1 500
Suscriptores
+124 horas
+137 días
+8530 días
Archivo de publicaciones
1 499
Repost from Mulugeta F.Binegde
Dhimmi tokko murtii argatee, bitaaf mirgi murtii kenname komachuun yeroo ol iyyatanii , ol iyyatni isaanii kunis Mana Murtii Ol iyyata dhagahu yookaan ijibbaata irratti ijoo gara garaa irratti dhiyaatee mata mataan ilaalamaa kan jiru yoo ta’e-(Dhimma kana irratti Manni Murtii Ol iyyata dhagahu, Komii himatamaa, bira darbamuu Mormii sadarkaa duraa ilaalchisee komate qabachuun kan falmisiisaa jiru yoo ta’u,Ijibbaatni ammoo komii himattoonni falmii haadhoo irratti murtii kenname komachuun dhiyeessan dursee simatee hanga maallaqaa irratti Murtii Manneen Murtii jalaa fooyyessee murteessee jira )-Yoo danda’ame galmeeleen kun bu’uura SDFHH keewwata 11 tiin wal qabatanii akka ilaalama taasisuu yoo hin danda’amne ammoo -dhaddachi falmii haadhoo irratti dhimma simatee ilaalaa jiru,hanga dhaddachi mormii sadarkaa duraa ilaalaa jiru fala kennutti bu’uura SDFHH keewwata 197(2) tiin galmee isa bira jiru yeroof beellamaan tursiisuu yookaan cufuu qaba.
1 499
Repost from Jemal Kumbi
Cyber Crime And The Law: Technology is moving fast and law must move faster.
==========================================
“When I started my stint as a “Cyber Detective” many cyber crime laws were nonexistent, information on the topic was scarce, and there were only a handful of investigators working these types of cases.Today, cyber crime laws are still poorly worded or simply don’t apply to the types of crimes being investigated.Additionally, many cyber crimes laws still vary from state to state. Attempts to address cyber crimes in the law are thwarted by the speed at which technology changes compared to the rate at which laws are created or revised.”
Cyber Crime Investigation; A book by several contributors of which Anthony Reyes is a leader author and technical editor. It deals with cyber crime investigation methods and techniques with specially emphasis on the legal gap and how to handle it. Further, it supports the analysis with practical cases and hypothesis. Moreover, the book is so valuable as written by experts and specialists having ample knowledge and experiences in the area of law and technologies, particularly cyber laws.
1 499
Repost from Mulugeta F.Binegde
Qoodiinsi qabeenya haadha warraafi abbaa warraa erga taasifamee booda, gaafii haaraa qoodiinsi qabeenyaa akka taasifamuuf dhiyaatuun wal qabatee Murtii MMWFDHIJ muraasa.===========================================
1)- Murtii hin maxxanfamne galmee Lakk.224960 ta’e irratti dhaddacha gaafa 01/02/2015 ooleen kenname-Haati warraa fi abbaan warraa qabeenyaa waliigaltee isaaniitiin qooddatanii mana murtiitti mirkaneessisan keessatti - “mana addeessaa yeroo seera qabeessa ta’u qooddanna” jechuun utuu hin qooddatiin hafan ilaalchisee himannaa haaraa dhiyeessuu kan danda’an ta’uu fi seerummaan haaraa dhiyaate kun faallaa SDFHH keewwata 216 kan hin taane ta’uu.
2).Murtii hin maxxanfamne galmee lakk. 251385 ta’e irratti dhaddacha gaafa 07/02/2017 ooleen kenname irratti -haati warraa fi abbaan warraa gaa’elli isaanii diigamee qabeenyaas waliin akka qooddatan murtaa’ee buleera. Qabeenyaa akka qooddatan murtaa’e keessaa tokko qarshii kondominiyeemiif qusachaa turanidha. Haa ta’uutii murtiin kun utuu hin raawwatamiin carraan kondomiiniyeemii bahee kondominiyeemiin kun garee tokko harka yoo seeneefi gareen biraa himannaa haaraa hundeessuun qabeenyaa waliinii waan ta’eef akka nuuf qoodamu jechuun himata yoo dhiyeesse- himannichi bu’uura SDFHH keewwata 5 tiin dhimma yeroo lama dhiyaatedha kan hin jedhamne ta’uu.Maallaqni duraan kan waliiniiti jedhamee murtaa’e gara qabeenyaa biraatti jijjiiramee mana ta’ee jiraa.Carraan mana kondominiyeemii sun bahuuf haal duree kan ture maallaqa qusannaa kan waliiniiti jedhame sana dha. Kanaaf dhimmi dura murtii argate,maallaqa qusannaa yoo ta’u, himannaan amma dhiyaate ammoo maallaqa qusannaa kan waliiniiti jedhame sanaan qabeenyaa argame sababa ta’eef ijoon falmii isaa gara garadhadhaa.
3).Murtii galmee lakk.105054(jildii 19ffaa) ta’e irratti kennameen - Haadha warraa fi abbaan warraa gaa’elli diigamee , qabeenyaa waliigaltee araaraa taasisaniin jaarsaan qooddatanii –waliigalteen araaraa kunis mana Murtiin mirkanaa’ee bulee booda – irra deebiin qoodiinsi nuuf yaa taasifamu jechuun kan hin danda’amnedha.
