es
Feedback

¡No caigas en manos de tramposos! Telemetrio encuentra y marca estos canales 👉 Si quieres ver la etiqueta, suscríbete

RAFIIQUL ISLAAM 🇸🇩

RAFIIQUL ISLAAM 🇸🇩

Ir al canal en Telegram

✅️ Al-Isra'a 17:81 በልም «እውነት መጣ ውሸትም ተወገደ፤ እነሆ ውሸት ተወጋጅ ነውና፡፡» And say, "Truth has come, and falsehood has departed. Indeed is falsehood, [by nature], ever bound to depart." Jedhi “Dhugaan dhufe; sobni dhabame, sobni dhabamaa ta’eera”. @Rafiqul_Islaam

Mostrar más
El país no está especificadoLa categoría no está especificada
3 452
Suscriptores
+124 horas
+117 días
+22330 días
Archivo de publicaciones
waa sadii hanga gaafattutti hin argattu
➠Beekumsa ➠Liqii ➠Haadha manaa Waa sadii hanga najaa baatutti hin boqottu ➠Waswaasii shayxaanaa ➠Liqii namaa ➠Hiriyaa gadhee(gantuu) Waa sadiin saahiboomuu irraa of eegi ➠Gowwaa ➠Mormaa(gogaa kan falmu) ➠Nama dhiirummaa hin qabne(lugna) Waa sadii hin dhaga'iniif, irraas hin dhaggeeffatin ➠Kijibduu namaa ➠Walaawwaltuu ➠Hinaaftuu Waa sadii yaada isaanii irraa fudhadhu ➠Nama salaata tikfatu ➠nama haadhaaf abbaan eebbisan ➠Nama gadi of qabu https://t.me/+1a9c55bufmpiZjk0
26 jun, 01:55

