cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

Daandii Jireenyaa

Chayinaalii kana irratti barumsawwaan Afuurawo Dogmaa fi Sirna Ortodoksii Tewaahidoo bu'uura taasifate kan barannudha. Yaada yoo qabaattan gammachuunin fudhadha. Liinkiin gadiin naaf barressa. @m21harmekoo

Mostrar más
Publicaciones publicitarias
3 439
Suscriptores
+324 horas
+377 días
+19330 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

Kabaja Q. Mikaa'eli kan Waxabajjii.mp37.35 MB
11🙏 11
Repost from Daandii Jireenyaa
Waxaabajjii 12 KABAJA YAADANNOO Q MIKAEL.pdf1.72 KB
5
Repost from Daandii Jireenyaa
Photo unavailableShow in Telegram
Repost from Daandii Jireenyaa
Mostrar todo...
KABAJNI AYYAANA Q. MIKAA'ELII AKKAMITTI JALQABE

Kabajni ayyanichaa waxabajjii 12 akka kabajamuu akkamitti ta'e, hojii guddaa qulqullicha Eleksenderiyoosin raawwatame, akkasumas seenaa Baahiraan guutummaasaa ni argattu. Vidiyoowwaan gara fulduraatti hojjetaman akka isin qaqqaban yoo barbaaddaan chaynalii koo subscriben gochuun mallattoo bilbilaa ibsaa. Dabalataanis miidiyaalee armaan gadii irratti nu hordofuu ni dandeessu Telegram channel :

