Dr. NafYad Getu️
Open in Telegram
6 420
Subscribers
No data24 hours
-267 days
-14930 days
Posts Archive
6 420
+1
Bu'aalee Walqunnamtii saalaa jalqabun duratti wal hoo'isuun qabu.
1. Dhiiraafi dubartiinis hormonii fedhii itti kakaasu ka qaamni saala daran akka saala faallaa ta'e hawwatufi harkisu maddisiisuf gargaara.
2. Dubartiin dhangala'a qaama saalaashee (natural lubricant)keessa uumaman jiru kan mucuceesse akka laaftutti qaama saala dhiira fudhatu godhu maddisiisuf gargaara.
3. Dhiigni gara kilitoris akka deemun miiraa keessa galtu taasisa.
4. Guntuutni akka harkifate gara hoo'inatti fidu godha.
5. Qaamni saalaa dubartii akka walitti dhippatee boca jijjiirrate qaama saala dhiiraa haalan jabeesse qabu gochuuf isa qopheessa.
6. Maashalen akka hiikachun relax godhuf gargaara.
7. Dhiigni kara qaama saala dhiiraa yaa'uun guutame qaamni saala dhiiraa akka ka'uu qofa osoo hin ta'in haalan ka'e dhaabbate yeroo ka'ufi dhangalaasu jidduu jiru dheeressuuf gargaara.
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@naf37fspainbv💌
6 420
DhUKKUBBI MARSA LAGUU DURAA (PMS) .
Mallattoon laguu dura fi ovulation booda (guyyoota 5-7) kan mul’atu yoo ta’u, yeroo baay’ee hariiroo namoota gidduutti taasifamuu fi sochii idilee gidduu seenu. Tatamsa’inni dhukkuba laguu duraa addunyaa irratti %47.8 yoo ta’u, dubartoonni umuriin isaanii walhormaataa keessa jiran %90 jireenya isaanii keessatti yeroo tokko tokko dhukkuba kanaan qabamu.
Sababni Dhibee kanaa sirriitti kan hin beekamne ta'us, erga ovulation booda jijjiirama hormooniitiin akka ka'u amanama. Mallattoolee laguu waan ijoo piroojeestirooniidha.
Mallattoolee dhibee kanaa
• Dhiphina ykn yaaddoo
• Mukuu hamaa
• Boo’uu
• Miirri namaa jijjiiramuu fi aarii ykn dheekkamsa
• Jijjiirama fedhii nyaataa
• Rakkoo hirribaa (hirriba dhabuu) .
• Qunnamtii hawaasummaa addaan kutuu
• Xiyyeeffannoo gaarii dhabuu
• Dhukkubbii waliigalaa
• Ol nama jechuu
• Finniisni fi alarjii
🎯Furmaata
• Nyaata vitaamin B6, kaalsiyeemii fi maagniziyeemiin badhaadhe gorfamuu danda’a.
• Nyaata tiriiptoofaan of keessaa qabu nyaachuunis gargaaruu danda’a. Isaan keessaa muraasni oomishaalee aannani, xaafii, tuunaa fi qola qurxummiiti.
• Ji’a keessatti hirriba baay’ee rafuu yaali.
• Dhangala’oo kan akka bishaanii ykn dhangala’aa baay’inaan dhuguu. Dhugaatii lallaafaa, alkoolii ykn kaafeenii (buna, kookii) irraa fagaachuu.
• Yoo xiqqaate sa’aatii 3 keessatti waan nyaattan qabaachuu. Garuu garmalee hin nyaatinaa.
• Maashaalee boqochiisuu fi kaka'umsa dhaabbataa irra deddeebi'uudhaan sochii qaamaa gochuu, fakkeenyaaf jecha "tokko" jedhu hafuura tokkoon tokkoon irra deddeebi'uu; Daqiiqaa 10-20 shaakaluu
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@Abcoromoo💌
6 420
FAAYIDAA ABUKAADOO.
