cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Gola Oromootaa Official Channel

Gola Oromootaa Official keessatti Kitaabota xiinsammuu, Walaloo, Asoosamoota, Seenaawan gaggabaaboofi Haasawan Onnachiisoo hedduu argattu. Yaada keessaniif ✍️ @Traveller_1022 January 27, 2023

Show more
Finland2 753The language is not specifiedBooks12 844
Advertising posts
1 152
Subscribers
+424 hours
+147 days
+6030 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

#KUTAA_5FFAA_NAMAAREE_ANI? Yakkaa ajjeechan himatamte waggaa 31 fi ji'aa 6 itti murtaa'e mana sireessa magaala shambuu seentetti addee Adaanech. Ergaa haati warra obboo Talilaa addee Bilisee boqotte gammachuun gara mana obboo Talilaa amma waan seene fakkaata. Beekan dhukkuba isaa fooyya'e hoospitaalaa irraa gara doormiitti deebi'era. Qormaata jala darbee hunda deeme sirreeffachu akka qabu hunda Ebbisaa waliin mari'ate. Akkuma mari'atanin deemani sirreessaniif. Gara Biyyaatti deebi'uf ijoollen hundu qophii irra jiru. Yeroon isaa Birraa waan ta'eef qotee bulaan hundu yeroo mi'aa qonnaa isaa qopheeffate lafa qotuu jalqabeedha. Obboo Talilaanis isaan kessaa tokkodha. Guyyaan har'aa Dilbaata waan ta'eef Obboo Talilaan ijoolle isaa qabate gara mana amantatti deema jira. Utuu gara mana amanta deema jiru wanta tokko sammuu isaatti yaada deema. Inni sammuu isaa kessatti yaada haa deemu malee garuu qofa haasa'a deema jira. Yaadni isaa kun gaaffi namoota hunda fi hundi keenya of gaaffachu kan qabnudha. Yaadni isaas akkana ture. "Jireenyi nuti biyyaa lafa irraa jiraannu guyyaan ishii muraasa maalif kan gammachufi yaaddo malee barabaraan jiraanu kan waaqarra of jala balleessina? Maalif walii walii keenyaf hammeenya garaa keenyatti qabanne gara mana amanta deemna? Amanta muslima, kiristiyaana, waaqeffata fi amanta hundi akkana jedha" jechuun qofa haasa'a deema. "Akkuma beekamu jalqaba waaqayyoo nama isaa jalqaba adaam gaafa umuu akka bifaa isaatti umee. Hojiin keenya isaa fakkaanna? Asoosamni kun mataa-dureen isaa #NAMAAREE ANI? kan jedhameefis kanaafi. Hammeenya😱, hinaaffa🤦‍♂, jal'inaa🙈, dhiigaa dhangalasuun😏, wal hamachuun, fi kkf kun hundi ilmaa namaaf rabbii hin eyyaamne". 👉Ani namaaree? Nama isaa jalqaba rabbii umee fakkaanna? Hiikaa namumma isaa dhugaa kitaaba amanta fi kitaabile xiin-sammuu hedduu irratti barreffame jira. Deemani dubbisuun ammoo amala namumma kessaa isaa tokko mitiree🙏? Ittii fufaa........#KUTAA_6FFAA_NAMAAREE_ANI? BARREESSAN;FIRAA'OL AMSALU share👉@hawwiidhaan Share👉@hawwiidhaan Share👉@hawwiidhaan
Show all...
👍 4 2👏 2🔥 1
Kabajamoo miseensa channel keenya! Nageenyi badhaadhaa? Egaa akka isin nagaa taatan nan amana. Akkuma isin beektan Channel keessan Gola Oromootaa Official miseensota 1100+ ol qaba. Garuu ammallee akka nuyi eegneefi yaadnetti deemaa hin jiru. Kanaaf namootni isiniif mijaatu liinkii kanaa gadi jiru tuquun boost akka gootan kabajaan isinin gaafadha. 👇👇👇 https://t.me/boost/golaorobook Galatoomaa 🙏🙏 Share @golaorobook
Show all...
Gola Oromootaa Official Channel

Boost this channel to help it unlock additional features.

