SAIA-Sagantaa Afuuraa Imaanaa Abbootaa(የአባቶች አደራ መንፈሳዊ መርሀግብር )
Open in Telegram
“Iddoo Abboota keetii ijoolleen kee siif dhalataniiru.” (Faar.45:16). Channel ’in kun kan barattoota Yaa’ii Mooraa Yuuniversiitii Hawaasaatti sagantaa Afaa Oromoo (𝙎𝘼𝙄𝘼) ti. 👉 saia.hu.2000et@gmail.com 📳 0934996412 https://youtube.com/@saiatube
Show moreThe country is not specifiedReligion & Spirituality246 666
232
Subscribers
-124 hours
-27 days
+1230 days
Posts Archive
MAQAA ABBAA KAN ILMAA KAN AFUURA QULQULLUU WAAQA TOKKO. AMEEN
" Amma garuu Kristos warra du'an keessaa kaafameera, warra obbaafatan keessaas isatu jalqaba ka'e."
(1 Qorontos 15: 20)
Matiiwwaan waaqayyoo irraa deebi'uun baga ayaana ifaa du'a ka'uumsa goofta keenya Iyesuus kiristoosiin geessan jecha boor ganamaa 2:30tti HARMEE SAIA ayaanicha sababeffachuun waltajjii adda qopheessite waan jirtuuf irraatti haa hirmannuun wamicha keenya kabajati.
MAQAA ABBAA KAN ILMAA KAN AFUURA QULQULLUU WAAQA TOKKO. AMEEN.
#### wamicha SAIA ###
Kabajamtoota matiiwwaan waaqayyoo BAGA JALA BULTII AYAANA DU'AA KA'UUMSAF NAGAAN GEESSAN isinin jecha har'a galgaala sa'aati 11:30 fuldura mooraa guddichatti walitti qabamuun akkuuma kanan dura waliin farfachaa waan deemnuf hundi wal himuun irraatti haa argamnu.
hub. KAN DEEMNU MANA WAAQA WAAN TA'EEF YEROO HAA KABAJNU.
Maqaa Abbaa Ilmaa Afuura Qulqulluu Waaqayyoo Tokko Ameen!
Jaalatamtoota maatii Waaqayyoo ijoollen harmee SAIA bakka jirtanitti nageenyii Waaqayyoo isiniif yaa ta'u.Egaa akkuma beekamu Ayyaana Du'aa ka'uumsaa irratti Faarfannaadhan yuunivarsiitii Hawwaasaa Mooraa Guddaa fuulduratti walitti qabamnee hanga Mana Amantaa Qulqulleetti Sillaaseetti faarfachaa waan deemnuf galgala sa'aatii 11:30 tti hundumti keenya sirritti Wal kakaasun irratti yaa argamnu.
Repost from SAGALEE GAMMACHUU🌤
👑🌿 maariyaam! Maariyaam! Maariyaam ! 👑🌿
Yeroon si galateeffadhu nagaa guutuun qaba
Dadhabus jabeessee kufus na utubee sitoo ol na qaba
Icciitiin kee bal'aa si ibsanis hin dhumu
Maqaan kee dammuma bulee ka'ee haaraa baraaf hin nuffamuu 🙏❣️🙏
🍒“Yaa hiriyyee koo, ati guutummaadhumatti miidhagduu dha, mudaa tokko illee hin qabdu.”
— Wed. 4:7"🍒
✝️ Yaa durbee eebbi,jaalalli, fi araarsummaan kee nurra adda hin ba'in🙏❣️🙏
⛪️Biyya keenya,Amantaa keenya Tewaahidoo,Ummata keenyaa hundumaa hamaa fi hammeenya irraa eegi,tiksi 🙏
🍒Waan gaarii gaarii akka dhageenyu durbeen nu haa gargaartu 🍒
🙏#Yeroo_Gaarii💕🙏
#Dawwaadha🙏
👇👇👇👇👇👇
https://vm.tiktok.com/ZMjD9dJ3c/ #Subscribe_Share_Like👇
https://youtu.be/cwGwxca0vqc
#Join_Share
https://t.me/sagaleegammachuu
#Torban_milkii
✝️ Guyyoota Torbee Dhukkubbiifi hiika isaanii✝️
😇Torbeen dhukkubbii kun torbee gidiraa gooftaa keenya Iyyesuus kiristoos irra qaqqabe itti yaadannuudha. qidiraa gooftaa bara jireenya keenyaa guutuu kan yaadannu yoo ta'es torbee kana garuu addatti kan yaadannu ta'a. sirnoonni heedduun kan itti raawwatan ta'uu isaas torbee itti yaadannuudha. guyyoonni kunis tokko tokkoon akkasitti dhiyaateera.
