Media Show Official
Telegram channel:: https://t.me/mediashows1 Oddeeffannoo barnootaa ,beeksisaa hojii,oduu gara gara,oddeeffannoo qormaata Hundaa bakka tokkotii argachuuf telegram keenyaa share...... If life is book My mother is my favourite chapter
Mostrar más📈 Análisis del canal de Telegram Media Show Official
El canal Media Show Official (@mediashows1) es un actor destacado. Actualmente la comunidad reúne a 28 215 suscriptores, ocupando la posición 6 820 en la categoría Educación y el puesto 1 230 en la región Etiopía.
📊 Métricas de audiencia y dinámica
Desde su creación el невідомо, el proyecto ha mostrado un crecimiento acelerado, reuniendo a 28 215 suscriptores.
Según los últimos datos del 04 septiembre, 2026, el canal mantiene una actividad estable. En los últimos 30 días la variación de miembros fue de 1 702, y en las últimas 24 horas de -16, conservando un alto alcance.
- Estado de verificación: No verificado
- Tasa de interacción (ER): El promedio de interacción de la audiencia es 1.86%. Durante las primeras 24 horas tras publicar, el contenido suele obtener 1.85% de reacciones respecto al total de suscriptores.
- Alcance de las publicaciones: Cada publicación recibe en promedio 526 visualizaciones. En el primer día suele acumular 522 visualizaciones.
- Reacciones e interacción: La audiencia responde de forma activa: el promedio de reacciones por publicación es 2.
📝 Descripción y política de contenido
El autor describe el recurso como un espacio para expresar opiniones subjetivas:
“Telegram channel:: https://t.me/mediashows1
Oddeeffannoo barnootaa ,beeksisaa hojii,oduu gara gara,oddeeffannoo qormaata
Hundaa bakka tokkotii argachuuf telegram keenyaa share......
If life is book
My mother is my favourite ch...”
Gracias a la alta frecuencia de actualizaciones (últimos datos recibidos el 05 septiembre, 2026), el canal mantiene la vigencia y un amplio alcance. La analítica demuestra que la audiencia interactúa activamente con el contenido, lo que lo convierte en un punto de referencia dentro de la categoría Educación.
Carga de datos en curso...
| Fecha | Crecimiento de Suscriptores | Menciones | Canales | |
| 05 septiembre | 0 | |||
| 04 septiembre | 0 | |||
| 03 septiembre | 0 | |||
| 02 septiembre | 0 | |||
| 01 septiembre | 0 |
| 2 | Jijjiirraan Barsiisotaa Gad-dhiifame!
BBO - Hagayya 29/2018 Jijjiirraan Barsiisota Naannoo Keenyaa Gana 2018 'Online'n Gaafatamaa Ture Har'a Gad-dhiifameera. Haaluma kanaan, barsiisotni jijjiirraaf 'online'n iyyattan(apply) gootan liinkii asii gaditti kenname banuun ilaallachuu ni dandeessu.
Liinkichis: https://www.tmis.oeb.gov.et
#Hubachiisa:- Barsiisan komiin qaba jedhu yoo jiraate bakka "Complain" jedhu banuun komii qabu dhiheeffachuu ni danda'a. | 430 |
| 3 | Ergaa OBU
Barattoota Sagantaa Remedial Program tiif🔊🔊🔊
Bu'aa qormaata keessanii waliin walqabatee barattoonni hedduun bu'aan barnoota Maths 'Disqualified' kan jalaa tahee fi akkasumas barattoonni tokko tokko bu'aan barnoota isaanii guutumaan guutuutti 'Disqualified' jalaa tahee akka jiru hubanneerra. Dhimma kana Tajaajila Madaallii fi Qormaata Barnootaatiif akkasumas Ministeera Barnootaatiif(MoE) beeksisnee jirra. Isinis
Komii keessan toora intarneti kanaan fayyadamuun haala asiin gadiitti jedhame kanaan galchaa:
👉https://result.ethernet.edu.et
Bu'aa qormaataa keessan jala dhuma irratti kan jiru Submit Complaint kan jedhu cuqaasaa, Select a category kan jedhu banaa, My result disqualified without reason kan jedhu filadhaa, ibsa gabaabaa barreessaa, lakkoofsa bilbila keessan guutuun dhumarratti Submit Complaint kan jedhu cuqaasuun komii keessan barreessaa. | 1 002 |
| 4 | Sin texto... | 589 |
| 5 | #Urgent
🎓 Filannoo Yuunivarsiitii fi Damee Barnootaa
Barattoonni bara 2018 A.L.I. Qormaata Biyyaalessaa Xumura Barnoota Sadarkaa Lammaffaa fudhattanii, sagantaa barnootaa idileetiin qabxii seensa yuunivarsiitii galmeessan hundi, filannoo yuunivarsiitii fi damee barnootaa akka raawwattan Ministeerri Barnootaa beeksiseera.