4). Dhimma galmee lakk.93779(jildii 15ffaa) irratti murtii argate- Wal fuutonni diigiinsa gaa’elaatiin wal qabatee dhimmi isaanii Mana Murtii idileetti dhiyaatee falmiin taasifamee murtiin dhumaa erga kennamee booda,dhimma wal fakkaataa irratti sirna amantii hordofuun falmiin Mana Murtii shari’aatti geggeessan fudhatama kan hin qabne ta’uu(SDFHH kewt 5(1) fi 2)
5)-Murtii galmee lakk. 196971(jildii 27ffaa) ta’e irratti kenname- Himataan qabeenyaa himachuu danda’u itti yaadee himannaa keessaa hir’isee yoo dhiyeesse- qabeenyaa hir’isee dhiyeesse sana ilaalchisee himannaa biraa dhiyeessuu kan hin dandeenye ta’uu. Tumaaleen SDFHH raawwatiinsa kan qabaatan dhimmoota adeemsaa Seera Maatii keessatti hin tumamne qofaa irrattidha. SDFHH keewwatni 216(3) fi (4) akkuma haala isaatti falmii qoodiinsa qabeenya haadha warraa fi abbaa warraa irratti raawwatiinsa ni qabaatu.
1 499
Repost from Desalegn B.
Abbaan Seeraa Wayita Jecha Ragaa Namaa Fuudhu Of Eeggannoowwan Akkamii Taasisuu Qabaa? ====°°°°=====°°°°°°°======°°°° Of eeggannoo Abbaa Seeraatiin Fudhatamu Abbaan seeraa jecha ragaalee namaa abbaa alangaa dhagahu (fuudhu): 1) Ragaan jecha ragummaa kenne kan hin kennine waliin akka wal hin qunnamne taasisuu; 2) Ragooleen himatamtootaa wayita ragooleen abbaa alangaa jecha ragummaa kennan galmaa dhaddachaa keessatti akka hin argamne taasisuu; 3) Jechi ragummaa karaa viidiyoo konfiransiifi maloota qunnamtii kana fakkaataniin kan kennamu yoo ta'e, jecha ragummaa dhugaa akka kennu ykn 4) Mijaa'inni dhaddachaa jecha ragummaa dhugummaa qabu kennisiisuu danda'u akka jiraatuufi qophiiwwan barbaachisoo kan biroon taasifamuu ni mirkaneessa. (Seera Deemsa Falmii Yakkaa fi Ragaa Haarayaa isa dhumaa jedhamee bifa koodiitiin qophaa'ee kan Miidiyaa hawaasaa irratti raabsamaa jiru kwt 264 ilaali) Hubachiisa: ✅Of eeggannoowwan jedhamanii kan olitti tarreeffaman hojmaataan kan beekamanidha. ✅Seerri kun isa dhumaa jedhamee miidiyaa hawaasaa irratti raabsamuun ala gaazexaa irratti maxxanfamuu isaa ilaalchisee wanti mirkanaa'e hin jiru. ✅Tumaalee seera kana jala jalaa dubbisuun faayidaa yoo qabaate malee miidhaa waan hin qabneef dubbisa isaa jabeessuun bayeecha. Join:-@desberofMM Desalegn B.
1 499
Repost from Jemal Kumbi
Qabiyyee Lafaa Maqaa Nama Biroon Galmaa’ee Jiru Irratti Namni Mallaqa/Baasii fi Humna Ofiitiin Ijaarsa Raawwate Mirga Akkamii Qaba? Burjaajjii Hubannoo Bal’aa Gama Kanaan Jiru; Ejjannoo Dh Ijb MMWF fi Mana Maree Federeshiinii Waliin
====================================
Seerota Rogummaa Qaban Jedhamanii Ilaalamuun Hiikkoon Irratti Kennamaa turee fi Hiikkoo Kennamaa Tureefis Bu’ura Ta’an Heera Mootummaa Federaalaa kwt 40(1,2,3,7); SHH kwt 1178, 1179, 1195 fi 1196; Labsii Lafa Baadiyaa fi Labsii Liizii Lafa Magaalaa: Hiikkoo Dh Ijbt MMWF Glm Lkk 30101 ( Jld 6ffaa) fi Glm lkk 38638 (Jld 9ffaa); Hiikkoo Mana Maree Federeeshiinii Glm Lkk 75/11, Glm Lkk 105/15, Glm Lkk 106/15 fi Glm Lkk 150 ta’an irratti kennamanidha.
====================================
Yeroo hedduu Hariiroo diinagdee fi hawaasummaa keessatti namoonni walitti dhufeenya seeraa fi seeraan alas uumuun kan baratame yemmuu ta’u gaafa Waldiddaan uumamu garuu bu’aa akkamii hordofsiisa kan jedhu walxaxaa fi falmisiisaa waan ta’uuf hiikkoo seeraa sababii haqaa fi seeraan deeggarame cimaa barbaada. Kanumaan walqabatee namni lafa maqaa Nama biroon galmaa’ee jiru irratti eeyyama abbaa qabiyyeenis ta’ee ykn eeyyama malee sababa adda addaatiin mana ykn qabeenya dhaabbataa biroo eega horate booda falmiin abbaa qabiyyee yeroo irratti ka’u bal’inaan mul’ata.
Yeroo akkasii falli seeraa kennamuu qabu maaliidha ykn seera kamtu akkamitti hiikamuu qaba kan jedhu irratti burjaajjiin bal’inaan kan jiru ta’uu caalaayyuu Dh Ijb MMWF birattis ta’ee Mana Maree Federeeshiiniitiin ejjannoon qabatamaa ture daddaaqaa fi sirritti ifa kan hintaane akka ture beekamaadha.
Akka waliigalaatti xiinxalli tumaalee seerotaa fi murtiilee Dh Ijbta fi Mana Maree Federeeshiinii tokko tokkoon yeroo adda addaatti Ogeeyyii adda addaan taasifamuun karaa sab-qunnamtiiwwan hawaasummaa adda addaa qoodamaa kan ture waan ta’ee burjaajjii turee fi cuunfaa ejjannoo Dh Ijb MMWF, ejjannoo Mana Maree Federeeshii fi hiikkoo seeraa ammatti burjaajjii ture hambisuuf raawwatiinsa qabu qofa akka itti aanutti gabaabinaan dhiyeessuuf yaalamee jira.
