cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Barruu Beektotaa

• Dubbiilee hayyootaa • Gorsaa fi Xinsammuu • Ergaalee kitaabaa • Seenaa beektotaa irraa waliin ilaalla Join Us https://t.me/Bilchina_Sammuu Comment Us @Guluma_Hailu0912 Bilchina sammuu https://t.me/gulehas

Show more
Finland1 091The language is not specifiedEducation24 178
Advertising posts
5 482
Subscribers
-924 hours
-147 days
-2530 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Of gaggeessuu (Self leadership) Jireenya keessatti gaggeessuummaan gosa hedduu jira. Kanneen keessaa isa tokko kan tahe of gaggeessuu dha. Kun ammoo gosoota gaggeesummaa keessaa ulfaata kan tahedha. Ogeeyyiin gaggeesummaa hedduunis of gaggeessuu akka tahe ibsu. Of gaggeessuun imaammata mataa ofii dandahe qaba. Isaan kana gabbiffachuun ammoo dandeetti of gaggeessuu ni dabalu. Isaanis: 1. Of beekuu/ self awareness/ Inni kun akka nama dhunfaatti sonawwan jireenya ofi beekuu, ciiminaa fi dadhabina ofii beekuu, of madaalaa deemuu fi namoota irraa dubdeebbii fudhachaa deemuu of keessatti qabate. 2. Of hoggannuu/ self management/ inni kun ammoo dandeetti yeroo ofii bulchuu fi miira ofi bulchuu of keessatti qabata. Kana guddisuuf ammoo akka toftaatti kan nu fayyadan: waan gaarii ofitti himu/positive self talk/, hiriyaa irraa dubdeebbii fudhachuu, waan tahu barbaadnu fakkiin kaa'uu/ visual board/ qabaachuu fa'adha. 3. Of sissi'eessuu/ self motivation/ Si'aa'iinaaf wanti barbaachisaan tokko fi guddaan galma ofii beekuudha. Si'aa'iinni= Galma + Humna(energy)+ Xiqqaa irraa eegalani hojjachuu dha. 4. Of guddisuu ykn of barsisuu / self development/: akka nama of gaggeessuu tokkotti guyyuu dubbisuu, leenjii adda addaa fudhachuu fi namoota nu gorsan yookiin mentor godhachu barbaachisa. 5. Of gamaagamuu/ self reflection/: guyyuu waan keessa ole of gaafachuu fi ciiminaa fi laafina keenya adda baasaa deemuu fi jireenyi keenya haala kamiin akka deemaa jiru beekuu barbaachisa. Akka waliin galaatti dandeetti #of_gaggeessuu kana guddisuuf #tooftaaleen fayyadan 1. Muldhata fi galma ofi haala SMART tahen kaayyachuu 2. Yeroo keenya #matrix_of urgent and important fayydamuun sirnaan hoggannuu 3. Bilchina mirraa ofii guddisuu 4. Nama hardhaa irra dhaabbatani boriitti eessa gahu akka deemnuu fi addunyaan garam deemaa jirti beekuu/proactive/ fa'adha. (Mr. Zeenaan kan dhiyaatee irraa barreeffamaatti kan jijjirameedha)
Show all...
Baga Ayyaana Du'aa Ka'uu Iyyasuus Kiristoosiin nagaan isin gahe! Ayyaana gammachuufi jaalalaan guutame akka isiniif ta'u hawwina Ayyaana Gaarii!
Show all...
👍 2
💫✨Yeroon nama kamiifuu yoomiyyuu hin dhaabbatu, carraa argameef yoo of hin qophoofne immoo ni darba. Qormaataa fi qabsoo carraan nutti dhufu fudhachuuf hamilee fi dandeettii nu barbaachisu yeroo dhabne qofa harka kennanna. Yeroo hunda harka kennachuun filannoodha, yeroo nutti dhaga’amutti harka kennachuu dandeenya, garuu lafa keenya irra dhaabbachuun qormaata, sodaa, gadadoo fi qabsoo kaayyoo keenya hordofuun dhufu hunda fudhachuun hamilee, ciminaa fi jabina gaafata. Kanaaf, yaali hamma nama ta'uu barbaaddu ta'utti carraaqqii kee itti fufi. Kufaatiin taatee malee nama akka hin taane yaadadhu. Kufaa jirra kana jechuun yaalaa jirra jechuudha. Kufaatiin waan hin oolledha garuu dhuma miti. 👉Ofii keetti abdii hin kutin haala sitti dhufu kamuu mo'achuuf dandeettii kee irratti amantaa qabaadhu.💫✨ Like 🥰 https://t.me/Bilchina_Sammuu
Show all...
1
Repost from Bilchina sammuu
Waan gochuu barbaaddu beeki, yaada sana jabeessi qabadhu, guyyaa guyyaan waan hojjetamuu qabu hojjedhu, aduun lixxu galma keetti dhiyoodha! Wanti hinoolle;sif hinoolu.sirrayis hinoolu.irra hinoolin.                 👉Kan callisuu kee hin hubanne;dubbiikee hubachuu dhiisuu hin oolu. Callisuun callaa keessa callaa isa caalu gingilchuudha. https://t.me/+XeB7M1P2wmUyNWZk
Show all...
Bilchina sammuu

