Dirree Faarfannaa
Ir al canal en Telegram
Faarfannaa Ortodoksii Tawaahidoo Yeroo Yeroon Ni Argattu Akkasumas Barreeffamoota Afuurawaa Ni Argattu Hiriyoota Keessaniif Share Taasisaa
Mostrar más9 214
Suscriptores
+324 horas
+217 días
+14230 días
Archivo de publicaciones
9 218
Filannoo dhugaa nuti dursine
Kiristoosin abdii kan godhanne
Ulfina isaatiif akka taanuuf galata
Nu foo'ateera gooftaan gooftotaa
Kabaja dhumaaf nu barbaadate
Addunyaan dura kan nu fo'ate
Karaa kirsitoos jaalala isaani
Adda baaneerra waaqayyoo abbaani
Dhaalli du'aa gatiin cubbuu nurra hin jiru
Amanneerra Arganneerra kan nu furu
Isa qofa nu'iif daawwaani
Kan nu bite jaalalaanii
Barri murame yeroo guutetti
Hunda raawwate akka akeeketti
Dhoksa yaada isaa nu'iin beeksise
Du'a du'aa irraa nu'iin fayyisee
Jireenya boodaaf qabdii nuuf ta'e
Afuurri qulqulluun inni nuuf bu'e
Afuura dhugaan mallatteefamne
Isa dhageenyes warri amanne
Furamuu cubbuu isaan arganne
Dhiiga Iyyasuusin nuti dhiqamne
Takkaaf kan dhumaa qulqulloofneerra
Ayyaana isaan nuti Fayyineerra
“Nuyi warri duraan dursinee Kristosin abdii godhanne ulfina isaatiif galata akka taanuuf nu fo'ate" Efe. 1:12
Faarfannaa Haaraa
Miseensa Ta'aa 👇
✅ @DirreeFaaruu02
✅ @DirreeFaaruu02
♡ ⌲ ✉️
ˡᶦᵏᵉ ˢʰᵃʳᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ
9 218
Daandii koodhaaf ibsaadha seerri kee ifa miilla Koo
Daandii Koodhaaf Ibsaadha Wangeelli kee ifa miila koo
pheeni'eel jedhee bakka eebba Koo
Ati jijjiirtee waamnaan moofaa Maqaa Koo
pheeni'eel jedhee bakka eebba Koo
Ati fayyifnaan yaa waaq madaa garaa Koo.
Boo'aaf dukkana keessatti
Du'es jiraadhes an Kan keeti
Lubbuu Koo guutuun siif amanamaa
Waa’ee keef jedhee nan wareegamaa
Humni kee hundaa Kaan danda'uu.
Maqaa keetiin duuti haa na'uu
Hinaaffaan gatii hin argatinii
Narratti mo'ii baruma baraanii
Hir'uu Koo situu naaf hubate
Fedhuma keetiin anaan firoomtee
Anoo hin miidhagum tasa qofaa Koo
Narraa calaqqis dooqaa morma Koo
Waaqa abboolii Koo warra darbanii
Si amananii aduu dhaabanii
Anaafis Uumi laphee Qulqulluu
Si malee anoo qofaa Koo hin toluu
Dadhabbii koo situ naa hubatee
Jaalala keetiin anaan firoomtee
Tasa hin miidhaguu gooftaa qofaa koo
Narraa calaqqisi Elellaa morma koo
A/F Luba Firaanol Moosisaa
9 218
Arraba hiikaa maqaan isaa
Gammadeetan isa faarsaa
Yohaannisi kan jedhanii
Dubbatanii argamanii ×2
Ergamaan waaqaa
samiirra ni dhufee
Dhalachuu yohaannis
Zakkaariyaasitti himee
Amanuu waan dideef
Arrabni isaa hidhamee
Yohaanniis jechuudhaan
Afaan isaa banamee
Gammoojjii irraa bakki
Guddina isaa
