ch
Feedback
Dirree Faarfannaa

Dirree Faarfannaa

前往频道在 Telegram

Faarfannaa Ortodoksii Tawaahidoo Yeroo Yeroon Ni Argattu Akkasumas Barreeffamoota Afuurawaa Ni Argattu Hiriyoota Keessaniif Share Taasisaa

显示更多
9 214
订阅者
+324 小时
+217
+14230
帖子存档
Filannoo dhugaa nuti dursine Kiristoosin abdii kan godhanne Ulfina isaatiif akka taanuuf galata Nu foo'ateera gooftaan gooftotaa Kabaja dhumaaf nu barbaadate Addunyaan dura kan nu fo'ate Karaa kirsitoos jaalala isaani Adda baaneerra waaqayyoo abbaani Dhaalli du'aa gatiin cubbuu nurra hin jiru Amanneerra Arganneerra kan nu furu Isa qofa nu'iif daawwaani Kan nu bite jaalalaanii Barri murame yeroo guutetti Hunda raawwate akka akeeketti Dhoksa yaada isaa nu'iin beeksise Du'a du'aa irraa nu'iin fayyisee Jireenya boodaaf qabdii nuuf ta'e Afuurri qulqulluun inni nuuf bu'e Afuura dhugaan mallatteefamne Isa dhageenyes warri amanne Furamuu cubbuu isaan arganne Dhiiga Iyyasuusin nuti dhiqamne Takkaaf kan dhumaa qulqulloofneerra Ayyaana isaan nuti Fayyineerra “Nuyi warri duraan dursinee Kristosin abdii godhanne ulfina isaatiif galata akka taanuuf nu fo'ate" Efe. 1:12 Faarfannaa Haaraa Miseensa Ta'aa 👇 ✅ @DirreeFaaruu02@DirreeFaaruu02       ♡      ⌲       ✉️       ˡᶦᵏᵉ   ˢʰᵃʳᵉ   ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ

Daandii koodhaaf ibsaadha seerri kee ifa miilla Koo Daandii Koodhaaf Ibsaadha Wangeelli kee ifa miila koo pheeni'eel jedhee bakka eebba Koo Ati jijjiirtee waamnaan  moofaa Maqaa Koo pheeni'eel jedhee bakka eebba Koo Ati fayyifnaan yaa waaq madaa garaa Koo.                            Boo'aaf dukkana keessatti Du'es jiraadhes an Kan keeti Lubbuu Koo guutuun siif amanamaa Waa’ee keef jedhee nan wareegamaa Humni kee hundaa Kaan danda'uu.  Maqaa keetiin duuti haa na'uu Hinaaffaan gatii hin argatinii Narratti mo'ii baruma baraanii Hir'uu Koo situu naaf hubate Fedhuma keetiin anaan firoomtee Anoo hin miidhagum tasa qofaa Koo Narraa calaqqis dooqaa morma Koo Waaqa abboolii Koo warra darbanii Si amananii aduu dhaabanii Anaafis Uumi laphee Qulqulluu Si malee anoo qofaa Koo hin toluu   Dadhabbii koo situ naa hubatee Jaalala keetiin anaan firoomtee Tasa hin miidhaguu gooftaa qofaa koo Narraa calaqqisi Elellaa morma koo A/F Luba Firaanol Moosisaa

