cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Ã𝙧𝙖𝙖𝙧𝙨𝙤 M𝙖𝙝𝙖𝙢𝙢𝙖𝙙 Offical

🌐➨Channel kana irratti 📚➨Barnoota Adda addaa 🔊➨Gorsaa fi Seenalee adda addaa 🎵➨Nashidale adda addaa 🎶 ♻️➨Ni arggattu 🌷JON🌷 godhun https://t.me/araarsom Karaa youtube.com/@araarso6728 https://t.me/gareedawaafib

Show more
Finland3 623The language is not specifiedReligion & Spirituality124 517
Advertising posts
243
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
+230 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Photo unavailableShow in Telegram
Maashaa Allaah Kun masjiida guddicha dhiheenya kana Aljeeriyaatti ijaaramee eebbifameedha. Suuraa kana halkan kaafame. Masjiidni kun Masjiidota qulqulluu lamaan Makkaafi Madiinatti aansee guddinaan sadarkaa 3ffaa yommuu tahu, dheerina minaaraa isaatiin immoo addunyaa irraa isa jalqabaati. © Amar Temam https://t.me/araarsom
Show all...
#Yeroo_meeqa_buusuuf/kattamuuf__? 👇 ✍ Baatii tokkotti....; 👉 yeroo tokko qofa buusuu yoo barbaadde.... salaata shanan booda Fuula afur afur qara'uu qabda.... 👉 Yeroo lama buusuu yoo barbaadde.... salaata shanan booda Fuula saddeet(8) saddeet qara'uu qabda.... 👉 yeroo sadi buusuu yoo barbaadde.... salaata shanan booda Fuula 12 kudha lama lama qara'uu qabda... 👉 yeroo afur buusuu yoo barbaadde.... salaata shanan booda Fuula 16 kudha jaha jaha qara'uu qabda.. 👉 Yeroo Shan buusuu yoo barbaadde.... salaata shanan booda Fuula 20 digdama digdama qara'uu qabda. 👉 Yeroo jaha buusuuf hoo meeqa qara'uu qabda____? Join👇 share https://t.me/araarsom
Show all...
Manzuumaa Raayyaa Abbaa maccaa 37ffaa "Bakkatti hafaan Rabbii" @Abu_Amaar12
Show all...
🛜🛜 Fuul dura kankee Rabbiitu beeka 💎 Obboleeyyan Yuusuf fuul dura isaa harkaa balleysine jechuu yaadan. Garuu Rabbiin fuuldura isaa jaaruuf isaanuma hojjisiise! 🧿🧿🧿🧿🧿🧿🧿🧿🧿🧿🧿🧿 🧲 Wanni tokkolleen waan Rabbiin siif qaddare dhoorkuu hin dandeeysu. Gaarii farrifatuu itti fufi. Rabbi malee namrra waa hin eeggatin, wanti hunduu harka Rabbii jira🗝🗝 🪑 Yoo Rabbiin ol si baase isa malee kan gad si buusu hin jiru🎈🎈🎈🎈🎈 Yaa Rabbi! Eega ol nu fuute gad nu hin deebisin! https://t.me/araarsom
Show all...
Ã𝙧𝙖𝙖𝙧𝙨𝙤 M𝙖𝙝𝙖𝙢𝙢𝙖𝙙 Offical

🌐➨Channel kana irratti 📚➨Barnoota Adda addaa 🔊➨Gorsaa fi Seenalee adda addaa 🎵➨Nashidale adda addaa 🎶 ♻️➨Ni arggattu 🌷JON🌷 godhun

