cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

QAROO BOHAARTII

Channel keessan Qaroo join godha!!! "Waan ofii afaan ofiitiin" jechuun gumaacha isaa baha jira!

Show more
The country is not specifiedThe language is not specifiedThe category is not specified
Advertising posts
270
Subscribers
No data24 hours
-27 days
No data30 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

SABBOONTUU + HAADHA MARSII + HIN KOLFAMU + KAN BIROO👇👇👇👇
Show all...
Sabboontuu + HAADHA MARSII + Seenaawan gaggabaaboo nama kofalchiisan bakka tokkotti. PDF'n dhufaa jira. Share @golaorobook
Show all...
👍 3
#HAADHA_MARSII_KUTAA_18FFAA Hamman Harar ga'utti yeroo meeqa deddeebitee naaf bilbilaa turte. Samisteerri dheeratus, gabaabbatus dafee akkan ishee bira ga'uu qabu yaaddi. Anis yaadni koo ishee wajjiin yeroo dheeraa dabarsuudha. Harar ga'een guyyoota sadi booda barnootan eegale. Barnootni boqonnaa na dhowwatee akkam na nuffisiisus "Wanta jaalataniif yeroo hin dhaban" waan jedhamuuf ani Haadha Marsii wajjiin bilbilaan haasa'uuf yeroo dhabee hin beeku. Ji'oota muraasa akkasuma walii bilbilaa dabarsine. Torban osoo hin ga'iini kan isheen kaardii bilbilaa naaf guuttu. Barnoota kootti cimee akkan xummuruuf na jajjabeessiti. Hawwiin ishees milkaa'ina koo arguudha. Buna ittiin dhugda jettee yeroo hundumaa maallaqa anaaf ergiti. Kan jaalala ishee irra Oolmaan ishee narra baay'ate. Kunis gatii jaalalaa kan kanfalu jaalala mataa isaa waan ta'eef jaaladheen itti agarsiise. Guyyaa tokko garuu waan ani hin eegnetu ta'e. Bilbila wajjiin haasa'aa jirra. Osoo wajjiin haasa'aa jirru sagaleen ishee achumaan bade. Heloo jedhee inuman iyya. Na jalaa qabuu didde. Deddeebisee yoon bilbila ishee yaalus hin dalagu. Nan rifadhe. Hattuutu bilbila irraa fudhate jedheen yaada. Guyyoota sadiif akkasitti naasuufi garaa shakkiin guute tokkoonin dabarse. Guyyaa 4ffaa irratti hiriyaan ishee kan Qaallittii jirtu naaf bilbilte. Bilbila irraa kaaseen yoon itti dubbadhu "Haadha Marsii balaan konkolaataa ishee mudateetu Hospitaala galtee jirti naan jette. Yeroon kana dhaga'u bakkan taa'ee jirutti hadoodeen hafe. Bilbilicha cufuu koo hin yaadadhu. Yoon of baru garuu Kilinika Balaa tasaa Harmeetti Gulukoosii harka koo irra jiru wajjiin ofin arge. Hiriyootni koo baay'atanii na bira jiru. Fayyee gara doormiitti gallee waan uumame yoon gaafadhu homtuu natti himuu dide. Bilbila dura naaf bilbilamee ture sana dagadheera. Guyyaa biraa message'n ani hin eegne tokko naaf barreeffame. "Wanti hundinuu fedha rabbii waan ta'eef jajjabaadhu siin jechuu malee waanan siin jedhu hin qabu" kan jedhu ture. Yeroon bilbilicha deebisee bilbiluuf hiriyaa Haadha Marsii kan guyyoota muraasa dura naaf bilbiltee turte sana. Yeroon isaa yeroo nuti qormaata xummura samisteeraa qoramaa jirru ture. Haati Marsiis balaa uumame kanaan akka boqotte gaafan Kilinika sana jiru hiriyoota kootti himteetti. Hiriyootni koos akkan na'ee yaalamaa jiru itti himaniiru. "Sirni Awwaalcha ishee gaggeeffameera" naan jette. Osoon hin beekiin imimmaan fuula koo balleesse. Boo'ee hirmii baafachuu malee awwaalcha ishee hin qaqqabne. Jaalalli keenya kan waggaa lakkoofsisuuf guyyootni qubaan lakkaa'aman hafan; guyyaa tokkotti duuti wal irraa addaan nu baaste. Xummurameera Turtii keessaniif galatoomaa🙏
✍Olbaanaa Caalaa Hirphasaati. Harar, Oromiyaa irraa!
