Ortodooksiin Kan Hundaati
Open in Telegram
" Abbaan warra du'an kaasee akkuma isaan jiraachisu, ilmis immoo warra barbaadu in jiraachisa." (Yoh 5: 21) Yaadaa fi gaaffiif @NAbdi
Show more250
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days
Posts Archive
Repost from Ortodooksiin Kan Hundaati
Kadhadhu ni argatta, kan argatteef Galata galchuus hin dagatiin...
(Yaaqoob 5 )
------------
13 * Isin keessaa namni rakkinni itti dhufe jiraa? Inni haa kadhatu! Namni gammadu immoo jiraa? Inni immoo faarfannaadhaan galata haa dhi'eessu.
* Isin keessaa namni dhukkubsate jiraa? Inni jaarsolii waldaa kristiyaanaa haa waamsifatu; isaan immoo maqaa gooftaatiin dibata dibanii kadhata haa godhaniif.
* Kadhanni amantiidhaan godhamu kun, isa dhukkubsataa in fayyisa; gooftaan isa in kaasa, cubbuu hojjeteera yoo ta'es in dhiisaaf.
* Yoos dhukkubattii akka fayyifamtanitti cubbuu keessan walitti himadhaa, waliifis kadhadhaa! Kadhannaan nama qajeelaa waan baay'ee hojjechuu in danda'a.
* Eliyaas nama akka keenyaa ture; kadhata isaa keessatti bokkaan akka hin roobneef yommuu kadhate, waggaa sadii fi ji'a ja'aaf bokkaan biyya sanatti hin roobne.
*Yeroo inni deebi'ee kadhatetti immoo, waaqni bokkaa in keenne, lafti midhaan in baase.
* Obboloota ko! Isin keessaa namni tokko dhugaa irraa yoo jal'ate, namni biraan deebisee kan isa fidu jiraachuun in ta'a.
* Inni nama cubbamaa karaa jal'inaa irraa deebisuu kun, lubbuu du'a oolchuu isaa, baay'ini cubbuu deebi'ee akka hin argamne gochuu isaa haa beeku!
Jabaan waaqa, horaa bula deebana!
....... Join...... gochuu hin dagatiin.
Telegram.
https://t.me/OrtTewaahidoteaching
Facebook
https://www.facebook.com/profile.php?id=615527367917
.... yaadaa fi gaaffiif @NAbdi...
Ebla 23
Guyyaan kun guyyaa itti Hangafni Wareegamtootaa Qulqulluun Giyoorgis itti boqotedha.
Akkasumas kanaan dabalataatti Hagayyaa 23 kan yaadatamu yoo ta'u, ji'i seenee gaafa guyyaa 23 akka Mana Kiristaanaa keenya Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti guyyaa Yaadannoo Hangafa Wareegamootaa Qulqulluu Giyoorgis ta'ee ni kabajama.
Araarsummaa fi Eebbi Qulqulluu Giyoorgis nu waliin haa ta'u!
Madda ©Agartu Orthodox Media
Jabaan waaqa, horaa bula deebana!
đđđ...JOIN...đđđ
Telegram.
https://t.me/OrtTewaahidoteaching
Facebook
https://www.facebook.com/profile.php?id=615527367917
7. Mootichi Siree sibiilaa irratti Qulqulluu Giyoorgis rukuchiisee ykn irra kaa'ee jalaa Ibidda itti bobeesseera. Ibiddi sunis yeroo dhiigni Hangafa Wareegamootaa Qulqulluu Giyoorgis itti cobu dhaameera.
8. Mootichi Duudiyaanoosis Hangafa Wareegamootaa Qulqulluu Giyoorgisiin «Iyyesuus Waaqa ta'uu isaa natti agarsiisi!» yeroo jedhuun muka lalisee jiru gogsee, isa goge lalisiisee, erga du'anii booda waggaa 430 kan ta'an ykn waggaa 430 dura namoota du'anii awwaalaman du'aa kaasee itti agarsiiseera. Ta'us garuu lapheen mootichaa hamaa waan ta'eef beelaa fi dheebuudhaan akka du'uuf jedhee mana dubartii hiyyeetti tokkootti isa hiisiseera. Dubartiin kunis wanta nyaatamu mana ishee keessaa yeroo barbaaddu manni ishee eebbaan guutamee, utubaan inni irratti hidhames lalisee firii buufatee, ilmi ishee gurri isaa hin dhageenye fayyeefii dubartiin kun ilma ishee waliin cuuphamtee Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Mikaa'eelis Qulqulluu Giyoorgis hidhaa irraa isa hiikeera.
9. Lammaffaas Mootichi baaburaan isa daakaatii gara Tulluutti geessaatii isa facaasaa jedhee isa daaksisee foon isaa yeroo facaasan margi, baalli, dhagaan, mukti foon isaa irra qubate hundi «ááźááá” á
á±á± áá„ááá á„ááᣠááźááá” á°ááá± áá„ááá á„áá» ykn «Giyoorgiis Qulqulluu Waaqayyoodhaaf, Giyoorgis Wareegamaa Waaqayyoo!» jedhanii isa galateffataniiru. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis yeroo sadaffaa dhaaf du'aa isa kaaseera. Deemees «Waaqni koo du'aa na kaase!» jedheen. Namoonni sunis nahaanii miila isaa jalatti kufan, lafa irraas bishaan burqisiisee Qulqulluun Yohaannis isaan cuupheera.
10. Mootichis «Mootii taasisee sin muuda Aphoolooniif sagadi!» jedhee yeroo isa kadhatus yeroo seenee kadhatu haati manaa Mootichaa ykn niitiin Mootichaa Ileskindiriyaan «Maal jechaa jirta?» yeroo jettuun ishee barsiisee ishee amansiiseera, yeroo bari'us mootichi labsiidhaan uummata walitti qabee «Giyoorgiis Xaa'ootiidhaaf sagaduufi!» jedhee uummata walitti qabame gidduutti mucaa xiqqoo tokkoon «Tajaajilaan Iyyesuus Kiristoos Giyoorgis si waama!» jedhi jedheenii gara Xaa'ootii sanaatti yeroo isa ergu Seexanni Xaa'ootii sana irra bulee ture iyyaa iddoo Hangafni Wareegamtootaa Qulqulluun Giyoorgis jirutti dhufe, laftis afaan ishee bantee isa liqimsite. Namoonni hedduunis raajii kana arganii ni amanan. Mootichattis niitiin isaa akka inni deebi'u itti himtuyyuu addabaabaayiitti ishee fannisiisee, morma ishee mursiisee wareegamummaadhaan boqotteerti. Dhiigni ishees Cuuphaa ta'eefiira.
