cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

TULLUU MISIRAACHOO

Mostrar más
El país no está especificadoEl idioma no está especificadoLa categoría no está especificada
Publicaciones publicitarias
287
Suscriptores
+724 horas
+207 días
+6430 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

"YAA #OBBOLOOTA NANA, MAAL #GOONU REE"       #HDB 2:37 Dr,BTh,BA SAAMU’EEL TAFARRAATIIN L/W M/Amantaa Tulluu Misirrachoo Qulqulluu GABRI'EEL LEEMMAN. #AYYAANA #PHIRAAQILXOOS #Barumsa Biroo Argachuuf!        👇 #John sher#👇          🔔@Tasifaadhaa!🔔 https://t.me/Tulluu_Misiraachoo_Qul_Gabriiel
Mostrar todo...
Yaa obboloota nana maal goonu ree DR Saamu'eel.aac19.96 MB
#Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen #Sooma Dhiisuuf Sababa Tokkollee Hin Qabaatin, Soomni nyaaata fi Gammachuu Lubbuu Keenyaa Waan Taatef Maatiiwwaan Waaqayyo bakka jirtanitti nageenyi Gooftaa keenyaa isiniif haa baay’atu. Baga sooma Duuka Bu’ootaa kan bara 2016'n geessan. Qulqulleettiin mana kiristaanaa keenya sooma qannoonaan taa’e waggaa keessatti soomiwwan 7 qabdi. SoomIwwaan kana kiristaanonni umriin isaanii soomaf ga’e soomuu kan qabanidha. Isaan keessa ammaa kan irratti argamnu sooma duuka bu’ootaa Gooftaa keenyadha. Duuka buutonni Gooftaa keenya kennaa Hafuura Qulqulluu yeroo argatan gara addunyaa xaa’otiin dukkanoofte qulqulluu wangeelaan ibsuuf deemuu isaaniin dura sooma isaan soomanidha. Kanaaf soomni kun dursee qulqulloota duuka bu’ootaa keenyan kan soomamee fi itti aanee kiristaanota bara adda addaa turanin soomama kan ture, ammaas kan jiru, gara fuuldurattis hanga dhufaatii lammeeffatti kan itti fufudha. Egaan yeroo waa’een sooma ka’u namoonni tokko tokko yaada adda addaan mataa isaanii sossobanii sooma sanaa ala of taasisuu. Yaa nama yaadni akkasii si qoruu: ✍️✍️ Soomni kun kan lubaati, soomni sun kan monokseeti hin jedhiin luba fi monoksee sana caalaa cubbamaan si’i isa addunyaa keessa jirtudha, soomni isaaniif osoo hin taane siif caalaatti barbaachisa. ✍️✍️ Ani biyya akkasiin jiraadha, yeroon biyya akkasitti deemun jalqaba jettee mataa kee hin sossobiin, kiristaanummaan bakkaan hin murtaa’uuti, waan raawwachuu dandeessu bakka jirtu taa’iti yeroo qabdutti raawwadhu, boor kan kee miti waan ta’eef. ✍️✍️ Soomni natti baay’ateera, na miidha hin jedhiin, soomin gammachuu fi quufa lubbuu keeti; daandii ittiin lubbuun kee Waaqashee argattee ittiin gammaddu waan ta’eef. ✍️✍️ Dandeettin Hafuurummaa koo cimaa miti kanaaf hin danda’u hin jedhiin, kennaa fi dandeettiin hafuurummaa kee kan cimu sooma, kadhannaa fi sagadaanidha. ✍️✍️ Dhukkuba akkasii, akkasii, . . qaba waan ta’eef hin danda’u hin jedhiin dhukkubbii kee waliin sa’a tokkoyyu yoo soomte Uumaan kee fedhii kee ilaalee eebbaa warreen biroo argatan siinis ni badhaasa. ✍️✍️ Gaabbii hin galle; gabbii malee hin soomus hin jedhiin soomin mataansaa gaabbii waan ta’eef cubbuu kee tarreessii sooma waliin Uumaa kee kadhadhu. Kanaaf, Yaadonni armaan olii sammuu kee keessa deddeebi’u yoo ta’an isaan kun kan kee akka hin taane beeki. Diyaabiloostuu si dhoksee galche waan ta’eef deebii sirrii deebisuun diina kee diyaabiloos qaanessi, lubbuu kee fi Uumaa kee gammachiisi. Seenaa Abbootii fi harmoolii Qulqullaa’oo ilaali; Qulqulluun Muusee Tsellim, Emmahoy Saaraan, … hafuura ejjaa kan mo’atan soomani. SOOMA DHIISUUF SABABA TOKKOLLEE HIN QABAATIIN #Yeroo soomaa gaarii #GALATNI WAAQAYYOOF #👉Daandii Jireenyaa 28/9/2015 #Barumsa Biroo Argachuuf! 👇 #John sher#👇 🔔@Tasifaadhaa!🔔 https://t.me/Tulluu_Misiraachoo_Qul_Gabriiel
Mostrar todo...