🎄Wiixata
❤Guyyaan kana hundaa'uu mana kiristaanaa fi Abaaramuu biqiltuu balas kan itti raawwateedha. kunis gooftaan keenya gaafa guyyaa hosaa'inaa (sanbata) Bitaaniyaa erga buleen booda ganama isaa Bitaaniyaa yeroo ba'u ni beela'e. sana booda biqiltuu balas baala gooftee jirtu tokko fagoodhaa ilaalee itti gore. garuu baala malee firii irraa argachuu hin dandeenye. kanaafis biqiltuu sana "bara baraan firiin nyaatamu sirraa hin arqamin jedhee abaare!
“Yesus yommus mukichaan, "Homtinuu deebi'ee ija si irraa hin nyaatin bara baraan" jedhe; bartoonni isaas kana jechuu isaa dhaga'an.” Mar. 11:14
❤Hiikaan dubbii kanaas balas kan jedhame mana israa'eel (ቤተ እስራኤል) dha. firii kan jedhames Amantaa fi hojii gaariidha. israa'eel irraa Firii Amantaa barbaadee argachuu hin dandeenye. israa'eel saba waaqayyoo jedhamuu malee namni gaariin si keessaa hin ba'in jedhee abaareen, abaarsa kanaanis namoota gooftaan adda baafateen alatti namni gaariin keessaa dhabame akkas jedhee abaare.
✝️tokkos balas kan jedhame cubbuudha. baalli balas akkuma bal'aa ta'e cubbuun biyya lafaa kun baay'atee (bal'atee) arge. balas yeroo nyaatan ni mi'aa'a takka turee garuu ni hadhaawa. akkasuma cubbuunis ala hojjetan ni mi'aa'a booda garuu nama gaddisiisa. gara balas deeme kan jedhus cubbuu (cubbamaa) waliin oolee garuu immoo cubbuu akka hin hojjenne agarsiisuuf firii irraa hin arganne jedhe.
✝️firiin si irraa hin argamin kan jedhus gidiraa cubbuutiin qabamee kan hafu hin jiraatin jechuudha.
" Anadhaam Harrittiin!"
Abbaa ishee jaalatu jalaa
Sobaan gowwomfamtee
Barootaaf kan rakkatte
Bittaa diinaan qabamtee
Hidhamtee kan turte
Hidhaa cubbuutiin
Kan ati ishee barbaadde
Anadhaam Harrittiin
Gadi of qabummaadhaan
Kan Ati irra bulte
Dugdashee ba'aan dadhabe
Kan Ati boqochiiste
Bakka isheen hidhamte irraa
Kabajaaf kan waamte
Akka hiikanii fidaniif
Bartoota kee kan ergite
Gatii qaalicha sanaan
kan oolchite dhiiga keen
Fannoo irra kan oolteef
Anadhaam harrittiin
Waanan siin baadheef
Kan naaf faarfatame
Waanan sitti amaneef
Mucaa kee kanan jedhame
Aangoo Abbaa Abbaa jechuu
Kan anaaf kennite
Anadhaam harrittiin
Kan ati hiiksiste
Gooftaa koo!.....
