ch
Feedback
Dr. NafYad Getu️

Dr. NafYad Getu️

前往频道在 Telegram

Welcome to my Telegram Official Page.

显示更多
6 688
订阅者
-1124 小时
-597
-13130
帖子存档
Mallattoolee hamoo yeroo ulfaa yaala hatattamaa barbaadan (danger sign during pregnancy) :- 1. Dhiigni qaama saalaan dhiiguu
+2
Mallattoolee hamoo yeroo ulfaa yaala hatattamaa barbaadan (danger sign during pregnancy) :- 1. Dhiigni qaama saalaan dhiiguu 2. Dhukkubbii garaa 3. Mataa dhukkubbii hamaa wal irraa hin cinne 4. Ijji namaa arguu dadhabuu 5. Yeroo fincaa'an nama dhukkubuu 6. Hoo'i qaamaa dabaluu 7. Sochin daa'imaa hir'achuu ykn dhabamuu 8. Dhangala'aan foolii gaarii hin taane (ajaawaa ta'e) qaama saalaan bahuu 9. Bishaan gubbee ciniinsuu durseefi guyyaa daa'imni dhalachuu qabu dursee yoo jige 10. Olguuraafi haqqee walirraa hin cinnee fi garmalee ta'e. Mallattooleen kunniin kan yaala hatattamaa barbaadan waan ta'eef haadholiin ulfaa kamiiyyuu yeroo mallattoolee kanniin of irratti argan dafanii mana yaalaa deemuu qabu!!! Galatoomaa!! Dr Haaromsaa Zarihun Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @Abcoromoo💌

Gochoota ykn wantoota maatiin tokko daa'imman biratti gochuu hin qabne!! Maatiin daa'imni tokko amala badas ta'ee gaarii qabaatee akka guddatuuf gahee guddaa taphatu. ''Daa'imman waan warri manatti odeessu alatti baatee odeessiti'' akkuma jedhamu daa'imman wanti alatti godhan baay'een isaanii fakkeenya maatii isaanii irraa fudhataniidha. Kanaaf, walitti dhufeenyi maatii jidduu jiru, gochoonni maatiin raawwatan daa'imman akka amala gaarii qabaatan gochuu keessatti gahee guddaa qaba. Akkasumas, daa'imman amala badaa fi gaarii hin taane qabatanii akka guddatan wantoonni godhan gochoota gaarii hin taane maatii waliin walqabataniidha. Maatiin gochoota hin taane daa'imman duratti kan raawwatan yoo ta'e, carraan daa'imman amala sana qabatanii guddachuufi alatti bahanii waan sana gochuu isaa baay'ee guddaadha. Kanaaf, waan gaariifi badaa, waan daa'ima duratti godhamuu fi godhamuu hin qabne beekuun baay'ee barbaachisaadha. Gochoonni daa'imman duratti raawwatamuu hin qabne maal maal fa'a? 1. Maatii waliin walitti bu'uu ykn wal loluu, wal arrabsuu, wal tuffachuu, walhamachuu, nama qaanessuu 2. Tamboo aarsuu, alkoolii fi araadawwan biroos fayyadamuu. 3. Yeroo hundumaa meeshaalee elektirooniksii fayyadamuufi maatiif yeroo kennuufi haasa'uu dhiisuu. 4. Daa'imman duratti garmalee aaruu fi miira ofii to'achuu dadhabuu 5. Wal qunnamtii saalaa fi gochawwan isaan walqabatan daa'imman duratti raawwachuu 6. Daa'imman duratti sobuu fi fakkeessuu 7. Daa'imman duratti waltuffachuufi kabaja wal irraa mulquu Galatoomaa!!! Dr Haaromsaa Zarihun Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @Abcoromoo💌