Arraba hiikaa maqaan isaa Gammadeetan isa faarsaa Yohaannisi kan jedhanii Dubbatanii argamanii ×2 Ergamaan waaqaa samiirra ni dhufee Dhalachuu yohaannis Zakkaariyaasitti himee Amanuu waan dideef Arrabni isaa hidhamee Yohaanniis jechuudhaan Afaan isaa banamee Gammoojjii irraa bakki Guddina isaa Rifeensa Gaala taasise Huccuu isaa Kan lafa onaarraa sagalee Jedhamee Afaan namaa hiikuuf isatu Muudamee Kan lafa onaarraa sagalee jedhamtaa Hoolicha waaqayyoof ati daandii Hartaa Laphee abboototaa daa'immaniif Laattee Barumsa keetinii gaarrii wal Qixxaatee Mi'aa biyya lafaa dhugumaatti Ni jibbee Qulqulluu dhiigasaas waaqaaf Dhangalaase Mootummaa waaqayyoos Du'a Hadhawaaf obsee Yohaanniis abbaa koo kee ta'uun na boonsee      ━━━━━━━━━━━ ✅ @DirreeFaaruu02@DirreeFaaruu02       ♡      ⌲       ✉️       ˡᶦᵏᵉ   ˢʰᵃʳᵉ   ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ

Waaqa jaalalaa (2) Bakkalcha bariiti mana galgalaa Ati nuuf taatee taa'ii koof gaddisaa Iyyasuus si'iin baane bilisaa Aangoo dukkanaa nurraa rukutee Barii fayyinaa nuuf barisiftee Birmadummaatin jiraadha jette Iyyasuus ati abbaa nuuf taate Dukkana irratti ifaasaan duule Wanjoo gabrummaa fannoosan lolee Diinarra ejjete kan mirgaan galee Nuti hin arginee gooftaa si malee Jaalala dhugaa kan wareegama Du'a hin sodaatu achitti adeema Mootiin yihuudaa jagni ganamaa Ilma waaqayyooti inni iyyasuus suma Mootumma diina aboodhaan cabsee Mandara sanii digeetu onsee Mataa jawwichaa gooftaan buruksee Nu ijoollee isaa bilisa baase      ━━━━━━━━━━━ ✅ @DirreeFaaruu02@DirreeFaaruu02       ♡      ⌲       ✉️       ˡᶦᵏᵉ   ˢʰᵃʳᵉ   ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ

Hin Caamu siif roobee galatni koo Hin dhaabbatuu danbaliin yeedaloo koo Iyyasuus maqaakee baraan leellisaa Siif of kenneen si waaqessaa Galagalchitee labsii du'a koo Irree galataa goote teessoo koo Sirratti biqilee hiddi koo hin goguu Sichan lalisaa hongeen nan arguu Oolmaakee himee katabee hin fixuu Utuun sin jajiinii aduun hin lixxuu Maqaakee baadhee biyyaa biyyattii Sichan lallabaa amma andaaraattii Cancala diinaa narraa kukkuttee Walabummaakoo dhiigaan labsitee Luba lubbuukoo dursaa Lubootaa Siifan lolaasaa aarsaa galataa Bishaan jireenyaa dheebuukoo kuttee Mannaa jiraataa beela na baastee Siin nyaadhee dhugee latee miseeraa Simboof eebbakoo kan yeroo maraa Bakkalcha barii dukkana mootee Dimimmisaa koos kan naaf ibsitee Iyyasuus narraa situ calaqqisaa Kayyoo kiyyatii si balbaloomsaa     Dn F/ta Fayyisaa Asraat      ━━━━━━━━━━━ ✅ @DirreeFaaruu02@DirreeFaaruu02       ♡      ⌲       ✉️       ˡᶦᵏᵉ   ˢʰᵃʳᵉ   ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ

Koorsiin dubbii amantaa kutaa 1ffaan Eegalee jira Namoonni Barachuu Barbaaddaan EeLinkii Gadii Kanan Seenaa Duubbisaa Channalii Daandii Fayyinaa Irratti https://t.me/DirreeLallabaao