Dhuma irrattis Mootichi hamaan sun Hangafni Wareegamtootaa Qulqulluun Giyoorgis Sayifiidhaan akka ajjeefamu taasise. Qulqulluun Giyoorgisis Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos irraa waadaan isaaf galamee umurii isaa waggaa 27 tti Ebla 23, sa'aatii 9 irratti Wareegamummaan boqoteera. Mormi isaa yeroo muramus Bishaan, Dhiigaa fi Aannan ba'eera.
Guyyoota Yaadannoo Hangafa Wareegamootaa Qulqulluu Giyoorgis
Sadaasa 7
Guyyaa kana ykn Sadaasa 7 Qulqulluun Giyoorgis mana dubartii hiyyeettiitti kan itti hidhamee fi kan Utubaa irratti hidhamee ture itti lalisiisedha. Mootichi Duudiyaanoos Qulqulluun Giyoorgis du'aan akka du'u yeroo ajajetti, Qulqulluu Giyoorgis gara mana dubartii harka qalleettii homaayyuu waan nyaattu manaa hin qabneetti galchanii utubaa mana isheetti hidhan, utubaan Hangafni Wareegamtootaa Qulqulluun Giyoorgis itti hidhame sunis laliseera.
Amajjii 18
Guyyaa kanatti daakamee faca'uun lafee Hangafa Wareegamootaa Qulqulluu Giyoorgis kan itti yaadatamudha. Qulqulluun Giyoorgis dheekkamsaa fi Sayifii Mootii Duudiyaanoos osoo hin sodaatiin waggoota torbaaf qabsuuraa'eera. Guyyaa kanattis kan yaadatamu loltoonni Duudiyaanoos Sayifiidhaan isa muranii, abiddaan isa gubanii boolla keessatti isa gatanii yeroo du'uu didu, baaburaan isa daakanii Tulluu irraa isa bittinsanii ture. Innis hojii ogummaa ajaa'ibaa Waaqayyootiin foon fi lafeen isaa qilleensa keessatti bittinsamee ture walitti qabamee akkuma duraatti ta'ee Gooftaan inni amane Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Hangafa Wareegamootaa Qulqulluu Giyoorgis guyyaa kanatti du'aa kaaseera, kunis Amajjii 18 yaadatamee oola.
Hangafni Wareegamtootaa Qulqulluun Giyoorgis Amajjii 20, Bara 277 Dh.K.B dhalate. Biyyi isaas Filisxeem yoo ta'u, bakki addaa inni itti dhalates Lidaa jedhama. Giyoorgis jechuun «Urjii, Cimaa, Hidda Wayinii, Aduu» jechuudha. Abbaan isaas Zorontoos ykn Anisxaatiyoos jedhama innis Aanga'oota Lidaa irratti muudamee ture, akkasumas haati isaa ammoo Tewoobistaa ykn Aqileesiyaa jedhamti. Hangafni Wareegamtootaa Qulqulluun Giyoorgis obboloota shamarranii Maartaa fi Isyaa jedhaman qaba ture. Umuriin Hangafa Wareegamootaa Qulqulluu Giyoorgis waggaa 10 yeroo guutu Abbaan isaa waan isa jalaa du'eef namni gaarii Kiristaana ta'e tokko isa fudhatee isa guddise. Adda waraanaattis isa leenjise. Waggaa 20 yeroo guutus intala waggaa 15 waliin bultii isaaniif ijaaruuf yeroo jedhan Waaqayyo lubbuu namicha Qulqulluu Giyoorgis guddise sanaa ni fudhate, Qulqulluun Giyoorgisis gara Bee'iruutitti deeme.
âą Bee'iruutitti Diraagoon Waaqeffatu akkasumas intala isaanii dubaraa gabbaruuf ykn kennuuf waan tureef Hangafni Wareegamtootaa Qulqulluun Giyoorgis garuu mallattoo Fannoodhaan isa injifatee uummata Bee'iruut Diraagoon Waaqeffachaa ture gara Waaqayyo Waaqeffachuutti deebiseera.
⹠Gara Faarsitti deebi'ee Duudiyaanoos mootota 70 walitti qabee Xaa'ootiiwwan dhaabsisee yeroo sagaduu fi yeroo sagachiisu isaan argee Amantaa isaatiif inaafaa waan tureef Mana Mootummaa seenee «Ani Kiristaana dha. Kiristoos Iyyesuusitti nan amana!» jedheen. Innis eenyummaa isaa erga hubate booda «Ati kan keenyadha! Biyyoota kudhan irratti sin muuda , Waaqa koo ykn Waaqa ani Waaqessu Aphooloon ni Waaqessita ykn Waaqessi!» jedheen. Qulqulluun Giyoorgisis «Badhaasaa fi aangoon kee sumaaf haa ta'u, ani Waaqa koo Iyyesuus Kiristoos hin ganu!» jedhe. Yeroo kanattis mootiin sun garmalee aaree gidiraa itti baay'ise, inni garuu «Nama gantuu kana hangan isa qaanessutti lubbuun koo hin fudhatamiin!» jechuudhaan Waaqayyo kadhate, akka Kadhannaa isaattis isaaf ni taasifame. Amantii isaatiinis gidiraa ilmi namaa fudhachuu hin dandeenye kan fudhatedha.
Gidiraawwan kanneen keessaas;
1. Mootichi Hangafa Wareegamootaa Qulqulluu Giyoorgis muka irratti fannisiisee Foon isaa mummursiise.
2. Mootichi Qoree ykn sibiilota dhedheeroo kan qaban Kophee sibiilaa Qulqulluu Giyoorgisitti kaa'ee ittiin deemi jedheen. Waaqayyos Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa'eel ergeefii isa fayyiseera.