Share 👉@golaorobook Share 👉@golaorobook
Show all...
👍 1
#HAADHA_MARSII_KUTAA_17FFAA Birbirsa Gooroo akkuman ga'een wal arganne. Sa'aatiin kun sa'aatii laaqanaa ture. Ani laaqana manaa nyaadheen ba'e. "Koottu deemnee wajjiin laaqana nyaanna" yoo jettu diduun natti ulfaate. Garuu akkan nyaadhe itti himeera. Kaaffee tokko seennee laaqana ajajannee nyaachuu eegalle. Nyaata nyaannee osoo buna dhugaa jirruu ture kan Haati Marsii sababan bilbila koo cufadhee ture sana irra deebitee na gaafatte. Anis jette jedhanii kana baay'ee waan hin jaalanneef akka shakkiitti dubbicha itti himuufin murteesse. Itti fufeen ati Abbaa manaafi mucaa osoo qabduu "hiriyaa iyyuu hin qabu" naan jette kanumatu na aarsee bilbila koon cufadhen jedheeni. Fuulli ishee ni jijjiirame. Dha'annaan onnee ishees dabalee jecha tokko dubbachuuf sagal hafuura baafatti. "Dubbii kana namni sitti himeetu malee waan callistee yaadde miti. Ani garuu dhugaadha ammas ta'ee gara fuulduraatti hiriyaa si malee hin qabu" naan jette. Waanan dhaga'e sanaaf osooman shakkuun amanee fudhachuuf dirqame. Guyyaan isaa Kibxatadha. Mana Haadha Marsiifaa deemaan jira. Yeroon Massaalamaa Bakkee ga'u na eegdee wajjiin mana isaanii deemne. Manni isaanii kanuma dur natti himameefi kanan arge ture. Yeroo mana seennu nuyi malee nama saditu ture. Abbaa Haadha Marsii, Harmee isheefi mucaa sana. Maatii isheen wal nu barsiistee wajjiin osoo teenyee haasofnuu mucaan sun gara koo dhufe. Anis ofitti qabeen haasaa jalqabne. Maqaa kee natti himi jennaan "Hundaa'ol Caalchisaa" naan jedhe. Maqaan haadha kee hoo? Jennaan "Daraartuu Guddataa jedhamti" jedhe. Eessa jiru jedhee yoon gaafadhu Abbaan isaa lubbuun akka hin jirreefi Haati isaa biyya Arabaa akka jirtu natti hime. Xiqqoo hafuurri natti deebi'e. Wanti jedhameefi inni dhugaan isaa garagara. Oolmaan koo gaafasii gammachuu addaa naaf uumus; dubbii namaatiin hamma kana Haadha Marsii cufuu kootti baay'een aare. Wanta hundumaaf iyyuu dhiifama ishee gaafadheen gara manaa akkan deemuu qabu itti hime. "Asuma buli" jennaan dideen galuuf murteesse. Maatii isheettis nagaa dhaammadheen mana isaaniitii ba'e. Hanga Massaalamaatti na gaggeessitee Baajaajii na yaabbachistee deebi'uuf yeroo jettu; suuta jedhee haammadhee ofitti qabeen dhungadhe. Isheenis akkasuma. Jimaata waanan deemuufis Kamisa wal argina jenne. Kamisa sanas wal arginee nagaa walitti dhaammanne. Jimaata bariin ka'een gara Mooraa (Harar) deeme........ #Kutaa_18ffaan_itti_fufa ✍Olbaanaa Caalaa Hirphasaati. Share 👉@golaorobook
Show all...