#SANYII_QULQULLUU! 🌾 "Firii 30, 60 fi 100" jechuun maal jechuudha? Maaliif Gooftaan akkas jedhe? Yeroo baay’ee erga sagalee Waaqayyoo barannee booda wal eebbifnee akkana jenna: "Isa baranneen firii 30, 60 fi 100 akka buufnu, eebbi Waaqayyoo nu waliin haa ta’u." Kun jecha bareedaa qofa miti; kadhannaa guddaa fi waamicha jireenyaa dha. Hiika isaa yoo hubannee jiraanne garuu, jireenya keenya keessatti hojii ni hojjeta. Bu’uurri isaa Maatewos 13, Maarqoos 4 fi Luqaas 8 keessatti argama. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos fakkeenya namicha sanyii facaasuu dubbate. Sanyiin tokko ture; garuu ooyiruun adda adda ture. Ooyiruun tokko karaa irratti kufe, kan biraan dhagaa irratti, kan biraan keessaa qoree keessatti, kan afraffaan garuu lafa gaarii irratti kufee firii 30, 60 fi 100 buuse. Hiikni isaa ifaadha: #Namni sanyii facaasu jechuun Waaqayyoo. #Sanyiin jechuun Dubbii fi Jaalala Waaqayyoo. #Ooyiruun jechuun laphee namaa. Kanaaf, rakkoon sanyii miti; rakkoon laphee keenyaati. Dubbiin Waaqayyoo humna qaba. Garuu lapheen keenya yoo jibba, of tuulummaa, hinaaffaa, dheekkamsa, soba fi cubbuudhaan guutame, sanyiin sun firii hin buusu. Har'a namoonni baay'een sagalee Waaqayyoo ni dhaga'u; garuu jireenya isaanii keessatti firii isaa hin mul'isan. Mana Kiristaanaa keessatti jaalala, nagaa, araaraa fi tokkummaa baranna; yeroo balbala mana Kiristaanaa keessaa baanu garuu waan baranne daganna. Diyaabiloos dubbii sana onnee keenya irraa saamuu barbaada. Kanaaf qofa dhaga'uun gahaa miti; dubbii sana eegnee hojii irra oolchuu qabna. Firii 30, 60 fi 100 jechuun sadarkaa guddina afuuraa agarsiisa. Firii 30 jechuun jalqaba amantii keessatti amanamummaadhaan guddachaa jiraachuu. Firii 60 jechuun hojii gaarii, obsaa fi jaalala keessatti jabaachuu. Firii 100 jechuun guutummaatti fedha Waaqayyootiif of kennuun jireenya qulqullummaa jiraachuu. Waaqayyo lakkoofsa qofa hin ilaalu; amanamummaa fi firii jireenya keenyaa ilaala. Gooftaan dhuma irratti akkana jedhe:"Gurra kan qabu haa dhaga'u." Kun gurra qaamaa qofa miti; gurra laphee dha. Namni dhugumaan dhaggeeffatu ni jijjiirama. Namni jijjiirame immoo firii ni buusa. Mukti firii hin qabne hojii hin qabu. Akkuma Gooftaan jedhe, mukni firii hin qabne gogee ibiddaaf qophaa'a. Kanaaf Kiristaanummaan maqaa qofa utuu hin taane, firii jireenyaatiin mul'achuu qaba. Har'a of haa gaafannu: #Dubbii Waaqayyoo dhaga'ee jijjiirameeraa? #Jaalalaan jiraadhaa? #Araara godhaa? #Nama dhiisaa? #Firii mootummaa Waaqayyoo buusaa jiraa? Kadhannaan keenya:"Yaa Waaqayyo! Laphee koo akka lafa gaarii taasisi. Dubbii Kee keessa na dhaabi. Jaalala, nagaa, tokkummaa fi gad of qabuu keessatti na jabeessi. Firii 30 qofa utuu hin taane, firii 60 fi 100 siif buusu na taasisi. Ameen!" Galanni Waaqayyoof haa ta'u! Ameen. Andualem leta ✍️ Share gochuun ergaa Waaqayyoo namoota biraas haa ga'u.