https://t.me/dandijirenya

Facebook : Deacon Motuma Instagram : Tewahedo_Harmeko

6
Repost from Daandii Jireenyaa
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen Baga Yaadannoo Waggaa Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eliin isin ga’e Eegalamuu Kabaja Ayyaana Waxabajjii 12 fi Yaadannoo isaa Haala eegalamuu kabaja ayyaaana Qulqulluu Mikaa’elii kan ji’a waxabajjiifi yaadannoo isaa ilaalchisee barumsa armaan gadii barreffamaan, vidiyoo fi audion dhiyeessineerra, hunduu waan walfakkaato waan qabaniif kan barbaaddan bantanii barachuu dandeessu. Eebbi Qulqulluu Mikaa’el hunda keenya irra haa bulu Galatni Waaqayyoof
Mostrar todo...
3
​​Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen Waxabajjii 12 Ayyaana Yaadannoo Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa'elii Kan Waggaa Baga Geessan Barreffama Gabaabdu Waa'ee Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa'elii Mikaa’el jechuun jecha ibraa’isxii yommuu ta’u hiikkaan isaa (Mi = eenyu ,  ka = akka, EL = Waaqayyo) jechuudha. Akka tokkotti yeroo dubbisnu Mikaa’el jechuun eenyu akka Waaqayyo jechuudha. Waaqayyo hangafa ergamoota taasisee kan ture diinni keenya har’aa oftullummaa isaatiin yeroo kufu Qulqulluun Mikaa’elii immoo gad of qabummaa fi amanamummaa isaatiin hangafa ergamoota kumaatamaa ta’e. Waa’ee ergamaa kanaa kitaabni qulqulluun keenya jalqaba kakuu moofaa irraa kaasee hanga xumura mul’ata Yohaannisitti waantota baay’ee nu dubbisiisa. Abbootni keenya kitaaba Qulqulluu yeroo hiikan bakka baay’eetti ergamaan Waaqayyoo abaluutti, abaluutti,… mul’ate jedhamee kan jiru Ergamaa Qulqulluu Mikaa’elii akka ta’e ibsaniiru. Bara seera laphee irraa kaasee amma bara keenyaatti mul’atee raajiiwwaan baay’ee raawwateera, har’as raawwachaa jira, gara fuuldurattis akkasuma. Ergamaan Qulqulluu Mikaa’elii ✍️✍️✍️   Ergamaa Dhiifamaati. Qulqulluun Mikaa'el ergamaa dhiifamati. kitaabni waa'ee isaa akkas akkuma jedhu: "dhiifama kan taasisu, dheekkamsa irraa kan fagaate Qulqulluu Mikaa’elidha." Heenok 10: 12. Ergamootni Waaqayyo namoota adabuuf aangoo qabu. (Bau 23:20, Luq 1:19-20). Qulqulluun Mikaa'el garuu ergamaa dhiifamaati. kanaafidha  Sirni Qulqulleessa keenyalle  (ተውህቦ ምህረት ለሚካኤል...  