Yaa Kiristaanotaa! maaliif jecha Yesus Kiristos hordofuu dhiiftanii, bariisa jal'oo waldaa hordoftan...?
Yesus Kiristos waa'ee ofii isaa maal barsiise jettanii osoo macaafa qulqulluu dubbiftanii, macaafichuu gara amantaa dhugaa (Islaamummaatti) isin geessa ture. Yesus Kiristos waa'ee ofii ilaalchisee dubbatee jira. Jechoonni isaas; inni Rabbis ta’e ilma Rabbiis akka hin taane, garbicha Rabbii fi ergamaa isaa ta’uu isaa siif mirkaneessuuf gahaa dha. 🛑 1. Ani hojjataa dha. “Dhuguma, dhuguman isinitti hima, hojjetaan isa isa hojjechiifatu irra hin caalu, inni ergames isa ergate irra hin caalu.” (Yohannis 13:16) 🛑 2. RABBIIN na caala'o. “... abbaan na caala'o.” (Yohannis 14:28) 🛑 3. Ani RABBII gabbaru qaba. “Yesus immoo, “Ana hin qabin! Ani amma iyyuu gara abbaatti ol hin baane; gara obboloota koo dhaqii, ‘Ani gara abbaa kootii fi abbaa keessaniitti, gara Waaqayyo kootii fi Waaqayyo keessaniitti ol nan ba'a’ jedhii isaanitti anaaf himi!” jedhee ishee abboome.” (Yohannis 20:17) 🛑 4. Ani Nama. “Ani dhugicha isan Waaqayyo irraa dhaga'e isinitti himeera; isin garuu ana nama akkasii ajjeesuu barbaaddu; Abrahaam akka kana hin hojjenne.” (Yohannis 8:40) 🛑 5. Rabbii tokkicha malee gaariin hin jiru. “Yesus immoo, “Maaliif gaarii naan jetta? Waaqayyo isa tokkicha duwwaa malee, namni gaariin tokko illee hin jiru.” (Maarqos 10:18) 🛑 6. Ani Rabbii koo irraa waan dhagahe qofa murteessa. “Yesus itti dabalee, “Ani humna kootiin homaa gochuu hin danda'u; abbaa koo irraa akkan dhaga'etti nan farada; firdiin ani faradus qajeelaa dha. Anoo yaada koo duukaa bu'uu hin barbaadu, yaada isa ana ergee duukaan bu'a malee.” (Yohannis 5:30) 🛑 6. Yesus Kiristos halkan guutuu Rabbii salaataa bule. “Yeroo sanatti Yesus gara gaaraatti ol ba'ee, achitti halkan guutuu Waaqayyoon kadhachaa bule.” (Luqaas 6:12) 🛑 7. Yesus Rabbii isaatii sujuuduun adda isaatiin lafatti ka gombifamu ture. “.... Xinnoos irraa hiiqee adda isaatiin gombifamee, “Yaa abbaa ko! In danda'ama yoo ta'e xoofoon dhiphinaa kun ana irra haa darbu, garuu akka jaalala koo miti, akka jaalala kee haa ta'u malee” jedhee kadhate.” (Maatewos 26:39) 🛑 8. Yesus Rabbii isaa kadhachaa, isattis warwaataa ture. “Yaa abbaa ko! In danda'ama yoo ta'e xoofoon dhiphinaa kun (xoofoon fannoo fi du'aa jechuu dha.) ana irra haa darbu, garuu akka jaalala koo miti, akka jaalala kee haa ta'u malee jedhee kadhate.” (Maatewos 26:39) 🛑 9. Yesus Rabbii isa uume waaqessaa, isas tokkochoomsaa ture. “Si Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti.” (Yohannis 17:3) 🛑 10. Yesus Kiristos Rabbii tokkichatti nama yaamaa ture. “Yesus deebisee, “Inni hundumaa irra caalu, ‘Dhaga'i, yaa Israa'el! Gooftichi Waaqayyo keenya kophaa isaa gooftaa dha.” (Maarqos 12:29) 🛑 11. Yesus Kiristos tokkichummaa Rabbii qofatti nama ajajaa, shir*kii irraa nama dhoorkaa ture. “Lafa irratti nama akka abbaatti hin waammatinaa! Abbaan keessanoo tokko, innis isa waaqa irraa ti.” (Maatewos 23:9) Kunniin jechoota muraasa Yesus Kiristos waa'ee ofii ilaalchisee dubbatee dha. Jechoota kana keessa iddoon Yesus itti ana waaqessaa jedhe hin jiru, akkasumas iddoon waa'ee sillaasee (trinity) keessatti barsiises hin jiru. Kanaafuu; Yaa Kiristaanotaa! maaliif jecha Yesus hordofuu dhiiftanii, bariisa jal'oo waldaa hordoftan? 𝗤𝗼𝗽𝗵𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝗮𝗻: 😀 Ifaa Dhugaa Barruu tana walii qoodaa keeyrii tana facaasaa. Jzk ❤️ Chaanaalii kiyya join taasisaa👇 https://t.me/+1a9c55bufmpiZjk0
24 jun, 16:46