"Dhugaa Ni Beektu Dhugaanis Bilisa Isin Baasa " 📖 Yoh. 14:6 | Yoh. 3:16 | Yoh. 8:32 Kayyoo Channel Kanaa Dhugaa Kitaaba Qulqulluu Dhaloota Biraan Gahuudha Miseensa Ta'aa https://t.me/DirreeLallabaa

"Nama hin qabu" Nama abdii kutate yemmuu yaaddu sagalee, “Nama hin qabu” (Yoh.5:7) jedhutu gurra kee keessaa sitti bilbila. Qabxiilee dhiphina fidan hundumaaf, “Abdii kutachuun” akka sieessituutti tajaajilti. Abdii kutachuun xalayaa diinni keenya daabiloos waraana isaa ittiin labsudha. Namni abdi-maleessi "ani homaa hin qabu; hunduu na dhiiseera; fira hin qabu; Waaqayyos na dhiiseera; ani jiraachuun koo buaa hin qabu; ani nama lafa kana irratti gatii hin qabnedha…‟ jedhee keessi isaa yeroo hundumaa itti iyya. Raajaan Miikiyaas garuu jecha diina abdi keenya nu jalaa saame ittiin waraannee abdii keenya galfannu sagalee jabaadhaan akkas jedhee dubbateera. “Ani garuu gara Waaqayyoon ilaala; Waaqa koo Isa na fayyisus abdiin taasifadha; Waaqni koos na dhagaa. Ani yoon kufes nan kaaatii dukkana keessas yoon taaee Waaqayyo ifa naaf taaawoo diinonni koo natti hin gammadani” (Mik.7:7-8) jedhee dubbateera. Seexanni Waaqayyo irraa addaan nu baasee laaboraatoorii isaa keessatti meeshaa dheedhii yaaliif oolu nu taasifachuuf abdii nu kutachiisa. Akka qalbii hin jijjiirranneef, “Waaqayyo cubbuu  hamma kana gau fuula Isaa duratti hojjettee waan siif dhiisu sitti fakkaataa?” nuun jedha. Gaabbii galuu dhiifnee laaqii cubbuu isa waliin dhiitaa akka jiraannuuf, dhuma irrattis isa  waliin abidda hin qabbanoofneef qoraan akka taanuuf haala mijeeffata. Yeroo kanatti ogeessicha Solomoon wajjin taanee akkas jennee haa deebisnuuf, “Namni qajeelaan yeroo torba ni kufa ni kaas” (Fak.24:16). Madda: "Kitaaba Maaliif Dhiphattaa

+1
     Si Jaalannaa ━━━━━━━━━━━ ✅ @DirreeFaaruu02@DirreeFaaruu02       ♡      ⌲       ✉️       ˡᶦᵏᵉ   ˢʰᵃʳᵉ   ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ

Waa'ee keen hima Waa'ee keen hima  Gocha keen hima  Garrummaa keen hima Yaa iyyesuus isa jaalatamaa Amaanu'eel Fayyisaa ilmaan namaa     Itti hin qaana’u gochasaa naan hima Guutuu kan na godhee Iyyesuus jedhama Dhugaa nan bahaa maqaasa ol kaasaa Ija koo isa jamaa kan naaf ibsee isaa      Osoo nan tuffatiin samraawitii jettee Bishaan jireenya jaalalan naaf laatte Seenaa isaa taree sechi hin xuraa’uu Mana kee Iyyesuus an tasuma ba'uu       Dhagaan na waaqaruuf dinni koo qopha'e Yakka koo tarreessee fulduraa na dhaabee Itti murteessitee yakkii diina koo Beenu nagaan gali nan jedhe Gooftaan koo        Akkan si jaalluu ni beekta uumaa koo Osoon sitti hin himin  beektahoo keessa koo Nan hima waa'ee kee maafan callisaa Hoosa'ina jedhee maqaa kee fan faarsaa      ━━━━━━━━━━━ ✅ @DirreeFaaruu02@DirreeFaaruu02       ♡      ⌲       ✉️       ˡᶦᵏᵉ   ˢʰᵃʳᵉ   ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ

Gammachuu Caalu Warreen gammachuu barbaacha fageenya baay'ee deemnuuf faarfatichi Daawwit ergaa qaba!
Gammachuu Caalu Warreen gammachuu barbaacha fageenya baay'ee deemnuuf faarfatichi Daawwit ergaa qaba!