Rifeensa Gaala taasise
Huccuu isaa
Kan lafa onaarraa sagalee
Jedhamee
Afaan namaa hiikuuf isatu
Muudamee
Kan lafa onaarraa sagalee jedhamtaa
Hoolicha waaqayyoof ati daandii
Hartaa
Laphee abboototaa daa'immaniif
Laattee
Barumsa keetinii gaarrii wal
Qixxaatee
Mi'aa biyya lafaa dhugumaatti
Ni jibbee
Qulqulluu dhiigasaas waaqaaf
Dhangalaase
Mootummaa waaqayyoos
Du'a Hadhawaaf obsee
Yohaanniis abbaa koo kee
ta'uun na boonsee
━━━━━━━━━━━
✅ @DirreeFaaruu02
✅ @DirreeFaaruu02
♡ ⌲ ✉️
ˡᶦᵏᵉ ˢʰᵃʳᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ
9 218
Waaqa jaalalaa (2)
Bakkalcha bariiti mana galgalaa
Ati nuuf taatee taa'ii koof gaddisaa
Iyyasuus si'iin baane bilisaa
Aangoo dukkanaa nurraa rukutee
Barii fayyinaa nuuf barisiftee
Birmadummaatin jiraadha jette
Iyyasuus ati abbaa nuuf taate
Dukkana irratti ifaasaan duule
Wanjoo gabrummaa fannoosan lolee
Diinarra ejjete kan mirgaan galee
Nuti hin arginee gooftaa si malee
Jaalala dhugaa kan wareegama
Du'a hin sodaatu achitti adeema
Mootiin yihuudaa jagni ganamaa
Ilma waaqayyooti inni iyyasuus suma
Mootumma diina aboodhaan cabsee
Mandara sanii digeetu onsee
Mataa jawwichaa gooftaan buruksee
Nu ijoollee isaa bilisa baase
━━━━━━━━━━━
✅ @DirreeFaaruu02
✅ @DirreeFaaruu02
♡ ⌲ ✉️
ˡᶦᵏᵉ ˢʰᵃʳᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ
9 218
Hin Caamu siif roobee galatni koo
Hin dhaabbatuu danbaliin yeedaloo koo
Iyyasuus maqaakee baraan leellisaa
Siif of kenneen si waaqessaa
Galagalchitee labsii du'a koo
Irree galataa goote teessoo koo
Sirratti biqilee hiddi koo hin goguu
Sichan lalisaa hongeen nan arguu
Oolmaakee himee katabee hin fixuu
Utuun sin jajiinii aduun hin lixxuu
Maqaakee baadhee biyyaa biyyattii
Sichan lallabaa amma andaaraattii
Cancala diinaa narraa kukkuttee
Walabummaakoo dhiigaan labsitee
Luba lubbuukoo dursaa Lubootaa
Siifan lolaasaa aarsaa galataa
Bishaan jireenyaa dheebuukoo kuttee
Mannaa jiraataa beela na baastee
Siin nyaadhee dhugee latee miseeraa
Simboof eebbakoo kan yeroo maraa
Bakkalcha barii dukkana mootee
Dimimmisaa koos kan naaf ibsitee
Iyyasuus narraa situ calaqqisaa
Kayyoo kiyyatii si balbaloomsaa
Dn F/ta Fayyisaa Asraat
━━━━━━━━━━━
✅ @DirreeFaaruu02
✅ @DirreeFaaruu02
♡ ⌲ ✉️
ˡᶦᵏᵉ ˢʰᵃʳᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ
9 218
Koorsiin dubbii amantaa kutaa 1ffaan Eegalee jira
Namoonni Barachuu Barbaaddaan EeLinkii Gadii Kanan Seenaa Duubbisaa Channalii Daandii Fayyinaa Irratti
https://t.me/DirreeLallabaao
9 218
#SANYII_QULQULLUU! 🌾
"Firii 30, 60 fi 100" jechuun maal jechuudha? Maaliif Gooftaan akkas jedhe?