4👍 1🥰 1
#NAMAAREE ANI?_KUTAA_4FFAA Obboo Talilaan wanta Adaanech daa'ima kanan jecha jirtu akkuma dhaga'een hedduu rifaate. Utaale kutaa ishiin daa'ima kana fudhatte seente seene. Sana booda daa'ima isaa nagaa ta'u akkuma argeen ofitti qabe hammate. Intala keessii ishii yeeyyii ta'ee garuu diidaan gogaa hoolaa uffatte jirtuu Adaanechin mana koo naaf ba'ii jedhe. Adaanech naasuun matuma itti hin dhaga'amne. Isaa dur obboo Talilaadhaan "obboo" jette waamtu har'a garuu maqaa isaan waamte. "Talilaa naa dhaga'ii haadha manakee natu ajjeese" jette. Obboo Talilaan garuu kana booda obsuu dadhabe. Dhaqee morma ishii hudhuuf ittii deeme. Garuu dubbiin akka innii yaade ta'uu diiddee. Ishiin ammoo albee of kessaa baaste kuni kan daa'imaakeef qophoofte turtee. Nattii dhiyaattenan sittaan diraa ittiin jette. Obboo Talilaan daa'mniikoo ani duunan karaa irraatti hafti jedhe gara duduubatti deebi'e. Adaanech jalqaba hojjettu fakkaatte haa seentu iyyuu malee ammaa garuu haaloo ba'achuuf akka dhufte itti himte. Yeroo durii obbolessii Obboo Talilaa obbolessaa Adaanech akkaa ajjeesse ture beekamadha. Adaanech ammoo gumaa obbolessa ishii baasuf akka dhuftes ittii himte. Karoorri Adaanech maati obboo Talilaa hunda fiixudha. Obboo Talilaan ammaa meeshaa tokko illee of harkaa hin qabu. Ta'uus ammaa hedduu sodaatera. Sodaan isaa ani duunan ijoollekoo harkaa ormatti hafti jedhe immimaan ijaa isaa irra cobuu jalqabera. Beekan akkuma kutaa wal'aansa ciimaa seene sa'aati muraasa booda hiriyyaan isaa inni baay'ee jaallattu Ebbisaan seene akka ilaaluf eeyyamameef. Yeroo Ebbisaan seenu Beekan fooyye akka qabu ittii hime. Ta'uus garuu waa'ee haadha Beekan Ebbisaan ittii himuu barbaade. Ittiis himee. Beekanis "anoo beeka" ittin jedhe. Ebbisaan aritiidhaan "enyuu siif hime" jedhe gaaffate. Beekanis dooktarri isaa akka isaaf himee itti hime. Sana booda Ebbisaan Beekanin jajjabesse. Ebbisaan dooktaraan "yoom baana?" jedhe gaaffate. Dooktarri kunis yeroo innii sirritti fayyee deemtu ittiin jedhe. Waluma galattii haalli Beekan irraa jiru gaari akkaa ta'ee ittii himeera. Adaanech utuu Obboo Talilaa doorsisa jirtu. Daa'mni Obboo Talilaa kan Beekan irratti dhalattu kan soore jedhamtu suuta jette message dhaan poolisiif akkaa beeksisteen daqiiqa muraasa booda dhufaani Addee Adaanechin qabatani deeman. Obboo Talilaan hedduu gammade. Ijoolle isaa lamaan ofitti qabe hammate. Maatiin isaa nagaan hafuun hedduu isaa gammachiseera. Beekanis silki dawwaluu akkaa qabu Ebbisaatti hime. Ebbisaanis tolee jedhe gara abbaa isaa Obboo Talilaatti bilbileefi. Obboo Talilaan gammachu ijoolle isaa irratti mucaan isaa ji'aa ol ergaa badee har'aa silkii isaa bilbiluu yeroo argettii gammachuu irratti gammachu dabaleefi. Obboo Talilaanis aritiidhaan bilbilaa kaase ilmaakoo nagaakeeti ittiin jedhe. Beekanis "abbaakiyyaa nagaadha" ittiin jedhe. Jaalalli abbaa fi ilmaa kan ji'aa 1 fi isaa ol wal irraa fagaate ture har'aa akkaa ajaa'ibatti waliin dhandhamacha jiru. #KUTAA_5FFAA_ISAA_ITTI_FUFAA..... Barreessan: Firaa'ol Amsalu Share👉@hawwiidhaan Share👉@hawwiidhaan Share👉@hawwiidhaan
Show all...