https://t.me/araarsom

Karaa youtube.com/@araarso6728

https://t.me/gareedawaafib

Photo unavailableShow in Telegram
Halkan Ramadaana 27ffaa ture. Cal'iseen gara masjiidaa deeme. Islaamummaa fudhachuuf miti, maaltu akka achi jiru, haaluma bakkichaa ilaaluufan deeme. Muslimoonni salaata tarahwii salaataa turan. Salaata dabalatee yeroo kana maal akka godhan ilaaluuf golee masjiidichaa tokkotti dabeen taa'ee ilaaluu jalqabe. Osoman akkanatti jiruu hiriyaa koo Muslimaa tokkoon wal agarre. Hiriyaan koo kun ofitti na waamtee akkan cinaa isii dhaabbadhu na gaafatte. Tole jedheen dhaabbadhe. Waan ani godhu atis ana faana godhi naan jette, ammas tole jedheen akkuma isin gootu gochuu, salaatun eegale. Akkuman salaatuu eegaleen miirri addaa wayii natti dhaga'amuu jalqabe. Keessi koo gammachuun guutame. Imimmaan koo too'achuun dadhabe. Miirri baay'ee gaariin natti dhaga'ame. Sababni isaas waanin barbaadaa turen argadhe. Haqan faana bu'aa turettan ba'e. Akkuma salaanni xumurameenin shahaadaa qabadhe.  https://t.me/araarsom
Show all...
Gaafii fi Deebii (Fataawaa)  Dr jelyan khadir 1. Gaafii= Dubartiin Ramadaana guutuu soomuuf kheeyrii hundaa irratti hirmaachuuf jecha akka dhiigni Heeydii itti dhufnee dhoowwuuf Marfee fi Kiniinii fayadamuun Dhoorkaa qabaa ?   Deebii =homaa Rakkoo hin qabu. Garuu isheedhaaf ka caalu Aadaa ishee jijjiiruu dhabu. sababa marfee ykn kiniina fudhatte sanaaf yeroo biraa Aadaan isheen dur qabdu jalaa jijjiiramuun ishee yoo ka rakkisu tahe tahee ka isheen miidhaaf saaxilamtuu hin eeyyamamu dhoowwaadha. 2. Gaafii=Ramadaana keessa Namni Tokko Kalee isaa dhiqachuun sooma cabsaa ? Deebii = Beektonni Islaamaa Kalee dhiqachuun sooma ni cabsa. Qadaa deebisuu qaba. 3. G=Ramadaana keessa Buruushaa fi Saamunaa fayyadamuun Ilkaanii fi Afaan ofii qulqulleessun Sooma cabsaa ?   D = hin cabsu  4. Ramadaana keessa Dubartiin mi'aa sooqidda midhaanii dhandhamuun sooma cabsaa ?    D = lakki hin cabsu. Garuu gadi tufuu qabdi 5. Hancuufa ofii gadi liqimsuun  sooma cabsaa?   D = Namni Tokko Afaan fi ilkaanii isaa keessaa Waan nyaata tahe yoo qulqulleeffate hancuufa qulqulluu yoo liqimse Soomni isaa hin cabu.   = hancuufa wajjiin nyaata Afaan keessatti hafe qoqqotee liqimsuu hin qabu. = hancuufa gogaa(Aakkitaa) gadi dabartuu hin qabu   = hancuufa Afaan keessa walitti qabanii liqimsuu hin qaban. 6. G=Ramaana keessa erga Aduun Qixxee Dabartee Suwaaka fayyadamuun Sooma cabsaa ? D = Suwaaka fayyadamuun waan Amantiin itti Ajajuudha hin cabsu 7. Dubartiin Opporeeshinaan deesse takka hukmiin ishee maal taha ?     D = hukmiin (Heerri) ishee hukmima Dubartii Qaama Uumama isheetin Deessee qabdi. 8. Dubartiin Garaan irraa bahe hukmiin isheen qabdu maal ?   D = hukmiin isheen waan Garaa irraa bahe san irratti hundaaya.   Fkn. Wanti garaa bahe sun Likkii Ruuhiin itti Afuufame yoo gahe.  Akkuma Dubartii geessee Deetteeti.   Ykn. Wanti garaa bahe sun waan xiqqaa Ruuhiin itti hin Afuufamni yoo tahe.  Dhiiga san ofirraa dhiqattee soomti salaatti. 9.  Namni tokko Konkolaachisaa Finfinnee irraa Roobee, Jimmaa, Dirree Dawa fi k.k.k.fa'a yoo ka deemu tahe Musaafira jechuun Sooma furuu Danda'aa ?    D =Eeyyan furuu ni danda'a.  Garuu rakkoon dirqama itti taatee furu yoo hin jiraatin Soomutu isaaf irra caala. 10. Hojjattoonni tokko tokko Iddoowwan fi Warshaalee  Aarrii Qaama Namaa seenuu bira hojjatu Aarrii nama seenu sun sooma cabsaa ?   D = lakki hin cabsu 11: Sigaaraan Aarsuun hoo sooma cabsaa ?   D = Sigaaraa Aarsuun Qaama Namaa irratti miidhaa hedduu waan geessuuf Ramadaanaa fi yeroo biroos hin eeyyamamu Haraama.   Sooma namas ni Balleessa. 13. Namni Tokko dhibee kanarraa hin fayyuu Jedhamee Dr itti yoo himame Sooma waan Dandeenneef Kaffaartaa Sooma yoo ofirraa baase.  Boodarratti garuu Yoo Rabbiin isa fayyise Sooma dura hin soomin ka nama nyaachise san qadaa deebisuu qabaa ?   D = Deebisuu hin qabu. Akkuma nama bishaan dhabee Tayammumaan salaatee boodarra bishaan argateeti. A.A    Dr Jeeylaan Khadiir Gammadaa    Rabbiin umrii isaanii nuuf haa dheeressu Warra irraa baratee ittiin fayyadamu nu haa taasisu ┏━━━━━━━━━━━━━┓ ⭕️  ➡️ #SHARE GODHAA! ┗━━━━━━━━━━━━━┛ J‌O‌I‌N‌☟︎︎︎❂✪❂✪❂✪❂✪ https://t.me/araarsom
Show all...
Ã𝙧𝙖𝙖𝙧𝙨𝙤 M𝙖𝙝𝙖𝙢𝙢𝙖𝙙 Offical

