cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

YOUTH FOR CHRIST MINISTRY

Engaged for Christ

Mostrar más
Finlandia2 649El idioma no está especificadoReligión y espiritualidad61 229
Publicaciones publicitarias
1 209
Suscriptores
+224 horas
+427 días
+29430 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

CHANNALII WAA'EE FAYYAA NI ARGATTU, NAMNI TOKKO MALLATTOO DHUKKUBA ISAA IBSACHUUN MAALUMMAA ISAA BARUU NI DANDA'A. KANAAF NAMOONNI FAYYAA ISAANIIF HAA DUBBISAN. 👇👇👇👇👇
Mostrar todo...
👍 1
Fayyaa sammuu
Maalummaa dhibee sammuu
Mallattoolee dhibee sammuu
Yaala dhibee sammuu
Rakkoolee saalquunnamtii
Waa'ee Gaa'elaa
👆👆🖕🖕Join us
Kutaa - 5ffaa 👇👇👇👇 Gaa'elatti Utuu hin Seeniin Wal Qorachuu ❓ Durbii fi dhiirri tokko yommuu wal qoratan amala of qabuu argisiisuu kan qaban maaliifi? Dhiiraa fi durbi hedduun gaa’elaaf yeroo wal qoratan namni kan biraan isaanii wajjin akka jiraatu godhu. Kanaaf, yeroon itti gaa’elaaf wal qoratan qoosaadhaan qofa darbuu hin qabu. Yeroon kun dhiiraa fi durba tokkoof ✔️ Akkamitti akka wal kunuunsan yeroo itti baratan, ✔️ Fuudhuu yookiin heerumuun sirrii ta’uu fi dhiisuu isaa yeroo itti hubataniidha. Akkasumas, ✔️ Yeroo itti amala of qabuu argisiisanidha! 👉 Qaamaan walitti dhihaachuun uumamaan kan jiru waan ta’eef, qorumsi gama kanaan isaan mudatu salphaa miti. Ta’us, namoonni garaadhaan wal jaallatan wanta hariiroo namni jaallatan sun waaqayyo wajjin qabu balleessu raawwachuu irraa of qusatu. —(1 Tasaloniiqee 4:6) ✍️ Gaa’elaaf wal qorachaa jirta taanaan amalli of qabuu jireenya kee guutuu kan si fayyadu waan ta’eef, gaa’ela dhaabbattus dhiistus amala of qabuu argisiisi. Itti Fufa....
Mostrar todo...
2
Kutaa -4ffaa ━━ ❓ GAA’ELA MILKAA’INA QABUUF QOPHAA’UU KAN DANDEESSU AKKAMITTI? Seerri bu’uuraa Fakkeenya 24:27 irra jiru, dargaggeessa fuudha yaadu kan gargaaru akkamitti? Durbi tokko, gaa’elaaf of qopheessuuf maal gochuu dandeessi? ✔️ Gaa’ela dhaabbachuuf jabeessitee kan yaaddu taanaan, ‘Dhugumaan qophaa’eeraa?’ jedhii of gaafadhu. Deebiin kee 👉 Ilaalcha jaalalaa, 👉 Fedhii saalqunnamtii, 👉 Hiriyyummaa ykn 👉 Ijoollee godhachuuf qabdurratti qofa kan hundaa’e miti. ✔️ Galma murtaa’aa namni hiriyaa gaa’elaa ta’uuf jiru kamiyyuu irratti yaaduu qabu jira. ✔️ Dargaggeessi fuudha yaadu seera bu’uuraa, “Maasii qopheeffattee, waan ittiin jiraattu hamma argattutti mana hin dhaabbatin!” jedhurratti of eeggannoon yaaduu qaba. (Fakkeenya 24:27) Akkas jechuun maal jechuudha? Bara sanatti namni tokko ‘mana dhaabbachuu’ ykn maatii godhachuu yoo barbaade, ‘Qophii haadha manaa fi ijoollee gara fuulduraatti godhannu jiraachisuuf na dandeessisu godheeraa?’ jedhee of gaafachuu qaba. Maasii fi waan ittiin jiraatu dursee qopheeffachuu isa barbaachisa. ✔️ Seerri bu’uuraa kun har’as ni hojjeta. Namni fuudha yaadu itti gaafatama gaa’elaa fudhachuuf of qopheessuu qaba. Hanga humni isaa heyyameefitti hojjechuu qaba. Dubbiin Waaqayyoo, nama maatii isaa qaamaan, miiraa fi hafuuraan hin kunuunsine nama hin amanne caalaa hamaa ta’uu isaa argisiisa! —1 Ximotewos 5:8. 