Qabxii ijoo olitti ibsame ilaalchisee namni qabiyyee lafaa nama biroon galmaa’ee jiru irratti ijaarsa raawwate (mana ykn qabeenya dhaabbataa biroo) yeroo abbaa qabiyyeetiin falmiin irratti ka’e fala maalii qaba kan jedhu irratti burjaajjiin kan ture yoo ta’u innis gama tokkoon eeyyama abbaa qabiyyee malee kan ijaare yoo ta’e diiggatee kaafachuu akka qabuu fi eeyyamaan ykn mormii malee kan ijaare yoo ta’e laficharratti abbaa mirgaa akka ta’u SHH kwt 1178-1180 bu’ura gochuun ogeessonni hedduu akka falmanii fi Manneen Murtii sadarkaa adda addaatiis , Naannoo kaasee hanga Federaalaatti, haaluma kanaan murtii kennaa turuu isaanii qabatamni hojii jiru niagarsiisa. Gama biraan mirgi abbaa qabeenyummaa lafaa kan mootummaa fi ummataa ta’uun Heera Mootummaa kwt 40(3,4) jalatti tumamuu ibsuudhaan SHH kwt 1178-1180 raawwatiinsa kan hinqabne ta’uu ogeessonni falmanis ta’ee Manneen Murtii haala kanaan hiikkoo kennaa jiranis hedduudha.
Kana malees Lafa Magaalaa fi Baadiyaa adda addatti ilaaluun ijaarsi lafa Nama biroo irratti kan raawwatame Lafa magaalaa yoo ta’ee fi mormii malee kan ijaarame yoo ta’e namni qabeenyichi baasii/mallaqa ofiin mormii malee horate akkaataa SHH kwt 1179n mirga akka qabaatuu garuu Lafa Baadiyaa yoo ta’e raawwatiinsa kan hinqabnee fi diiggatee gad-dhiisuu akka qabutti hiikkoo kennamaa ture darbee darbee akka jirus qabatama jira irraa nihubatama.
1 499
Repost from Seneѕa K. Laωyer
Qajeelfama Taarifa gatii bittaa fi gurgurtaa manneen magaalota Naannoo Oromiyaa Lakk. 30/2016
1 499
Repost from Desalegn B.
Garaagarummaa 'Commercial Travelers', 'Commercial Representatives', 'Commercial Agent', 'Broker', 'Commision Agent' fi 'Stock Brockers' Gidduu Jiru (Akka Abrahaam Yoohaannis barreessetti) 👉Fuula Fb Aberham Yohanes (barsiisaa seeraa kiyya kan ture) jedhu irraa kan fudhatame) °°°°√√√°°°°°√√√√√°°°°°°°°√√√√√√√°°°°°° ፧📋 የንግድ ተላላኪዎች እና እንደራሴዎች፣ የንግድ ወኪሎች፣ ደላሎች፣ የኮሚሽን ወኪሎች እና የአክሲዮን ደላሎች ንጽጽር እና ትርጓሜ Aberham Yohanes 💼 የንግድ ተላላኪዎች እና እንደራሴዎች 🏪 የንግድ ወኪሎች 🤝 ደላሎች 📊 የኮሚሽን ወኪሎች እና የአክሲዮን ደላሎች 🚶 1. የንግድ ተላላኪዎች (Commercial Travelers) • 📌 አንቀጽ 36፡ የንግድ ተላላኪዎች • 🏠 መኖሪያ ቦታ፡ መኖሪያቸው የንግዱ መደብር ዋና መሥሪያ ቤት ባለበት ቦታ የሆነ። • 📝 የሥራ ሁኔታ፡ ከነጋዴው ጋር በተዋዋሉት የሥራ ውል መሠረት የሚሠሩ። • 🔄 ተግባር፡ ነጋዴው እያዘዛቸው ደንበኞች በሚገኙበት ቦታ እየተዘዋወሩ በነጋዴው ስምና ምትክ ዕቃ የሚያቀርቡ ወይም አገልግሎት የሚሰጡ። • ⚖️ የሕግ ደረጃ፡ ነጋዴ አይደሉም (በቅጥር የሚሠሩ ናቸው)። 