es
Feedback

¡No caigas en manos de tramposos! Telemetrio encuentra y marca estos canales 👉 Si quieres ver la etiqueta, suscríbete

IFA DHALOOTAA MINISTIRII

IFA DHALOOTAA MINISTIRII

Ir al canal en Telegram

√Addaam bakka mijataa jannata keessa utuu jiraatuu seexanaan mo'ame;Yesuus garuu bakka mijataa hin taane,lafa onaa keessatti seexana moo'ate.eeyyee yoomiyyuu Yesuus hundumaa in caala! √Barumsaawwan gaggabaaboon chaanali kanaan ni kennamu,itti fayyadamaa!

Mostrar más
2 639
Suscriptores
Sin datos24 horas
-127 días
-5730 días
Archivo de publicaciones
ጌታ እኔን ያገኘኝ መንገድ ሁሌም ያስደንቀኛል እግዚአብሔር ይመስገን. የ ኢየሱስ የሆንኩበት ቀን ለዘላለም ትባረክ 🙏🏽🙏🏽🙏🏽🙏🏽🙏🏽😭😭😭😭😭🙏🙏🙏🙏🙏✝️
24 nov, 23:13

Faarfannaa 5:1-8 1 Yaa Waaqayyo, gurra kee gara dubbii kootti qabi, isa ani hasaasee sitti himadhus yaadatti anaaf fudhadhu!
Faarfannaa 5:1-8
1 Yaa Waaqayyo, gurra kee gara dubbii kootti qabi, isa ani hasaasee sitti himadhus yaadatti anaaf fudhadhu! 2 Ani sin kadhadha yaa mootii ko, yaa Waaqayyoo ko, sagalee iyya kootii dhaggeeffadhu! 3 Yaa Waaqayyo, ganama sagaleen koo si biratti in dhaga'ama, ganama ofii koo siif nan qopheessa, gara kees nan ilaala. 4 Ati yaa Waaqayyo, isa jal'inni itti tolu miti'o, hamaanis si bira hin buufatu. 5 Warri of jajanis ija kee dura hin dhaabatan, warra wanta waa'ee hin baafne hojjetan hundumaas in jibbita. 6 Warra soba dubbatan lafa irraa in balleessita, Waaqayyo warra dhiiga namaa dhangalaasanii fi warra nama wallaalchisan in ciigga'a. 7 Ani garuu gaarummaa kee isa baay'eedhaan gara mana keetti ol galuun anaaf kennameera; ulfinaan si sodaachuudhaanis, gara mana qulqullummaa keetti garagalee kufee siif nan sagada. 8 Yaa Waaqayyo, sababii warri adeemsa koo caqasan jiraniif, ati qajeelummaa keetiin na geggeessi! Karaa kees fuula koo duratti anaaf qajeelchi!
t.me/AgapeMission
21 nov, 09:25

🖌️ “Jabina gooftaan anaaf kennuun waan hundumaa gochuu nan danda'a.”   — Filp. 4:13 t.me/Ifa_Dhalootaa
17 nov, 22:34

Afaan Oromoo “Ammas nuyi fuula keenya utuu hin haguuggatin ulfinni gooftichaa nu irraa akka calaqqisu in goona; nuyis ulfinaa gara ulfinaatti darbuudhaan fakkaattii isaa akka taanuuf, akka goofticha isa hafuura sana biraa nuuf dhufeetti in diddiiramna.”   — 2Qor. 3:18 Amharic "እኛም ሁላችን በመጋረጃ በማይከደን ፊት የጌታን ክብር እንደ መስተዋት እያብለጨለጭን መንፈስ ከሚሆን ጌታ እንደሚደረግ ያን መልክ እንመስል ዘንድ ከክብር ወደ ክብር እንለወጣለን።"   2ኛ ቆሮ 3፥18 English 2 Corinthians 3:18. 18. But we all, with open face beholding as in a glass the glory of the Lord, are changed into the same image from glory to glory, even as by the Spirit of the LORD. French Nous tous qui, le visage découvert, contemplons comme dans un miroir la gloire du Seigneur, nous sommes transformés en la même image, de gloire en gloire, comme par le Seigneur, l'Esprit. t.me/Ifa_Dhalootaa
17 nov, 02:23