Har'as fedhuma kootiin
Hidhaa sanaan qabameera
Mucaa kee jedhamuun koos
Maqaa qofaan ta'eeraa
Jireenyaan si hin beekne
Dubbii kootiin malee
Addunyaaf of kennee
Si'i irraa immoo garagalee
Akkan sitti of kennuuf
Hidhaa cubbuu kutee
Akkan hin salphisneef
Birmadummaa naaf laatte
Kan kee naaf haa ta'u
Barri umurii koo hafe
Ati boqochiisi dugdakoo
Isa ba'aa cubbuun laafe
Lamessa T(Dn)
Eebla 20, 2016 (Hoosa'inaa)
Bulee Horaa
🙏Ayyaana Gaarii🙏
╭══•|❀:✧๑♡๑✧❀|: ══╮
Maqaa Abbaa Ilmaa Afuura Qulqulluu Waaqayyoo Tokko Ameen!
"Ani Gabri'elii dha, fuuIa Waaqayyoo dura kanan dhaabadhu.
(Luqaas 1: 19)
Jaalatamtoota maatii Waaqayyoo ijoollen harmee SAIA bakka jirtanitti nageenyii Waaqayyoo isiniif yaa baay'atu jechaa boru galgala sa'aatii 11:30tti Sagantaan Xoofoo Ergamaa qulqulluu Gabri'eelii waan jiruuf hunda keenya sirritti wal- kakaasne yeroo kabajuun irraatti yaa argmnu.
Iddoon M/A/Qul/Sillaasee galma guddicha.
1 Tas.5:11"Kanaaf akkuma amma gochaa jirtan Wal jajjabeessaa,Wal cimsaas!"
Maqaa Abbaa Ilmaa Afuura Qulqulluu Waaqayyoo Tokko Ameen!
Jaalatamtoota maatiiwwaan Waaqayyoo ijoollen harmee SAIA bakka jirtanitti nageenyii Waaqayyoo isiniif yaa ta'u jechaa boru galgala sa'aatii 11: 30 tti Sagantaan koorsii waggaa 2ffaa fi isa ol kan barattota mooraa guddichaa yuniveersitii Hawaassaa waan jiruuf hundi keenya walyaadachiifne irraatti argaamne haa barannuu
iddoo: M/A/Qul. Sillaase
Maqaa Abbaa Ilmaa Afuura Qulqulluu Waaqayyoo Tokko Ameen!
Mat.7:7"Kadhadhaa isiniif kennama, barbaadaa ni argattu, balbala rukutaa isiniif banama"!
Jaalatamtoota maatii Waaqayyoo ijoollen harmee SAIA bakka jirtanitti nageenyii Waaqayyoo isiniif yaa baay'atu jechaa boru ganama sa'aatii 11:45 tti Sagantaan kadhannaa waan jiruuf hundumti keenya dursinee walkakaasun kadhannaa irratti yaa argamnu.Iddoon Mana Amantaa Qulqulleetti Dubroo Maariyaamitti (Saalita Mihiratiitti).Kophaa deemun waan hin danda'amneef dursinee walkakaasnee gamtaadhan wajjin deemna.
"Gara Qoruumsatti akka hin galleef dammaqaa Kadhadhaa"! Mat.26:41
"Kan kadhattan yoo taatan kadhannaa keessan addaan kutuu dhiisuu hawwaa.Barabaraan kadhachuuf kan hawwitan taanan jireenyi keessan ofiisaa kadhannaa ta'a" ABUNA SHEENODAA
Maqaa Abbaa Ilmaa Afuura Qulqulluu Waaqayyoo Tokko Ameen!
Mat.7:7"Kadhadhaa isiniif kennama, barbaadaa ni argattu, balbala rukutaa isiniif banama"!
Jaalatamtoota maatii Waaqayyoo ijoollen harmee SAIA bakka jirtanitti nageenyii Waaqayyoo isiniif yaa baay'atu jechaa boru ganama sa'aatii 11:45 tti Sagantaan kadhannaa asuma bataskaana Maariyaamiitti waan jiruuf hundumti keenya dursinee walkakaasun kadhannaa irratti yaa argamnu.
Kophaa deemun waan hin danda'amneef dursinee walkakaasnee gamtaadhan wajjin deemna.
"Gara Qoruumsatti akka hin galleef dammaqaa Kadhadhaa"! Mat.26:41
"Kan kadhattan yoo taatan kadhannaa keessan addaan kutuu dhiisuu hawwaa.