photo content
+1

Fincaan Nama Ukkamsuu/bahuu didu - Acute Urinary Retention Gafiin kessaan irra bayyeen kanaatti xiyyeeyfata. * ** Yeroo hedduu kan mul'atu jaarsolii umriin isaanii woggaa 60 ol ta'an irratti. Innis sababa guddachuu xannacha Pirosteeti jedhaan dhangala'aa qaama Ispermii (dhangala'aa dhiiraa) ta'u oomishuu fi yeroo wol qunnamti akka gadi lakkifamu godhudhudha. - Kanaan alas: * Xannachi Piroosteetii sababa kaansarii isa irraa ka'uun yoo guddate * Dhukkuba dhiiraa yeroo hedduu nama irra tureenifi sababa biraatiin dhiphachuu ujummoo fincanii gara gadii (Urethra) jedhamuu * Ujummoo fincaanii keessa cirrachi jiraachuun * Darbee darbee Infeekshiiniin ujummoo fincaanii * Qorichoonni tokko tokko (kan yaala sammuutiif fa'a fayyadamnu) * Garaa gogsuu yeroo dheeraaf ture jirachuun * Dhukkubni sirna narvii tokko tokko * Kaanseerii afuuffee fincaanii ykn cirrachi afuffee fincanii keessa jirachuun fi infeekshiiniin ykn iitaan qaamota naannoo sanaa jiraachuun * Shamarran irratti ammoo iitaa garagaraa kan gadaamessa irratti mul'atu fi da'umsa booda qamni saalaa gara gadii iita'uun sababoota fincaan nama ukkamsuuf keessa isaan ijoo ta'aniidha. - Maal haa goonu: ~ Nama sana dafnee mana yaalaa fiduu. Ujummoo (tubboo) fincaan baasuun ykn afuffee fincaaniitti gara gubbaan ujummoo galchuun akka yeroo sanaaf bahu mana yaalatti ogeessota fayyaatiin godhamuu ni danda'a. ~ Yaalli dabalataa sababa/dhukkuba fincaan akka nu ukkamsu godhe irratti hunda'uun kan kennamu ta'a. --- Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @Abcoromoo💌

photo content
+2

Yaadota dogoggoraa waayee walqunnamtii saalaa muraasa(sex myths)😪👍 ༆߷߷☆☆☆☆☆ Waayee walqunnamtij saalaa namoonni waanuma itti fakkaate yoo odeessan dhageenya. Akkasumas durirraa kaasee dhalootaa dhalootatti darbaa yaadotni dhufan jiru. Wanti nama ajaayibu, namni baradhe ofiin jedhullee yaadotuma sana qabatee jiraachuu isaati. Mee muraasa isaanii haala armaan gadiin haa ilaallu. ★ Spermiin dhiirri yeroo tokko dhangalaasu hanga nyaata guyyaa afur nyaannu ta''a kan jedhu. Kuni dogoggora guddaadha. Tarii yoo kaalorii ykn humna nu baasisa jennellee, yoo walqunnamtii saalaa humnaan raawwanna ta'ee, inniyyuu sochii guyyaa guyyaan goonu, kan akka kubbaa miilaa taphachuu, fiigicha salphaa fi gymnastic dhaan yeroo madaalamu baayyee xiqqoodha. Spermiin qabiyyee adda addaa qabaatus inni dhangala'uun hir'ina tokkoyyuu akka hin qabne beekun barbaachisaadha. ★ Shamarri takka erga durbummaan ishee badee qaamni ishee jijjiirama kan jedhu. Kunillee dogoggora guddaadha. Durbummaa fi dhaabbiin qaama hariiroo tokkoyyuu hin qabu. Fknf hudduun ni guddata, harmi ni jiga, qaamni ishee ni lallaafa warri jedhan jiru. Jijjiiramoonni kunneen umurii, haala jireenyaa, soorataa fi sanyii irratti hundaa'ee dhufa malee durbummaan baduun rakkoo homaan qabu😅 ★ Spermiin dubartiidhaaf akka soorataatti gargaara jedhama. Spermiin erga dhangala'ee booda keessa duuba buqushaatti kuufama, achiis hammi muraasni gara gadaamessaa seena. Yeroo muraasaan booda suuta suuta dhangala'oo adda addaa waliin deebi'ee baha. Wanti qaamasheetti xuuxamu hin jiru. ★ Dubartiin dhiirri yoo ishee keessatti dhangalaase malee fedhii hin baatu kan jedhu. Dhangalaasee dhiisee, yeroo itti fedhii bahuurra(orgasm) geessu qabdi. Osoo qaaman wal hin tuqiniyyuu, yeroo kissing kan dhangalaafattu jirti. Erga inni itti dhangalaasees osoo waxalaamaa jirtuu yeroo inni irraa dhaabus jira. Kanaafuu wal hin qabatu jechumaafi👍 ❌Kanneen biroos hedduutu jira. Isinis waan akkamii dhageessan koomentii jalatti barreessaa! Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @Abcoromoo💌