ISA GUFUU SITTI TA'E SI DURAA KAASEE SI DABARSA Bau. 14 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ¹³ Museen immoo saba sanaan, "Warra Gibxii warra har'a argitan kana deebitanii akka kanatti lammaffaa waan hin argineef, hin sodaatinaa, jabaadhaa dhaabadhaatii har'a gocha Waaqayyo isin fayyisuudhaaf raawwatu ilaalaa! ¹⁴ Amma Waaqayyo isiniif in lola, isin gabii argadhaa!" jedhe. ¹⁵ Waaqayyo yommus Museedhaan, "Maaliif gara kootti iyyita? Ka'anii gara fuula duraatti akka adeemaniif Israa'elootatti himi! ¹⁶ Ati immoo ulee kee ol fuudhi, harka kee galaanicha irratti diriirsi! Israa'eloonni galaanicha yommuu ce'an lafa gogaa irra akka adeemaniif galaanicha gargar hiri! ¹⁷ Warri Gibxiis isaan booddeedhaan akka itti lixanitti, ani akka isaan mataa jabaatan nan godha; ani yommus mootichaa fi loltuu isaa hundumaa, konkolaattota isaa, abboota fardeenii isaa irrattis ulfina nan argadha. ¹⁸ Yeroo ani mooticha irratti konkolaattota isaa irratti, abboota fardeenii isaa irrattis mo'icha argadhutti immoo, warri Gibxii ani Waaqayyo akkan ta'e kanaan in beeku" jedhe. ¹⁹ Yommus ergamaan Waaqayyoo inni macca Israa'el dura adeemaa ture, ka'ee gara isaan booddeetti in darbe; utubaan duumessaa sunis isaan fuula duraa ka'ee isaan booddee in dhaabate. ²⁰ Utubaan duumessichaa sun macca warra Gibxii fi macca warra Israa'el gidduu goree, gar tokkotti duumessaa'ee dukkaneesse, gara kaanitti immoo halkan in ibse; akka kanatti halkan sana guutuu macci inni tokko isa kaanitti hin dhi'aanne ture. ²¹ Museenis harka isaa galaanicha irratti in diriirse; Waaqayyo immoo halkan sana guutuu qilleensa ba'a-biiftuu isa jabaadhaan galaanicha gara booddeetti in deebise; bishaanichis erga gargar hiramee galaanicha gidduu lafa gogaa godhe. ²² Israa'eloonni galaanicha gidduu lafa gogaa irra in adeeman; bishaanichis mirga isaanii fi bitaa isaaniitti akka keenyanii isaaniif ta'e. t.me/Ifa_Dhalootaa
15 nov, 03:02

STEP Kana sirriitti hordofaa: 1. Linkii 👇 kana tuqaa https://web.hehala.com/h5/index.html#/share_hostPage?uid=4533536 2. Application download godhaa xumuraa 3. Sign in with Google kan jedhu filachuun, akkasumas guyyaa dhalootaa keessan guutaa, guyyaan dhalootaa akka Awurooppaatti umriin keessaan 18 gadi akka hin taane. 4. "Me " kan jedhu gara harka mirgaa jalaa kan jirtu tuquun gara "Task" deemaa, itti aansuun "Host Task" tuqaa 5. Itti aansuun "Verify" kan jedhu tuqaa 6. Upload photo kan jedhu tuquun suuraa keessan self ka'aa. Hubachiisa suuraan Kun kan profile osoo hin taane system waan ta'eef hin sodaatina) 7. Start Authentication kan jedhu tuquun akka ashangulitin taatu ykn isiniin jettu ilaalun ( ija libsachu, bitaafi mirgatti jechuu, afaan banachuu fa'a) 8. Set security password kan jedhu lakkoofsa hin daganne guutaa Kana booda xumuruu (verify) gochuu keessan mirkaneessuf Host Task check godhaa Kana hunda erga xumurtaniin booda👇 1. Room kan jedhu tuqaa 2. ID 4533536 kana iddoo search 🔍 barreessun search tuqaa 3. Daanii Horroo kan jedhu tuqaa fuulduraatti "Enter" tuqaa Kana booda xumurtan jechaadha Anaan quunamuudhaf Username: @Dani0l1
09 nov, 12:17