dhiifama Mikaa’eliif kenne….) kan jedhu. ✍️✍️✍️  Ergamaa Diyaabiloosin mo’atedha. Samiirratti lolli ni ta’e. Mikaa’elii fi ergamtoonnisaa jawwicha waraanan,… Mul 12:7 ✍️✍️✍️  Ergamaa aangoo fayyisummaa qabudha. Karoora fi qorumsa diina keenya jalaa nu fayyisa jechuudha. (Ergamaan Waaqayyo naannoo namoota Waaqayyoon sodaatanii ni buufata, isaanis ni fayyisa Far 33:7). Afoomiyaa akka fakkenyaatti yaadachuun ni danda’ama. ✍️✍️✍️  Ergamaa Obsa qabeessadha. Hangafni ergamoota Mikaa’eliin waa’ee foon Muuseef diyaabiloos waliin yeroo dubbate, Gooftaan si haa hifatu jedhee malee jecha arrabsoo dubbachuuf illee ija hin jabaanne). Gooftaan keenya fannoo irratti yeroo fannifamus fannoo jala dhaabbatee obsa isaatiin waan tokkoyyu raawwachuuf hin dubbanne. ✍️✍️✍️  Yeroo dhufaatii 2ffaa ergamaa malakata afuufudha. (… sagaleen hangafa ergamootaa ni dhagahama…  1Tas 4:16) ✍️✍️✍️  Ergamaa Cubbuu dhala namaaf kadhatudha. (Bara sanatti waa’ee dhala namaaf kan dhaabbatu Mikaa’eliin ni ka’a… Dan 12:1). ✍️✍️✍️   Ergamaa jajjaabeessaadha. (… Mikaa’eliiti alatti kan na jajjabeessu hin jiru. Dan 10:21)….. Walumaagalatti Qulqulluun Mikaa’elii saboota Israa’el dursee Gibtsiiti hanga Kana’aanitti kan isaan geggeesse, Billaa qabatee Iyyaasuu mul’achuun Iyyaasuun kan sagadeef (Iya 5:13), akkasumallee yeroo nuti gaabbii gallee gara namummaa keenyaatti deebinu fayyuu lubbuu keenyaaf kan gammaadudha. Egaa guyyaa har’a sadaasa 12 manni kiristaanaa keenya ayyaanaa ergamaa kanaa jettee kabajji. Guyyaan kun dhuma lafaati hanga dhuma lafaatti kan balali’u, galatni isaa akka dammaa kan miyaawu kabajamaa ulfaata Hangafa ergamootaa kan ta’e Qulqulluun Mikaa’elii guyyaa itti xalayaan Baahiraan du’aarraa gara kabajaa fi jireenyaatti jijjiredha. Tokkoos guyyaan kun guyyaa itti hangafa Phaaphasota Iskindiriyaa yeroo Sanaa kan turan Eleksenderiyoos mana xaa’otii balleessuun bakka sanatti mana kiristaanaa hundeessuunTaabota Qulqulluu Mikaa’elii itti galchuun ayyaana kana gammachuun kabajanidha. Tokkos guyyaa itti ergamaan kun Afoomiyaa fayyisedha. Eegalamuu kabaja guyyaa ilaalchisee barreffama biraan deebina Eebbi Qulqulluu Mikaa'elii hunda keenyaaf haa baay'atu. Galatni Waaqayyoof
Mostrar todo...