photo content
+1

Dhukkubbii qaama saalaa dubartootaa yeroo wal-qunnamtii saalaa mudatu hir’isuuf ykn hambisuuf, tarkaanfiiwwan garaagaraatu jira. Inni jalqabaa, dhiphina sammuu hir’isuun baay’ee barbaachisaa dha, sababni isaas dhiphinni qaamni akka dadhabu fi dhukkubbiin dabalu taasisa. Turtii saal-qunnamtii dura, fakkeenyaaf dhungoo fi sukkuummaa dabalachuun qaama hoo'isuu. Akkasumas, wal-qunnamtii saalaa dura fincaan fincaa'uu. Rakkoo hariiroo maatii keessatti mul’atu, kan akka wal-dhabdee fi wal-shakkii, mariin furmaata barbaaduun barbaachisaadha. Kallattii ykn position saal-qunnamtii keessatti dhukkubbii hin uumne filachuunis dhukkubbii hir’isa. Akkasuma, qoricha bifa dhangala’aa qabuun naannoo qaama saalaa jiisuun dhukkubbii hir’isuuf ni gargaara, garuu hancufaan jiisuun gonkumaa hin gorfaamu. Haa ta’u malee, mallattoowwan akka dhukkubbii handhuraa gara gadii, dhangala’aa addaa foolii qabu qaama saalaa keessaa bahuu, fincaan yeroo yerootti jarjarsuu fi gubaatii qaama saalaa yeroo fincooytan yoo mul’atan, gara mana yaalaa deemuun qorannoon gahaan taasifamuu qaba. *****       Ulfaadhaa! Fayyaa ta'aa! Fayyaa dahaa!                         Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @Abcoromoo💌

photo content
+2

Cidhaan korbeessaafii hoolaa nyaachuun faayidaalee hedduu qabaatus irra caalaatti oomishni hormoonii dhiiraa testestroonii je
+1
Cidhaan korbeessaafii hoolaa nyaachuun faayidaalee hedduu qabaatus irra caalaatti oomishni hormoonii dhiiraa testestroonii jedhamu, kan qulqullina oomisha sanyii kormaa (ispeermii) dabaluufi rakkoon ka'uu diduu qaama saalaa dhiiraa akka hin mudannee gargaaru akka sirriitti oomishamuuf gargaara. Akkasumas rakkoo qulqullina sanyii kormaa waan ittisuuf, namoonni rakkoo qulqullina sanyii kormaa irraa dhufuun dhala dhaban yoo sooratan fayyuu danda'u. Kanaaf, dubartoonni nyaachuu... Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @Abcoromoo💌

"Dubartiin maalif daftee boochi?" *** Akkuma hanqaaqqun isaanii yeroo sanyii dhiiraa eeydee dhabde, bifa boo'iichaatin laguu taatee baatutti, dubartoonni bakka baallamaatti dhiira eeganii yoo dhaban dafanii imimmaan dhangalaasu. Dubartoonni dhiira caalaa dafanii kan boo’aniif sababoota saayinsaawaa fi hawaasummaa wal-xaxaa ta’an qabu. Gama baayoofiziyoolojiitiin, dubartoonni hormoonii prolactin jedhamu fi imimmaan uumuu keessatti qooda qabu baay’inaan kan qaban yoo ta’u, dhiironni immoo hormoonii testosterone isa imimmaan deebisee ukkaamsuu danda’u qabu. Kana malees, ujummoon imimmaanii (tear ducts) dubartootaa dhiphoo waan ta’aniif, imimmaan dhangala’uuf yeroo dheeraa hin fudhatu. Gama biraatiin, dhibbaan aadaa fi hawaasummaa dhiirti akka jabaa ta’uufi miira isaa akka too'atu waan barsiisuuf, dhiironni boo’icha akka filannootti hin fudhatan. Dubartoonni garuu miira dhiphinaa fi gadda keessoo isaanii boo’ichaan imimmaan dhangalaasanii of irraa salphisuun waan isaan biratti barameef, dhiira caalaa dafanii miira isaanii boo'ichaan ibsu. **** Ulfaadhaa! Fayyaa dayaa! Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @naf37fspainbv💌