Yeroo baay’ee erga sagalee Waaqayyoo barannee booda wal eebbifnee akkana jenna:
"Isa baranneen firii 30, 60 fi 100 akka buufnu, eebbi Waaqayyoo nu waliin haa ta’u."
Kun jecha bareedaa qofa miti; kadhannaa guddaa fi waamicha jireenyaa dha. Hiika isaa yoo hubannee jiraanne garuu, jireenya keenya keessatti hojii ni hojjeta.
Bu’uurri isaa Maatewos 13, Maarqoos 4 fi Luqaas 8 keessatti argama. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos fakkeenya namicha sanyii facaasuu dubbate. Sanyiin tokko ture; garuu ooyiruun adda adda ture. Ooyiruun tokko karaa irratti kufe, kan biraan dhagaa irratti, kan biraan keessaa qoree keessatti, kan afraffaan garuu lafa gaarii irratti kufee firii 30, 60 fi 100 buuse.
Hiikni isaa ifaadha:
#Namni sanyii facaasu jechuun Waaqayyoo.
#Sanyiin jechuun Dubbii fi Jaalala Waaqayyoo.
#Ooyiruun jechuun laphee namaa.
Kanaaf, rakkoon sanyii miti; rakkoon laphee keenyaati. Dubbiin Waaqayyoo humna qaba. Garuu lapheen keenya yoo jibba, of tuulummaa, hinaaffaa, dheekkamsa, soba fi cubbuudhaan guutame, sanyiin sun firii hin buusu.
Har'a namoonni baay'een sagalee Waaqayyoo ni dhaga'u; garuu jireenya isaanii keessatti firii isaa hin mul'isan. Mana Kiristaanaa keessatti jaalala, nagaa, araaraa fi tokkummaa baranna; yeroo balbala mana Kiristaanaa keessaa baanu garuu waan baranne daganna. Diyaabiloos dubbii sana onnee keenya irraa saamuu barbaada. Kanaaf qofa dhaga'uun gahaa miti; dubbii sana eegnee hojii irra oolchuu qabna.
Firii 30, 60 fi 100 jechuun sadarkaa guddina afuuraa agarsiisa.
Firii 30 jechuun jalqaba amantii keessatti amanamummaadhaan guddachaa jiraachuu.
Firii 60 jechuun hojii gaarii, obsaa fi jaalala keessatti jabaachuu.
Firii 100 jechuun guutummaatti fedha Waaqayyootiif of kennuun jireenya qulqullummaa jiraachuu.
Waaqayyo lakkoofsa qofa hin ilaalu; amanamummaa fi firii jireenya keenyaa ilaala.
Gooftaan dhuma irratti akkana jedhe:"Gurra kan qabu haa dhaga'u."
Kun gurra qaamaa qofa miti; gurra laphee dha. Namni dhugumaan dhaggeeffatu ni jijjiirama. Namni jijjiirame immoo firii ni buusa.
Mukti firii hin qabne hojii hin qabu. Akkuma Gooftaan jedhe, mukni firii hin qabne gogee ibiddaaf qophaa'a. Kanaaf Kiristaanummaan maqaa qofa utuu hin taane, firii jireenyaatiin mul'achuu qaba.
Har'a of haa gaafannu:
#Dubbii Waaqayyoo dhaga'ee jijjiirameeraa?
#Jaalalaan jiraadhaa?
#Araara godhaa?
#Nama dhiisaa?
#Firii mootummaa Waaqayyoo buusaa jiraa?
Kadhannaan keenya:"Yaa Waaqayyo! Laphee koo akka lafa gaarii taasisi. Dubbii Kee keessa na dhaabi. Jaalala, nagaa, tokkummaa fi gad of qabuu keessatti na jabeessi. Firii 30 qofa utuu hin taane, firii 60 fi 100 siif buusu na taasisi. Ameen!"
Galanni Waaqayyoof haa ta'u!
Ameen.
Andualem leta ✍️
Share gochuun ergaa Waaqayyoo namoota biraas haa ga'u.