Abukaadoon ilma namatiif faayidaa baayyee qaba. Moggaasa "Kuduraa fayyaa ilma namaaf baayyee barbachisu"(healthy fruit) jedhamees beekkama. Abukaadoon qabiyyee baayyee of keessaa qaba:- fknf Viitaminoota, Albuudota garaagaraa fi kanneen biroo heddu eeruun ni danda'ama
Faayidaaleen Abukaadoo lakkoofsan heddu ta'anis isaan keessaa muraasni:-
1.Dandeetti dhibee dandamachuu qaama keenyaa ( Immunity)dabaluuf
2.Bulla'insa nyaataa si'eessuf
3.Foolii badaa afaanii (halitosis) ni hir'isa
4.Fayyummaa qaamoota keenya jiraachuuf baayyee barbaachisaa ta'an:- Tiruu,Onnee,Kalee fi ija keenyaa ni eega.
5.Fayyaa lafee keenyaas ni egaa, darbees dhukkubbii buusaa qaamaa ( arthritis) ni ittisa
6.Fayyummaa gogaa qaama keenyaa fi rifeensa keenyaa ni eega, kana gochuun gogaan keenya akka bareeduu fi Miidhagu ni gargaara.
7.Dhibee Kaanserii garaagaraa kanneen akka Kaanserii mar'ummani,Garaachaa,Rajiijii,fi Fixee gadameessaa ittisuuf ni gargaara
8.Ulfaatina qaamaa madaalawaa ta'e qabaachuuf ni gargaara akkasumas dhibeewwan furdina garmaale waliin walqabataanii dhufan hir'isuufis ni gargaara
9.Gogiinsa garaa darbees dhibee Kintaarootii ittisuuf baayyee gargaara
10. Dhiphina fi yaaddoo hamaa(Depression) ni hir'isa.
11.Dubartootni ulfaa yoo fayyadaman rakkoo yeroo ulfa isaan mudaachuu danda'u kan akka ol- guuru fi haqqee hamaa (Hyperemesis gravidarum), bahuu ulfaa(abortion) ni ittisa, akkasumas daa'ima fayyaa qabu argachuuf baayyee gargaara.
#Hub Yeroo Abukaadoo fayyadamtan qulqullinna keessan sirriitti eegachuu hin dagatinaa.
Galatooma!!
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@naf37fspainbv💌
6 420
"Sa'aa 3 ol yoon janaajjane rakkoo qabaa?"
***********
Yeroo dheeraa (daqiiqaa 30 ol) bilbilaan haasa'uun rakkoowwan fayyaa wal-xaxaa kanneen akka; Waa dagachuu, xiyyeeffannoo dhabuu, muusa'uu/mukaa'uu, dhukkubbii dugdaa, dhukkubbii mormaa, dhukkubbii kalee, rakkoo sammuu, gurri madaa'uu, hirriiba dhabuufii kaansarii garagaraatif nama saaxiluu danda'a. Kanaaf bilbilaan yeroo haasoytan dhimmoota barbaachisaa qofa dubbattanii yoo baatan gaaridha. Namoonni dhimmi hojii isin dirqamsiisufii warri wal janaajjantan ammoo daqiiqaa soddoma hoggaa haasoytan daqiiqaa 5f boqonnaa fudhadhaa.
Ulfaadhaa! Fayyaa dayaa!
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@Abcoromoo💌
6 420
Kana beektuu laata❕
Yeroo wal qunnamtii saalaa Dhiirri tokko Dhangala'aa seelii sanyii dhiiraa(Ispeermii) miliyoona 40 hanga miliyoona 150 dhangalaasa. Kanneen keessaa hedduun isaanii Inzaayimoota akkasumas Dhangala'aawwan furdaa qaama saalaa dubartootaa keessa jiraniin hedduun isaanii du'uun ykn qabamuun karaatti hafu. Ispeermiin dhiiraa hanqaaquu dubartiin qopheessite tokko bira ga'uuf daqiiqaa 30- hanga guyyaa tokkoo itti fudhachuu danda'a. Kanaaf dhangalaa'aawwan seelii dhiiraa(Ispeermii) miliyoonaan lakkaa'aman keessaa kan Lola kanneen dandamatee darbe, fayyaa guutuu qabuuf saffisaan ujummoo gadameessaa bira ga'e akkasumas kan golgaa hanqaaquu dubartiin qopheessite cabsetu gara ilmoo namaatti jijjiirama. Achii booda erga fartalaayizeshiniin uumamee gadi dhufuun gara keessoo gadameessatti erga maxxananii booda suuta suuta guddachaa deema. Kanaaf hundi keenya taatee kana keessa darbinee, turtii guyyaa 280 gadameessa keessa turreen booda as geenye.