Dhugaan Dhufe: Yesuus fi Kiristaanummaa https://t.me/Rafiiqul_Islaam ✖️ Kiristaanummaa: Waaqayyo tokko fi sadii dha. ✔ Yesuus: Waaqayyo 1 qofa. (Maarqos 12:29) ✖️ Kiristaanummaa: Yesuus Waaqayyodha. ✔ Yesuus: Ani Waaqayyo miti. (Yohaannis 12:44) ✖️ Kiristaanummaa: Yesuus Waaqa hin qabu. ✔ Yesuus: Waaqayyoon qaba. (Yohaannis 20:17) ✖️ Kiristaanummaa: Yesus uumaa malee uumama miti. ✔ Yesuus: Ani uumamadha. (Yohaannis 5:26) ✖️ Kiristaanummaa: Yesuus raajii miti. ✔ Yesuus: Ani raajiidha. (Maarqos 6:4) $ (Maatewos 13:57) ✖️ Kiristaanummaa: Yesus kan ergame malee kan ergame miti ✔ Yesuus: Ani ergamaa ergamaadha. (Yohaannis 12:49) $ (Yohaannis 7:16) ✖️ Kiristaanummaa Yesuus samii seenuu danda’a ✔ Yesuus: Samii seenuu hin danda'u. (Maatewos 20:23) ✖️ Kiristaanummaa: Yesuus guyyaa du'aa ka'uu Waaqayyodha ✔ Yesuus: Yeroo sanallee abbaa caalaa xiqqaadha. (Yohaannis 8:28) ✖️ Kiristaanummaa: Yesuus qoricha biyya lafaati. ✔ Yesuus: Ani gara Israa'eloota qofatti ergama. (Maatewos 15:24) ✖️ Kiristaanummaa: Yesus wanta hundumaa gochuu ni dandaʼa. 👇👇👇👇👇👇 ✔ Yesuus: Kophaa koo homaa gochuu hin danda'u. (Yohaannis 5:30) ✖️ Kiristaanummaa: Yesus waaʼee guyyaa duʼaa kaʼuu ni beeka ture. ✔ Yesuus: Guyyaa qiyaamaa hin beeku. (Maarqos 13:32) ✖️ Kiristaanummaa: Yesuus Yihudootaan fannifame. ✔ Yesuus: Ani takkaa bilbila cufamee hin beeku. Yohaannis 8:21-22) ✖️ Kiristaanummaa: Yesus humna ofii isaatiin dinqii hojjeta. ✔ Yesuus: Fedhii Waaqa kootiin dinqii nan hojjedha. (Luqaas 17:20) Maatewos 12:28) ✖️ Kiristaanummaa: Yesusitti amanuu qofatu samii dhaala. ✔ Yesuus: Waaqa, kan koo fi kan kee, Jannata seenuuf akka jiru ragaa ba’i. (Yohaannis 17:3) ✖️ Kiristaanummaa: Seerri Tawraatii Yesusiin haqame. ✔ Yesuus: Seera haquuf hin dhufne. (Maatewos 5:17) ✖️ Kiristaanummaa: Yesuus nabi Muhammad hin beeku ture. ✔ Yesuus: Raajiin ana booda dhufu jira waan hunda sitti hima. (Yohaannis 16:12-14) ✖️ Kiristaanummaa: Waa'ee Kaaba Iisaa homaa hin dubbanne. ✔ Yesuus: Ana booda kallattii sujuudaa ni jijjiirama. (Yohaannis 4:19-21) ✖️ Kiristaanummaa: Yesusiin waaqeffachuu qabna. ✔ Yesuus: Ana osoo hin taane waaqa keenya tokko waaqeffadhaa. (Maatewos 4:10) ✖️ Kiristaanummaa: Waaqni keenya Yesus ofumaa dhufe. ✔ Yesuus: Fedha Waaqa kootiin dhufe. (Yohaannis 7:28) ✖️ Kiristaanummaa: Waaqayyoo fi Yesuus tokko. ✔ Yesuus: Abbaan na caala. (Yohaannis 14:28) Yohaannis 13:16) ✖️ Kiristaanummaa: Waaqa keenya lafarratti argineerra. ✔ Yesuus: Abbaa keenya Waaqayyo namni argee hin jiru. (Yohaannis 5:37) $ (Yohaannis 6:46) Barreessaan: 𝐗𝐚𝐚𝐡𝐢𝐫 𝐆𝐚𝐥𝐚𝐭𝐨𝐨 https://t.me/+1a9c55bufmpiZjk0
23 jun, 02:18

𝑨𝒔𝒔𝒂𝒍𝒂𝒂𝒎𝒖 𝑨𝒍𝒆𝒚𝒊𝒌𝒖𝒎 𝑾𝒐𝒓𝒂𝒉𝒎𝒂𝒕𝒖𝒍𝒍𝒂𝒂𝒉𝒊 𝑾𝒐𝒃𝒂𝒓𝒂𝒌𝒂𝒂𝒕𝒖𝒉𝒖𝒖 ╔══❖•ೋ° 🌹 °ೋ•❖══╗ 𝐀𝐤𝐤𝐚𝐦 𝐉𝐢𝐫𝐭𝐮 𝐌𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢 𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥 𝐤𝐚𝐧𝐚𝐚! 📚 Channel koo isa lammaffaa kana join taasisuudhaan: ➤ Barnootaalee haala gaariidhaan qopheeffaman ni argattu. ➤ Kitaabota PDF garaa garaa ni argattu. ➤ Beekumsa amantii fi barnoota faayidaa qabeessa ta'an irraa ni fayyadamtu. 🔗 Kanaafuu, channel kiyya isa lammaffaa kana join taasisuun mootummaa beekumsaa kana keessatti hirmaadhaa. 🤲 Baarakallaahu Fiikum. ╚══❖•ೋ° 🌹 °ೋ•❖══╝
Liinkii Chaanaalii
https://t.me/+1a9c55bufmpiZjk0
22 jun, 13:48