9 218
"Dhugaa Ni Beektu Dhugaanis
Bilisa Isin Baasa "
📖 Yoh. 14:6 | Yoh. 3:16 | Yoh. 8:32
Kayyoo Channel Kanaa Dhugaa Kitaaba Qulqulluu Dhaloota Biraan Gahuudha Miseensa Ta'aa
https://t.me/DirreeLallabaa
9 218
"Nama hin qabu"
Nama abdii kutate yemmuu yaaddu sagalee, “Nama hin qabu” (Yoh.5:7) jedhutu gurra kee keessaa sitti bilbila. Qabxiilee dhiphina fidan hundumaaf, “Abdii kutachuun” akka sieessituutti tajaajilti. Abdii kutachuun xalayaa diinni keenya daabiloos waraana isaa ittiin labsudha. Namni abdi-maleessi "ani homaa hin qabu; hunduu na dhiiseera; fira hin qabu;
Waaqayyos na dhiiseera; ani jiraachuun koo buaa hin qabu; ani nama lafa kana irratti gatii hin qabnedha…‟ jedhee keessi isaa yeroo hundumaa itti iyya.
Raajaan Miikiyaas garuu jecha diina abdi keenya nu jalaa saame ittiin waraannee abdii keenya galfannu sagalee jabaadhaan akkas
jedhee dubbateera. “Ani garuu gara Waaqayyoon ilaala; Waaqa koo Isa na fayyisus abdiin taasifadha; Waaqni koos na dhagaa.
Ani yoon kufes nan kaaatii dukkana keessas yoon taaee Waaqayyo ifa naaf taaawoo diinonni koo natti hin gammadani” (Mik.7:7-8) jedhee dubbateera.
Seexanni Waaqayyo irraa addaan nu baasee laaboraatoorii isaa keessatti meeshaa dheedhii yaaliif oolu nu taasifachuuf abdii nu kutachiisa. Akka qalbii hin jijjiirranneef, “Waaqayyo cubbuu hamma kana gau fuula Isaa duratti hojjettee waan siif dhiisu sitti fakkaataa?” nuun jedha. Gaabbii galuu dhiifnee laaqii cubbuu isa waliin dhiitaa akka jiraannuuf, dhuma irrattis isa waliin abidda hin qabbanoofneef qoraan akka taanuuf haala mijeeffata.
Yeroo kanatti ogeessicha Solomoon wajjin taanee akkas jennee haa deebisnuuf, “Namni qajeelaan yeroo torba ni kufa ni kaas” (Fak.24:16).
Madda: "Kitaaba Maaliif Dhiphattaa
9 218
Waa'ee keen hima
Waa'ee keen hima
Gocha keen hima
Garrummaa keen hima
Yaa iyyesuus isa jaalatamaa
Amaanu'eel Fayyisaa ilmaan namaa
Itti hin qaana’u gochasaa naan hima
Guutuu kan na godhee Iyyesuus jedhama
Dhugaa nan bahaa maqaasa ol kaasaa
Ija koo isa jamaa kan naaf ibsee isaa
Osoo nan tuffatiin samraawitii jettee
Bishaan jireenya jaalalan naaf laatte Seenaa isaa taree sechi hin xuraa’uu
Mana kee Iyyesuus an tasuma ba'uu
Dhagaan na waaqaruuf dinni koo qopha'e
Yakka koo tarreessee fulduraa na dhaabee
Itti murteessitee yakkii diina koo
Beenu nagaan gali nan jedhe Gooftaan koo
Akkan si jaalluu ni beekta uumaa koo
Osoon sitti hin himin beektahoo keessa koo
Nan hima waa'ee kee maafan callisaa
Hoosa'ina jedhee maqaa kee fan faarsaa
━━━━━━━━━━━
✅ @DirreeFaaruu02
✅ @DirreeFaaruu02
♡ ⌲ ✉️
ˡᶦᵏᵉ ˢʰᵃʳᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ
9 218
Gammachuu Caalu
Warreen gammachuu barbaacha fageenya baay'ee deemnuuf faarfatichi Daawwit ergaa qaba!