11👍 1🙏 1
👍
🙏
❤️
👎
Facebook
Youtube
Tiktok
Whatsapp
Yaada fi Gaaffii
​​Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen Kiristoos du’aa ka’ee  - humnaa fi aangoo isaatiin Seexanni hidhamee  -  Addaam bilisa ba’ee Egaa kana booda  -  nagaa fi gammachuun nuuf ta’e Olba’umsa Gooftaa Keenyafi fayisaa Iyyesuus Kiristoos Kutaa 3ffaa Isin Bira Gara Samiitti Kan Ol Ba'e Iyyesuus Gara Samiitti Osoo Ol Bahuu Akkuma Agartan Akkasuma Deebi'ee Ni Dhufa HoE 1:11 Jecha kana kan dubbatan Qulqulloota Ergamoota Waaqayyo yoo ta’an kan dubbatameef immoo duuka bu’oota Gooftaa keenyafidha. Tulluu Ejersaa irratti Gooftaan keenya yeroo aangoo isaan gara samiitti olba'u kan dubbatanidha. nutis olba'umsa Gooftaa keenya kana sababa taasifachuun barrffama kanaan dubbii Qulqulloota ergamoota Waaqayyo kana ilaalla. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos dhufaatii lama, dhaloota lama fi ka’umsa 1 qaba. Dhufaatiin isaa kan jalqaba raawwateera. Addam abbaan keenya balleessa raawwateen duuti dhala namaa irratti aangoo argate. Du’a kana qulqullummaan abboota keenya kanneen akka Heenok, Abrahaam, Nooh, Muuse, Eeliyaas, Isayyas,… dhala namaarraa kaasuu hin dandeenye. Ilmi Waaqayyo addunyaa dursee mirga Abbaasaa kan ture, addunyaan kun hunduu isaan kan uumame  garuu ni dhufe, ni dhalate, dhukkubsattota foonii raajiisaan, dhukkubsattoota lubbuu barumsa isaan fayyise,  cubbuu duraa (xinte abiso) nurra kaase, aangoo du’aa nurraa cabse, du’arratti akka lallabnu, akka faarfannu nu taasise. Fayyina kana raawwatee gara samiitti olba’e. kun dhufaatiisa isa jalqabadha. Galanni fi ulfinni Waaqumma bara baraan isaaf haa ta’u. Akkuma kanas lammeeffaa deebi’ee dhufuuf jira. Dhufaatiinsaa kun garuu akka isa jalqaba osoo hin taane , murtiifidha. Qulqullichi Daawit “Gooftaan keenya ni dhufa, hin callisu, ibiddi dura isaati boba’a ”(Fars 49:3) akkuma jedhe. Ibidda kan jedhame murtiidha. Waaqayyo arjummaan isaa baay’ee akkuma ta’e kanneen cubbuu isaanirra hin deebinefis murtiin isaa cimaadha. (waa’ee mukitti waggoota baay’eef firii argamsiisuu dadhabdee wangeela irra haa yaadannu).  Foon keenya, foon yihuudonni waraanan uffate dhufa. Yihuudonni yeroo kana argan ni gaabbu, gaabbiin isaanii garuu faayidaa hin qabu.  Tiksituun hoolota re’oota irraa akkuma adda baasu, adda adda isaan baasa. Hoolota gara mirgaa re’oota gara bitaan dhaaba. Warreen gara mirgaa mootummaa Waaqayyotti, warren gara bitaa ibidda bara baraatti seenu.  Sanyii Addaam kan tahe hunduu kana lamaan keessa  carraa tokko filata. Filannoon keenya immoo har’adha.  Amantiin keenyafi hojiin keenya har’aa gala guyyaa sanaati.  Kanaafuu  kan duune haa kaanu, qulqullummaa gatii keenya haa taasifannu, gabbiin haa deddebinu. jireenyi guyyaa har’aa gaarii fakkaate akka nu hin sossobne, haa hubannu. Wanti hunduu akka abaaboo birraati. Biyyaa lafaarratti bakki guddaan kan isaaf kenname mootumman Solomoon darbeera, kan hin dabarre hin jiru. Umrii gabaabduu nuuf kennamte kanan gaabbii fi sodaan Waaqayyoon haa tajaajillu. Dhufaatiin Gooftaa keenya Kiristaanotaaf guyyaa gammachuu keenya, addunyaa nu tuffate duratti guyyaa itti kabajamnudha.  Haa tahu garuu “Kiristaanni” eenyudha ? Kiristaanaa jechuun hordoftoota Kiristoos jechuudha.  Kiristaanummaan maqaan kan ibsamu miti, jireenyaani malee. Kiristaanumman qulqulloota Waaqayyo lallabuun qofa kan ibsamu miti, jireenyaan isaan fakkachuun malee. Jireenya keenyaan uumaa keenya haa fakkannu  (Ani Qulqulluu akkan tahe isinis qulqulloota taha jedheera waan ta’eef). Laphee  keenya gaabbiif cabsinee, jireenya sodaa Waaqayyoon guutame jiraanne, guyyaa dhufaatii isaatti Qulqulloota isaa waliin carraan keenya gara mirgaa akka tahuuf eyyema Uumaa keenyaa nuuf haa ta’u. Galanni Waaqayyof Kutaan itti aanu itti fufa.
Mostrar todo...