Mostrar todo...
“Afaan (Qooqa) Haaraa”

“Qooqa” jechuun: “Arraba, qaama afaan keessatti argamu meeshaa... ” jechuu dha (Yai.3:5-9). Kanaafis qooqa jechuun meeshaa jechaa fi afaan ittiin dubbatamu irraa kan ka’e qooqa (Lissaan) jedhame. “Lissaan [ልሳን]” jechuun immoo, “Qooqa, Afaan” jechuu yemmuu ta’u, garuu kitaaba qulqulluu keessattis afaan haaraan dubbachuunis, “Lissaan” jedhamee beekama. Walumaagalatti, “Afaan Haaraa” afaan namni hin beekne osoo hin taane afaan inni dubbatu sun hin beekne, afaan saba biraa osoo inni dubbatu sun ofii isaa hin beekin…

“Uffata Halalee/የጋለሞታ ልብስ” (Uma.38:14). ✍️ B/saa Dn Baacaa Nagaasaa (BTH) Join: @abdiimaariyaamiifinjira https://telegra.ph/Uffata-Halalee-06-17
Mostrar todo...
Uffata Halalee

Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Sadan Waaqa Tokkoon Ameen!  “Uffata Halalee / የጋለሞታ ልብስ” (Uma.38:14). Kutaa 1ffaa Uffanni! Kan dhalli namaa qullaa foonsaa ittiin golgatu dha. Dhalli namaa horii irraa kan ittiin adda ba’u keessaa tokko qullaa qaamasaa dhokfachuudha. Kan qullaa qaamaa dhokfachuu hin dandeenye horii ykn maraatuu dha. Tariimmoo yoo hiyyeessa ta’edha. Obbolootakoo! Barreeffama kana akkan maxxansu kan na dirqamsiise, akkaataa uffannaa obboloota keenyaa tokko tokkooti. Akkuma hundi keenya…

"YAA #OBBOLOOTA NANA, MAAL #GOONU REE"       #HDB 2:37 Dr,BTh,BA SAAMU’EEL TAFARRAATIIN L/W M/Amantaa Tulluu Misirrachoo Qulqulluu GABRI'EEL LEEMMAN. #AYYAANA #PHIRAAQILXOOS #Barumsa Biroo Argachuuf!        👇 #John sher#👇          🔔@Tasifaadhaa!🔔 https://t.me/Tulluu_Misiraachoo_Qul_Gabriiel https://vm.tiktok.com/ZMrjgYUqq/
Mostrar todo...

