cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Dhaloota dhugaa

Karaa sarara channel kanaa: ◇Jechoota gorsaaf oolan, ◇Barreeffamoota bashannansiisoo, ◇Jechoota onnachiisoo fi ilaalcha gaarii nama keessatti uumaan argachuu dandeessu!

Show more
Finland2 095The language is not specifiedEducation47 878
Advertising posts
2 054
Subscribers
-124 hours
-137 days
-2230 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

👉Namoonni mul'ata lubbuu qabu of jalaa ajjeessan,kan kee isa lubbuu qabu kan isaanii godhachuu barbaadu isa du'aa siif kennanii. 👉Maallaqa buufachuu caala nama buufachuun hin caala. https://t.me/+LRcKMB9yEK4xZGZk
Show all...
Dhaloota dhugaa

Karaa sarara channel kanaa: ◇Jechoota gorsaaf oolan, ◇Barreeffamoota bashannansiisoo, ◇Jechoota onnachiisoo fi ilaalcha gaarii nama keessatti uumaan argachuu dandeessu!

👍 2
Hasbarruuwwan Gorsaaf Oolan Kutaa 40ffaa👇👇👇👇 👉Jireenyi kee inni alaa calaqqee jireenya kee isa keessaati. 👉Hammamuu barattus amantii keen ala jiraachuu hindandeessuu. 👉Nama kufaatiif dhalate akka taate kan amantu taanaan yoomuu jireenya moo'ichaa jiraachuu hindandeessu. Sababnisaa, waanuma amante jiraatta. Waan hinamanne immoo jiraachuu hindandeessu. 👉Gabaabaatti, waan amantu taata, waan amantu hojjetta, waan amantus argattas! (Eebbisaa Baayisaa, Guddinni Akkana 2023) 💪Ani Gammadaa Milkaa'ina Koofi Namootaati 👉@Hamboon1ffaadha 👉@HamboofAroon1 👉https://t.me/+9YykVd0mkl5jYjVk
Show all...
Humna Jijjiiramaa

You’ve been invited to join this group on Telegram.

ILAALCHI WAAN HUNDUMAADHA /Attitude Is Everything/ Ilaalcha jechuun akkaataa sammuun keenya wanta tokko itti hubatu jechuudha. Ilaalchi jireenya dhala namaaf murteessaadha.Ilaalcha ati qabdutu si jiraachisa yookiin immoo si ajjeesa. Ilaalchi gaariin hundee milkaa'inaati.Qabsoo jireenya injifachuuf ilaalcha gaarii qabaachuun murteessaa dha Ilaalchi gaariin firii garii namaaf laata ilaalcha gaarii qabaadhu! Ilaalchi gaariin mataa ofii irraa eegala.Namni ofii isaaf ilaalcha gaarii hin qabne namaafis ilaalcha gaarii qabaachuu hin danad'u. akkasumas, namonni ilaalcha gaarii isaaf hin qabaatani.Kanaafuu ilaalcha gaarii qabaachuun wanta hunda dursa. Kabaja eenyummaa keenyaa yoo nuti dabarsinee kennine malee namoonni nu duraa fudhachuu hin danda'an.Ofii kee kabaji.Namni kabajamuufis ta'e kabajuuf ulaagaan barbaachisu namummaa qofa.Garaagarummaan keenya inni guddaan garaagarummaa ilaalchaati. Yaadni keenya haala keenya geggeessa.Yoo waan tokko hojjechuu nan danda'a jettee yaadde, sana booda ni dandeessa.Yoo hin danda'u jettee yaadde, sana booda hin dandeessu. Karaa kamiinuu ilaalchi kee bu'aa kee irratti dhiibbaa waan qabuuf sirrii dha.Ilaalchi kee calaqqee sammuuti.Calaqqee ifaa bakka negetiivii hin fayyadamin. "Hin danda'u" jechuu mannaa "nan danda'a" jechuu qabda. Achiis, yeroo foddaan kee qulqulluu taʼu, dhumarratti addunyaan kun wantoota gaarii taʼaniin akka guutamte hubachuu dandeessa. Yaadni gaariin milkaa'ina hawwataBu’uuraan nuti maagneetii namaati. Waan gaariifi bu'aa gaarii yoo yaadne milkaa'inni itti aanee jiraata. Waan yaadnu taana.Mul'achuun ogummaa ijoollummaa irraa barannudha. Dubbistoonni fiilmii sammuu sammuu isaanii keessatti akka uumaan jajjabeeffamu, boqonnaa tokkoon tokkoon isaanii gara galma dhumaa galmaan gahuu barbaadanitti harkisa. Waan fedhe hojjedhu.Waan barbaadde argachuuf waan barbaachisu hunda gochuuf fedhii qabaachuu kana. Kanaafuu waadaa kana ofiif gali.Barumsa rakkoo keessa jiru barbaadi Waan gadhee irratti xiyyeeffachuu ykn rakkoo sana keessaa barumsa argachuu dandeessa. Yeroo baayyee "rakkoon" rakkoo dhugaa illee miti. Kufaatiin wantoonni xixiqqoofi gaariin yeroo raawwataman galateeffachuu akka qabnu nu barsiisa. Nagsuun ykn komachuun nama dhaggeeffatu hin gargaaru si hin gargaaru. Kanaa mannaa wanta gaarii taʼe irratti xiyyeeffadhu.Komii gochuun haala jiru fooyyessuuf tarkaanfii barbaachisaa ta’e akka hin fudhanne qofa yaada keessan kan jeequdha. Waan sodaattu irraa fagaachuunis bu’aa badaa fiduu danda’a.Ofitti qabachuun ofitti amanamummaa kee gadi buusa, humna akka hin qabneefi akka mufattu sitti dhagahama. Haalawwan ulfaataa taʼan irraa fagaachuudhaan milkaaʼina kee akka miidhu hubadhu. @Hiikaayaadaa
Show all...
👍 4 1
◇INNI ATI TA'UU QABDU SUN SUMA KEESSA JIRA. Sisay Yadessa https://t.me/+LRcKMB9yEK4xZGZk
Show all...
Dhaloota dhugaa