2👍 1
#HAADHA_MARSII_KUTAA_16FFAA Bilbila irraa kaaseen haasaa keenya itti fufne. Jalqaba irratti maaliif akkan bilbila koo cufadhe na gaafatte. Anis sababa tokko maleen cufadhen jedheeni. Irra deddeebitee na gaafatte. "Sababa quubsaa isaa natti himi malee callistee hin cufanne" naan jette. Hamman danda'u mara dubbadhee amansiisuufin yaale. Garuu na amanuu didde. Wantan dhaga'e kanaan ishee cufuunis natti toluu dide. Ji'oota muraasa keessatti seenaa baay'ee waliin dabarsine. Kanaaf garaa itti jabaachuun natti ulfaate. Wanti ta'e tokko akka na mudatee ture ittin hime. Garuu maal akka ta'e addaan baasee itti hin himne. "Wal arginee haasofnuu?" Jennaan naaf mijachuu hin danda'un jedheeni. Akkan Finfinnee dhiisee gara biyyaa deeme ittin hime. Baay'ee natti aarte. "Dafii deebi'i akkasitti garaa wal dhoksannee wal irraa fagaachuun gaarii miti" jette. Ergan biyyan gale jedhee booda biyya galeen torban lama tureen gara Finfinneettin deebi'e. Hamma kana turuun koos waa'ee ishee hangan danda'e of irraanfachiisuufani. Yeroon Finfinnee ga'u bilbileefiin akkan dhufe itti himnaan "Birbirsa Gooroo bakka hojii koo koottu" naan jette. Anis gara sana deemeen Haadha Marsiin wal arge. Nagaa wal gaafannee xiqqoo erga haasofnee gara Kaaffee tokkoo deemne. Achiis buna dhugnee gara Magganaanyaatti taaksii qabsiisee gaggeesseen biraa gale. Gaafas baay'ee hin haasofne. Baay'ees callisaan ture. Erga mana geessee message'n haasa'uu eegalle. Amalli koo akka jijjiirame natti himte. Eeyyee jijjiiramee jira jedheen dhugaa isaa itti hime. Sababni garuu hin jirun jedheeni. Haaluma kanaan osoo jirruu guyyaan gara Mooraatti deebinu dhiyaachaa waan dhufeef qophii tokko tokkon eegale. Isas itti himnaan "osoo sababa amalli kee jijjiirameef natti hin himiin hin deemtu" jettee adaraa na jala keesse. Guyyaa sababa kana ittin himus beellamannee turre. Sa'aatiin beellama koos waan ga'eef gara Birbirsa Gooroo bakka hojii Haadha Marsii deemaan jira..... #Kutaa_17ffaan_itti_fufa Olbaanaa Caalaa Hirphasaati. Share 👉 @golaorobook
Show all...
👍 1
#HAADHA_MARSII_KUTAA_15FFAA Bakkee ga'een akkuman taaksii irraa bu'een Baajaajii kan gara Hoteela Salamoonitti deemtu qabachuuf qajeele. Fuuldura Baankii Daldalaa osoon deemaa jiru konkolaataan fe'isaa tokko gara Bataskaana Maaramii Bakkee deemaa jiru na fuuldura qaxxaamuruuf jennaan dhaabadheen dabarse. Osoon dhaabadhee fuuldura koo ilaaluu Haati Marsii Naxalaa ishee haguuggattee Bataskaanaa galaa jirti. Osoon Surprise ishee gochuuf deemuu na arguu hin qabdu jedheen Baankii keessa seenee bakka ATM dhaabadhee ishee ilaaluun jalqabe. Mucaa xiqqoo tokko harka qabatteetu