Ati Kan Raftu Dammaqi! Egaa akka ijoollee jaalatamoo Waaqayyoo fakkaadhaa. Akkuma Kiristoos isin jaalate, ofi isaa Waaqayyof aarsaa fi ‘qurbaana’ urgaa gaarii kan ta’u taasisee, akkuma isinif of kenne jaalalaan deddeebi’aa.  Haa ta’u malee, akka qulqullootaaf malutti ejjii fi xuraa’umman hundi yookiin haaloon akka isinitti hin dhagahamne.Wanti nama qaanaessu dubbii dhiibaa’ummaa yookiin qoosaan hin mallees isin bira hin jiraatin; galateeffachuu haa ta’u malee cubbamaan yookiin saamtuu yookiin waaqa tolfamaa kan waaqeessu hundi, mootummaa Kiristoos Ilma Waaqayyoo keessatti carraa fi qooda akka hin qabne kana beekaa. Wanta bu'aa hin buusneen kan isin dogoggorsiisu hin jiraatiin. Sababa isaatiin ijoollee gantootaa irratti, dheekkamsi Waaqayyoo isaanitti ni dhufaatii. Egaa isaan hin fakkaatinaa. Dura dukkana turtan; har'a garuu gooftaa keenyaaan ifa taatanii jirtu. Egaa akka ijoollee ifaatti deddeebi'aa. Firiin ifaa hojii gaarii fi dhugaa, qajeelummaa hundumaadhaa ti. Wanta Waaqayyoonis gammachiisu qoraadhaa! Firii hojii kan hin qabne namoota guutummaan isaanii dukkana ta'e waliin walii hin galinaa; ifadhaa malee. Hojii dhoksaan hojjetaman dubbachuudhaaf kan nama leeyyaasisiisuu dhaatii. Haa ta'u malee, wanti ifaan mul'atu hunduu ni beekama; kan argamu hunduu ifadhaati. “Ati kan raftu dammaqi, du'oota keessaais adda ba'iitii ka'i; Kiristoosis siif ni ibsa” jedheeraati.   Efesoon 5:1-14

Taliilli koo hin bora'uu Kan naaf burqee hin danga'uu Dheebuu hin qabum sirra dhugee Yaa Iyyasuus si na golgee Hin dagadhuu nan yaadadhaa Kan naaf gootes naan dubbaadha Maalummaa koos dhunfatteettaa Maqaa addaan na waamteeta Kanaaf Anoo Hin Callisuu an Waa'ee kee Sodaa Maleen Si Faarfadha an Mucaan Kee/Ilmi kee/2 Badhaasa koo kan jalqabaa Kan naaf taate humna jabaa Yoon si faarsee halkaan guutu Oolma keetif hin baay'atuu Abbummaan kee anaaf addaa Guyyaa rakkoo situ naaf yaadaa Natti dhufus wanti hamaan Yaa tiksee koo an sin waama Kan naaf kufe mormii tokkoo Sit naaf ta'ee bidiruu koo Oole bulus an kan keeti Na dhabdeeta mana keeti Miseensa Ta'aa 👇      ━━━━━━━━━━━ ✅ @DirreeFaaruu02@DirreeFaaruu02       ♡      ⌲       ✉️       ˡᶦᵏᵉ   ˢʰᵃʳᵉ   ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ

👉👉👉Dargaggeessa👈👈 ✍Yaa ijoollee Ortodooksii Tawaahidoo dargagguummaa keessa jirtan yeroo ammaa miidhaa amantaa keenya irra ga'a jiru ilaalchisee nuti kan irratti xiyyeefachaa jirru gubachuu mana kiristaanaa fi qalamuu ijoollee waaqayyooti. ✍Haa ta'u malee isaan olitti namoonni badiitti seenaa jiru. Manni hin ijaarama kan wareegames gonfoo jireenyaa samii irraa badhaafama. Garuu tooftaan seexanni karaa irratti hin baramneen dhaloota jawwichaaf galaasuuf kaatu heddu nama yaaddessa. ✍Seexanni poropozaala dhoksaa ittiin ijoollee waaqayyoo gara afaan isaatti galfatu qopheeffatee ijoollee ortodoksii saamaa jira. Kanas dargaggoota akkasumaan hubannoo malee jireenya irra keessaan kiristaanummaa hordofan adamsuun barnoota saayikooloojiitiin sammuu isaanii hadoochee gara jireenya luugama malee jiraatamutti waamaa jira.Keessattu nama qeeqama saba qabu fakkaachuun, jechoota filaatamo fayyadamuun ykn kiristaanaati akka qanaa'u gochuun adamsa jiru.Fedhii foonii qofa fuldura qabe boollaa seensisa jira. ✍Yaa obbolootaa waa tokko hubadhaa.Dargaggeessa qajeelaa ta'uudhaaf ulaagaaleen barbaachisan isaa amma eegale kana miti. Eenyuyyuu ortodooksii ta'ee eenyun akka Waaqessu osoo hin beekiin waan jiru natti hin fakkaatu. Garuu itti jiraachuun waan itti cimuuf maal na dhibdeedhaan bakkee keessa oola. Boodarra sirba, ejja, machii, hanna, caatii,sigaaraa,fi kanneen biroo dhiisuuf amantaa jijjiirrachuu murteeffata.Dhaloota jireenyi harka bade,abdii kutate,mul'ata hin qabne.Safuu uummata isa hin beekne.Jechoota dubbatu hin beekne.Namaaf kabaja hin qabne.Arabsoo fi ajjeecha beekumsa godhe ilaallu ta'a.Yaa obboloota koo hallayya kan hin seene dursinne ofi haa ilaallu. ✍Kun maaf ta'e amantaan ati har'a keessa jirtu kana siif eyyamtee turtee?Ofin sirreessa yoo jette deebi'uuf ijjennoo kee cimsi. Nama qajeelaa ta'uu yoo feete dura murteessi.Of fooyyessuuf of qopheessi malee Waaqayyoo hin fooyyeffamu. Sammuu kee fooyyessi malee amantaan hin fooyya'u. Amma siif dandaa'ameen bakka jirtutti of jijjiiruuf xiinxali malee Waaqayyoo gara kee ni dhufa. ✍Gaabbii galuunis sammuu kee keessaan madda. Nama qajeelaa ta'uuf miila fooniin osoo hin taane laphee cabeen imaluu si gaafata. Kiristoos isa asii barbaadi argadhu inni suma cina jira. Kanaaf obboloota koo dargaggeessa fayyaalessa ta'uuf gara nama osoo hin taane kara Waaqayyooti gaabbiidhaan imalaa. ✍Dargaggeessi qajeelaa ta'e, mootummaa jaalaatee uummaata jibbuu akka hin dandeenye akkasuma Waaqayyoo jaalatee ergamoota qulqullootaaf haadha waaqayyoo jibbuu hin danda'u. "Gaarummaan warra gaarii waliin yammuu jiraannudha! Hin gowwomiin!" --------Walgorfanna!------------ Galanni Waaqayyoof Haa ta'u! Ameen!