3. Sibiilota akka qoreetti 70 hojjechiisee, ibiddaan erga tuqsiise booda gubbaa isaa ykn mataa isaa burrusaan rukuchiisee garaa isaa irratti utubaa dhagaa hiisisee akka irra gaangalchan taasise.
4. Foon isaa Magaazii dhaan mummursiise Ashaboo itti naqsiisee, Foon isaa ciccitee bu'e. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos halkan qixxee harka isaatiin isa tuqee «Kana booda waggaa 6 maqaa kootiif ni qabsuurta, yeroo sadi ni duuta Arfaffaa irratti ni boqotta» jedheen.
5. Duudiyaanoosis nahee «Kan naaf injifatu yoo jiraate Warqeen isa badhaasa!» yeroo jedhu namichi falfalaan Atinaasiyoos jedhamu Qoricha marzii garaacha cicciree ajjeesu bulbulee Qulqulluu Giyoorgisitti kenne. Qulqulluun Giyoorgis garuu maqaa Waaqayyoo waamee yeroo dhugu akka akka abaabootti ifee mul'ateera. Namichi falfalaan sunis naaf dhiisi jedheenii lafa irraa bishaan burqee gara Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoositti yeroo agarsiisu Duuka Bu'ichi Qulqulluun Toomaas dhufee namicha dur falfalaa ture sana cuupheera, dhuma irrattis namichi kun Wareegamummaa dhaan boqoteera.
6. Mootichi Hangafa Wareegamootaa Qulqulluu Giyoorgis baaburaan akka isa daakan taasisee sana boodas boolla guddaa keessatti isa gachisiisee dhagaa itti cufsiisee itti mallatteessee deemeera. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis foon daakame sana harka isaatiin tuqee Afuura isaa deebisee isa kaaseera, deebi'ees «Waaqni koo du'aa na kaase!» isaaniin jedheera.
SADAASA 23
HANGAFA_WAREEGAMTOOTAA_QULQULLUU_GIYOORGISII
Wareegamaa jechuun «Ragaa» ykn «áá”áá» jechuu yoo ta'u, sababa Amantaatiin kan ajjeefame, gidiraan kan isa irra gahe «Wareegamaa» jedhama. HDB. 22:20. Wareegamtoonni jalqabaa Kakuu Haaraas Duuka Bu'oota gooftaa fi Abbootii 72'n dha.
Qulqulloota Wareegamtoota kan jedhaman «Waaqayyo ganaatii Xaa'ootiidhaaf sagadaa!» yeroo jedhaman «Waaqayyo hin gannu! Xaa'ootiidhaaf hin sagadnu!» jechuudhaan moototaa hamoo biratti dhiyaatanii osoo homaayyuu hin sodaatiinifi hin qaana'iin Waaqummaa gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos kan ragaa ba'anidha. Sababa kanaanis gidiraa hedduu fi gosoota garaa garaa dubbatame hin dhumne fudhatanii kabaja Waaqa isaaniif dhiiga isaanii kan dhangalaasan, lafeen isaanii kan caccabe, jireenya ykn Lubbuu isaanii kan dhabanidha. Abiddaan gubataniiru, bishaaniin affeelamaniiru, Sayifiidhaan mummuramaniiru, Magaazii dhaan baqaqsamaniiru, baaburaan daakamaniiru. Akka horiitti gogaan isaanii irraa kaafameera, gara galaana gadi fagootti gatamaniiru. Gidiraa kana hunda keessatti Amantaa isaanii irraa hin fagaanne ykn Amantaa isaanii hin ganne. Inumaayyuu warreen kaan ykn ormoonni «Ani Waaqa isaaniittin ykn Waaqa Wareegamtootaa amana!» akka jedhan taasisaniiru.
Akka namoonni tokko tokko jedhanitti Qaphadooqiyaan gara Baha Isiyaa xiqqootti kan argamtu ykn bakka har'a Baha giddu galeessaa jedhamutti argamti. Mootummaa cimaa Roomiin dura Mootummaa Faars jala turte. Qulqulluun Giyoorgisis Wareegamaa Faars kan jedhamu sababa kanaan akka ta'e ni himama. Biyyuma kana Giriikonni fi warreen Roomaa Kolonii ishee qabatanii akka turan seenaan ni dubbata. Karuma kanaanis namoonni tokko tokko Qulqulluun Giyoorgis dhalataa Giriikii dha yoo jedhan, warreen kaan ammoo lammii Ingiliiziidha jedhu. Wantoota kana hundaaf wanta afaaniin daddarbu yoo ta'een ala sirriitti qorate hanga ammaatti ragaa gahaa kan dhiyeesse hin argamne. Kanarraa kan ka'es Qulqulluun Giyoorgis dhalataa biyya kanaati, lammii biyya sanaati kan jedhamu baay'een jiraachuun isaa baay'ee nama hin dinqisiisu, sababni isaas Qulqulluu jabaa kana namni kamiyyuu lammii fi dhalataa biyya isaa taasifachuu waan barbaaduuf.
Ta'us garuu bara sanatti Loltummaa ykn Wattaadarummaan hojii barbaadamaa waan tureef Qulqulluun Giyoorgisis loltuu ykn Wattaadara ta'ee hojiiwwan ciccimoo hedduu hojjeteera. Dargaggummaa isaattis hojii Wuttiddirinnaa akka hojjete Seenaa Mana Kiristaanaa Giriikii, Koophxii fi Sooriyaatti barreeffameera. Inumaayyuu Kitaaba Sinkisaaraa fi Qabsuura Qulqulluu Giyoorgis irratti sirriitti barreeffamee argama.
Bara Wareegamtootaa kan jedhamu Armaniyaatti waggaa 40 yoo ta'u Qulqulloonni hedduun Wareegamummaa itti fudhataniiru ykn Wareegamummaa itti argataniiru. Biyya keenya Itoophiyaattis Kiristaanonni 1,600 guyyaatti «Wareegamummaan kun nu hin darbiin!» jechuudhaan deemanii wareegamaniiru. Bara sanatti kan turan Mootonni Ormoonni Diyooqolixiyaanoos, Maaksimiyaanoos, Dirxaadis, Ileskindiroos, Ba'uliyaanoos, Farmaah fa'a turan.