🌍 2. የንግድ እንደራሴዎች (Commercial Representatives) • 📌 አንቀጽ 37፡ የንግድ እንደራሴዎች • 📍 መኖሪያ ቦታ፡ መኖሪያቸው የወካዩ ነጋዴ ዋና መሥሪያ ቤት ባለበት ሥፍራ ያልሆነ። • 🎯 ተግባር፡ ◦ በተወሰኑ ቦታዎች የነጋዴውን ምርቶች እና አገልግሎቶች ማስተዋወቅ። ◦ የገበያ ጥናት ማካሄድ። ◦ ለነጋዴው ሥራ መስፋፋት የሚረዱ ተመሳሳይ ሥራዎችን ማከናወን። • ⚖️ የሕግ ደረጃ፡ ነጋዴ አይደሉም። ✍️ 3. የንግድ ወኪል (Commercial Agent) • 📌 አንቀጽ 42 - 52፡ የንግድ ወኪል • 📖 ትርጓሜ፡ ከነጋዴው ጋር በሥራ ውል የተቀጠረ ሳይሆን ራሱን ችሎ የሚሠራ ሰው ወይም የንግድ ማኅበር። • 🌐 የሥራ ወሰን፡ በተወሰነ ስፍራ ወይም ለተወሰኑ ደንበኞች ሁልጊዜ በነጋዴው ስምና ምትክ የሚሠራ ወይም ውል የሚዋዋል። • ➕ ተጓዳኝ ሥራ፡ የውክልና ሥራውን እያከናወነ በተጓዳኝ የደላላነትም ሥራ መሥራት ይችላል። • ⚖️ የሕግ ደረጃ፡ በሕጉ መሠረት በማንኛውም ሁኔታ ነጋዴ ተብሎ ይቆጠራል። 🔍 4. ደላላ (Broker) • 📌 አንቀጽ 54 - 57፡ ደላላ • 🤝 ትርጓሜ፡ ውል የሚዋዋሉ ሰዎችን (ሽያጭ፣ ኪራይ፣ ኢንሹራንስ፣ ማመላለሻ) ፈልገው የሚያገናኙና የሚያዋውሉ ሰዎች ወይም የንግድ ማኅበር። • ⚙️ አሠራር፡ ራሱን የቻለ የሙያ ተግባር አድርገው ጥቅም ለማግኘት የሚሠሩ። • ⚖️ የሕግ ደረጃ (አንቀጽ 54 ንዑስ 2)፡ የሚያስፈጽሟቸው ውሎች ዓይነት ወይም የሚያገናኟቸው ሰዎች ማንነት ሳይታይ በሕግ ረገድ ነጋዴዎች ተብለው ይጠራሉ። 💼 5. የኮሚሽን ወኪል (Commission Agent) • 📌 አንቀጽ 58 - 60፡ የኮሚሽን ወኪል • 📋 ትርጓሜ፡ ራሱን ችሎ፣ የሙያ ተግባሩ አድርጎ ስለ ወካይ ሆኖ በራሱ ስም ሸቀጦችን/ንብረቶችን የሚገዛ፣ የሚሸጥ ወይም የመጓጓዣ ውል የሚዋዋል ሰው ወይም የንግድ ማኅበር። • 🔀 ዋና ልዩነት (ከንግድ ወኪል ጋር)፡ ◦ ተራ የንግድ ወኪል፡ በወካዩ ስም ስለሚዋዋል በራሱ ላይ መብትና ግዴታ አይፈጥርም። ◦ የኮሚሽን ወኪል፡ ውሉን የሚያስረው በራሱ ስም (In his own name) በመሆኑ ለሦስተኛ ወገኖች እንደ ዋና ተዋዋይ ሆኖ ይቀርባል። • 📈 የኢኮኖሚ ውጤት፡ ጥቅምና ኪሳራዎች በሙሉ በቀጥታ ወደ ወካዩ ይተላለፋሉ። 📉 6. የአክሲዮን ደላሎች (Stock Brokers) • 🏦 የሕግ ማዕቀፍ፡ በአንቀጽ 60 ንዑስ አንቀጽ (1) መሠረት። • 🏢 የሥራ ቦታ፡ በአክሲዮን ገበያ (Stock Market) ውስጥ የሚንቀሳቀሱ። • ⭐ ልዩ ደረጃ፡ በሕግ ረገድ ተራ ደላላ ሳይሆኑ የኮሚሽን ወኪሎች ናቸው። 📊 ማጠቃለያ (ንጽጽር)የሕግ አካላቱ አጭር ንጽጽር • 🛑 የቅጥር ሰራተኞች (ነጋዴ ያልሆኑ)፡ የንግድ ተላላኪዎች እና የንግድ እንደራሴዎች። • ✅ ራሳቸውን ችለው የሚሠሩ (ነጋዴ የሆኑ)፡ የንግድ ወኪል፣ ደላላ እና የኮሚሽን ወኪል. • 👤 በወካይ ስም የሚሠሩ፡ የንግድ ተላላኪ፣ የንግድ እንደራሴ እና የንግድ ወኪል. • ✍️ በራሳቸው ስም የሚሠሩ፡ የኮሚሽን ወኪል (የአክሲዮን ደላሎችን ጨምሮ). Join:-@desberofMM Desalegn B.
1 499
Repost from Elelanajobs.com
🎴🚩በ2019 ትምህርት ዘመን በአዲስ አበባ ዩኒቨርስቲ የመጀመሪያ ድግሪ ለመማር አመልክታችሁ የመግቢያ ፈተና በመጠባበቅ ላላችሁ: በሚከተሉት ሊንኮች በመግባት የመፈተኛ ቀናትንና የመፈተኛ ማዕከላችሁን እንዲታዩ እናሳስባለን::
አዲስ አበባ ዩኒቨርሲቲ ይማሩ: ህልሞን ያሳኩ::
https://t.me/aauGAT
https://aau.edu.et/announcements/detail?title=AAU~Undergraduate~Admission~Test~(UAT)~Schedule
1 499
Repost from Desalegn B.
