumat bareedaa
hundumarraa fiiga
Garanaas garasiis
hidhiin ta'ee dhiiga!
Kan rifeensi eegees
Dabbasaan qiciicaa
dhaqxee tokkofattee
Luuccaa ta'ee ciisa!
Isheen dur Horortuus
isheen jechuu waakkii
har'a qiraaqimboon
daandii gubbaa caaqxi!
Isheen dur qaanoftuus
kan lafa ilaalaa deemtuu
har'a Shambaajetti
namaaf sa'aa hinbeektu!
Si ceepha'uuf miti
dhugaa qabda tiruu
Ayyaanaan gammaduun Waanuma duruu jiru!
Kunoo akkasitti
Daran bareeddanii
guyyaa ayyaana waggaa Baganaaf geessani!
----
Dhugaa nyaadhaa
gammadaa Quufaa
sirbaa ragadaa!
Wal fudhadhaa
deemaa shirshiraa
fakkaraas feetan qirqiraa!
Hinciniiniinaa malee dhungadhaa
daba hin yaadiinaa
malee bulfadhaa
Ofirraa bu'aa
bitintinii daakaa
guyyaa kana
gaarii gaarii yaadaa!
Ayyaan Gaarii✝✝✝✝
✍@dera_zreal
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
1 178
Guyyɑɑ Nɑgɑɑf gɑmmchuu
Kɑn jɑɑlɑlɑf nɑgeenyɑɑ
Bilisɑɑn hɑɑ jirɑɑtu
Inni dhihoof fɑgeenyɑɑ
Kun hɑwwii kooti
Ilmɑ nɑmɑɑ hundɑɑf
Osoo ɑddɑ hin bɑɑsin
Isɑ xiqqɑɑ guddɑɑ
🌹G͜͡U͜͡Y͜͡Y͜͡A͜͡A͜͡ G͜͡A͜͡A͜͡R͜͡I͜͡I͜͡🌹
┄┄┄┄┄❅☕️❅┄┄┄┄┄
sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
@KUUSHJIRRAA
@KUUSHJIRRAA
🔺ᴊᴏɪɴ🔺
1 178
Dilbata gaarii!
Yaa sanbata guddaa nanaa
Akkam nagaa bariitee?
Guyyaa gaarii naaf ta'i
Yaa DV bara kanaa
Atimmoo naaf bahi
Ameerikaa dhaqeetan
Fataa zanaa shirshiraa
Lakkoofsa keessan ergaa
Gaafas siniin bilbilaa
Dilbata gaarii qabaadhaa
Sagalee yaalii booda
Share hin goone taanaan
Rabbi siniin ooda!!!!
✍@dera_zreal
Yaadaaf: @dinnedid_bot
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
1 178
#Haacaaluu_Hundeessaa
Luba Dr. Gammachiis Dastaa haadha manaa isaani addee Naasisee Baaroo Tumsaa waliin ijoollee Haacaaluu Hundeessaa sadan karaa barnootaatiin itti gaafatamaa isaa fudhatanii barsiisuuf waadaa galaniiru.
"Waa'ee barnootaa fi guddina ijoollee Haacaaluu irratti maatiin yookan haati warraa Haacaaluu dhiphachuu hin qabdu. Nuti waan kana dhibbumaa dhibbatti ittigaafatama isaa fudhanneerra" jedhan.
Barnoota oolmaa daa'immaniitii hanga kutaa 12ffaatti baasii hunda danda'uun akkasumas konkolaataa mana barumsaatii gara manaa ittiin deddeebi'an akka ramadaniifis ibsan.
Manni Barumsaa ijoollee Haacaaluu itti barsiisuuf murteessan kuni (Cambridge International Acadamy) mana barumsaa qulqullina olaanaa qabu akka ta'es dubbatu.
Ijoolleen Haacaaluu sadan yeroo barnoota koolleejjiin duraa xumuranis biyyoota Ingiziil fi Ameerikaa keessaa kan isaan filatanitti akka deemanii barataniif haala mijeessuufis waadaa galuu isaaniis himan.
Maddi: BBC
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
1 178
MO'AMEERA!
Mo'ameera of laadhee jaalalakeef bitamee
Qalbiinkiyyas sikeessa yaadni kiyyas hidhamee!
Agartuun koossumarraa
onneen kiyyas simalee
Suurakee hin argiin oollaan lafalaaluu didamee!
Siif laadheera bakkicha isagatiinsaa mi'aa
Urjootaa fosuu hin taane
isa eeggatu ji'a!
Yaalakeen wal'aanamte onneen koo sakaalamte
Biqiltuun jaalala koo harkakeetiin dhaabamte!
✍@dera_zreal
Yaadaaf @dinnedid_bot
JOIN
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
1 178
Galma ga'uu yoo feete
Sodaa kee ofirraa diigi
Karuma amma qabatteen
Akka baaburaa fiigi
Baaburri karaa gadhiisee
Akkuma kufee cabu
Bultee harka laatta taanaan
Deemsi kee gatii hin qabu
Callaa borii haammachuuf
Akka margu qarmiin kee
Ofittummaa dhiisiitii
Qabadhu harka lammii kee
Baaburri wal qabatee
Inni boodaafi duraa
Ba'aa waggaa digdamaa
Gaaftokkotti xumura.
Wal harkisee deemeetuu
Rakkoo geejibaa hiika
Sibiilli lubbuu hin qabneyyu
Bu'aa tokkummaa beeka!
👇👇
@KUUSHJIRRAA
@KUUSHJIRRAA