⹠Maat. 10:28 «Warra Foon ajjeesan, Lubbuu garuu Ajjeesuun kan isaaniif hin danda'aamne hin sodaatiinaa, inumaayyuu Lubbuus Foonis Gahaannabatti balleessuun kan isaaf danda'aamu isa sodaadhaa!»
⹠Ibr. 11:34-38 «Afaan Leencotaa cufan, humna Ibiddaa balleessan, Qara Sayifii doomsan, dhadhabbii isaanii irraa ciman ykn jabaatan, waraana irratti ciccimoo ta'aan, humnoota diinaa ykn Afuurota hamoos ni ari'an. Dubartoonni du'a isaanii du'aa ka'umsaan fudhatan, warreen kaanis fayyina osoo hin fudhatiin du'aa ka'umsa isa caalu akka argataniif hanga du'aatti ni reebaman, isaan kaanis itti qoosamaa fi reebamaa kanaan olis hidhaa fi mana hidhaatiin ni qoraman, dhagaadhaan reebamanii du'an, ni qoraman, Magaazii dhaan tarsa'aan, Sayifiidhaan ajjeefamanii du'an, hunda dhabaa gidiraa fudhachaa dhiphachaa gogaa Hoolaa fi Re'ee uffachaa naanna'aan, Addunyaan isaaniif hin taane waan ta'eef lafa Onaa fi Tulluu, holqaa fi boolla keessa dhama'an»
Waa'een kennaa kanaa Kitaaba Qulqulluu keessatti 1Moot. 10:13, 2 Seen, Baraa 9:13 akka kennameef ni dubbata. Gara biyyaattis galtee mucaa ilmaa deesse. Maqaan isaas Ibinaakuni jettee moggaaste. Hiikkoon isaa ilma ogeessichaa' jechuudha. Yeroo booddees turee
maqaan kun Minilikii jedhame. Dargaggeessa waggaa 22 gaafa ta'u abbaa isaa Solomoonitti ergite. Abbaan isaa Solomoon kabaja guddaadhaan simatee waggaa sadii lubicha Saadaqi irraa barumsa amantii akka baratu godhe. Waggaa sadii booda Ayihuudotni "Gara biyya isaatti deebisi!" yeroo jedhan, "Erga ilma koo hangafaa jibbitanii isinis hangafa ilma keessanii kennaa isa faana gara biyya itoophiyaa haa deemaniitii!" jedhee isaan abboome. Ni dirqisiise. Isaan faanas Azaariyaas ilmi Saadiqiyaas nagada ijoollee Isiraa'eel 12'n keessaa warra hangafa ta'anii fi kanneen dibata Leewwii qaban, baay'inni isaanii 120,000 kan ta'an biyya Itoophiyaa deemanii akka barsiisaniif Solomoon isaan abboome. Eeyyama Waaqayyoo ta'ee jarri kunis kitaaba amantii garaagaraa fi Taabota Tsiyoon fudhatanii gara biyya Itoophiyaa dhufan. Kitaaba fudhatanii dhufan keessaa tokko kitaaba Heenook isaan barreesseedha.
Taabotni Tsiyoon kun biyya Itoophiyaa kan seene Sadaasa 21 dha. Kutaa biyya Itoophiyaa keessaa biyya Tigiraayii bakka Aksuurn jedhamtutti manni qulqullummaa ijaarameefii Sadaasa 21 eebbifanee taabotni Tsiyoon kun keessa seene. Taabota Tsiyoon kan jedhamu kun Seera Ba'uu 34:1-28 irratti, akkasumas Se. Ke. De. 10:1-10 irratti akkuma barreeffame Waaqayyo Museetti kan kenneedha. Taabootni (Tsillaatiin) kun hanga har'aatti iddoo caqasame kana jira. Minilik inni jalqabaa kun waggaa 25 guutuu mootii Itoophiyaa ta'ee bulcheera. Barri bulmaata isaatiis DH.K.D 987-957 ture. Waggaa 58 isaatti boqotee kabajaan awwaalame. Egaa walumaagalatti, Sadaasi 21 kan inni kabajamuuƄ akkaataa kanaan guyyaa Taabotni Tsiyoon biyya keenya itti seene waan ta'eefidha jechuudha.
Mata-dureen lallaba guyyaa kanaa:
"Waa'ee Tsiyoon hin callisu!" Isany. 62:1
"Warra na kabajan nan kabaja" Saam. 2:30
"Ani garbichi kee sin dhaga'aa dubbadhu!" Saam, 3:10
"Waa'ee bidiruu kakuu Waaqayyoof maal goonuu?" 1ffa Saam. 6:2
Jabaan waaqa, horaa bula deebana!
Telegram.
https://t.me/OrtTewaahidoteaching
Facebook
https://www.facebook.com/profile.php?id=615527367917
Iddoon kun lafa Abraam itti mucaa isaa aarsaa dhiyeesse, Qaraaniyoo iddoo gooftaan itti fannifame, Golgootaa iddoo Gooftaan itti awwaalame, Beeteliheem iddoo Gooftaan itti dhalate, Yoordaanoos iddoo Gooftaan itti cuuphame, Beetaaniyaa iddoo itti Gooftaan ol bahe hundumaa qabatee kan argamuudha. Yeroo sanaa jalqabee mootittii fi sabni biyya Itoophiyaa ayyaana Faasikaa fi kan biroodhaaf gara lyyerusaalem gaafa deeman iddoo kana boqotu turan.
Kanaafis ragaan kitaaba qulqulluu ni mirkaneessa. Hoj. Erg. 8:26. Moototni biyya Itoophiyaa iddoo kana jabeessanii lafa bitanii ini dabaluudhaan gadaamii fi lafa mana qulqullummaa hedduu irratti ijaaraniiru. Fakkeenyaaf:
1. Beetaaniyaa mandara Alaazaaritti lafa 120000 kaare bal'atu irratti Haayile-Sillaaseen bara 1953 keessa karaa abbaa Filiphoos M.Kiristaanaa Taklahaayimaanotii ijaarsisaniiru. Iddoo awwaalcha warra Itoophiyaa akka ta'u godhaniiru.