📅 Yeroo filannoo yuunivarsiitii fi damee barnootaa:
👉 Hagayya 28/2018 A.L.I. irraa hanga Qaammee 05/2018 A.L.I.
🔗 Linkii filannoo yuunivarsiitii fi damee barnootaa:
[student.ethernet.edu.et](https://student.ethernet.edu.et/?utm_source=chatgpt.com)
⚠️ Barattoonni:
🏥 Haala fayyaa addaa qaban
♿ Qaama miidhamtoota
👯 Lakkuuwwan (twins) saala tokkoo
🤱 Haadholiin daa’ima ji’a 6 gadiii hoosisan ragaa seeraan barbaachisu itti maxxansuu qabu jedhameera. | 573 |
| 6 | Ramaddii Yuunivarsitii: Barattoota Qormaata Kutaa 12ffaa Darbitaniif Filannoon Yuunivarsiitii Ifa Ta'e
Ministeerri Barnootaa beeksisa haaraa baaseen, barattoota bara 2018 qormaata biyyoolessaa xumura sadarkaa lammaffaa fudhachuun sagantaa idileetiin qabxii darbiinsaa dhaabbilee barnoota olaanoo galmeessistan hundaaf filannoon yuunivarsiitii fi gosa barnootaa eegaluu isaa ifoomseera.
Haaluma kanaan, barattoonni guyyaa har'aa, Hagayya 28 irraa eegalee hanga Qaammee 5, bara 2018tti gara mana barumsaa deemuun osoo isin hin barbaachisiin, bakka jirtanitti ofuma keessanii karaa toora interneetii filannoo keessan akka guuttattan Ministeerichi himeera.
Raawwii filannoo kanaafis barattoonni marsariitii (Link) Telegraama miidiyaa Abdii Sabaa bakka yaadaatti maxxanfame fayyadamuun haala salphaan sirreessuu ni danda'u.
Gama biraatiin, barattoota dhukkubsatanii ragaa wal'aansaa qaban, qaama miidhamtoota, lakkuuwwan saala walfakkaataa qabanii fi haadholii daa'ima ji'a ja'aa gadii hoosisan ilaalchisee deeggarsi addaa kan taasifamuuf yoo ta'u, ulaagaa kanaaf kanneen madaalaman ragaa fayyaa ykn dhugoomsaa seera qabeessa ta'e of harkaa qaban marsariiticha irratti walqabsiisuun akka isaan irraa eegamu hubachiifameera.
Yeroon kenname murtaa'aa fi gabaabaa waan ta'eef, barattoonni hundi carraa kanatti fayyadamuun osoo guyyaan isin jalaa hin darbiin xiyyeeffannoon filannoo keessan akka xumurattan dhaamameera.
Hawaasnis ta'e maatiin ragaa kana hiriyoota fi barattoota naannoo keessan jiran waliin qooduun barattoonni haala mijaawaan gara dhaabbilee barnoota olaanoo akka makaman gahee keessan bahaa. | 642 |
| 7 | Sin texto... | 562 |
| 8 | Qormaati Ba'uufi Wanti Barattooti Dubbisan Wal Hin Argu Jedhame. Barattootni hedduunis qormaatichi jireenya keenya dukkaneesseera jechuun komii isaanii ibsataniiru.
Qorannoon haaraa dhiheenya kana Ministeera Barnootaa fi Yuunivarsiitiiwwan gurguddoo biyyattii tiin qophaa'e akka ifoomsetti, Qormaatni Ba'umsaa (Exit Exam) dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti kennamaa jiru qabxii barattootaa fi sanadoota dubbisaaf kennamuuf waliin akka wal hin simne mirkaneesseera. Qorannoo kana irratti akka eerametti, dhaabbileen barnootaa dhuunfaa sadii sagantaa barnootaa kamiiniyyuu barataa tokko illee dabarsuu kan hin dandeenye yoo ta'u, Itoophiyaan addunyaa irraa biyya qofaatti gosa barnootaa hundaan qormaata ba'umsaa kennitu ta'uun ishee himameera. Waraqaan qorannoo kun kan dhiyaate waltajjii marii Hoteela Iskaay Laayititti taa'ame irratti yoo ta'u, ogeeyyiin Ministeera Barnootaa fi Yuunivarsiitiiwwan adda addaa irraa walitti dhufan hirmaataniiru.