KADHANNAA AJAAHIBAA‼️ ◈Hin jarjariin seenaa ajaa'ibaa kana daqiiqaa 5 kennii dubbisi si fayyadaa✌️ ◈Akkas ture: Doktor Abiraham jedhamu lammii biyya ameerikaa ispeeshaalistii dhukkuba kaanserii irratti hojjetani dha. Namni kun baayyee beekamaa fi ogeessa jabaa dha. guyyaa tokko hojii isaanii kanaaf badhaasni qophaayeefii gara magaalaa biraa badhaasa kana fudhachuuf deemuuf kahan.! ◈Badhaasa kana fudhachuuf xiyyaaraan utuu deemanii gidduutti xiyyaara isaanii qilleensi hamaan mudatee utuu bakka deemuuf jedhan sana hin gahiin gidduutti xiyyaarri isaanii qubate. Haalli qilleensaa kun hamaa waan taheef balalliin sun itti fufuu hin dandeenye. Kana booda dooktoriin kun xiyyaara biraadhaan deemuuf deemee magaalaa keessa buufatan keessaa bakka Tikkeettiin xiyyaaraa itti muramu gaafa gaafatu balalliin itti aanee jiru.. sa'atii 10 booda malee amma akka hin jirre itti himame.! ◈Innis gaddee sagantaa badhaasaa sana dirqama gahuu waan qabuuf konkolaataa kireeffatee adeemsa isaa itti fufe. Konkolaataadhaan bakki inni deemu sun sa'atii 4 fudhata. Utuuma konkolaataan deemuu haalli qilleensaa hamaan sun dhaabachuu didee konkolaataan illee akka hin oofne isa dhorke. Innis konkolaataa isaa dhaabee bakka hin beekne tokko utuuma deemuu mana dubartii bareedduu harka qalleettii tokko banaa argatee mana ishee seene.! ◈ Isheenis isa keessummeessitee waan nyaataniif waan dhugan laatteef.Bilbila isheen bilbilatee haalota gaafachuuf gaafa jedhu dubartiin kun bilbila illee hin qabdu ture!. Dubartiin sun nama waaqayyooti garuu gaaffii qabdi waaqayyoonis ni kadhatti. egaa erga doktora kanaaf waan nyaataniif dhugan laatteefii booda.. kadhannaa akka kadhataniif isa gaafatte..inni garuu tole hin jenneef. ◈Isheenis "maaiif?" jennaan "Ani kadhannaatti osoo hin taane cimanii hojjechuuttan amana " jedhee deebiseef. Ergasii isheenis dhiistee ofii ishee kadhannaa itti fufte.. Sana booda isheen kadhannaa ishee keessatti immimmaan ishee buustee kadhannaa ishee eegalte.. Innis taa'ee utuuma ishee ilaaluu "dubartiin kun waa rakkachuu hin ooltu waa malees immimmaan buustee hin boossu maallaqa yoo si rakkise siifan kennaa maal taate " jedhee gara isheetti dhiyaatee gaafate . ◈ Isheen garuu akkas jette.."Ani eyyee rakkina nan qaba Innis mucaan koo dhukkuba kaanserii qaba, manni qorichaas deemee yaalchisnaan rifeerii gara Ameerikaatti Dr. Abirahaam biratti naaf barreessani ani garuu maallaqan ittiin geessu dhabeen gara waaqayyootti dhiyeessaa jira kadhatakoon " jettee deebisteef. ◈Hubadhaa Dr. Abirahaam kun isa Isaan itti barreessaniifidha isa amma mana ishee jiruti. ◈Isheen garuu isa tahuu hin barre🥱. Sana booda Innis nahee dinqisiifatee "Doktor Abiraam Ana dha " jedhee deebiseef. Sana booda dhugaa itti hin fakkaanne ture dubartii kanatti. Innis mucaa isheef Yaalii yerosuma taasisee mucaan ishees fayyeef. ◈Ameerikaa deemuuf isa isheen humna dhabde waaqayyo manumatti fideefii mucaa ishee fayyiseef🙏. Sana booda Dooktoriin ishees isa jalqaba "Kadhannaa osoo hin taane cimina hojiittan amana" jedhee ture dhuguma Waaqayyoon ishee waaqa dhagahu tahuu isaa argee dinqisiifatee jabina waaqayyotti amanee .."Waaqayyo Guddaadha, inni haalota koo hunda didee akkan Gara kee dhufu godhe dhuguma waaqayyoon kee jabaadha " jedhee waaqayyotti harka kennate! ◆Dhaamsa barreeffama kanaa : ◈️Waaqayyotti Abdii hin kutatiin ◈Kadhannaa kee hin dhiisiin ◈️Waaqayyo Si gargaaruuf karaa ati yaadde osoo hin taane karaa ofii isaa siif dhufa.! Nama abdii kutaa jiru biraan naaf gahi!. Sagalee Wareegamtoota Wangeelaa eebbifamaa fuula channel keenyaa follow share gochuu hin dagatinaa nu gargaaraa ✍️ 👇 t.me/AgapeMission
07 nov, 23:28