Bu'uura Seera Deemsa Falmii Yakkaafi Ragaa Haarayaatiin Dhimma Yakkaa Federaalaafi Dhimma Yakkaa Naannoo Agarsiistuu Akkamiitiin Adda Baafanna? Gochi Yakkaa Qoricha Sammuu Namaa Adoochu Oomishuu ykn Seeraan Ala Naannessuutiin Walqabatu hoo Aangoo Mana Murtii Federaalaamoo Naannooti? ^^^√√√√^^^^^√√√√√^^^^^^^^√√√√√√√ ✅Seerri Deemsa Falmii Yakkaafi Ragaa Haarayaan kwt 26 (1) mata duree 'የወንጀል የዳኝነት ሥልጣን ድልደላ' jedhu jalatti dhimmoota manneen murtii federaalaa aangoo waloo irratti qaban tarreesseera. Keewwatuma kana kwt xiqqaa (2) mata duree 'የክልል ፍርድ ቤቶች' jedhu jalatti immoo yakkoonni akkaataa raawwii isaaniitiin mootummaa naannoo irratti ykn daangaa bulchiinsaa naannoo tokkoo ol hin taane ilaalchisee raawwataman, fi dhimmoota manneen murtii federaalaatiif hin kennamne irratti manneen murtii naannolee aangoo abbaa seerummaa kan qaban ta'uu tumeera. ✅Seerri Adeemsaa kun bifuma qooddii aangoo mootummaa federaalaafi naannoo gidduutti taasifameen (akkuma Heerri kwt 51fi 52 jalatti qoode) walfakkaatuun (horizontally), aangoon abbaa seerummaa kan federaalaati jedhamee hin tarreeffamne kan Naannoo ta'uu haala agarsiisuun aangoo haftee (Residual Judicial Power) kan Naannoo taasiseera. ✅Seerichi kwt 25(4) jalatti immoo aangoon abbaa seerummaa seerota addaatiin addatti manneen murtiitiif kennaman akkuma jirutti ta'ee, aangoon abbaa seerummaa seera kana keessatti ibsame gabatee qaama seera kanaa ta'een qoodameera jedha. Ta'us, naannoleen haala qabatamaa isaanii irratti hundaa'uun aangoo abbaa seerummaa gabatee kanaan tarreeffamee qoodame gabatee ofiif baafataniin murteessuu kan danda'an akka ta'es ibseera. 🔛As irratti, dhimmi gabaticha keessatti ibsame akkuma seeraatti ilaalamee kan kabajamuu qabu ta'uu agarsiiseera. ✅Gama birootiin, Labsiin Manneen Murtii Federaalaa, Lakk.1234/2013 kwt 4(7) jalatti, dhimmi yakkoota qorichoota adagamoofi sammuu namaa adoochan seeraan ala naannessuun walqabatu, aangoo waloo manneen murtii federaalaa jalatti kan kufu ta'uu ifatti tumee ture. Haa ta'u malee, Seerri Deemsaa Falmii Yakkaa inni haarayaan, akka gabatee keessatti ibsuuf yaaletti, dhimmi qorichoota kana naannessuu akkuma haala isaatti dhimma federaalaa ykn dhimma naannoo akka ta'uu danda'u haala akeekuun tumeera. Haala kanaan, dhimma federaalaa yoo ta'e, Mana Murtii Sadarkaa Duraa Federaalaatiin, dhimma naannoo yoo ta'e immoo Mana Murtii Aanaa Naannootiin kan ilaalamuu danda'u akka ta'etti tumeera. Kunis, akkaataa raawwii yakkichaa ykn naannoo tokkoo ol waliin tuttuqaa qabaachuu irratti hundaa'ee kan ilaalamu ta'uu agarsiisa. Hubachiisa: 👉Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa (HPR), yaada ka'umsaa dhimma Yakkaa ilaalchisee, seera adeemsaa (Criminal Procedure) isaas ta'e dhimma aangoo abbaa seerummaa isaa murteessuuf aangoo dhuunfaan qaba jedhu irraa ka'ee seera adeemsaa kana kan baase ta'uu isaa qabiyyee seerichaa ilaaluun hubachuun ni danda'ama. 👉Seerri adeemsaa kun isa dhumaa jedhamee miidiyaa hawaasaa irratti raabsamuun ala gaazexaa irratti maxxanfamuu isaa ilaalchisee wanti mirkanaa'e hin jiru. ❓❓Isin akkamitti hubattan? Mee waliin haa bilcheessinu. Join:-@desberofMM Desalegn B.
1 499
Repost from Desalegn B.
Barreeffama Gabaabaa Mata Duree "አርክቴክቶቹ፣ስቪል መሐንዲሶቹ እና የሕግ ባለሙያዎቹ" Jedhuun Ogeessi 'ፋሲል ታደሰ' Jedhamu Barreesse. Join:-@desberofMM Desalegn B.
1 499
Repost from Desalegn B.
Barreeffama Gabaabaa Mata Duree "በግንባታ ውል ክርክር ላይ በተሰጡ ፍርዶች ላይ የቀረበ አስተያየት" Jedhuun Ogeessa 'ፋሲል ታደሰ' Jedhamuun Barreeffame. 👉Barreeffamichi kan ture ta'us hawwataadha; seenaanis irraa baratama. Join:-@desberofMM Desalegn B.
1 499
Repost from Jemal Kumbi
Akkaataa Labsii Liizii Lafa Magaalaa Lkk 721/2004tti Namni Lafa Magaalaa Liiziin Fudhatee Ijaarsa Eegalee Garuu Akkaataa Waliigalteetti Otuu HinXumurin Hafe Mirga Akkamii Qabaata? Ijaarsi Eegalame 10% ol yoo ta’e Caalbaasiin Nama Biraatti Darbuu Nidanda’aa?
==================================
Labsii Liizii Lkk 721/2004 kwt 23(7(a)) fi 23 (3); Murtii Mana Maree Federeeshiinii glme Lkk 824/16 ta’erratti gaafa 25/10/2016 kenname ilaala.
==================================
Karaalee lafti magaalaa itti argatame keessaa inni duraa fi ijoon liizii ta’uu fi Innis waliigaltee qaama Lafa bulchu waliin taasifamu hordofee tajaajila/misooma barbaadameef akka oolu kan taasifamu akka ta’e Labsii liizii Lkk 721/2004 Seensa isaa fi tumaalee rogummaa qaban biroo irraa nihubatama. Akkaatuma kanaan Lafa liiziin fudhatame irratti ijaarsi yoom eegaluu fi xumuramuu akka qabu, daangaa yeroo jedhame keessatti eegalamuu ykn xumuramuu yoo hafe bu’aa akkamii akka hordofsiisus labsichi bal’inaan diriirsuun tumee jira. Kana keessaa Bu’aan inni tokko yeroo daangaa yeroo ijaarsichi itti eegalamuu ykn xumuramuu qabutti raawwatamuu hafe qaamni bulchiinsaa qabeenya irra jiru irraa kaasisee laficha deebisee fudhachuu akka danda’u labsicha kwt 23 jalatti tumamee argama.