"#YAADA_TOKKOO #KADHAANAF NI #JABAATU TURE" # HDB 1:14 #Gooftaan keenyaa #Iyyasuus_kiristoos erga isaan bira #olbahe bakkaa tokkooti (#Mana haadha #marqoositi ) Waliiti qabamun #Kadhaana jabaacha turan. #Isaaniis:- #HAADHA KEENYAA #DURBOO_MAARIYAAM #DUUKA BU'OOTA 12 #DUBARTOOTA_QULQULLOOTA 36 #ARDIITI_TORBAATAMII LAMAN TA'ANII YAADA #TOKKOO KADHAANAF NI JABAATU TURE. #TOKKUMMAAN_YAADA_TOKKOON #KADHACHUU ISAANIIN. #1.#GIDDUU ISAANII #WANTA HIR'AATE GUUTATANIIRU. HDB 1:26 #Bakkaa #Yihudaa #MAATIYAAS Filataniiru. #2. #AFUURII_#QULQULLUUN NI BU'EEF HDB 2:1_4"#Ayyaanni guyyaa #shantammaffaa inni "#Phenxeqostee" jedhamee beekame yommuu ga'e, #hundinuu_iddoo_tokkotti walitti qabamanii turan. 🙏 #Dingatas_huursaan samii irraa akka #bubbee bubbisuutti dhaga'amee, #manicha isaan keessa jiranis #guute. 🙏#Arraba_ibiddaa kan fakkaatan isaanitti mul'atan, gargar tamsa'aniis, #wanti akka arraba #ibiddaa kun tokkon tokkon isaanii irra taa'an. 🙏Yommus#hundumti_isaanii_hafuura_qulqulluudhaan_guutaman; akka hafuurri dubbachuu isaa isaaniif kennetti, afaan garaa garaa dubbachuu jalqaban. #3. KANNEEN HIN #AMANE_AMANSIISANIIRU HDB 2:37_47 "#Namoonnis kana dhaga'anii garaan isaanii amanee; #Pheexiroos fi #ergamoota warra kaaniin, "Yaa #obboloota nana maal !goonu ree?" jedhan. 🙏 #Pheexiroos immoo, "#Yaada_garaa_keessanii_geddaradhaa; cubbuun keessan akka isiniif dhiifamuuf, tokko tokkon keessan maqaa #Iyyasuus Kristositti #cuuphamaa; kennaa hafuura qulqulluus in fudhattu.🙏Abdiin #Waaqayyo abdachiise #isinii fi #ijoollee keessaniif, warra fagaatanii jiraataniif, #Waaqayyo keenya #gooftichi itti waamu hundumaafis" jedhee deebiseef. 🙏Kana malees #Pheexiros kan biraa dubbii baay'eedhaan #dhugaa isaanitti ba'e, "#Adaba dhaloota jal'aa kanatti dhufu jalaa oolaa! jedhee, #cimsee isaan gorse. 🙏#Warri dubbii isaa fudhatan ni #cuuphaman; kanaaf guyyaa sanatti akki lubbuu #3000 isaanitti in dabalaman. #Waluma_galatii_yaadan_tokkoo yoo tanee #Wanta nu hir'aate ni guuna #kennaa #Afuura_Qulqulluu nuf kennaama #Namoota hin hubbaane hubaachisne #Mana isaa keessaati ni waaman #FOOLII KIRISTOOS Urgoofnaa 🙏👏Kanaf isaan kanneen argachuuf Yaa #kiristaanota #tokkummaan Fi #jaalaliii keenyaa #Jechaan ,#uffaatan fi iddoo qofaa osoo hin taane #yaad_laphee keenyan tokkoo ta'uu qabna. #Tokkummaa keenya ammoo Kan samiira jiranii (#ergaamoota)Fi lafara jiraanii(#Qulqulloota) waliin ta'uu beeku qabna. 🙏#Yaa_Waaqayyoo_laphee iitti #Yaada_Tokkummaa qabne #mana_Kee kessaa jiraanu nuf kennii. Amen🙏🙏 "#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof galanii haa ta'uu" 👏#Ayyaana #Gaarii!👏 #Barumsa Biroo Argachuuf! 👇 #John sher#👇 🔔@Tasifaadhaa!🔔 https://t.me/Tulluu_Misiraachoo_Qul_Gabriiel
Mostrar todo...
👍 1
Ayyaana Pheraaqilixoos.mp34.65 MB
Repost from Daandii Jireenyaa
Ayyaana Pheraqilixos.pdf4.67 KB
🥰 3
Photo unavailableShow in Telegram
TULLUU MISIRAACHOO 👈
Mostrar todo...
🥰 1
Haa ta'uutii Gooftaan duukaa bu'oota isaa irraa addaa hin baane guyyaa kanatti yoo olbahu, duukaa bu'oota fajajanii ilaalaa turan wajjin taanee akka Waaliyaa gara burqaa bishaanii fedhu taanee takkaa haa yaadannu. Gooftaan keenya guyyaa kanatti barattoota isaa wagga sadii akkuma dandeettii isaaniitti tokkoon tokkoo isaanii dubbattoota afaan 20, 30, 50, 70 isaan taasise. Bakka qurxummii qaban irraa kan isaan waame, namoota baadiyaa Galiilaa bakka tuffatamanirraa isaan waame, Ayihuud irra darbanii addunyaa irratti kan beekaman beektota afaanii isaan taasise. Inni yeroo namaaf ibsu shaakalliin hin barbaachisuutii wallaalonni Waaqayyoo irraa baratan beeektota ogeessota addunyaa qaanessan ta'an. Akkuma yammuu afuuronni hamoon isaaniif bitaman sana gara Gooftaatti fiiganii, "Yaa Gooftaa maqaa keetiin afuuronni hamoon nuuf bitaman" jedhan har'as osoo Gooftaan dursee ol hin baane ta'e gara isaatti fiiganii, "Yaa Gooftaa afuura keetin afaan hundi nuuf ife" jedhanii gammachuudhaan dubbatu turan.   ➠Kana irratti jaalala Gooftaa moo gad of qabummaa isaa dubbanna? Gad of qabummaa (kasoomina) isaa irraa yoo jalqabnu Gooftaan duukaa bu'oota isaaf afaan torbatama kennee beektota isaan godhe kun ofii isaa yammuu waggoota soddomii sadiif lafarra deddeebi'aa ture afaan tokko qofa dubbachaa turuun isaa akkam nama ajaa'iba? Qulqulluun Giyoorgisa inni Gaasiccaa, "Uumamaaf qooqa kan kenne; dirree Senaa'or irratti afaan kan bittinneesse inni qubee Ibraayisxi barachuuf miila barsiisaa jala taa'e" jdhee kan ajaa'ibsiifate gadi of qabummaa gooftaa haa dinqisiifannu. Inni afaan hundumaa kan beeku kan dhagahu garuu afaan tokko qofa dubbachuun isaa gad of qabummaa akkamiiti! Nuyi afaan sirriitti hin dubbanne, kan hin beekne illee jechoota dubbannu gidduu akkaa galchine akka nama beekumsi itti baay'atee rakkisu yoo of fakkeessinu hunda kan beeku gooftaan garuu gad of qabummaadhaan afaan tokko qofaa dubbate.  Gooftaan Duukaa bu'oota isaa, namoota galiilaa homaa kan hin beekne jechoota baay'ee isaan hin beekne dubbatee isaan hin dhiphisne. "Kanan sinitti himu waan baay'eetu jira; amma garuu baachuu hin dandeessan; Afuura Qulqulluu siniifan erga, inni hundumaa isin barsiisa" jedhee isaan abdachiisee guyyaa kanatti garuu afaan beekumsaa fi ija jabina wajjin kenneef! Gooftaan, "Kan natti amanu kan ani godhu ni godha; sanarra kan caalus ni taasisa" jedhee barsiise duukaa bu'oota isaa isatti amanan ofii isaa kan itti hin barsiisne afaan baay'ee akka dubbatan isaan taasise. (Yoh 14:12) Barsiisonni uumamaa barattoota isaanii hamma akka isaanii ta'anitti barsiisuu danda'u malee akka isaanii ol ta'utti hin barsiisan. Raajichi Eeliyaas qofti barataa isaaf [Eelsaahi], "Afuurri narra jiru sirratti dachaa dachaan haa bulu" jedhee dandeettii namummaa isaatiin Eelsaahi isa yeroo inni olbahu isa argeef uffata isaa kennee ture. Uumaan qooqawwanii Kiristoos garuu duukaa bu'oota yammuu inni olbahe fajajanii isa ilaalaniif, isa keessa jiraataa ta'ee kan jiraatu Afuura Qulqulluu yammuu isaaniif erge, afaan inni osoo dubbachuu danda'uu garuu sababa gad of qabummaasaatiin hin dubbanne afaan baay'ee akka dubbatan isaan taasise!  #Daadhii_Wayinii_Quufaniiru ➠Dhugaatiin afaan haaraa ibsuun haa hafuutii isa beeknu iyyuu akka balleessu beekamaadha. Garuu, namoota yammuu duukaa bu'oonni afaan haaraa dubbatan argan keessaa namoonni tokko tokko, "Daadhii Wayinii quufaniiru" jedhan. Duukaa bu'oonni afuuraan kan machaa'ani malee dhugaatiidhaan kan machaa'an hin turre. Qulqulluu Qeerloos inni Iyyerusaalem akkuma ibse dhugumatti iyyuu duukaa bu'oonni, "daadhii wayinii quufaniiru". Daadhiin wayinii kun garuu gosa isa Ayihuudonni itti baacuuf jedhan sana hin turre. Daadhiin wayinii kun seera wangeelaa ishee haaraa, kakuu isa haaraa, sirna mana kiristaanaa Afuura Qulqulluutiin hojjetame hunda ture. Daadhiin wayinii kun isa gooftaan, "Duukaa bu'oonni kee maaliif hin sooman?" jedhamee yammuu gaafatametti, "Gaanii moofaatti xajjii wayinii haaraa eenyutu kaa'a?" jedhee yammuu deebisetti dubbate sanadha. (Maat 9:17). Itti fufaa... https://t.me/Tulluu_Misiraachoo_Qul_Gabriiel
Mostrar todo...

🥰 1
Elige un Plan Diferente

Tu plan actual sólo permite el análisis de 5 canales. Para obtener más, elige otro plan.