√√√√√√√ 💌💌💌 √√√√√√ Guddaa yaadi guddaa ta'ii Kaayyoo kee galmaan ga'ii Ofjabeessii ofii keetif cimii Jabaa ta'uu kees ofiif himii Abdii hin kutiin kutaata koo Milkiidhan galta gaf tokkoo √√√√√√√ ❤️💚❤️ √√√√√√√

2👍 1🥰 1
MALA HAALA JIREENYA ITTIIN INJIFATAN❗ •••••••••••••••••••••••••••••••••••••• "Jireenyi yoo qaawa lilmoo sitti ta'e, ati immoo kirrii(fo'aa) ta'ii hulluuqii keessa darbi!" 📍Jireenyi qaawa lilmoo fakkaata. Nama akka fo'aa ta'etu hulluuqee keessa darba. Qabsoo jireenya keessatti salphatti injifannoo gonfachuu hin dandeessu. Injifannoon bu'aa dadhabbii keetiti. Osoo ati hin ifaajin wanti ofiin ifaaja'ee mijatee sitti dhufaa hin jiru. Kanaafuu, teessee wanta mijataa eegachuu qofa osoo hin taane, kaatee waa mijeeffachuus baruu qabda. Rakkinna keessa teessee hin yaadda'in, akkamitti akka furuu qabdu yaadi. 🌍Addunyaan tun addunyaa bira taa'anii yaadda'an osoo hin taane, addunyaa yaada haara uumanii ka'anii keessatti waa yaalaniidha. 🚶Imala sirrii irra jirtuun wanta dhaabbachatti seenuu dadhabde tokko gadi jedhii seenuuf carraqqi.Yoo dadhabde hulluuqii keessa dabri malee hin danda'u jettee teesse hin daawwatin. Taa'anii wanti daawwatan, taa'eetuma nama dawwata. 🗡️Lilmoodhaan namni uffata isaa hodhachuu barbaadu tokko, fo'aa qaawa lilmoo sanaa keessa hulluuksisuu qaba. Qaawwi lilmoo ammoo baayyee qal'aadha. Ta'us uffatni hodhamuudhaaf dirqama fo'aan qaawa lilmoo sanaa keessa hulluuquu qaba. Wal'aansoo jireenyaa salphatti gadi buustee injifattee irra taa'uu hin dandeessu. Ifaajii guddoo si gaafata. Si'a tokkoon kan utaalee ji'a irra qubate jira jechuun soba dubbiti. Injifannoo gonfachuuf dursa dhamatii si gaafata. Ciminaa fi dadhabina keeti addaan baastee beekuu qabda. Waaqa, dhugaa, laphee qulqulluu,hubannaa, oogummaa fi beekumsaan jireenya kee hoogganuu qabda. Yaa gurbaa si haa gorsuu! •Seensumni balbala milka'inaa qaawa xiqqaa qaba. Fuldurri isaa ammoo dirree bal'aadha. 👉Nama malaan qaawaa qal'aa kana keessa hulluuqee dabretu dirree bal'aa kanatti bahee keessa bashannana! Kanaafuu, rakkinoota Qabsoo jireenyaa keessatti si muudataniif furmaata qabaachuu qabda. Daandiin furmaata laakkofsa hin qabu obbolee koo! Yeroo Gaarii‼️ https://t.me/Bilchina_Sammuu
Show all...
Barruu Beektotaa

• Dubbiilee hayyootaa • Gorsaa fi Xinsammuu • Ergaalee kitaabaa • Seenaa beektotaa irraa waliin ilaalla Join Us