Yoom as geenye salphaatti🤠❗️ (Saayinsiitu jedhagaa)
Fayyaa hin dhabinaa
Dr Nafyad Getu
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@Abcoromoo💌
6 420
"Na Sossobee ijoollummaa ( durbummaa) koo fudhatee" seenaa kana dubbisaa waan guddaa irraa barattuu.💕
Yeroo baay'ee jaalala keeessattii sosobbaan miidhamu. " utuu dhuguma na jaallatta ta'ee: fedha koo naaf eegda!" jechuun erga bira gaahanii "an sin hin beeku" jedhu.
anis waa malee akkas hin jenne.💞
Dheengadda utuu ijoollee hirriyyoota koo duukaa aasofnuu Seenaa baay'ee garaa nama nyaatu kana natti himan.💞
Innis mucaa intalaa baay'ee bareeddu tokkotuu jira. mucaan Kun namatti dhiyaachuu baay'ee sodaatti!
yoo ati waamte sirraa baqachuu malee SI duukaa hin dubbattu.
Sababa isheen namarra baqattuuf maali jedhee gaafannaani?
" yeroo isheen ijoollee akka carraa utuu isheen qofaa deemaa jirtuu; namicha guddaa ijoollee Shan qabu tokkotuu sossobee bira gahee ijoollummaa ( durbummaa) ishee fudhate. isheenis erga gaafa sanaati namatti híiquu baay'ee sodaatti" jedhe.
Dhugaadha anis utuun ishee ta'ee akkasuman godha!
nama ati itti hiiqxu erga SI miidhee ; eenyuun amantee itti hiiqxa.
Waan naaf gale tokko SItti himuu?
bineessi bineessa caalu nama!
kanaafuu " utuu Fi gaabbiin booddeen dhuftii" jedhu. ati booda "utuu " jettee akka hin gaabbinetti; namarraa of eeggadhu!
Maaliif? yoo naan jettee
sababiin isaa akka namaaf taatu malee ; akka namni siif ta'u hin beektu.
waanta namaaf yaaddu malee; waanta namni siif yaadu hin beektuu.
keessattuu ijoollee shamarranii jireenya keessaniif baay'ee of eeggadhaa!
qarshii namaa isin hin goyyoomsiin!
miira har'arraa jireenya keessan booriti caalaa!
dogongora koof dhiifama.🙏
yoo isinitti toleera ta'e share , like Fi comment godhaa!🥰
Rosa Kebede tiin.
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@Abcoromoo💌
6 420
Dhugaa garaa kootu na gubate. Uffata #AADAAOROMOO waan uffattee agarsiisa irratti dhiyaatte qofaaf Itoophiyaa bakka hin buutu jedhanii iyyaa jiru jarri. Ani kan jedhu Oromoon Itoophiyaan alamoo? Moo isa waggoota hedduuf kan isaanii agarsiisaa turaniif isaan qofatu Itoophiyaadha? Xiiqiin Dammarra mi'oofti . Mucayyuun kun #RuutYirgaalem jedhamti biyya Kenya bakka buutee dorgommii miidhaginaa dorgomaa jirti. Amma sadarkaa gaariirra jirti #Vote goonee haa injifachiisnu keessumaa Diyaasporaan. Mucayyoon asii dorgommii yeroo deemte obboleettii ishee jaallattu jalaa aj!ee famtee gadda guddaan deemtus milkii guddaan argachaa jirti. Duraan hunduu harka dhahaafi ture garuu uffata Aadaa Oromoo waan uffatte qofaaf bakka nun buutu jedhaa iyyaa jiru. Kun jibba daangaa darbeedha. kanaaf falli mucayyoo kana injifachiisuudha.
Link ishee comment jala jira kunoo seenaa👇
Please share share godhaa. Xiiqii kanaaf moo'uu qabdi.