Barabaraan kadhachuuf kan hawwitan taanan jireenyi keessan ofiisaa kadhannaa ta'a" ABUNA SHEENODAA
Maatin Harmee SAIA Akkam jiru Nagaa kaassani Baga Kabaja Hudeffaama waggaa 16ffaa nagaan geessani.
Qaaman isinirraa fagaannuus Yaadni keenya isin bira jirraa.
Hundumaanu Baga geessan jedhati naaf dabarsaa!
Ayyaana gaari
Kadhannaa keessanin na yaadadhaa G/Mikaa'eel jedhaati
Jaalatamtoota koo maatin SAIAn guyyaa dhaloota harmee SAIA kabajaa jirtan baga Waaqayyoo nagaaf jaalala isaan nu eegee guyyaa eebbaa kanaan nu gahe; isiniin gahe. Waaqayyo Gooftan Qoruumsa dhufu hundarraa eegee sagantaa keenya cimsee bara baratti nuuf haa ceesisu. Haalonni nuuf mijachuu dhiise foonin/Qaaman/ isin biratti argamuu dhabuu keenyaf dhiifama jechaa yaadan akka isin waliin jirru akka nuuf bartan isin hubachiisun barbaada.Jabaadha, jajjabaadha..ergaa keenyas obbolootan nuuf gaha kanan jedhu Ani Obboleessa keessan eebbifamaa bara 2009..yeroo amma itti aanaa koree eebbifamtoota "TOESAIA" Takkuu Shibbiruu
Finfinneerraa.
Baga geessan. Guyyaa kana baayyee yaada ture Garuu Fageenyarra kan kahe isan biratti argamuu hin dandeenye Jajjabaadhaa 'Roohooboot' isinin jenna. Kana caalaa gana bayyanna ni tajaajilaa akkasumas ni tajaajilamnaas. B/saa Magarsaa Abdiisaa I/G/ Hogbaruu fi Diraamaa baachii bara 2003 Bara Araaraa. Ergaa keenya biraan nuuf gaha
Maqaa Abbaa Ilmaa Afuura Qulqulluu Waaqayyoo Tokko Ameen!
Jaalatamtoota maatiiwwan Waaqayyoo ijoollen harmee SAIA bakka jirtanitti nageenyii Waaqayyoo isiniif yaa ta'u.Akkuma beekamu harmee teenya SAIAn Yaa'ii Afuuraa Guddaa kan Wagggaa guyyaa sadiif Jimaata galgala irraa eegaluun kabajaa jirti.Har'a Ganamaa sa'aatii 2: 30 irraa eegalee Sagantaan waan jiruuf hundumti keenya sirritti Wal kakaasun irratti yaa argamnu.
Sagantaalee jiran:-
Kadhannaa
Faaruu
Barnoota wangeelaa
Gorsa abbootii
Walaloo
Faaruu Baganaa
Diraamaa Afuuraa gulantaa sadaffaa
Iddoon Mana Amantaa Qulqulleetti Sillaasee galma guddicha
Maqaa Abbaa kan ilmaa kan afuuraa qulqulluu waaqa tokkoo Ameen!
Maatii harmee SAIA hundumti keessanu baga hundeeffamaa fi yaa'i addaa waggaa 16ffaan isin gahee jechaa sababa hinbeekkamnef carraa argadhee foonin isin gidduutti argamuu baadhus afuuran isin biran jira. nuu jabaadhaa. Wareegama guddaa kessa dabartanii har'a dhaloota SAIA Kabajaa jiraachuun kessan waan guddaadha. Waqayyoo akkuma nagaan isin Jalqabsiise Nagaan osinaa xummursiisu. Hojiin kessan dhaloota SAIA fuldura dhufu yaa inaafsisu/yaa ifu. Bayyeen isin jaaladha.
👉obbolesaa keesaan Lemma Gudisa
👉shawa kibba lixa irraa
👉abba /gaggeessa SAIA bara 2015
👉Ebbifama bara 2015
❤ayyaana Gaarii
Maqaa Abbaa Ilmaa Afuuraa Qulqulluu Waaqa tokkoo Ameen!!!