🥰 4 3👏 3👍 1
KUTAA 3FFAA #ASOOSAMA_"NAMAREE ANI?" Ebbisaan yeroo hoospitaala ga'eetti wanta inni hin yaadnetu ta'e. Beekan kutaa duraan ciisaa turee hin jiru ture. Ebbisaan hedduu rifaate wanta dubbatuu dhabee. Olif gadii deeme barbaadu yaale garuu hin arganne. Sana booda bakkuma jiruutti gad ofirra taa'e. Daqiiqa muraasa booda dugdaa isaa namni tokko dhufee isaa tuqee. Ebbisaan aritiidhaan gara boodde isaa mil'aate. Yeroo dudubaa isaa ilaalu dooktara beekaniin wal'aana tureedha. Innis ariitiidhaan Beekan essaa akka jiru gaaffate. Garuu dooktarri kun mataa isaa gad buuse baay'ee gaddaa ittiin jedhe. Ebbisaan wantii ta'e isaaf galuu didee. Dooktarrii kunis tasgabba'ii jechuun Ebbisaadhaan tasgabbeessuu yaale. Ebbisaan hiriyya isaa hedduu jaallattu waan  ofbiraa dhabee ittii fakkaate "dooktaar Beekan fayyaa isaadha maalif bakka inni jiruu naaf hin himtu" jechuun immimaan lakku lakkuu buuse. Dooktarri kunis " Ebbisaa tasgabba'ii Beekan kutaa yaali ciimaa seene jira ammaa seente ilaalu hin dandessu booda seenta" jechuun qabee barcuma irraa teessise. Guyyaan har'aa sanbata guddaadha. Adaanechi ganaman kaate ciree qopheesitetti. Akkuma qopheesite xummurteen gara kutaa ciisicha obboo Talilaa deemte akka inni ka'ee ciree nyaatu gaaffatte. Obboo Talilaan garuu Addee Adaanechiin hin nyaadhu jedhe. Isheenis ittii aansite gara kutaa ciisichaa ijoolle deemte. Akkuma kutaa ciisicha ijoollee deemten daa'imaa ishii quuxxisu fudhatte gara kutaa ciisicha ishitti dabarte. Daa'imni kun akka durii iyyuuf Adaanech afaan daa'imaa ukkaamsite waan jirtuuf iyyuu hin dandeenye. Obboo Talilaan hiriba irraa reefu waan kaa'a jiruu fakkaata. Garuu daa'imni kuni maalif akkuma duraan bartee hin iyyineen gaaffi ittii ta'eera. Adaanech akkuma daa'imaa kana fudhatte deemten mucaa kana doorsisu jalqabde. Adaanech "maalif yeroo naa ilaaltu kan ati naa sodaattu? Moo bakka haadhakee deemu barbaadde? Kan booda akka haadhaketti nan ilaaltu yoo ta'e lubbukee fi foonkee walirraa gargar nan baasa" jechuun ija ishee daa'imaa kanatti babaasti. Obboo Talilaatti wantii har'aa kun waa'een daa'imaa isaa gaaffi ittii taanan karaa booro dhaggeffacha ture. Obboo Talilaan hedduu rifaate. Gurra isaa amanu dadhabe. Wanta isheen daa'imaan jecha turte hunda dhaga'e. Nama dhiigaa Bilookoo dhugee faanan jiraacha jiraamo jechuun waa garaa isaatti yaade. Ittii fufa................. Barreessan;# Firaa'ol Amsalu Share 👉@hawwiidhaan 👉@hawwiidhaan 👉@hawwiidhaan
Show all...
5👍 3👏 2
Gola Oromootaa Official keessatti Kitaabota xiinsammuu, Walaloo, Asoosamoota, Seenaawwan gaggabaaboofi Haasawwan Onnachiisoo hedduu argattu. Itti goraa...
Show all...
Kitaabota asoosamaa...
Walaloo...
Kitaabota Xiin-sammuu....
Barreeffamoota oonnachiisoo...
Jechoota beektotaa....
Hunda argachuuf...