Ogeessa qorannoo kana dhiyeessan keessaa tokko kan ta'an Dr. Abirahaam Tulluu akka himanitti, qorannoo kana irratti barattoota kuma ja'a (6,000) ol hirmaachisuun kan danda'ame yoo ta'u, kanaanis barattoonni kuma dhibba tokko fi kuma digdamii saddeet (128,000) ol ta'an qormaata kana kufuu isaanii fi dhibbeentaan darbiinsaa giddu-galeessan harka 33.1 qofa ta'uun isaatu ibsame. Keessumaa dhaabbilee dhuunfaa keessatti lakkoofsi barattoota darbanii harka 14.8 qofa ta'uun isaa yaaddoo guddaa uumeera.
Qorannoon kun akka eeretti, barattoonni qormaata kana kufuun waraqaa ragaa dhaban dhibba keessaa harki 64 carraa hojii dhabuun, dhiphina xiinsammuu fi of-qoolluuf saaxilamaniiru; akkasumas maatii isaaniitti ba'aa ta'aniiru. Kana malees, barattoota irra deebi'anii qormaata fudhataniif gargaarsi manneen kitaabaa dabalatee deeggarsi idilee dhaabbilee barnootaa irraa taasifamuuf laafaa ta'uun ibsameera.
Dhiibbaan qormaata kanaa gama xiinsammuu qofa osoo hin taane gama dinagdeetiinis kasaaraa guddaa qaba. Akka qorannoon kun agarsiisutti, barattoonni kunniin kufuun isaanii mootummaa irra kasaaraa qarshii biiliyoona saddeetii ol qaqqabsiiseera.
Dhumarrattis, rakkoolee kana furuuf yeroo qormaataa rakkoon ibsaa fi neetworkii akka hin uumamne gochuu, kaalkuleeterii heyyamu, barattoota kufaniif leenjii deeggarsaa (Remedial) ji'a lamaa kennuu fi qabiyyeen qormaataa sanadoota barattoonni dubbisan waliin wal simachuu akka qabu yaanni furmaataa dhiyaateera. Barattootni hedduunis qormaatichi jireenya keenya dukkaneesseera jechuun komii isaanii ibsataniiru. | 1 178 |
| 9 | Sin texto... | 758 |
| 10 | Carraa Iskolaarshiippii Addaa Yuunivarsiitii Finfinnee Barnoota Barsiisummaatiif 🎓
Yuunivarsiitiin Finfinnee bara barnootaa 2019tti barattoota sagantaa digirii jalqabaa (undergraduate) 500tiif carraa iskolaarshiippii addaa #Barnoota_Barsiisummaa irratti qopheessee jira.
Fayyadamtoonni iskolaarshiippichaa ulaagaalee barbaachisan hunda kan guutaniifi qormaata seensaa yuunivarsiitichi qopheesse milkaa'inaan darbuudhaan Yuunivarsiitii Finfinnee kan makaman ta'uu qabu.
Carraan kun kan kennamu dameewwan barnootaa armaan gadiitiin ta'a:
🔹 Saayinsii Uumamaafi Kompiyuteeshinaalaa (Natural & Computational Science): Fiiziksii, Keemistirii, Baayoloojii fi Herregaan
🔹 Saayinsii Hawaasaa (Social Science): Afaan Ingilizii, Diinagdee (Economics), Seenaa (History) fi Ji’oogiraafiin barnoota barsiisummaa kan hordofan ta'a.
Fayyadamtummaan Iskolaarshiippichaa:
✔️ Barnoota bilisaa guutuu
✔️ Qallaba / Qarshii pocket money giddu-galeessaa
✔️ Dhaabbilee gargaartotaa waliin ta'uudhaan carraawwan leenjii dabalataa akka argatan ibsameera.
Carraa addaa kana fayyadamuu kan barbaaddaniifi leenjii booda barsiisummaadhaan tajaajiluuf fedhii kan qabdan hundi, erga fudhatamtanii booda waliigaltee mallatteessuun barnoota keessan hordofuu kan dandeessan ta'uu yuunivarsiitichi beeksiseera.
Galmeen sagantaalee digirii jalqabaa Yuunivarsiitii Finfinnee bara 2019 hanga Hagayya 29/2018tti akka raawwatamu beekamuun isaa ni yaadatama.
Oodeeffannoo dabalataatiif
👇👇👇
https://admission.aau.edu.et/UGAnnouncements
@MEDIA_HAQAA | 2 |
| 11 | Sin texto... | 1 |
| 12 | Carraa 'Iskoolaarshiippii Pirezidaantummaa' Addaa Yunivarsiitii Finfinnee!