Akkaataa tumaa labsicha keewwattoota olitti caqafamanitti ijaarsi laficha irratti eegalame 10% ol yoo ta’e nama ittifufee xumuruu danda’utti caalbaasii ifaan gurguramuudhaan gatii argame irraa baasiin raawwachiisa caalbaasiif bahe hir’ifamee kaan namnicha waliigalteen liizii isaa adda cite abbaa qabeenyichaaf deebi’uu akka qabu labsicha kwt 23(7(a) fi 23(3) jalatti tumamee jira.
Haata’u malee Manni Maree Federeeshiinii Murtii glme Lkk 824/16 ta’erratti gaafa 25/10/2016 kenneen mirgi abbaa qabeenyummaa lafaa kan ummataa fi mootummaa ta’uu fi namni dhuunfaa mirga qabeenya irratti horachuu fi fayyadamuu qofa akka qabu Heera Mootummaa kwt 40(1) fi (6) jalatti kan tumame irraa kan hubatamu ta’uu bal’inaan xiinxaluudhaan, namni lafa liiziin fudhatee ijaarsa yeroo jedhametti raawwachuu hafe waliigalteen isaa adda citee ijaarsi on qabeenyi laficha irratti horate yoo jiraate qaama walaba ta’een tilmaamamee mootummaan bifa beenyaan kanfalameefii laficha gad-lakkisuu akka qabuu fi;
Kanaan alatti sababa ijaarsa dhibbentaa 10 ol ijaaree jira jedhuun caalbaasiin akka Nama dhuunfaatti lafti darbu tumaan Labsii Liizii Lkk 721/2004 kwt 23(7(a)) fi 23(3) ajaju mirga abbaa qabeenyummaa Saboota, sablammootaa fi Ummattootaa Heeraan eegame kan miidhuu fi faallaa heeraa waan ta’eef raawwatiinsa hinqabu jechuun murteessee jira.
https://t.me/speaklawinabsentia
1 499
Repost from Desalegn B.
MORMIIWWAN SADARKAA DURAA: Mormii Himatamaan "Himataan Dhimmicha Irraa Dantaa ykn Mirga Hin Qabu" Jechuun Kaasu Irratti Xiyyeeffachuun •••√√√•••••√√√√√••••••√√√√√√•••••• ✅Mormiiwwan Sadarkaa Duraa (Preliminary Objections) jechuun mormiiwwan seeraa ykn firii dubbii deebii keessatti gara jalqabaa irratti, osoo dhimma bu'uuraa himannichaatti (mirgi eegumsa seera bu'uuraa qabu himatamaadhaan sarbamuufi dhabuu) hin galamin dura, ka'an jechuudha. Hima biraatiin, mormiiwwan sadarkaa duraa kun fudhatamummaa (dhugummaa) mirgoota himataan kaasee hubannoo keessa osoo hin galchin kan ilaalamanidha jechuudha. Kanaaf, Manni Murtii firiiwwan dubbii himannaa himataan kaase dhugaadha jechuun tilmaama fudhatee dhimma MSD irratti jal-murtii kenna jechuudha. ✅Mormiiwwan Sadarkaa Duraa dhimma himannaa Hariiroo Hawaasaatiin Walqabatanii dhiyaatan keessaa tokko dhimma SDFHH kwt 244(2)(d) jalatti ibsamedha. Mormiin kunis mormii sadarkaa duraa namni himatame "dhimmichi garee himate kan hin ilaallanne ta’uu ibsuun dhimmicha keessa lixee falmuu hin danda’u" jechuun dhiyeessu kan ilaallatudha. Seerichi waraabbiin Afaan Amaaraa "እንደኛው ተከራካሪ ወገን በነገሩ የማያገባው መሆኑን በመግለጽ በጉዳዩ ውስጥ ገብቶ መከራከር አይገባውም በማለት መቃወሚያ ሲያቀርብ" jedha. ✅Haala kanaan, dhimmichi nama (dhaabbata) himataa ta'ee moggaafame kan hin ilaallanne waan ta'eef, himannaan isaa kufaa naaf haa ta'u jedhanii akka MSDtti kaasuun ni danda'ama jechuudha. Waa'ee dhimma falmii osoo hin taane waa'ee mirga ykn aangoo himachuu kan ilaallatudha. Fakkeenyaaf, namni himate sun nama dhimmicha irraa dantaa hin qabne yoo ta'e, nama mana murtii dhaabbachuu hin dandeenye ykn nama (garee) dhugumatti dantaa hin qabne yoo ta'e, mormiin akkasii isaan irratti ka'uu ni danda'a jechuudha. Ibsa biraatiin: 👉Dhaabbata diigame; 👉Nama Dandeettii seeraa hin qabne; 👉Nama aangoo bakka bu'ummaa osoo hin qabaatin dhaabbata tokko bakka bu'eera jechuun dhiyaatu bifa olitti eerameen mormuun ni danda'ama jechuudha. Haala kanaan, eenyutu dandeettii qaba (himachuu danda'a) kan jedhuufi eenyutu dhugumatti moachuu danda'a kan jedhus adda addatti ilaalamuu qaba jechuudha. ✅Mormiin 'himataan qabeenya falmiif sababa ta'e irraa mirga hin qabu" jedhu mormii yeroo hunda jalqaba irratti ka'uu qabudha jedhanii jala muruun hin danda'amu. Mormiin akkanaa gaaffii seeraafi gaaffii firii dubbii (kan ragaadhaan qofa adda bahu) ta'uu danda'a. Dhimmuma mirga bu'uuraatiin walqabatus waan ta'eef, Manni Murtiis eenyutu qabeenyicha irratti mirga qaba isa jedhu qulqulleeffachuuf sanadootaafi ragaa garaagaraa qorachuu waan qabuuf dhimma yeroo hunda akka mormii sadarkaa duraatti xumuramuu qabu ta'uu dhiisuu