9 218
Ati Kan Raftu Dammaqi!
Egaa akka ijoollee jaalatamoo Waaqayyoo fakkaadhaa. Akkuma Kiristoos isin jaalate, ofi isaa Waaqayyof aarsaa fi ‘qurbaana’ urgaa gaarii kan ta’u taasisee, akkuma isinif of kenne jaalalaan deddeebi’aa.
Haa ta’u malee, akka qulqullootaaf malutti ejjii fi xuraa’umman hundi yookiin haaloon akka isinitti hin dhagahamne.Wanti nama qaanaessu dubbii dhiibaa’ummaa yookiin qoosaan hin mallees isin bira hin jiraatin; galateeffachuu haa ta’u malee cubbamaan yookiin saamtuu yookiin waaqa tolfamaa kan waaqeessu hundi, mootummaa Kiristoos Ilma Waaqayyoo keessatti carraa fi qooda akka hin qabne kana beekaa.
Wanta bu'aa hin buusneen kan isin dogoggorsiisu hin jiraatiin. Sababa isaatiin ijoollee gantootaa irratti, dheekkamsi Waaqayyoo isaanitti ni dhufaatii. Egaa isaan hin fakkaatinaa.
Dura dukkana turtan; har'a garuu gooftaa keenyaaan ifa taatanii jirtu. Egaa akka ijoollee ifaatti deddeebi'aa. Firiin ifaa hojii gaarii fi dhugaa, qajeelummaa hundumaadhaa ti.
Wanta Waaqayyoonis gammachiisu qoraadhaa! Firii hojii kan hin qabne namoota guutummaan isaanii dukkana ta'e waliin walii hin galinaa; ifadhaa malee. Hojii dhoksaan hojjetaman dubbachuudhaaf kan nama leeyyaasisiisuu dhaatii.
Haa ta'u malee, wanti ifaan mul'atu hunduu ni beekama; kan argamu hunduu ifadhaati. “Ati kan raftu dammaqi, du'oota keessaais adda ba'iitii ka'i; Kiristoosis siif ni ibsa” jedheeraati.
Efesoon 5:1-14
9 218
Taliilli koo hin bora'uu
Kan naaf burqee hin danga'uu
Dheebuu hin qabum sirra dhugee
Yaa Iyyasuus si na golgee
Hin dagadhuu nan yaadadhaa
Kan naaf gootes naan dubbaadha
Maalummaa koos dhunfatteettaa
Maqaa addaan na waamteeta
Kanaaf Anoo Hin Callisuu an Waa'ee kee
Sodaa Maleen Si Faarfadha an Mucaan Kee/Ilmi kee/2
Badhaasa koo kan jalqabaa
Kan naaf taate humna jabaa
Yoon si faarsee halkaan guutu
Oolma keetif hin baay'atuu
Abbummaan kee anaaf addaa
Guyyaa rakkoo situ naaf yaadaa
Natti dhufus wanti hamaan
Yaa tiksee koo an sin waama
Kan naaf kufe mormii tokkoo
Sit naaf ta'ee bidiruu koo
Oole bulus an kan keeti
Na dhabdeeta mana keeti
Miseensa Ta'aa 👇
━━━━━━━━━━━
✅ @DirreeFaaruu02
✅ @DirreeFaaruu02
♡ ⌲ ✉️
ˡᶦᵏᵉ ˢʰᵃʳᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ
9 218
👉👉👉Dargaggeessa👈👈
✍Yaa ijoollee Ortodooksii Tawaahidoo dargagguummaa keessa jirtan yeroo ammaa miidhaa amantaa keenya irra ga'a jiru ilaalchisee nuti kan irratti xiyyeefachaa jirru gubachuu mana kiristaanaa fi qalamuu ijoollee waaqayyooti.