👉 Durbi heerumuuf murteessites itti gaafatama hedduu fudhachuuf walii galti. Macaafni Qulqulluun, haati manaa yommuu abbaa manaa ishee gargaartuu fi maatii ishee kunuunsitu amalawwanii fi ogummaa ishee barbaachisan tokko tokko jajee dubbata. (Fakkeenya 31:10-31) ✍ Dhugumayyuu, dhiirrii fi durbi itti gaafatama isaan irraa barbaadamuuf qophii utuu hin godhin jarjarsuun gaa’elatti seenan, hiriyaa gaa’elaa isaaniitiif maal akka godhan waan hin yaanneef ofittoodha. Hunda caalaatti garuu, namoonni gaa’ela dhaabbachuu yaadan seera bu’uuraa Waaqayyo baase gaa’ela isaanii keessatti hojiirra oolchuuf of qopheessuu qabu. ❓ Namoonni gaa’ela dhaabbachuu barbaadan hundi seera bu’uuraa Caaffata Qulqullaa’oo kamirratti xiinxaluu qabu? 👉 Gaa’elaaf qophaa’uun, itti gaafatama Waaqayyo haadha manaa fi abbaa manaaf kenne irratti yaaduu dabalata. Dhiirri tokko, mataa maatii Kiristiyaanaa ta’uu jechuun maal jechuu akka ta’e sirriitti hubachuu isa barbaachisa. Kana jechuun maatii isaa cunqursa jechuu miti. Fakkeenya Yesuus mataa ta’uudhaan raawwate hordofuu qaba. (Efesoon. 5:23) Dubartiin Kiristiyaana taates, ga’ee guddaa haadha manaa ta’uudhaan raawwattu hubachuu ishee barbaachisa. ‘Seera ittiin abbaa manaa isheetti hidhamteef’ bitamuuf fedhii qabdii? (Roomaa 7:2) 👉 Durumayyuu, seera waaqayyoo jala jirti. (Galaatiyaa 6:2) Aboo abbaan manaa ishee maaticha irratti qabu seera gara biraa isheef ta’a. Nama cubbamaa ta’e kana deeggaruu fi aboo isa kanaaf bitamuuf fedhii qabdii? 👉 Fedhii hin qabdu taanaan heerumuu hin qabdu. Kana malees, hiriyaan gaa’elaa kamiyyuu wanta isa kaaniif caalaatti barbaachisu guutuuf of qopheessuu qaba. (Filiphisiiyus 2:4) Phaawulos, “Tokkoon tokkoon abbaa manaa akkuma kanatti haadha manaa isaa akka ofii isatti haa jaallatu; haati manaas abbaa manaa isheetiif ulfina haa kennitu!” jechuun barreesseera. Phaawulos, qajeelfama Waaqayyo biraa argateen, abbaan manaa, haati manaa isaa ulfina akka isaaf kennitu akka itti dhaga’amu akka barbaadu hubateera. Haati manaas abbaan manaa ishee akka ishee jaallatu beekuu barbaaddi. —Efesoon 5:21-- .....Itti fufaa....
Mostrar todo...
1
Kutaa -3ffaa ━━━━━⊱✿⊰━━━━━ Hiriyyaa Gaa’elaa koo irraa Maalan Barbaada? Seera bu’uuraa: “Isaan lachanuus foon tokko in ta’u.”—Maatewos 19:5. Gaaffiiwwan of gaafachuu qabdu tokko tokko ❓ Ergan ‘fuudha/herruma ga’ee booda yoon gaa’ela dhaabbadhe gaarii kan ta’u maaliifi?—1 Qorontos 7:36; 13:11; Maatewos 19:4, 5. ❓ Umrii gaa’ela dhaabachuuf na dandeessisu irra ga’us, yeroo muraasaaf qeentee ta’ee turuun koo faayidaa naaf argamsiisuu kan danda’u akkamitti? —1 Qorontos 7:32-34, 37, 38. ❓ Gaa’ela dhaabbachuu yoon filadhe, namni ani fuudhu ykn itti heerumu amanamummaadhaan waaqayyo tajaajilaa kan ture ta’uun isaa gaarii kan ta’e maaliifi? —1 Qorontos 7:39. ❓ Caqasawwan Caaffata Qulqulluu armaan gaditti argaman, amala obboleettiin tokko namni isheen hiriyaa gaa’elaa godhachuu barbaaddu akka qabaatu barbaaddu hubachuuf kan ishee gargaaru akkamitti? —Faarfannaa 119:97; 1 Ximotewos 3:1-7. Fakkeenyi 31:10-31, ❓ Obboleessi tokko hiriyaa gaa’elaa ogummaan filachuuf kan isa gargaaru akkamitti? (Fakkeenya. 31:10-31)
Mostrar todo...