mala. Kana taanaan immoo mormiin akkasii dhimma jalqaba irratti himannaa kuffisiisu osoo hin taane dhimma dhagaha guutuudhaan adda bahu ta'a jechuudha. Himannicha mataa isaa dubbisuudhaan himataan mirga akka hin qabne ni hubatama taanaan garuu akka mormii sadarkaa duraatti ka'uu ni danda'a. Fakkeenyaaf, himataan qabeenyicha gurguruu isaas (mirga akka irraa hin qabne ibsuu) himannicha keessatti ibsaa jira yoo ta'e, mormiin waa'ee mirga qabaachuu dhabuu himataa, himannaa san irraa waan hubatamuuf (amanameef), gaaffii seeraa ragaa dhagahuun osoo hin barbaachisin murtaa'u ta'a jechuudha. ✅Seerri Hariiroo Hawaasaa kwt 1192 mata duree "Prescription" jedhu jalatti: 👉"Abbaan qabeenyaa qabeenya socho'aa sababa bakka qabeenyichi jiru beekuu dhabuutiin ykn abbaa qabeenyaa ta'uu isaa beekuu dhabuutiin mirgoota qabeenya socho'aa san irratti qabu waggoota kudhaniif kan hin fayyadamne yoo ta'e qabeenyicha irratti mirga kan dhabu ta'uu tumeera. Haala kanaan, namni himannaa dhiyeessu firiiwwan dubbii keewwata 1192 keessatti eerame ifatti himannaa isaa keessatti ibsee yoo dhiyeesseefi himatamaan immoo himataan qabeenyicha irraa mirga hin qabu jechuun akka mormii sadarkaa duraatti yoo kaase, Manni Murtii dhimmicha akka gaaffii seeraatti fudhatee gara dhagaha guutuutti ce'uun osoo hin barbaachisin himannaa akkaataa SDFHH kwt 245tiin kufaa taasisuu ni danda'ama jechuudha. Join:-@desberofMM Desalegn B.
1 499
Repost from Jemal Kumbi
Ragaa jijjiirachuun sababiin deeggaramuu kan qabu ta’us qaama mirga falmachuu fi dhagahamuu waan ta’eef yoo seeraan ifatti tumame malee akka feeteen daangeffamuu hinqabu
==========================================
SDFHH kwt 224 fi 91; Dhaddachi Ijibbaataa MMWF glme Lkk 45984 ta’erratti gaafa 26/05/2002 murtii kenname
====================================
Murtii kana keessatti ragaa al tokko akkaataa SDFHH kwt 224n himannaa ykn deebii waliin walqabatee dhiyaate akkaataa SDFHH kwt 91n himannaan ykn deebiin yoo fooyya’e malee jijjiiruun hindanda’u seerri jedhu kan hinjirree fi ragaa qofa jijjiirachuuf iyyannoo dhiyaate akkaataa kwt 91 himannaa ykn deebiin fooyya’u malee hinjijjiirattu jedhamuun bu’ura seeraa kan hinqabne akka ta’e Dhaddachi Ijbta murtii kana keessatti ibsee jira.
Akkasumas ragaa jijjiirachuuf sababiin kan barbaachisu ta’uu fi akka fakkeenyaattis ragaan teessoo keessaa dhabamuun ykn jijjiirachuun, sababa dahuumsa irra jiraachuu fi kkf ragaa jijjiirachuuf sababa gahaa ta’uu akka danda’u murticha keessatti caqamee jira.
Kana malees himannaa ykn deebii sababa ragaa jijjiirachuun barbaadameef qofa fooyyessuu otuu honbarbaachisin iyyannoo kakuun deeggarame qofaan ragaan jijjiirachuu kan danda’amu akka ta’ee fi MM iyyannoo dhiyaate garee faallaa beeksisuun akka yaada kennu carraa kenneefii dhagahuun irraan kan hafe ragaa ibsa tarree ragaa SDFHHA kwt 224 dhiyaate irra hinjirre jijjiiruu hindandeessu jedhee akka feeteen mirga ragaa jijjiirachuu daangessuu akka hinqabnes Dhaddachi Ijbta hiikkoo ifa ta’e kennee jira.
https://t.me/speaklawinabsentia
1 499
Abbaan Seeraa Wayita Jecha Ragaa Namaa Fuudhu Of Eeggannoowwan Akkamii Taasisuu Qabaa?
====°°°°=====°°°°°°°======°°°°
Of eeggannoo Abbaa Seeraatiin Fudhatamu
Abbaan seeraa jecha ragaalee namaa abbaa alangaa dhagahu (fuudhu):
1) Ragaan jecha ragummaa kenne kan hin kennine waliin akka wal hin qunnamne taasisuu;
2) Ragooleen himatamtootaa wayita ragooleen abbaa alangaa jecha ragummaa kennan galmaa dhaddachaa keessatti akka hin argamne taasisuu;
3) Jechi ragummaa karaa viidiyoo konfiransiifi maloota qunnamtii kana fakkaataniin kan kennamu yoo ta'e, jecha ragummaa dhugaa akka kennu ykn
4) Mijaa'inni dhaddachaa jecha ragummaa dhugummaa qabu kennisiisuu danda'u akka jiraatuufi qophiiwwan barbaachisoo kan biroon taasifamuu ni mirkaneessa.
(Seera Deemsa Falmii Yakkaa fi Ragaa Haarayaa isa dhumaa jedhamee bifa koodiitiin qophaa'ee kan Miidiyaa hawaasaa irratti raabsamaa jiru kwt 264 ilaali)
Hubachiisa:
✅Of eeggannoowwan jedhamanii kan olitti tarreeffaman hojmaataan kan beekamanidha.