✍Haa ta'u malee isaan olitti namoonni badiitti seenaa jiru. Manni hin ijaarama kan wareegames gonfoo jireenyaa samii irraa badhaafama. Garuu tooftaan seexanni karaa irratti hin baramneen dhaloota jawwichaaf galaasuuf kaatu heddu nama yaaddessa.
✍Seexanni poropozaala dhoksaa ittiin ijoollee waaqayyoo gara afaan isaatti galfatu qopheeffatee ijoollee ortodoksii saamaa jira. Kanas dargaggoota akkasumaan hubannoo malee jireenya irra keessaan kiristaanummaa hordofan adamsuun barnoota saayikooloojiitiin sammuu isaanii hadoochee gara jireenya luugama malee jiraatamutti waamaa jira.Keessattu nama qeeqama saba qabu fakkaachuun, jechoota filaatamo fayyadamuun ykn kiristaanaati akka qanaa'u gochuun adamsa jiru.Fedhii foonii qofa fuldura qabe boollaa seensisa jira.
✍Yaa obbolootaa waa tokko hubadhaa.Dargaggeessa qajeelaa ta'uudhaaf ulaagaaleen barbaachisan isaa amma eegale kana miti. Eenyuyyuu ortodooksii ta'ee eenyun akka Waaqessu osoo hin beekiin waan jiru natti hin fakkaatu. Garuu itti jiraachuun waan itti cimuuf maal na dhibdeedhaan bakkee keessa oola. Boodarra sirba, ejja, machii, hanna, caatii,sigaaraa,fi kanneen biroo dhiisuuf amantaa jijjiirrachuu murteeffata.Dhaloota jireenyi harka bade,abdii kutate,mul'ata hin qabne.Safuu uummata isa hin beekne.Jechoota dubbatu hin beekne.Namaaf kabaja hin qabne.Arabsoo fi ajjeecha beekumsa godhe ilaallu ta'a.Yaa obboloota koo hallayya kan hin seene dursinne ofi haa ilaallu.
✍Kun maaf ta'e amantaan ati har'a keessa jirtu kana siif eyyamtee turtee?Ofin sirreessa yoo jette deebi'uuf ijjennoo kee cimsi.
Nama qajeelaa ta'uu yoo feete dura murteessi.Of fooyyessuuf of qopheessi malee Waaqayyoo hin fooyyeffamu. Sammuu kee fooyyessi malee amantaan hin fooyya'u. Amma siif dandaa'ameen bakka jirtutti of jijjiiruuf xiinxali malee Waaqayyoo gara kee ni dhufa.
✍Gaabbii galuunis sammuu kee keessaan madda. Nama qajeelaa ta'uuf miila fooniin osoo hin taane laphee cabeen imaluu si gaafata. Kiristoos isa asii barbaadi argadhu inni suma cina jira. Kanaaf obboloota koo dargaggeessa fayyaalessa ta'uuf gara nama osoo hin taane kara Waaqayyooti gaabbiidhaan imalaa.
✍Dargaggeessi qajeelaa ta'e, mootummaa jaalaatee uummaata jibbuu akka hin dandeenye akkasuma Waaqayyoo jaalatee ergamoota qulqullootaaf haadha waaqayyoo jibbuu hin danda'u.
"Gaarummaan warra gaarii waliin yammuu jiraannudha! Hin gowwomiin!"
--------Walgorfanna!------------
Galanni Waaqayyoof Haa ta'u! Ameen!