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@Abcoromoo💌
6 420
#Dhala dhabuu (Maseenummaa) dhiiraa
***
~>Yeroo baay'ee waa'een dhala dhabuu yookaan maseenummaa yoo ka'u, kan karaa dubartootaa dhufutu dursee sammuutti nama dhufa. Dhugaan jiru garuu kanarraa addadha. Eeyyeen, maseenummaan karaa lachanuu dhufuu kan danda'udha. Dhiirris ta'e dhalaan maseenummaaf carraa wal qixaa kan qabanidhas. Kanaaf, akkuma maseenummaa karaa dubartootaa irratti xiyyeeffannee ilaallu, kan karaa dhiiraa dhufus xiyyeeffannoon ilaaluun gaarii ta'a.
•#Dhiirri tokko dhala dhabe kan jennu yoo akkam ta'edha?
~>Dhiirri tokko, dubartii umurii wal hormaataa keessa jirtuufi dhala godhachuu dandeessu waliin wal quunnamtii saalaa gahaafi eeggannoo maleessa (Reasonable frequency and Unprotected sexual intercourse) turtii waggaa tokkoof godhee ulfeessuu hin dandeenye yoo ta'e dhala godhachuu dadhabe yookaan dhala dhabe (Maseene) jedhama.
•#Sababoonni dhiirri tokko itti dhala dhabuu danda'u maal fa'i?
:-
1. Rakkoolee fayyaa kanneen akka:-
- Dhisamuu veyinoota qola cidhaanii
- Jeeqama hormoonotaa
- Infeekshinoota garagaraa (Mumps orchitis, STIs, Prostatitis)
-Cufamuu karaalee geejiba sanyii kormaa
- Rakkoolee dhangala'uu sanyii kormaan wal qabatan
-Dhukkuboota akka narviifi sukkaaraa
2. Dhiibbaalee naannoofi haala jireenyaa: -
- Tamboo xuuxuu, alkoolii dhuguu
-Hirriba dhabuu, dhiphinaa
-Ho'aan hubamuu cidhanii
- Furdina qaamaa hammaan ol ta'e
-Umuriin fagaachuu
~> Akkuma armaan ol eerame, waantota baay'eetu dhala dhabuu dhiiraa namatti fiduu danda'a. Mallattooleen wal qabatanii dhufanis ka'umsa dhibee sanaa irratti hundaa'uun garagara kan ta'anidha. Kan hundaaf furmaanni, gara mana yaalaa deemanii qorannoo fayyaa wal hormaataa gochuudha. Osoo baay'ee hin miidhamiin yeroodhaan yookaan dafanii qoranoo fayyaa gochuunis gamnummaadha. Kanatu gorfamas!
~>Akkuma maseenummaan karaa dubartootaa qofa hin taane, akkanuma karaa dhiira qofas miti. Kanaaf qorannoon kan gam lachuu ni barbaachisa.
~Namoonni qaamaan dhuftanii dhimma fayyaa kamiiniyyuu qorannoofi yaalii fayyaa gochuu barbaaddan, teessoon keenya:
Finfinnee, Hayat, naannoo Addababayii Daraartuu
Lakk. Bil. 0909102009
Kilinika Yaadon
Fayyaa hin dhabiinaa!
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@Abcoromoo💌
6 420
Rakkoo ka'uu dhabuu qaama saalaa dhiiraa (Erectile Dysfunction)
***
~>Rakkoowwan wal quunnamtii saalaa dhiiraa keessaa tokko rakkoo ka'uu dhabuu qaama saalaa dhiiraati. Ka'uu dhabuun qaama saalaa dhiiraas tasumaa ka'uu dhabuu, jabaatee ka'uu dhabuufi fedhii wal quunnamtii saalaa dhabuu of keessatti kan qabatudha. Rakkoon kunis, qaama saalaa qofa irratti kan daanda'u miti. Eeyyeen, dhaabachuun/ka'uun qaama saalaa dhiiraa adeemsa walxaxaa sammuu, hormoonota, narvii, ujummoo dhiigaa, maashaaleefi miiraa hirmaachisuu kan barbaadudha.
Namoonni rakkoo kanaan hubaman dhiphina sammuuf saaxilamuu, ofitti amanamummaa dhabuu, akkasumas hariiroo jaalalaa keessatti gammachuu dhabuu fi Jaalallee isaanii ulfeeffachuu dadhabuun isaan mudachuu danda’a.