Join godhaa
Galatoomaa!🙏🏻😍
#ODAA_BULTUM_KUTAA_1FFAA Guyyaan isaa Sambata xiqqaadha. Koolleejjii Fayyaa Yuunivarsiitii Haramaayaa damee Harar irraa ganamaan kaanee gara magaalaa Ciroo (Yuunivarsiitii Odaa Bultum)tti qajeelle. Deemsa sa'aatii hedduu erga deemnee booda gara galgalaa achi geenye. Yeroo mooraa Yuunivarsiitiichaa fuuldura geenyee konkolaataa keessaa buunu roobni hamaan tokko nu qabate. Gara doormii deemuuf daandii kamtu akka nu geessu hin beeknu. Dhaabbachuuf roobichi hamaadha. Doormiifi balballi bahumsaa baay'ee akka wal irraa fagaatu nutti himameera. Osoo akkanaan jirruu barattoota mooraa kanaa baratan keessaa tokko gara doormii osoo deemuu argannee isa wajjiin gara doormiitti qajeelle. Yeroo doormii bira geenyu immoo kutaa kamitti akka nu ramadan wallaalle. Daqiiqaa muraasa booda garuu Doormitarri dhufee kutaa tokko banee nuuf kenne. Kutaan sun doormii osoo hin taane daree barnootaa fakkaata. Hamma ibsamuu danda'uu olitti guddaadha. Baay'ee bal'aa waan ta'eefis siree saddeet kan nama kudha ja'a (16) qabatu of keessaa qaba. Barattoonni warri duraan walitti dhiyaannu hundi keenya iyyuu bakkuma tokko buufanne. Jireenya doormii keessatti nama afuriin dabarsuu irraa gara nama 16n dabarsuutti guddifanne jechuudha. Siree sisirreeffannee hundi keenya iyyuu gara magaalaa Cirootti baanee Irbaata nyaachuuf karoorfanne. Yeroo nuti mooraa keessaa gara alaatti baanu Poolisoonni Feederaalaa kan mooraa kanaa dur immoo kan Harar nu bira turan keessaa tokko "Mooraan inni kun akka Haramaayaa miti. Sa'aatii 12:30 taanaan namni kam iyyuu ol seenuu hin danda'u waan ta'eef dafaatii dhimma keessan xummuradhaa ol deebi'aa" nuun jedhe. Nuyis seera isaanii kabajuuf dhimma keenya dafnee xummurannee deebine. Gaafas hundumtuu karaa irra waan oolleef dadhabnee dafnee rafne. Halkan sun bari'ee ganamaan kaanee gara handhuura magaalaatti deemaa jirra. Osoon bilbila haasa'aa jiruu hiriyootni koo baajaajii seenanii bakki na jalaa dhume. Anis baajaajii kan biraa eeggadheen ittiin deemaa jira. Yeroon bilbila haasa'u konkolaachisichaan baajaajii sun hubateetu na ilaala. Anumaaf isa qofaatu Baajaajicha keessa jira. "Namichi kun maal yaadee?" Jedheen keessa kootti of gaafachaan deema. Saffisni baajaajiichas baay'ee miti. Suuta jedheetu oofa.... #Kutaa_2ffaan_itti_fufa
Olbaanaa Caalaa Hirphasaati.
Share 👉🏿@golaorobook Share 👉🏿@golaorobook
Show all...
4👍 3👏 2🥰 1
Asoosama #Odaa_ Bultum_ kutaa_2ffaa #LOADING Share @golaorobook
Show all...
4👍 2
Kamtu dursa haa dhiyaatuu? public poll Asoosama ▫️ 0% Walaloo ▫️ 0% Qoosaa ▫️ 0% Haasaawan Onnachiisoo ▫️ 0% Kuusaa kitaabotaa ▫️ 0% 👥 Nobody voted so far.
Show all...
3🥰 1
Asoosama
Walaloo
Qoosaa
Haasaawan Onnachiisoo
Kuusaa kitaabotaa
Itti haa fufu👍 public poll Eeyyee 👍 Lakki 👎 ▫️ 0% Lakki 👎 ▫️ 0% 👥 Nobody voted so far.
Show all...
Eeyyee 👍 Lakki 👎
Lakki 👎
Asoosama haaraa
Show all...