2. Bara 1925 Iteegee Manan Yoordaanos iddoo Gooftaan cuuphameetti mana qulqullummaa maqaa Sillaaseetiin ijaarsisteetti. Yeroo kana iddoo lolaa waan ta'eef tsillaatiin isaa achii fuudhamee lyyaarikoo kaa'amee jira. Amajjii 10 nagaa- eegduu biyyattiidhaan eegamee tsillaatiin achi deebi'e. Sirni yaadannoo cuuphaa geggeeffamee eegumsaan immoo lyyaarikootti deebi'a; qabeenyummaan isaa garuu kanuma Itoophiyaati.
3. Bara 1928 Immaahoyi Amaarech Walaluu kan jedhaman gadaamii tokko ijaarsisaniiru; Qaraaniyoo fi Golgootaa gidduutti
Mana Kiristaana Medaani'aalem jedhama.
4. Atsee Yohaannis 4n bara 1872 bataskaana Debre Gennet Kidaanemihret ijaarsisuu eegalanii kan ture Minilik 2ffaan bara 1885 xumursiiseera.
5. Qaraaniyoo Golgootaa gidduutti bataskaanni Arbaayituu Insisaa fi Qulqulluu Mikaa'elii ijaaramanii jiru.
6. Iddoo teessoo Phaaphaasotaa lafi inni itti argamu manni kadhataa
qulqulluu Filiphoos ijaaramee jira. 7. Iddoo Abraam itti mucaa isaa aarsaa dhiyeesseetii mana qulqullummaa qabna. Qabeenyi kun bara 70 keessa mootii biyya Roomaa Xiixoosii fi lyyerusaalem gidduutti lola baname irraan kan ka'e nu irraa fudhatamee ture. Jaarraa 4ffaa keessa mootummaan Abrihaamii fi Atsbihaa jaarsolii biyya Itoophiyaa dabalatanii "Qabeenyi keenya haa deebi'u!" jechuudhaan ilma mootittii Illeenii Qosxontoonisitti iyyatanii, innis seenaa waa'ee lyyerusaaleem barreeffame qoratee qabeenya warra Itoophiyaa
ta'uu isaa hubatee akka inni nuuf deebi'u taasise. Hanga har'aatti harka keenya keessa jira.
Namootni beekamoon seenaa galmeessanis kana dhugoomsaniiru. Fakkeenyaaf barreessaa seenaa kan ta'e Zeberg kan jedhamu "Qabeenyi warri Itoophiyaa lyyerusaalem keessaa qaban akka lakkoofsa warra Awurooppaatti bara 337 keessa deebi'eeraaf" jedhee barreesse. Henerpost namni jedhamu kitaaba isaa "Guuzo Wede Qiddist Haager jedhu irratti (hiikoon jecha kanans adeemsa gara lyyeerusaalem jechuudha) barreessuu kan jalqabe, CHARLIS FILPII kan jedhamu xumure irratti akka lakkoofsa warra Awuroppaatti bara1532 "Iddoo Abrahaam mucaa isaa aarsaa itti dhiyeesse gaarri Mooriyaa kan warra
Itoopiyaati" jedhee dhugoomseera. 8. Bara 1651 Qees Duubalem kan jedhaman kitaaba barreessan irratti iddoo itti Abrahaam mucaa isaa aarsaa itti dhiyeesse kan Itoophiyaa ta'uu isaa mirkaneesseera.
9. Namni Geetiroo jedhamus kitaaba isaa barreesse, kan akka lakkoofsa warra Awurooppaatti bara 1650 maxxanse irrati Itoophiyaa iddoo Golgootaa jedhamuutii mana quiqullummaa lama qabu" jedheera. "Warri
Egaa, walumaagalatti, gadaamii fi manni qulqullummaa achi keessaa qabnu keessatti hanga har'aatti Sinoodoosii Itoophiyaatiin bulaa jiru. Paatriyaarikiin biyya keenyaa 6ffaa ta'anii bara 2005 kan muudaman Abbaan Maatiyaas achi irraa kan dhufaniidha.
Mootittiin Saabaan eeyyama Waaqayyoo ta'ee mootichi Solomoon fuudhee ji'a 6 guutuu isaa bira turtee achumaanis ni ulfoofte. Oggeettii waan taateef, "Gara biyyaatti galee gaafan da'u mucichi kan kee ta'uu isaaf mallattoo naaf kenni!" jettee gaafatte. Innis wanta miidhagaa qubatti kaa'atamu kenneef. Kennaan kun afaan Amaariffaan "Inqu" kan jedhamuudha. Kana malees qabeenyaa armaan olitti caqasame waliin laateef.
BAGA NAGAAN GEESSAN!!!
.....Tsiwoon..... akkasumas Maariyaamii sadaasaas jedhamuun beekama............
Yoo dubbisuu amaleeffatteetta ta'e dubbisi ni eebbifamta seenaas ni barta.
Sadaasa 21. Guyyaan kun Tsiyoon jedhama. Kitaaba qulqulluu keessatti jechi Tsiyoon jedhu hiikkoo mataa isaa danda'e qaba. Jechi Tsiyoon' jedhu hikkoon isaa "da'oo', 'hirkata jechuudha.
1. Maagalaan lyyerusaalem Tsiyoon ni jedhama, (2 Saamu. 5:7)
2. Namoonni Iyyerusalem keessa jiraatan Tsiyoon ni jedhamu. far101:13, Fakkeenyaaf "Itoophiyaan harka ishee gara Waaqayyootti ol kaasti" yeroo jedhu saba Itoophiyaa akka ta'e ifaadha
3. Mootuummaan Waaqayyoo isheen samii keessaa Tsiyoon ni jedhamti, (Ibro. 12:22).
4. Durbee Maariyaamiin Tsiyoon ni jedhamti. (Isaay. 49:14-22, Isaay. 60:14, Faar. 87:5, Room. 11: 26, 1Pheex. 2:5). Jechootni armaan olitti barreeffaman kun akka hima isaatti waa'ee Tsiyoon kan ibsuudha.