https://t.me/Bilchina_Sammuu

Comment Us @Guluma_Hailu0912 Bilchina sammuu

https://t.me/gulehas

1🔥 1🥰 1👏 1
ᴅυввιѕι нαммα ᴅαиᴅєєѕѕєттι ιттι Fαууαᴅαмι!     →→→→↓↓↓↓↓ ◉ ️Nama waan gaarii siif yaadu hamtuu itti hin yaadin! ◉ ️Amala gadhee yoo nama irratti argite gorsuuf yaali malee hamachuuf (komachuuf) hin fiigin! ◉ ️Akkuma iccitiin kee faca'uu jibbitu Iccitii hiriyaan kee sitti himate/tte hin facaasin! Namni iccitiin isaa faca'uu jaallatu waan hin jirreef. ◉ ️Nama tokko gammachiisuuf jettee nama tokko hin boochisin namni boo'uu jaallatu waan hin jirreef. ◉ ️Gaarii hojjachuuf yaali malee hamtuu hojjachuuf of hin cinqin! ◉️ Jaalalleen kee yoo rakkate/tte wajjin rakkadhu malee irraa hin fagaatin! ◉️ Qabeeenya fedhe yoo qabaattes qabeenyaan hin boonin! ◉ ️Firaan booni malee firatti hin boonin! ◉ ️Akkuma yaaddanitti dubbachuu miti itti yaadanii dubbachuun ogummaadha! ◉ ️Oolmaan kee har'aa galma kee boruuf murteessaadha Hin dagatin! ◉ ️Nama  ilkaaniin sitti  kolfu hunda hin amanin! ◉ ️Gariin Nama yeroo ammaa harka mirgaatiin abaaboo siif kennaa harka bitaatiin albee sitti qarataa Ofeeggadhu! ◉ ️Boru jireenya gaarii jiraachuuf har'a waan gaarii raawwadhu! ◉ ️Hanga nama jaallattu beekta malee hanga namni si jaallatu hin beektu gonkumaa ebelu Akka gaariitti na jaallata/tti hin jedhin!
Show all...
Ilaalcha keenyaaf itti gaafatamaan nudha. (we are responsible for our attitude.) Kaayyoofi mul’ata keenya milkeessuuf haalota komachuufi qaama biraa irraa waa eeguun gonkumaa hin barbaachisu. Jireenyi dhala namaa wantoota ajaa’ibsiisoo, gaddisiisoo, ulfaatoofi rakkisoo ta’aniin kan guutamedha. Wantoota kanneen guutummaan guututti dhabamsiisuun yoo dadhabames, ilaalcha keenya jijjiiruun wantoota kanneen irra tarkaanfannee galma yaadne gahuu dandeenya. Fakkeenyaaf bubbee cimaan danbalii galaanaa waliin rukutu yoo uumame. 1.Namni ilaalcha gadhee qabu waa’ee bubbee qofa haasa’uun yaaddoon of weerara. 2.Namni ilaalcha gaarii qabu immoo bubbeen darbee akka ce’uun danda’amu abdiin eega. 3.Gaggeessaan (leader) immoo doonii isaa akka humna bubbee sana irra tarkaanfatee ce’utti sirreeffachuun deemsa isaa itti fufa. Kun hunduu kan ta’eef haala tokkoof ilaalcha namoonni qaban irraa madda. Anis ta’ee atis ilaalcha amma qabnu kana akka qabaannuuf darbees tursiifachuuffis ta’ee jijjiiruuf aangoo kan qabu tokkoon tokkoon keenyadha. Jireenya keenya keessatti milkaa’inaafi wantoota ajaa’ibsiisoo kan dalagnu guyyaa ilaalcha keenyaaf itti gaafatamummaa fudhanne irraa eegalleeti. Ilaalchi gaariin raaceta ittiin galaa milkaa’inaa qopheeffannudha. Addunyaa kana irratti umurii waggaan lakkaawwamu hanga isaa murteeffachuu hin dandeenyu ta’a. Garuu ilaalcha keenya jijjiiruun waggoota jiraannu keessatti wanta barkumee hedduu darbu hojjechuun onneefi sammuu dhalootaa keessa jiraachuun ni danda’ama. Kunis kan ta’u ilaalcha keenya jijjiiruudhaani. Ilaalcha gadhee yoo qabaatte jijjiiri. Ilaalcha gaarii qabdu tikfadhu! https://t.me/Bilchina_Sammuu
Show all...
6👍 3🔥 1