Baay’een isaanii rakkoo kanaaf ogeessa fayyaa mariisisuu waan qaana’aniif, filannoowwan furmaataa hin barbaachifne irratti yeroo xiyyeeffatan ni mul’atu.
•#Sababoonni ka'uu dhabuu qaama saalaa dhiiraa maal fa'i?
~>Rakkooleen xiinsammuu:
- Dhiphina sammuu
- Yaaddoo
- Rakkoolee hariiroo jaalalaa keessatti uumamu
~>Rakkoolee fayyaa biroo kanneen akka:-
- Dhukkuba onnee
- Dhukkuba hidda dhiigaa (atherosclerosis)
- Dhiibbaa dhiigaa
- Dhukkuba sukkaaraa
- Furdina garmalee
- Tamboo xuuxuu
- Hanqina hirribaa
- Dhukkuba Parkinsanii
-Rakkoolee jeeqamuu hormoonii waliin wal qabatanii fi k.k.f tahuu mala
• Rakkoon ka'uu dhabuu qaama saalaa kun, dhiibbaalee akka hiikkaa gaa'ilaa, dhiphina sammuu, ofitti amanamummaa dhabuu, haadha manaa ulfeessuu dhabuufi wal quunnamtii saalaatti gammaduu dhabuu geessisuu danda'a.
•#Dhibee kana akkamiin ofirraa dhorkuu ykn yaalamuu dandeenya?
- Alkoolii dhuguu dhiisuu yookan hir'isuun
- Dhiphina hir'isuu yookan to'achuun
-Rakkoowwaan hariiroo maatii huban furuu yookaan hir'isuun
- Tamboo aarsuu dhiisuun
-Ulfaatina qaamaa gar malee ta'e hir'isuun
- Sochii qaamaa yeroodhaa yerootti gochuun
-Mana yaalaa deemuun qorannoo yeroodhaa yerootti gochuufi yaalamuun
~Namoonni rakkinaa akkasii qabdanii fi dhimma fayyaa kamiiniyyuu qorannoofi yaalii fayyaa gochuu barbaaddan, teessoon keenya:
Finfinnee, Hayat, naannoo Addababayii Daraartuu
Lakk. Bil. 0909102009
Kilinika Yaadon
Fayyaa hin dhabiinaa!
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@Abcoromoo💌
6 420
Dargaggoonni hedduun Qoricha qaama saalaa dhiiraa kaasu (vigra) hedduminaan fayyadamuun dhiibbaa hamaaf saaxilamaa jiru!
Yeroo amma kana qorichoota baayinaan biyya keenya keessaati gurguramaa jiru keessaa tokko qorichaa qaama saalaa dhiiraa laafe kaasu Vaayigiraa jedhamudha. Qorichi kun haala nama yaaddeessuun irra caalaatti dargaggoonni keenya hedduminaan fayyadamaa jiru.
Mee waa’ee qorichaa kanaa waliin haa ilaallu
Qorichii Vaayigiraa ykn Siildenaafil jedhamu kun ogeessa fayyaan namoota rakkoo fayyaa kahuu dhabuu qaama saalaa dhiiraa qabaniif akkasumas namoota dhiibbaa dhiigaa somba keessaa (Pulmonary hypertension ) qabaniif kennama.
Qorichii kun namoota qaamni saalaa isaanii kahuu dide ykn kahuuf dadhabaa taheef kennama. Kunis namoota sababa umurii fi dhibee fayyaa buleeyyii akka Dhibee sukkaaraafi kkf qabaniif ogeessa fayyaan kennama.
Ogeessi fayyaa tokkos qorichaa kana yoo ajaju namni sun Rakkoo fayyaa kan biro kanneen akka dhibee Onnee , Dhiibbaa dhiigaa, dhibee kaleefi tiruu akkasumas qorichaa inni dhibee biraaf fudhatu ilaalee kenna. Garuu haala yeroo ammaa argaa jirruun qorichi kun bakka garaagaraatti ajaja ogeessa fayyaa ykn hakiimaa malee yeroo gurguramaa jiru argaa jirra. Keessumaa dargaggoonni umuriin isaanii waggaa 20 gadi tahellee qoricha kana yeroo isaan fayyadaman nii argama.