Sadaasni 21 Tsiyoon waan jedhameef,:-
1,ffaa irratti akkuma ibsame, magaalaan Tsiyoon iddoo taabotni Waaqayyo Museetti kenne kaa'amee jiru waan ta'eef maqaa magaalaa sanaan moggaafamee taabota Tsiyoon ijoolleen jedhame. Sadaasna 21waan kabajamuuf, sababa lubichi Eelii fi ijoolleen isaa kabaja Waaqayyoo hanqisaniif taabotni Tsiyoon kun warra Filisxeemiin booji'amee, ji'a sadii turee ajaa'iba guddaa hojjetee guyyaa inni itti kabajaan gale waan ta'eefidha, ISaam. 2:12 hanga boqonnaa 6tti duubisi.
Tokkos, Guyyaa itti taabotni Tsiyoon gara keenya dhufeedha.
Bara mooticha Minilik isa jalqabaa eeyyamaa fi fedha Waaqayyoo ta'ee guyyaa itti taabotni Tsiyoon kun biyya Itoophiyaa seeneedha. Seenaa dhaloota Minilik akka armaan gadiitti ilaalla:
Abbaan isaa mooticha Solomoon ilma Daawit yeroo ta'u, harmeen isaa immoo mootittii Saabaa jedhamti. Maqaan ishee kan biroon mootittii Azeeb, akkasumas Makiddaas ni jedhamti. Bara isheen mootii taatee Yemenii fi Itoophiyaa walitti qabdee bulchaa turte DH.K.D bara 1013- 982tti ture. Waggaa 31 bulchite. Mootittiin Saabaan Markaba 73 fi gaala 520 qabdi turte. Itti gaafatamaa amanamaa Taamiriin kan jedhamu qabdi turte. Namni kun biyya lyyerusaalemii fi Hindiitti deddeebi'ee ni daldala ture.
Yeroo Solomoon mana mootummaa isaaf mana qulqullummaa ijaare warqee diimaa ijaarsa manichaaf oolu kan biroo geessee itti daldalaa ture.
Mootittii Saabaan seenaa oogummaa Solomoon Taamiriin irraa dhageessee wargee makiliitii 120 fudhattee namoota hedduus wal faana huustee waan Solomoon hojjete ilaaluudhaaf lyyerusaalemiin deemte. (1Moot. 10:1-12; 2Seen 9:1-12 Maut, 12:42)
Mootittiin Saabaan kennaa addaa addaa fuutee dhaqtes mooticha kanaaf laatte. Wanti Solomoon hojjechaa jirus isa dhageesseen ol ta'uu isaaf waaqa Israa'eliin galateeffattee, "Jecha ogummaa ati dubbattu namootni dhaggeeffatan akkam kan ayyaanomaniidha!" jette. Mootichi Solomoonis guddaa ishee dinqisiifatee biyya lyyerusaaleem keessan Deer Sultaan iddoo jedhamu qabeenya laateef. Deer Sultaan jechuun iddoo moototaaf kenname jechuudha. Iddoon kun har'a kennaa biyya Itoophiyaa ta'ee Kawaalaa ta'ee M.Kiristaanaaf tajaajila kennaa jira.
Biyyi Itoophiyaa giddu-galeessa biyya addunyaa keessaa karaa bahaa kan argamtu biyya Isiraa'elii wajjin hariiroo wal quunnamtii daldalaa fi amantii akka isheen qabdu kitaaba qulqulluu keessatti barreeffamee ni jira. Akkasumas waadaa walii galtee lolaa akka waliin qaban barreeffamee jira. 2Seen. Baraa 21:16; 2Seen. Baraa 14:9-15; 2Moot. 19:9; R.Naahom 3:8-11, Erm. 46:1-10; lyo, 28:19; Raj.Amots 9:6, Sof 2:12; Faar. 67(68):31; Faar. 86(87): 4,
Gooftaan keenya wangeela qulqulluu keessatti waa'ee amantii qabaachuu ilaalchisee dhugaa ba'eeraaf. Mootittiin Saabaan waa'ee ogummaa Solomoon dhageessee hubachuudhaaf DH.K.D waggaa kuma tokko (1000) keessa gara biyya lyyerusaaleem deemtee daawwachuun ishee, achumaan mooticha Solomoon harkaa kennaa qabiyyee lafaa fudhachuun ishee galmeeffamee jira. 2Moot. 10:1-13; 2Seen. 9:1-12; Mant 12:42. Iddoon kun Deer Sultaan jedhamee beekama. Hiikkoon isaa iddoo gadaamii mootii jechuudha.
Nageenyi Waaqayyo isiniif haa baay'atu jechaa, golli keenyi akka guutuu ta'uuf gahee keenya haa bahannu.
Namoonni kitaaba sirna galatoo, seatatii, baafata sirna galatoo fi kitaabolee mana amantaa keenyaa kanneen biroo barbaaddan telegram kana gadii keessa seenaanii ni argattu..... JOIN..gochuus hin dagatiinaa waan baay'ee gara fuulduraatti argachuu dandeessu
Jabaan waaqa, horaa bula deebana!
Telegram.
https://t.me/OrtTewaahidoteaching
Facebook
https://www.facebook.com/profile.php?id=615527367917
Qid_7_giiz_Qulqulluu_qulqullootaa_Qiddus_le_qiddusaan_tii_eegalee360p.aac9.33 MB
Golli keenya guutuu akka ta'uuf buufadhaa shaakalaa. Madda Youtube Sabaa'if...
Yeroo dhufu sirna galatoo yeedaloo isaa siniin lakkisa
Dubbisi hin darbiin bira
....Maal taatan?
Namicha maqaansaa James jedhamu tokkotu biyyaa UK(England)keessa jiraata ture.
Namni kun sadarkaan jireenya isaa bareedaadha.Gulaanta giddugaleessaan jiraata jechuudha.
Sooressas miti hiyyeessas(harka qaleessas miti)jechuudha.
.....Gaaf-tokko garuu taateen tokko isa mudate...
"Dhukkubni kennaa rabbiidha" jedhu namoonni.Rabbii garuu dhukkuba isa dhukkubsatu malee kan nama dhukkubsachiisu miti. dhukkuba kana kan namarraa deebisuu Rabbiin qofa jechuudha.
Namni kunis dhukkubsatee mana yaalaa seene. Hospitaala inni seenes deggersa barbaachisaa godhaniif dhukkubasaarraa damdamate. yeroo dhukkubu kanatti sombiisa xiqqoo waan dadhabef Oksijiinii fayyadama ture.