1
Kutaa -2ffaa ━━━ ❓ NAMA AKKAMIITU HIRIYAA GAA’ELAA GAARII TA’A? ❓ Phaawulos balaa namoota hin amannee wajjin hariiroo cimaa qabaachuun geessisu fakkeenyaan kan ibse akkamitti? ❓ Gorsa Waaqayyoo cabsuudhaan nama hin amanne hiriyaa gaa’elaa godhachuun yeroo baay’ee rakkina akkamii geessisa? Phaawulos, seera bu’uuraa hiriyaa gaa’elaa filachuuf akka qajeelfamaatti gargaaru hafuura qulqulluun geggeeffamee yeroo ibsu, 👉 “Warra hin amannee wajjin walitti hin hidhatinaa!” jechuudhaan barreesseera. --(2 Qorontos 6:14) Fakkeenyi inni itti fayyadame, wanta qonna irratti mul’atu irratti kan hundaa’edha. Horiin qaamaanis ta’e ciminaan wal hin gitne walitti yoo camadaman lamaanuu ni miidhamu. Haaluma wal fakkaatuunis, namni amanuu fi hin amanne gaa’elaan yoo walitti hidhaman walitti bu’iinsii fi rakkoon akka uumamu homaa hin shakkisiisu. 👉 Hiriyaan gaa’elaa inni tokko jaalala Waaqayyoo keessatti of eegee jiraachuu kan barbaadu yoo ta’ee fi inni kaan immoo dhimmi kun baay’ee yookiin matumaa kan isa hin yaaddessine taanaan, wanti isaan dursa kennuufii barbaadan gargar waan ta’uuf, dhiphinni guddaan uumamuu danda’a. ✔️ Kanaaf, Phaawulos Kiristiyaanonni ‘nama amane’ qofa hiriyaa gaa’elaa akka godhatan gorseera. —1 Qorontos 7:39. 👉 Al tokko tokko Kiristiyaanonni qeenteen jireenya yeroo ammaatti jiraatanii mannaa, nama hin amanne hiriyaa gaa’elaa godhachuu wayya jedhanii murteessu. Tokko tokkos gorsa Macaafa Qulqulluu cabsuudhaan nama waaqayyo hin tajaajille hiriyaa gaa’elaa godhataniiru. Kanaan kan ka’es yeroo baay’ee haalli gaddisiisan isaanirra ga’eera. Namoonni akkas godhan, hiriyaan gaa’elaa isaanii wantoota barbaachisaa ta’an irratti akka isaanii wajjin hin dubbanne hubataniiru. Kophummaan isaanitti dhaga’amu, kophummaa utuu hiriyaa gaa’elaa hin godhatin dura ture baay’ee kan caalu ta’a. 👉 Kiristiyaanonni qeenteen kumaan lakkaa’aman gorsa gama kanaan Waaqayyo kenne amananii fudhachuudhaan hojiirra oolchuun isaanii nama gammachiisa. --(Faarfannaa 32:8) Gaaf tokko gaa’ela akka dhaabbatan abdatanis, hanga hiriyaa gaa’elaa waaqayyo waaqeffatu/ttu argatanitti qeentee ta’anii jiraatu. ❓ Hiriyaa gaa’elaa ogummaadhaan filachuuf maaltu si gargaara? 👉 Tajaajiltoonni Waaqayyoo hundi dhuga baatota waan ta’aniif qofa hiriyaa gaa’elaa gaarii ta’u jechuu miti. 👉 Gaa’ela dhaabbachuu barbaannaan, nama Waaqayyoon jaallatu, akkasumas amalaa fi galma hafuuraa ati qabduu wajjin wal fakkaatu qabu filadhu. Gama kanaan hojjetaa amanamaan baruumsawwan baay’ee barbaachisoo ta’an waan qopheesseef, yaadawwan Caaffata Qulqullaa’oo irratti hundaa’an kana irratti kadhannaadhaan erga yaaddee booda, murtoo barbaachisaa ta’e kana gochuu irratti akka si geggeessan heyyami. —Faarfannaa 119:105. ❓Biyyoota hedduu keessatti aadaa akkamiitu argama? Gama kanaan fakkeenya Macaafa Qulqulluu isa kamtu akka qajeelfamaatti gargaara? #Note ❓Macaafa Qulqulluu isa kami... kan jedhu, yaada kitaabota Amantaa adda addaa keessatti argamanidha. 👉 Aadaa biyyoota hedduutti, nama ijoollee isaaniif hiriyaa gaa’elaa ta’u warratu fila. ✍ Aadaawwan akkasii keessatti, filannoo baay’ee barbaachisaa ta’e kana gochuuf warri ogummaa guddaa fi muuxannoo akka qaban amanama. ✔️ Gaa’elli filannoo warri godhaniin hundeeffamu akkuma bara durii har’as gaarii ta’a. Abrahaam, ilma isaa Yisihaqiif haadha manaa akka barbaaduuf hojjetaa isaa erguun isaa, har’as warra haala wal fakkaatu keessatti argamaniif fakkeenya gaarii ta’a. Abrahaamiin kan yaaddesse qarshii yookiin ulfina argachuu hin turre. Namoota Waaqayyo waaqeffatan keessaa durba ilma isaatiif haadha manaa akka taatu argachuuf karaa dheeraa deemeera. —Uumama 24:3, 67. @Gaa'elaa_Milkaa'aa
Mostrar todo...