Qorichii kun maashaa ujummoo dhiigaa qaama saalaa keessatti argamu diriirsuun dhiigni gara ujummoo dhiigaa qaamaa saalaa keessa jiru akka guutu gochuun qaamni saalaa akka kahu godha.Kanaaf sababa rakkoo fayyaa garaagaraan namoota qaamni saalaa isaanii kahuu dideef ykn jabaachuu dideef(Erectyle dysfuntion) ajaja ogeessa fayyaan kennama.
Qorichi kun namoota rakkoo fayyaa garaagaraa kanneen akka dhibee onnee qabna, dhiibbaa dhiigaa,dhibee kaleefi tiruu hamaa, namoota qorichaa dhibee onneef kennaman tokko tokko fudhataniifi kkf waliin yoo fudhatan rakkoo biraa irraan geessisuu dandaha.Kanaaf ogeessi fayyaa rakkoo kanaaf kana fakkaatan ilaalee erga adda baasee booda kennuu qaba kan jennu.
Namoota qorichii kun ajaja ogeessa fayyaan kennameef waan isaan beekuu qaban keessaa muraasni:-
1. Qorichaa kana wal-qunnamtii saalaa dura daqiiqaa 30 – sahaa dursanii fudhachuu qabu
2. Guyyaatti yeroo 1 qofa fayyadamuu qabu
3. Doozii ykn hamma ogeessi fayyaa ajajee kennerra dabarsuu hin qaban
4. Qorichii kana fudhatanii sahaa 4f walitti aansee qaamni saalaa isaanii kahee dhaabatee yoo ciisuu dide dabalataanis kahee hedduu dhukkuba yoo tahe hatattamaan mana yaalaa deemuu qaba
5. Mallatoowwan akka dhukkubbii laphee hamaa, rakkoo arguu ijaa, hafuurri namatti ciccituu, harma miilaaf qaamni biraa dhiitahuu,hurka ykn dafaqa garmalee argitanii hin beekneefi kkf yoo isin quunname hatattamaan mana yaalaa deemuu qabdu.
Namoonni rakkoo kahuu dhabuu qaama saalaa , dafanii xumuruu yeroo wal qunnamtii saalaa qabdan dhuftanii nu biratti qorannoof yaalii argachuu dandeessu !
Teessoon keenya Hayat , Derartu Adebaby
0909102009 bilbila ittiin beellama qabattan!
Fayyaa hin dhabinaa !
Dr Nafyad Getu
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@Abcoromoo💌
6 420
Abbaan manaakoo yeroo hunda uffata halkanii mataatti haguuggatee narraa achi galagalee bula naan jette haati manaa guyyaa tokko yaalaaf nu bira dhufanii !
Maal jechuudha jedhee gaafa irra deebiyee gaafadhu fedhii naaf hin qabu, natti hin mirqaanu, calluma jedhee rafa naan jette!
Fedhii wal-qunnamtii saalaa dhiiraa maaltu hir'isa?
1. Dhiphina hamaa/ stress
2. Sochii qaamaa gochuu dhiisuu ykn sochii qaamaa garmalee humnaa oli gochuu
3. Ulfaatina qaamaa garmalee
4. Hirriba dhabuu
5. Ofitti amanamummaa dhabuu
6. Alkoolii baay’inaan dhuguu
7. Dhibee akka sukkaaraa fi dhiibbaa dhiigaa
8. Qorichoota tokko tokko kanneen dhiibbaa dhiigaaf kennaman fi mukuu namaaf kennaman (side effect)
9. Hir’achuu hormoonii testestiroonii
Kanaaf namoonni rakkoo akkanaa qabdan sodaa tokko malee kottaa nu waliin mari’adhaa!
Namoonni rakkoo fayyaa kanaaf kanneen biroon wal qabatan beellama qabattanii nu biratti yaalamuu barbaaddan
Teessoon :- Finfinnee , Ayat , Derartu adebabay
0909102009 ykn Karaa Telegram @yadon55 nuuf barreessaa!
Fayyaa hin dhabinaa!
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@Abcoromoo💌