10👍 4🙏 2
👍
🙏
❤️
👎
Facebook
Youtube
Tiktok
Whatsapp
Yaada fi Gaaffii
​​Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen Kiristoos du’aa ka’ee  - humnaa fi aangoo isaatiin Seexanni hidhamee  -  Addaam bilisa ba’ee Egaa kana booda  -  nagaa fi gammachuun nuuf ta’e Olba’umsa Gooftaa Keenyafi fayisaa Iyyesuus Kiristoos Kutaa 2 Mirga Waaqayyo Taa’e.  Mar 16:19 Barreessitoota  wangeela Gooftaa keenya Iyyeesus Kiristoos  waa’ee olba’uu isaa barreessan laman jechuunis Maarqos fi Luqaas keessa, Qulqullichi Maarqos wangeela isaa 16:19 irratti “Gooftaan Keenya Iyyesuus Kiristoos isaan waliin erga dudubbate booda gara samiitti olba’e; mirga Waaqayyo taa’e.” jedheera. Waaqayyo bakka hunda kan jiru, bakkaan kan hin murtoofne, as jira achi jira, bitaa mirgaa kan isaaf hin jedhamnedha. Kanaaf Gooftaan keenya “Mirga Waaqayyo taa'e”  jechuun maal jechuudha?  barreffama kanaan  “Mirga Waaqayyo” kan jedhu kana ilaalla. “Mirga Waaqayyo”  kan jedhu duruma kaase Kitaaba qulqulluu bakkeewwan baay’eetti kan argamudha. fkn: Waaqayyo,  Gooftaa kootin akkas jedhe, “diinota kee ejjennoo miil’a kee  amman siif taasisutti mirga koo taa’i” (Farsa 109 (110):1). As irratti hubachuu kan qabnu, kan dubbate, Waaqayyo ta’uu fi kan itti dubbatame immoo Gooftaa (Waaqa Ilmaa) ta’uusaati. Kun akka raawwatu mootichi Daawit dursee kan dubbate Qulqullichi Maarqos immoo olba’umsa Gooftaa Keenyaa waliin  kaase.  Akkuma Q. Maarqos  Qulqulloonni kitaaba qulqulluu barressan biros mirgaa Waaqayyo jechuun bakka baay’eetti kaasaniiru. Fakkenyaaf  HoE 7: 56 (Isxifaanos Gooftaa keenyaan mirga Abbaa taa’ee arguusaa) , Ibr 1:3, Ibr 8:1,  Ibr 13:2, akkasumas hundee amantaa irratti yeroo hunda ‘… gara samiitti ol ba’e mirga abbaasaas taa’e…’. jennee akkuma kadhannu Waaqayyoo  Mirgaa Fi Bitaa Qaba? Waaqummaan akka keenya bitaa fi mirgaa kan qabu miti. Isa kanas Abbaan Hiriyaaqos sirna qulqulleessaa (Qiddaase) Haadha Keenya Dubroo Maariyaam irratti “Waaqumman garuu bitaa fi mirgaa, olii fi gad,… kan qabu miti, bakka hundumaatti kan guutedha malee ” jechuun galateeffateera. Bitaa fi mirgaa kan qabu waan murtaa’u, xuqamuu, qabamu kan danda’udha, Waaqummaan bakkaan hin murtaa’u, hin xuqamu, hin qaqqabamus. Caqasoonni kitaaba qulqulluu fi Sirna Qulqulleessaa irraa kan walitti bu’an osoo hin taane, mirga yeroo jedhu aangoo, humna, qixxummaa, Gooftummaa , kabaja  agarsiisa. Kanaafuu “Mirga Waaqayyo ” jechuun  aangoo Waaqummaa, kabaja Waaqummaa, humna Waaqummaa, Gooftummaa, … jechuudha. Gooftaan keenya “Ani Abbaa keessa, Abbaan ana keessa akka jiru na amana.” (Yoh 14:11) jechuun isa kabaja Waaqummaa mirga Waaqayyoo jedhamedha.  Akkasumas “mirgi Waaqayyo ol ol taasifte, mirgi Waaqayyo humna taasifte  ” Farsa (117: 15) kan jedhame irratti Mirgi Waaqayyo, aangoo, humna Waaqummaa tahuun ifaadha. Waluma galatti caqasichi  Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos  gara  samiitti olba’ee aangoo Waaqummaa, humna Waaqummaa, Gooftummaa  guutuun  Abbaa isaa waliin ta’usaa kan nu barsiisu dha. kutaan 3ffaa itti fufa Galanni Waaqayyoof
Mostrar todo...