photo content
+1

Yeroo ulfaa walqunnamtiin saalaa 'Position' ykn kallattii kamii dalagamuu qaba? ** Walqunnamtiin saalaa wayita ulfaa hanga haadha ulfaa gammachiisetti, fedhii ishee ta'ee fi rakkooleen armaan gaditti eeraman hin jirretti fayya-qabeessaafi kan hin daangeffamneedha. Rakkooleen kunniinis:- 1. Kana dura seenaa irra deddeebi'ee ulfi bahuu qabaachuu (recurrent abortion) 2.Yommuu dhangalaa'an (bishaan gubbee) torbee 37 dura ciniinsuu dursee dhangala'e ta'e ykn seenaa akkasii qabdi yoo ta'e (PPROM). 3. Dhukkubbii garaa muraa ta'ee fi ciniinsuu fakkaatu kan sabaabni isaa hin beekkamne yoo qabaatteefi ciniinsuu yeroon isaa hin geenyeef sababoota ishee saaxilan yoo qabaatte (high risk of preterm labour). 4. Dhiigni hammi kamuufi yeroo kamuu (yeroo ulfaa jechuu) gara qaama saalaan kan dhangala'u yoo ta'e. 5. Hunda caalaa bareeffamni kun gorsa ogeessa fayyaa kamiinuu wal hin gitu waan ta'eef hordoffii ulfaa (ANC follow up) yommuu gootan Ogeessi keessan meeshalee akka altirasaawundii fayyadamuudhaan wanti isaan isin gorsan (fknf obbaatiin iddoo sirrii hin taane jiraachuu ykn iddoodhaa socho'uu) waan jiruuf ogeessa fayyaa mariisiisuu hin dagatina. 'Position' ykn Kallattii kamiin? Kan jedhuuf, kallattiin kamuu hanga haadha ulfaaf mijatuutti rakkoo hin qabu. Garuu haati ulfaa ji'a 4-6 booda sababa gadameessi guddachaa deemu ujummoo dhiigaa garaa keessaa cufuu waan danda'uuf dugdaan ciisuun dhoorkaadha. Kanaaf yeroo sanitti duubaan 'doggy style' fayyadamuutu gorfama. Fayyaan saalfii hin qabu, fayyaafii nagaya hin dhabinaa! Ulfaadhaa! Fayyaa dayaa! Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @naf37fspainbv💌

photo content

Rakkoolee fincaan qabatanii yeroo dheeraa turuudhaan namatti dhufuu danda'an... ***** 1. Dhukkubbii fi miirri hin taane namat
Rakkoolee fincaan qabatanii yeroo dheeraa turuudhaan namatti dhufuu danda'an... ***** 1. Dhukkubbii fi miirri hin taane  namatti dhagahamuu. Kun immoo, dalagaa keenya qulqullinnaan akka hin dalagne  taasisuu danda'a.  2, Infeekshinii ujummoo  fincaanii namatti fiduu danda'a. 3, Fincaan qabachuu dadhabuu. 4, Fincaan fincaa'uu dadhabuu. 5, Infeekshinii kalee, cirracha kalee fi ujummoolee fincaanii  namatti fiduu danda'a. Kanaaf, akkuma fincaan nu  qabeen yaa fincoofnu. Galatooma!!! Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @naf37fspainbv💌

Namoonni walquunnamtii saalaa torbaanitti yeroo 1 raawwatan gammachuu guddaa kan argatan yoo ta'an, warri guyyaa tokkotti yer
Namoonni walquunnamtii saalaa torbaanitti yeroo 1 raawwatan gammachuu guddaa kan argatan yoo ta'an, warri guyyaa tokkotti yeroo 7 raawwatan ammoo faallaa kanaatiin gadda, dhiphina, rakkoo sammuufii rakkoowwan fayyaa hedduuf saaxilamoodha. Galatoomaa! Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @Abcoromoo💌