Karaa sarara channel kanaa: ◇Jechoota gorsaaf oolan, ◇Barreeffamoota bashannansiisoo, ◇Jechoota onnachiisoo fi ilaalcha gaarii nama keessatti uumaan argachuu dandeessu!

Repost from Barruu Beektotaa
Kutaa 74ffaa 👉Waan lubbuu hin qabneef lubbuu kee hin dhabiin 💔 Kennaa guddaa Waaqayyo jireenya dhala namaatiif kenne lubbuudha. 🙌Lafa lubbuun hin jirree tti qabeenyi jiru gatii hin qabu. 💔 Namni lubbuun jiru dheebuu hafuuraa fi foonii qaba. ◇Waaqayyo jireenya dhala namaatti kennee akka inni kunuunsuuf kan inni irraa eeggatu maallaqa, beekumsa,ogummaafi qaroomina barichaa miti" lubbuu"dha. 💔Hawwii guddaan Waaqayyo jireenya dhala namaa irraa hawwu yoo jiraate eeggannaa nuti "lubbuu" keenyaaf goonu dha. ◇Namni baayyeen garuu waan lubbuu hin qabneef lubbuu isaa waaan miidhu hojjechaa oola. 💔Lubbuu isaa badiisaaf qopheessuu qofa osoo hin taane "lubbuu" obboleessa isaa isa Waaqayyo oolchuuf gatii guddaa baasee illee lafa irraa balleessaa oola. 💔Waantota lubbuu hin qabne garuu nuti argachuuf yookiin namni biroo argachuuf lubbuu nama biraa irratti murteessu keessaa muraasa yoo ilaalle. 1)Maallaqa argachuu. Maallaqni lubbuu hin qabu. Gurra hin qabu. Qaroo hin qabu. Garuu immoo qaroo baayyee,lubbuu baayyee fi gurra baayyee balleessee jira. 💔Namni baayyeen kan inni jireenya hafuuraatti du'eef dheebuu maallaqa ti. 👉Waan isin hubachuu qabdan maallaqni hin barbaachisu jechaa hin jiru,ana caalaatti maallaqni ilma namaaf barbaachisaadha jedhee namni yaadu jira natti hin fakkaatu. Garuu yaanni koo inni ijoon;dheebuun keenya foonii kan hafuuraa irraa yoo caale lubbuu keenya ajjeessaa jira waan ta'eef of eeggannaan deddeebi'uun baayyee murteessaadha. 💔Lafa dheebuun maallaqaa hamaan jirutti lubbuun nyaata isheef barbaachisu yeroo dhabdu baayyee miidhamti. Kana jechuun immoo waan lubbuu hin qabneef lubbuu keenya Waaqayyo kennaa godhe nutti kenne dhabuu keenya mullisuudha. 💔kutaan kun qorumsa addunyaa qabeenyaatiin yaadni keenya hihhiramuu fi dogoggorfamuu irra, kaayyoo fi gatii dhugaa jireenya dhala namaa adda durummaan akka qabaannu nu kakaasa jedheen yaada. 👉Kaayyoon dhugaan jiraachuu dhala namaa bu’aa qaamaa qofa osoo hin taane, soorataa fi eegumsa lubbuu namaati. Kanaafuu lubbuu dhabaaf jettee "Lubbuu" kee hin dhabiin. 👉Lubbuun kee jireenya keeti. Sisay Yadessa Channel kiyya argachuuf:https://t.me/+LRcKMB9yEK4xZGZk
Show all...
Dhaloota dhugaa

Karaa sarara channel kanaa: ◇Jechoota gorsaaf oolan, ◇Barreeffamoota bashannansiisoo, ◇Jechoota onnachiisoo fi ilaalcha gaarii nama keessatti uumaan argachuu dandeessu!

1
First Download v8a Good For New phones having latest CPU architecture, if v8a not install then download v7a, both app same features only your phone CPU architecture support is different!
Show all...
Akkuma nyaanni foon keenya irraa waantota baayyee ittisu, nyaanni sammuu keenya waantota baayyee ittisa. Kanaaf nyaata sammuu keef ta'u argachuuf channalii kana join godhachuun sammuukeef soorata taasisi. 🤜🤛👇🤜🤛
Show all...
Soorata sammuu
Leenjii walitti fufaa
Soorata fooniif
JOIN