👍 10 3
👍
🙏
❤️
👎
Facebook
Youtube
Tiktok
Whatsapp
Yaada fi Gaaffii
​​Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen Baga Ayyaana Olba'umsa Gooftaa Keenya Iyyesuus Kiristoosin Nagaan Isin Ga'e “Dubbii Kana Akkuma Dubbateen, Utuma Isaan Ilaalii Gara Samiitti Ol Ba’e. Duumessis Isa Simatte, Ija Isaanii Duras Isa Dhoksite.” HoE 1:9 Gooftaan keenya humna fi aangoo isaatiin aangoo du’aa cabsee erga ka’ee booda, guyyoota 40f bakka adda addaatti duuka bu’oota isaaf of mul’isee icciitii mootummaa Waaqayyo isaan barsiisaa, tajaajilaaf isaan qopheessaa ture. Gaafa guyyaa 40ffaa naannoo bitaaniyaatti kan argamtu garaa ejersaa (debre zeyit) irratti duuka bu’oota 11n walitti qabee, isaan eebbise, fuula isaanii duratti , osoo isaan ilaalanii gara samiitti ol ba’e.  duumessis isa simatte, fuula isaanii duraas isa dhoksite, mirga Waaqayyo taa’e. ( mirga Waaqayyo kutaa itti aanuutti ilaalla). Olba’umsi Gooftaa keenya akkuma fannifamuu fi du’aa ka’umsa isaa akka tasaa kan raawwate osoo hin taane waggoota baay’ee dursee raajotaan kan dubbatamedha. Isaan keessa muraasni, laphee Waaqayyo kan jedhame mootichi Daawit dhaloota Gooftaa keenya waggoota 1000 dursee “Waaqayyo Gooftaan ililleetiin, sagalee fiinootiin olba’e.”(Farsa 46(7):5).  Akkasumas “Kallattii bahaatiin gara samii samiiwwaniitti kan olba’e Waaqayyoof faarfadha” (Farsa 67(8):33) jedhuun barresseera. Raajiidhuma walfakkaatuun raajichi Waaqayyo Qulqulluun Daani’el “Halkanin raajiin arge, kunoo dhala namaa kan fakkaatu duumessa samii waliin dhufe, gara fuula Abbaatti dhiyaate…. ” (Dan 7:13) jechuun dhaloota Gooftaa keenyaa baroota baay’ee dursuun dubbateera. Gooftaan keenyaas yeroo barsiisaa turetti waa’ee olba’umsa isaa irra deddebi’uun yeroo baay’ee barsiiseera, “ani yeroon lafarra ol ol ba’u hundumaa gara kootti nan harkisa”(Yoh 12:32), “amma garuu gara isa na ergee nan deema, yoon deeme isiniif wayya,…”(Yoh 16:5). Kanaafu olba’insi Gooftaa keenya akka tasa kan argame osoo hin taane raajonni yeroo adda addaatti kan raajan, inni mataansaas kan barsiise ta’uu caqasoota armaan olii irraa hubachuun ni danda’ama. Gooftaa keenyas haaluma dursee barreffame kanaan gara samiitti olba’ee mirga Abbaa isaa taa’e. Mirgaa Abbaa taa’e kan jedhu kutaa itti aanun itti deebina. Ebbi ayyaanicha hunduma keenya waliin haa ta’u Galanni Waaqayyoof
Mostrar todo...