👍 1 1
Kutaa -1ffaa ━━━━━⊱✿⊰━━━━━ Gaa’illi gaariin ijoollee guddisuuf bu’uura akkamii ta’a❓ Gaa'ela Gaarii Uumuun Maatii Gammachiisaa Qabaachuuf sababa isa olaanaa dha. Gaa’ela dhaabbachuuf sababii ga’aan jiraa❓ Eeyyee. Gaa’elli, kennaa Waaqa keenya isa jaalala qabeessa ta’erraa kan kennameedha. (Uumama 2:18) Kanaaf, faayidaa kan qabuu fi eebba kan argamsiisudha. Fakkeenyaaf, gaa’elli gaariin jireenya maatiif bu’uura hunda caaludha. Ijoolleen naannoo jaalala, adabaa fi qajeelfama warra isaanii argatanii tasgabbiidhaan itti guddatan argachuu isaan barbaachisa. (Faarfannaa 127:3; Efesoon 6:1-4) Haa ta’u malee, gaa’elli kan hundeeffamu ijoollee guddisuuf qofa miti. Akka Lallaba 4:9-12 irratti ibsametti, michummaa gaariin faayidaa akkamii argamsiisa? Gaa’elli akka fo’aa dachaa sadiin walitti fo’amee ta’uu kan danda’u akkamitti? Caqasa mata dureen boqonnaa kanaa irratti hundaa’ee fi yaadawwan naannoo isaatti argaman haa ilaallu: “Wanti lama ta’anii itti dadhabanii hojjetan gatii gaarii waan qabuuf, lama ta’uun kophaa ta’uu irra in wayya; inni tokko yoo kufe, hidhanni isaa lafaa isa in kaasa; nama yommuu kufu lafaa isa kaasu hin qabneef garuu barreesse. Namoonni lama walii wajjin yoo ciisan, wal in ho’isu, nama kophaa isaa ciisutti garuu, attamitti ho’uu danda’a ree? Namni tokko nama kophaa adeemu tokko humna caalee yoo kuffise, warri lama ta’anii adeeman isaan mormuu in danda’u; fo’aan dachaa sadiin walitti fo’ame dafee hin citu.” Lallaba 4:9-12 Caqasni kun caalaatti faayidaa michoomni qabu ibsa. Dhugaadha, gaa’ela caalaa wanti nama walitti michoomsu hin jiru. Caqasni kun akka argisiisutti, tokkummaan akkasii gargaarsa, jajjabinaa fi eegumsa argamsiisa. Keessumaa, gaa’elli tokkummaa isaanii kana caalaa cimina kan argatu wanti itti dabalamu tokko yoo jiraatedha. Kaayyoon abbaa manaas ta’e haadha manaa inni guddaan, Waaqayyo gammachiisuu yoo ta’e gaa’elli isaanii fo’aa dachaa sadiin walitti fo’ame ta’a. Waaqayyo kutaa gaa’elichaa waan ta’uuf tokkummaan isaanii baay’ee jabaata. Phaawulos Kiristiyaanota qeentee fedhii saalqunnamtii wajjin qabsaa’aniif gorsa akkamii barreesse❓ Macaafni Qulqulluun gaa’ela ilaalchisee dhugaa akkamii ibsa❓ Saalqunnamtiin gammachuu dhugaa kan argamsiisu, gaa’ela keessatti qofadha. Saalqunnamtiin gaa’ela keessatti raawwatamu kun, akka madda gammachuutti ilaalamuu danda’a. (Fakkeenya 5:18) Namni qeenteen, fedhii saalqunnamtii Macaafni Qulqulluun umrii heeruma ykn “fuudha ga’ee” jedhee waamu erga darbee boodas, fedhiin kun waan itti dhaga’amuuf to’achuun itti ulfaachuu danda’a. Fedhiin akkasii to’atamuu baannaan wanta qulqulluu ykn gocha sirrii hin taane raawwachuutti isa geessuu danda’a. Phaawulos hafuura qulqulluun kaka’ee namoota qeentee ta’aniif gorsa akkas jedhu barreesseera: “Of qabuu hin danda’an yoo ta’e garuu haa fuudhan, haa heerumanis; kajeellaa fooniitiin gubachuu irra fuudhuu, heerumuus in wayya.” 