Maatii harmee SAIA hundumtii kessanuu akkam jirtu Bagaa yaa'ii waggaa Guddichaa waggaa16ffaan isiinin gahee.
Fageenyaf foonin sinirraa fagannuus Afuuraan siin biraa jirraa nuu jabaadha.
👉Obolessaa keessaanTashee Magaalaa shaggar irraa
Ebbifamaa 2015 fI kutaa Baruumsa SAIA 2015
Maqaa Abbaa Ilmaa Afuura Qulqulluu Waaqayyoo Tokko Ameen!
Jaalatamtoota maatiiwwan Waaqayyoo ijoollen harmee SAIA bakka jirtanitti nageenyii Waaqayyoo isiniif yaa ta'u.Akkuma beekamu harmee teenya SAIAn Yaa'ii Afuuraa Guddaa kan Wagggaa guyyaa sadiif kaleessa galgala irraa eegaluun kabajaa jirti.Har'a galgalas sa'aatii 11: 30 tti Sagantaan waan jiruuf hundumti keenya sirritti Wal kakaasun irratti yaa argamnu.
Sagantaalee jiran:-
Kadhannaa
Faaruu
Barnoota wangeelaa
Walaloo
Faaruu Baganaa
Diraamaa Afuuraa gulantaa sadaffaa
Iddoon Mana Amantaa Qulqulleetti Sillaasee galma guddicha
Maqaa Abbaa Ilmaa Afuura Qulqulluu Waaqayyoo Tokko Ameen!
Jaalatamtoota maatiiwwan Waaqayyoo ijoollen harmee SAIA bakka jirtanitti nageenyii Waaqayyoo isiniif yaa ta'u.Akkuma beekamu harmee teenya SAIAn kaleessa irraa eegaluun Yaa'ii Afuuraa Guddaa kan Wagggaa kabajaa jirti.Maarree har'a ganamas sa'aatii 3:00 tti Sagantaan AGARSIISA FAKKII (suuraa) waan jiruuf kana hubachuun hundumti keenya sirritti Wal kakaasun irratti argamuun yaa barannu.iddoon Mana Amantaa Qulqulleetti Sillaasee galma guddicha
Ebla 11-13/2016
''Nuti walitti qabama keenya hin dhiisnu''
Ibr 10:25.
Yaa'ii afuuraa guddaa SAIA(sagantaa afuuraa imaanaa abbootaa) tiin kan qophaa'e.
Qophiicha irratti :
📌Baruumsa barsiisota affeeramaniin
📌Faaruu
📌Og-barruu fi diraamaa afuurawaa
📌Agarsiisa suuraa (fakkii)
⛪️ M/K/Q/ Sillaseetti
🗓Ebla 11-13/2016
#waliif share gochuun hundumtii keenya irratti haa argamnuu.
telegram/SAIA2000
Maqaa Abbaa kan ilmaa kan afuura qulqulluu waaqa tokko Ameen!!
Maatiin Waaqayyoo ijoolleen Harmee SAIA martinuu akkam jirtu nageenyi waaqayyoo bakka jirtan maratti sin haa gahu jechaa akkuma beekamu harmeen keenya SAIA'n guyyaa borii 11:30 irraa eegalee haga Sanbata guddaatti guyyaa sadiif galma bataskaana Qulqulleettii sillaaseetti yaa'ii waggaa kan walii galaa bara 2016 sababeeffachuun sagantaaleen babbareedoo fi hawwisiisoo ta'an barsiisotaafi faarfaattoota Finfinnee irraa affeeruun ana dhufu nun jetti.
Maarree nu hundumti keenya sagantaalee kana irratti wal kakaasne dammaqinaan haa hirmaannu.
Hub. Ijoollota mooraa TECHNO keessa jirtaniif bus' kan waamamu waan ta'eef bori 11:10 irraa qabnee seensa mooraa irratti wal haa eegnu.
Hafuu mitii barfachuun nurraa hin eegamu
Adaraa abboota keenya haa baanu!
Horaa bulaa!!