🌐➨Channel kana irratti 📚➨Barnoota Adda addaa 🔊➨Gorsaa fi Seenalee adda addaa 🎵➨Nashidale adda addaa 🎶 ♻️➨Ni arggattu 🌷JON🌷 godhun

https://t.me/araarsom

Karaa youtube.com/@araarso6728

https://t.me/gareedawaafib

#Ramadan_Mubarak! Uumaaf uumama mara Rabbiif nama biratti, Baatii sadarkaa isaatiin Gita-n qabne ciratti. Hijraa bara 2ffaa Kan taasifame fardii Hundee arkaana islaamaa Miidhagsaa dirra ardii Qulqulleessituu zambii Badii waggaaf kuufamee Baatii kalaamni Rabbii Qur'aanni itti buufame. Ji’a jennanni banaa Karri ibiddaa cufamu Baatii towbaan araaraaf Gara Rahmaan dhufamu. Halkan-qadrii hammatee Kan nuuf murteessu hiree Baatii tokko nu godhu Akka calleetti diree..... Kan biqiltuun imaanaa Keessa hudhee daraaru Gubaa jahannamaarraa Baatii nama baraaru. Baatii hariiroo gaarii Rabbi woliin ijaaran Ji'a mu'uminaaf milkii Munaafiqni kisaaran Ibaadaa galata isaa Rahmaan ofumaaf dhiise Qulqulleessituu zambii Gabrootasaa ittiin kiise Tolchituu haala namaa Babbareechituu qaamaa Baatii keyrii nagadan Muslimoonni wal saamaa. Fooliin afaan kan keenyaa Nuuf urgaa’ee miskiirra Baatii zikriif ibaadaan Geenyu xurree milkiirra. Toltuun dalagaa tokkoo Dhibba torbaan baayyatee Baatii bor isa furu Kan har’a ol kaayyate. Baatii kan jajjabaate Argatee gatii malu Ulaa jennataa caaltuu Baabul-Rayyaaniin galu. Dallaa namaaf gaachanee Ibiddarraa baraarsu Wabii guyyaa qiyaamaa Rabbiin nama araarsu. Ji’a Keyriif rahmataa Baatii barakaan guute Shahru-Ramadaan kana~Baguma geesse osoo Bira hin darbin duutee. Naanna’ee waggaa ga’ee Akkuma maraa gundoo Nu badhaasuuf baadhatee Galaa gatiinsaa guddoo Bar darbe woliin soomnee Meeqat nu biraa kufee Alhamdulillaah Rabbi Kan nagaan nutti dhufe. Baatii muslimaaf tolee Munaafiqa naasisu Warra itti fayyadamu Rabbi nuhaa taasisu! ✍️... Riyaad Raayyaa https://t.me/araarsom
Show all...
Ã𝙧𝙖𝙖𝙧𝙨𝙤 M𝙖𝙝𝙖𝙢𝙢𝙖𝙙 Offical

