Yaa Kiristaanotaa! maaliif jecha Yesus Kiristos hordofuu dhiiftanii, bariisa jal'oo waldaa hordoftan...?
Yesus Kiristos waa'ee ofii isaa maal barsiise jettanii osoo macaafa qulqulluu dubbiftanii, macaafichuu gara amantaa dhugaa (Islaamummaatti) isin geessa ture.
Yesus Kiristos waa'ee ofii ilaalchisee dubbatee jira. Jechoonni isaas; inni Rabbis ta’e ilma Rabbiis akka hin taane, garbicha Rabbii fi ergamaa isaa ta’uu isaa siif mirkaneessuuf gahaa dha.
🛑 1. Ani hojjataa dha.
“Dhuguma, dhuguman isinitti hima, hojjetaan isa isa hojjechiifatu irra hin caalu, inni ergames isa ergate irra hin caalu.” (Yohannis 13:16)
🛑 2. RABBIIN na caala'o.
“... abbaan na caala'o.” (Yohannis 14:28)
🛑 3. Ani RABBII gabbaru qaba.
“Yesus immoo, “Ana hin qabin! Ani amma iyyuu gara abbaatti ol hin baane; gara obboloota koo dhaqii, ‘Ani gara abbaa kootii fi abbaa keessaniitti, gara Waaqayyo kootii fi Waaqayyo keessaniitti ol nan ba'a’ jedhii isaanitti anaaf himi!” jedhee ishee abboome.” (Yohannis 20:17)
🛑 4. Ani Nama.
“Ani dhugicha isan Waaqayyo irraa dhaga'e isinitti himeera; isin garuu ana nama akkasii ajjeesuu barbaaddu; Abrahaam akka kana hin hojjenne.” (Yohannis 8:40)
🛑 5. Rabbii tokkicha malee gaariin hin jiru.
“Yesus immoo, “Maaliif gaarii naan jetta? Waaqayyo isa tokkicha duwwaa malee, namni gaariin tokko illee hin jiru.” (Maarqos 10:18)
🛑 6. Ani Rabbii koo irraa waan dhagahe qofa murteessa.
“Yesus itti dabalee, “Ani humna kootiin homaa gochuu hin danda'u; abbaa koo irraa akkan dhaga'etti nan farada; firdiin ani faradus qajeelaa dha. Anoo yaada koo duukaa bu'uu hin barbaadu, yaada isa ana ergee duukaan bu'a malee.” (Yohannis 5:30)
🛑 6. Yesus Kiristos halkan guutuu Rabbii salaataa bule.
“Yeroo sanatti Yesus gara gaaraatti ol ba'ee, achitti halkan guutuu Waaqayyoon kadhachaa bule.” (Luqaas 6:12)
🛑 7. Yesus Rabbii isaatii sujuuduun adda isaatiin lafatti ka gombifamu ture.
“.... Xinnoos irraa hiiqee adda isaatiin gombifamee, “Yaa abbaa ko! In danda'ama yoo ta'e xoofoon dhiphinaa kun ana irra haa darbu, garuu akka jaalala koo miti, akka jaalala kee haa ta'u malee” jedhee kadhate.” (Maatewos 26:39)
🛑 8. Yesus Rabbii isaa kadhachaa, isattis warwaataa ture.
“Yaa abbaa ko! In danda'ama yoo ta'e xoofoon dhiphinaa kun (xoofoon fannoo fi du'aa jechuu dha.) ana irra haa darbu, garuu akka jaalala koo miti, akka jaalala kee haa ta'u malee jedhee kadhate.” (Maatewos 26:39)
🛑 9. Yesus Rabbii isa uume waaqessaa, isas tokkochoomsaa ture.
“Si Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti.” (Yohannis 17:3)
🛑 10. Yesus Kiristos Rabbii tokkichatti nama yaamaa ture.
“Yesus deebisee, “Inni hundumaa irra caalu, ‘Dhaga'i, yaa Israa'el! Gooftichi Waaqayyo keenya kophaa isaa gooftaa dha.” (Maarqos 12:29)
🛑 11. Yesus Kiristos tokkichummaa Rabbii qofatti nama ajajaa, shir*kii irraa nama dhoorkaa ture.
“Lafa irratti nama akka abbaatti hin waammatinaa! Abbaan keessanoo tokko, innis isa waaqa irraa ti.” (Maatewos 23:9)
Kunniin jechoota muraasa Yesus Kiristos waa'ee ofii ilaalchisee dubbatee dha. Jechoota kana keessa iddoon Yesus itti ana waaqessaa jedhe hin jiru, akkasumas iddoon waa'ee sillaasee (trinity) keessatti barsiises hin jiru. Kanaafuu; Yaa Kiristaanotaa! maaliif jecha Yesus hordofuu dhiiftanii, bariisa jal'oo waldaa hordoftan?
𝗤𝗼𝗽𝗵𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝗮𝗻:
😀 Ifaa Dhugaa
Barruu tana walii qoodaa keeyrii tana facaasaa. Jzk ❤️
Chaanaalii kiyya join taasisaa👇
https://t.me/+1a9c55bufmpiZjk0