KUTANNOO
→Kaayyoo kee irratti kutannoo fi murannoo qabaadhu!Channel kanaan, 👉barruuwwan barsiisoo 👉 Ergawwaan hayyootaa(qoutes) 👉Dubbiiwwaan kaka'uumsa (motivational speech) 👉Gorsa(advice) Ni qoodama
Show more3 114Subscribers
+324 hours
+477 days
+23630 days
- Subscribers
- Post coverage
- ER - engagement ratio
Data loading in progress...
Subscriber growth rate
Data loading in progress...
Akkuma nyaanni foon keenya irraa waantota baayyee ittisu, nyaanni sammuu keenya waantota baayyee ittisa. Kanaaf nyaata sammuu keef ta'u argachuuf channalii kana join godhachuun sammuukeef soorata taasisi.
🤜🤛👇🤜🤛
Soorata sammuu
Leenjii walitti fufaa
Soorata fooniif
JOIN
seera bu’uura jireenyaa
❶Kan darbee wajjin nagaa buufadhu akka inni egeree kee hin jeeqneef.
❷Namoonni biroo waa'ee kee wanti yaadan dhimma kee miti.
❸Gammachuu keetiif itti gaafatamaan si qofa.
❹Jireenya kee namoota biroo wajjin wal hin madaalin, wal bira qabuun hattuu gammachuuti.
❺Yeroon waan hunda jechuun ni danda'ama fayyisa. Yeroo itti kenni.
❻Garmalee yaaduu dhiisi.Deebii hunda beekuu dhiisuun homaa miti.
❼Kolfi.Sababni isaa,Abbaan rakkoo addunyaa kanaa si qofa miti.
📧 kutannoo1
🥰 3👍 1
Akkuma nyaanni foon keenya irraa waantota baayyee ittisu, nyaanni sammuu keenya waantota baayyee ittisa. Kanaaf nyaata sammuu keef ta'u argachuuf channalii kana join godhachuun sammuukeef soorata taasisi.
🤜🤛👇🤜🤛
Soorata sammuu
Leenjii walitti fufaa
Soorata fooniif
JOIN
#Fayyaa_Sammuu Fi Gaa'ela
Gaa’elli walta’iinsa hiriyoonni gaa’elaa qormaata jireenyaa waliin ittin qajeelchan yoo ta’u, imala kana keessatti dhimmoonni fayyaa sammuu abbaa warraa fi haadha warraa xiyyeeffannoo argatuu qabu.
Fayyaan sammuu gaa’ela keessatti hiriyoonni gaa’elaa miiraa waliif hubachuu, xiinsammuu rakkoo dandamachuu fi dandeettii dhiphina too’achuu isaanii kan hammatu yoo ta’u, hariiroo hiika qabu ijaaruu, eeguu fi murtoo sirrii ta’e waliin murteessuuf sammuun fayyaalessa ta'uu qaba.
Gaa'ela keessatti hariiroo gaariin fayyaa sammuu gaarii kan guddisu yoo ta’u, hariiroon gaarii hin taane ykn fayya-dhabeessa ta’e ammoo rakkoo fayyaa sammuuf nu saaxiluu danda'a.
✓Gumaacha gaa'elli fayyaa sammuuf qabu:
➡️1.Deeggarsa miira Walii kennuuf!
Deeggarsa miiraa waliif kennuun karaalee barbaachisoo hiriyoonni gaa’elaa, fayyaa sammuu walii isaanii ittin kunuunsaniidha.wal
dhaggeeffachuu, gara laafina waliif agarsiisuu fi miira waliif hubachuun dhiphina hir’isuu fi fayyaa miiraa fooyyessuuf gargaaruu danda’a.
➡️2.Dhiphina Sammuu hir'isuuf!
Gaa'ela keessatti itti gaafatamummaa qooddachuun, jajjabina waliif kennuun akkasumas boqonnaaf haala mijataa ta’e waliif uumuun dhiphina Sammuu hir’isuun ni danda’ama.
➡️3.Iftoominaan Waan rakkatan waliin mari'achuuf!
Hariiroon fayya qabeessa ta'e gaa'ela keessatti fayyaa sammuu guddisa.Hiriyoonni gaa’elaa yaada, miiraa fi yaaddoo isaanii ifatti amanamummaadhaan yoo waliif ibsuu danda’an wal amantaa fi wal hubannaa uumuu danda'u.Kunis fayyaa Sammuu keenyaaf gumaacha gaarii ta'a.
➡️4.Fayyaa qaamaa eeggachuuf
Gaa'ela keessatti mala jireenya fayyaalessa jiraachuuf Wal jajjabeessuun fayyaa Sammuu eeguuf ga'ee olaanaa qaba.Namni tokko fayyaa jedhamuuf qaamaan ,sammuun Fi hawwaasummaan fayyaalessa ta'uu qaba.Kanaaf sochii qaamaa waliin hojjachuu,Nyaata madaalawaa nyaachuu Fi hirriiba ga'aa rafuun Fi kkf fayyaa sammuu irratti dhiibbaa gaarii fiduu danda'a.
➡️5.Waldhabbii waliin furuuf
Dandeettiin waldhabbii haala qindaa'aa fi kabajaan furuu, miiri gadhee akka hin uumamne ittisuu fi dhiphina gaa'ela keessatti uumamu hir'isuuf nu gargaaruu danda'a. Adeemsi Kunis fayyaa Sammuu keenyaa eeggachuuf gumaacha taasisuudha.
Walumaagalatti Sammuu Keenya leenjisuun gaa'elaa Fi Sammuu keenyaa kunuunsuu dandeenya!
Fayyaa ta'aa!
©Baeki M•[Mental Health professional]
❤ 3👏 1
Show all...
Log in or sign up to view
See posts, photos and more on Facebook.