Yunivarsiitiin Finfinnee bara barnootaa 2019 barattoota ciccimoodhaaf carraa barumsa bilisaa addaa, 'Iskoolaarshiippii Pirezidaantummaa' (Presidential Scholarship) iddoo 200 qopheessuu isaa ifoomseera.
Carraa kanaaf kan dorgomuu danda'an barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 fudhatanii qabxii 500 fi isaa ol galmeessan, ulaagaalee biroo taa'an guutanii fi qormaata seensaa yunivarsiitichaa (UAT) gahumsaan darban qofa akka ta'e ibsameera. Barattoonni carraa addaa kana argatan sagantaalee digirii jalqabaa kolleejjota yunivarsiitichaa torbaa fi Mana Barumsaa Seeraa jalatti ramadamanii kan baratan ta'a.
Faayidaaleen iskoolaarshiippii kanaa barnoota guutummaatti bilisa ta'e, kaffaltii maallaqa harkaa madaalawaa ta'ee fi deeggarsaa fi leenjii dabalataa dhaabbileen michuu ta'an waliin kennamu kan of keessatti hammatuudha. Akkasumas, barattoonni kunniin gara fuulduraatti carraa barnoota digirii lammaffaa (Masters) fi sadaffaa (PhD) yunivarsiitichuma keessatti bilisaan kan argatan ta'uu eereera. Haa ta'u malee, barattoonni carraa kanatti itti fufiinsaan fayyadamuuf, semisteera hundatti qabxii waliigalaa (CGPA) 3.50 fi isaa ol fiduu kan qabanii fi damee barnootaa itti ramadaman irratti itti fufuun dirqama isaaniiti.
Akkuma kanaan dura gabaasnee turre, galmeen barattoota haaraa sagantaa digirii jalqabaa bara 2019 hanga Hagayya 29, 2018 qofa kan turu waan ta'eef, barattoonni ulaagaa kana guuttan daftanii akka galmooftan hubachiifameera.
Odeeffannoo dabalataaf liinkii asii gadii kana tuquun ilaaluu ni dandeessu:
👉 https://admission.aau.edu.et/UGAnnouncements | 1 306 |
| 13 | Sin texto... | 819 |
| 14 | Yunivarsiitiiwwan Saayinsii fi Teeknoloojii Barattoota Haaraa Simachuuf Galmee Eegalan!
Yunivarsiitiin Saayinsii fi Teeknoloojii Adaamaa (ASTU) fi Yunivarsiitiin Saayinsii fi Teeknoloojii Finfinnee (AASTU), barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 fudhatanii dhibbeentaa 50 fi isaa ol galmeessisan simachuuf galmee eegalaniiru.
Carraan kun kan kenname barattoota damee Saayinsii Uumamaa (Natural Science) qofaaf yoo ta'u, barattoonni ulaagaa kana guuttan qormaata seensaa fudhachuun bara barnootaa 2019'f dameewwan barnootaa (Applied Science) fi Injinariingii jalatti barachuu ni dandeessu.
Yeroon galmee kanaa Hagayya 25 irraa eegalee hanga Qaam'ee 03, bara 2018 halkan walakkaa sa'aatii 6:00tti qofa kan turu ta'a. Barattoonni ulaagaa guuttan marsariitiiwwan Teelegiraama miidiyaa Abdii Sabaa jalatti dhiyaatan fayyadamuun toora interneetiin galmaa'uu ni dandeessu.
Guyyaan qormaatichi itti kennamu erga galmeen xumuramee booda kan ifoomu yoo ta'u, qormaatichi giddugala qormaataa isin yeroo galmee filattanitti qaamaan argamuun kan kennamu ta'a. Iddoowwan qormaataa barattoonni muraasni qofti itti galmaa'an gara iddoo qormaataa dhiyeenya jiruutti makamuu akka danda'anis hubachiifameera.
Barattoonni qormaata kanaaf dhiyaattan, gosa barnootaa Baayooloojii, Keemistirii, Fiiziksii, Herregaa fi Afaan Ingiliizii (barnoota kutaa 9ffaa hanga 12ffaatti kennaman) irraa qophii gahaa akka taasistan yunivarsiitiiwwan kunneen dhaamaniiru. Dabalataanis, guyyaa qormaataa waraqaa qabxii kutaa 12ffaa bara 2018,(Admission card) ykn waraqaa eenyummaa, fi ragaa mirkaneessa galmee keessanii qabattanii argamuun dirqama. | 1 003 |
| 15 | Umrii Waggaa 66tti Qormaata Kutaa 12ffaa Qabxii 320 Fiduun Kan Darban Qees Sayifuu Tasfaayee!