deemti. Deemsa isaanii miilaan itti fufnaan xiqqoo akka fagaataniif dhaabadheen isaan eege. Erga isaan fagaatanii anis isaan booddeen Baajaajii qabadheen deemsa itti fufe. Konkolaachisaa Baajaajii sana wajjiin haasa'aa osoo deemnuu Haadha Marsii fa'itti qaqqabne. Suuta jedhiitii oofi jedheen suuta jedhee Haadha Marsii dhokadheen ilaaluu jalqabe. Mucaan xiqqaan ishee wajjiin deemu sun baay'eema ishee fakkaata. Duubatti deebi'een isa isheen "obbolaa hin qabu" jette sanan yaadadhe. Kana biraan immoo Jaalalleen ishee anuma malee namni biraan akka hin jirren amana. Abbaa Baajaajii sanaan "maal intalli akkas bareeddu kun? Akkasumas Obboleessa ishee wajjiin guutummaatti wal fakkaatun" jedheeni. Innis suuta jedhee hubatee ilaalee "Baay'ee bareedduudha. Haadhaafi Abbaa isheef tokkittiidha. Garuu garuu!" Jedhee haasaa isaa addaan kute. Garuu maal? jennaan. "Warri ishee akka isheen daftee ijoollee godhattuuf dargageessa ollaa isaaniitti heerumsiisanii turan. Yeroo isheen heerumtu mana jireenyaa guddaa ijaaraniifii konkolaataas bitaniif. Isheenis mucaa ilmaa deessee osoo jirtuu Abbaan manaa ishee konkolaataa sanaan miidhame (du'e). Mucaan sunis Abbaa isaa wallaalee hafe" naan jedhe. Nan rifadhe. Akka inni saffisaan oofee mana jireenyaa ishee natti agarsiisun gaafadhe. Innis bira ga'ee gaafa natti agarsiisu manichi hamma Haati Marsii natti himtee oli. Baay'ee guddaadha. Miidhagaadhas. Eessa akkan deemaa jiru ( Bakka dhaabbataa) namichatti hin himnen ture. Kanaaf gara fuulduraatti deemnee Mana Barumsaa Bakkee keessa seenee dhimma tokko xummuradheen ba'a na eegin jedheeni. Innis dhaabbatee na eege. Mana Barumsichaa dhimmi ani xummuradhu tokko illee hin jiru. Garuu dubbii faana balleessuuf jedheen yaada kana maddisiise. Gara isaatti deebi'een gara Massaalamaa Bakkee deemne. Massaalamaa Bakkee dhaabadhee osoon konkolaataa gara Laga Xaafoo deemu eeggadhuun, konkolaataa Dabira Birhaanii gara Buufata konkolaataa Laambarat deemun argadhe. Guyyaa kana nan dhufa waan hin jenneef Haati Marsiis nan eegdu. Hangan Laambarat ga'ee achii gara manaa galutti waan ta'e kana yaaduu malee miirri biraan kan natti dhaga'amu hin turre. Gaafan mana ga'u garuu baay'een aare. Bilbila koos nan cufadhe. Aariin sun ana irraa akka baduufis haasaa biraa dhaabeen hirriba qofaan filadhe. Guyyoota sadiif akkasitti dabarseen gaafa guyyaa 4ffaa Facebook gale. Haati Marsii sarara irra jirti. Nagaa na gaafattee "bilbila kee bani amma siif bilbiluun barbaada" naan jette. Anis bilbila koo baneen naaf bilbilte....... #Kutaa_16ffaan_itti_fufa Olbaanaa Caalaa Hirphasaati. Share 👉@golaorobook Share 👉@golaorobook
Show all...