🙏 6 5
👍
🙏
❤️
👎
Facebook
Youtube
Tiktok
Whatsapp
Yaada fi Gaaffii
​​Ragaalee Du’aa Ka’uu Kiristoos Kitaaba Qulqulluu Fi Quraana Alaa Kutaa 4ffaa  (kutaa xumuraa) Akkam jirtu akkam turtan? Barreffama keenya mata duree Kanaan kutaawwaan darban sadaniin ragaawwaan barressitoota muraasan barreeffaman ilaallee turre. Har’as isuma itti fufuun kutaa xumura barreffamaaa kana kan ta’u dubbisna. Gara dubbisaatti . .. Yuuliyes Afraaqiyaanos (Julius Africanus) Barreessaa seenaa Roomanotaa kan ture Taales (Thallus) kan jedhamu bara 52BAtti Yeroo Kiristoos fannifame aduu dukkanoofte turte ilaalchisee barresseera. Taales dukkaanni guyyaa sanaa sababa haguugamuu aduun (tsehay girdosh) kan dhufedha jedhe. Yaada isaa kana falmuun immoo Yuuliyes naannoo bara 221BAtti barreesseera.  Yuuliyees yaadni Taales sirrii akka hin taane sababan mirkaneesseera. Sababni inni dhiyeesse faasikaan Yihuudotaa kan oolu jiinii guutuu yeroo taatu, yeroo kana keessa tasuma haguugamuuun aduu jiraachuu hin danda’u kan jedhu ture. jiinii guuttee kan mul’attu galgala malee guyyaa sa’a 9tti haala kamiinuu aduu uffisuu hin dandeessu. Dukkana guyyaa kana Diyoonasiyoos Inni Ariyoos faagos (Dionysius the Areopagite) illee caqaseera. Kun sababa fannifamuu Kiristoosin malee haguugamuu aduun kan ta’e miti. Taalmud (Talmud) Taalmud kitaaba sirna Yihuudotaadha. Kitaabni kun barreeffamoota adda addaa kan akka seera Yihuudotaa, sirna, faalasama, barsiifataa fi seenaawwaan kan ilaallatan marii rabbootaa (barsiisotaa) kan qabatedha. Kitaabni kun qabiyyee lama of keessaa qaba. Mishnaa fi Gemaaraa jedhamu. Mishnaan afaanin daddarbaa kan turan sirnootaa fi seerota Yihuudotaa kan of keessa qabudha. Gemaaraan immoo ibsa Mishnaa fi barreeffamoota biroo irratti kenname kan of keessa qabudha. Mishnaan kutaa 6 kan qabu yommuu ta’u kutaa 4ffaa irratti waa’ee deemsa murtii yaa’ii Yihuudotaa (Sanhedrin / አይሁድ ሸንጎ) qabateera.  Kutaa kana irratt waa’ee murti Kiristoos irratti darbee akkas jedha. “jala bultii faasikaatti Iyyesuus isa Naazret fannisan. (On the Eve of Passover they hung Yeshu the Notzarine.)”. Hojii Philaaxos (Acts of Pontius Pilate) Barreeffamni kun akkuma barressitoota armaan olii barreessaa kiristaana hin taanen kan barreffamedha. Booda abbootin Kiristaanaa kan akka Wareegamaa Iyyosxiin (Justin Martyr) fi Xerxuliyaanos (Tertullian), barreffama kana caqasaniiru. Barreffamni kun kan Roomanootaa yommuu ta’u fannifamuu fi du’uu Kiristoos dhugaa baha. Ragaawwaan biroon kan hafan jiraatanis kan hubatuuf jechi tokko gahaa waan ta’eef barreffama mataa dureen Kanaan eegalle asumatti goolabna. Walumagalatti seenaawwan baay’een barressitoota biyya lafaan barreeffaman waa’ee fannifamuu Kiristoos dhugaa bahu. Quraanni obbolaawwaan keenya baay’een itti amanan garuu “Iyyesuus hin fannifamne, warreen akkas jedhan isaan abarrerra” jechuun faallaa Kitaaba Qulqulluu fi seenaawwan yeroo sana barreffamanii ta’ee argama. Egaa kamtuu sirrii akka ta’e dubbisanii daandii sirrii qabachuun dhimma dhuunfaati. Amannes dhiisnes KIRISTOOS CUBBUU ADDUNYAAF FANNIFAMEE DU’EE DU’AA KA’EERA. Kanaaf obboolawwan keenyaa, barreffama namoonni muraasni yeroo ta’etti barreessanii ittin nama dogongorsan irraa deebi’uu qabna.  Har’a amantaa adda addaa keessa yoo jiraanneyyu Kiristoos hunduma keenya jaal’ata. Dukkana keessa baane ifa inni nuuf ibseen haa deddeebinu, har’as gaabbiin yoo deebine harki dhiifama isaa akkuma diriireetti jira. Addunya tokko irra qamadiinis inkirdaadnis walumaan jiraatu, yeroo haaman ga’u garuu qamadiin gara gootaraatti inkirdaadni immoo ibiddaan gubama. Akka qamadii filatamnee ijoollee Addaamif kan uumamte mootummaa isaa akka dhaalluf daandii keenya haa qorru. (“Ilmatti kan amanu jireenya bara baraa qaba; Ilmatti kan hin amanne immoo dhahichi dheekkamsa Waaqayyo isarra jiraata malee jireenya hin argu” (Yoh 3:36). Kakasee kan na jalqabsiise jalqabsiisee kan na xumursiise Uumaa keenya Waaqayyoof galatni fi ulfinni guddaan bara baraan isaaf haa ta’u.
Mostrar todo...

11
👍
🙏
❤️
👎
Facebook
Youtube
Tiktok
Whatsapp
Yaada fi Gaaffii
Elige un Plan Diferente

Tu plan actual sólo permite el análisis de 5 canales. Para obtener más, elige otro plan.