🌐➨Channel kana irratti 📚➨Barnoota Adda addaa 🔊➨Gorsa fi Seenalee adda addaa 🎵➨Nashidale adda addaa 🎶 ♻️➨Ni arggattu 🌷JON🌷 godhun

https://t.me/araarsom

Karaa youtube.com/@araarso6728

https://t.me/gareedawaafib

•|🌿 " #همّة_الرجـال ‌ " *"Hawwii fii Cimina Dhiiraa "* • قالَ الشّيخ العَلّامة عَبد السلام بن برجس رَحمه الله : ‏ "‏وأنا أَعرفُ في زمَنِنَا هذا ؛ رجلًا خَصَّصَ وقتَ حفظ المتُون عِندمَا تستَوقِفُه إشارَات المرُور، وهو خارج إلى أشغَالِه!! فَحَفَظَ ‏الواسِطيَّة ، ‏والتَّوحِيد ، ‏والأصُول الثَّلاَثة ، ‏وكَشف الشبهات ، ‏والرحبيَة ،‏ والآجرمِية ‏وغَيرِها! ". ‏ ‌✍️⁩ ‏[ التمنِّي : ( ص٣٣ ) ]📙
Show all...
👍 1 1
⭕️ Bara darbe Ramadaanni gaafa xumuramu dhimmoonni ati itti gaabbitee hedduutu jira. Kanneen keessaa... 🛑 Qur'aana kan ati qaraatee yeroo muraasa ta'uu 🛑 Qaawwa salaata halkanii keessatti qabdu 🛑 Hammi sadaqaa ati kennite xiqqaachuu 🛑 Nama faxarsiifachuu dhabuu 🛑 Waan hayyama hin qabne ilaaluu fi dhaggeeffachuu 🛑 Hariiroo badaa maatii fi hiriyoota waliin qabdu 🛑 Zikrii keessatti dadhabbiina kee 🛑 salaata jama'aan hin raawwatin ta'uu danda'a. 🔻 Kanaafu Rabbiin siif tola oolee Ramadaana kanaan yoo si ga'ee: Ramadaana bara kanaa kan bara darbee irraa akkamiin adda gochuuf karoorfattee jirtaa? Moo yaadni kee Ramadaana ❓❓ wal fakkaatu dabarsuudha.? Ammas yaadaan dagattee jirta yoo taʼe, si dhiisee akka deemu hubadhu.    Rabbiin ittiin nuhaa gahuu  nama keessa kayrii facaafatullee nuhaa godhuu🤲 https://t.me/araarsom
Show all...
Ã𝙧𝙖𝙖𝙧𝙨𝙤 M𝙖𝙝𝙖𝙢𝙢𝙖𝙙 Offical

🌐➨Channel kana irratti 📚➨Barnoota Adda addaa 🔊➨Gorsa fi Seenalee adda addaa 🎵➨Nashidale adda addaa 🎶 ♻️➨Ni arggattu 🌷JON🌷 godhun

https://t.me/araarsom

Karaa youtube.com/@araarso6728

https://t.me/gareedawaafib

2