👍 1
#HAADHA_MARSII_KUTAA_14FFAA Osooma deemnuu Masaraa Mootummaa bira gaafa geenyu hiriyaan koo gurra kootti jedhee wanta ani hin eegne tokko na gaafate. Innis "Qubeellaa gochuuf moo yaaduma nu waamte?" jedhee naasuun dugda na kute. Na rifachiise. Anis xiqqoo itti yaadeen "inni ni qaqqaba garuu ammaaf hariiroo nu gidduu jiru akka hubattaniif maleen" jedheeni. Yaada kootti waliif gallee gara fuulduraatti deemsa keenya itti fufne. Haasa'aa, kolfaa deemna. Hiriyootni koofi kan Haadha Marsii akkuma nama dur wal beekuutti haasa'anii taphatu. Nuyis Hoteelicha geenye tapha keenya itti fufne. Yoo haasaan isa tokko harkaa dhume isa biraatu fida. Hundumtuu qoosaa teenyee osoo taphannuu sa'aatii galgaloofte. Laaqana hoteeluma kanaa nyaanne. Irbaataaf immoo hundumtuu gara manaa galuuf amma waa'ee manaa yaadaa jira. "Lafa oolan irra, lafa bulantu caala" waan jedhamuuf hundumti keenya iyyuu baanee gara manaa galuuf qajeelle. Hiriyootni Haadha Marsii gara Qaallittii deemu. Hiriyaan koo inni tokko achuma Tulluu Daalattii (Kiiloo 4)tti gala. Inni biraan immoo gara Birbirsa Gooroo (piyaassaa) deema. Isaaniin of irraa gaggeessinee anaaf Haati Marsii walqabannee gara Magganaanyaa deemne. Guyyaa addaa akka waliiin dabarsine osoo haasofnuu karaa nu harkaa gabaabbattee wal irraa adda nuu baasuuf jette. Anis konkolaataa Sandaafaa Bakkee deemu ishee yaabbachiiseen gara Qarsaatti deebi'e. Guyyaan sunis dhi'ee halkan ta'ee itti fufnee message'n haasa'uu itti fufne. Safara mana isaanii gaafannaan bakka dhaabbataa tokko yaadaan suura kaastee naaf ibsite. Innis akkas ture. "Sandaafaa Bakkee jechuun magaalaa tokkodha. Garuu bulchiinsa gandaa lama of keessaa qaba. Gandi inni 01 jedhamu Sandaafaadha. 02 jedhamee kan waamamu immoo Bakkeedha. Sandaafaa irraa gara bakkee yeroo baay'ee baajaajiin deddeebi'u. Walitti dhihoodha. Bakkee gaafa geessu baajaajiin bakka Massaalamaa jedhamu kallacha Mana Amantaa Ortodooksii Maariyaamiitti si buusa. Daandiin Asfaaltii qaxxaamuru inni tokko gara mana amantaa, inni biraan immoo Istaadiyeemii magaalichaa isa lammaffaatti nama geessa. Mana keenya dhufuufis bakka dhaabbii Baajaajii irraa baajaajii kan biraa qabatta. Lafa baay'ee dhihoodha. Safarri keenyas Hoteela beekamaa Hoteela Salamoon jedhamu fuuldura kan Dallaan isaa Bilookkeettiin ijaaramee jirudha. Hoteelli Salamoon kun Hoteela baay'ee guddaadha. Qondaaltonni mootummaa illee kireeffatanii keessatti walgahii taa'u. Warreen Adiis yeroo baay'ee Hoteelicha dhaqanii ni bashannanu" jettee kana hundumaa natti himte. Anis tole jedhee yaadatti qabadheen guyyaa tokko akkan achi deemuu qabu itti hime. Isheenis "Gaafa dhufuuf jettu guyyaa lama dursii natti himi naan jette. Garuu waan isheen naan jette irraanfadheen Laga Xaafoo waanan tureef ganama bariin ka'een gara Bakkee deemaan jira. Bakkee ga'ee maaltuakka na mudatu hin beeku. Walumaan ilaalla...... #Kutaa_15ffaan_itti_fufa Olbaanaa Caalaa Hirphasaati. Share 👉@golaorobook
Show all...