Dhukkuba sanarraa akka fayyee Dr mirkaneesse gara manasatti galuun dura qarshii mana yaalaa akka kaffaluuf Dokteerichi gaafaate.
Jamesis: Gatii mana yaalaa meeqa na gaafatta Dr? Jedhe
Dokteerichis: kuma dhiibba tokko jedheen
Jamesis yaada badee.......
Dokteerichis:Maal taate jedheen
Jamesis: ijisaa/qaroon isaa imimmaan gumaachuutti ka'e
Dokterichi, Rakkoo jiraa?qarshiitu sitti baayyatee? Jedheen
Jamesis: Rakkoon hin jiru. garuu Dokter kan torban tokkotti gatii oksijiinii kuma dhibba tokko na gaafattan inni na uume, ergan dhaladhee jalqabee na jiraachiisaa jiru osoo gatii na gaafatee maalan kaffala ani? Jedhe.
Dokterichi Jechaaf dubbii jamesirraa barate...
Waaqayyo karaa baay'ee nu barsiisa, nuti garuu hin hubannu.....
....dhugaa gatii Waaqayyoo keenya osoo nu gaafatee maal baasna?...
âïžđShare godha....
Ani obboleessi keessan dadhabaa waanan ta'eef .....naaf kadhadhaa!
From
waltajjii ortodoks telegram
Jabaan waaqa, horaa bula deebana!
Telegram.
https://t.me/OrtTewaahidoteaching
Facebook
https://www.facebook.com/profile.php?id=615527367917Halkan Yaa 'iqoob Isiniif Haa ta'u Jechuun maal jechuudhaa?
Jechi kun kitaaba qulqulluu
irratti kan hundaa'edha! mudannoo gugguddaa abbaan keenya Yaa'iqoob halkan isa mudate lamaan irratti hundoofneeti jecha kana kan fayyadamnu!
1ffaa. Halkan Yaa'iqoob 1ffaa
seera uumamaa 28á„10-16
"Yommus Yaaqoob Bersheebaadhaa ba'ee gara Kaaraanitti adeeme. Inni
iddoo tokko ga'ee Aduun Lixnaan achi bule; dhagoota iddoo sana jiran keessaa tokko fuudhee, mataa isaa jala kaa'atee iddoodhuma sana
ciise. Inni achitti abjuu abju'atee, yaabbannoo hundeen isaa lafa dhaabate, fiixeen isaa bantii waaqaa bira ga'u tokko in arge; kunoo, ergamoonni Waaqayyoo isa irra ol in ba'u, gadis in bu'u turan. Waaqayyo
immoo isa gararraa dhaabatee, "Ani Waaqayyo gooftaa isa kan
Abrahaam abbaa kee tii, Waaqayyo isa kan Yisihaq; lafa ati irra ciiftu kanas siif, sanyii keetiifis nan kenna; sanyiin kees akka biyyoo lafaa in ta'a; gara lixa-biiftuutti, ba'a-biiftuutti,
harka bitaatti, harka mirgaattis in bal'ifata; qomoon biyya lafaa irraas hundinuu sababii keetiif, sababii sanyii keetiifis in eebbifamu. Kunoo, ani
sii wajjinan jira, iddoo ati dhaqxu hundumaatti sin eega; biyya kanatti sin deebisa, waan ani sitti dubbadhe siifan raawwadha malee, si hin gatu!"
jedhe. Achumaanis Yaaqoob hirribaa dammaqee, "Waaqayyo dhuguma iddoo kana jira! Ani garuu kana hin beekne" jedhe.
egaa akkuma amma dubbistan Yaa'iqoob halkan isaa kana keessatti yaabbannoo warqee samii ka'ee lafa gahu kan ergamoonni waaqayyoo
irra deddeebi'aa turan arge! arguu qofa osoo hin taane Nii # Eebbifame ofii isaa qofa osoo hin taane halkan kanatti sanyiin isaa illee nii eebbifame!
2ffaa. Halkan yaa'iqoob 2ffaa!
seera uumamaa 32á„22-30
Yaaqoobis halkanuma sana ka'ee dubartoota isaa lamaan, xomboree warra fuudhe sana lamaan, ijoollee isaa kudha tokkonuus fuudhee malkaa Yaaboq in ce'e; saan kana erga gamaan ga'ee immoo, deebi'ee
waan qabu hundumaa in ceesise. Inni lafa turetti deebi'ee achitti kophaa isaa hafe; namni tokkos hamma boruun baqaqutti Yaaqoobin wal 'aansoo qabe. Namichis Yaaqoobin akka hin dandeenye yommuu arge, walga'ii luka isaa jabeessee in qabe; Yaaqoobis amma iyyuu namicha wal'aansoo qabuutti utuu jiruu cuuphiin isaa iddoodhaa kaate. Namichis, Yaaqoobiin "Boruun baqaqeera, gad na dhiisi!" jedhe; Yaaqoob immoo deebisee, "Yoo ana eebbifte malee, ani
gad si hin dhiisu" jedhe. Namichis, "Maqaan kee eenyu?" jedhee isa gaafate; innis deebisee, "Maqaan koo Yaaqoob" jedhe. Yommus namichi, "Ati Waaqayyotti, namattis marmitee gad dhiisuu
diddee dhaabachuu dandeesseetta; kanaafis si'achi maqaan kee Israa'el haa jedhamu malee, Yaaqoob hin jedhamin!" jedhe; "Israa'el" jechuun "Waaqayyo wajjin wal'aansoo kan qabu" jechuu dha. Yaaqoobis namichaan, "Hadaraa maqaa kee anatti himi!" jedhe; namichis, "Maqaa koo maaliif gaafatta?" jedhee, yommusuma achitti isa
eebbise; yommus Yaaqoob, "Ani Waaqayyoon fuulleetti nan arge, garuu lubbuun koo ooleera" jedhe; kanaaf maqaa iddoo sanaa "Pheeni'el" jedhee moggaase; "Pheeni'el" jechuun, "Fuula Waaqayyoo" jechuu dha.
kutaa kitaaba qulqulluu kana qalbiin dubbiftaniittu jedheen yaada! akkuma amma argitan Yaa'iqoob halkan isaa isa 2ffaa kana keessatti waaqayyoo ijaan arge! waaqayyoon arguu qofa osoo hin taane hamma
lafti bari'utti waaqayyoo waliin wal'aansoo wal qabe! wal'aansoo qabee dhiise seetanii? "hamma na eebbistutti gad si hin lakkisu" jedheenii
hamma lafti bari'utti wal'aanso qabeen! sana booda ni injifate !!!! jaalalaan waan injifateefis nii eebbifame! maqaan isaas nii jijjiirame!