~ Yeroo hunda jireenya keessatti guyya guyyaan filannoo adda addaatu nuuf dhihaata. Dhiibbaa keessaafi alaa baay'eeniis nu mudachuu danda'a. #Carraaqqiin imala jireenya keenyaa kan galma ga'uunii danda'u ykn kan kufuunii danda'u, dhiibbaa keessa keenyaa uumamuun tahuun isaa beekkamaadha. Akkasumatti carraaqqii keenya kan gufachiisuufi kan kuffisuus, humnuma keessa keenya irraa madduudha. Haatahuu malee, dhiibbaan qaama biroorraa (alarraa) nutti dhufu jireenya keenya miidhuu hin qabu jechuudha. Eeyyeen qulqullina jireenya keenyaa kan murteessu dhiibbaalee gara alaafi keessarraa dhufu kanaani jechuudha. ~ Jireenya keenya bifa bareedaa taheen ijaaruuf waggoota dheeraa nutti fudhachuus danda'a nutti fudhachuu dhabuus danda'a. Garuu jireenya ijaaruu caalaa balleessuun baay'ee salphaadha. Carraaqqii waggoota baay'eef godhame obsa dhabuun sekondii tokkoo nu jalaa balleessuu danda'a. Haatahuu malee, jireenya keenya goonkuma kaka'umsaafi miira qofaan sochoosuuf yaaluunn nurra jiraachuu hin qabnu. Yaada yaadamee tokko irratti kaka'umsa akka humna tokkootti fayyadamuun gaariidha, garuu yaada yaadame sana gara fuul-duraatti tarkaanfachiisuun immoo baay'ee murteessaadha. ~ Gocha yaadame sana hunda tarkaanfachiisuuf ejjannoo fudhachuu keenya duraas, bu'aa isaa ilaaluu hin qabnu. Bu'aa argachuu qofaaf bololuun carraaqqii keenya bilaash taasisuudha. Imala jireenyaa keessatti kufaatii guddaan kan nu mudachaa ooluuf sababa bu'aa qofa irratti xiyyeeffannuufi. Maaliif seete, Jireenya keessatti jijjiirama irratti xiyyeeffachuu dhiifnee bu'aarratti yoo xiyyeeffanne, jijjiiramni nuti argachuu dandeenyu hin jiru. Garuu yoo bu'aa dhiifnee jijjiirama irratti xiyyeeffanne immoo yeroo gabaabaa keessatti bu'aa argachuu barbaanne san argachuu dandeenya waan taheef, jijjiirama irratti xiyyeeffachuun(focus) godhuun baay'ee gaariidha jedhu beektoonni!!✍︎ https://t.me/Bilchina_Sammuu
Show all...
👍 6 3🔥 1
#Akkamiin Mindaa kee guddisuu dandeessa? 1. Gatii kee beeki Kaffaltii gaafachuun dura gatiin kee meeqa akka ta'e beeki.  Qorannoo tokko tokko gochuun namoonni biroo muuxannoo kee qaban bakka kee jiran maal hojjechaa akka jiran barbaadi. 2. Mariidhaaf qophaa’i.  Hogganaan kee kaffaltii dabalataa siif kenna jettee hin eegin.  Marii gochuuf qophaa'i, yoo waan barbaadde hin arganne ta'e  jijjiiruuf fedhii qabaadhu. 3. Bu’aa ba’ii kee irratti xiyyeeffadhu. Yeroo kaffaltii kee dabaluudhaaf mari'attu, bu'aa ba'ii kee irratti xiyyeeffadhu.  Maal hojjedhee dhaabbaticha irratti dhiibbaa gaarii uuma? jedhii of gaafadhu. 4. Ofitti amanamummaa qabaadhu. Ofii fi gatii keetti amani.  Yoo ofitti hin amanne namni biraa sitti hin amanuu akkamiin danda'a ree? 5. Itti cichi. Yeroo jalqabaaf gaafattu kaffaltii yoo hin arganne abdii hin kutatin.  Cimtee hojjechuu itti fufi dhumarratti badhaafamta. 6. Obsa qabaadhu. Mindaa kee ol kaasuun yeroo fi carraaqqii gaafata.  Halkan tokkotti ta'a jettee hin eegi. 7. Itti gaafatamummaa fudhachuuf fedhii qabaadhu.  Maallaqa dabalataa argachuu yoo barbaadde, itti gaafatamummaa fudhachuuf fedhii qabaachuu si barbaachisa taʼa.  Kunis guddina sadarkaa gaafachuu, daldala mataa keetii jalqabuu ykn hojii irratti itti gaafatamummaa dabalataa fudhachuu jechuu ta’uu danda’a. 8. Wantoota haaraa barachuuf fedhii qabaadhu.  Addunyaan hojii yeroo hunda jijjiiramaa waan jiruuf, haalota qaxxaamuraa dursitee turuuf waan haaraa barachuuf fedhii qabaachuu qabda. 9. Neetwork Uumuuf fedhii qabaadhu.  Networking waa'ee carraa haaraa baruu fi namoota mindaa kee ol kaasuuf si gargaaruu danda'an waliin wal baruuf karaa gaarii dha. 10. Deebistee kennuudhaaf fedhii qabaadhu.  Yeroo milkaaftu namoota biroof deebistee kennuu hin dagatin.  Kunis nama tokko gorsuu, yeroo kee tola ooltummaadhaan kennuu ykn dhaabbilee tola ooltummaaf arjoomu taʼuu dandaʼa.
Show all...
5👍 3
👍 6