Qorannoowwan hedduun akka mirkaneessanitti dubartiin takka dhiira tokko biratti of gattee hirriiba gaarii yoo rafte nama san
+1
Qorannoowwan hedduun akka mirkaneessanitti dubartiin takka dhiira tokko biratti of gattee hirriiba gaarii yoo rafte nama san baay'ee jaalatti, kabajji, amanti jechuudha. Akkasumas, miirri bilisummaafi eeggumsi gaariin itti dhagahamee jira jechuudha jedha. Dhiirti akkasitti dubartii biratti of gatee rafuun ammoo balaaf isa saaxiluu danda'a jedha. Balaa akkamiitif isinitti fakkaata? 👉 https://t.me/naf37fspainbv

"Akkamitti haala salphaadhaan dubrummaa fudhachuu dandeenya?" ************ Dubrummaa fudhachuun akka taa'anii haasayan kanatti salphaa ta'uu dhiisuu danda'a.  Kanaafuu, gabaabsinee akkaataa ittiin dubra irraa osoo isheen hin dhiphatin guyyuma tokkotti durbummaa fudhachuun danda'amu haa laalluu. 1) Ofeeggannoodhaan qaama ho'isuu. Beeki, dubri dubrummaa qabdu akka salphaatti fedhii keessa galuu dhiisuu dandeessi. Hedduu of dhaggeeffatti. Yeroo ati, takka harma, takka hudduu, ykn iddoo garaa garaa shukkuumtu, xiyyeeffannoodhaan si laaluu malee of hin gattu. Kanaafuu, akka hanqaaquu, yoo xiqquma waa taate cabduutti suuta taphachiisaa garasitti deemuu qabda. Abdii itti horuu, ishii caala akka isheef yaaddu, ibsuufii barbaachisa. 2) Yeroo walqunnamtii saalaa eegaluuf jettu adeemsaan deemuu. Homaa akka ishii hin miine, akka jaarsa ishii taate itti himi. Tarii qaama saalaa dhiiraa ka'ee dhaabbatuu itti dhiyaattee argitee hin beeytu waan ta'eef humaa akka hin taane hubachiisi. 3) Luka sirritti akka adda bantu godhuu. Miila ishii haala gaaridhaan banuun, dhukkubbii ni hir'isa. Qaamni saalaas akka dafee seenu tasisa. Kanaafuu ishiin fedhiidhaan miila akka bantu amansiisi. Kanaaf qorichoota garagaraa fayyadamurra mala kanaan yaalun gaaridha! Ulfaadhaa! Fayyaa dayaa! Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @naf37fspainbv💌

photo content

"Saalqunnamtii heddummeessun dhiira hudduu irraa fixxii?" ** Yaanni wal-qunnamtii saalaa dhiira hudduu irraa fixxi, dubartii ammoo hudduu baasisiifti jedhu dhugaa miti gosa jette jettee hawaasummaa durii fi hubannoo dogoggoraa irraa dhufe. Qorannoon fayyaa ammayyaa akka agarsiisutti, wal-qunnamtiin saalaa dhiiraaf hudduu irraa fixuu ykn dhukkubbii dugdaa/mudhii kutuu akka hin dandandeenye mirkaneessa. Garuu haalli inni ittiin wal-qunnamtii saalaa rawwatu yoo rakkoo qabaate, fakkeenyaaf: yeroo walquunnamtii saalaa micciirimee yoo ciise, guyyaa hojii humnaa jabaa hojjate, yookaan rakkoo lafee dugdaa duraan yoo qabaate mudhiin dhukkubuu dandeessi. Wal-qunnamtiin saalaa fayyaa qaamaa eeguu keessatti faayidaa qabdi, fkn dhiibbaa dhiigaa fooyyessuuf, lafee jabeessuf, fi sammuu tasgabbeessuuf ni gargaarti. Asirratti wanti hubatamuu qabu nyaata gahaafii haala jireenyaa siirrii hin taane keessatti torbaanitti yeroo torbaa ol yoo rawwattan rakkoo jedhame kanaaf isin saaxiluu danda'a. Namoonni haala jireenyaa tasgabbii hin qabne keessa jiran, nyaata gahaa hin argenne, hojii humnaa ulfaataa hojjatan torbaanitti yeroo takkaa ol raawwatuun hin garfamu. Dubartootaa ammoo hoo? ****     Ulfaadhaa! Fayyaa ta'aa! Fayyaa dahaa!                      Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @naf37fspainbv💌