9 218
♦ Sirraa Addaan ba'ee ♦
Sirraa addaan ba'ee si dhiisee eessan deema
Irbaanni jireenya si biraati argamaa
Sirraa addaan baanan diinanan booji'amaa
Yaa waaq na hin dhiisini abdiinkoo si'uma
Sirraa addaan ba'anii kan siin tuffanii
Abboomiif seera kee hin eegnu jedhanii
Dhumni saanii hin tollee eega fokkisanii
Uummattoonni sodoom abiddaan dhumni
Akka leencaa aada diinni koo na marsee
Na liqimsuudhaafi kiyyoosaa diriirsee
Narraa adda hin ba'inii sittan gara-galee
Gargaarsa kee abdadheen kooluu sitti gale
Sirra addan ba'anii warri guungumani
Kum 23 al takkaan dhumani
Kan si faana bahan mo'atanii galuu
Gooftaa koo si malee eenyumtuu hin ofkaluu
Sooranni mana kee kan wal hin hanqannee
Iyyeessis dhabasaaf gonka kan hin dhabne
Mi'eeffadheen argee jireenya manakee
Kiyyoo koos nan gatee hiriiree gartuukee
==•|•==
━━━━━━━━━━━
✅ @DirreeFaaruu02
✅ @DirreeFaaruu02
♡ ⌲ ✉️
ˡᶦᵏᵉ ˢʰᵃʳᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ
9 218
Wangeela Mootummaa Waaqayyoo
" Inni abdii nuuf kenne amanamaa dha"
📖 Ibroota 10: 23
https://t.me/DirreeLallabaa
9 218
Dhugaa jiru hubadhu
Iyyasuus Kiristoosi kan hin qabne jireenya hin qabu; Abbaas fi Afuura Qulqulluus argachuu hin danda’u. Iyyasuus Kiristoosi Mooticha lafaa fi samii laphee kiristaana dhugaa keessatti ni mootadha. Lapheen jaalalaa Gooftaan moo’atamte gara mana raagadaa, xonqaayii, mana araqee fi mana araadaa gara garaatti hin deemu.
Kiristaanni gara mana kiristaanaa deemuun Wangeela barata; Abbaa gaabbii waliin mari’ata; namoota dadhaboo gargaaruuf, harka qaleeyyii jajjabeessuuf, namoota walitti araarsuu fi dhukkubsattoota gaafachuuf ni deema.
Warreen miila tokkoon gara mana kiristaanaa, miila tokkoon gara xonqaayii, mana machii fi araadaa gara garaatti deeman warreen kisaaraa keessa jiranidha. Nama sobuu dandeenya; garuu Waaqaa lafaa fi samii uume sobuu hin dandeenyu.
Ati raftee dammaqi; of ilaali! Guyyaa deemsaa kee hin beektu waan ta’eef qophaa’i. Kanaaf jireenya kiristaana ta’uun jiraachuuf oolmaa kee sirreessi; kan raawwachuuf ofitti himi; raawwachiisi. Dhugaa jiru hubadhu.
9 218
Waan hundumti iyyuu hafee si'iin laphee dhugaadhaan osoo beekanii waan hundumaa irra kan caalu argatu. Yoo deemuu feedhan gufuu fi gufaatiin nama hin daangessu. Atoo karaa fi karra dhugaadha hoo! Yoo jireenya yaadan duutni nama hin yaaddessu. Hin sodaatan, hin birratanis. Atoo jireenya bara baraati hoo! Sitti michoomanii hin gataman, hin ganaman. Nama hin buustu, namatti hin jijjiiramtu. Amala keetu jaalala. Amanamaanis, dhugaanis si'i yaa Gooftaa!
(Yoh. 14:6).
Nageenyi, tasgabbiin, qulqullinni si biraa argama. Si biraa maaltu hin argamu iyyuu? Wanti hundi isaa si bira jira. Ati uumaa fi argamsiisaadha. Abbaan taayitaa, ajajaan, jiraachisaan, hundumaa kan danda'u si'i qofa. Mootii mootummaan isaa raawwata hin qabne, goota du'a ajjeesee jireenya kennu, jaalalaaf aarsaa lubbuu kanfalu...Yaa Gooftaa, ati Waaqayyo waan taateef guddinni kee dubbatamee hin dhumu.
Yerooma yeroodhaan waa'ee kee dinqisiifachaa akka jiraannuuf laphee Qulqulluu nuuf uumi Yaa Waaqayyo🤲!
Sanbata Qulqulleettiitti Oolmaa eebbifamaa qabaadhaa!