KAKUU DAAWWIT Macaafa Saamu’eel Isa Lammaffaa Boqonnaa 7 boqonnaa guutummaa Macaafa Qulqulluu keessatti bakka bu’iinsa guddaa qabu dha. Boqonnaan kun "Kakuu Daawit" (The Davidic Covenant) jedhamuun beekama. Daawit Waaqayyoof "mana" (mana qulqullummaa) ijaaruuf yaadus, Waaqayyo garuu Daawitiif "mana" (maatii fi mootummaa bara baraa) akka ijaaruuf waadaa galeefi. Qabxiilee gurguddoo boqonnaa kanaa: 1. Hawwii Daawitii fi Duub-deebii (Response) Naataan (Lak. 1–3) Daawit mootichi mana mootummaa isaa keessa nagaadhaan jiraachuu jalqabe; WAAQAYYOS diinota hundumaa jalaa boqonnaa kenneef. Yaada Daawit: Daawit Naataan raajichaan, "Kunoo, ani mana muka gaatirraatiin ijaarame keessan jiraadha, sanduuqi WAAQAYYOO garuu dunkaana keessa jira" jedhe (Lak. 2). Inni Waaqayyoof mana guddaa ijaaruuf dharra’e. Deebii Naataan: Naataan jalqaba irratti, "WAAQAYYO sii wajjin waan jiruuf, wanta garaa keetti yaadde hundumaa godhi!" jedheen. 2. Deebii Waaqayyoo fi Kakuu Mootummaa (Lak. 4–17) WAAQAYYO halkan sanatti Naataaniin dubbise. Waaqayyo Daawit mana akka ijaaruuf hin eeyyamne, garuu kakuu bara baraa isatti hime: Seenaa Yaadachiisuu: Waaqayyo Daawitiin, "Ati saba koo Israa'elin akka geggeessituuf, utuu ati hoolaa eegduun, lafa tikaatii si fudhadhe" jedhe (Lak. 8). Waadaa Sanyiidhaaf Gale: Waaqayyo Daawitiin, "Barri kee ga'ee yommuu duutu... sanyii kee keessaa tokko iddoo kee mootii nan godha... Inni ulfina maqaa kootiif mana qulqullummaa anaaf in ijaara" jedhe (Lak. 12-13). Mootummaa Bara Baraa: Waadaan inni guddaan: "Manni kee fi mootummaan kee fuula koo dura bara baraan jabaatee in jiraata, teessoon kees bara baraan jabaatee in dhaabata" kan jedhu dha (Lak. 16). 3. Kadhannaa Galataa Daawit (Lak. 18–29) Daawit abdii kanaan baay’ee of-gad deebisee fuula WAAQAYYOO dura taa’ee kadhate. Gad-deebii: Inni, "Yaa WAAQAYYO gooftaa! Ani, sanyiin koos iddoo kanaaf kan taanu utuu hin ta'in, ati ittiin nu geesseetta" jedhe (Lak. 18). Jajannaa: Waaqa tokkichaa fi saba Isaa Israa’eliin kan oolche Waaqayyo qofa ta’uu isaa jajate. Amanamummaa: Inni, "Yaa WAAQAYYO gooftaa! Ati WAAQAYYOO dha, dubbiin kee amanamaa dha" jedhee, kakuun sun akka raawwatamuuf kadhate (Lak. 28). Barumsa Hafuuraa Boqonnaa 7 irraa Argannu: Yaada Namaa vs. Karoora Waaqayyoo: Daawit Waaqayyoof wanta gaarii gochuuf yaadee ture. Garuu Waaqayyo nuyi wanta Isatti fidnu osoo hin ta’in, wanta Inni nuuf godhu irratti akka hirkannu nu barsiisa. Nuyi Waaqayyoof mana hin ijaarru, Inni garuu nuuf ijaara. Qaxxaamura (Shortcuts) Dhabuu: Daawit dhimma kana ofii isaatiin hin murteessine, raajicha gaafate. Waaqayyoos haala qaxxaamura hin qabneen, adeemsa sanyii Daawit keessaan fayyina addunyaa fiduuf karoora isaa mul’ise. Duub-deebii (Response) Galataa: Daawit abdii guddaa kanaan of-tuulummaatti hin galle. Qooda sanaa, "Ani eenyu?" jedhee of-gad deebisuun Waaqayyoon eebbise. Fakkeenya Yesus: Boqonnaan kun guutummaatti waa’ee Yesus Kiristos dubbata. "Sanyii Daawit" inni mootummaan isaa bara baraan jabaatu sun Yesus Kiristos dha. Solomoon mana qulqullummaa foonii ijaarus, Yesus garuu "Mana" (Waldaa) bara baraa ijaareera. Yesus Mootii keenya isa teessoon Isaa karrawwan mootummaa samii keessatti bara baraan jabaatee dhaabbate dha. Macaafni kun: "Kakuun Waaqayyoo amanamaa dha; Inni jireenya keenya amantii irratti hundaa'e ijaara" jedhee nu barsiisa. Boqonnaa 8 (Mo’icha Daawit adda addaa) itti fufnuu? t.me/Ifa_Dhalootaa
07 nov, 03:55