1 Qorontos 7:9, 36; Yaaqoob 1:15. Sababii namni tokko akka fuudhu isa taasisu maaliyyuu yoo ta’e, gaa’elaaf ilaalcha sirrii qabaachuun isaa gaariidha. Akkuma Phaawulos barreesse namoonni gaa’ela dhaabbatan “jireenya isaaniitti rakkinni isaan argata.” (1 Qorontos 7:28) Namoonni gaa’ela dhaabbatan rakkoowwan namoota qeenteerra hin geenyetu isaanirra ga’a. Gaa’ela dhaabbachuu yoo filatte, rakkoowwan hir’isuu fi gammachuu gaa’ela irraa argattu guddisuu kan dandeessu akkamitti? Karaan inni tokko nama hiriyaa gaa’elaa godhattu ogummaan filachuudha.
Mostrar todo...
#Araara__Waaqayyoo! ================ Guyyaa tokko Dr. Billy Graham wangeela osoo barsiisanii dubbii wayii dubbatan. Namicha Waaqayyoo hin jiru jedhu (atheist) tokkotu "dhuguma Waaqayyoo jira yoo ta'e, waaqas yoo ta'e, daaqiqaa tokko nan kennaafiitii bakakkaan dhayee naa ajjeesu!" jedhee jedhan. Daaqiqaa tokkoofis callisee deebii eeggate. Homtuu hin taane. Achi yeroo inni dubbii akkasii dubbatu namni kan biraa dhagayee "ati Waaqayyoon daqiiqaa tokkotti obsa fixachiisuu hin dandeessuutii mee callisi." ittiin jedhe jedhan. Obboloota koo! Yeroo tokko tokko araara Waaqayyoo nuuf baay'ate akka waan salphaatti ilaalla. Cubbuu hojjennee yeroo gooftichi cal nuun jedhu, fayyaa baanee gallee gaafa kolfine taphannu, hunduu of eggannoo keenyaan waan ta'e nutti fakkaachuu mala. Hojjennee waa gaafa argannu, barannee qabxii gaarii yoo galmeessifne, daldaallee maallaqa yemmuu argannu barumsa baranneen ykn ogummaa keenyaan kan goone nutti fakkaachuu mala. Garuu Ani isinittan hima, kun hundinuu sababii Waaqayyoo araara isaa isa daangaa hin qabne nuuf bay'iseef qofa akka ta'e rafnee garagallee itti yaaduun guddaa nu barbaachisa. “...anattii gargar baatanii waan tokko illee gochuu hin dandeessan.” (Yoh. 15:5). Egaa eenyullee waan gaarii isaaf ta'eef anarraa ta'e jedhee akka of hin jajneef haa akeekkatu. Araara Waaqayyoo isa cirracha galaanaa irra baay'atu kanaaf Gooftaa isaa haa galateeffatu. “Ati garuu yaa gooftaa, Waaqayyo oo'a-qabeessaa fi araara-qabeessa; aariitti suuta jetta, gaarummaan kee fi amanamummaan kee immoo guddaa dha.” (Far. 86:15). Eebbifamaa!! #Araarri_waaqayyoo_hundaa_keenyaaf_haa_ta'uu!_Ameen t.me//Youth4Christ1 join godhaa irraa sooradhaa!
Mostrar todo...
YOUTH FOR CHRIST MINISTRY

Engaged for Christ

CHANNALII ERGAA JABAA QABATEE DHUFE KANA NAMNI HUNDUU #JOIN GODHACHUUN IRRAA FAYYADAMOOTA TA'AA. WAANTOTA AKKAMII BARBAADDU? FILADHAA ITTI FAYYADAMAA👇👇
Mostrar todo...
GORSA HAYYOOTA💥
ERGAA HAYYOOTA
SEENAA JIREENYA✊
AKKAATA JIREENYA HAWWAASUMMAA
KUTANNOON KUTAADHA🙏
DHUKKUBBII YAADAA