"Barnootaaf fedhii fi kakaumsi yoo jiraate umriin gufuu hin ta'u" dhugaa jedhu hojiin kan agarsiisan Qees Sayifuu Tasfaayee, qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara kanaan qabxii 320 fiduun barattoota yunivarsiitii galuuf eeggachaa jiran keessaa tokko ta'aniiru.
Qees Sayifuun jiraataa Naannoo Tigraay, Godina Kibbaa, Aanaa Salawaa, Ganda Dajan yoo ta'an, magaalaa Salawaatti eegduu (waardiyyaa) Baankii Ambassaa ta'uun hojjechaa jiru. Hojii humnaa kana cinaattis barnoota isaanii obsaan itti fufuun qormaata biyyaalessaa kana fudhachuu danda'aniiru. Barattoota kuma 29 naannicha irraa qormaaticha fudhatan keessaa isaan tokko yoo ta'an, barattoota qabxii darbiinsaa fidan 3,146 keessatti milkaa'inaan of muudaniiru.
Qabxiin boonsaan Qees Sayifuu kun miidiyaalee hawaasaa irratti xiyyeeffannoo guddaa fi dinqisiifannaa kan argate yoo ta'u, baankiin isaan keessatti hojjetanis milkaa'ina kanaaf gammaduun badhaasa addaa kenneeraaf. Bankichi gama isaatiin haga isaan baratanii xumuranitti kan gargaaru ta’uufii mindaan isaanii maatii isaaniif cituu kan itti fufu ta’a, dabalataanis yeroo baratanii xumuran baankichi hojii akka mijeessuuf waadaa galeeraaf.
Abbaa ijoollee ja'aa kan ta'an Qees Sayifuun, seenaan isaanii barnootaaf umriin, hojiin ykn haalli jireenyaa kamiyyuu dhiibbaa akka hin taanee fi namni fedhii qabu galma yaade gahuu akka danda'u dhalootaaf fakkeenya guddaa ta'a.
@mediashows1 | 1 652 |
| 16 | Sin texto... | 811 |
| 17 | HAROO DANDII💥
Haroo Dandii, uumamaan lakkoofsa ♾️ kan fakkaattu; Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Dandii (GIINCII) argama. | 1 131 |
| 18 | Yunivarsiitiin Finfinnee Barattoota Haaraa Bara 2019'f Simachuuf Galmee Eegale!
Yunivarsiitiin Finfinnee sagantaa barnootaa idilee (iskoolaarshiippii mootummaa fi kaffaltii dhuunfaatiin), akkasumas sagantaa galgalaa fi walitti fufaatiin (extension) barattoota haaraa digirii jalqabaa bara barnootaa 2019 (A.L.I) simatee barsiisuu akka barbaadu beeksiseera.
Ulaagaaleen galmee kanaaf taa'an, barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2015, 2016, 2017 fi 2018 (A.L.I) fudhatanii qabxii seensa yunivarsiitii fidan, ykn immoo barnoota sadarkaa 4ffaa (Level 4) xumuranii madaallii gahumsaa (COC) darban kan hammatuudha. Barattoonni galmaa'an hundi Qormaata Seensa Yunivarsiitii Finfinnee (UAT - University Admission Test) kan fudhatan ta'uun isaa ibsameera.
Yeroon galmee karaa toora interneetii (Online) eegaleera; kan turus hanga Hagayya 29, 2018 (A.L.I) qofa akka ta'e hubachiifameera. Qormaanni seensaa (UAT) Qaam'ee 02 hanga 04, 2018 (A.L.I) gidduutti kan kennamu ta'a. Kanaafuu, barattoonni ulaagaa kana guuttan marsariitii dhiyaate (https://admission.aau.edu.et) fayyadamuun yeroon akka galmooftan hubachiifameera. | 1 384 |
| 19 | Sin texto... | 727 |
| 20 | #BAGA_GAMMADDAN ❗️
Barattoonni qabxii 297-300 galmeessan akka darban hayyamameef bara kanas hojiirra oola!!
Qormaata Ministeerri Barnootaa qopheesse kamiifuu darbiinsa %50 akka ta’e ni beekama. Ibsa kana kan kenne Dr. Solomon Kiflee (gorsaa MOE) akka jedhanitti kanneen qabxii 49.5% - 49.99 galmeessan gara 50tti walitti qabnee akka %50tti lakkoofne, akkasumas iskeelii qabxii hin jijjiirree ammallee %50 ta'eera jedhan. | 1 509 |