12 Nagaa - Gutu Shifera (Official Lyric Video).mp310.13 MB
05 nov, 05:16

11_Fooliin_Kee_Gutu_Shifera_Ft_Alpha_Voice_Worship_Official_Lyric.mp310.71 MB
05 nov, 05:16

10_Yesuus_Gutu_Shifera_Ft_Sami_Tadesse_Official_Lyric_Video.mp312.28 MB
05 nov, 05:16

09 Galata - Gutu Shifera (Official Lyric Video).mp39.89 MB
05 nov, 05:16

08_Guddaa_Gutu_Shifera_Ft_Eliyas_Gabula,_Alpha_Voice_Worship_Official.mp315.43 MB
05 nov, 05:16

07 Harka Kee - Gutu Shifera (Official Lyric Video).mp312.38 MB
05 nov, 05:16

06 Qulqulluu - Gutu Shifera (Official Lyric Video).mp313.37 MB
05 nov, 05:16

05 Nafaana Gale - Gutu Shifera (Official Lyric Video).mp39.46 MB
05 nov, 05:16

04 Si Jaalladhee - Gutu Shifera (Official Lyric Video).mp311.42 MB
05 nov, 05:16

03_Nan_Carroome_Gutu_Shifera_Ft_Solomon_Alemu_Official_Lyric_Video.mp310.59 MB
05 nov, 05:16

02_As_Geenyeerra_Gutu_Shifera_Ft_Yadesa_Shiri_Official_Lyric_Video.mp313.21 MB
05 nov, 05:16

01 Waaqa Abboota Koo - Gutu Shifera (Official Lyric Video).mp312.07 MB
05 nov, 05:16