👍 1
#HAADHA_MARSII_KUTAA_13FFAA Boolee geenyee bakka bashannanaa tokko teenyee haasa'uu eegalle. Qoosaa garagaraa qoosuu malee gara dubbii ijoo kootti deebi'uun dadhabe. Ni kolfina. Kolfi keenya naannoo sana jeequun isaa hin oolle. Haati Marsii sagalee ishee sanafi ilkaan ishee akka aannanii addaatu sana baastee gaafa kolfitu ani afaan baneen hafa. Har'a dubbii ajaa'ibaa tokko waanan itti himuuf ija guutee ilaaluun sodaadha. Hatee hateen ishee ilaala. Osooman ishee wajjiin kolfuun yaadni koo hatama. Dubbachuuf jedheen arrabni koo hidhama. Inuman rakkadhe. Ufffff Suuta jedheen hafuura dheeraa tokko kan namni gaara guddaa bu'ee ba'e hin baasne tokko baafadhee dubbachuuf jedhe. Haadha Marsii koo jennaan "Ooo Bareedakoo" jettee qalbii na fuute. Baay'ee natti tole. Har'a waan tokko sitti himuuf akka as dhufne ni yaadatta jedheen amana jennnaan "Akkamittin irraanfadha?" Naan jette. Haasaa koo itti fufeen haasa'uu jalqabe. Jireenya keenya gara fuulduraa akkamiin akka wajjiin dabarsuu qabnun itti hime. Gaafan waa'ee kanaa isheetti himu nama gaazexaa dubbisun fakkaadha. Dubbiin toora anaaf galeetu dhufe. Yaada koon suura jireenya keenyaa kaaseen itti agarsiisa. Marsiin keenya gaafa dhalatu akkamitti akka guddisnuufi haala Kamiin barnoota akka inni baratufaan haasa'a. Haati Marsiis yaada kanaan liqimfamteetti. Yaadichatti waliif galuu ishees mataa oliif gadi raasteetu naaf mirkaneessiti. "Karoora ajaa'ibaati" naan jetti. Dhugumaan itti waliigalteetti. Kam akka mari'annee; Kamiin akka dhiisnu osoo hin bariin aduun ifa nuuf laachaa turte dhaabbattee nu eeguu dhiistee dukkanatti nu dabarsuuf qajeelte. Nuyis yaada keenya isa hafe akkuma gaaleetti rarraasnee galuuf karoorfanne. Egaa Haati Marsii gara Sandaafaa Bakkee yoo deemtu, animmoo Qarsaan deeme. Yeroo mana geessu akkuma dur barte naaf bilbiltee "galeera hin yaadda'iin" naan jette. Tole jedheen Message'n wajjiin haasa'uu eegalle. Maal akkan barreessee maal akkan dhiise hin yaadadhu. Hamma harki koo barreessuu dadhabuufi iji koo barreeffama addaan baasuu dadhabuttin barreesse. Ganama gaafan hirribaa ka'u ani ofitti jijjiirameen of arge. Uffata koo hin baafanne akkuman uffadhee ooletti uffadheen bule. Namni "ka'ii rafi!"naan jedhe hin jiru. Soofaa irra akkuman taa'etti of irratti mugeen achuma irra taa'aan bule. Bilbila koo gaafan ilaalu lafa jira. Banuuf jennaan cufaateera. Chaarjesseen yeroon banu halkan Haadha Marsii wajjiin isa haasa'aa turre "Nagaatti" hin jenneen ture. Garuu "Hariiroo jaalala keenyaa kana hiriyoota keenya osoo beeksifnee maal sitti fakkaata?" Jennaan "baay'ee natti tola" jettee turte. Kan biraas "Yoomiin nuuf haa ta'u?" Kan jedhu message'n biraa jira. Anis isa halkan hin deebisiiifin ture dhiifama gaafadheen guyyaa isheef mijachuu danda'utti hiriyootni koo argamuu akka danda'an ittin hime. "Tole" jettee hiriyoota keenya wajjiin wal beellamne. Guyyaan isaa Sambata xiqqaadha. Ana, Haadha Marsiifi hiriyoota keenya nama ja'a taanee bakka dur beeknu tokko Hoteela Sharaattan deemaa jirra. Naannoo Masaraa Mootummaa geenyeerra........ #Kutaa_14ffaan_itti_fufa Olbaanaa Caalaa Hirphasaati. Share 👉@golaorobook Share 👉@golaorobook
Show all...