♦ Sirraa Addaan ba'ee ♦ Sirraa addaan ba'ee si dhiisee eessan deema Irbaanni jireenya si biraati argamaa Sirraa addaan baanan diinanan booji'amaa Yaa waaq na hin dhiisini abdiinkoo si'uma Sirraa addaan ba'anii kan siin tuffanii Abboomiif seera kee hin eegnu jedhanii Dhumni saanii hin tollee eega fokkisanii Uummattoonni sodoom abiddaan dhumni    Akka leencaa aada diinni koo na marsee Na liqimsuudhaafi kiyyoosaa diriirsee Narraa adda hin ba'inii sittan gara-galee Gargaarsa kee abdadheen kooluu sitti gale   Sirra addan ba'anii warri guungumani Kum 23 al takkaan dhumani Kan si faana bahan mo'atanii galuu Gooftaa koo si malee eenyumtuu hin ofkaluu Sooranni mana kee kan wal hin hanqannee Iyyeessis dhabasaaf gonka kan hin dhabne Mi'eeffadheen argee jireenya manakee Kiyyoo koos nan gatee hiriiree gartuukee ==•|•==      ━━━━━━━━━━━ ✅ @DirreeFaaruu02@DirreeFaaruu02       ♡      ⌲       ✉️       ˡᶦᵏᵉ   ˢʰᵃʳᵉ   ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ

Wangeela Mootummaa Waaqayyoo " Inni abdii nuuf kenne amanamaa dha" 📖 Ibroota 10: 23 https://t.me/DirreeLallabaa

Dhugaa jiru hubadhu Iyyasuus Kiristoosi kan hin qabne jireenya hin qabu; Abbaas fi Afuura Qulqulluus argachuu hin danda’u. Iyyasuus Kiristoosi Mooticha lafaa fi samii laphee kiristaana dhugaa keessatti ni mootadha. Lapheen jaalalaa Gooftaan moo’atamte gara mana raagadaa, xonqaayii, mana araqee fi mana araadaa gara garaatti hin deemu. Kiristaanni gara mana kiristaanaa deemuun Wangeela barata; Abbaa gaabbii waliin mari’ata; namoota dadhaboo gargaaruuf, harka qaleeyyii jajjabeessuuf, namoota walitti araarsuu fi dhukkubsattoota gaafachuuf ni deema. Warreen miila tokkoon gara mana kiristaanaa, miila tokkoon gara xonqaayii, mana machii fi araadaa gara garaatti deeman warreen kisaaraa keessa jiranidha. Nama sobuu dandeenya; garuu Waaqaa lafaa fi samii uume sobuu hin dandeenyu. Ati raftee dammaqi; of ilaali! Guyyaa deemsaa kee hin beektu waan ta’eef qophaa’i. Kanaaf jireenya kiristaana ta’uun jiraachuuf oolmaa kee sirreessi; kan raawwachuuf ofitti himi; raawwachiisi. Dhugaa jiru hubadhu.

Waan hundumti iyyuu hafee si'iin laphee dhugaadhaan osoo beekanii waan hundumaa irra kan caalu argatu. Yoo deemuu feedhan gufuu fi gufaatiin nama hin daangessu. Atoo karaa fi karra dhugaadha hoo! Yoo jireenya yaadan duutni nama hin yaaddessu. Hin sodaatan, hin birratanis. Atoo jireenya bara baraati hoo! Sitti michoomanii hin gataman, hin ganaman. Nama hin buustu, namatti hin jijjiiramtu. Amala keetu jaalala. Amanamaanis, dhugaanis si'i yaa Gooftaa! (Yoh. 14:6). Nageenyi, tasgabbiin, qulqullinni si biraa argama. Si biraa maaltu hin argamu iyyuu? Wanti hundi isaa si bira jira. Ati uumaa fi argamsiisaadha. Abbaan taayitaa, ajajaan, jiraachisaan, hundumaa kan danda'u si'i qofa. Mootii mootummaan isaa raawwata hin qabne, goota du'a ajjeesee jireenya kennu, jaalalaaf aarsaa lubbuu kanfalu...Yaa Gooftaa, ati Waaqayyo waan taateef guddinni kee dubbatamee hin dhumu. Yerooma yeroodhaan waa'ee kee dinqisiifachaa akka jiraannuuf laphee Qulqulluu nuuf uumi Yaa Waaqayyo🤲! Sanbata Qulqulleettiitti Oolmaa eebbifamaa qabaadhaa!