Yaa'iqoob kan jedhamu sunis hafee #Israa 'el jedhame!
Nuti ijoolleen Tewaahidoo halkan eebbifamaa Yaa'iqoob kana argachuuf jecha akkasumas yaada gaarii waaqayyo akkuma Yaa'iqoobiin eebbise nuunis haa eebbisu jennee wal eebbisuudhaan hawwii gaarii qabnu waliif ibsina!
Maddi Agaruu Ort..from Ketema Bayisa... telegram
Jabaan waaqa, horaa bula deebana!
Telegram.
https://t.me/OrtTewaahidoteaching
Facebook
https://www.facebook.com/profile.php?id=615527367917
Kadhadhu ni argatta, kan argatteef Galata galchuus hin dagatiin...
(Yaaqoob 5 )
------------
13 * Isin keessaa namni rakkinni itti dhufe jiraa? Inni haa kadhatu! Namni gammadu immoo jiraa? Inni immoo faarfannaadhaan galata haa dhi'eessu.
* Isin keessaa namni dhukkubsate jiraa? Inni jaarsolii waldaa kristiyaanaa haa waamsifatu; isaan immoo maqaa gooftaatiin dibata dibanii kadhata haa godhaniif.
* Kadhanni amantiidhaan godhamu kun, isa dhukkubsataa in fayyisa; gooftaan isa in kaasa, cubbuu hojjeteera yoo ta'es in dhiisaaf.
* Yoos dhukkubattii akka fayyifamtanitti cubbuu keessan walitti himadhaa, waliifis kadhadhaa! Kadhannaan nama qajeelaa waan baay'ee hojjechuu in danda'a.
* Eliyaas nama akka keenyaa ture; kadhata isaa keessatti bokkaan akka hin roobneef yommuu kadhate, waggaa sadii fi ji'a ja'aaf bokkaan biyya sanatti hin roobne.
*Yeroo inni deebi'ee kadhatetti immoo, waaqni bokkaa in keenne, lafti midhaan in baase.
* Obboloota ko! Isin keessaa namni tokko dhugaa irraa yoo jal'ate, namni biraan deebisee kan isa fidu jiraachuun in ta'a.
* Inni nama cubbamaa karaa jal'inaa irraa deebisuu kun, lubbuu du'a oolchuu isaa, baay'ini cubbuu deebi'ee akka hin argamne gochuu isaa haa beeku!
Jabaan waaqa, horaa bula deebana!
....... Join...... gochuu hin dagatiin.
Telegram.
https://t.me/OrtTewaahidoteaching
Facebook
https://www.facebook.com/profile.php?id=615527367917
.... yaadaa fi gaaffiif @NAbdi...
....Sooma dhaloota gooftaa...
.............................................
Sadaaasa 15.Guyyaatti Soomni Raajotaa itti Eegaludha.
âïžLaguun Raajotaa kan inni lagatamu sadaasa 15 hanga mudde 29tti yoo ta'u bara yohaannis immoo -28 dha.
Ka'umsi fi bu'uurri laguu kanaas:-
#. LAGUU ADDAAM. Jedhamee ni lagatama.laguu addaam kan inni jedhameefis;Addaam Gannata keessaa ari'amee ulfina Waaqayyoo dhabee baay'ee bohee gaddee lagate.waaqayyoo gadda isaa ilaalee laguu isaa fudhatee guyyaa shaniif walakkaatti dhala dhala keerraa dhaladheen si fayyisa jedhee waadaa seeneef.Addaam lagachuu isaarraan kan ka'e kan itti abdii argate waan taheef laguu Addaam jedhama.
#. LAGUU RAAJOTAA;laguu raajotaa kan jedhame;Waaqayyo icciitii dhalachuu isaa waan ibseef fagootti arganii raajii raajanii abdii addaamiif seename itti mul'atedha.(Isaay.7:14,9:6,53:4).
#.LAGUU FILIPHOOS; laguu Filiphoos kan jedhameef;namoonni biyya Afrikaa keessa jiraatan barataa gooftaa keenyaa kan ta'e Filiphoosiin sadaasa 17 ajjeesan;baratoonni isaa immoo awwaallachuuf jedhanii reeffa isaa dhaban.Akka Waaqayyo isaanitti mul'isuuf guyya kana jalqabanii laguu eegalan.guyyaa sadii booda Waaqayyo itti mul'isee seeraan awwaallatan.jalqabnee hin dhiisnu jedhanii hanga mudda 29tti lagatan. Sababa kanaaf sooma Filiphoos jedhame.
#. LAGUU HAWWAARIYAATII;sooma hawwaariyaat kan jedhameef,du'a ka'umsa Gooftaa keenyaa Faasikaa jennee lagannee kabajna,dhalachuu isaa immoo akkasumaan nuuf hin ta'u jechuudhaan laguu lagatanii waan kabajaniif laguu Barattootaa jedhama.
#. LAGUU DUBROO MAARIYAAM; laguu maariyaamii kan jedhameef;Q/Gebri'eel Hafuura qulqulluu uffatee akka isheen Gooftaa keenyaa deessu missiraachuu itti himetti"Waaqa Samii fi lafa kana Uume akkamitti danda'een Ulfaa'een daha?" Jechuudhaan guyyaa sanaa eegaltee hanga gaafa deessutti waan lagatteef laguu maariyaamii jedhame.
đkanaaf nuti har'a dhalachuu Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos Fuldura laguu lagannee eebba foonii fi fayyina lubbuu argachuutu nurraa eegama.
yeroo soomaa eebba qabu nuuf haa ta'u, turtii gaarii
Jabaan waaqa, horaa bula deebana!
Telegram.
https://t.me/OrtTewaahidoteaching
Facebook
https://www.facebook.com/profile.php?id=615527367917