👍 1
#HAADHA_MARSII_KUTAA_12FFAA Haati Marsii qaxxisaa gara namoota sanaa deemte. Hundumtuu gaafa isheen gara isaaniitti deemtu faana miila ishee irraa kaasee hanga rifeensa mataa isheetti ilaala. Waa'ee ishee baay'een dhiphadhe. Isaan bira geessee nagaa isaan gaafachuuf isa tokkotti harka hiixannaan jalaa callise. Anis dubbiin kun waa'ee kootiin wal qabachuu hin ooltu jedheen shakkuu jalqabe. Bakkuma dhaabbatanii jiranitti xiqqoo haasa'anii gara koo dhuftee, "Dubbiin isaanii cimaa fakkaata xiqqoo achi fagaadhu booda siifin bilbila" naan jette. Anis tole jedheen taaksii qabadhee gara Buufata konkolaataa (Awutoobis-tara)n deeme. Turtii sa'aatii lamaa booda naaf bilbilte. "Koottu amma dubbichi xummurameera" naan jette. Tole jedheen gara Birbirsa Goorootti deebi'e. Achumaan laaqana nyaachuuf jennee gara Hoteela tokko seenne. "Dubbiitu dubbii dhalcha" akkuma jedhan sana dudubbii jalqabne. Maaliif akkas akka ishee barbaadanis nan gaafadhe. Isheenis "kan isaan akkasitti na barbaadaniif inni guddaan hariiroo anaafi si gidduu jiru baruufi. Inni biraan immoo kaleessa eessa akka turreefi waa'ee namicha Istaafii koo sanaati" jette. Anis "waa'ee namicha Istaafii kee isa kam?" Jedheen deebiseefi. Haati Marsiis deebistee; "Isuma yeroo baay'ee nu hordofu sana" naan jette. Waa'een namichaas dafee naaf dhufe. Deebiin kee hoo akkam turen jedheeni. Isheenis "Anaafi ati akka hiriyoota taane (wal jaalanne) dhugaa isaan itti hime. Namicha sanaan immoo akka nuyi tokko ta'uu hin dandeenye deebii dhumaan deebiseefi" jette. Deebii isheetti baay'een gammade. Yaada koon baay'een fagaadhe. Message kaleessa galgala naaf barreeffame sanatu dura koo ijaajja. Isa namichi sun "Umurii kanatti hariiroon biraa sin hin fayyadu" jedhe sunis gaaffii natti ta'a. Kunis dhimma mataa isaati jedheen gara yaada koo dhaggeeffachuutti deebi'e. Osooman yaada koo isa bor qabeenyaa warra Haadha Marsii fuudhee kan koo godhu, isa barnoota na dhorkee teessisee na nyaachisuuf jiru, Isa yeroo gabaabaa keesatti Abbaa Ilmaa na taasisuuf jiru, isa waggoota muraasa booda Mucaa koofi haadha mucaa koo harka na qabachiisee na deemsisu sana keessaa ba'een nyaata nuuf dhiyaate sana nyaachuu eegalle. Miira gammachuu tokkoon sagalee koo olkaaseen ati har'a deebii baay'ee babbareedaa deebisaa oolten jedheeni. Isheenis "kun isa xiqqaadha. Deebiiwan kanaa olii immoo anaaf ati gara fuulduratti tokko taanee deebisuu qabna" naan jette. Hoteela sanaa baanee ani gara Qarsaa deemuuf, Haati Marsii immoo gara hojiitti deebi'uufi. Kanaaf nagaa walitti dhaammannee guyyaa biraa akka wal arginu walitti himnee wal biraa deemne. Guyyaa kana irraa kaasee garuu abjuun ishee qofaan arga. Sagalee isheetiinan bohaara. Bilbilli koo yoo iyyite kan bilbilu marti Haadha Marsii natti fakkaata. Ijoolleen yoo boosse immoo waan Marsiin koo boo'aa jiru natti fakkaata. Ajandaan koo marti waa'ee kanaa waan ta'eef karoora koo toora galchee barreesseen guyyaa tokko akka wajjiin dubbisnuuf beellama ofii kootiin qabadheen akka isheen irratti argamtuuf ishee affeere. Guyyaa beellama ishee kabajjee Haati Marsii dhuftee kunoo amma Boolee deemaa jirra......... #Kutaa_13ffaan_itti_fufa
✍️ Olbaanaa Caalaa Hirphasaati. ✍️
Share 👉 @golaorobook
Show all...
👍 2👏 1