✅Seerri kun isa dhumaa jedhamee miidiyaa hawaasaa irratti raabsamuun ala gaazexaa irratti maxxanfamuu isaa ilaalchisee wanti mirkanaa'e hin jiru.
✅Tumaalee seera kana jala jalaa dubbisuun faayidaa yoo qabaate malee miidhaa waan hin qabneef dubbisa isaa jabeessuun bayeecha.
Join:-@desberofMM
Desalegn B.
1 499
Repost from Mulugeta F.Binegde
Leenjii kenniinsaa fi barreessa murtii wajjin wal qabatee MMWO USAID walii qindoomuun bara 2021 kennedha. Barreessa Murtii irratti har'allee harcaatiin darbee darbee mullatu jira. Keessattuu Abbootiin Seeraa(addatti ammoo kanneen murtii dhimmoota kallattii barreessitan) dubbisaa!
1 499
Repost from Elias Kasa Legal Service.
Murtiilee Dhaddacha Ijibbaataa Federaalaa dhimmoota yakkaan walqabate hiikoo dirqisiisaa itti kenne dhimma dhimmaan kan qindaa’e maxxansa addaa gochuun baasee jira. Kunoo የፌዴራል ጠቅላይ ፍርድ ቤት ሰበር ሰሚ ችሎት የወንጀል ሕግ ትርጉም ውሳኔዎች ስብስብ (በየጉዳዮች የተደራጀ ልዩ እትም) ታትሞ ወጥቷል።
1 499
Repost from 𝐁𝐈𝐍𝐈𝐌𝐎𝐒 - 𝐋𝐀𝐖𝐘𝐄𝐑
Seera Deemsa Falmii Yakkaa fi Seera Ragaa Haaraa
https://t.me/binimoslawyer
1 499
Repost from Desalegn B.
Hojii Gaggeessaan Hojii Daldalaa Dhuunfaa (Sole Proprietorship) Yakka Taaksiitiin Gaafatamuu Ni Danda'aa? Sirna To'annaa Keessoo Yakka Taaksii Ittisuuf Dandeessisu Diriirsuu Isaa Hubachiisuun Itti Gaafatamummaa Jalaa Bahuu hoo Ni Danda'aa??===••••====••••======•••••=====•••••
Labsiin Bulchiinsa Taaksii Federaalaa Fooyya'ee Bahe, Lakk.1434/2018 kwt 18, mata duree "Yakkoota Dhaabbileedhaan Raawwataman" jedhu jalatti: 👉Seera taaksii darbuun yakka kan raawwate dhaabbata ykn nama dhuunfaa abbummaadhaan hojii daldalaa hojjetu (Sole Proprietorship) yemmuu ta'utti, hojii gaggeessaan, hogganaan faayinaansii ykn namni iddoo itti gaafatamummaa walfakkaatarra yeroo yakkichi raawwatametti jiru, haalota kwt xiqqaa (2) jalatti ibsaman hubachiisuu yoo dadhabe, yakkicha akka raawwatetti kan tilmaamamu ta'uu tuma. 👉Haala addaatiin garuu hojii gaggeessichi, hogganaan faayinaansichaa ykn namni iddoo itti gaafatamummaa walfakkaatarra jiru, haalota armaan gadii yoo hubachiise yakkaan kan itti hin gafatamne ta'uunis ibsameera. Dhimmoonni hubachiifamuu qabanis: 🔽Yakkichi kan raawwatame beekamtii isaatiin ala ta'uu; 🔽Yakkichi akka raawwatamuuf kan hin ajajne, hin hayyamne ykn kan hin atoomne; ykn 🔽Yakki gosa akkasii akka hin raawwatamneef sirna to'annoo keessaa ittisuuf dandeessisu diriirsuu isaa yoo hubachiise ta'uun tumameera. Hubachiisa: ✅Labsiin Bulchiinsa Taaksii Federaalaa fooyya'ee bahe, Labsiin lakk.1434/2018, tumaa labsii duraanii (labsii lakk.983/2008) kwt 132 haqeera. ✅Labsiin inni fooyya'e kun, hojii gaggeessaa fi hogganaan faayinaansii namoota hojii daldalaa abbummaa dhuunfaatiin gaggeessanii yakkaan kan itti gaafataman ta'uu ifatti tumeera. Dhimmi kun duraan falmisiisaa ture; amma garuu ifatti hammachiifamee argama. ✅"Hojii Gaggeessaa"n eenyudha kan jedhu ilaalchisee seerri daldalaa Haarayaan (Labsiin lakk.1243/2013)fi Labsiin Lakk.983/2008, duraa duubaan, kwt 32 fi 2(19) jalatti, gosa dhaabbataa irratti hundaa'uun nama daldalaa bakka bu'ee hojii bulchiinsaa hojjechuufi mallatteessuf ifatti ykn alkallattiidhaan aangeffame ykn nama hojii walfakkaataa hojjetu ta'uu ibsaniiru. ✅Sirna To'annoo keessaa Yakka taaksii ittisuuf dandeessisu diriirsuun itti gaafatamummaa yakkaa jalaa kan nama baasisu ta'uun ifatti tumameera. ✅Haalota ykn dhimmoota itti gaafatamummaa jalaa baasisan ilaalchisee labsiin duraanii bifa 'Cumulative' ta'een akka ilaalamu fakkeessee kan tume yemmuu ta'u, labsiin fooyya'ee bahe haalota kana filannoodhaan tarreessee tumeera. ✅Labsiin Bulchiinsa Taaksii Naannoo keenyaa, Labsiin lakk.203/2009 kwt 132 jalatti, dhimma itti gaafatamummaa yakkaa ilaalchisee, bifuma labsii Bulchiinsa Taaksii Federaalaa duraaniitiin tumuun ala fooyya'uu isaa ragaan agarsiisu hin jiru. Join:-@desberofMM Desalegn B.
